Qabiyyee Fuula Kutaa Tokko: Seensa 2


Hojiiwwan Misooma Industirii fi Ijaarsaa Dandeetti Konistiraakshinii



Yüklə 0,51 Mb.
səhifə12/14
tarix23.11.2017
ölçüsü0,51 Mb.
#32617
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   14

Hojiiwwan Misooma Industirii fi Ijaarsaa Dandeetti Konistiraakshinii


IMXwan garaa induustirii gidduu galeessatti ce’an deeggarsaa barbaachisa kennuu dhabuun walqabatee qaama dhimmi ilaallatu walin ta’udhan qajeelfami /paakeejii/ ifaa ta’ee hanga 30/08/08 qopheessuu, gaggeessitotaa fi hojjattootaa godinaa fi magaalaa hanqinaa qaban hanga 10/07/08 hubannoo akka argatan gochuu.

IMXwan ce’an qaamolee ilaallatuu waliin ragaa addaan baasuu fi deeggarsaalee adda addaa akka argatan haala mijeesuu dha.

Induustriiwwan ijaaramanii tajaajila keennuu dadhaban addaa baasani hojiitti galchuu dadhabuun walqabate Qe’ewan Industrii buleeyyi godina addaa keessa jiran sadarkaa raawwii pirojeektoota gamaagamudhaan adda basuu, lafa industriif fudhatan pirojeektii (kaayyoo) fudhatanif olchuu isaani adda basuu fi industiroota oomish irraa ga’anii dhaban rakkoo isaani qorachun rakkoo fura hanga 30/07/08 hojii keessaa akka galan tasiisuu dha.

  1. Hojiiwwan Misooma, Dabarsaa fi Bulchiinsa Manneenii


Ijaarsa Waldaa Mana Jireenya gurmma’ee hojii qabatamaa keessaa galchuu dadhabuu komii gudda kaasaa waan jiruufi dambiin qopha’ee xumurame waan jiruufi hordofuun mirkaaneessisuu, yeroo hafan keessatti lafa gahaa qopheesuun akka dhiyaatu tasiisuu fi waldaalee ijaaraman hojiitti galchuun kan hojjatamu ta’a.

Manneen jireenyaa waliinii ijaaraman guutumaatti dabarsuu dadhabuun walqabate bu’uuraalee misooma magalootiin akka galchan hordofuu, raawwii hojii guyyaa 15nin madaaluu dha.

Kireeffattoonni manneen qusannaa mana mootummaa kireeffatanii keessa jiraatan gurgurtaan darbeefii abbaa manaa ta’uuf gaaffiin dhiyeeffatan deebii dhabuun komii gudda kaasaa waan jiruuf haala qabatamaa manneen irra jiranii irratti hundaa’uun, gatii gabaa yeroo ammaa manichi baasuu danda’u /bu’aa fi kisaaraa qabu waliin ragaa manneen gandaa guutuu qindeessuu fi kaartaan akka qopha’u gochuu furmaataa ka’u dha.

  1. Hojiiwwan To’annoo Raawwii Pilaanii fi Magariisuu Magalotaa


Iddoo magariisummaa magaalaa akkaataa pilaaniin kabaachiisuu dhabuu ilaalchisee pilaanii magaalaa irratti hundaa’uun iddoo magariisuu magaalaaf qophaa’e (Green Infrastructure Components) magaaloota 16 fi godinaalee 18 keessatti akka adda ba’u gochuu ragaa isaa qabachuu, haaluma walfakkaatuun iddoon magariisummaa magaalaa akkaataa pilaanii magaalaa irra taa’een tokkoon tokkoo isaatiif saayitii pilaaniin akka qophaa’u gochuun kabajamee akka taa’u taasisuu dha.

Balfaa gogaa fi dhangalaa’aa yeroon kaasuu dhabuu ilaalchise balfa gogaa magaalaa keessatti oomishamu magalootaa 16 fi godinaalee 18 keessatti sirnaan qabuu (keessumattuu iddoo balfi gogaan itti kuufamee jiru adda baafachuun akka ka’u gochuu), haaluma walfakkaatuun balfa dhangala’aa magaalaa keessatti oomishamu sirnaan qabuu (keessumattuu iddoo balfi dhangala’aan itti kuufamee jiru adda baafachuun akka ka’u gochuu) fi iddoo gatiinsa balfaa sirnaan itti fayyadamuun komii ummata xiqqeessuuf xiyyeefannoo guddaan kan hojjatamu ta’a.


  1. Hojiiwwan Magaloomsuu, Bulchiinsa Al-walta’insaa fi Walitti Hidhaminsa Magalootaa


Rakko gandoota baadiyyaa pilaanii caasawwaa magaalotaaf hojjetameniif gara magaalatti daangeeffaman ilaalchisee; qorannoo magaalota 11 keessattii gageefamee Mana Maree Kaabinee BMNO tiif dhiyeessuu, murtee kenname magaalotaaf dabarsuun furmaataa dhumaa kennuu, magaalota rakkoo daangeeffamaa qaban adda baasuu, dhimma daangeffamaa irratti qorannoo geggeessuu, gabaasa qorannoo qopheessuun qaama murtee kennuf dabarsuu fi murtee kenname magaalotaaf dabarsuun furmaata dhumaa kennuudhaan xiyyeefannoo guddan ni kennama.

Adeemsa kenniinsa sadarkaa guddina magaalota ilaalchisee komii jiru irratti deebii kennuu fi magaalota komii qaban adda baasuu irratti hojjechuun hubannoo gahaa akka argatan gochuu, qorannoo geggeessuun bu’aa isaa Mana Maree Kaabinee BMNO dhiyeessuun akka mirkana’uu ta’a.

Walitti hidhaamiinsa magaalota akkaataa taarsiimoo jirun lafa kan hin qabanne dha jechuun komii/harcaatiin hojii/ jiraachuu, leenjii hubannoo fi ijaarsa dandeetti kennu, xiyyeeffannoo akka argatuu gochuu, cheeklistii hojii erguun sadarkaa hojiin irra jiruu fi rakkoolee jiran akkasumas, deeggarsa biiroo irraa barbaadan adda baasuun irratti hojjechuu.

Bu’aa raawwii gamaggaamuun duub-deebii kennuun walqabate hawaasa waliin marii taasiisuu fi cheekliistii qopheessuun rakkoon ture deebii sirrii argaachu isaa gamaaggamuu haalli kenniinsa tajaajila fi itti quufinsi ummaata maal akka fakkaatu xiinxaluun ni hojjatama.

Dhimma hojii waliinii irratti Waajjiraa Industirii fi Misooma Magaalaa (WIMM) Godinaa fi Manneen Qopheessaa Magaalota waliin qindoominaan hojjechuu ilaalchisee sirna wal-hordooffii/karaalee walqunnamtii kan akka imeelii, duub-deebii, xalayaa, faaksii fi bilbila haalaan itti fayyadamuu, deebii hatatamaa kennuu fi bu`a qabeessumaa isaa safaraa deemuu dha.

Hojiirra oolmaa rifoormii ilaalchisee hojiimaata isaa hordoofuun marii bilchaataa fi bu`aa qabeessa ta`ee gaggeessuu, sadarkaa gaditti hunma namaa fi sadarkaa ijaarsaa jiru adda baasuun irratti hojjechuu fi gaarii kan hojjetee jajjabeessuu fi yaraa kan hojjete barsiisuu yoo ta`uu baatee tarkaanffii irratti fudhachuu dha.

Walitti hidhamiinsa ministeera misooma magaalaa waliin qabu hojiiwwan lama (qaama seerummaa fi sadarkaa magaalotaa foyyeessuu) ilaalchisee waliin karoorsuu, hojii waliinii (alignment) irratti hubannoo gahaa ta`ee walii kennuu, gamaggamaaf qofa osoo hin taannee, adeemsa raawwii keessattii deeggarsaa fi hordooffii walii kennuu fi haala walqunnamtii sirreessuu fi mijeessuun komiiwwan ummataa xiqqeessaa deemuu dha.

  1. Hojiiwwan Deeggarsa Pirojeektii Bu’uura Misomaa fi Sirna Foyya’iinsa Fayiinaansii Magaalootaa


Faayinaansii bu’uura misooma magaalootaa to’annoo fi hordoffii cimaa gaggeessuu dadhabuu walqabate faayiinaansii ULGDP fi UIF yeroon akka gadii bu'uu gochuu fi gahee magaalaa galchuu isaani hordofuu, gahee naannoo UIF akka guddatuuf hojjechuu dha.

Bu’uura misooma adda addaa magalootaa keessatti ijaaraman to’annoo fi hordoffii cimaa gaggeessuu dhabuun qisaasamni irra gahuu ilaachisee hojmaata naannoon hojiiwwaan ijaarsaa bu'uuraa misooma magaalootni gaggeessaan dizayinii irraa egalee hanga hojii isaatti ittin to'achuu danda'uu diriirsuu dha.

Galii magalootaa haala ammaayyaa ta’een sassabamee guutumaan guutuu galu dhabuu walqabatee rakkoo magalootaa qorachuun akka furamuu gochuu dha.

Ijaarsaa qeeraa ammayyaa ta’ee magaalaa keessatti ijaaramuu dhabuu ilaalchisee istandardii dizaayinii caalqabamee xumuruu, qorannoon magaalootaa ijaarachuu danda’an adda baasuu, bu'aa qabeessumaa isaa qorrachuun proposaalaa hojii ijaarsa naannoof dhiyyeesuu dha.

Iddoo oolmaa dargaggootaa fi bashannanaa haala tarsiimootiin ijaaruu daragaggoota fayyadaamaa taasiisuu dhabuu ilaalchisee qajeelfama qopheessuuf qorannoo gaggeessuu, uummataa akka hirmaannaa taasiisaan karoora ifaa ta’ee qopheessuu rakkoo bajataa hiikaa deemuu, rakkoo hoggansaa bira jiru qorachuun tarkaniffii fudhachuu dha.

Ijaarsi piroojeekti akka ijaarsi dhumeetti ragaa sobaan qopheessuun kaffalti raawwachuun walqabate piroojeektii rakkoo qaban qorachuun adda baasuu, qaama gochaa kana raawwatee fi deeggaree seeran akka gaafataman gochuu dha.

Fedhii fi dhiyyeessi humna ibsaa walgituu dhabuun walqabate karooraa waliin qopheessuu, hanqinaa jiru qorachuun tarkanfiin akka fudhatamuu gochuu dha.

Humni ibsaa yeroo yeroon ciccituun rakkoo uumuun walqabate rakkoo jiru qorachuun uummatni akka beekuu gochuu fi rakkoo kiraa sassabdummaa jiru adda baasuun akka seeratti dhiyyatuu gochuu dha.

Saraara ibsaa diriirsuun tajaajilaa osoo hin kenniin waggaa dheeraa tursiisuu ilaalchisee qindominaan karooraa ifaa ta’ee qopheessuu, rakkoo isaa qorachuu dhiyyeessuu, qaama rakkoo kana uumee adda baasuun tarkanfiin akka fudhatamuu gochuu dha.

Ijaarsaa piroojeekti bishaan dhugaatti magaalota gurguddoo jalqabamee xumuruu dhabuu fi haaraa galchuu dhabuu fi karooraa qindominaa waliin qopheessuu fi rakkoo hanqinaa kontirkteeraa fi gorsaa jiru sakata’uun tarkaniffii fudhachuu dha.

Qindoominni seektaroota magaalaa fi feederaala bu’uuraalee misoomaa diriirsan (bishaan, daandii, ibsaa, bilbila) hanqina qabuun qabeenyi qisaasamaa kan jiru ta’uu isaa ilaalchisee qajeelfamaa qopheessuuf qophii fi marii feedeeraala waliin gaggeessuu fi qajeelfamaa qopheessuu jalqabuu dha.

Akka waliigalatti rakkoo bulchinsa gaarii seektara industirii fi misooma magaalaa hiikuuf armaan olitti karoorfaman karaa itti gaafatamummaa sadarkaa sadarkaan hordofsiisuun raawwatmuun dirqama ta’a.




    1. Yüklə 0,51 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin