Goobanaa fayyisaa axinaafuu damissee nigaatuu balaachoo


Ragaa Ka’umsaa /Base line data (Where we are?)



Yüklə 0,62 Mb.
səhifə8/16
tarix01.11.2017
ölçüsü0,62 Mb.
#26235
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   ...   16

Ragaa Ka’umsaa /Base line data (Where we are?)


Akkaataa hubannoo imaammataa fi tarsiimmoo Mootummaa hundeeffama Dhaabbolee Misoomaa sadarkaa addunyaa, Biyyoolessaa fi Naannoo jiruu fi haala gurmaa’ina caaseffama ATTDhMMNO,sakkatta’iinsa fedhii maamiltootaa, dhimmamtootaa fi deeggartootaa akkasumas ragaalee adda addaa xiinxalamanii fi muuxannoowwan gaarii EPTDhMMF irraa argaman bu’uura godhachuun caaseffamni Adeemsaalee mana hojichaa amma jiran aangoo fi gahee hojii labsiin kenname fedhii mamiltootaa giddugaleessaa godhatee bahuuf caasaan amma jiru;

  1. Dhaabbolee misoomaa jahan jiran kallattii oggansa tarsiima’aa ta’een gaggeessuu irratti, Labsii hundeeffama ATTDhMMNO fi Dambiiwwan Dhaabbooleen Misooma Mootummaa ittiin hundeeffaman walsimsiisanii faayidaa mootummaa, gahee fi aangoo Boordii fi ATTDhMM fi Oggantoota Dhaabbolee misoomaa fi sirna filannoo, ramaddii fi madaallii raawwii hojii Boordii ittiin hordofamu diriirsuun yeroo-yeroon hanqinaalee fi cimina jiran adda baasanii kallattii furmaataa ka’aa deemuu irratti hojiin ciminaan hojjatamaa waan hinjirreef ergama isaa bahuu irratti rakkina guddaa keessa akka jiru agarsiisa.

  2. Akkaataa fedhii mootummaatiin qaawwa misoomaa Nannichaa guutuuf sirni bulchiinsa fandii misoomaa fi indastrii faayidaa mootummaa (hawaasa) kabachiisuu keessatti gahee ol’aanaa dhimma qabuu fi ergama abbaa taayitichaaf kename keessaa isa ijoo ta’ee ooso jiru ,haala xiinxala mana hojichaa gaggeeffameen yamuu ilaalamu dhimma kan irratti waanti bal’inaan itti deemamee hojjatame baay’ee waan hin taaneef gurmaa’insaa fi akkaataa raawwii hojii amma jiruun galma gahiinsa ergama isaa keenameef bahuu irratti daran rakkina keessa akka jiru agarsiisa.

  3. Haala xiinxala hojii mana hojichaatiin gurmaa’insa fi yaa’insa hojiitiin yemmuu ilaalamu

1/. Hojiin abbaan adda bahee kan hin qabamne ta’uu isaa .

2/. Hojiin bakka hedduutti kan bittinnaa’e (fragmented) ta’uu isaa

3/. Bu’aan hojii kan hin mul’anne (invisible) ta’uu isaa

4/. To’achuu, hordofuu fi madaaluuf kan rakkisaa ture ta’uusaa irraa kan ka’e gurmaa’insi amma jiru ergama mana hojichaa galmaan gahuu kan hin dandeessisne dha.



Kanafuu, galma ATTDhMMNO gahuu qabu “akkaataa imaammata misooma dinagdee fi fedhii misooma mootummaatiin gurmaa’insa humna raawwachiisummaa fedhii maamiltootaa gahumsaan guutuu danda’u diriirsuun, ooggansa tarsiima’aa fi ammayyaa’aa ta’een dhaabbolee misoomaa mootummaa gahumsaan, dorgomtoota ta’anii fi qaawwa misoomaa naannichaa guutanii fayyadmummaa ummataa guutumaan guutuutti mirkaneessan waggoota sadeen dhufan keessaatti horachuu” waliin yemmuu ilaalamu gurmaa’insi amma jiru irra deebi’amee bifa qindoominaa fi walsimiinsa qabuun gurmeessuun (Re-engineering) barbaachisaa ta’ee argameera.













KUTAA SADAFFAA: IRR DEEBI”ANII GURMEESSUU

    1. Seensa (why re-designing)


Adeemsaaleen hojii turan keessatti hojiin bakka adda addaatti ciccitanii (bibittinnaa’anii) kan hojjetamaa turan, ciicata/galtee fi bu’aadhaan walqabatee jalqabaa hanga dhumaatti kan hindeemne fi harkifataa ta’uu isaanii kutaa hubannoo keessaatti sakkatta’insa Haala Adeemsa Hojii amma jiru (Moofaa) taasifameen hubatameera. Kanaafuu, hojiiwwan akkaataa yaa’iinsa isaaniitti jalqabaa hanga dhumaa ciicataa fi bu’aan walitti hidhamanii osoo hin bittinnaa’iin itti quufinsa maamilaa mirkaneessuu danda’anitti gurmeessuun barbaachisaa qofa ooso hin ta’iin murteessaa waan ta’eef adeemsota hojii keessaatti jijjiirama bu’uuraa hundee irra fiduuf dandeessisan haaraa gurmeessuun barbaachisaa ta’ee argameera.

AS-IS Fakkii: 06 Barbaachisummaa JBAH TO BE


RAAWWII ATTDhMM

FEDHII MAAMIILAA





R RAAWWII ATTDhMM


FEDHII MAAMLIAA

JIJJIIRAMA BU’UURAA

    1. Yaadamoota moofaa cabsuu fi haaraa maddisiisuu (Breaking Rules and Assumption)


Table Yaadamoota Moofaa Cabsuu

Lak

Rakkoolee adda bahan

Seerota ‘Rules’

Yaadawwan rakkooleef bu’ura ta’an

Yaadama moofaa soba gochuu

Yaadama haaraa

1

Aangoo fi itti gaafatamummaan ATTDhMMNO haala barbaadamuun hubatamuu dhabuu

Labsii lakk 163/2003 irratti hundaa’uudhaan dambiiwwanii fi qajeelfamoonni raawwii bahaanii hin mirkanoofinnee

Dambii fi qajeelfamne hanga mirkana’ee bahuutti yeroodhaaf Labsii lakk 163/2003 tiin hojachuu danda’ama jedhanii yaaduu dha

Lab.lakk.163/2003 ba’uun qofti oosoo dambiidhaan hin deegaramiin hubannoo gahaa uumee hojii haala barbaadamuun raawwachiisuu hindandeessifne.

Labsii lakk. 163/2003 irratti hundaa’uudhaan, Dambii fi Qajeelfamma baasanii Aangoof itti gaafatamummaa ATTDhMMNO hojii irra oolchuun ni danda’ama.

2

Hordoffii fi gamagama madaallii raawwii hojii Boordii akkaataa barbaadamuun gaggeessuu dhabuu

Labsii ba’een ni hojatama.

Aangoof itti gaafatamummaa isaanii beekanii ni hojjatu jedhanii yaaduu.

Aangoof itti gaafatamummaa isaanii beekanii ni hojjatu jedhamee kan yaadame ta’u illee, akkaataa barbaadamuun ooggansa tarsiima’aa ta’een hojiin raawwatamuu hindanda’amne.

Sirna hordoffii fi gamaagama madaallii raawwii hojii Boordii diriirsuun oggansi tarsiima’aan akka kennamu taasisuun ni danda’ama.

3

Qabiyyeen karooraa galmawwan waliigalaa, fedhii, rakkoo fi hawwii jiru qorannoon adda bahee kan qopha'uu ta'uu dhabuu

Qamni karoora qopheessu qabiyyee karoorri hammatu beekuu qaba.

(Seera hin barreefamne)



Qamni karoora qopheessu qabiyyee karoorri ammachuu qabu ni beeka jedhanii yaaduu

Qamni karoora qopheessu qabiyyee karoorri hammachuu qabu nibaka jedhamee yaadamu illee, , galmoolee waliigalaa, fedhii fi rakkoon qorannoon otoo adda hinba’iin beekuun hin danda’mne.

Qabiyyeen karooraa galmoolee waliigalaa, fedhiif rakkoo karoora keessatti galuu qaban qoranno dhaan adda bahee akka beekamu gochuun, karoora mana hojichaa qopheessuun ni danda’ama

4

Hordoffiin,deeggarsii fi gamaagamni raawwii hojii akkaataa karooraa tiin haala itti fufiinsa qabuun raawwatamuu dhabuu

Gabaasni barreeffamaan dhiyaatu ni ga’a.

Qaamni gabaasa dhiyeessu of-danda’ee hojii qulqullinaa fi ga’umsa qabu niraawwata jedhanii yaaduu dha.

Qaamni gabaasa dhiyeessu hojii isaa of-danda’ee gaggeessa jedhamee kan yaadame ta’u illee, hojiin hordoffii rawwii karooraa ittifufiinssan waan hin hojatamneef galma ga’iinsa ergama mana hojichaa irratti dhiibbaa fidee jira.

Sirna hojii hordoffii, deegarsaa fi gamagama diriirsuun ergama mana hojichaa galmaan ga’uun ni danda’ama.

5

Hojiiwwan projektii fi investimantii qorannoo malee fedhii Dhaabboolee misoomaatiin kan gaggeeffamaa ture ta’uu isaa.

Dhaabboleen misoomaa gaggeessummaa boordiitiin hojii kami iyyuu of danda’anii ni gaggeessu

Boordiin Ooggansa Tarsiimaa’aa kennuudhaan pirojektoota/invastimantii bu’a qabeessa ta’an gahumsaan adda baasee ni mirkaneessa jedhanii yaaduu

Boordiin Dhaabbolee misoomaa pirojaktoota /invastimantii /adda addaa mirkaneessaa kan turan ta’u illee, qorannoo gahaa ta’een kan hin deeggaramne fi kaayyoo dhaabbatichaatiin walsimuu hin dandeenyedha

Hojiin projektii fi in vestimentii kam iyyuu, qorannoo gahaa irratti hundaa’ee, ATTDhMNO tiif dhiyaatee erga mirkanaa’ee booda hojiirra oolchuun ni danda’ama.

6

Qophiin karooraa giddugaleessaan qaamni abbummaan raawwatu jiraachuu dhabuu


Adeemsa hojii qorannoo , karooraa Deeggarsa, hordoffii fi gamaagama dhaabboolee Misoomaa ni hojjata.

Bal’inaa fi amala mana hojichaa hubachuu dhabuudhaan

Humna xiqqaadhaan hojichi ni hojjatama jedhanii yaaduu



Hojichi kan yaadamee-ol bal’ina waan qabuuf humna jiru kana qofaan akka barbaadamutti raawwachuun hindanda’amne.

Caasaa jiddu galleessaan hojjatamee jiru (customization) keessatti humna gahaa akka ramadamu gochuun abbummaadhaan akka hojjatamu taasisuun nidanda’ama.

7

Hordoffii fi Gamaggama bulchiinsa Faayinaansii fi qabeenyaa hojii irra oolchuu dhabuu

Qajeelfamoota duraan turanii fi haaraa bahan ni hojatu.


Qajeelfama baassun gahaa dha jedhanii yaaduu.


Qajeelfamoonni bahan jiraatanillee hojii irra oolmaa isaaniitiif hordoffiin akkaataa barbaadamuun waan hintaasifamneef rakkoowwan bulchinsa faayinaansii fi qabeenyaa hiikuun hindanda’amne.

Sirna bulchiinsa fayinaansii fi qabeenyaa ammayyaa’aa ta’e diriirsuu fihojii irra oolmaa isaa hordofuun bulchiinsa faayinaansii fi qabeenyaa ga’umsa qabu mirkaneessuun ni danda’ama.



    1. Yüklə 0,62 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   ...   16




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin