Motummaa naannoo oromiyaatti biiroo industirii fi misooma magaalaa oromiyaa



Yüklə 1,3 Mb.
səhifə5/14
tarix12.01.2019
ölçüsü1,3 Mb.
#96402
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14

Kallattiiwwan Karoorichaa


  • Kallattiin karoorichi galma itti gahuu danda’uu muuxannowwan gaggaarii mul’atan addaan baasuu, galmeessuu, madaaluu, qindeessuudhaan karoora kana keessatti fayyadamuu fi hojiilee biroo karooran qabamanii hojjataman irratti sirna hordoffii fi deeggarsaa cimaa ijaaruun qindoominaan socho’uu.

  • Karoora jedhame bira ga’udhafi ga’umsa hojjettootaa dabaluuf rakkoo dandeeetti jiru furuuf, dandeettii raawwachiisummaa cimsuu fi uummatni bifa ijaarameen misoomaa fi bulchniisa gaarii irratti akka hirmaatu gochuuf hojii ijaarsa dandeettii irratti xiyyeeffannoo ol’aanaa kennuudhaan hojjachuu.

  • Magaalaa keessatti misooma ariifachiisaa mirkaneessuuf bu’uurri misoomaa haala bu’aa qabeessa ta’een,ga’ee magaalotni raawwii hojii kana keessatti qabaniin madaaluun hojjachuu,

  • Bu’uurri misoomaa qulqullina qabu magaalota keessatti akka hojjatamu hordoffii to’annoo cimaa taasisuudhaan raawwachuu,

  • Meeshaalee jijjiiramaa hojii irra oolchuu fi Ijaarsa Rayyaa ’Civil Service’ sektara magaalaa keessatti jalqabamee jiru ciimsuun hojii misoomaa keessatti humna kuttanoon hirmaatu uumuu fi rakkoowwan kiraasassaabdummaan walqabate magaalota keessatti dagaagaa jiru irratti qabsaa’uun, akkasumas hojimaata rakkoo kana hiiku diriirsuun kan hojjatamu ta’a.

  • Magaalonni naannichaa qulqulluu fi midhagoo ta’anii jiruufi jireenyaaf mijawaa akka ta’an rakkoowwan qabinsaafi dhabamsiisa kosii gogaa fi dhangala’aa akkasumas magariisuu magaalaa ta’aniifi ta’uu danda’an sakatta’uudhaan hundee irra dhabamsiisuuf, seerota raawwii kanaaf gargaaran baasuuniifi hojimaata rakkoowwan kanneen waliin walqabatanii yeroo ammaa magaalota keenya keessatti mul’ataa jiran hiikuu danda’u diriirsuun

  • Sochii ummata magaalaa uumuun ummanni hojiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii keessatti gahee isaa akka bahu gochuu dha.
    1. Kaayyoo Tarsiimoo’aa Sadarkaa Mana Hojii


Kaayyoon tarsiimoo’aa toora xiyyeeffannoo galmaan ga’uuf (milkeessuuf) Kan qophaa’anii fi toora xiyyeeffannichaa gara hojiitti jijjiiruuf Kan dandeessisan gochoota gurguddoo dha. Kaayyoon tarsiimoo’aa safaramuu Kan dandaa’anii fi bu’aalee tarsimoo’aa Kan mirkaneessisan raawwii fooyya’insaa itti fufinsa qaban yoo ta’u, tarsiimoon mana hojii Kan ittiin ijaaramu burqaa sanyii (utubaa) (DNA) dha.Akkasumas, kaayyoon tarsiimo’aa toora xiyyeeffannoo gara gochaatti gadi caccabsuudhaan gara bu’aa toora xiyyeeffannootti Kan geessu dha.Toora xiyyeeffannoo tarsiimoo’aa fi safartuulee raawwii gidduutti akka riqichaa ta’anii Kan tajaajilanii dha. Kaayyoon tarsiimo’aa jechoota adeemsa, fooyya’insaa fi itti fufiinsa argisisaniin kan xumuramaniidha. Haaluma kanaan, tokkoo tokkoo toora xiyyeeffannoo armaan gadiif kaayyooleen tarsiimo’aa kaa’amanii jiru

Gabatee: Kaayyoo Tarsiimoo’aa BIMMO

Kallattii

Kaayyoowwaan Tarsaimo’aa

Lammii

  • Amantaa uummataa guddisuu

  • Itti quufinsa maammiltootaa dabaluu

  • Fayyadamummaa uummataa guddisuu

Faaynansii

  • Gahumsaa fi bu’a qabeessummaa baajataa guddisuu

  • Itti fayyadamaa maallaqaa fi qabeenyaa foyyeessuu

  • Galii magaalaa gudissuu

Addeemsa Keessaa

  • Qo’annoo fi qorannoo babalisuu

  • Uwwisa fi qulqulinaa tajaajiloota bu’uuraalee misooma guddissuu

  • Misooma IMX, Babal’ina Industirii fi Filaannoo Invastimantii foyyeessuu

  • Qulqullinaa konistiraakshinii foyyeessuu

  • Gurma’insaa magaalaa fi waldaalee fooyyessuu

  • Gahumsa dargaggootaa fi dubartootaa guddisuu

  • Hojmaata bulchiinsa garii fi kenninsa tajaajilaa fooyyessuu

  • Hirmaannaa ummataa, ijaarsa raayyaa misoomaa fi qindoomina qooda fudhatoota guddisuu

  • Muuxannoowwan gaggaariii qindeessuudhaan babal’isuu

  • Sirna hoggansa odeeffannoo fi ragaa fooyyeessuu

  • Misooma, eegumsaa fi kunuunsa naannoo foyyeessuu

  • Sirna karoora, hordoffii, deggarsaa, to,aannoo fi gammaagamma foyyeessuu

  • Ilaalchaa fi gocha kiraa sassaabdummaa dhabamsiisuu

  • Sirna mirgoota dimokiraasii babal’isan guddisuu

Ijaarsa Dandeettii

  • Dhiyeessaa fi itti fayyadama teeknoloojii guddisuu

  • Dandeettii raawwachiisummaa hoggantootaa fi raawwattootaa fooyyeessuu

  • Aadaa fi naannoo hojii fooyyeessuu


7. Kaayyoolee, Safartuulee, Manii fi Tarkaanfiiwwan Tarsiimoo’aa

    1. Kaayyoo Waliigalaa;

Dandeettii raawwachiisummaa cimsuudhaan misoomni fi bulchiinsi gaariin akka mirkana’u sirna hojiimaataa iftooma qabu hojii irra olchuu guddinni dinagdee naannichaa xumura bara karoorichaatti misoomni damee industirii guddina dinagdee naannichaaf bu’uura akka ta’u haala mijeessuu dha.

  1. Sagantaa Hoggansa Jijjiiramaa fi Ijaarsa Raayyaa Misoomaa

  • Fedhii humna raawwachiisummaa sektarichaa sadarkaa hunda keessatti %95 akka guutamu ni taasifama

  • Waltajjii gamaggama digirii 360 haala itti fufinsa qabuun ji'a sadi sadiin gaggeessuun hudhaa adda baasuu fi hiikuu dandeessisu irratti gamaggama adeemsisuu;

  • Waltajjii sosochii uummataa sadarkaa sadarkaan uumuudhaan dhuma bara KGTtti hojjettoota sekterichaa keessaa % 100 humna jijjiiramaa fi raayyaa misoomaa akka ta'an gochuu;

  • Ijaarsii kun ergaa hojiitti galee booda Adda duree hojii mootummaa keessatti tokko shannee KGT 1ffaa 42% irraa turee 90 % ni guddata; Garee raayyaa jijjiiramaa 34 % irraa 90 % ni guddata; Gumii adda duree 42 % irraa 95 % ni guddata; Adda duree Damee uummataa magaala 20 % KGT 1ffaa turee gara 80 % ni guddata; Ijaarsaa Tokko shannee Damee uummataa magaala 30 % irraa 80% guddiisuun fi Adda duree miseensaa dhaaba uummataa magaala 30% irraa 70 % guddissun; Adda duree miseensaa dhaabaa hojjataa mootummaa 69% irraa gara 80 % guddisuu; fi Gurmaa’insaa uummataa magaala 46 % irraa 90 % guddiisuu.

  • Hojjetoota 8,848 beekkamtiin akka kennamuuf ni ta’a akkasumas hojjetoota (hoggantootaa fi Raawwatoota) 2,000 ta’aniif badhaasni ni kennama.

Sagantaa Misooma Humna Namaa/ Ijaarsa Dandeetti

  • Dambii bulchiinsa faayinaansii irratti magaalota 46 fi godinaalee 18 bal’inaan leenjiin ni kennama. Hojjatoota 3,000 ta’aniif barumsa namusaa akka argaatan ni taasisama;

  • Hudhaawwan Gama Raayyaa Sadaniin (Dhaaba, Mootummaa fi Uummata) Mul’ate hiikuuf Leenjii sadarkaa sadarkaa hoggaansaa fi hojjattootaa sadarka olii hangaa gaditti jiraanif leenjii, namoota 168,300 ni kennama,

  • Leenjii qajeeltoowwan bulchiinsaa gaarii irratti sadarkaa Biiroo fi magaalotaatti namoota 1,168,300 ni kennama hordoffiinis ni tasifama,

  • Waggootan shanan dhufaan keessatti REP, AMP, CIP, PP, fi Galii manneen qopheessaa, dambii bulchiinsa faayinaansii, IBEX, Oditii, kkf irraatti leenjii gabbaban namoota 5000f ni kennama,

  • Qulqullina fi Magaarisuumma Magaala irraatti Hoggantoota fi Oggeessootaf leenjii yeroo gababaa namaoota 1,280 ni kennama;

  • Qulqullinaafi magariisuu magaalaatiin irratti hawaasa magaalaa nammotaa 2,282,270 ta'aniif leenjii hubannoo uumamu kennuu

  • Humna dandeettii raawwannaa fi raawwachiisummaa ogeessota gad-aanaa, giddu galeessaa fi ol aanaa damee Industrii, Dizaayinii fi Konistrakshinii Sadarkaa Biiroo, Godinaalee fi Magaalotaa Leenjii fi deeggarsa barbaachisaa ta’e namoota 9000f ni kennuu;

  • Haala hojimaata, dambii, qajeelfamaa fi barbaachisummaa waldaa magaalotaa,Walitti hidhaamiinsa Magaalotaa fi tajaajila al-walteessuu (service-decentralization) irratti leenjii ijaarsa dandeetti namoota 1350`f leenjii kennuu,

  • Qoranno walitti hidhaminsa baadiyyaa fi magaalaa akkasumas magaalaa fi magaalaa taasisuu hojjatota fi oggansa leenji kennu;

  • Oggeessota karooraa namoota 200’f leenjii fi karoora bara itti aanuu waliin qopheessuu, Sirna Gabaasa, Qophii Abistiraktii fi dhimmoota adda addaa irratti leenjii kennuu;

  • Hirmanna jiraatoota magaalaa gama misoomaan godhaa jiran gabbisuuf leenjiin qaamolee adda addaa irra walitti boba’an guyyoota 5-7 sadarkaa naannotti Abbooti adeemsa kominikeeshinii fi raawwata oddeeffannoo fi qunnamti ummata 2500 ni kennama.

  • Hooggantootaa fi hojjattiita Tarsiimoo misooma magaalaa irratti leenjii yeroo gabaabaa namoota 4000 ni kennuu.

  • Maanuwwaalii Bulchiinsa Gaarii irratti qaamoota dhimmii ilaalatuuf 168,300f hubannoo uummuu;

  • Humna raawwii magaaloota cimsuuf hogaantoota fi hojjatoota magaaloota leenjii yeroo gababa namoota 3000 fi leenjii yeroo dheeraa namoota 500 ta’aniif ni kennama,

  • Standardazeeshinni kenna tajaajila sadaarka qophaa’ee fi fulduuratti qophaa’uu irraatti leenjiin leeenjistoota namoota 450 leenjiin ni kennama;

Pirojektootni jijjiirama bu’uraa akka fidaniif leenjjiin gaggeesummaa fi hojimaata kaayizenii namoota 250 f kennuu fi pirojektoota 50 hojii irra oolchuu

Kaayyoo 1: Amantaa uummataa guddisuu

Safartuulee fi Manniiwwan


  1. Amantaa ummataa 74 % irra jiru waggoottan shanan dhufan gara 95% ol guddissuu;

Kaayyoo 2. Itti quufinsa maamilaa fooyyessuu

Safartuulee fi Manniiwwan

Itti quufinsa maamilaa %72 irra jiru waggoottan shanan dhufan gara %96 tti ol gudddisuu;

Sagantaa Hordoffii, Gamaggama, Deggarsaa fi Dubdeebii Jijjiiramaa

Hojiiwwan Gurguddoo


  1. Unkaalee fi galmeewwan yaada uummataa ittiin guutamu 10 qopheessuun maamilli tajaajila kennamurratti yaada akka kennu taasisuu,

  2. Sadarkaa itti quufinsa maamiltootaa fi dhimmamtootaa beekuudhaaf yeroo 10 yaadota dhiyyaatan qindeessuu fi gamaaggamuu,

  3. Sakatta’iinsa sadarkaa itti quufiinsaa yeroo 10 gaggeessuun duub-deebiin yeroo isaa eeggate kennuu.

  4. Kenniinsa tajaajilaa irratti sirni ittiin odeeffannoon tajaajilamtootaaf kennamuu fi sirni ittiin komiin keessummeeffamu diriirsuu fi tajaajilawwan kennaman ragaan akka deggaraman mirkaneeffachuuf marsaa 10 sakatta’insa taasisuu;

  5. Karoora qabame galmaan ga’uuf hojii istaandardii kaa’ameetiin raawwii isaanii marsaa 20 gamaaggamuu;

  6. Bu’aan Qorannoon sakkata’iinsa uummataa magaala gaggeeffame adeemsaa seektara Godinaa fi Magaalaa keeessatti hojiiirra oolaa jiraachuu isaa fi hojii irra oolmaa bulchiinsa gaarii irratti yeroo 10 hordoffii gochuu

Sagantaa sakkataa'insaa fayyadamummaa uummataa gaggeessuu

  1. Uummanni magaalaa imaammataa fi tarsiimoo magaala irraa keessatuu carra hojii uummammee irraa fayyadamaa jirachuu isaani sakkata’insaa yeroo 5 gaggeessuu.

  2. Qaamni hojii dhabeeyyii ijaaraman bu’aa qabeessuumaa isaanii cimsuuf deeggarsaa kennama jirachuu isaa yeroo 5 hordoffii godhamaa jirachuu .

  3. Sakkatta'insa carraa hojii uumamee sadarkaa Godinaa fi magaalootaa keessatti qorannoo gaggeessuun ragaa dokimanti tokko qindeessuu

Kaayyoo 3. Itti Fayyadamummaa Uummataa Guddisuu

Safartuulee fi Maniiwwan:



  1. Carraa hojii uumameen hojii dhabeeyyii %16.5 irraa gara %5 tti gadi xiqqeessuu

  2. Ga’ee industiriin ‘GDP’Naannoo keessatti qabu % 10.6 irra waggoottan shanan dhufan gara %15.6 olguddisuu

  3. Qusannoo uummataa %20.5 irraa waggoottan shanan dhufan gara %31.5 tti guddisuu

Sagantaa Sakatta’insa Hojii Dhabdummaa

Hojiiwwan Gurguddoo

  • Carraa hojii uumamuu keessatti hojii dhaba adda basuun hojiitti galchuu

  • Ga’ee industiriin ‘GDP’naannoo keessatti gahee guddaa akka taphaatuu deggarsa tasisuu

  • Fayyadamummaa uummataaf hojimaata hirmaachisummaa uummataa diriirsuun hojiiwwan misooma magaalaa keessatti gaggeefamu irraa uummanni keessumattuu dargaggootaa fi dubartootaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun carraalee hojii bu’uuralee misoomaa, qulqullinaa fi magarisuu magaalaa babal’ina industirii konistraakshinii keessatti uumamu irraa kallattii fi al-kallattiidhaan akka fayyadaman gochuun galiin isaanii akka guddatu gochuu fi walumaagalatti uummanni hawaas-dinagdee irraa akka fayyadamu gochuu.

Kaayyoo 4. Gahumsaa fi Bu’aa Qabeessummaa Baajataa Guddisuu

Safartuulee fi Maniiwwan



  1. Gahumsa itti fayyadama baajataa % 85 irra jiru waggoottan shanan dhufan gara %95tti ol-guddisuu;

Sagantaa Bulchiinsa Baasii Mootummaa fi Qabiinsa Qabeenyaa

Hojiiwaan Gurguddoo

Humna namaa gahumsa qabu fayyadamuun, sirna rifoormii bulchiinsaa fi to’annoo faayinaansii irratti xiyyeeffachuun karoora hojii fiizikaalaa baajata ramadameen wal simsiisuun hordoffii fi gamaaggama itti fufiinsa qabu gochuun sirreeffama barbaachisu fudhachuun baajatni ramadame qisaasama tokko malee akkaataa seera faayinaansii eeggateen bu’aa qabeessummaa baajataa akka fidu saffinaa fi haqa qabeessa ta’een qulqullinaan akka raawwatu gochuu.

Kaayyoo 5. Itti fayyadama Maallaqaa fi Qabeenyaa Fooyyessuu

Safartuu fi Maniiwwan



  1. Qisaasama qabeenyaa %10 irra jiru waggoottan shanan dhufan gara %5 gad-xiqqeessuu;

  2. Raawwii hojii %90 irra jiru waggoottan shanan dhufan gara %95tti guddisuu;

Sagantaa Bulchiinsa Baasii Mootummaa fi Qabiinsa Qabeenyaa

Hojiiwan Gurguddoo



  • Sanaada Baasii Herrega dokimantii 10 qopheessuu

  • Sanaada Inveentarii qabeenya, raawwii fi faayinansii 10 gaggeessuu

  • Sanadaa Oditii keessa 10 Qopheessuu

  • Xiinxalaa rawwii bu'aa qabeessummaa faayinaansii fi Qabeenyaa dokimantii 10 gaggeessuu

  • Qabeenya dhaabbataa fi dhumataa tajaajila adda addaatiif bitamanii fi gargaarsaan argamanii fi maallaqa jiru bu’aa qabeessummaa itti fayyadamaa qabeenyaa mirkaneessuuf qabeenya muraasa jiru dambii fi qajeelfama jiru bu’uureffachuun qusannoo fi hojii barbaadame irra akka oolu hordoffii wal irraa hin citne gaggeessuu, meeshaalee dhaabbii galmeessuun eegumsa nagummaa mirkaneessuun ka’uu, rakkoo meeshaalee yeroo yeroon sakatta’uu, adda baasuun kununsuu fi kan laasha’an suphuun itti fayyadamuu fi sirna odiitii keessaa akka cimu gochuu fi itti fayyadamni qabeenyaa akka mirkanaa’u hojjechuu.

Kaayyoo 6. Galii Magaalaa Guddisuu

Safartuulee fi Manniiwwan:



  • Magaalotni raawwii galii mana qopheessaa waggoottan shanan dhufan Galii Qr. Biliyoona 8.4 irraa turee wagga waggan %32.5n galii isaanii dabaluun dhumaa bara KGT 2ffaa irraatti gara Qr Bil 44.3 tti ol guddisuu.

  • Humna raawwachiisummaa magaalotaa cimsuuf madda galii garaa garaa irraa qarshii biliyoona 31.8 (WB/IDA, gahee naannoo, gahee magaalaa fi hirmaannaa uummataan) walitti qabuun bu’uuraalee misoomaaf akka oluu ni tasifama.

Hojiiwwan Gurguddoo

Moodeellii taarifa galii mana qopheessaa guutumaan guutuutti akka hojii irra oolu gochuu fi rakkoo modeela dambii kana duraa adda baasu, magaaloonni hundinuu modeela dambii kana akka fayyadaman gochuu,

Walitti dhufeenyi manneen qopheessaa fi waajjiraalee galii akka cimuu fi galiin manneen qopheessaa sadarkaa barbaadamuun akka guddatu Abbaa Taayitaa Galiiwwanii waliin walitti dhufeenyaan hojjachuu,

Abbaa Taayitaa Galiiwwanii waliin ta’uun kaffalaan tajaajila mana qopheessaa sadarkaa fedha guutuun kanfaluu danda’u irratti hubannoo uumuu irratti magaalota deeggaruu,

Kanfaltii tajaajila manneen qopheessaa seeraan hojii irra olchuuf (enforcement) qaawwa jiru qorachuudhaan yaada furmaataa dhiyeessuu,

Sassaabbii galii tajaajila manneen qopheessaa waliin walqabatee muuxannoo naannoo biroo ilaaluun haala qabatamaa keenya waliin dimmoota gaarii fudhachuu (A/T Galiiwwanii waliin) hojjachuu,

Rakkoowwan sassaabbii (komii) magaalootaa keessumaayyuu magaalota sadarkaa 3ffaa fi isaa gadi jiran irraa abbaa taayitaa galiiwwanii waliin wal qabatee ka’aa jiru qorachuun sirreeffamni akka uummamu gochuu,

Istiraatejii galii manneen qopheessaa akka biyyaatti qophaa’aa jiru gara naannoo keenyaatti fiduun magaalonni akka hubannoo argataniif ittiin hojjatan gochuu

Kaayyoo 7: Qo’annoo fi Qorannoo Babal’isuu

Safartuulee fi Manniiwwan

Qorannoo fi qo'annoo gaggeeffame keessaatti kan hojii irra oole waggoottan shanan dhufan %85 irraa gara %97 olguddisuu;

Pirojektii Qorannoo fi Qo’annoo

Hojiiwwan Gurguddoo



              • Qorannoo fi qo'annoo waggootan shanan dhufaan keessa yeroo 10 gaggeessuun

  • Rakkoo Bulchiinsaa gaarii fi maddaa kiraa sassabdummaa irratti Godinaa fi B/Magaalootaa 35 irratti gaggeessuu

  • Haala hirmaannaa uummataa sochii misoomaa , nageenyaa fi Dimookirsummaan hirmaannaa jiru fi haala itti gaggeeffamaa jiru godina fi b/magaalaa 25 samuudaa fudhachuun gaggeessuu

  • Hojiirraa olmaa rifoormii sadarkaa maali irraa jiru bifa qorannoo gabaabaa ta'ee Godinaa, B/Magaala fi Adeemsoota Biiroo irratti yeroo 5 gaggeessuu

  • Fayyadamummaa uummataa magaala hojii hirmaachiisummaa uummataa irra argaman irratti qorannoo magaaloota 10 filachuun irratti gaggeessuu

  • Rakkoo bulchiinsaa gaarii akkaa Biiroo fi Godinaa fi B/Magaalootaati qoratamee adda bahee deebii argachaa jiraachuu isaa kurmaanan mirkaneessuu

  • Qorannoo walitti hidhaminsa baadiyyaa fi magaalaa akkasumas magaalaa fi magaalaa taasisuu hojjatota fi oggansa leenjii leenjifamtoota 900 kennuu

  • Qorannoo misooma miidhaginaafi magariisummaa ilaallatan 10 (qabiyyee seerotaa, staandardiifi maanuwaalotaa) ni qophaa'a.

  • Sadarkaa magaalomsuu [urbanization) Magaaloota irraatti qorannoo gaggeessudhan dokumantii 2 qopheessuu

  • Magaalota naannoo keenyaa keessaa 5 filaachudhaan hariiroo obbolleetummaa magaalotaa biyyaa waliin akka uumman qorannoo gaggeessuu fi qaamoota dhimmi ilaaluu waliin dhiyeenyaan hojjachuu

  • Qorannoo Pooteenshaala industrii naannichaa gaggeessuun projektii profaayiloota industiirii 30 qopheessuu

  • Bulchiinsa magaalootaa 18 hunda keessatti haala itti fayyadama meeshaalee ijaarsaa naannoo feedaraalaan qophaa'u haala qabatamaa naannoo waliin fooyyeessuun hojiirra oolchuu; ragaa/data/ fi sanada proojeektotaa qopheessuu; meeshaalee ijaarsaa naannoo keessatti argaman qorannoo gochuuf yuniivaarsiitii tokko waliin waliigaltee uumuu;

Kayyoo 8: Misoomaa fi Babal’ina Industirii Foyyeessuu

Safartuulee fi Manniiwwan:

  1. Baay'ina piroofaayilii industrii 35 qopheessuu

  2. Zoonii industrii misoome 4

Sagantaa Misoomaa fi Babali’na Industrii

Hojiiwwanii Gurguddoo

  • Humna dandeettii raawwannaa fi raawwachiisummaa ogeessota gad-aanaa, giddu galeessaa fi ol aanaa damee Industrii,Dizaayinii fi Konistrakshinii Sadarkaa Biiroo, Godinaalee fi Magaalotaa namoota 1670 Leenjii fi deeggarsa barbaachisaa ta’e kennuu;

  • Galmee dursa madaallii ga’umasa ogummmaa ogeessota konistiraakshinii sadarkaa gad aanaa fi giddu galeessaa namoota 33000 gaggeessuu

  • Madaalamtoota madaalli gahuumsa oggumaa madaalamanni ogeessota konistiraakshinii milkaa’an keessaa madaaltota 770 addaan baasuu fi hojiitti seensisuu.

  • Ogeyyii gadi aanaa fi giddugaleessaa ga'oman jedhamanii tilmaamani 42000 Waraqaa Ragaa MGO akka argatan hordofuu fi deeggaruu

  • Ogeyyii gadi aanaa fi giddugaleessaa hin darbiin 7542 leenjii gahumsa BLTOn akka fudhatan ni hordofama

  • Zooniiwwan Industry 4 adda bahaan xumura Bara KGT 2ffaatti ni misooma

  • Sakata’insa Sadarka Qe’eewwan Industrii 65 addan baasuu fi hordoffii fi degaarsa gochuu

  • IMX manufakchariingii irratti cehan 45 kanneen karoora daldalaa qaban baankii misooma itiyoophiyaa irraa tajaajila liqii akka argatan haala mijeessuu

  • Qabiinsa ragaa industirii %50 irraa turee gara %90tti olguddisuun hammayyeessu

  • Qorannoo Pooteenshaala industrii naannichaa gaggeessuun projektii profaayiloota industiirii 30 qopheessuu

  • Maanufakcharingii Industirii haaraa Omisha keessa galan 1435 Omishaa isaani akka foyyeeffachuu dandaa’an deeggaruu

  • Qorannoo pootenshaalaa industirii bu’uureffachuudhaan yaadawwan pirojektii indutiriiwwanii 480 addaan baasuu

  • Yaadawwan projekitii bu’a qorannoo potenshalaa keessatti mulatan filachuun projektii profaayiloota industiirii 25 qopheessuu:

  • Waldaalee IMX cehanif qorannoo gabaa industiriiwwan maanufacharingii giddu-galeessaa fi gurguddoo 56 irratti geggeessuudhaan walitti-hidhamiinsa gabaa uumuu.

  • Qorannoo fedhii leenjii gaggeessuun dookumeentii tokko qopheessuu.



9: Uwwisaa fi Qulqullina Tajaajiloota Bu’uuraalee Misooma Guddisuu

Safartuulee fi Maniiwwaan:

Ijaarsa Daandii Dhagaa Bocamaa (Coblestone) KM 1204, Daandii Cirrachaa KM 4560, Daandii Keessa Keessa KM 6190, Daandii Asfaaltii KM 102 ,Bo’oo Lolaa KM 2485, Sarara Bishaani Dirirsuu KM 3105, Sarara Ibsaa Daandii irraa KM 3490, Suphaa daandii Asfaltii 32, Suphaa daandii cirrachaa 3980, Iddoo Olma Dargaggoo 480 , Riqicha Xixxiqa 1502 ,Ijaarsa Buufaata Konkolaataa 292, Mana Fincaanii Ummataa 1952,Ijaarsa Qeeraa 360, Iddoo balfa gogaan itti gatamu 49 ijaaruu, Iddoo balfi dhangala’aan itti gatamu 47 fi Iddoo Oomishaa fi Gurgurtaa (Sheedii) IMX 7003 hojjaachuuf karoorfameera

Piroojaktii Babal’ina Bu’uura Misooma Magaalotaa

Hojiiwwan Gurguddoo


  • Leenjiin REP, AMP, CIP, PP, fi Galii manneen qopheessaa, dambii bulchiinsa faayinaansii, IBEX, Oditii, kkf irratti leenjii gabaaba leenjifamtoota 5000 kennuu;

  • Dambii bulchiinsa faayinaansii irratti magaalota 46 fi godinaalee 18 leenjiin barumsa namusaa leenjifamtoota 3000 kennuu;

  • Magaalota rifoormii keessa jiraniif ULGDP keessa hingalle hundumaa baajata jajjabeesituu (Incentive Fund) mootummaan naannoo oromiyaa hayyameen hojimaata magaalota ULGDP gara magaalota kanaatti fiduun ittiin hojjachuu

  • Magaalotni kun dokumentoota hojii kanaaf isaan barbaachisu kan akka CIP, REP, fi AMP akka qopheeffatan deeggaruu fi dhuma irrattis ‘Action Plan’ fi ‘Procurement Plan’ akka qopheeffatan gochuu

  • Leenjii adda addaatiin humna namaa (focal persons) fi gaggeesitoota magaalota kana irra jiran cimsuu,

  • Magaalotni kun yoo xiqqaate baajata mootummaan naannoo kennuufiin walsimsiisuuf (matching fund) kan naannoon rammadu irraa manni qopheessaa waggotan shanan dhufaniif %30 dabaluun akka ittin hojjatan gochuu, kana mirkaneeffachuuf hordoffii fi to’annoo cimaa taasisuu

  • Uummanni of danda’ee qofaatti hojii hirmaannaa ummataan bu’uuraalee misoomaa akka hojjatu karoora ofdanda’een akka hoogganamu gochuu

  • WIMM-godinaalee waliin ta’uun muuxxannoo magaalota gurguddoo irratti fi hojiimaata hammayyaa’aa magaalota xixiqqoo keesssatti babal’isuuf leenjii adda-addaa qopheessuu,

  • Magaalota ULGDP kudha tokko(11) keessaa isaan hanga bara kanaatti raawwii ol’aanaa (Accelerated Performance) keessa galan jajjabeessuuf sirna badhaasaa biiroo waliin ta’uun qopheessuu

  • WIMM-godinaalee ofdanda’anii magaalota isaan jala jiraniif hordoffii fi deeggarsa akka taasisan leenjii hojii irrattii kennuu fi gahoomsuu

  • Hojiiwwan bu’uura misooma magaalaa, magaalota sadarkaa 3ffaa isaa gadi jiran keessaatti sirriitti karoorfamuu isaa, magaalonni kun qixa karoorri barbaaduun hojii keessa galuu isaanii hordofuu godinaalee waliin ta’uun deeggaruu,

  • Hojiiwwan bu’uuraalee misoomaa kana baajata naannoon kennuuf magaalotaa fi hirmaannaa uummataan ala hojjatamanis deeggarsa barbaachisaa kennuu,

  • Bulchiinsi Magaalaa uummata waliin ta’uun hojii bu’uuraalee misoomaa akka hojjatu hordoffii fi deeggarsa gochuu

Kayyoo 10: Qulqullina Konistiraakshinii Fooyyessuu

Safartuulee fi Maniiwwan:



  1. Dizaayinoota ijaarsa pirojeektoota bajaata mootummaan fi dhuunfa gaggeeffaman 6500 mirkaneessuu;

  2. Magaalota labsiin gamoo keessaatti mirkanaa’ee keessatti gamoowwan 9600 ijaaramaniif hayyama itti fayyadamumma akka argatan tasisuu.

  3. Iddoo Labsiin Gamoo hojii irra oluu keessatti qulqullinaa fi sadarkaa ijaarsa piroojektoota baajata mootuummaatiin fi dhunfaan hojjataman to’annoo projeektoota ijaarsa gaggeessuun qulqulina ijaarsaa sadarkaa %85 irra jiru %90 akka qaqqabu xiyyeeffannoon hojjachuu.

  4. Kafaltii hojii ijaaarsaa projektiif qophaa’ee dhiyaatu xiinxaluun 10,450 mirkaneessuu

  5. Walharkaa fuudhiinsa isa duraa/ dhumaa ijaarsa projeektii xumurame 9790 raawwachuu.

  6. Hojii inspeekshinii ijaarsa piroojaktoota mootummaa 1960 gaggeessuu

  7. Piroojektoota ijaarsaa gaggeeffaman Ijaarsi isaanii haala waliigaltee raawwatameen hojjatamuu %72 irra jiru gara %82 tti akka olguddatu xiyyeeffannoon hojjachuu;

  8. Heyyama Kontraaktaroota harawaa kennuu 940, haaromsuu 820 fi olguddisuu 320

  9. Heyyama Gorsiitotaa harawaa 96, Haroomsuu 124, Olguddisuu 25;

  10. Dizaayiniiwwan 7646 qopheesuu fi 8476 iddoo ijaarsaan wal-simssiisuu

Sagantaa Ijaarsa Dandeettii Industrii, Konistraakshinii fi Reegulaatorii

Hojiiwwan Gurguddoo

Hojiiwwaan ijaarsaa naannicha keessatti gaggeeffaman akkaataa seeroota ijaarsaa bahaniin sadarkaa isaanii eeganii akka raawwataman taasisuufi inspeekshinii geggeessuu, naannichaa keessatti ijaarsii haala waliigalteen raawwachuu isaa inspeekshinni projeektoota irratti gaggeessuu, yeroon kafaltii ijaarsa haala JBAHttin raawwachuu isaa inspeekshinni gaggeessuu, meeshaalee ijaarsaa naannoo keessatti argaman qorannoo gochuuf yuniivaarsiitii tokko waliin waliigaltee uumuu; humna keessaa fi alaa ilaallatu fayyadamuun seeroonni ijaarsaa damee kanaa waliin wal-qabatan /labsii gamoowwanii, to'annoo ijaarsaa fi kkf./hunda naaannoo keessatti/magaalota keessatti /hojii irra ooluu isaanii inspeekshinii geggeessuu.

Kayyoo 11: Gurmaa’insaa Magaalaa fi Waldaalee Foyyeessuu

Safartuulee fi Maniiwwaan:


  • KGT 2ffaa keessatti magaalonni haaraan 139 (GGB 140 qaama seerummaa ni argatu) uumamu akka danda’uu xinxalame jira.Haala kanaan, magaalota amma jiran irratti magaalonni haaraan 139 yoo dabalame xumura KGT 2ffaa tti baay’inni magaalotaa naannoo keenya 768 ni ta’a.

  • Bara KGT 2ffaa keessaa magaalotni 283f sadarkaan guddina ni kennama.

  • Piroofaayiliin magaalota 873 qinda’ee ragaan isaa qaama ilaallatuuf ni kennamu.

  • Walitti hidhaamiinsii magaala fi magaala 428 magaalota duraan turan jiddutti kan umaamu yoo ta’u, magaalota haaraa bara KGT kana keessa hundeeffamaan 56 jiddutti walitti hidhaamiinsii ni raawwaata. Akka waligalaatti WHM fI M 484 ni raawwata.

  • Walitti hidhaamiinsii Magaala, dhaabbilee barnoota fi induustriiwwaan gurguddoo 46 ni raawwaata.

  • Magaalota haaraa 140 hudeeffaamani fi kanneen sadarkaan guddina kennamuuf 283f caasaan sadarkaan isaaniin gitu waligalaa 423 qophaa’ee karaa qaama dhimmi isaa ilaallatuu mirkaana’ee akka kennamuuf ni ta’a

  • Caasaa Magaalotaa fi Godinalee irraa namoota 900f Leenjii kennuun dandeetti raawwaachisummaa isaanii cimsuu,

  • Hariiroo obbolleetummaa magaalotaa 5 gidduutti akka umamuu hordoffii fi deggarsa tasisuu

Sagantaa Fooya’insa Hirmaana Uummataa fi Bulchiinsa Alwaaltessaa

Hojjiiwwaan Gurguddoo



  • Qorraannoo, hawaas-diinagdee wiirtuu gandoota baadiyyaa amala magaala qabaan IMMG qorratamee dhiyaaterrattii xinxaala gaggeessuun kan ulaaga qajeelfammarra ta’ee guutuu danda’an qaama seerumma akka argatan gochuudhaa.

  • Kan ulaagaa guutanii qaama seerumaa argatan waraqaa qaama seerumaa fi caasaa sadarkaa isaanin waligittu qopheessanii qaama dhimmi ilaalatuun mirkanneessan kennuu.

  • Qorrannoo hawaas-diinagdee magaala qaamotaa gaditti qoratamee dhiyaatee, ulaagaa qajeelfamee, 07/2000, ba’eerrati bu’urrefachuun xinxaala gaggeessuun, kan ulaagaa guutan, sadarkaa isaanii foyyeessuun,

  • Kana sadarkaa guddinaa argataaniif xalayyaa sadarkaa isaanii foyya’uu agarsissu fi caasaa sadarkaa magaalichaa waliin walgittuu qopheessun qaama dhimmi ilaalatun mirkaneessun kennuu.

  • Magaalon gandootaa baadiyyan magaala marsanii argamaan dhimmotaa walin irrati hojjachuu danda’aan qorannoon adda baasun akka waliin hojjatan mariisisuu

  • Dhimmotaa gandaa baadiyyaa fi magaalaa walin irratii hojjachuuf walii galamee sanaa sandii waligaltee mallateessuun akka irrati hojjataan gochuudha.

  • Hoggansii isaan haala hirmaachisaa akka ta’uu koree qaamaa lamaaniraa walitti ba’ani hundeessuu sagantaa ta’’ee akka hogganamaan gochuu

  • Haala proofaayili, magaala guutamee godinarraa ergamuu, uunkaaf gucaalee baasanii gadii buusun, isaa deeb’ee, galmeessuun,

Kaayyoo 12: Gahumsa Dargaggootaa fi Dubartootaa Guddisuu

Safartuulee fi Manniiwwan:



  • Dhimma Korniyaa idilleessuu irraatti hubbannoo seektaroota magaala %38 irra jiru gara %50 tti ol-guddissuu;

  • Carraa hojii umamuu (BIMMO,Godinalee,Magaala) keessatti dubaartoota %50 fayyadamoo taasisuu,

  • Carraa hojii Dargagootaf bu’uuralee misooma (Kobilstoon, Dandii ciraacha, Qulqulina fi magaarisuu,fi k.k.f) umamuu keessatti namoota 20,000(Dhabbii 5000 fi yeroon 15,000) ni umama.

  • Fayyadamummaa dargaggootaa ,ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS irratti leenjii leenjifamtoota 200 kennuu

Sagantaa Koorniyaa Idileessuu, Misooma Dargaggootaa fi Dubbartootaa

Hojiiwwan Gurguddoo

Sadarkaa naannoo irraa hanga caasaa gadii jirutti seeronni, qajeelfaamoonni fi danbiileen mirga dubartootaa kabachiisuuf mootummaan baase hojii irra akka oolaan taasissuun rakkoo hawaasummaa dubbartoonii fi dargaggoonni qaban hiikuf fedhii leenjii adda baasuun sadarkaa adda adda irra dubbartootafii fi dargaggoota jiraniif leenjii kennuu. Akkasumas, rakkoo manaa jireenya dubbartoota mudatuu fi dhiibbaa gama kanaan jiru salphiisuuf carraa jiru kamuu keessatti dubbartootni fi dargaggoonni akka fayyadammoo ta’aniif hojeechuu fi dubbartoota hojii dhabbeyyiin IMX fi waldaa adda addan akka gurma’aniif jajjabessuu.

Kayyoo 13: Hojimaata Bulchiinsa Gaarii fi Kenna Tajaajilaa Fooyyeessuu.

Safartuulee fi Manniiwwan:


  • Kennaa tajajila Mana qopheessa %75 irra ture gara 95% olgudisuu

  • Maanuwwaalii Bulchiinsa Gaarii irratti qaamoota dhimmi ilaalatuuf 168,300f hubannoo uummuu

  • Humna raawwii magaaloota cimsuuf hogaantoota fi hojjatoota magaaloota leenjii yeroo gababaa 3000 fi leenjii yeroo dheeraa namoota 500 ta’aniif ni kennama,

  • Tajaajiloota mana qopheessaa kodifaayid ta’an 12 irratti madaaltotni 60 ni horatamuu,

  • Istandardayizeeshini kenna tajaajila sadaarka qophaa’ee fi fulduuratti qophaa’uu irraatti leenjiin leeenjistoota namoota 450 ni kennama

  • Ogummaa magaalaa irratti namoota 6,372 leenjii ‘level I-V’ akka fudhatan taasisuu;

  • Muuxannoowwaan gaarii raawwii Qajeeltoowwan bulchiinsa gaarii keessatti argaman 5 qindeessuun, Godinaa fi B/Magaalootaatiif akka babalatu taasisuu

  • Maanuwwalii rakkoo bulchiinsaa gaarii hiikuu danda'u 5 qopheessuu

  • Xiinxalaa hojii irraa olmaa bulchiinsaa gaarii gaggeessuu sadarkaa irraa jiru adda baasuun dokimeentii 10 qopheessuu

Sagantaa Ijaarsa Bulchiinsa Gaarii Magaalaa

Hojiiwwan Gurguddoo



  • Ragaa Magaalota irraa ergaman dhugummaa isaanii, seera eeganii dhiyaachuu isaanii qulqulleeffachuu

  • Magaalonni keenya ayyaana torbee magaalotaa magaalaa dirree dhawaatti kabajamu irratti akka hirmaatan gochuu,

  • Magaalonni akka hirmaataniif kakaasuu, jajjabeessuu, yeroo hirmaatanis dorgomanii akka injifachuu danda’aniif cimsuu,

  • Gosa tajaajilaa 12n addaan bahan irratti magaalota rifoormii 43 keessatti leenjiin ’level 1-5’ tti akka kennamuuf magaalota waliin hojjachuu,

  • Humna namaa leenji’u magaalonni akka adda baasan gochuu,

  • Namoota hojii dhabeeyyii irratti akka xiyyeeffatamu gochuu,

  • Dhaabbanni BLTO leenjii akka keennu haala mijeessuu,

  • Nammota leenjii isaanii xumuran madaallii gahumsa ogummaa argatan gara madaaltotaatti guddisuu,

  • Magaalonni humna nama barnoota galuu qabuu akka addaan baasan gochuu,

  • Biiroo Siviil Sarvisii fi Bulchiinsa Gaarii waliin qindoominaan hojjachuu,

  • Dhaabbilee carraa barnootaa kennan waliin qindoominaan hojjachuu,

  • Magaalota keessatti bakka hanqinni ogeessaa jiru addaan baasuun humni barate kun akka ramadamu gochuu



Kayyoo 14: Hirmaannaa Uummataa Ijaarsa Raayyaa Misooma fi Qindoomina Qooda Fudhaatoota Guddisuu

Safartuulee fi Manniwwan

Baay’inaa ummataa hojii misoomaa irraatti hirmaachisuu %40 irra ture gara %70 ol-guddisuu

Hirmaannaa Ummaataa fi qooda fudhattoota %30 irra ture gara %50 tti olguddisuu

Maanuwalii hirmaanna uummataa irratti hoggansaa fi ogeessa magaalaa namoota 3740 hubannoo uumuu



Hojiilee Hirmaanna Ummataa qofan Hojjataman

Daandii Cirraachaa km 1970, Cobble stonekm 240.7, Bo'oo Lolaa (ditch) km 650, Sarara Ibsaa Diriirsu km 925, Sarara bishaanii diriirsuu km 1552, Daandii keessa keessaa Haaraa km 2210, Suphaa daandii cirrachaa km 2485, Mana fincaanii uummataa ijaaruu 585, Balfa gogogaa m 3 1,750,000 kaasuu, Biqiltuu 45,000,000 dhaabuu, Waajjira gandaa 290 ijaaruun karoorfamaniiru,

Hirmaannaa Humna namoota 22,846,545 irraa turee waggottan shanan dhufan keessatti gara 28,900,000 ,Mallaqaa caallaa qarshii Mil. 862,701,741 irra ture gara qarshii Bil 1.25 guddisuu fi deeggarsa meeshaa tilmaamaa Qarshii 380,000,000 hojiilee bu’uuralee misooma adda addaaf akka olan ni taasifama

Sagantaa Qindoomina Qaamolee Misoomaa, Fooyya’iinsa Hirmaannaa Uummataa

Hojiiwwanii Gurguddoo

Sadarkaa hundatti sochii ummataa fi jijjiiramaaf sochii taasifamuuf qophii gahaa fi gamaaggama raawwii cimaa taasisuun yeroo yeroon jiraattota magaalaa waliin waltajjii marii uumuu; hooggantootaf leenjii gaggeessumma/leadership/ irratti leenjii itti fufiinsan kennuu; akkasumas, imaammataa, taarsimowwan mootummaa fi yaadota haaraa irratti waggaa waggatti yeroo lamaaf waggotan shananiif hooggansaafi ogeeyyiif leenjii hubbannoo cimsu kennuu hojii xiyyeffanoon hojjeetamu. Dabaltaan,Dhabbataa Leenjii BLTO waliin qindoomina uumuudhaan misooma jalqabame fiixaan baasuuf oggeeyyi giddugaleessa barbaachisan akaakuu barnoota adda addaa irratti leenjiin akka kennamu haala mijeessuu fi kaayyoo leenjichaa irratti leenjifamtootaaf hubannoo uumuun leenjifamtootni akka leenji’an erguu; kanneen leenjicha gahumsaan darbaniif waraqaa ragaa mirkaneessa gahumsaa kennuu.

Hojiiwwan misooma magaalota keessatti gaggeeffaman karoorsuu irraa kaasee hanga raawwii fi gamaaggama isaatti magaalonni uummata akka irratti hirmaachisaniif deeggarsa gochuun uummani magaalaa kallatti hundaan/ humna, beekumsa, mallaqaa fi maateeriyalidhaan hojii misooma irratti akka hirmaatu taasisuu fi abbaan qabeenyummaa akka ittii dhagahamuuf hojii hubbannoo cimsuu uummataa biratti hojeechuu yoo ta’u; keessatuu magaalonni hirmaanaa ummataa sadarkaa sadarkaan addaan baasuun /abbootii qabeenyaa, daldaltoota, hojjataa mootummaa fi jiraataa magaalaa/ akka hirmaachisan gochuuf leenjii kennuu; magaalonni tooftaa ummatni odeeffannoo ittiin argatu mijeessuun (hawaasa mari’achisuun, gabatee odeeffannoo dhaabuu fi kkf ), hojii irra oolu isaanii, (information dessimenation) kurmaana kurmaaanan waggotan shananiif hordofuu.

Kayyoo 15: Muuxannoo Gaarii Qindeessuudhaan Babal’isuu

Safartuulee fi Manniiwwan:


      1. Muuxannoo gaarii kenna tajaajila mana qopheessaa fi kanneen biro irratti muxxannoowwan 10 qindeessuun baabal’isuu;

      2. Baay’ina magaalota of dhaadheessuu keessa galan 266 tti olguddisuu

Kaayyoo 16. : Sirna Hoggansa Odeeffannoo fi Ragaa Fooyyeessuu

Safartuulee fi Manniiwwan:



  1. Baay’ina Ragaa hawaasummaa adda addaa 4550 mirkaneessuu;

  2. Odeeffanno yeroodhaan dhiyaate %75 irraa gara %95tti guddisuu

  3. Qulqullinna odeeffannoo %89 irraa gara %96tti guddisuu

  4. Qulqullina ragaa %75 irraa gara 85tti guddisuu

Sagantaa Misooma Teeknolojii fi Bulchiinsa Ragaa fi Odeeffanno (Data Base)

Hojiiwwan Gurguddoo



Abbootii dhimmaa sadarkaa gadii irraa xumuratanii ragaa fuudhaa fi heerumaa, ragaa gaa′ela irraa bilisaa, ragaa du′aa fi kkf mirkaneeffachuu fi gara keenya dhufaniif karaa saffisa fi iftomina qulqullina qabuun keessumeessuu; ragaa qabiyyee lafa magaalaa waliin wal qabatee jiru qulqulleessuun akkaata itti fayyaadama lafa qophaa’een zoonii fi bilookii addaan baasuudhaan koodii kennuu; bal’ina lafa fi daangeessiitoota lafaa kallatti arfaaniinnu adda baasuun galmeessuu fi lafa gosaa tajaajila adda addaatiif oolu abbaa qabiyyeetiin addaan baasuudhaan galmeessuu yoo ta’u; yeroo galmeen lafaa gaggeeffamu garaagaruummaan waraqaa fi lafa irra jiru addaan baasanii galmeessuu, ragaa argame qindeessuudhaan sirreeffama taasiisuu dhaan iddoowwaan gadi lakkifaman kana galmeessuun qaama beeku qabu beeksisuu.

Yüklə 1,3 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin