Qajeelfama gurmii waldaalee hojii gamataa


Kaffaltii Waraqaa ragaa Qaama seerummaa



Yüklə 157,12 Kb.
səhifə4/7
tarix06.09.2018
ölçüsü157,12 Kb.
#78744
1   2   3   4   5   6   7

2.9. Kaffaltii Waraqaa ragaa Qaama seerummaa


  1. Kaffaltiin waldaalee hojii gamtaa haaraa gurmaa’anii akkaataa armaan gadiitti ibsameen ta’a:

  1. WHG haaraa gurmaa’eef ------------------------------------------qarshii 60 (jahaatama)

  2. Waraqaa ragaa yeroo waggaa tokkoof tajaajilu argachuu--------qarshii 30 (soddoma)

  3. Waraqaa ragaa Bakka buufachuuf( irra deebi’anii baasuuf)-----qarshii 30 (soddoma)

  1. Kaffaltii teembeeraa

  1. WHG haaraa gurmaa’ee mirkanaa’eef ------------------abbaa qar.35 (soddomii-shanii)

  2. WHG dambii bulmaataa yemmuu fooyyeffatu---------abbaa qar.10 (kudhanii) maxxansuu qaba

2.10. Fooyya’iinsa Dambii Bulmaataa


  1. Dambiin ittiin bulmaataa waldaa tokkoo murtee yaa'ii waligalaatiin fooyyaa’uu ni danda'a.

  2. Dambiin ittiin bulmaataa fooyya’e kamiyyuu hojii irra ooluu kan danda'u qaama dhimmi ilaaluuf dhihaatee guyyaa itti galmaa'ee eegalee ta'a.

  3. Dambiin ittiin bulmaataa Waldaa Hojii Gamtaa kamiyyuu akka fooyya'u miseensota yaa’ii waliigalaa keessaa (2/3) yoo murtaa'e fooyya’iinsii taasifame fi haala bu'uura Labsii WHG 147/91 foyya’insa bahe 402/96 darbee qaboo yaa’ii murtii addaa yaa'ii waliigalaa waraabbii Sadiin (3) qophaa'ee guyyaa 30 keessatti EBWHG sadarkaan jiraniif dhihaachuu qaba.

2.11. Daangaa Hojii


  1. Waldaan Hojii Gamtaa seeraan gurmaa’e kamiyyuu daangaa hojii isaa dambii bulmaataa keessatti murteeffate eegee hojjachuu qaba.

  2. Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsame akkuma jirutti ta'ee Waldaan Hojii Gamtaa kamiiyyuu bu’uura diinagdee ykn bulchiinsaa hordofee daangaa hojii isaa murteeffachuu ni danda'a.

  3. Yuuniyeenonni waldaalee hojii gamtaa godinaalee/bulchiinsa magaalotaa lamaa fi sanaa ol keessatti hammatanii jiran itti waamamni isaanii ejensii naannootiif ta’ee godinni/bulchiinsi magaalaa teessoon yuuniyeenichaa keessatti argamu hordoffii fi deeggarsa barbaachisaa gochuufii qaba.

  4. Federeeshinii, yuuniyeenii fi waldaalee bu’uuraa sadarkaa naannootti hundeeffaman itti waamamni isaanii ejensii naannootiif ta’a.

2.12. Qaama Seerummaa fi Sadarkaa Itti Gaafatamummaa


  1. Waldaan Hojii Gamtaa kamiiyyuu haala qajeelfama kana keewwata 2.7(4) bu'ureeffachuun guyyaa galmaa'ee eegalee qaama seerummaa ni qabaata.

  2. Waldaan Hojii Gamtaa kamiiyyuu kaappitaala waliigalaa qabuu ol idaadhaan gaafatamu hin danda'u.

2.13. Haala Walitti Makamuu fi Addaan Qoodamuu Waldaa


    1. Waldaan Hojii Gamtaa tokko qorannoo bu’a qabeessuummaa fi murtee yaa'ii waligalaa tiin

  1. Bakka lamatti yookiin isaa olitti qoodamuu, ykn.

  2. Waldaalee Hojii Gamtaa lamaa fi isaa ol ta’an waliitti makamuun WHG haaraa hundeessuu ni danda’u.

    1. Walitti makamuun waldaa yookiin addaan qoodamuun waldaa kan raawatamu murtee addaa yaa’ii waliigalaatiin ta’ee,

      1. Miseensoonni Waldaan Hojii Gamtaa fi gaafatoonni idaa kan isaanii kaffalamee yookiin kafalamuu isaatiif kan irratti waliigalan, yookiin

      2. Miseensoonni waldaalee Hojii Gamtaa kamiiyyuu fi gaaffi dhiheesiitoonni idaa irratti yoo walii hin galle kan kaffalameef yookiin wabummaa kafaaltii kan keennameef ta'uu isaa mirkanaa'ee murtiin qaama dhimmi ilaaluun yoo galmaa’ee dha.

    2. Sababa walittii makamuu isaaniitiin qaama seerummaa dhaban, mirgii fi dirqamni isaanii gara waldaa haaraa hundaa’etti ni darba.

    3. WHG addaan qoodaman/walittii makaman ragaa qaama seerummaa, chaappaa, nagaheewwan adda addaa fi kkf duraan qaban ni deebisuu.

2.14. Walitti Makamuu WHG tiif haalawwan guuttamuu qaban


  1. Sababa lakkoofsii miseensotaa xiqqaateen faayidaa argachuu yoo dadhaban;

  2. Gurgurtaa Qoodaarraa maallaqni argamuu yemmuu xiqqaatu;

  3. Daangaan Hojii isaanii kan wal daangessu yoo ta’ee fi walitti makamuuf fedhii yoo qabaatan

  4. Akkasumas sababoota qabatamaa WHG tiin ta’uu danda’a.

  5. Humna waliigaltee (burgaining power)isaanii cimsuuf

2.15. Addan Qoodamuu WHG tiif sababoota Guutamuu Qaban


  1. WHG Miseensotaa isaatiif tajaajila ga’aa kennuu yemmuu dadhabu

  2. Fedhii Miseensotaa isaa yemmuu gargar ta’u

  3. WHG gargar qoodamuu isaatiin qabeenyii kaappitaala saa kan hinhanqanne ta’ee yemmu argamuu, fi

  4. Haala qabatamaa waldichaatiin kan murtaa’u ta’a.

Kutaa 3ffa

3. Mirgaa fi Dirqama Miseensoota Waldaa Hojii Gamtaa




3.1. Ulaagaalee Miseensa Waldaa Hojii Gamtaa Ta'uuf Barbaachisan


Namni ulaagaalee armaan gadii guutu miseensa Waldaa Hojii Gamtaa tokkoo ta’uu ni danda’a:

  1. Waldaa Hojii Gamtaa Bu'uuraatiif yoo ta’e umriin isaa waggaa 18 fi isaa ol kan ta’e;

  2. Kaffaltii galmee kafaluu fi qooda murtaa’e keessaa yoo xiqqaate qooda tokko bitachuu kan danda'u;

  3. Labsii WHG, Kaayyoo fi dambii bulmaata waldichaa fudhachuu fi raawwachuudhaaf qophii kan qabu;

  4. Waldaa Hojii Gamtaa bu'uuraatii ol yoo ta'ee waraqaa ragaa qaama seerummaa fi murtii yaa’ii waliigalaa qabaachuu fi dhiyeessuu kan danda’u;

  5. Miseensa waldichaa ta’uuf fedhii guutuu kan qabu.

3.2. Mirgaa fi Dirqama Miseensa Waldaa Hojii Gamtaa

  1. Miseensi waldaa Hojii Gamtaa kamiyyuu mirga armaan gadii ni qabaata.

    1. Tajaajilaa fi bu'aa waldichi kennuu argachuu;

    2. Yaa'ii waldichaa irratti qaamaan argamuu fi sagalee kennuu, filachuu fi filatamu;

    3. Gaaffii isaatiin miseensummaa keessaa bahuu yoo barbaade faayidaan isaa kabajamee Waldaan Hojii Gamtaa keessaa gaggeeffamuu;

    4. Waldicha waliin kan walqabatan dambiilee keessaa, murtiiwwan yaa'ii waliigalaa, qaboo yaa'ii koree hojii raawwachiistuu, ragaa bu'aa qorannoo herreegaa fi odeeffannoo argachuu;

    5. Qaama isa dhaalu moggaasuu.

  2. Miseensi waldaa Hojii Gamtaa kamiyyuu dirqama armaan gadii ni qabaata:

    1. Dambii ittiin bulmaata, qajeelfamootaa fi murteewwan waldaa kabajuu;

    2. Bu'uura qajeelfamaa fi dambii ittiin bulmaata waldichaatiin hojiiwwan waldaa keessatti hojjatamuu qaban irratti hirmaachuu;

    3. Qabeenya waldichaa eeguu fi kunuunsuu;

    4. Murtii yaa’ii waliigalaa kabajuu;

    5. Wal-ga’ii Miseensotaa irratti hirmaachuu;

    6. Waldicha kisaaraan yoo mudate miseensoota waliin qoodachuu;

    7. Waldaa isaatiif omisha qulqulluu ta`e yeroon dhiyeessuu.

Yüklə 157,12 Kb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin