Goobanaa fayyisaa axinaafuu damissee nigaatuu balaachoo


Kaayyoowwan Hiixataa kaa’uu



Yüklə 0,62 Mb.
səhifə9/16
tarix01.11.2017
ölçüsü0,62 Mb.
#26235
1   ...   5   6   7   8   9   10   11   12   ...   16

Kaayyoowwan Hiixataa kaa’uu


Table Daarektooreeti Hojii Ijoo Hordoffii, To’annoo, Deegarsaa fi Gamaggama Raawwii Karoora dhaabbolee Misoomaa

Fedhii Eeggamu

Bu’aa (Immediate Output)

Milkaa’ina (Final Outcome)

Kaayyoo Hiixataa (Stretched Objective)

Sirna ooggansa dhabbolee misoomaa itti gaafatamummaa iftoomina qabu, daangaa fi gahee hojii ifatti kaa’e

Oggansa Dhabboolee Misoomaa ammaayyaa’e fi raawwii karooraa gahumsaan (Knowledge based) raawwatame

Humna Raawwachiisummaa Dhaabbolee Misoomaa Gahumsaan Dorgamaa ta’e fi Bu’a Qabeessummaa Dhaabbolee Misoomaa dabale

Dandeettii humna raawwachiisummaa Dhaabbolee misoomaa dhawaata-dhawaatan gudisuun bara 2007ti % 100n geesiissuu fi KGTMNO keessatti gumaacha qaban % 100 akka raawwatan dandeessisuu

Karoora tarsiima’aan (strategic planning) qophaa'ee ittiin oogganamu

Deeggarsa hordoffii fi madaallii raawwii akka jiraatu

Table Daarektooteetii Hojii Ijoo Qorannoo, Qo’annoo fi Dagaagina Bizinasii Dhaabbolee Misoomaa

Fedhii Eeggamu

Bu’aa (Immediate Output)

Milkaa’ina

(Final Outcome)

Kaayyoo Hiixataa (Stretched Objective)

Bu’a qabeessummaa dhaabbolee misoomaa fi qaawwa misoomaa fi gabaa akka guuttamu

Dhaabbolee misoomaa babal’atanii fi haaraa hundeeffaman

Bu’a Qabeessummaa Dhaabbolee Misoomaa fi Qaawwa Misoomaa Guutame

Dhuma bara KGTti Qo’annoo fi qorannoo bu’a qabeessummaa DhM , qaawwa misoomaa fi Dagaagina Bizinasii human raawwachiisummaa Dh/M gudisan gutummaan guutuutti xumuruun,bu’a qabeesummaa dhaabbolee misoomaa % 100 geesisuu fi dhaabbolee misoomaa haara hundeefaman hojiitti galchuun KGT2ffaa keessatti gahee isaanii %100 akka raawwatan dandeessisuu.




    1. Yaada haaraa burqisiisuu Creatining New Ideas/


Akkaataa fedhii fi hawwii maamilaa guutuu, kaayyoo hiixataa kaa’ameen, yaadamoota caban hanbiisuu dandeesiisuunii fi qajeelafamoota irra deebi’anii gurmeesuu (Redesing principles) tiin ergama mana hojichaa galmaan geessissuu dandeessisaniin yaadamoonni haaraa dhiyaatanii jiru.

Yaada haaraa 1ffaa

Hojiin hordoffii, To’annoo, Deeggarsaa fi gamaaggamaa bakka tokkootti ta’ee, hojiin Qo’annoo fi Qorannoo rakkoolee dhaabbolee misoomaa fi qaawwa gabaa fi misoomaa guutan immoo qofatti akka gurmaa’an:



Yaada haaraa 2ffaa

Hojiin hordoffii, To’annoo, Deeggarsaa fi gamaaggamaa hojii fiiziikaalaa fi Faayinaansii bakka tokko ta’ee, hojiin karooraa fi Ijaarsa dandeettii immoo qofatti adeemsaan gurmeessuun, akasumas hojii Qo’annoo fi Qorannoo rakkoolee dhaabbolee misoomaa fi qaawwa gabaa fi misoomaa guutan qofaatti akka gurmaa’an:



Yaadaa haaraa 3ffaa

Hojiin hordoffii, To’annoo, Deeggarsaa fi gamaaggamaa hojii fiiziikaalaa qofatti, hojiin karooraa, Ijaarsa dandeettii fi Faayinaansii immoo bakka tokkotti ta’anii, hojii Qo’annoo fi Qorannoo rakkoolee dhaabbolee misoomaa fi qaawwa gabaa fi misoomaa guutan qofatti akka gurmaa’an:


    1. Xiinxala wal-simsiisaa gaggeessuun yaada haaraa caalmaa qabu filachuu


Filannoo 1ffaa

Hojiin hordoffii, To’annoo, Deeggarsaa fi gamaaggamaa bakka tokkootti ta’ee, hojiin Qo’annoo fi Qorannoo rakkoolee dhaabbolee misoomaa fi qaawwa gabaa fi misoomaa guutan immoo qofaatti akka gurmaa’an:



Cimina/ Adevantages/

Adeemsi kun akkaataa ergamaa mana hojiichaatiin hojii “to’annoo, deeggarsa,gamaaggamaa fi hordoffii raawwii karooraa”, “fedhii maamiltootaa Ooggansa tarsiima’aa fi kallattii karooraa galmawwan waliigalaa” fi sakata’iinsa yaadamoota moofaa kutaa lammaffaa keessatti ilaalamaniin gahee, itti gaafatamuummaa fi aangoo mana hojiichaa haala barbaadamuun bahuu fi tajaajila si’aaynaa fi gahumsa qabu bakka tokkotti/One stop shopping/ kennu kan dandeessisu dha. Akkasumas hojii kanaan dura bakka hedduutti bittinnaa’ee baasii guddaa baasisaa ture, qaama tokko jalatti adeemsa yeroo tokkootiin /baasii xiqqaa, yeroo tokko qofa bahuun/ qindoominaan hojjachiisuu kan dandeessisuu fi to’annoof (mangeable) mijaawwaa, yaa’insa hojii sarara tokkoo fi bu’aa eeggamu madaaluu kan dandeessisu dha.



Hanqina /Disadevantges/

Filannoon kun hojii mana hojichaaf kenname, hojii teekniikaa, Ijaarsa dandeettii fi Faayinaansii hunda walitti qabee bakka tokkotti kan gurmeesse ta’u illee, Itti gaafatamummaa kan qoodee miti/ No responsibility splitting /



Filannoo 2ffaa

Hojiin hordoffii, To’annoo, Deeggarsa fi gamaaggama hojii fiiziikaalaa fi Faayinaansii bakka tokko ta’ee, hojiin karooraa fi Ijaarsa dandeettii immoo qofaatti adeemsaan gurmeessuun, akkasumas hojii Qo’annoo fi Qorannoo rakkoolee dhaabbolee misoomaa fi qaawwa gabaa fi misoomaa guutan qofaatti akka gurmaa’an:



Cimina/Adeventages/

Filannoo lammaffaa “Adeemsa hojii Ijoo Karooraa fi Ijaarsa dandeettii dhaabbolee Misoomaa” humna raawwachiisummaa dhaabbolee misoomaa itti gaafatamummaa bahuuf hojii hojjataman adda baasanii gurmeessuuf kan dhiyaate yoo ta’u, hanqinaalee ijoo humna raawwachiisummaa dhaabbolee hiikuuf dhimmi ijaarsa dandeettii qofaatti adeemsaan gurmeessuun itti gaafatamummaa qooduu irratti bu’aa kan qabu dha. Hojii adda qoodanii wal cinaa tajaajila barbaachisu kennuu fi yeroo raawwii gabaabsuun baasii xiqqeessuu kan danda’uu dha.



Hanqina / Disadventages/

Akkaataa Ergama mana hojichaaf kennameen, kaayyoo hiixataa ka’amanii fi yaadota moofaa cabaniin yemmuu ilaalamu hojii bakka tokkotti gurmeessanii tajaajila gahaa si’aayina qabu bakka tokkotti (one stop shopping/ kennisiisuu kan danda’uu miti. Hojii adeemsa tokkoo kan bittinnese dha.



Filannoo 3ffaa

Hojiin hordoffii, To’annoo, Deeggarsaa fi gamaaggama hojii fiiziikaalaa qofaatti, hojiin karooraa, Ijaarsa dandeettii fi Faayinaansii immoo bakka tokkotti ta’anii, hojii Qo’annoo fi Qorannoo rakkoolee dhaabbolee misoomaa fi qaawwa gabaa fi misoomaa guutan qofaatti akka gurmaa’an



Cimina/Adeventages/

Akkaataa ergama mana hojichaatiif kennamaniin hojii abbaa-abbaatti qoodanii hojjachuu fi itti gaafatamummaa qooduuf /split responsibility/ filatamaa dha. Akkasumas hojii teekniikaa fi hojii humna raawwachiisummaa fi faayinaansii adda baasanii hojjachuu kan dandeessisu dha.



Hanqina /Disadeventages/

Ergama mana hojichaaf kenname keessattuu hojii “To’annoo, deeggarsaa fi Hordoffii raawwii karoora Dhaabbolee Misoomaa” bifa qindoomina, si’aayinaa fi taajaajila guutuu bakka tokkotti kennuu irratti hojii kan bittinneesse dha. Haaluma hojiin bittinaa’en yeroon fudhatuu fi baasiin bahu kan dabalu dha. Adeemsa Fedhii maamilaa guutuu miti



Table Madaallii filannoo yaadamoota haaraa.

Lak

Ulaagaa madaallii

Qabxii (%)

Filannoowwan dhiyaatan

Filannoo 1ffaa

Filannoo 2ffaa

Filannoo 3ffaa

1

Walta’iinsa Ergama fi mul’ata mana hojichaa

30

26

23.8

24.6

2

Fedhii fi hawwii maamiltootaa giddu galeeffate.

20

16.6

15.8

14.8

3

Kaayyoo diriiraa kaa’ame ga’uu/bira darbuu/ dandeessisuu

20

16.2

15

14

4

Jijjiirama bu’uuraa fiduudhaan

15

11.6

12

10.6

5

Baasii xiqqeessuudhaan

10

7.8

6.8

7

6

Irra Deddeebii hojii hambisuu

5

3.2

3

3.2

Ida’ama

100

81.4

76.4

74.2

Filannoo yaadota haaraa sadeen dhiyaatan kanneen keessaa ulaagaa ka’ameen qabxii ol’aanaa (% 81.4) argachuun yaadni filannoo tokkoffaa irratti dhiyaate filatamee jira.

    1. Yüklə 0,62 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   ...   5   6   7   8   9   10   11   12   ...   16




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin