Haala Godina Qellem Wallaggaa


Haala Godina Qellem Wallaggaa



Yüklə 1,78 Mb.
səhifə2/36
tarix10.01.2022
ölçüsü1,78 Mb.
#101804
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   36
Haala Godina Qellem Wallaggaa

Godinni Qellem Wallaggaa aanaalee baadiyyaa 11 fi bulchiinsa magaalaa sadarkaa 2ffaa B tokkoon Eebla 16/1999 kan hundeefame yammuu ta’u; .karaa Lixaa Mootummaa Naannoo Gambeelaatiin, karaa Bahaa Godina Wallagga Lixaa, kara Kibbaa Godina Iluu Abbaa Booraa fi karaa Kaabaa Mootummaa Naannoo Beneshaangul Gumuziin kan daangeffamuu dha. Haalli qilleensa isaa baddaa % 13.89(137,140.65 square meter),badda daree % 58.8 (580,701.95 square meter) fi gammoojjiin% 27.2(268,934.39 square meter) ta’a. Godinni kun aanaa 11 fi magaalaa 1,gandoota baadiyaa 256 fi magaalota 17 kan qabu yammuu ta’u ;jiraataa magaalaa dhi 100,514 dha 91911 ida’a 192,452 ;baadiyyaa keessa dhi 469,471 dha 685441,ida’a 1154912, kan jiraatan yammuu ta’u isaan kana keessaa abbaan warraa dhi 117,931 dha 10,341 ida’ama 128,272 ta’u. Akka waliigalaatti uummata kana keessaa hojjetaa mootummaa dhi 10,493 dha 4162 ida’ama 14,655.

Hojii daldalaan kan jiraatan daldalaa dhiira 9087 dhalaa 1335 waliigala daldaltoota 10422 ta’u. Daldaltoonni kun kan isaan hojii daldalaa ittiin geggeessan kaappitaala, warshaawwan adda addaa ( buna gogaa, buna jiidhaa, baabura midhaanii, maashinoota wayyaa hodhaan fi kkf) yeroo ta'u kaappitaala Qarshii 5,670,893,888 kan hojii daldalaa irratti bobbaa'anii dha. Magaalaa fi baadiyyaa godina keenya hunda keessatti daldaltotni seeraan alaa kan mul’atan yammuu ta’u kanas hubannoo daldalaa fi hawaasaa kennuudhaan hirmaannaa uummataa guddisuu cinatti,daldaltoota seeraan alaa gara seera qabeessaatti fiduun barbaachisaa dha.



Haalli jireenya uummata godinichaa kan irratti hundaa’e qonnaa fi horii horsiisuu bifa wal makaan kan keessatti geggeeffamu yammuu ta’u ; sochiin daldalaas kan jiruu fi oomishni sharafa biyya alaa argamsiisan kan akka bunaa,saliixaa fi gogaa fi kalleen bal'inaan keessatti kan oomishamu dha . Bara baajataa kana keessatti oomishaalee urgeessituu fi mi’eessituu kanneen akka Barbaree,Ogiwoo fi Zinjibilaaf walitti hidhamiinsi gabaa akka uumamuuf karooratti qabamee kan itti hojjetamu yammuu ta’u gabaa Barbaree sadarkaa 1ffaa hundeessuuf hojjetamaa jira. Oomisha kana cinattis gabaa beelladaa amma jiru ammayyeessuu ,oomisha kuuduraa fi muduraaf gabaa barbaaduuf sektera dhimmi isaa ilaallatu wajjin qindoominaan kan hojjetamuu dha.


    1. Yüklə 1,78 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   36




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin