Qajeelfama gurmii waldaalee hojii gamataa


Sona Waldaalee Hojii Gamtaa



Yüklə 157,12 Kb.
səhifə2/7
tarix06.09.2018
ölçüsü157,12 Kb.
#78744
1   2   3   4   5   6   7

1.4. Sona Waldaalee Hojii Gamtaa


Wadaaleen hojii gamtaa raawwannaa hojii isaanii keessatti wanta hordofuu qabanii fi miseensonni isaaniis naamusa agarsiisuu qaban akka addunyaatti sona ni qabu. Isaanis:

  1. Ofiin-of gargaaruu

  2. Itti gaafatamummaa dhuunfaa bahuu

  3. Hojimaata dimokiraatawwaa hordofuu

  4. Wal-qixxumman miseensa tajaajiluu [saala, amantaa, sanyii, siyaasaa fi kkf.] otuu adda hin qoodiin

  5. Haqa qabeessummaan faayidaa miseensaa eeguu

  6. Tokkummaan wal-deeggaruu

Sona Naamusa Miseensotaa:

  1. Amanamummaa

  2. Iftoomina

  3. Itti gaafatamummaa hawaasummaa bahuu

  4. Warra kaniif of eegannoo gochuu

1.5. Duudhaalee Waldaalee Hojii Gamtaa (Cooperative principles)


Duudhaa jechuun qajeelfama sochiiwwanii yookiin gochawwaan, ilaalcha, yaada, amantaa fi falaasama waldaaleen hojii gamtaa akka addunyaatti ittiin gaggeeffaman jechuu dha. Waldaan hojii gamtaa kamiyyuu kaayyoo fi hojii isaa galmaan gahuuf duudhaalee armaan gadiitii tarreeffaman fudhachuun dambii isaanii keessatti hammachiisuun hojii irra oolchuu qaba.

        1. Miseensummaan banaa fi fedhii irratti kan hundaa’ee ta’uu

        2. Miseensonni bifa dimokiraatawaa ta’een ni gaggeessu, ni too’atu

        3. Hirmaannaa miseensaa diinagdee keessatti

        4. Ofiin of–bulchu fi of-danda’uu

        5. Barumsa, leenjii fi odeeffannoo kennuu

        6. Wal ta’iinsa waldaalee hojii gamtaa

        7. Hawaasaaf dhimmamuu

1.6. Kaayyoo Waldaalee Hojii gamtaa


Waldaa Hojii Gamtaa kaayyoowwan armaan gadii ni qabaatu:

  1. Rakkoo hawaas-diinagdee miseensonni dhunfaadhaan hiikkachuu hin dandeenye gamtaan hiikkachuuf.

  2. Ofitti amanamummaa cimsuuf

1.7. Hojiilee Waldaalee Hojii Gamtaa


  1. Oomisha miseensotaa isaa walitti qabuu fi gabaaf dhiyeessuudhaan gatii fooyya’aa argamsiisuu;

  2. Oomisha miseensotaa walitti qabame sadarkaa qulqullinna isaa fooyyeessuu fi faayidaa itti dabaluun gabaaf dhiyeessuun galiin miseensotaa akka dabalu taasisuu;

  3. Warshaalee adda addaa oomishaalee miseensotaa akka galteetti fayyadaman hundeessuudhaan fayyadamummaa miseensotaa mirkaneessuu;

  4. Callaa guddistoota adda addaa yeroon, baay’inaan fi qulqullinnaan akkasumas gatii madaalawaan dhiyeessuun baasii dabalataa miseensotaa xiqqeessuu; oomishaa fi oomoshtummaa miseensotaa dabaluu;

  5. Bu’aalee teeknoolojii ammaayyaa oomishtummaa miseensotaa guddisan dhiyeessuu fi hubannoo uumuun akka itti fayyadaman taasisuu;

  6. Oomishaalee sadarkaa qulqullina isaanii eeggatan gabaa biyya keessaa fi alaatiif dhiyeessuu akka danda’an barumsaa fi leenjii hubannoo isaanii cimsu kennuu;

  7. Aadaa qusannoo miseensotaa cimsuu;

  8. Miseensonni tajaajila liqii akka argatan haala mijeessuu fi dhiyeessuu;

  9. Oomishtummaa miseensotaa guddisuuf qorannoo fi qu’annoo addaa addaa gaggeessuu;

  10. Meeshaalee bu’aa industirii ta’an fedhii miseensotaa irratti hundaa’uun baay’inaan dhiyeessuun akka fayyadaman taasisuu

  11. Hojiileen dabalataa dambii bulmaataa waldaaleetiin kan murtaa’u ta’a.

1.8. Akaakuu Waldaalee Hojii Gamtaa


Akaakuun WHG haala hojii irratti bobba’aniin, naannoo hojii fi sadarkaa gurmaa’inaa isaanii bu’uureffachuun kan hundaa’an ta’ee:

    1. Waldaalee Hojii Gamtaa Oomishtootaa;

    2. Waldaalee hojii Gamtaa tajaajilaa;

    3. Waldaalee hojii Gamtaa oomishtootaa fi tajaajila.

Kutaa 2ffaa

2. Waldaalee Hojii Gamtaa Gurmeessuu fi Galmeessuu

2.1. Waldaa Hojii Gamtaa Bu’uuraa Gurmeessuu


  1. Waldaan Hojii Gamtaa bu’uura fedhii namoota dhuunfaa naannoo murtaa’e keessa jiraataniin yookiin hojjetaniin yookiin ogummaa addaa walfakkaatu irratti boba’aniin ni gurmaa’a.

  2. Baay’inni miseensota Waldaa Hojii Gamtaa Bu’uuraa 10 gadi ta’uu hin danda’u. Haa ta’u malee, haala barbaachisummaa fi bu’a qabeessummaa isaa yaada keessa galchuun miseensota 50n gurmaa’uu ni danda’u.

  3. Daangaa hojii Waldaan Hojii Gamtaa bu’uuraa tokko galmaa’ee hojjachaa jiru keessatti hojii wal-fakkaatu kan hojjetu waldaan biroo gurmeessuun hin danda’amu.

  4. Kan keewwata kana keewwata (3) jalatti tumame akkuma eegametti ta’ee Waldaan Hojii Gamtaa Bu’uuraa akaakuu adda addaa gurmaa’uu ni danda’u.

  5. Waldaalee hojii gamtaa bu’uuraa walitti makuu, addaan qooduun fi diiguun yemmuu barbaachisu Ejensii godinaa fi aanaa waldichi keessatti argamu qorannoo gadifageenyaan erga gaggeessaniin booda kan raawwatamu ta’a.

2.2. Yuuniyeenii Waldaa Hojii Gamtaa Hundeessuu


  1. Waldaaleen Hojii Gamtaa Bu’uuraa kaayyoo wal-fakkaatu qabanii fi hojiiwwan wal-fakaataa hojjetan Yuuniyeenii hundeessuu ni danda’u.

  2. Baay’inni Waldaalee Hojii Gamtaa Bu’uuraa Yuuniyanii hundeessan lakkoofsaan lamaa fi lamaa ol ta’uu qabu.

  3. Daangaa hojii yuuniyeeniin Waldaan Hojii Gamtaa tokko galmaa’ee hojjachaa jiru keessatti hojii wal-fakkaatu kan hojjetu yuuniyeeniin biroo hundeeffamuu hin danda’uu.

  4. Yuuniyeenii haaraa gurmeessuuf fedhiin yemmuu dhiyaatu godinnii fi naannoon waliin ta’uudhaan qorannoon bu’a qabeessuummaa isaa erga gaggeesseen booda murtiin kan kennamu ta’a.

  5. Federeshinii fi yuuniyeenota walitti makuu, addaan qooduun fi diiguun yemmuu barbaachisu Ejensii naannootii fi godinnaa yuuniyeenichi keessatti argamu qorannoo gadifageenyaan erga gaggeessaniin booda kan raawwatamu ta’a.



2.3. Federeeshinii Waldaalee Hojii Gamtaa Hundeessuu


  1. Yuuniyenonni lamaa fi lamaa ol ta’anii fi kaayyoo wal-fakkaataa qaban akkaataa barbaachiisummaa isaatti sadarkaa Naannootti Federeeshini Waldaa Hojii Gamtaa hundeessuu ni danda’u.

  2. Keewwata kana kewwata xiqqaa (1) jalatti kan ibsame akka eegamettii ta’ee waldaalee hojii gamtaa buu’uraa federeeshinii waliin kaayyoo wal-fakkaataa qaban miseensa Federeeshinichaa ta’uu ni danda’u; kun kan ta’uu barbaachisummaan isaa qaamni gurmeessuu fi galmeessu qoratee yoo mirkanaa’e qofa ta’a.

  3. Federeeshiniin sadarkaa naannootti hundeeffame miseensa liigii sadarkaa biyyooleessaa ta’uu ni danda’a.

Yüklə 157,12 Kb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin