Intarpiraayizii Sanyii Filatamaa Oromiyaa Maanuwaalii Sirna Madaallii fi Badhaas



Yüklə 487,08 Kb.
səhifə8/67
tarix10.01.2022
ölçüsü487,08 Kb.
#101050
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   ...   67

Gosoota Madaallii


Muuxannoowwaan adda addaa akka agarsiisanitti raawwii hojii madaaluudhaaf filannoo sadii kaa’uun ni danda’ama.

  1. Gosoota madaallii kanaan dura hojii irra oolan keessaa tokko filachuudhaan itti fayyadamuu;

  2. Gosoota madaallii gara garaa hojii irra oolaa jiran walitti qindeessuudhaan itti fayyadamuu;

  3. Gosoota madaallii haarawaa ta’an haala qabatamaa mana hojii wajjin walsimsiisuudhaan qopheessuun itti fayyadamuu ta’a.

Haala qabatamaa ISFO ilaalcha keessa galchuudhaan walumaagalatti akkaataa karoora tarsiima’aa galmaan ga’uu dandeessiisuun qabiyyee gosoota madaallii gara garaa walitti qindeessuudhaan sirna madaallii qindaa’aa bu’aa irratti xiyyeeffate diriirsuu fi itti fayyadamuun akka filatamaa ta’e itti amanameera.

Intarpiraayizichi mul’ataa fi ergama isaa dhugoomsuu fi galmaan ga’uuf bifa madalaawaa ta’een tarsiimoo qopheeffate haala barbaachisaa ta’een hojii irra oolchaa jira. Kallattii kanaan Intarpiraayizichi galma barbaadamu mirkaneessuuf raawwiin isaa sadarkaa kam irratti akka argamuu fi maamilaaf Sanyii/tajaajila sirrii ta’e akkamitti akka dhiyyeessaa/kennaa jiru, akkasummas akkaataa kallattii tarsiimoo kaa’ameen bu’aa galmeessisaa jiraachuu fi dhiisuu isaa adda baasee beekuun dhimma kam iyyuu caalaa xiyyeeffannoon itti kennamuu qaba.

Kanaaafuu, bu’aa Intarpiraayizicha keessatti argaman madaaluudhaan kanneen bu’aa galmeessisaa jiran sirni itti jajjabeeffamanii fi kan bu’aa osoo hin galmeessisiin hafan immoo sirni itti gaafataman uumuuf sirna madaallii qindaa’aa fi bu’aa irratti hundaa’e hojii irraa oolchuun faayidaa olaanaa qaba.

Haaluma kanaan madaallii raawwii Intarpiraayizichaa Irraa Eegalee Hanga Hojjetaatti gaggeessuuf bu’uurri madaallii keenyaa yaadama sirna madaallii 3600tiin kan gaggeeffamu ta’ee ibsamni isaa kan armaan gadii ta’a;


1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   ...   67




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin