Karoora fiizikaalaa fi faayinaansii bara 2009


Angoo fi Ga’ee Mana Hojii ATTDhMMO



Yüklə 1,01 Mb.
səhifə2/11
tarix17.01.2019
ölçüsü1,01 Mb.
#99681
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11

2.1.1. Angoo fi Ga’ee Mana Hojii ATTDhMMO


Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa Labsii Lakk.163/2003 qaamolee raawwachiistuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebi'ee gurmeessu, ga’ee fi aangoo isaanii murteessuu baasee fi labsii dhaabbilee Misooma Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk. 181/2005 labsameen ATTDhMMOO aangoo fi hojii armaan gadiitti tarreeffaman kennameeraf;

  1. Karoora fi gabaasni dhaabbolee misooma mootummaa irraa akka dhihaatuu ni taasisaa, ni xinxaala, ni hordofa, raawwii isaan ni gamaggama, duub-deebii ni kenna

  2. Walitti qabaa fi miseensa boordii dhaabbilee misoomaa mootummaa qaama dhimmi ilaaluuf dhiyeessuun akka ramadaman ni taasisa, raawwii hojiisaanii ni hordofa;

  3. Durgoo miseensota boordiif kaffalamuu qabuu ni murteessa, hojii irra oolmaa isaa ni hordofaa

  4. Kaapitaala qabanii fi haala uumama isaanii irratti hundaa’uun sadarkaa dhaabbilee misooma ni murteessaa

  5. Kaappitaala ka’umsaa dhaabbilee misooma mootummaatiif mootummaan akka ramaduu ni taasisa

  6. Yeroo waggaa shan keessatii dhaabbilee haarawaa hundeefamanii kaappitaala hundeefamaa kaffalamee akka xumuramuu, herregni baajeta of-eeggannoo akka qabamuu ykn mootummaa irraa akka ramadamuu ni taasisa

  7. Ramaddii odiitaroota alaa dhaabbilee misooma mootummaa ni mirkaneessa;

  8. Mootummaa waliin abbootii qabeenyaa hojii investimantii gaggeessuuf yaada piroojektootaa dhiheessan qoratee qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiheessa, yammuu mirkanaa’u hojii irra akka oolu ni hordofa, ni to’ata;

  9. Dandeettii dhaabbilee misooma mootummaa cimsuuf qo’anno ni gaggeessa qajeelfama waliigalaa ni kenna;

  10. Galmawwan waliigalaa fi karoora investimantii dhaabbilee misooma mootummaa ni mirkaneessa

  11. Gabaasa herreega dhaabbilee misoomaa mootummaa odiitaroota alaatiin qorataman ni mirkaneessa;

  12. Herregni dhaabbilee misooma mootummaa galmee irraa haala itti haqamuu danda’u irratti qajeelfama baasuun qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta, raawwii isaas ni hordofa;

  13. Bu’aa qulqulluu dhaabbilee misoomaa mootummaa irraa dhibbeentaa mootummaadhaaf yeroo yerootti dhangala’uu yeroo kennamee keessatti galii ta’uu isaa ni hordofa, ni raawwachiisa;

  14. Bu’aa qulqulluu’ee mootummaaf dhangala’uu qabuu dhaabbata misoomaatiif akka dhiifamuu ykn kennamuu Boordiin gaaffii yoo dhiheessee, Mana Maree Bulchiinsaatiif ni dhiheessaa, yeroo murtaa’uu hojii irra oolmaa isaa ni hordofa;

  15. Kaapitaalli dhaabbilee misooma mootummaa akka dabalu yookiin akka hir’atu qoratee mana mare bulchiinsa naannichaatiif dhiheessuun akka murtaa’u ni taasisa;

  16. Dhaabbilee misooma mootummaa walitti makuun yookiin gargar baasuun yookiin diiguun barbaachisaa ta’ee yoo argame, gadi fageenyaan qo’annoo gaggeessuun yaada murtii qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiheessa, yammuu hayyamamau hojii irra ni oolcha

  17. Sirna onnachiiftuu bu’aa irratti xiyyeeffate hojii gaggeessitootaa fi miseensota maanajimantii dhaabbilee misooma mootummaatiif oolu ni qorata, qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiheessa, hojii irra oolma isaa ni hordofa;

  18. Yaa’ii waldaalee aksiyoona abba aksiyoonotaa irratti mootummaa bakka bu’ee ni hirmaata;

  19. Gaaffii hojjettootaa fi miseensoota maanajimantii dhaabbilee misooma mootummaa daangaa umurii sooramaa ol tajaajiluuf gaafatamu irratti bu’uura seeraatiin murtee dhumaa ni kenna;

  20. Fandii misoomaa fi industirii dhaabbilee misooma mootummaa akka hundeeffamu ni taasisa, yamuu hayyamamu hojii irra ni oolcha

  21. Karoora bittaa qabeenya dhaabbii gurguddoo hojii dhaabbatichaaf murteessaa ta’anii , Mana Maree Bulchiinsaatiif ni dhiheessaa, yeroo mirkanaa’u ni raawwachiisa:

  22. Hojiiwwaan biroo mirga abba qabeenyummaa mootummaa kabachiisuu ni raawwata.


2.1.2. Ergama Mul’ata fi Duudhalee ATTDhMMO

Ergama /Mission/


Dhaabbilee misooma mootummaa naannichaaf hoggansa tarsimaa’a ta’ee keennuun dandeettii humna raawwachiisummaa isaanii cimsuun dorgomaa taasisuu, mirga abbaa qabeenyummaa mootummaa kabachiisuu, qaawwa gabaa qorannoo fi qo’annoon adda baasun dhaabbilee haaraa hundeessuu, diiguu, walitti makuu ykn gargar baasuun bu’aa qabeessummaan isaanii akka guddatu taasisuun diinagdee biyyaa keessatti shoora isaan irraa eeggamu akka bahatan taasisuu.


Mul’ata (Vission)

Bara 2012tti giddu gala milkaa’inni, deggersa ogummaa fi hoggansi tarsimaa’a ta’e itti kennamu taa’uun DhMMO gahoomsuun misooma biyyattii keessatti shoora isaan irraa eegamu akka bahan taasisuuf hojjechuu.



Kaayyoo Gooroo


Ilaalchaa fi gocha kiraa-sassaabdummaa gogsuu fi bulchiinsa gaarii diriirsuun dandeetii raawwachisummaa ATTDhMMO fi Dhaabbilee misoomaa cimsuun itti fufiinsaan bu’a qabeesummaa isaan fooyyeesuu fi qorannoo pirojektootaa faayidaa tarsima’aa qaban gaggeesuun qaawwa misoomaa guutaa deemuu fi hojii hojjetan irraa bu’aa argachaa invastimantiiwwan tarsima’aa raawwii ergama misoomaa isaaniitiif galtee ta’an keesssatti akka hirmaatan gochuu
Kaayyoo Gooree

  1. Gurmaa’insaa fi caaseefama mana hojii ATTDhMMO fooyyessuu

  2. Humna raawwachiisummaa hojjatoota ATTDhMMO sadarkaa sadarkaan jiru cimsuu.

  3. Dhiyeessii fi itti fayyadama teekinoloojii fooyessuu

  4. Sirna Oggansa fi Dandeetii raawwachisummaa dhaabbilee misoomaa gahumsa qabuu fi ammaya’aa ta’ee diriirsuu.

  5. Bu’a qabeesummaa itti fayyadama qabeenyaa guddisuun hojii misoomaa hojjetamuu gutumaan guutuutti yeroo raawwii karoorichaa keessatti xumuramee kaayoo yaadameef akka oluu taasiisuu.

  6. Bu’aan dhaabbilee misoomaa haala guddachuu danda’uun qorannoo pirojektoota faayidaa tarsima’aa qaban gaggeessuudhaan qaawwa misoomaa adda baasuun murtee boodaa hojii irra olchuu

  7. Ilaalchaa fi gocha kiraa-sassaabdummaa gogsuu, bulchiinsa gaarii diriirsuun nageenya industirii amansiisaa fi itti fufiinsa qabu akka mirkana’u taasiisuudhaan ciinaatii hojiwwaan seektera hedduu keessatti idileeffamuu qaban raawwachuu.



Duudhaalee Ijoo (Core Values & Principles)

ATTDhMMONO duudhaawwan ykn sonawwan (values and operating principles) armaan gadii qaba.



  1. Raayyaan hojjechuu (team work)

  2. Itti gaafatamummaa dhaabbataa fi hawaasummaa (corporate social responsibility)

  3. Kabaja maamilaa (respect for customer)

  4. Tajaajila beekumsa irratti hundaa’e (professionalism)

  5. Jijjiiramaaf hojjechuu (change agent)



Galama karoorichaa.
Dandeettii raawwachisummaa Abbaa Taayitaa fi Dhaabilee Misoomaa cimsuudhaan raawwiin karooraa kamiyuu karaa raayyaa jijjiramaa ijaaramee jiruun akka raawwatamu gochuun cinaatti rakkoo bulchinsaa gaarii karooraan adda bahan qabaman furudhaan ciminaan hojechuudha.







Yüklə 1,01 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin