Goobanaa fayyisaa axinaafuu damissee nigaatuu balaachoo



Yüklə 0,62 Mb.
səhifə6/16
tarix01.11.2017
ölçüsü0,62 Mb.
#26235
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   16







    1. Maamiltootaa, Dhimmamtootaa fi Deegartoota Adeemsaalee )


  1. Maamiltootaa

  • DhMMN Oromiyaa

  • Boordii Dh/Misoomaa

  • Hojjattoota mana hojichaa

  1. Dhimmamtoota

  • Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

  • Hawaasa/ Uummata

  • Waajjira Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa

  • Biiroo Maalaqaa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

  • Biiroo Siivil Sarviisii fi Bulchinsa Gaarii Oromiyaa

  • Biiroo Qabeenya Bishaan, Albudaa fi Inarjii Oromiya

  • Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa

  • Biiroo Bulchiinsa Lafaa fi Eegumsa Naannoo Oromiyaa

  • Biiroo Qonna Oromiyaa

  • Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

  • Biiroo Daldalaa fi Misooma Gabaa Oromiyaa

  • Biiroo Galiwwan Oromiyaa

  • Biiroo Aadaa fi Turiziimii Oromiyaa

  • Koom/ Bar/ L/ Teekinikaa fi Ogummaa Oromiyaa

  • Koomishinii Misooma Naannoo Horsiisee Bulaa Oromiyaa

  • Ejensii Babal’ina Waldoota Hojii Gamtaa Oromiyaa

  • Institiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaa

  • Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa,

  • Biiroo Dhimma Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa,

  • Ejennsii Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa Oromiyaa

  • Minsteera Qabeenya Bishaanii fi Inarji Feedrala

  • Ministeera Qonnaa Federalaa

  • Korporeeshinii Shukkaaraa Federaalaa

  • Ministeera Barnootaa Federaalaa

  • Bulchiinsawwan Mootummaa Naannolee olla

  • Waldaa hojjettootaa Dhaabbolee Misoomaa

  • Odiitaroota alaa

  1. Deegartootaa

  • EPTDhMMF

  • Baankii WHG Oromiyaa

  • Baankiiwwan Mootummaa

  • Baankiiwwan Dhunffaa

  • WALQO, Dhaabbolee Leenjii adda addaa fi Dh/ Miti Mootummaa Dh/ M/ Waliin Hojjechuuf Fedhii qaban


Table . Fedhii, Rakkoo fi Hawwii Maamiilaa


Dhimmamtoota

Fedhii

Rakkoo

Waan eegamu (Expeted out put)

Mootummaa Naannoo Oromiyaa

 

 



 

 


Humna raawwachiisummaa DhM cimsuun guddina diinagdee keessatti gumaachi isaanii dabalaa akka deemuu taasisuu

Dhaabboleen misoomaa karoora tarsiimaa qopheeffatanii ittiin ogganamuu dhabuu

Humna gahumsaan to’achuu, hordofuu fi deeggarsa tarsimmaa’aa kennuun dhaabbolee misoomaa gaggeessee dorgomtoota taasisuu danda’u umamuu

DhM gahumsa qabaatanii galma gahiinsa KGT keesstti gahee ol’aanaa isaanirraa eegamu akka bahan dandeessisuu

Sirna gahumsa DhM fooyyessu diriisuu dhabuu, Too’annoo, hordoffii fi deeggarsa tarsiimaa ittifufiinsaa kennamuu dhabuu,

Sirna gahumsa Dhaabboolee misoomaa fooyyeesuu diriirsuu fi Too’annoo, hordoffii fi deegarsaa tarsima’aa itti fufinsa qabu keenuun dhaabboleen misoma Mootummaa galma gahiinsa KGTWS keessatti gahee olaanaa gahuumsaan akka bahan dandeessisuu

Buclhiinsi gaarii DhM keessaa mirkanaa’ee hojimaatni kiraa sassaabudummaa ulaa banu akka cufamu

Bulchiinsi gaariin mirkanaa’uu dhabuu

Sirna Oggansa hammay’ee fi Bulchinsaa gaarii diriirsuu

Hojimaatni badaan kiraa sassaabdummaaf ulaa banan dhabamuu dhabuu

Bulchiinsii fi itti fayyadamni qabeenyaa DhM seera qabeessaa fi qusannoo gidduu galeessaa akka godhatu taasisuu

Bulchiinsaa fi itti fayyadamni qabeenyaa seera qabeessa ta’uu dhabuu fi kisaasmni kan jiru ta’uu

Sirni Bulchinsaa fi ittifayyadama qabeenya dhaabbolee misoomaa qusannoon faayidaa olaanaaf olichuu dandeesisuu driirsuu

 

DhM bu’aa qabeessa ta’anii bu’aa qulqulluu argatani irraa misoomaa nannootiif akka gumaachan taasisuu

DhM karoora bizinasii (business plan) tiin hogganamuu dhabuudhan haala barbaadamuun bu’aa argachaa kan hin jirre ta’uu

Karoora bizinasii (business plan) qopheeffatanii akka ittiin hogganaman deegarsa, too’annoo fi hordoffii gahumsaan tasisudhaan DhM bu’a akka argatan dandeessisuu



Dhimmamtoota

Fedhii

Rakkoo

Waan eegamu (Expeted out put)

 

Gabaa omisha qonnaa ammayyeessuun tasgabbiin gabaa mirkanaa’ee omishtoonni, daldaltoonnii fi fayyadamtoonni gahumsaan akka fayyadaman taasisuu

Gabaan omisha qonnaa ammayyaa’uu dhabuudhaan qonnan bultoonnii, daldaltoonnii fi fayyadamtoonni haala barbaadamuun irraa fayyadamuu dhabuu

Sirni gabaa ammayyaa oomisha qonnaa saffisuun misooma qonnaa itti fufiinsaan dhugoomsuu danda’u driirrsuu




Dh/M ilaalchisee odeeffannoo qulqullina qabu yeroo isaa eeggate akka dhiyaatu


Gabaasni raawwii karooraa haala sagantaa ka’ameen dhiyaachu dhabu

Murteewwaani fi duub deebbiin kennaman

Boordiwwan Dh/Misoomaa

Sirni gaggeessumma daangaa ittigaafatamummaa ifaatti kaa’ee jiraachuu fi ittiinis fayyadamuu

Sirni gaggeessumma daangaa ittigaafatamummaa ifaatti kaa’ee kan hin jirre ta’uu

Sirna gaggeessumma ifa ta’e diririsuu

Humni gaggeessummaa isaanii akka cimuu deeggersa barbaadu



Hubannoon oggansa korporeetii (corporate governance) irratti jiru guutuu ta’u dhabu.

Oggansa korporeetii (Corporate governance) irratti sirna itti fufiinsaan leenjii kennamu diriirsuu

Madaalii raawwii karoora bu’aa irraatti xiyyeeffate gaggeeffamee onnachiiftuun miseensota boordii fi hojii gaggeesitoota DhM yeroo akka murtaa’u

Qajeelfamootaa fi danbiwwaan gahee isaanii gahumsaan bahu dandeessisuu argachu




Sirni madaallii raawwii karooraa onnachiiftuun bordii fi hojii gaggeessitoota DhM ittiin murtaa’uu kan hin jirre waan ta’eef boordiiwwan DhM jidduu dorgommiin jiru laafaa ta’uu

Sirna onnachiiftuun boordii fi hoji gaggeessitoota DhM madaallii raawwii karooraa irratti hundaa’ee ittiin mirkana’u diriirsuun miseensotni boordii miira dorgommiitiin akka hojjetan taasisuu

Dhaabboolee Misooma Mootummaa

Deeggarsa fi hordoffii gahumsaan argatanii humni raawii karooraa cimaa gabaa keessaatti dorgomtoota ta’uu

Rakkoolee sochii hojii keessatti qunnaman hikudhaaf haala tarsima’aa ta’een deeggersa kennu dhabu

Sirnaa fi deegarsa gahumsa dhaabbolee misoomaa cimsuu

Uumata/ Fayyadamtoota/

Tajaajila gahumsaan fi itti fufiinsaan argachuu

Tajaajila gahumsaa fi itti fufiinsaan kennuu irratti hanqinni kan jiru ta’uu

Tajaajjila gahumsaa qabuu fi bu’aa misoomaa fufiinsa qabu argachuu mirkaneessuu

Ragaalee Muuxannoo Gaarii qindeessuu fi filachuu

Kutaa kana keessatti muuxannoo hojii EPTDhMMF tiin Oggansa dhaabbolee misooma mootummaa irratti jiru,ilaaluuf yaalamee jira Ejensiin Piraayiveetaayzeeshiinii fi To’annoo Dhaabbolee Misooma Mootummaa Feedreelaa, qaama gama tokkoon hojii dhaabbolee Misooma mootummaa gara dhuunffaatti naanneesuu fi gama biraatiin immoo dhaabbolee misooma mootummaa to’atu, bulchuu fi ogganuu dha. Kana malees EPTDhMMF Qorannoo JBAH gaggeessuun yeroo yaalii xumuruun hojii qabatamaa keessa kan galeedha. Kana irraa ka’uudhaan Gurmaa’insa,Hojimaataa fi Raawwii hojii Ejensichaa irratti odeeffannoo fi dookumentii adda addaa eega ilaallee booda Caaseffama Ejensichaa keessatti haala Gurmaa’insa Daarektoreetii Hoggansa Dhaabbolee Misoomaa akka muuxannoo gaariitti fudhachuun hubannoon ‘’Bench-marking’’irraa argame haala armaan gadiitti dhiyaatee jira.



Gurmaa’insa Adeemsa Ijoo AbbaaTaaytaa Qorannoo JBAH Dura ture fi EPTDhMMF

lakk

Qabxii

Abba Taaytaa Too’annoo Dh.MMO

EPTDhMMF irraa muuxannoo argame

1

Gurmaa’insa Adeemsa Ijoo

Gurmaa’insi:

  • Ogeessota D/ H/ T fi G/ R/Karoora Dh.Misoomaa

  • Ogeessota Faaynaansii fi Odiitii Dh.Misoomaa

  • Ogeessa Dhimma Hoggansa Boordii Dh.Misoomaa

Adeemsaalee adda addaa jala kan ture fi deggarsaa fi hordoffii Dh.MM tiif taasifamu qindoomina hiqabu


Gurmaa’insi :

  • Ogeessota karooraa fi raawwii Dh.Misooma

  • Ogeessota Faaynaansii fi Bul.Fandii Dh.Misoomaa

  • Ogeessota Dhimma Hoggansa Boordii Dh.Misoomaa

Daarektoreetii Tokko jalatti /Daarektoreetii Hoggansa Dh.MM/ gurmaa’anii qindoominaan dhaabbolee misoomaa tiif deeggarsaa fi hordoffii taasisaa jiru

Gama biraatiin gurmaa’insi ijaarsa dandeettii EPTDhMMF sadarkaa Daarektoreetiitti yoo ta’u haala qabatamaa mana hojii AT tiin sadarkaa Gareetti gurmaa’ee Itti waamama isaa Daarektoreetii hojii Ijoo D/ H/ T fi G/ R/Karoora Dh.Misoomaa akka ta’u taasifamee jira.

Yüklə 0,62 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   16




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin