Motummaa naannoo oromiyaatti biiroo industirii fi misooma magaalaa oromiyaa


Hojiiwwan Ijaarsa Saayiinsii Hoggaansa fi Misooma Magaalaa



Yüklə 1,3 Mb.
səhifə3/14
tarix12.01.2019
ölçüsü1,3 Mb.
#96402
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14

4.1.Hojiiwwan Ijaarsa Saayiinsii Hoggaansa fi Misooma Magaalaa


Sagantaa Hoggansa Jijjiiramaa fi Ijaarsa Raayyaa

Ijaarsii Rayyaa Ilaalcha fi gocha kiraasassabdummaa dhabamsisuun Misoomaa fi Bulchiinsa Gaarii Magaalota keessatti mirkaaneessuuf shoora ol-aanaa taphata.Qajeelfama ijaarsaa raayyaa jijjiiramaa bu’uuraa godhaachuun gurma’insii 1:5 fi gareen misoomaa akka cimu hojiin guddaa hojjetameera. Haaluma kanaan, bara kana iddoo hundaattii Rayyaan (Jiraataa Magaalaa, Mootummaa fi Dhaabaa) Ijaaramee akka hojiitti galu gochuuf hubbaannoo uumuu irraa eegalee hanga deggarsa qaaman gadi bu’anii kennuutti hojiin baay’een hojjatamee jira.



  1. Rayyaa Misooma Jiraataa Magaala

Raayyaa siviil sarvaantii sadarkaa BIMMOtti hojjetaan 169 (dhi 106 fi dha 63) tokko shanee 26 GRJ 4 fi GA 1 akkasumas sadarkaa godinaa fi magaalaatti hojjetaan 35,473 (dhi 23,801 fi dha 11672) tokko shanee 6,256 GRJ 1,509 fi GA 1350 walumaagalatti 35,642 (dhi 23,907 fi dha 11,735) tokko shanee 6282, GRJ 1513 fi GA 1351 ta’a. Adda dureen sadarkaa BIMMOtti hojjetoota 30 (dhi 20 fi dha 10) sadarkaa godinaa fi magaalaatti 8,818 (dhi 5,972 fi 2,856) walumaagala 8,848 (dhi 5,992 fi dha 2,866) ta’an adda ba’anii jiru.

  1. Raayyaa Misoomaa Damee Dhaabaa (Siviil sarvantii fi Uummata Keessa)

Siviil sarvaantii miseensa dhaabaa sadarkaa BIMMOtti 42(dhi 39 fi dha3) seelii 1 fi hundee dhaabaa 1 fi sadarkaa godinaa fi magaalaatti 24,830 (dhi 17,016 fi dha 7,814) seelii 1462 fi hundee dhaabaa 965n walumaagala namoota 24,872 (dhi 17,055 fi dha 7,817) seelii 1463 fi hundee dhaabaa 966n gurmaa’ee hojii keessa jira.Akkasumas jiraataa magaalaa miseensa dhaabaa dhi.274,116 dha.152,185 waliigala 381,304 hundee dhaabaa 945 fi seelii 18426tti ijaaramanii jiru.

  1. Gurma’insa Ummaataa Magaalaa

Baayyina jirataa magaalaa Dhi 2,676,267 dha 2,560,855 waliigala 5,237,122 keessaa, kan ijaaramee jiru dhi 1,304,301 dha 1,084,312 waliigala 2,388,613 ijaaramanii jiru kana keessaas baayyina adda duree jiraataa magaalaa dhiira 364,312 dhalaa 285,837 waliigala 649,132 ta’u.

Hawaasnis yeroo ammaa kana fayidaa ijaarsa raayyaa kana erga sirritti hubateen booda hojiiwwan adda adda irraatti rayyaan ijaaramuun bu’aa fiduun egaalamee jira (nageenya naannoo ofii egsiisuu, uummatni hojiillee bu’uraalee misoomaa irratti abbummaan hirmaatanii hojjechuu fi kiraa sassaabdummaa magaalaa keessatti babal’atee jiru ifatti irraatti qabsaa’uun egalamee jira). Walumaagalatti erga ijaarsi kun lafa qabatee qindoominni jiru foyya’aa dhufuun rakkooleen bulchiinsa gaarii magaalaa keessatti mul’atan hamma tokko hikkachaa dhufanii jiru.


Akka Waligalatti ijaarsii raayyaa keenyaa ijaaruu fi adda duree baasaa deemuurratti hojiin bal’aan akka hafuuf, iddoo raayyaa fi adda dureen fooyyee qabuuttii walirratti qabsa’uun hojii foyyeessuuf deemuun, waliin hojjachu calqabuun haa jraatuu malee raayyaa lubbuu qabu hojjatoota mootuummaa kessatti uumuun gara miseensoota dhaabaa fi adda dureetti fiduuf hojiin bal’aan hojjatamu akka qabu namatti agarsiisa.

Hojiiwwan Bulchinsaa Gaarii Mirkaneessuuf Hojjetaman

Karaa kanaan hojiiwwan riifoormii fi paakeejiiwwan adda addaa hojiirra olchuun egalamee jira.Rakkoollee Bulchiinsa gaarii hiikuuf labsiiwwan,Dambiiwwan,Qajeelfamoota qophaa’ee hojii irraa olchuudhaaf sochiin baayyee jajjabeessaa ta’e hojjatamaa turee jira.Ummatni rakkoollee Bulchinsa Gaarii adda basuun irraatti qabsa’uuf fedhii guddaa agaarsisaa dhufanii jiru.Haa ta’u malee, hojiin baayyee rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuuf hojjetamanis ammas kenniinsi tajaajilaa hanga barbaadame si’ataa ta’uu dhabuu, fedhiin bu’uraalee misoomaa hanga barbaadame guutamuu dhabuu fi kanneen hojjetamnus rakkoo qulqullinaa akka qaban ilaalamee jira. Kanaafuu KGT-2ffaa keessatti dhimmoonni kuni xiyyeeffanaan irratti hojjetamuu akka qabu agarsiisa.

Hirmannaa Ummataa

Jalqaba KGT 1ffaa irraatti ilaalchi hogaansii, ummatni misoomni hundi mootumman qofa dhiyaata jedhanii yaaduun mul’ataa ture. Rakkoo kana hiikuuf hubbannoo uumuu, leenjiiwwan adda adda kennuu, hojiimaata hirmaanna ummataa gaddisuu danda’u baasuun hojiin bal’aa hojjetamee jira. Haalumaa kanan Bara KGT1ffaa keessaa Humnaan nama 22,846,545 kan hirmaatee yoo ta’u,gara Qarshiiti yoomuu jijjiiramu Qrsh mil. 424,833,927.5 , mallaqa caallaa qarshii Mil. 862,701,741.63 walitti qabamee hojiilee bu’uuraa misoomaaf olee jira. Fayyadamummaan uummataa sochii hirmaannaa uummataatiin hojiiwwan hojjataman irraa sadarkaa sadarkaan yoo xiinxalamuu bara 2002 %30 irra ture gara % 85tti ol guddateera



    1. Sagantaa Xiqqaa Ijaarsa Dandeettii Magaalaa ilaalchisee

Federaala wajjiin ta’uun Imaammaata, tarsiimoo fi sagantaawwan Misooma Magaalaa irratti marsaa lamaan waliin ta’uun hooggantoota Magaalaa 2800 ol ta’aniif leenjiin kennameera.Humna raawwachiisummaa ogeessota industirii fi konistiraakshinii cimsuuf Leenjii namoota 2810 kennuuf karoorfame 2832(%100) leenjiin humna dandeetti cimsuu kennamee jira. Dandeetti kontiraktaroota fi Gorsitoota sarara karaa fi Baaburaa irratti gurmaa’aniif tartiibaan akka guddatan taasisuuf waggaa shanan darbaan keessa kontiraktara giddu galeessaa gurmaa'ani 31(%22) leenjiin kennamee jira.Qulqullinaa fi magarisuu irratti hawaasa magaalaaf hubbannoo kennuuf namoota 53,499 karoorfamee 61,235(100%) kennameera.Ogummaa magaalaa irratti leenjii ‘level I-VI’ irratti hubannoo uumuuf leenjii namoota 5732f kennuuf karoorfamee namoota 1449(%25.3)f hubannoon kennameera. Sadarkaa qophaa’ee fi qophaa’u irratti namoota 92f leenjii leenjistootaa kennuuf karoorfamee namoota 162 ta’aniif leenjiin kennamee jira.
    1. Raawwii Babal’ina Bu’uuralee Misooma Gahee mana Qopheessa, Hirmaannaa Uummataa fi Deggarsa garagaraatin hojjataman


Karoora Guddina fi Tiraansifoormeshinii akka naannoo keenyaatti qabamee keessaa inni tokko bu’uuralee misooma magaaloota keessatti babaal’isuu yoomuu ta’u,Naannoo keenyaas rakkoo bu’uuralee misooma magaaloota keessa jiruu furuuf waggootan shanan darbaan keessa pirojeektoota hedduu Gali mana Qopheessaa, Deggarsa Naannoo,Fundii ULGDP,fi Hirmaanna ummataan pirojeektotni hedduun isaanii hojjatamani jiru. Haata’u malee, ammas rakkoon kun guutumman guututti hiikatee jechuu nama hin dandeesisuu sababni isaas pirojektootni baay’een kanneen akka Dhagaa Bocamaa (Koobilstoon), Sarara Ibsaa Dirirsuu fi Sarara Bishaanii dirirsuu baajata gudda kan gaafatan yoomuu ta’u, KGT marsaa jalqaba keessaatti hanga karoorfamee raawwachuu hin dandeenyee.Haalumaa kana waggootan shanan darban keessa hojiileen bu’uura misooma Hirmaannaa Ummataan,Baajata Mana Qopheessa,Deggarsa Naannoo fi Deggarsa Baankii Adduunyaa (ULGDP)tiin hojjataman keessaa gurguddoon:-Daandii Cirrachaa karoorri waggaa shanii KM 2295 hojjachuuf kan karoorfamee yoommuu ta’u, KM 3991 (%100 ol) raawwatee jira. Daandii Dhakaa Bocamaa karoorri KM 570 raawwiin KM 602 (%100), Daandii Keessa Keessaa haaraa baasuu karoorri KM 4305 raawwiin KM 5223(%100 ol), Sarara Bishanii Dirirsuuf karoorri waggaa shanii KM 2000 raawwiin KM 2547(%100 ol), Sarara ibsaa dirirsuu karoorri KM 4336 raawwiin KM 3457(%79.7), Ijarsa dandii Asfaaltii karoorri KM 71 raawwiin KM 76(%100), Suphaa dandii cirrachaa karoorri KM 1433 rawwiin KM 3290(%100 ol),Suphaa dandii Asfaaltiikaroorri KM 86 rawwiin KM 20.7(%24) rawwatamee jira.

Ijaarsa Bo’oo lolaa karoorri waggaa shanii KM 195 yoomuu ta’u rawwiin KM 1910 (%100 ol),Ijaarsa Sheedii IMX karoorri 8510 raawwiin 5387(%63) raawwaatee jira. Ijaarsa Qeera Lakkofsaan karoorri 218 raawwiin 287(%131.6) ta’a.Giddu Gala Gabaa lakkofsaan karoorfamee 238 raawwii 283 raawwaateejira.Ijaarsa Buufata konkolaata lakkofsaan karoorri 9 raawwiin 337 raawwatee jira. Ijaarsa riqicha xixiqaa lakkoofsaan 870 raawwiin 1156 (% 100 ol), Iddoo balfa goga magaaloota keessatti qopheessuuf karoorri wagga shanii 196 yoomuu ta’u, raawwiin 400, Iddoo balfa dhangala’a qopheessu karoorri 250 yoomuu ta’,raawwiin hanga dhumma KGT 45 (%18), Mana Fincaani ummataa ijaaruu karoorri 573 raawwiin 1409 raawwaatee jira. Ijaarsa Ittisa Balaa ibidaa karoorri wagga shanii 4 raawwiin hanga bara 2007tti 2(%50) qofadha.Iddoo Olmaa Dargagoo karoorri 83 raawwiin 172(%100 ol) waggootan Shanan darbaan keessa raawwaatee jira.

Waggoota shanan darban keessatti ijaarsaalee bu’uuraa misoomaa magaalota keessatti hojatamaa kan turaan yoomuu ta’u, buu’uraleen Misooma kuniis carraa hojii uumuun fedhii bu’uuraa misoomaa uummataa foyyeessuu dandaa’ee jira. Dabaalataniis bu’uuraleen misooma kun magaalota keessatti miirrii waldorgomii akka umamuu, caaseffama mootummaa sadrkaan jiruu fi Hawaasa jidduutti walitti dhufeenyii gaariin akka umamuu taasisee jira. Ijaarsaaleen kunis kan isaan hojjetaman karaa qaamolee ULGDP, Hirmaannaa uummataa, Baajeta Mana Qopheessa fi deeggarsa mootummaa naannoottin yoomuu ta’u, bu’uuraleen misooma kun yeroodha gara yerootti dabala dhufee jira.

    1. Hojiiwwan To’annoo Raawwii Pilaanii fi Magariisuu Magaalootaa


Bareedinaa fi magariisummaa magaalaa irratti sanadootni 3(Green City Guideline, Tree Selection Manuwal and Nursery Site Establishment and Management Manual”) qophaa’ee gara magaalotaatti gadi bu’ee jira.

Sirna qabinsaa fi maqsa balfaa fi magariisummaa magaalaa fooyyessuuf waggoottan shanan darban keessa seerota, staandardootaa fi qajeelfamoota bahan hojiirra oolmaa isaanii magaalota 201 keessatti hordofuufi deeggarsa tasifamee jira.

Bara KGT kana keessatti bareedinaafi magariisuu magaalaa irratti barnoota teeknikaafi ogummaatiin namoota 668f leenjii kennuuf karoorfamee, namoota 1,090(100% ol) leenjiin kennamee jira leenjii kennamee kana keessa %50 dubartoota.

Magaalota keenya qulqulluu, bareedduufi magariisuu taasisuuf qabeenya uumamaa magaalaafi naannoo magaalaa kanaan dura karaa adda addaatiin manca’aa ture deebisanii misoomsuuf sochiin gaariin taasifamaa turee jira. Kunis magaalaa keessaa fi naannoo magaalaa karaa pilaanii magaalaa irratti hundaa’een iddoo magariisummaa magaalaa adda baasuun biqiltuu dhaabuu fi kan dhaabate immoo kunuunssuu dha. Haaluma kanaan Sirna fooyya’iinsa magariisummaa magaalaa keessatti KGT irratti magaalonni iddoo buufata biqiltuu isaaniitti biqiltuu mukaa, margaafi abaaboo adda addaa 75,148,413 qopheeffatanii akka dhaaban karoorfamee 72,119,747 (96%) raawwatee jira.biqiltuun dhabatee kana keessayyis waggootan shanan darban keessa biqiltuun 66,800,746 kunuunfamee jira.

Qulqulinaa fi magariisuu magaalaa akka waligalatti yoomuu ilaalamuu KGT keessatti %80 irraan gahuuf kan karoorfamee yoo ta’u hanga dhuma bara karoora guddina fi tiraansformeeshinitti tilmamni isaa %70 irraa gahee jira.

Iddoo Magarisuu magaalaa bareedina magaala dabaluu danda’u magaalota keessatti waggootan shanan darbaan keessa lafa Hek 4500 dangeeffamee hojiitti galamee jira.



Carraa Hojii Uumuu Ilaalchisee;

Magaalonni naannichaa qulqulluufi miidhagoo jiruu fi jireenyaaf mijaawaa akka ta’aniif rakkoowwan qabinsaafi maqsa balfa gogaafi dhangala’aa akkasumas magariisuu magaalaa hiikuuf sochii taasifamaa ture keessaa tokko hojii dhabeeyyii magaalaa walitti gurmeessuun hojii kana irratti akka hirmaatan gochuu dha.Kun immoo qulqullinaafi bareedina magaalaa eeguu irra darbee hojii dhabdummaafi hiyyummaa magaalaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa qaba.Haaluma kanaan KGT waggootan shanan darban keessa Qabiinsaa fi Maqsa Balfa Gogaafi Dhangala’aatin carra hojii namoota 6,230f uumuuf karoorfamee namoota 7,059 (%100) carraan hojii umamee jira. Akkasumas Misooma Bareedinaa fi Magariisummaa Magaalaatiin carraa hojii namoota 3,770f uumuuf karoorfamee 5,339(%100) uumamee jira. Carraa hojii umamee kana keessa %50 dubaartoota.



    1. Hojiiwwan Gurma’iinsa Magaalootaa fi Bulchiinsa Al-waltinsaa

Baay’inna magaalota qaama seerumma magaalumma qaban jalqaba KGT bara 2003’tti 443 turan xumuraa bara KGT’ttiti gara magaalota 628 ttiti olguddisudhaaf karoorfamee hojjatama kan ture yoo ta’u, qorannoo hawaas diingdee isaanii qorachudhan gandoota baadiyyaa amala magaalumma qaban 186f qaama seerummaa magaalummaa kennuun dhumaa Bara KGT gara magaala 629(%100)’tti ol guddisun danda’ameera.

Foyya’insa sadarka guddina magaaloota Bara KGT 2003’tti 93 irra ture xumuraa bara KGT’ ttit foyya’insa sadarka guddina magoolata 135 foyyeessudhaf karoorfame hojjatama kan ture yoo ta’u,waligalan magaalota 220(% 100 ol) sadarka guddina argatani jiru.

Waggoottan Shanan darban keessa Walitti Hidhamiinsa Magaalaa fi Baadiyyaa uumuuf karoorfamee hanga xumura KGTtti magaalota 300 waliin walitti hidhaminsi umamee jira.

Walitti Hidhamiinsa Magaalaa fi Magaalaa gama misooma hawaasa,dinagdee fi siyaasatiin jiddutti uumuuf karoorfamee hanga xumura KGTti magaalotni 200 walitti hidhaminsii umaamee jira. Ragaa (profile) magaalota KGT keessatti 443 qopheessuuf karoorfamee 532 qophaa’ee jira.

    1. Hojii Misooma, Dabarsaa fi Bulchiinsa Manneenii


Rakkoo Mana jireenya Magaaloota keessatti furuuf Mootummaan Bara 1999 fi Manneen 9,012 ijaaruuf karoorfaman keessaa manneen 8,979 magaalota 11 keessatti ijaraamee fayyadamtootaf manni 8,955 (99.73%) darbee jira. Akkasumas Bara 2000 keessaa magaaloota 17 keessatti mana 13,885 ijaaruuf karoorfaman manneen 11,092 kan ijaaramee yoomuu ta’u manni 10169(%91.6) fayyadamtootaaf darbee jira.

Manneen mootummaaWaggootan shanan darbaan keessa mana 10,000 kaartan abba qabeenyumaa kennuuf karoorfamee 7602(83%) raawwatee jira.

Sagaantalee Dhiyyeessa ijaarsa mana waldaaf ta’u Qajelfamni Ijaarsa Manneen Waldaa 1 Mirkananaa’ee hojii keessa akka galuu hordoffiin tasifama jira.


    1. Hojii Misooma Humna Namaa fi Istaandardaayizeeshinii Magaalotaa

Deeggarsa Tajaajila Magaalotaa Ilaalchisee;-

Torbee Ayyaana Magaalotaa irratti waggoota shanan darban magaalota 94 hirmaachisuuf karoorfamee hanga dhuma KGTtti magaalota 158 hirmaachisuun dandaa’amee jira.

Ragaa hawaasummaa (vital statics) mirkaneessuu waligalan waggootan shanan KGT Raga Hawaasummaa 27,672 mirkanneessuun danda’amee jira.

Hojii Istaandardaayzeeshinii Tajaajiloota Mana Qopheessaa

Hojii Istaandardaayizeeshinii keessatti hojii guddan madaallii gahumsa ogummaa kennuu yoomuu ta’u waggotan shanan KGT keessatti waligalan namoota 267 madaalli gahuumsa ogummaa kennamee jira.Raawwiin kun sababa Leenjistoonnii fi madaaltonni biyya keessatti hin argamneef hanga barbaadamee itti deemuun hin danda’amnee.

Ogummaa magaalaa irratti leenjii ‘level I-VI’ irratti hubannoo umuuf leenjii namoota 5732f kennuuf karoorfamee namoota 1449(%25.3)f hubannoon kennameera.

Sadarkaa qophaa’ee fi qophaa’u irratti namoota 92f leenjii leenjistootaa kennuuf karoorfamee namoota 162 ta’aniif leenjiin kennamee jira.

Tajaajiloota mana qopheessaa kodifaayid ta’an 12 madaaltota duraa 12 qopheessuu karoorfamee hanga dhumaa KGT madaaltota duraa 14 qopheessuun danda’amee jira.

Tajaajiloota mana qopheessaa sadarkaan qophaa’eef 12f wiirtuu leenjii 12 qopheessuuf karoorfamee, wiirtuulee 17 qophaa’ee jira.



      1. Hojiiwwan Gurguddoo Damee Dizaayinii fi Konistiraakshiniitiin Raawwataman;

      2. Hojiiwwan Gurguddoo Bulchiinsa Kontraataa, To’annoo fi Galmee

Iddoo Labsiin Gamoo hojii irra oluu keessatti ijaarsa qulqullinaa fi sadarkaa isaa eege argamsiisuuf ijaarsoota baajata mootuummaatiin fi dhunfaan projeektoota hojjataman to’annoo projeektoota ijaarsa gaggeessuun qulqulina ijaarsaa %70 irra akka guhuu ta’ee jira.

Sarara Karaa fi Baaburaa irratti koontiraaktarootaa fi konsaltaantota tartiibaan akka guddatan taasisuuf karoorri waggaa shanii kont. Giddu galeessaa gurmaa'ani 140 leenjisuuf karoorfamee 31(%27.68) raawwatee jira.Akkasumas,Kontraaktaroota heeyyama gaafataniif haraa keenuu 1853 raawwiin 628(%88.5), haaroomsuu karoorri 1853 raawwiin 553(%50) fi oli gudddsuu karorri 1200 raawwiin 110(%44);Kontiraaktarootaaf heyyama haraawa 628,Haroomsuu 553,Olgudisuu 110 rawwatee jira.Heyyama gorsaa 222 kennuf karoorfamee 29 kennamera.Gorsitoota ‘ISO’n Gurma’anii waggootan shanan darbaan keessa kontraaktaroota 30 fi gorsitooni 4 hubannoon umamee jira.

Kafaltii hojii ijaaarsaa projeektiif qophaa’ee dhiyaatu xiinxaluun mirkaneessuuf karoorri waggaa shanii 3081 raawwiin 1970(%63.9) ta'a.

Ijaarsa projeektoota mootummaa sektara adda addaatiin naannoo keessatti gaggeeffamuf doukumeentii caalbaasii qopheessuu, adeemsa caalbaasii akkataa qajeelfama bittaa Mootummaa jiruun hordofuu, dokumeentii caalbaasii xiinxaluun bu'aa isaa mirkaneessuuf karoorri 2784 raawwiin 1566(56.25) ta'a.

Saganta Waliin Gahiinsa daandii Baadiyaa Keessatti akka Hirmaataniif Kontraaktarootni 470 fi Gorsitootni 130 Sadarkaa Giddu galeessatti Gurmaa'uun akka hojii irratti bobba'an taasisuuf karoorfamee kont. 499(%100) fi Gorsitoota 145(%100) raaawwatee jira.

Walharkaa fuudhiinsa isa duraa/dhumaa ijaarsa projeektii xumurame irratti argamuudhaan raawwachuuf karoorri 2910 raawwiin 791(%27) ta'a.



Raawwii baba’lina Misooma Industirii fi Ijaarsa Dandeettii Konistiraakshinii

Haaluma wal-fakkaatuun hojiin galmee dursa madaallii gahumsa oogummaa ogeessota konistiraakshinii 65,000 waggaa shan keessatti raawwachuudhaaf karoorafamee hanga dhuma bara kanaatti ogeessota 32,040 qofti galmaa’uu kan danda’an yoo ta’u, kunis raawwiin isaa waggaa shan irraa yoo ilaalamu %49.29 ta’a.

Madaallii gahumsa oogummaa ogeessota konistiraakshinii 65,000 raawwachuudhaaf karoorafamee hanga dhuma bara kanaatti ogeessota 3,240 qofti madaalamuu kan danda’an yoota’u, kunis raawwiin isaa waggaa shan irraa yoo ilaalamu %4.99 ta’a.

Madaalamtoota madaallii gahuumsa oggumaa madaalamanni ogeessota konistiraakshinii milkaa’an keessaa madaaltota addaan baasuu fi hojiitti seensisuu 281 karoorafame hanga dhuma bara kanaatti ogeessota 274(%97.5) raawwatee jira.

Hojiin sakatta’iinsaa fi hordoffii qe’eewwan industirii 44 gaggeessuuf karoorafamee 50 rawwaatee jira.

Hojiin sassaabbii fi qindeessa ragaalee bu’uuraa industiriiwwanii 1,785 raawwachuudhaaf karoorafamee 1,670(%93.5) qindeeffamee jira.

Tajajila Misooma Daldala (BDS) IMXwaan cee'anii gara gidduu galeessatti ce’aanif deeggarsa IMX 254 kennuuf karoorfamee 157 rawwatee jira.

Qorannoo pootenshaala misooma industirii 18 gaggeessuf karoorfamee 28 raawwatee jira.

Hojiin qorannoo pootenshaala geggeeffame bu’uureffachuudhaan yaadawwan pirojektii industiriiwwanii 630 adda baasuuf karoorafamee 630 adda bahee jira.

Yaadawwan pirojektii addaan bahan bu’uureffachuudhaan pirofaayilii pirojektii industiriiwwanii 40 qopheessuuf karoorafamee 34(%85) raawwatee jira.

Hojiin carraalee invastimantii Naannichi industiriif qabu kan agarsiisu Birooshara, simpooziyaamii fi baazaarii qopheessuu jedhu waggaa shanan kana keessa 15 raawwachuudhaaf karoorafamee hanga dhuma bara kanaatti 14 kan raawwatame yoo ta’u, kunis raawwiin isaa waggaa shan irraa yoo ilaalamu %93.33 ta’a.

Hojii Qophii, Mirkaneessaa fi Wal- simsiisa Dizaayinii

Qulqullina koonistraakshinii naannoo keenyaa dabaluuf dizaaynii ijaarsaa qopheessuu 11,115 karoorfamee ture 3,776(%48.5) raawwaatamera.Diizaaynii ijaarsa hojjetamee dhihaate xinxaluun mirkaneessuuf 11,949 karoorfamee ture 6,843(%57.3) raawwatamera.



Hojiiwwaan Gurguddoo Reguleeshinii fi Qorannoo Meeshaalee Ijaarsaan Rawwaataman

Hojimaata fooyya'aa fi haala itti fayyadama dhiyeessii meeshaalee ijaarsaa naannoo (Kaabaa) ykn cirracha, biyyee filatamaa fi iddoo dhagaa bocama/waggaa shanan kana keessatti kaabawwaan 74 qopheessuu karoorfamee,74(%100) qopha’ee jira.Raawwiin kunis kaninni olka’es Bulchiinsootni Magalotaa,Godinaaleen Waldaaleen Mayikiroo xixiqaa Biiroon bishaan albuudaa qindoominaan waan hojjetaniif hojjetamuu danda’eera.

Labsii Gamoo Magaalota 44 keessati caasaan guttame akka hojii irra oolu %100 hordofuuf karoorfamee magaloota 39 keessaatti(%78) raawwatameera.Pirojaaktoota mootummaa baajata kaappitaalaatiin hojjataman irraatti inispeekshinii piroojektoota 5056 irraatti gaggeessuuf karoorfamee pirojeektoota 2741(%67) raawtamee jira,

Waggottan shaman darban keessatti Yunivarstii 2 wajjiin marii gaggessuuf karoorfame, yunivarsitii 4 wajjin mariin gaggafameera (Yunivarstii Amboo,Jimmaa,Wallaaggaa fi Mattuu)Yunversiitii wajjin hojjechuu irratti baajata guddaa gaafata waan ta’eef qorannoo gaggeesuun hin danda’amne.

Gorsitoota ‘ISO’n Gurma’anii Hubannoo Argatan, akkasumas kontiraaktaroota ISOn gurma’an bara 2006 irratti koontiraaktarooni 30 fi gorsitooni 4 hubannoo kan argatan yammuu ta’uu bara kana keessa hanqina humna namaa irraa kan ka’e hin raawwatamne, akkasumas yeroo Biiroon hojjechuuf qophaa’u warri istandared Ejensiis sagantaa biraa qabachuuni fi hanqina qindoomina koontiraaktarootan odoo hin raawwatamiin hafee jira.

Raawwii Pirojektootaa Kappitaalaa

Ijaarsa Projeektotaa gaggeeffamaa jiran To’annoo fi Hordoffi taasifame ilaalchisee;

Projektoota Baajata Mootummaa Naannootiin ijaaramanii fi To’annoo fi Hordoffiin isaanii akka armaan gaditti ibsameera.



Lak

Tarkaanffiwwan Tarsiimoo (Hojiiwwan Gurguddoo)

Safartuu

ka'umsa 2002

Karoora 2003-2007

Raawwii 2003-2007

%GTP




Piroojektoota xumuraman Sadarkaa BIMMOtti

 

 

100

1

Giddu Galeessa Aadaa Oromoo

%

 

100

100

100

2

Ijaarsa Aadaa Oromo Elektrimechanical Ict fi CCTV

 

 

 

100

100

3

Ijaarsa Piroojaktii G+3

%

 

 

100

100

Ijaarsa Galma H/G Wallaggaa ( Hojii dabalataan hojjetamu)

%

 

 

99

99

Ijaarsa piroojaktii Biirolee MN ( G+7)

%

 

40

5

12.5

Ijaarsa “State House or Guest House Builing Construction”

%

 

30 

5

16.7

4

Ijaaraa Waajjiraa G+4 Waaj.Shawaa Lixaa (Bilookii 4)

%

 

40

29

72.5

Ijaaraa Waajjiraa G+4 Waaj.Boraanaa G+4 (Bilookii 2)

%

 

40

20

50

Waajjira Sektara Godina Wallaggaa Bahaa (2 Blocks)

%

 

40

22

55

Waajjira Sektara Godina Shawaa Kaabaa (4 Blocks)

%

 

 40

22

55

5

Ijaarsa Kuusaa Meeshaa (Warehouse) Biiroleef (G+4)

%

 

 

Xumurameer

 100

6

Ijaarsa Buufata Raadiyoo fi TV Roobee

%

100

 

Xumuramee

100

7

Ijaarsa Buufata Raadiyoo fi TV Naqamtee

%

100

 

Xumuramee

100

8

Ijaarsa Waajjira Sektera BMNO (G+6)

%

100

 

Xumurameer

100



    1. Rakoolee Gurguddoo Adda Bahan

  • Rakkoon loojistikii naannoo irraa kaasee hanga gandaatti jiraachuu; (konkolaataa kkf)

  • Rakkoo loojistikiin walqabatee, akkataa karoorfameen hordoffii fi deeggarsi magaalotaaf taasifamu dhabuu;

  • Ogeessa dandeettii fi ga’umsa qaban akkasumas ogummaalee muraasaa irratti qacaruuf kaffaltiin madaalawaa ta’uu dhabuu (sadarkaa magaalotaatti);

  • Biiroo, Mag. Fi Godinaatti ”Turn over” ogeessotaa baayyachuu; rakkoo kana furuuf qorannoo caasaa foyya’aa ta’e baajata ga’aa waliin haa argamu malee rakkoon kun hikkachuu hin dandeenye

  • Ijaarsi piroojektoota mootummaa tokko tokko rakkoo qulqullinaa kan qaban ta’uu

  • Humni raawwachiisummaa kontiraaktaroota tokko tokkoo gadi bu’aa ta’uu isaa irraa kan ka’e ijaarsi pirojaktootaa haala karooraatiin deemuu dhabuu fi kanneen qaama seeraatti dhihaatan murtii seera argachuu irratti harkifachuu.

  • Hojiileen seektarichaa tokko tokko haala caasaa jijjiiramuun walqabatee bittinnaa’aa ta’uu;

  • Namoonni carraan mana kondomiiniyemii darbeef tokko tokko kaffaltii barbaachisu xumuranii baankii waliin waliigaltee liqii dhiyaatanii mallatteessuu diduu;

  • Ijaarsaaleen tokko tokko akkaataa barbaadamuun qulqullina isaanii eeggachuu dadhabuu

  • Bu’uuraalee misoomaa (ibsaa, bishaan, daandii fi kkf) diriiruu ykn galuu dhabuun manneen darban tajaajila quubsaa kennuu hin danda’u jechuudhaan hojii dabarsa manneenii irratti dhiibbaa uumu isaa;

  • Sababa manneen dhaabbatanii hafanii fi baankii waliin walitti hin hidhamiin hafaniitiin idaan mootummaa irratti baayyachuu fi ijaarsa manneen sagantaa haaraa itti fufuu dadhabuu;



KUTAA LAMAA

    1. Yüklə 1,3 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin