Haala Godina Qellem Wallaggaa


Aangoo fi Ga'ee kan Waliinii



Yüklə 1,78 Mb.
səhifə4/36
tarix10.01.2022
ölçüsü1,78 Mb.
#101804
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   36
Aangoo fi Ga'ee kan Waliinii

    1. Aangoo fi hojiiwwan Labsii kanaa kennamaniif hojiirra oolchuudhaaf kan gargaaran imaammata, tarsiimoo, sagantaalee fi seerota ni burqisiisa; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha;

    2. Hojii isaa ilaalchisee yeroo yeroon qorannaa fi qo’annoo hojii ni taasisa; ragaalee fi istaatistiiksii adda addaa walitti ni qaba; ni qindeessa; ni tamsasa; ni gabaasa;

    3. Hojii ijaarsa dandeettii ni raawwata; riifoormiiwwan hojiirra ni oolcha;

    4. Karoora hojii fi baajata isaa ni qopheessa; yammuu hayyamamus hojiirra ni oolcha;

    5. Gabaasa raawwii hojii fi baajataa qopheessuun qaama dhimmi ilaaluuf ni dh iyeessa;

    6. Akkaataa seeraatiin hojjattoota ni qaxara; ni bulcha; hojiirraa ni geggeessa;

    7. Pirojektoota ijaarsaa isaan ilaallatu irratti dizaayinii ijaarsaa ni qopheessaa; akka qophaa’u ni taasisa; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha;

    8. Imaammata, tarsiimoo, seera, sagantaa misoomaa fi pirojektota bahan keessatti dubartootnii fi dargaggootni itti fayyadamtoota ta’uu isaanii ni mirkaneessa; akkasumas, carraa hojii uumuu, dhimma koornayaa, daa’immanii fi dargaggootaa idileessuu qaama hojii isaa taasisuun ni hojjata;

    9. Manneen hojii fi waajjiraaleen itti waamamni isaanii isaaf ta’an ol’aantummaan ni gaggeessa; ni qindeessa; gurmaa’ina; sagantaa hojii fi baajata isaanii qorachuun qaama mootummaa dhimmi ilaalutti akka dhiyaatu ni taasisa; yammuu hayyamamu hojiirra akka oolu ni taasisa; ni hordofa; ni too’ata;

    10. Ittisaa fi too’annoo HIV/AIDS ilaalchisee xiyyeeffannaan ni hojjata; akkasuma s aangoo fi ittigafatamummaa kennameef keessatti miidhamtootni HIV/AIDS fi qaama miidhamtonni itti fayyadamtota qixxee fi hirmaataa guutuu akka ta’an haala ni miijeessa;

    11. Sagantaalee fi pirojektoota misoomaa gaggeeffaman keessatti eegumsa naannoo ilaalchisee xiyyeeffannoo addaa ni taasisa;

    12. Baajatni mootummaan ramadamee fi madda galii kan biroo irraa argame bu’uura seeraa fi sirna faayinaansiitiin dhimma ramadameef ooluu isaa ni mirkaneeffata;

    13. Haala addaatiin yoo murtaa’e malee galiin keessaa fi madda addaa irraa argamu nagahee Biiroon Maallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee maxxansiisuun walitti ni qaba;

    14. Qaamolee adda addaa waliin qunnamtii ni taasisa; qabeenya ni horata; waliigaltee ni mallatteessa; ni himata; ni himatama;

    15. Manneen hojii yookiin dhaabbilee dhuunfaa yookiin namoota hojii gaarii yookiin kalaqii haaraa fi fakkeenya ta’uu danda’u hojjataniif badhaasaa fi beekamtiin akka kennamu Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannichaatiif ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha; haalli raawwii isaa Dambii Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannichaa baasuun kan murataa’u ta’a;

    16. Kaayyoo mana hojichaa galmaan gahuuf kan gargaaran hojiiwwan biroo ni raawwata.


      1. Yüklə 1,78 Mb.

        Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   36




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin