Qabiyyee Fuula Kutaa Tokko: Waliigala 2


Xiinxala Haala Ijaarsaa Raayyaa Misoomaa fi Bulchiinsa Gaarii



Yüklə 268,99 Kb.
səhifə3/5
tarix16.08.2018
ölçüsü268,99 Kb.
#71162
1   2   3   4   5

Xiinxala Haala Ijaarsaa Raayyaa Misoomaa fi Bulchiinsa Gaarii

  1. Ijaarsaa Raayyaa Misoomaa


Karoora hiixataa mootummaan keenya baafatee guddina dinagdee ariifataa itti fuufiinsa qabu fiduuf hojjechaa jiru keessatti hojiin hojjetamu raayyaa fi raayyaa qofaan hojjechuun guddina dinagdee, hawaasummaa fi bulchiinsa gaarii fiixaan baasuuf amantaan guddaan kan irratti gatamee hojii raayyaan wal ijaaruu, guyyaa guyyaan hojii fi hojmaata jiru sirreessaa deemuun dhimmoota ijoodha. Kunis raayyaa cimaa ta’ee ijaaruun dandeettii raawwachiisummaa isaan yeroo yeroon tumsuun hojii isaanii injifannoon galmeessisaa akka deemu humna hojjettootaa cimsuun xiyyeeffannoo addaa kennameen bu’aan gaariin galmaa’uu danda’ee jira.


  • Haa ta’u malee hojiin ijaarsaa raayyaa keenya sadarkaa sadarkaan jiru biratti ammayyuu harcaatiin jiraachuu

  • Dandeettii raawwachiisummaa fi ogummaa hojjettootaa daran cimsuu yeroo yeroon leenjii fi mariin ijaaruu keessatti hanqinni jiraachuu

  • Adda duroota kurmaana kurmaanan hojii isaanii injifatan addaan baasuun jajjabeessuu irratti hanqinni gurmaa’insaa jiraachuu



      1. Bulchiinsa Gaarii


Hojiiwwan bulchiinsa gaarii milkaa’ina hojii keenyaatiif shoora inni taphatu olaanaa waan ta’eef hojiiwwan gama kanaan hojjetamaan bu’aan gaariin argamee jira. Hojii bulchiinsa gaarii kana milkeessuuf aadaa, sona, duudhaalee kenna tajaajilaa, pirinsipiloota bulchiinsa gaarii fi hojiiwwan riifoormii giddu galeessa godhachuun hojiin hojjetame kan akka salphaatti ilaalamu miti. Haa ta’u malee:-


  • Rakkoon hojii bulchiinsa gaarii mana hojii keenya sadarkaa sadarkaan jiru hojii karooraa, sirna bulchiinsa faaynaansii fi hojii hordoffii fi gamaaggamaa keessatti mul’ataa jiru hiikuu irratti hanqinni jiraachuu

  • Meeshaalee riifoormii hojii keenya galmaan ga’uuf nu gargaaran manni hojii sadarkaa sadarkaan jiru amaantaa fi kutannoon fudhatanii abbummaan hoogganaa fi sirreessaa deemuu irratti qaawwii kan jiru ta’uu

  • Qophii Karoora Qindaa’aa hirmaannaa hawaasaa hojii karoorsuu irraa eegalee hanga raawwiitti hojii iftoominaa fi gaafatamummaa baajataa karaa haqa qabeessa taasisuun, itti fayyadamni baajata karoora irratti kan hundaa’e gochuun, Sirna bittaa bulchiinsa faayinaansii fi qabeenyaa mootummaa diriirsuun, too’anno qabeenyaaa fi maallaqaa motummaa cimsuun hojii bu’a qabeessa ta’een hojjetamaa ha’u malee ammayyuu hanqinnii jiraachuun isaa hubatameera.

  • Hojiiwwan karoorfama akkaataa sagantaa hojii diriireen dirree ba’un hordoffii fi gamaaggamaa manneen hojii sadarkaa sadarkaan jiran madaaluu, gamaaggamuu fi duub- deebii kennuu irratti hanqinni guddaan jiraachuu isaa

  • Qaawwa gama seeraa, qajeelfamoota, bulchiinsa faaynaansii, odiitii, bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa hojimaataan kabajuu fi kabachiisuu irratti hanqinni jiraachuu

  • Hojjetaan hundi kenniinsa tajajilaa hawaasni keenya barbaaduun miiraa tajaajiltummaa gonfatee si’aayinaa, yeroo fi qulqullinaan kennuun kallattii misoomaa naannoo keessatti gumaachuun bu’aan eegamu akka dhufu taasisuu keessatti qixa wal fakkaatuun deemuu irratti harcaatiin jiraachuu
    1. Xiinxala Waliigala Keessaa Fi Alaa ’’Internal And External Environmental Scanning (SWOT Analysis)’’


Akkuma beekamu Manni hojii mootummaa ergama isaaf kenname galmaan gahuuf karoora isaa keessatti xiinxala haala keessaa fi haala alaa mana hojichaa gaggeessuun ciminaalee fi hanqinalee carraawwanii fi sodaawwan qabu adda baafachuun hojii isaa itti aanuu keessatti furmaata gaarii ta’a.
Xiinxalli haala keessaa keessatti sakatta’iinsa ciminaalee manni hojicha qabu beekuun manni hojicha daran caalaa cimee akka itti fufuu kan gargaaruu dha. Hanqinalee/Dadhabinoota qabu beekuun madda isaa baree furuun dadhabinasaa gara ciminaatti jijjiirachuuf kan gargaaruu dha.
Xiinxalli haala alaa carraawwan (opportunities) fi sodaawwan (threats) manni hojii qabuu carraa qabu hunda addan baasee beekuun duguugee itti fayyadamuuf kan isa dandeessisuu ta’uu isaati. sodaa qabuu hunda sakatta’ee baasuun dursee sodaa sana haala hanbisuu danda’u irratti karoorfachuu akka danda’uuf kan gargaaruu dha.
Kanaaf dhiibbaa faayidaa qabu bu’aa itti aanuuf galtee godhachuun itti fayyadamuuf dhiibbaa faayidaa hin qabne irratti hojjechuun dhimmota rakkisaa ta’an ciminaan mo’atanii xumuruudhaaf naannoo keessa jiran sakatta’uun addaan baasuun barbaachisaa dha.


      1. Xiinxala Haala Keessaa


Ciminoota (Strengths)

  • Akka BMMDO tti sirni itti quufinsa maamiltootaa ittin madaaluuf gargaaru adda addaa diriiree jiraachuu fkf: Saanduqa yaadaa, Galmee yaadaa fi Foormaatii adda addaa kkf

  • JBAH hojii irraa oolchuudhaan saffina fi si’aayinni kenninsa tajaajila keenyaatiin itti quufinsi maamilaa fooya’aa dhufuusaa,

  • Sadarkaa adda addaatti hojjetaa aangeessuu fi miirri garee fi raayyaan hojjechuu daran fooyya’aa dhufuusaa,

  • IBEX fayyadamuun sirni to’annoo baajataa akka fooyya’u taasifamaa dhufuusaa fi Sirna to’annoo maallaqaa diriireen badiisa maallaqaa xiqqaachaa dhufuusaa

  • Qoodinsi baajataa ulaagaa irratti kan hundaa’u ta’uu fi hojiilee misoomaaf xiyyeeffannoon kennamuu isaa,

  • Sirna karooraa, hordoffii fi gamaaggamaa akkasumas gabaasaa fi duub-deebbii hirmaachisaa ta’e sadarkaa adda addaatti qophaa’uu fi hojii irra oolu isaa,

  • Ilaalcha hojii xixiqqaa / routine/ irraa gara hojii bu’aa irratti xiyyeeffateettii fooyya’uusaatiin hojii safaranii walii kennuu fi safaranii walirra fudhachuu jalqabamuusaa

  • Dhiyeessi horataalee (furniture and Equipment) mana hojii gaarii ta’uu

  • Web-saayitiin BMMDO odeeffaannoo barbaachisaa ta’an irraa argamu kan ibsu jiraachuusaa


Dadhabinoota (weaknesses)

  • Muuxannoowwan gaggaarii jiran addaan baasuudhaan babal’isuu dhabuu,

  • Sirni Bulchiinsa ragaa fi Odeeffannoo jiru laafaa ta’uun ragaaleen karooraa qopheessuuf gargaaru amansiisaa ta’ee jiraachuu dhabuu, Qoodinsi baajataa aanaalee fi sekteroota gidduutti qoodamu irratti qulqullinnii fi ga’uumsi ragaa hanqina kan qabu ta’uu,

  • Rakkoo qabiinsa ragaa fi rinciica keenninsa ragaaleetiin odeeffannoo fi ragaalee qulqulluu fi wayitaawaatiin web-sayitii keenya wayitawaa gochaa deemuu dadhabuu

  • Ilaalchota gufachiisoo guyyaa guyyaatti nu mudatan seecca'anii adda baasuun isaan sana dhabamsiisuuf irratti qabsaa'uu irratti tattaaffiin ture laafaa ta’uusaa

  • Akka Biiriichaatti raayyaa ilaalchisee mariin adda durootaa yeroo eegee geggeffamuu dhiisuu fi Raayyaa qofaan hojjachuun hojii keenya milkeessuu qabna amantaan jedhu bifa walfakkaatuun hooggansaa fi hojjataa biratti cimaa ta'uu dadhabuu

  • Leenjiin kennamu karooraan hoogganamuu dhabuu fi jijjirama isaa madaaluu dhabuu,

  • Dokimentiin Qoranno pirojektoota yeroon xumuramee dhihaachuu dhabuu fi bu’aan hordoffii fi gamaggama raawwii pirojektootaa gabaasa raawwii Manneen hojii irraa dhiyaatu waliin kan wal-hin simne ta’uu, fi gabaasni raawwii hirrina qabaachuusaa,

  • Itti fayyadama fandii ‘UN’ irratti hojicha akka hojii lammaffaatti ilaaluudhaan yeroon itti fayyadamuu dhiisuu fi gabaasa qulqulluu fi yeroo isaa eeggate dhiheessuu dhibuu,

  • Agarsiiftuun (indicator) itti quufinsa maamilaa akkaataa amala hojiin addaan bahee taa’uu fi safaramuu irratti hanqinni jiraachuu,

  • Hojii irra oolmaa riifoormii yeroo tokko ho’ee deebi’ee kan qabbanaa’u ta’uusaa,


      1. Xiinxala Haala Alaa


Carraalee (Opportunities)

  • Tasgabbiin siyaasaa jiraachuun misooma dinagdee itti fufiinsa qabuuf mijaa’aa ta’uusaa,

  • Imaammata fi Tarsiimoon haala qabatama naannoo waliin wal-simuu fi rakkoo hiikuu danda’u jiraachuu,

  • Imaammatnii fi Tarsimoon Misooma ifaa fi hojitti jijjiramuu danda’u jiraachuusaa,

  • Sirni galii fooyya’aa deemuun madda maallaqaa naanichaa guddachaa dhufuu isaa,

  • Babali’inni teknooloojii adda addaa kan akka interneetii fi “wireless communication” hojii ariifachiisuu fi qulqullina isaa dabaluu keessatti ga’ee ol-aanaa qabaachuusaa,

  • Teessoon keenya Finfinnee ta’uu irraa kan ka’e deeggarsa teeknikaa fi gorsa Minstera Maalaqaa fi Misooma Dinagdee irraa argachuu haala mijataa hojii qabaachuu ishee,

  • BMMDO dhimmaamtootaa fi maamiltoota Misoomaa kanneen akka ‘MOFED, UN fi kkf waliin dhimmotaa adda adda irratti walitti dhiyeeynaan hojjechuu danda’u.

  • Imaammanni Wal-qixxummaan saalaa mirkaneessu jiraachuu


Sodaawwan (Threats)

  • Ragaaleen fi dokimentiiwwan adda addaa qophii karooraa fi baajaataaf barbachisan (Kan idilee fi Pirojekttootaa) Qulqullinaanii fi yeroo barbaadame keesatti Mannen Hojii iraa dhiyachuu dhabuu,

  • Qooddii baajata Aanaalee fi magalootaa gaggeessuu keessatti ragaan mirkanneessaa (cross-cheking data) manneen hojii irraa argamu yeroo isaa kan eeggate ta’uu dhisuu fi hanqina qulqullinaa qabaachuu,

  • Walitti dhufeenyii fi Qindoominnii hojii adeemsaalee mana hojii giddu jiru; akkasumas Mana hojichaa fi manneen hojii Mootummaaa sadarkaa sadarkaan jiran gidduu jira lafaa ta’uun saffinaa fi qulqullina hojii Biirichaa irratti rakkoo guddaa ta’uu danda’uusaa.

  • Manneen hojii karoora isaanii gad-fageenyaan qoratanii koree manajimentii isaaniitiin mirkaneessanii erguu dhabuu,

  • Ragaan dhimma qooddii baajataaf aanaa/magaalaa irraa ergamu haqummaa fi qulqullina qabaachuu dhabuu,

  • Hojiin karoora waggaa kana keessatti hin karoorfamne akka tasaa uumamuun milkaa’inni karoora keenyaa irratti dhibbaa qabaachuu danda’uusaa


    1. Gamaaggama Raawwii waliigala Karoora Bara 2007


Raawwiin karoora bara 2007 Biiroo keenyaa galmoota gurguddoo KGT Iffaa waliin wal bira qabamee yeroo xinxaalamu milkaa’inni hojii karoora misooma naannoo qindeessuu, bulchiinsa faaynaansii fi qabeenya naannoo bulchuu kan nama abdachiisu ta’uu isaa ilaalameera. Galmoota KGT Iffaa milkeessuuf sochiiwwan bal’aa taasifame jalqabbiin isaa gaarii ta’e mul’achuu danda’eera. Keessattuu hojiin karoora misooma naannoo qopheessuun raawwiitti seenuu fi sirna bulchiinsa faaynaansii iftoomina qabu diriirsuu bu’uura ka’uuf karoora qabame galmaan gahuuf hojiin abdii namaa kennu hojjatamee jira.

Raayyaa ijaaramen hojiiwwaan riifoormii fi bulchiinsa gaarii keenya milkeesuudhaan misoomaa itti fufiinsa qabu fiduu fi uummta keenya fayyadamaa taasisuuf sochiin guddaan taasifamee jira.



Raawwii karoora bara darbe kana keessatti qajeelfamoota hojii karooraa, hojii baajataa, hordoffii fi gamaaggamaa, hojii bulchiinsa qabeenyaa fi faaynaansii hojjachuuf gargaaran adda bahanii hojii irra akka oolan taasifamee jira. Gama biraatiin leenjiiwwan adda addaa dhimmoota karoora misoomaa fi bulchiinsa faaynaansii irratti xiyyeefatan hedduun caasaa sadarkaa sadarkaan jiraniif kennamee jira.


      1. Raawwii Hojii Meeshaalee Riifoormii

  • Dookimentoota JBAH haala qabatamaa ammaa jiruun akka sirraa’u "BPR recalibration" sadarkaa adeemsaatti gareewwan akka gurmaa’an ta’ee irra deebiin Adeemsota Ijoo Jahaan keessatti JBAH sirreessuun, dokumentii fi maanuwaaliin isaanii xumuramee koree jiddu galeessaatiin erga laallameen booda maaneejimentii Biirootti dhiyaatee mirkanaa’eera.

  • Hojiilee riifoormii keessattuu, hojiilee Jijjiirama Bu’uraa Adeemsa Hojii (JBAH) fi hojiilee Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiima’aa (SMBKT) hojii irrra oolchuuf sochiin gaariin jiraatus; hudhaalee ilaalchaa fi dandeettii raawwachiisummaa hoggansaa fi raawwataa biratti mul’atan cabsuun jijjiirama barbaadamuu fiduu irratti hanqinnaaleen kan mul’atan waan ta’eef hojii xiyyeeffannoo barbaadudha.

  • Akkaataa kallattii Ijaarsaa Raayyaa Jijjiiramaa Mootummaa irraa kennameetti hojjattoonni Biiroo 195 ta’an irra deebiin madaalamanii Tokko shanee 35, Garee jijjiiramaa 3 fi Gumii Adda durootaa tokkoon haala haraan akka gurmaa’an ta’eera.

  • Iskoor Kaardiin Hojjattootaa Kan Waggaa, kurmaanaa, ji’aa fi torbanii Karoora Biiroo irraa gadi qoodamee hanga hojjataa tokkootti akka gadi bu’u ta’ee hojii irra ooleera.

  • Hojiiwwan karoorfaman galmaan ga’uuf ijaarsaa Raayyaa Jijjiiramaa sadarkaa sadarkaan gurmaa’een karoora raawwii qorachaa wal ijaaraa deemuun raawwiin karooraa akka dabaluu taasisee jira.

  • Akkaataa Qajeelfama Raawwii Sirna Madaallii fi Badhaasaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa kennameen, Madaalliin bu'aa Karoora Tarsiima'aa waggaa walakkaa Adoolessaa hanga Muddee bara 2007 sadarkaa Biiroo, Adeemsotaa Biiroo, Raawwattootaa, sadarkaa Goginaalee, Aanaalee fi Magaalotaas gaggeeffamee qaama ilaallatuuf sadarkaan darbeera.

  • sadarkaa godinaa, bulchiinsa magaalaa fi aanaa iddoo tajaajjilii puuliin kennamuutti JBAH qoratee hojirra oolee itti quufinsi tajaajilamtootaa kan dabalee fi iddoo tokko tokkotti immoo akka fakkeenyatti fudhatamuu kan danda’u akka jiruu hubachuun danda’ameera. Haa ta’u malee, bakka hir’inni jirutti irra deebi'uun qorachuun adeemsa, yaa'insa, caasaa fi istandardiin hojii akka fooyya'u ta'eera.

  • Chaartariin lammilee fi Isataandarii hojii hojimaata jiru irratti hundaa'amee qophaa'e irratti waliigaluu dhaan akka itti hojjatamuu ta'eera.



      1. Raawwii Hojiiwwan Gurguddoo

        1. Raawwii Hojii Karooraa

Qophii Karoora bara baajetaa 2007 xumuruu

Qophii Karoora Waliigalaa Mootuumaa Naannoo xumuruu – gama kanaan hojiilee gugurdoo akka naannootti bara baajataa kana keessa dameelee misoomaa mara keessatti hojjetamuun guddina itti fufiinsa qabu ni galmeessisu jedhamanii akka mootummaa naannootti irratti waliigalaman dokumantiin ibsu tokko qophaa’ee qaama dhimmi ilaallatuuf raabsamee jira. Karoorri kun bara baajata 2006 keessa kan qophaa’e ta’ullee haala kallattii mootummaan lafa kahuun sirrachu kan qabuuf baajata ramadamee wajiin walsimaachu waan qabuuf qophii karooricha keessa %30 kan raawwatamee kurmaana 1ffaa bara baajata kana keessa dha.
Qophii Dokumentii Karoora Pirojektoota bara 2007 xumuruu: Piroojektootni bara baajata 2007 keessa hojjetaman fedhii manneen hojii irraa dhiyaate fi tarsimoo misooma naannoo fiixaan baasuuf filatamaan akka raawwataman qophaa’an sadarkaa sadarkaan mirkana’an illee erga baajatni Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaan labasamee booda baajata manneen hojiif heyyamamee wajjiin walsimachisuun dirqama waan ta’eef pirojektoota haala baajata akka naannootti heeyyamame wajjiin walsimachisuun raawwatameera. Keessummattu pirojektootni tokko tokkoo raawwii hanga waxabajjii 30 bara 2006 ni qaqqabu jedhamee yaadame osoo hin qaqqabiin hafanii, baajata bara 2007 keessatti kaffalamuu waan qabaniif baajatni akka qabamuuf godhamee jira. Haaluma kanaan xinxaalliin karoora pirojektoota bara 2007 %40 raawwatameera.

Ibsaa fi facaatii pirojektootaa – pirojektoota sadarkaa baajata naannoo irratti labsameen geggeeffaman ilaalchisee dokumantiin seenaa pirojektootaa fi kaayyoolee pirojektichii galmaan gahu ibsu tokkoo fi dokumantiin facaatii (godinaa fi aanaa/magaalaa), hangaa fi madda baajataa fi hanga hojii bara baajatichaa keessatti raawwatamu ibsu tokko walumatti qophiin dokumantoota lamaan kanaa guutumaa gutuutti (%100) xumurameera.
Pirojektoota Galmoota Misooma Barkumee (MDG)–baajata Galmoota Misooma Barkumee Mootummaa Federaalaa irraa argameen pirojektootni bara 2006 keessa geggeeffaman ilaalchisee, sagantaan raawwii hojii fizikaalaa fi fedhii baasii isaanii ji’a ji’aan barbaachisuus qophaa’e Ministeera Maallaqaa fi Misooma Dinagdeetiif ergameera.
Sagantaa raawwii–hojiin bara baajataa baajataa 2007 keessa gama adda addaatiin ni raawwatamu jedhamanii baajataan deggeraman haala humna raawwachiisummaa jiruu fi haala qabatamaa yeroo itti raawwatamuu qabuun adda bahee qaamolee dhimmi ilaallatu irraa qophaa’ee akka dhiyaatu hordofamaa tureera qophaa'ee dhiyaateera.
Qophii karoora deeggarsa hojii “PFM”-sagantaa bulchiinsa faaynaansitiin deeggarsa kennamu qixaa barbaachisa ta’een hojii irra ooluu akka danda’uuf karoorii dandeetti raawwachisuma damee misooma dinagdee qophaa’e qaama dhimmi ilaaluuf dhiyaateera.
Qophii Gamaagama KGT I fi KGT II - Gamaaggamaa KGT I (2003-2007) gageefame xumuramera. Qophii Qajeelfama (TOR)KGT II (2008-2012) raawwate maneen hojii naannoo irra jiran fi miseensoota maanaagmanti WMMD Godilaeef ibsii keename godinaa fi Aanaaleef akka gadii bu’u ta’era. Akkasumas Gamaagamn KGT I maneen hojii waliin hojetame mariin irrati gageefame xumura irra gahee jira.
Qophii karoora bara 2007: Qophii karoora hojii idilee fi piroojektoota bara 2007 ilaalchisee manneen hojii hundi kan dhiyaafatan yoo ta’u innis haala Karooraa Guddina fi Tiraanisfoormeeshinii fi qabeenyaa naannoon karoora bara 2007tiif ramadduu dandaa’uun addaan baasuun deeggaruuf xiinxallii gaggeeffamee akkaataa xiyyeeffannoo Mootummaa fi humna Mootummaa giddugaleessa godhachuu dhaan qophii karoorrii fi beeksiisni baaxii dura baajataa Manneen hojiif kennameera.
Dabalataa Baajataa - Baajata kaffaltii mindaa fi deeggarsaaf Mangudootaa fi qaama midhamtootaaf jedhamee MMMDF Itoophiyaa irraa ergame qr 250,864.92 fi Kolleejjii Pabliki Sarviisii Oromiyaatiif galii keessaa irraa baajatani dabalataa qr 88,529,528 waliimaa galatti qr 88,780,392.92 dabalataan heyyamamee kan beeksifame yoo ta’u IBEXttis galeera, ragaan galii karooraa olii aanaalee fi bulchiinsa magalootaa kan bara 2006 qindeessuun %100n kan raawwate yoo ta’u qophiin piropoozalli ittifayyadama isaas raawwatee qaama olanaaf dhiyaatee qarshiin –191,791,641 deegarame Aanaaleef akka gadii bu’u ta’e jira. Haftee saanduqa baajata aanaalee fi bulchiinsa magalootaa ilaalchisee kanneen gaaffii dhiyeessaniif akka heyyamamuf qophiin piropozaala issaa raawatee dhiyaachuun qarshiin 79,550,652 deegarame Aanaaleef akka gadii bu’u ta’e jira. Waligala Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalootaa 215f qar. 271,341,293 akka dalataan labsatanii itti fayyadamaniif eeyamamefi gadidarbeefii jira.
Ragaa Fooya’insaIskeelii Mindaa- Raagaan garaagarummaa haalaa iskeelii mindaa fooyya’een ji’a Adoolessaaf kaffalame qindaa dhufe baajata dhaabbilee adda addaa baajatani isaanii nannoo irratti labsamee bakka bu’insaan WMMD aanaa/ Magaalaatiin kaffalamu giddugaleessa baasii isaaniitiin adda bahee dhiyaatee beeksiifnii dabalata baajataa mindaa qarshii 3,675,753,651 manneen hojii Naannoo, Godinaa fi Aanaaleef beeksiifni raawwate jira..



        1. Raawwii Qorannoo Imaammataa, Tarsimoo Misomaa fi Karoora Gooroo

Yüklə 268,99 Kb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin