Qabiyyee Fuula Kutaa Tokko: Seensa 2



Yüklə 0,51 Mb.
səhifə10/14
tarix23.11.2017
ölçüsü0,51 Mb.
#32617
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   14

Galiiwwan




      1. Hoggansi sadarkaa adda addaa irra jiran rakkoo ilaalcha, hanqina dandeettii fi gahumsa raawwachiisummaa qabaachuu

  • Dhimma galii ajandaa ooggansaa taasisuu dhabuu

  • Hojii ilaalcha jijjiruu hundeerraa jijjiruu dhabuu

  • Akkaataa guddina diinagdee biyyaattitiin galii duguuganii sassaabuu dhabuu



      1. Ilaalchii fi gochi kiraa sassaabdummaa seektara galii keessa jiru irratti akkaataa bu’uura irraa rakkinicha hiikuun qabsaawuu dhabuu

  • Naga’ee mana qopheessaa wacaalchisuu

  • Galii sassabanii hambifachuu

  • Naga’ee galii itti sassabame yeroon deebisiisuu dhabuu

  • Namoota yakka raawwatan gara kuteenyaan irratti qabsaa’uu dhabuu

  • Idaan K/G irra osoo jiru waraqaa qulqullinaa kennuu

  • K/G MGG bitatanii osoo hojii itti hin eegaliin jiran irratti tarkanfii fudhachuu dhabuu

      1. Gibira haqa qabeessa ta’ee fi yeroodhaan murteessuu dadhabuu.

  • Galmee kaffalaa gibiraa bara gibiraa keessatti oditii gochuu dhabuu fi gibira isa madaalu raga irratti hundaa’uun Gibiraa fi taaksii haqa qabeessa ta’e yeroodhaan murteessu dhabuu

  • Ragaa kaffalaa gibiraa galmee keessaa gatuu

  • Ragaa fudhatama hin qabnee baasiitti qabuu

  • Galmee herreegaa fudhatama hin qabne mirkaneessuu

      1. Abbootiin Alangaa keenya yakka gibiraa fi taaksii raawatamuu irratti murtii haqa qabeessa kennisiisuu irratti hanqinnii jiraachuu

  • Beellama irraa hafuu

  • Keewwata hin malleen himannaa dhiyeessuu

  • Galmeen himatamaa akka cufamu haala mijeessuu

  • Murtoon gadaanaa akka murtaa’u haala mijeessuu

  • Qabxii ijoo qabatanii dhiyaachuu dhabuu

      1. Gibira qonnaa fi itti fayyadama lafa baadiyaa kaffalchiisuu irratti buusii adda misoomaaf oluu kaffaltan malee gibira isinirra hin fuunu jechuun waan gaafatamuuf ummanni komii kaasa

      2. Komii fi tajaajila kafalaan gibiraa dhiheessuuf murtii haqa qabeessa fi si’aa’ina qabuu kennuu dhabu.

      3. Komeewwan tilmama gibiraa fi taaksi irratti boordii oliyyanootti dhiyaatan yeroo gabaabaa keessatti murtee kennuu dadhabuu

  • waraqaa qulqullinaa

  • TIN fi VAT argachuu

  • Qabannaa galmee daldaltootaa.

  • Komii gibiraa fi taaksii yeroon murtotoo kennuu irratti

  • MGG haaromsuu fi suphuun dafanii deebisuu irratti hanqinni jiraachuu

  • Galmee herreegaa bara baraan oditii gochuu

  • VAT ji’a ji’aan fageenya irraa deddeebi’uun godinatti beeksisuu

  • Kabajaa fi fuula gaariin abbaa dhimmaa simachuun keessummeessuu dhabuu

  • Rifandii yeroon murteessuu dhabuu

      1. Tilmaama murtii gibiraa sadarkaa “C” ragaa qabatamaa fi qulqulluu irratti hundaa’uun tilmaama galii guyyaa gaggeessuu dhabuu,

  • Xiqeessanii tilmaamuu fi kafalaa gibiraa loogiin walcaalchisuu.

  • Hunda bira qaqqabuu dhabuu

  • Walbeekumsaan bira darbuu

  • Kafaltoota gibiraa tiif akka barbaadamuun seera galii fi tajaajila ATGOnkennu irratti hubanoo gahaa uumuu dhabuu.

  • Sirnootni Bulchiinsa Gibira Mootummaa Qindaaé (SIGTAS), fi Meeshaa gurgurtaa galmeessu(Cash register machine) diriiranii osoo jiranii Magaalota tokko tokko keessatti maanuwaaliidhaan fayyadamuudhaan kiraa sassaabdummaa fi rakkoo bulchiinsa gaariif karra saaquu

      1. Ka’umsa Rakkoolee adda bahanii

  • Kutannoo dhabuu , Ittiin bulinnaa jirachuu akkasumas rakoon kiraa sassabdumma kan calaqqisu fi komitmentii dhabuu

  • Hanqina dandeettii fi Hanqina humna namaa jiraachuu

  • Hojii qindominaan hojjatamuuf xiyyeefanaa kennu dhabu.

  • Hojimaata mana mareen murtaa’ee hojiirra oolee jiru cabsuun Gibira Lafa Baadiyyaa waliin walqabsiisanii kafaltii buusii adda addaa gaafachu.

  • Gurmaainsaan walqabatee hanqina human namaa

  • Tilmaamnii galii guyya yaroon gaggeeffauu dhabuu fi sadarkaan kafalaa gibiraa adda bahuu dhabu.

  • Rakkoo ilaalchaa fi hojmaata barame keessa bahuu dadhabuu

      1. Rakkoolee adda bahan kana furuuf hojiilee hojjatamuu qaban

  • Hanqinaa dandeetii qabaniif Leenjii kennuu

  • Bakka rakkoon jirutti tarkaniif sirreefamaa fudhachuu

  • Qabsoo dhugaa gaggeessuu fi amantaan fi kutannoon socho’uu

  • Qajeelfama irratti hundaayuun sirna itti gaafatamummaa diriiree jiru hojiirra oolchuu.

  • Qaama dhimmi ilaaluu waliin mar’achuun furmaata itti kennuu

  • Sirana komii itti ilaalamu hangaa aanaatti diriirsun humna raawwachiisumaa cimsuu

  • Boordiin oliyyannoo Sadarkaa sadarkaan jiru xiyyeeffannoo itti kennuun dafee akka murteessuu yaadachiisuu

  • Qeelfama tilmaama galii guyyaa yeroo isaa keessatti akka raawwatu hojiirra oolchuu

  • Human namaa gahumsa qabuu ramaddu Hanqinaalee human namaa jiran guuttachuu fi Leenjii gaggabaaboo (on job training) kennuu

  • Sirna bulchiinsa gibiraa fi taaksii teknolojii ammayyaa’aa tiin deggeruudhaan tuttuqqaa namootaa irraa hojimaata bilisa taé uumuu fi karra kiraa sassaabdummaa cufuuf akka dandeessisu siistamoota kanaguutumaa guutuutti hojiirra oolchuu.

  • Gibira qonaa fi itti fayyadama lafa baadiyaa kaffalchiisuu irratti buusii adda misoomaaf oluu wajjin akka wal hin qabsiifne qajeelfama mana mare bara 1997 hojiirra ooleen akka sirraa’u gochuu.


2.10 Abbaa Tayitaa Geejibaa Oromiyaa

1. Rakkoo Gaaggeessumaa

Uummatni hoggansa sadarkaa sadarkaan kennamun komiin tajaajila argataniin wal qabatee ka'an; tajaajila ariifataa fi qulqullina qabu argachuu dhabuu, hojjataa rakkoo namusaa qabu hordofu dhabuu, hooggansi komii dhiyaatuuf deebii haatattamaa kennu dhabuun komilee gurguddoo hoggansa irratti ka'anii dha. Bu'uuruma kanaan manni hojii keenya hanqinoota gama hoggansaatiin jiru akka armaan gaditti adda baasee jira.

Hoggansi dandeettii raawwachisummaa isaa fi raawwattota sadarkaa sadarkaan jiran ciimsuu fi gahoomsuun rakkoo bulchiinsa gaarii akka hiikamu gahee gaggeesumaa bahuu irratti haanqina qabaachuu,

Rakkoolee bulchiinsa gaarii haawaasni kaasuu hiikuudhaaf hoggansi ofis karaa gurmaa’ee fi qooda fudhattota hirmaachisuun socha’uu irratti haanqina qabaachuu, hoggansi ilaalchaa fi gocha kiraa sassabdummaa irratti hadheefatanii qabsaa’uu dhabuu fi eddoo tokko tokkotti qodaa fudhachuu adda bahe jira.

Ka’umsa rakkoolee Hooggansaa wal qabatan, hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru kutannoo cimaadhaan hoganuu dhabu, gaggeesummaa iftoomina qabu kennu dhabun ilaalchaa fi gochaa kiraasassabdummaa irratti qabsa’uu dhabuu fi iddo toko tokkootti qooda fudhachuu,

Rakkolee gaggeessummaa adda bahaaniif furmaata kaa’amee Hoggansa hojii qabatamaa keessa galchuun raawwii hojii guyyaa guyyaa keessatti ijaaraa, gahoomsaa fi dandeetti raawwachisummaa isaa cimsaa deemu, hojimata ilaalchaa fi gocha kiraa sassabdummaa dadhabsisan diriirsuu, kutannoon irratti qabsaa'aa tajaajila qulqullinaa fi iftoomina qabu hojiirra oolchu, Iddoo rakkoon jiru tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun itti gaafatamummaa mirkeessuu, hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru qindoomina humnoota misoomaa sadan cimsuun hoggansa waliini kennun hojii isaa akka ciiminaan raawwatu taasisuu, komii ummata irraa ka’aan yeroo yeroon qorachuun adda baasuu fi sirna komii itti hiikamu diriirsun deebii hattamaa kennun rakkolee adda bahaan keessaa bahuuf dhimmoota xiyyeefannoon itti kennamani hojeetaman ta'a.



2.Rakkoolee Bulchiinsa Gaarii Kenna Tajaajilaan wal qabatan

Kenna tajaajila bal'aa abbaa taayita Geejibaa keessatti laatamu wal qabatee rakkoolee bulchiinsa gaarii adda bahaan komii hedduu kaasaa kan jiranii fi keessattuu Leenjii Ogummaa Konkolaachisummaa Kennamu waliin walqabatee ,Leenjii qulqullina qabu argachaa hin jiruu, Baasii hin maleef saaxilamaa jira, Ogeessota leenjii kennan biratti logummaan jiraachu isaa kaasaa jiru.

Ka'umsi rakkoo kanaas, Abban qabeenyaa ilaalcha qaxxaamuraan duromuu qabaachuu fi Hordooffii fi to'annoo abbaa taayitaa sadarkaa taasifamuu laafaa ta'u isaa hubatamee jira.

Rakkoo bulchiinsa gaarii kana hiikuuf, akka Furmaatatti kan ka'amee, Dhaabbileen leenjii hundi bu'uura istaandardiitiin akka leenjisuu taasisuu, Hordoffii fi to'annoo cimaa gaggeessuu warra rakkoo qaban irratti tarkaanfii sirreefamaa fudhachuu murtessaaa dha.dabalataan Ilaalchaa fi gochaa kirasassabdummaa naannoo kanaratti jiru qabsoo cimsuu gaggeessuu karaa ittifufiinsa qabuun kan raawwatamu ta’a.



3.Kadhimamtoota leenjii konkolaachisumaa irraa xumurani dhiyaataniif qormaata gahumsa konkolaachisummaa kennamun wal qabatee;

Komiin gama kanan hawaasa biraa ka’u, Yeroodhaan qormaatni kadhimamtootaaf kennamu dhabuu, Qormaatni kennamu logummaa qabaachuu fi Kiraasassabdummaan jiraachuu isaa hubatamee jira.

Ka'umsi rakkoo kanaas, Hanqina oggeessa, kadhimamtootni qormaataf dhiyaatan baay'achu, ilaalchaa fi gochaa kiraasassabdummaa

Rakkoo kana hiikuuf Furmaata ka'amee ilaalchisee, Sooft weerii galmeessaa fi qormaata guutuutti hojiirra olchuu, ogeessoota jiran qulqullinaan qormaata kennan taasisuu, qabsoo ilaalchaa fi gochaa kirasassabdummaa irratti cimsuu fi tarkaanfii sirreefamaa fudhachuu karaa ittifufiinsa qabuun kan raawwatamuu ta’a.



4.Konkolaachistoota gahumsi isaanii mirkanna’eef hayyama konkolaachisaa yeroo maxxansani kennu dhabuu waliin walqabatee komii hedduun ummata biraa ka’aa jira.

Haaluma Kanaan. Qormaata xumuree hayyama konkolaachisummaa argachuuf yeroo dheera tura, Hayyama maxxanfamee kan dhufee dhooksuun mallaqa itti barbaadun ni jira, Hayyama maxxanfamee dhufuu wal qabatee dogongorii ragaa jiraachuu fi yeroon sirreessu dhabuu akka jiru kaasaa jira.

Ka'umsi rakkoo kanaas yeroo xinxalamu, Ragaa hayyama konkolaachisummaa yeroon qindeessani maxxansaaf ergu dhabuu, ragaan dhufuus qulqullina qabaachuu dhabuu, back logiin waggaa heeddu jiraachu, hanqinni ogeessa jiraachuu, ilaalchaa fi gochaa kiraasassabdummaa akka ta’e hubatamee jira.

Rakkoo kana hiikuuf Furmaata ka'amee ilaalchisee, Ragaa maxxanaaf ergamu qulqullinaan akka qabaatu taasisuu fi back logii xumuruu, Soof weerii galmeessaa fi qormaata guutuutti hojiirra olchuu, qabsoo ilaalchaa fi gochaa kirasassabdummaa irratti cimsuun tarkaanfii sireefamaa fudhachuu,

Rakkoo kana hiikuuf, Yeroon itti karoorfame,Maxxansa back logii ilaalchisee hanga Ful. 30/2009itti xumuruu, Maxxansa hayyama konkolaachisummaa bu'uura soft weerii haaraatiin raawwachuun itti fufiinsaan karaawwatamu ta’ee, Hayyama konkolaachisummaa maxxanfamee akka abbaan dhimmaa beeku ifatti maxxansu itti fufinsaan kan raawwatamu ta’a.

5.Sakatta’a teeknika konkolaataa taasifamu wal qabatee
Sakatta’a teeknika konkolaataa taasifamu wal qabatee,Dhaabbileen sakkata'aa godinaalee hunda keessatti jiraachuu dhabuu,Taarifaa abbaan taayitaa murteesse ol gaafatamu, Konkolaataa gahumsa hin qabne logummaan dabarsuun akka jiru komii bal’aan ummata irraa ka’aa jira.

Ka'umsi rakkoo kanaa ilaalchisee, Abbaan qabeenyaa ilaalcha kara qaxxamuraan duroomu qabaachuu,Hordooffii fi to'annoon taasifamu laafuu akka ta’e hubatamee jira.

Rakkoo kana karaa hiika qabuun Furmaata ka'uuf, Konkolaatoota mil sadii fi mootor saayikiliif mashina sakatta'a socha'aatiin akka raawwatam tasisuu, Sakatta'aan teeknika konkolaataa waggaa raawwatamu maashina dhaabbata qofaan akka raawwatamu taasisuu fi Raawwii hojii dhaabbilee sakkata'aa hordoffii cimaa taasisuun tarkaanfii sirreefamaa fudhachuu akka furmaatatti adda bahee karaa itti fufiinsaan qabuun raawwatamuu qaba.

6.Sababa hanqina dhiyeessi boollo, gabatee, waraqaa abbaa qabeenyumaa (libree) kkf umamuun komii jiraachuu fi madda kirasassaabdumaa ta’u,

Ummanni keenyaa Sababa hanqina dhiyeessi boollo, gabatee, waraqaa abbaa qabeenyumaaGabateen, booloon, libreen fi kkf hin jiru jechuun nu deddeebisu,Dhiyeessi jiru logummaan kennu,Tajaajila kennamu wal qabatee dalaali jiraachu isa ifatti kaasaa jira.

Ka'umsi rakkoo kanaas, Hanqina dhiyeessi jiraachuu, kan dhiyaate iftoominan tajaajilamaa biran gahuu dhabuu, ilaalchaa fi gochaa kiraasassabdummaa akka ta’e hubatamee jira.

Kanaafuu, Bu'uura fedhii maamiltootatiin dhiyeessi barbaachisu yeroon dhiyeessu, kannen dhiyaatan ifatti ummataaf beeksisuun iftoominaan raabsu, dalaala naannoo kana jiru dhabamsisuu fi qabsoo ilaalchaa fi gochaa kirasassabdummaa irratti cimsuun tarkaanfii sirreefamaa fudhachuu akka Furmaatatti ka'amee jira . kanaafuu haala itti fufiinsaan qabuun raawwatamuu qaba.



7.Galmee abbaa dhimmaa dhooksuu, faayidaa itti barbaadu fi abbaa dhimma deddeebisu,

Galmee abbaa dhimmaa dhooksuu, faayidaa itti barbaadu fi abbaa dhimma deddeebisu ilaalchisee, Faayilli badee jechuun maamila deddeebi'u fi Kiraasassabdummaan jiraachuu kaasaa jira.

Ka'umsi rakkoo kanaas, Ilaalchaa fi gochaa kiraasassabdummaa, faayilli abba dhimmaa baay'achuu fi bifa ammaya'aatiin ka'aamu dhabuu,

Rakkoo kana hiikuuf, Ilaalcha hojeeta mana galmee sirreessuun mira itti gaafatamumaa qabuun hojeetan taasisuu fi kirasassabdummaa mana galmeen wal qabatee jiru qabsoodhaan sirreessuun tarkaanfii sirreefamaa fudhachuu, Faayiloota jiran haala qabatama isaanitiin sirreesun akka Furmaattti ka'amee jira.

Rakkoo kana huiikuuf, Yeroon itti raawwatamu:- rakkoo hanga ammaatti mul'atu qorachuun hanga caamsaa 30/2008 xumuruun itti fufiinsaan akka hordoofamuu ta'a

8.Ogeessotni/raawwattotni miira tajaajiltumaa qabaachu dhabuu fi maamiltoota sirnaan keessumeesu dhabuun deddeebisu,

Gama kanaan, Ogeessotni/raawwattotni miira tajaajiltumaa qabaachu dhabuu fi maamiltoota sirnaan keessumeesu dhabuun waan deddeebisaa jirunuuf hawaasni komachaa kan jiruufii, Sababa qubsaa malee nu deddebisu,Sa'aatti hojii mootummaa kabajuu dhabuutiin tajaajila yeroon argachuu dhabuu,ogeessotni tokko tokko rakkoo naamusaa qabaachuu isaanii ifatti kasa jiru.

Ka'umsi rakkoo kanaas,Mira tajaajiltumma qabaachuu dhabuu,Rakkoo naamsaa, ilaalchaa fi gochaa kiraasassabdummaa irraa kan maduu akka ta’e hubatamee jira.

Kanaafuu, Ogeessootni miira tajaajiltummaa qabaatani akka hojjeetan tasisuu, Hojii guyyaa guyyaa keessatti rakkoo naamusa ogeessa bira jiru sirressaa fi tarkaanfii fudhacha deemuun akka Furmaatatti ka'amee jira.



9.Taarrifni geejjibaa kabajamuu, caalmaa fe'amuu fi Kenni tajaajila buufata keessa jiru naamusa dhabuun imaltoota dhamaasu ilaalchisee

Gama kanaan ummatni, Kaffaltii geejjibaa taarifaa seeran murta’ee ol nu kafalchisuu,Konkolaattotni deddeebisa uumataa humna dandeetti fe’umsaa isaanii ol fe’uun mirga keenya sarbuu fi balaaf nu saaxila jiru, Wayaalotni nama arabsuu, ifachuu, dadarbuu fi kkf jechuun komii bal’aa kaasaa akka jiru hubatamee jira.

Ka'umsi rakkoo kanaa, Taarfa ol kafalchisu fi humnaa ol fe'uudhaan konkolaachistootni/ abboottiin qabenyaa u'aa hi malee argachuuf, To'anno daandi taasifamuu irratti too'atotni tiraafikaa seera darbittoota osoo argan faayidaadhaan irra darbuun jiraachun,To'annoon taasifamu cicciitaa ta'u, Rifoormiin geejjibaa gutumatti hojiirra oluu dhabuu,fi Qarshii sassaabdootni, hojeetootni waldaalee geejjiba naamusa qabaachuu dhabuu,

Rakkoo kana hiikuuf, Furmaata ka'amee ilalchisee, Konkolaatan buufata keessatti taarifaan kaffalchisee nagahee akka kennu fi humna ol akka hin fenee bifa addaatiin hordooffii cimaa taasisuu, Hubannoo konkolaachiistoota, qarshii sassaabaa fi imalaaf fulaaf fulaan fi mini midiyaa buufataatiin guyyaa guyyaatti kennu, Abbootti qabeenyaa deddeebisa uumataatiif yeroo yeroon hubannoo isaanii cimsuun tajaajili geejjiba akka foyya'uf gahee isaanii akka taphatan taasisuu, Baashaarii (wayaalaa) buufata keessaa baasuun hojii guyyaa guyyaa keessatti rakkoo naamusa buufata keessatti mul'atan sirressaa fi tarkanfii fudhacha deemuu, Rifoormii geejjibaa buufata konkolaataa keessatti guutumatti hojiirra olchuun iddoo rakkoon jirutti tarkaanfii fudhachaa deemu,

Rakkoo kana furuuf, Yeroon itti raawwatamu, Baasharii/wayaalaa uummata rakkisa jiran hanga Waxabajjii 30/2008tti guutumaatti buufata keessaa qulqulleessu, Rifoormii geejjibaa hojiira olchun itti fufiinsaan kan raawwatamu ta'a.

10. Rakkoo naamusaa to’attoota tiraafikaa biratti mul’atun fi seera darbittota irratti tarkaanfii fudhatamu ilaalchisee,

Gama Kanaan, Adabbiin seera darbiitoota irratti taasifamu loogummaa qabaachu, Rakkoo osoo argan konkolaachisootan wali gahun bira darbu, Kan isaaniin walii hin galee Sababa barbaadanii adabuu akka jiru kaasaa jiru.

Ka'umsi rakkoo kanaas, Rakkoo naamusaa ilaalchaa fi gochaa kiraasassabdummaa irra kan madduu ta’ee,rakkoo kanaaf, Furmaata ka'amees, To'attoota tiraafka rakko naamusa qaban irratti tarkaanfi sirreefamaa fudhachuu, Iddoo too'anoo ifa ta'ee adda baasuun to'annoo cimsuu, Dambii geejjibaa irratti haawasni hubannoo gahaa argatee mirga isaaf akka falmatu taasisuu,

Rakkoo kana hiikuuf, Yeroon itti raawwatamu,To'attoota rakkoo naamusaa qaban hanga caamsaa 30/2008 qulqulleessun itti fufiinsaan hordoofama,



11.Dhaqabamummaa tajaajila geejjiba magaalaa jiraachuu fi tajaajilamtoota baasii hin maleef saaxilu,

Gama Kanaan, Konkolaatan taaksii magaalaa gahaa ta'ee jiraachuu dhabuu,Sababa hanqina dhiyeessitiin feermaatawwan jiran kukuutani waan fe'aniif baasii dabalataatiif saaxilamaa akka jiru ummanii komii kaasaa kan jiru yoo ta’u,Ka'umsi rakkoo kanaas, Sarara bobbiin osoo hin tanee faayidaa isaanii giddu galleesa taasisani hojeechu,Konkolaattota jiran sirnan bobbi kennu dhabuu, Hordoofii fi to'annaa raawwattota geejjibaatiin raawwatamu laafaa akka ta’e hubatamee jira.

Rakkoo kana hiikuuf, Furmaata ka'amee ilaalchisee, Hanqinni dhiyeessi jiraatus konkolattota jiran sirnaan bobbasuu, qaamolee sagantaa bobbii magaalaa osoo hin kabajiin hojeetan irratti tarkaanfii sirreefama fudhachaa deemu fi Yeroo kuufamni uumataa jirutti furmaata addaa haatatamaan fi itti fufiinsaan akka raawwatamu gochuu dha.

12.Kenni tajaajila sarvisii hojjeettota mootummaan wal qabatee

Gama Kanaan rakkoon jiru, Konkolaataan gaaraajii gale yeroon hordoofani baasuu dhabuu, Konkolaataan amma jiru gahaa waan hin taaneef dabareen gargaaramuu fi baasii hin maleef saaxilamu, Naamusa konkolaachistoota tokko tokkoo rakkoo qabaachu hojjetoota mootummaa sadarkaa naannoo jiran irra hubatamee jira.

Ka'umsi rakkoo kanaas,Hanqina konkolaataa sarvisii, Konkolaachistootni tokko tokko naamusa qabaachuu dhabuu akka ta’e hubatamee jira.

Rakkoo kana hiikuuf Furmaatni ka'amee, konkolattota dabalataa sarviisiif olan bittamaani akka galan waliigalteen raawwatamee jira,Naamsa konkolaachistoota irratti mira tajaajiltummaa umuuf hojeechuun gamaagamaa tarkaanfii sirreefamaa fudhachaa deemu, gurmaa'insa isaa qorachuun garee tajaajila sarvisii of dandeesisanii baasuu,



Rakkoo kana hiikuuf, Caasaa of danda'en akka hogganamu qoranoo mootummaaf dhiyeessuun murtii akka argatuu ni taasifama, Bittaan konkolaataa dabalataa hanga wax. 30/2008 ni raawwatama,Naamusa konkolaachistoota ilaalchisee ijaaru fi cimsuun naamusa tajaajiltummaa akka horatan itti fufiinsaan kan raawwatamu ta’a.

13.Rakkolee qamoolee qindoominaa walin qabnu

  1. Seektaroota qindoominaa ATGeO fi KPO ilaalchisee;

  • Qindomina hojiin to'annoo poolisii tiraafikaa fi to'ataa geejjibaatiin raawwatamu seera eegsisaa kan hin jiree ta'u, kiraasassabdummaa babal'isaa jiraachu, seera alummaa hanbisuu dhabuu,

  1. Ka'umsi rakkoo kanaa

  • Qindoominaan waliin karoorsani yeroo yeroodhaan qaamolee to'annoo gaggeessan hordoffuun hogganu fi qorachaa deemu dhabuu

  • Faayidaa hin malee argachuu irraa madda,

  1. Furmaata ka'amee

  • Qindoomina seektaroota lamaanii cimsuu, karoora addaa rakkoolee bulchiinsa gaaii irrai xiyyeefate baafachuun ittiin hogganuu,

  • Iddoo rakkoon jirutti tarkaanfii sireefamaa fudhachuu,

  1. Yeroon itti raawwatamu :-

  • Furmaata asi olitti ka'aan hanga caamsaa 30/2008 kan hojiirra olchuu ta'aa,

  1. Hojii qindoominaan naannolee olaa walin hojjeennu ilaalchisee (Mootummaa Naannoo Uummata Kibbaa, Amaaraa fi Magaala Finfinnee)

  • Qindomina Magaala Finfinnee waliin tajaajila taaksii Magaalaa kennamu walitti hidhuu irratti (Ashawaa Meedaa hanga Markaatoo)

  • Uumatni sarara Amboo buufata Finfnnee Addis Katamatti fayyadamu wal qabatee komii kaasaa kan turee ta'uu,

  • Dandeett fe'umsa konkolaata deddebisa uummataa murteessun wal qabatee MNUKibbaa fi naannoo keenya gidduu garaagarumma teessoo jiraachuu isaatiin komii abbootti qabeenya kaasisaa kan turee ta'u,

  • Hayyama konkolaachisummaa yeroo naannoo keenya irraa kennamee konklaachistoota irraa sassaabuu fi rakkisuun konkolaachistoota irraa komii ka'u,

  1. Ka'umsi rakkoo kanaa

  • Rakkoo bulchinsa gaarii ka'aame adda baasuun marii waliinitiin hiikaa deemu dhabuu,

  1. Furmaata ka'amee

  • Rakkoo asi olitti ka'aaniif qaamolee dhimmii ilaaluu waliin mariin adeemsisuun kan hiikamu ta'a,

  1. Yeroon itti raawwatamu :-

  • Rakkoo hanga ammaatti jiran hanga Waxxabajjii 30/2008 hiikuudhaan ii fufiinsaan kan raawwatamu ta'a,

14. Ijaarsa Proojektoota kapitaalaa ilaalchisee

  1. Buufata Magaala Gimbii (Godina Wa/Lixaa)

Ijaarsi proojektii kana kan eegale bara 1999 yoo ta’u bara 2005 xumuramee hojii eegalee jira. Haa ta’u malee kontiraaktarootni sadii ta’aan proojektii kana irratti kan wal jijjiiramani raawwatame ta’uu isaa, teessumni lafa naannichaa fi amali biyyoo naannoo sanaa rakkisaa ta’uu isaatiin buufatichi tajaajila kenna osoo jiru “retaining walling” ijaaramee jiguu isaa fi wajjiiri ijaarames kanuma waliin rakkoo keessa waan jiruuf haawasni naannoo sanaa buufaticha irraa tajaajila gahaa argachaa kan hin jiree ta’uu isaatiin komii kaasaa jira.

Abbaan Taayitaa Geejjibaas rakkoo proojektichaa ogeessoota BIMMO qorachisuudhaan buufaticha suphuuf baajata qabatee bara 2007 caalbaasii yeroo lama baasuus sababa teessumma fi amala biyyoo naannoo sanaa waan rakkoo qabuuf dorgomtootni argamu hin dandeenye. Bara kanas Dizaayini isaa bifa addaatiin akka foyya’ee dhiyaatu taasifaamaa jira.



  1. Buufata Magaala Shaambu (Godina Ho/Gu/Wallagaa)

Ijaarsi proojektichaa bara 2004 kan eegale yoo ta’u baajatni qabamee 29, 316, 855.95 bara 2006tti xumuramee tajaajila kennu osoo qabu yeroo ammaa kanatti 85% irra jira.

  1. Ka’umsi rakkoo proojektichi yeroon xumuramu dhabee:-

  • Iddoon ijaarsa proojektii irratti mannen jiran yeroon qulqullaa’u dhabuu,

  • Rakkoo qulqullina dizaayinii proojektii,

  • Hanqina humna koontiraaktarichaa jiraachu,

  1. Furmaata ka’aame

  • Mannen daangaa proojektii keessatti jiran godinni hanga Ebla 15/2008 akka kaasisuu,

  • Kontiraaktarichi human guutuudhaan akka hojii keessa galu hordooffii wal irra hin citne taasisuu,

  1. Yeroo itti xumuramu qabu:- Hanga Adolleessa 30/2008 xumursisuu.




  1. Buufata Magaala Yaa’aballoo (Godina Boranaa)

Ijaarsi proojektichaa bara 2005 kan eegale yoo ta’u baajatni qabamee 47, 334, 550.81 bara 2007tti xumuramee tajaajila kennu osoo qabu yeroo ammaa kanatti 88% irra jira.

  1. Ka’umsi rakkoo proojektichi yeroon xumuramu dhabee:-

  • Rakkoo qulqullina dizaayinii proojektii,

  • Bara jalqaba proojekti irratti iddoon ijaarsa proojektii irratti mannen jiran yeroon qulqullaa’u dhabuu,

  • Hanqina humna koontiraaktarichaa jiraachu,

  1. Furmaata ka’aame

  • Rakkoo diizayinii BIMMO akka furuu,

  • Kontiraaktarichi human guutuudhaan akka hojii keessa galu hordooffii wal irra hin citne taasisuu,

  1. Yeroo itti xumuramu qabu:- Hanga Adolleessa 30/2008 xumursisuu.

  1. Rakkoo kana hiikuu dhabuun Itti Gaafatamummaa kan hordofsiisu ta’uu.

Rakkoolee bulchiinsa gaarii armaan olitti furmaataa fi yeroo itti raawwatamu waliin ka’aame hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru itti gaafatamummaa dhunfaa fi waliini kan qabaatu ta’ee tokko tokkoo isaa abba adeemsoota, raawwattota fi ogeessota hundaaf hojiin tokko tokko kennameef sirna itti gaafatamumaan diriirfamu qaba.


    1. Yüklə 0,51 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin