Qajeelfama gurmii waldaalee hojii gamataa


Maqaa, Asxaa/Faajjii fi Teessoo Waldaa



Yüklə 157,12 Kb.
səhifə3/7
tarix06.09.2018
ölçüsü157,12 Kb.
#78744
1   2   3   4   5   6   7

2.4. Maqaa, Asxaa/Faajjii fi Teessoo Waldaa


  1. Waldaan Hojii Gamtaa kamiiyyuu maqaa ittiin waamamu qabaachuu qaba.

  2. Dhuma maqaa Waldaa Hojii Gamtaa kamiyyuu irratti waldaa hojii gamtaa “ittii gaafatamummaan isaa murtaa’e” jedhamee barreeffamuu qaba.

  3. Maqaa fi asxaa Waldaan Hojii Gamtaa tokko ittiin galmaa’ee waldaan biroo ittiin galmaa’uus ta’ee ittiin fayydamuu hin danda’u.

  4. Waldaan Hojii Gamtaa tokko qaama dhimmi ilaaluun galmaa’uu fi teessoo mataa isaa qabaachuu qaba.

  5. Maqaan Waldaan Hojii Gamtaa kamiiyyuu ifa ta’ee barreefamee bakka hojiin Waldaan Hojii Gamtaa itti gaggeffamu kamittuu maxxanfamuu fi beeksiisoota, xalayoota, sanadoota fi dhimmoota biroo maqaa Waldaan Hojii Gamtaatiin mallata’an irratti barreeffamuu yookiin chaappaan irratti taasifamuu qaba.

  6. Miseensi tokko Waldaa Hojii Gamtaa Bu’uuraa yookiin yuuniyeenii yookiin Federeeshinii kamiyyuu hojii walfakkaatu hojjatu lama keesstti miseensa ta`uu hin danda`u.

2.5. Madda kaappitaala waldaalee hojii gamtaa


Maddi kaappitaala Waldaaleen hojii gamtaa:

  1. qooda misseensotaa

  2. Kafaltii galmee irraa

  3. Kennaa fi badhaasa

  4. Bu’aa sochii hojii waldichaa irraa argame

  5. Liqii

  6. Dhaala

Adeemsa Waldaan hojii gamtaa ittiin gurmaa’u

  1. Rakkoo hawaas-diinagdee jiraattota naannoo tokko jiratan irraa madde ka’umsa godhachuun

  2. xiinxala gaggeessuun adda baasuu fi fedhii namootaa sassaabuu

  3. xiinxala fedhii fi baasii barbaachisuu gaggeessuu;

  4. Miseensota fedhii qaban addaan baasuu, galmeessuu fi marii isaan wajjin gaggeessuu;

  5. Barbaachiisummaa waldaa hojii gamtaa irratti ibsa kennuu fi koree qindeessituu hundeessuu;

  6. Namoota fuulduratti miseensa ta’uu danda’an addaan baasuu;

  7. Marii yeroo lammaaffaa qopheessuun bu’aa qorannoo irratti hundaa’uun barbaachisummaa isaa irratti murtii dabarsuu;

  8. Marii yeroo sadaffaa irratti bu’aa xiinxala fedhii fi baasii irratti marisisuun icciitiin sagalee akka itti kennan taasisuu;

  9. Marii yeroo afraffaa waamuun qorannoo bu’a qabeessummaa isaa irratti mariisisuu

  10. Dambii bulmaataa fi barreeffama hundeeffamaa qopheessuu fi mirkaneessisuu;

  11. Wal gahii hundeessitootaa waamuun koree filachiistuu filachiisuun;

  12. Koreewwan adda addaa akka filataman taasisuu.

  13. Qaama gurmeessu biratti waldicha galmeessisuu

  14. Kaappitaalaa ofii qabuu fi kan alaa barbaachisu addaan baafachuu

  15. Manaajara qacaruu

  16. Hojii idilee eegaluu


2.6. Koree Qindeessituu Waldaa Hojii Gamtaa


Koreen qindeessituu waldaa hojii gamtaa hojiilee armaan gadii ni raawwatu:

  1. Namoota miseensa waldaa hojii gamtaa ta’uu barbaadan galmeessuu;

  2. Qorannoo bu’a qabeessummaa waldichaa (feasibility study) ni gaggeessuu;

  3. Karoora waggaa hojii waldichaa ni qopheessu;

  4. Dambii bulmaataa waldichaaf ka’umsaa barreeffamaan ni qopheessa; yuuniyeenii yoo ta’e immoo barreeffama hundeeffamaa ni qopheessuu.

  5. Hundeeffama waldichaatiif miseensota galmaa’an yaa’ii hundeessituutiif ni waama;

  6. Koree hoji raawwachiistuu WHG, koree to’annoo fi koreewwan adda addaa akka filatamaniif koree filachiistuu ni filachiisa;

  7. Koreewwan hoji raawwachiistuu filatamaniif qabeenyaa fi sanadoota harka isaa jiru ni kenna;

  8. Miseensota ni mar’achiisa; ni barsiisa; ni daddamaqsa;

  9. Hundeeffama waldaa hojii gamtaatiif haaldureewwan adda addaa ni mijeessa.

2.7. Dambii Ittin Bulmaata Waldaa


  1. Waldaan Hojii Gamtaa kamiyyuu dambii ittiin bulmaataa mataa isaa ni qabaata.

  2. Dambiin ittiin bulmaataa Waldaan Hojii Gamtaa kamiiyyuu qabiiyyee kanaa gadi jiran qabaachuu qabu:

    1. Maqaa fi teessoo waldichaa,

    2. Daangaa hojii waldichaa,

    3. kaayyoo fi hojii waldichaa,

    4. Caasaa bulchiinsa waldichaa,

    5. Ulaagaalee miseensummaa,

    6. Mirgaa fi dirqama miseensaa,

g) Haala miseensoonni miseensummaa waldaa keessaa itti ba’an fi itti deebii’an,

    1. Aangoo fi gahee hojii yaa’ii waliigalaa fi gaggeesitoota waldichaa,

    2. Haala filannoo fi Bara hojii miseensoota koreewwan adda addaa

    3. Akkaataa miseensootni koree hojii gageesituu itti gaafatamummaa irraa ka’an,

    4. Haala waamicha walga’ii fi keniinsa sagalee

    5. Rammaddii fi qoodiinsa bu'a qulqulluu

    6. Qabiinsaa fi itti fayyadama maallaqaa waldichaa, baajeta waggaa fi odiitii herreegaa,

    7. Bulchiinsa liqii ( murtaa'u, kennamuu, fudhatamuu fi deebi’u,)

    8. Haala qaxara fi bulchinsaa hojjeetootaa,

O) Dhimmoota biroo Labsii kanaan wall hin faallesine ni dabalata

P) Sirna bakka bu’iinsa Yaa’ii waliigalaa (Yuniyeenii fi federeshinii keessatti)



q) Gosa WHG tiin dhimmoota biraa kan dabalatu ta’a.

2.8. Waldaa Hojii Gamtaa Galmeessuu


  1. Waldaan Hojii Gamtaa kamiyyuu qaama dhimmi ilaaluun galmaa’uu qaba.

  2. Waldaan hojii gamtaa bu’uuraa akaakuu kamuu aanaan gurmeessee Ejensiin babal’ina waldaalee hojii gamtaa godinaa/bulchiinsa magaalaa erga ilaalee mirkaneessuun waraqaa qaama seerummaa ni kenna.

  3. Waldaan tokko waldaa hojii gamtaa jedhamee waamamuu kan danda’u guyyaa galmaa’ee qaama seerummaa argate irraa eegalee qofa ta’a.

  4. Waldaaleen hojii gamtaa bu’uuraa seekteroota sadarkaa naannootti jiranii fi yuuniyeenota godinaalee/Bulchiinsota magaalaa lamaa fi isaa ol keessatti gurmaa’an kamuu sadarkaa naannootti galmaa’anii qaama seerumma ni argatu.

  5. Waldaan Hojii Gamtaa galmaa’u kamiyyuu qabxilee armaan gadii iyyannoo isaa waliin wal qabsiisee dhiyeessuu qaba.

    1. Qaboo yaa’ii hundeessiitootaa;

    2. Barreeffama hundeffamaa;

    3. Dambii ittin bulmaataa waldaa;

    4. Maqaa, teessoo fi mallattoo miseensoota Waldaa Hojii Gamtaa, baay’ina qooda bitatanii;

    5. Maqaa, teessoo fi mallattoo miseensoota koree hojii raawwachiftuu;

    6. Miseensoota waldaa Hojii Gamtaa ta’anii namoonni galmaa’an labsii WHG irratti bu’uureffatanii, dambii ittiin bulmaata Waldaan Hojii Gamtaa murteesseen miseensa ta’uuf gahaa ta’uu isaanii kan ibsan ragaalee biroo kan qaabaatan;

    7. Waldaan galmaa’u Waldaan Hojii Gamtaa bu’uuraatii ol yoo ta’e tarreeffama maqaa miseensa waldaalee fi bakka bu’oota, baay’ina qooda bitatanii, maqaa, teessoo fi mallattoo miseensoota hojii gaggeessitootaa.

    8. Karoora hojii daldalaa kan waggaa (3-5) (business plan)

    9. Qorannoo hawaas-diinagdee bu’aa qabessuummaa agarsiisu.

    10. kaappitaalaa ka’umsaa, maallaqni walitti qabamee seeraan baankiitti galii ta’u isaa, (bakka baankiin hin jirreetti qaamni dhimmi ilaalu bakka inni murteesse ta’uu isaa sanada mirkaneessu);

    11. Teessoo Waldaan Hojii Gamtaa itti hojjetuu.

  1. Sanadoonni keewwata kana keewwata xiqqaa (2) (a-k) tti tarreeffaman waldaa hojii gamtaa bu’uuraatiif waraabbii sadiin (3) yuuniyeenii hojii gamtaatiif waraabbii afuriin (4) fi Federeeshinii hojii gamtaaf waraabbii lamaan (2) qopha’ee dhihaachuu qaba.

  2. Qaamni dhimmi ilaalu iyyannoo dhihaateef sakatta’ee gutuu ta’uu isaa yoo mirkanessee guyyaa 5 keessatti waldicha galmeessee waraqaa ragaa qaama seerummaa ni keennaaf. Waraqaa ragaa kana irrattis guyyaa waldaan itti galmaa’ee ibsamu qaba.

  3. Qaamni dhimmi ilaalu Waldaan Hojii Gamtaa iyyatee “galmaa’uu hin qabu” jedhee kan murteessee yoo ta’e sababa isaa barreeffamaan guyyaa 15 keessatti bakka bu’oota Waldaan Hojii Gamtaatiif ibsuu qaba;

  4. Murtii kennamee irratti yoo komiin jiraate bakka bu’oonni Waldaan Hojii Gamtaa murtii keennamee mormuun mana murtii ol’aanaatti iyyachuu ni danda’u.

  5. Waldaan Hojii Gamtaa galmaa’eef Waraqaan ragaa ni kennama.

  6. Waldaan Hojii Gamtaa galmaa’ee guyyaa galmaa’ee eegalee dabalataan hayyama daldalaa osoo isa hin barbaachisin kaayyoo fi hojii daldalaa akkaataa dambii ittiin bulmaataa isaa keessa jiru kamiyyuu irratti bobba’uu ni danda’a.

  7. Waldaan Hojii Gamtaa kamiyyuu kaayyoo ittiin hundaa’een alatti socho'ee yoo argame hojii hayyamameef akka hin hojjanne qaamni dhimmi ilaaluun dhoorkamuu ni danda'a.

  8. Waldaan Hojii Gamtaa akkaata keewwata kana keewwata xiqqaa (9) tiin dhoorkame yaa'ii waliigalaa waldichaatiin dhoorkaan akka irraa ka'u qaama dhimmi ilaaluutti gaaffii dhiyeeffachuu ni danda'a.

  9. Qaamni dhimmi ilaalu gaaffiin akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa (9) tiin dhiyaate kan fudhate yoo ta’e dhoorkicha kaasuu ni danda'a; qaama dhimmi ilaalu dhoorkicha kan hin kaasne yoo ta'e sababa itti hin kaasne yaa'ii waligalaa Waldaa Hojii Gamtaatiif barreeffamaan ni beeksiisa.

  10. Waldaan Hojii Gamtaa murtii keewwata kana keewwata xiqqaa (9) jalatti kenname mormuun mana murtii ol’aanaatti ol- iyyachuu ni danda'a.

  11. Kenniinsa waraqaa ragaa yeroo

Akkaataa keewwata 2(4, a-i) guutamanii yoo (j, k) hin guutamin hafan qaamni gurmeessu yeroo waggaa tokko hin caalleef waraqaa ragaa yeroo kennee galmeessuun ulagaalee hafan yeroo murtaa’e keessatti akka guuttatan gochuu ni danda’a.

Yüklə 157,12 Kb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin