Qorannoo fi dizayinii jallisii Maayikiroo( boollaa gabaabaa, haroo maatii ,triidil paampii, "rope and washer") gaggeessu bara ka’uumsa karoorichaatti lakkoofsan 1,230,686 irra kan ture bara xumura karoorichaatti 2,421,674 ol-guddisuudhaan uwwisa lafaa qorannoo fi dizayinii jallisii Maayikiroo( boollaa gababaa, haroo maatii, triidil paampii, "rope and washer") heektaara 78,200.5 irraa gara 235,914akka guddatu ni taasifama
Qorannoo fi dizayinii jallisii xixiqqaa gageessuu bara ka’uumsa karoorichaatti lakkoofsaan 448 irra kan ture bara xumura karoorichaatti 901 ol guddisudhaan uwwisa lafa qorannoo fi dizayini jallisii xixiqqaa hektara 52,312 irraa gara 105,218akka guddatu ni taasifama.
Qorannoo fi dizayiinii jallisi giddu gallessaa gageessun bara ka’uumsaa karoorichatti lakkoofsaan 22 irra kan ture bara xummuraa karoorichaatti 44 ol guddisuudhan uwwisaa lafa qorannoo fi dizayiini jallisii giddu galleessaa hektara 12,992 irraa gara 25,665akka guddatu ni taasifama.
Qorannoo fi dizayiinii jallisi gurguddoo gaggeessun bara ka’uumsaa karoorichatti lakkoofsaan 3 irraa kan turee bara xummuraa karoorichaatti 23 ol guddisuudhan uwwisaa lafa qorannoo fi dizayiini jallisii giddu galleessaa hektara 15,000.00 irraa gara 45,776.00akka guddatu ni taasifama
Qorannoo fi dizayiinii jallisi sadarkaaol guddisuu bara ka’uumsaa karoorichatti lakkoofsaan 31 irraa kan turee bara xummuraa karoorichaatti 62 tti ol guddisuudhan uwwisaa lafa qorannoo fi dizayiini jallisii sadarkaa ol guddisuuttin hektara 1664 irraa gara 3,242akka guddatu ni taasifama
Qorannoo fi dizayiinii jallisi cophaa (drip irrigation)bara ka’uumsaa karoorichatti lakkoofsaan duwwaa irraa kan turee bara xummura karoorichaatti 12 tti ol guddisuudhan uwwisaa lafa qorannoo fi dizayiini jallisii cophaa (drip irrigation) hektara xiqqaa irraa gara 360akka ol guddatu ni taasifama
Qorannoo fi dizayiinii jallisi ispriinkilariibara ka’uumsaa karoorichattilakkoofsaan1 irraa kan turee bara xummuraa karoorichaatti 20 tti ol guddisuudhan uwwisaa lafa qorannoo fi dizayiini jallisiiisprinkilarii hektara 20 irraa gara 400akka ol guddatu ni taasifama.
Galma 3. Filannoo bishaanii Q/H/bulaa hundaaf uumuu.
Ijaarsi boolla gabaabaa gaggeessuunbara ka’uumsaa karoorichaatti lakkoofsaan1,221,600 irraa ture bara xumura karoorichaatti 2,358,791 ol guddisuudhan lafa boolla gabaabadhan misoomu hektaara 73,295 irraa gara 147,424 akka guddatu ni taasifama.
Ijaarsi haroo maatii gaggeessu bara ka’uumsa karoorichaatti lakkoofsaan 415 irraa kan turee bara xummuraa karoorichaatti 37,044 ol guddisuudhan lafa haroo maatiidhan misoomu hektara 569 irraa gara 59,566 akka guddatu ni taasifama.
Ijaarsi pampiitriidilii gaggeessudhan bara ka’uumsa karoorichaatti lakkoofsaan 6119 irraa kan turee bara xumura karoorichaatti 13,378 ol guddisuudhan lafa pampii triidili misoomu hektaara 3059 irraa gara 6,689 akka guddatu ni taasifama.
Ijaarsi“rope and washer”gaggeessuudhaan bara ka’uumsa karoorichaatti lakkoofsan 2552 irrature bara xumura karoorichaatti 12461 ol guddisuudhan lafa“rope and washer” gaggeessudhan misoomu hektara 1,276 irraa gara 6,230 akka guddatu ni taasifama.
Galma 4.Ijaarsa piroojektoota misooma jallisi ammayyaa gaggeessu
Sochii misoomni jallisii akka biyyatti gaggeefamu ergaa jalqabamee bara dheeraa kan lakkoofsise yoo ta’es yeroo darbee keessatti imaamataa fi tarsiimoo sirriidhan hogganamaa waan hin turreef sadarkaa guddachuu qabun osoo hin guddatin gangalachaa dhufee jira. Kana irraa kan ka’ee hangaa yeroo dhiyootti piroojektootni misooma jallisii ammayyaa hangaa barbaadamuu osoo hin babal’atin turee jira. Kanaafuu, rakkoolee dameen kun akka hin guddanne sakaalanii (danqanii) qaban hundee irraa hiikudhaan ijaarsi piroojektoota misooma jallisi ammayyaa akka babal’atuu ni taasifama.
Maniiwwan
Ijaarsi piroojektoota jallisiixixiqqaa gaggeessuu bara ka’umsakaroorichaatti lakkoofsan448 irra kan ture bara xumura karoorichaatti gara 877 ttii ol’guddisuudhan lafa jallisii xixiqqaadhan misoomu hektara 52,312 irraa gara 105,218 tti akka guddatu ni taasifama. Bu’uruma kana bara jalqabaa karoorichatti qonnaan bulaa fayyadamaa ture lakkoofsan 144,015 kan ture bara xumura karoorichaatti gara qonnaan bulaa 420,872 tti ol’guddisuuf karoorfamee jira.
Ijaarsi piroojektoota jallisii giddu galleessaa gaggeessuu bara ka’uumsaa karoorichaatti lakkoofsaan22 irrature bara xumura karoorichaatti gara 40 ttii ol’guddisuudhan lafa jallisii giddu galleessaatiin misoomu hektara 12,992 irraa gara 23,510 tti akka guddatu ni taasifama. Bu’uruma kana bara jalqabaa karoorichaatti qonnaan bulaa fayyadamaa ture lakkoofsaan 25,984 kan ture bara xumura karoorichaatti gara qonnaan bulaa 420,872 tti ol’guddisuuf karoorfamee jira.
Ijaarsi piroojektoota jallisii gurguddoo gaggeessu bara ka’umsa karoorichaatti lakkoofsaan 2 irra kan ture bara xumura karoorichaatti gara 11 ttii ol’guddisuudhan lafa jallisii gurguddaadhan misoomu hektaara 7433 irraa gara 75,313 tti akka guddatu ni taasifama. Bu’uruma kana bara jalqaba karoorichaatti qonnaan bulaa fayyadamaature lakkoofsaan 9,943ture bara xumura karoorichaatti gara qonnaan bulaa 188,283 tti ol guddisuuf karoorfamee jira.
Ijaarsi piroojektoota jallisiiispiriinkilarii gaggeessu bara ka’umsa karoorichaatti lakkoofsaan1 irraa ture bara xumura karoorichaatti gara 20 ttii ol’guddisuudhan lafa jallisii ispirinkilariidhan misoomu hektaara 20 irraa gara 400 tti akka guddatu ni taasifama. Bu’uruma kanaan bara jalqaba karoorichaatti qonnaan bulaa fayyadamaa ture lakkoofsaan 67ture bara xumura karoorichaatti gara qonnaan bulaa 1600 tti ol’guddisuuf karoorfamee jira.
Ijaarsi piroojektoota jallisiiCophaa(drip irrigation)gaggeessu bara ka’umsa karoorichaattilakkoofsaan duwwaa irraa ture bara xumura karoorichaatti gara 32 ttii ol guddisuudhan lafa jallisii cophaa(drip irrigation)dhan misoomu hektaara duwwaa irraa gara 960 tti akka guddatu ni taasifama. Bu’urumaa kanaanbara jalqabaa karoorichaatti qonnaan bulaa fayyadamaa ture lakkoofsaan duwwaakan turee bara xumura karoorichaatti gara qonnaan bulaa 3840 tti ol’guddisuuf karoorfamee jira.