Qajeelfama gurmii waldaalee hojii gamataa


Aangoo fi Hojii Koree Too'annoo Waldaa Hojii Gamtaa



Yüklə 157,12 Kb.
səhifə7/7
tarix06.09.2018
ölçüsü157,12 Kb.
#78744
1   2   3   4   5   6   7

4.7. Aangoo fi Hojii Koree Too'annoo Waldaa Hojii Gamtaa


Aangoo fi hojiin Koree too'annoo Waldaa Hojii Gamtaatiif dambii ittiin bulmaata waldichaatiin kenname akkuma eeggametti ta’ee aangoo fi hojii armaan gadii ni qabaatu:

  1. Koreen hojii rawwachiftuu itti gaafatammumaa isaanii karaa seera qabeessa ta’een bahuu isaanii ni too’ata.

  2. Maallaqnii fi qabeenyi Waldaa Hojii Gamtaa seeraan hojii irra ooluu isaa ni too'ata.

  3. Sochiiwwan waliigalaa Waldaan Hojii Gamtaa dambii ittiin bulmaata, dambii keessaa fi sirna too'annoo keessa irratti hundaa'ee raawwatamu isaa ni hordofa.

  4. Gabaasa sochii hojii Waldaa Hojii Gamtaa yaa’ii waligalaatiif ni dhiyeessa.

  5. Bittaa fi gurgurtaan adeemsifamu seeraan adeemamuu isaa ni hordofa, ni too’ata

  6. Qacarrii fi sadarkaan guddinaa hojjattootaa loogii malee raawwatamuu isaa ni hordofa.

  7. Itti fayyadamni qabeenya waldichaa seera qabeessa ta’uu isaa ni hordofa.

  8. Fayyadamummaan miseensotaa mirkanaa’uu isaa ni hordofa, ni too’ata.

  9. Duudhaaleen WHG hojiirra ooluu isaa ni hordofa, ni too’ata.

  10. Walitti dhufeenyi miseensotaa fi waldaa, koree fi miseensaa, hojjattootaa fi koree hoji raawwachiistuu gidduu jiraachuu ni hordofa, ni too’ata.

  11. Rakkoolee hojii keessatti mul’atan qoratee karaa koree hojii raawwachiistuu fi hoji-gaggeessaa akka sirratan ni taasisa.

  12. Barbaachisaa ta’ee yoo argame yaa’ii waliigalaa waamuu ni danda’a.

  13. Hojiiwwan biroo yaa'ii waliigalaatiin kennamaniif ni raawwata.

4.8. Koreewwan Xixiqqoo Hundeessuu


Koreewwan xixiqqoo bu’uura dambii ittiin bulmaata waldichaatiin hundaa’uu ni danda’u.

4.9. Caaseffama Waldaa Hojii Gamtaa (organizational structure)


WHG qajeelfama kanaan gurmaa’an caaseffamni isaanii kan asiin gaditti mul’atu ta’ee haalli gurmaa’ina humna namaa isaanii dambii bulmaataa isaaniitiin kan murtaa’u ta’a.

Caaseeffama Waldaalee Hojii Gamtaa


Yaa’ii waliigalaa




Koree biroo

Kutaa herreegaa

Kutaa gabaa

Kutaa warshaa

Callaa guddistuu

Koree liqii

Koree hojii Raawwachiiftuu

Koree too’annaa









Hojii gaggeessaa






Kutaa dhimma miseensotaa




Kutaa bulchiinsa hojjattootaa



Kutaa 5ffaa

5. Mirga Addaa Waldaa Hojii Gamtaa

5.1. Qabeenya sassaabamu (account receivable) Waldaa Hojii Gamtaatiif Dursa Kennuu


Seera biraatiin kan tumame akkuma jirutti ta’ee Waldaan Hojii Gamtaa kamiyyuu miseensa tokko irraa qabeenya sassaabamu yoo qabaatee kan mootummaa osoo hin dabaliin kaffaltii kan biroo dura dursii ni keennamaafi.

5.2. Qooda Miseensotaa ykn Faayidaa Waldandeessisuu


Qoodni yookiin bu'aan miseensi waldichaa biraa qabu kafaltii idaa irraa barbaadamuun waldandeesisuun ni danda'ama.

5.3. Qooda ykn Bu'aa Kabachiisuuf ykn Gurguruuf kan hin Danda'amne Ta'uu Isaa


Qajeelfama kana keewwata 5.2 jalatti kan tumameen ala miseensii kamiyyuu waldicha keessatti qoodni yookiin bu'aa isaa miseensicha irraa kafaltii idaa qabuuf jechaa kabachiisuun yookiin gurguruun hin danda'amu.

5.4. Deeggarsa Mootummaa


  1. Seerrii fi deggarsi hojii Investimentii jajjabessuuf qaamolee birootiif hayyamaman akkuma jiranitti ta’ee, waldaaleen hojii gamtaa mootummaa irraa deeggarsaa fi jajjabeessituu kanatti aanan ni argatu:

    1. Bu'uura qajeelfama kanaatiin waldaaleen gurmaa'u kamiyyuu galiin isaan argatan galii gibiraa irraa bilisa ta'u; haata’u malee miseensonni waldaa hojii gamtaa bu’uuraa gahee qooda argatan irraa akkaataa labsii galii gibiraa lakkoofasa 286/94tiin ni kaffalu.

    2. Waldaan hojii gamtaa kamiyyuu ijarsaa hojiiwwan adda addaa raawwachuuf isa barbaachisu gaggessuuf lafa magaalaa keessatti argachuu ni danda’a.

  2. Mootummaan sochii hojii Waldaa Hojii Gamtaa cimsuuf humna namaa ni leenjisa; hojii qorannoo fi qo'anna akka gaggeefamu ni taasisa.

  3. Mootummaan fandii addaa waldaa hojjii gamtaa jajjaabeessuuf jecha kennuu ni kenna.

  4. Waldaan Hojii Gamtaa dhimmaa qabeenya yookiin maallaqa isaa wajjiin walqabateen gaafachuuf mirgi inni qabu waggaa 20 booda hafaa ta'a.

  5. Meeshaalee hojii waldaalee hojii gamtaaf barbaachisaa ta`an kan akka kombaayinaraa, tiraaktaraa, maashinaroota adda addaa warshaaf gargaaran, konkolaataa fi calla guddistuu adda addaa ashuuraa (duty free) malee alaa ni galfatu.

Kutaa 6ffaa

6. Qabeenyaa fi Maallaqa Waldaa Hojii Gamtaa

6.1. Qabeenyi fi Maallaqni Waldaa Hojii Gamtaa kan hin Qoqqodamne Ta'uu isaa


Qabeenyi Keennaadhaan, dhaalaanii fi lafti maqaa waldichaatiin hanga jirutti qabeenya waliinii ta'uun ni tajaajila; miseensotaaf yookiin qaama biraatiif hin qoqqodamu.

6.2. Yeroo waldaaleen hojii gamtaa diigaman haala qabeenyi itti qoodamuu danda’u


Waldaan hojii gamtaa kamuu yemmuu diigamu haala labsii 147/91 keewwata 44 (4 )tiin qaamolee idaa waldicha irraa qabaniif kafalamee kan hafu miseensota waldichaa qaamaan jiranii fi miseensummaa keessaa qoodaa fi faayidaa isaaniif malu osoo hin fudhatin bahaniif akkasumas dhaaltota miseensota du’aniitiif gahe gahee isaaniitiin ni qoqqooddamaafi.

6.3. Qoodiinsa Bu'aa Qulqulluu


  1. Waldaan Hojii Gamtaa tokko bu'aa qulqulluu argatu irraa dhibbeentaa 30 of- eeggannoof hir’isuudhaan kaa’ee kan hafe keessaa hirmaannaa miseensotaaf, qoodaaf, tajaajila hawaasummaa, hojii babal’isuu fi onnachiistuuf murtii yaa’ii waliigalaa iraatti hundaa’ee hojii irra ni oolcha;

  2. maallaqni herrega of-eeggannoodhaaf taa'u hanga kaappiitaala waliigala waldichaa dhibbeentaa 30 gahutti ta’ee, yemmuu %30 ol ta’ee argame murtii yaa’ii waliigalatiin hojii irra kan oolu ta’a.

  3. Miseensonni bu'aa qulqulluu argatan fedhii isaaniitiin akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa (2) tiin argataniin qooda dabalataa ittiin bitachuu ni danda'u.

  4. Maallaqni of eeggannoo lakkoofsa herreega qusannoo addaa maqaa waldichaatiin baname keessa taa’uu qaba.

  5. Waldaaleen hojii gamtaa yoo barbaadan maallaqa of eeggannoo kana waldaa bu’uuraa/yuuniyeenii qusannoo fi liqii daangaa hojii isaa keessa jiru bira walii galtee uumuun kaa’achuu ni danda’u.

  6. Maallaqni of eeggannoof taa’e kun yeroo waldichi kisaaraa fi balaan tasaa isa qunnamu kan ittiin dandamatu ta’a.

6.4. Daangaa Liqeeffachuu


Waldaa Hojii Gamtaa tokko miseensota irraa yookin dhaabbiilee biroo irraa baay’inni maallaqa liqeeffachuu danda’u bu’uura dambii ittiin bulmaata waldichaatiin kan murtaa'u ta'ee:

Liqiin waldaan hojii gamtaa tokko liqeeffatu karoora tarsiimaa’aa fi karoora hojii waggaa qophaa’ee yaa’ii walii galaatiin mirkanaa’e giddugaleessa kan godhate ta’uu qaba.


6.5. Daangaa Liqeessuu


Waldaan Hojii Gamtaa tokko miseensota isaaf, ykn bu'uura labsii lakkoofsa 147/91 keewwata 10tiin Waldaa Hojii Gamtaan gurmaa`aniif tajaajila liqii akkaataa dambii bulmaataatiin kennuu danda’a. Kunis kan raawwatu murtii yaa’ii waliigalaa bu’uureffatee ta’a.

Kutaa 7ffaa

7. Haala Inispeekshinii fi Odiitii WHG

7.1. Haala inispeekshinii


  1. Ejensiin babal’ina waldaa hojii gamtaa sadarkaa sadarkaan jiru hojii inspeekshinii sagantaa idileedhaan gaggeessuu yookiin hojiiwwan waldaa tokko irratti rakkoon ga’eera jedhe yoo amane yookiin yoo eeruun gahe akkaataa labsii 147/91 keewwata 37tiin inispeekshinii ni rawwata.

  2. Keewwata kanaan keewwata xiqqaa (1) jalatti kan tumame akkuma eegameetti ta'ee qaamni aangoon seeraan kennameef:

    1. Karoora idilee isaa irratti hundaa’uudhaan.

    2. Koree hojii rawwachiiftuu keessaa irra caalaan isaanii yoo gaafatan;

    3. Miseensota waliigalaa keessaa 1/3ffaa kan ta’an yoo gaafatanii fi




    1. Galmeewwan, sanadoota, qaboo yaa’ii, murteewwan adda addaa, waliigalteewwanii fi sochii waliigalaa waldichaa irratti hojiin inispeekshinii ni gaggeeffama.

7.2. Herrega WHG Qorachuu


  1. Herreegni waldaa hojii gamtaa kamiyyuu Ejensiin babal’ina waldaa hojii gamtaatiin ykn kan inni bakka buuseen yoo xiqqaatee waggaatii al tokko odiitii ni ta’a.

  2. Qorannoo herregaa tiif barbaachiisaa kan ta`an galmeewwan, sanadoota herregaa, qaboowwan yaa'ii, ragaawwan jeechoota barreefamaa, hojiiwwan waldichaaf Hooggantoota qabeenya waldichaa sochoosan, raawwii hojii gaggeessummaa fi raawwii hojii kamiiyyuu, idaa hin kafalamne, herreega funaannamu, sanadoota wabummaa fi gatii qabeenyaa dabalee ni qorata.

  3. Ejensiin babal’ina waldaa hojii gamtaa sadarkaa sadarkaan jiru gabaasni qorannoo herregaa erga xumuramee booda guyyaa 15 keessatti waldaa qoratameef ni erga.

  4. Waldichi gabaasni odiittii erga isa dhaqqabee booda yaadaa fi sirreeffamoota odiitaraan kennaman irratti tarkaanfii sirreffamaa fudhatee hojii irra ni oolcha.

  5. Gabaasni herregaa waldaa akka qaqqabeen guyyaa 30 (soddoma) keesatti yaa'ii waliigalaatiif dhiyeessee ni raggaasisiisa.

  6. Gabaasni kun odiitara herregicha qorateen qofa yaa’ii waliigalaatiif dhiyaachuu qaba.

  7. Gabaasa odiitii dhiyaate yaa’ii waliigalaatii mirkanaa’e irratti namni komii qabu yoo jiraate guyyaa 30 (soddoma) keessatti qaama dhimmi ilaalutti dhiyeeffachuu ni danda’a.

  8. Komiin guyyaa 30 keessatti hin dhiyaatin fudhatama hin qabaatu.

  9. Herreegni waldaa hojii gamtaa tokkoo odiitara WHG sadarkaa aanaatiin/godinaa/bulchiinsa magaalaa/naannootiin taasifamee gabaasa odiitii irratti komiin yoo uumamee fi qaamni komii dhiyeesse ol iyyannoo dhiyeessee odiitara WHG sadarkaa sadarkaan jiruun qofa ni ilaallama.

7.3. Qabeenya Waldaa Irratti Hir’inni Yoo Mul’ate Tarkaanfii Fuudhatamu



  1. Too'annoo herregaa yookiin yeroo qorannoon taasifametti hojii Waldaa Hojii Gamtaa akka gaggeessuuf nama itti gaafatamummaan irratti gatame yookiin hojjataa waldaa kan ta’ee.

    1. Qajeelfama kanaan, yokiin dambii ittiin bulmaata waldichaatiin kafaltii hin heyamamiin raawwatee yoo argame;

    2. Amantaa hir’isuudhaan yookiin ta'e jedhee yaaduun yookiin dhimmamuu dhabuudhaan qabeenya waldaa irratti hir’ina dhaqabsiisee yoo argame;

    3. Qabeenya waldichaa kan ta'e yookiin maallaqa seera malee yoo fudhate to'ataan yookiin qorataan herregaa akka dhimmichi ilaaluun haala isaa hojii gaggeessaa koree tiif yookiin yaa'ii waliigalaatiif yookiin qaama dhimmi ilaaluuf gabaasa ni taasisa.

  2. Gabaasni akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa (1)tiin dhiyaate Ejensiin pooliisiif yookiin abbaa alangaatiif yookiin akka barbaachiisumma isaatii lamaaniifu ni beeksiisa.

Kutaa 8ffaa

8. Haala WHG Itti diigamanii fi Herregni Isaanii Itti Qulqullaa’u

8.1. Diigamuu Waldaa Hojii Gamtaa

Waldaan Hojii Gamtaa tokko sababoota armaan gadiitiin diigamuu ni danda’a:

  1. Akka diiggamu yaa’iin waliigalaa murtee addaa yoo kennan;

  2. Lakkoofsi miseensotaa kan labsii fi dambii irra taa’ee gadi yoo ta’e;

  3. Manni murtii akkaa diiggamu yoo murteesse;

  4. Bu'uura bu'aa qorannoo waldichaatiin walitti aansee waggaa sadiif irra deddeebi'amee kan kasaaree fi baay’inni kisaaraatis eenyummaa waldichaa kan dhabamsiisu ta'uu isaa qaamni aangoon seeraan kennameef yoo mirkaneessee fi yaa'ii waliigalaatiin yoo mirkanaa’e;

  5. kaayyoo dhaabateen ala yoo socha’ee fi akka sirraa’u akeekkachiisni itti kennamee yoo hin siirreessiine ta’e;

  6. Kan keewwata kana keewwata xiqqaa (1) fi (2) jalatti tumame akkuma eegametti ta’ee Waldaan Hojii Gamtaa akka diigamu yoo murtaa'e waldichii qaama dhimmi ilaaluuf murtii diigamuu guyyaa torba (7) keessatti beeksiisuu qaba.

8.3. Hundeeffama koree qulqulleessituu herreegaa


Haala labsii WHG 147/91 keewwata 41(1)tiin herrega waldaa diiggamuu kan qulqulleessan koreen miseensota shan (5) qabu (gurmeessaa, inispeekshinii, seeraa, galmeessaa fi odiitara) irraa ijaaramanii akkaataa barbaachisummaa isaatti ogeessota biroos dabalachuun ni danda’ama.

8.4. Herrega Qulqulleessuu


  1. Bu'ura labsii 147/91 keewwata 41 tiin waldaan tokko akka diigamu yoo murtaa'u qaama dhimmi ilaaluu herrega qulqulleessuu yookiin qulqulleesiitoota ramaduu ni danda'a;

  2. Duraan duursee herregni waldichaa odiitii ta’uu isaa ni qulqulleeffata. Yoo odiitii ta’uu baate akka odiitii ta’u yaada dhiyeessa.

  3. Herrega kan qulqulleessu akka ramadameen galmeewwan waldichaa sanadotaa fi qabeenyaa seeraan ofitti fudhatee hojii herreega qulqulleessuu ni taasisa;

  4. Qabeenyoota waldichaa, galmeewwanii fi sanadoota irratti miidhaan akka hin geenyee tarkaanfii barbaachisaa ni fudhata.

8.5. Aangoo fi Hojii Qulqulleessaa Herregaa


Koreen Qulqulleessituu herrega aangoo fi hojii armaan gadii ni qabaata:

    1. Idaa waldaa irraa gaafatamu qoratee tartiibaan kaffaltii ni murteessa.

    2. Qabeenya waldichaa walitti ni qaba.

    3. Falmiiwwan waldaa ilaalchisan irratti bakka bu'aa ni ta'a.

    4. Hojii herregaa qulqulleessuuf barbaachiisaa yoo ta'e miseensoota yookiin hojii gaggeessaa waldaa walgahiif ni waama.

    5. Bu'uura karoora herrega qulqulleessuu yaa'iin waliigalaa waldichaa raggaasiiseen maallaqa fi qabeenya ni qoqqooda.

    6. Hojii herrega waldaa qulqulleessuu amanamummaa fi iftoominaan ni gaggeessa.

    7. Bu'uura keewwata kana keewwata xiqqaa (1)tiin qoodiinsi qabeenyaa godhamuun dura waldichi kan diigamu ta'uu isaa beeksiisa gaazeexaan baasa; beeksiisni guyyaa bahee irraa eegalee hanga ji'a tokkoo kan mormu yoo hin dhiyaannee qoqqodinsa qabeenyaa ni taasisa.

    8. Hojii qulqullessuu akkuma xumureen gabaasa qopheessee qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; galmeewwanii fi sanadootaa waldichaa iddoo abbaa taayitaa dhimmi ilaaluu ajajuu ni ka’a.

8.6. Waamicha maallaqa Gaafattootaa


  1. Waldaan hojii gamtaa tokko akka diiggamu erga murtaa’ee booda herreegnii fi qabeenyi waldichaa odiitii ta’uu qaba.

  2. Kaafaliiti herrega maallaqa gaafattootaa bu'uura ibsa qabeenyaa fi idaa odiitara irraa dhiyaaten herrega qulqulleessaan raawwatama.

  3. Maallaqa gaafattootaaf waldaan diigamuu isaa ibsameefii iyyannoo isaanii akka dhiyeefatanii fi maallaqa gaafataniifiis ragaalee/sanadoota/ isaan gargaaran akka dhiyeeffatan beeksiisni isaan ni dhaqqaba.

  4. Galmee Waldaa Hojii Gamtaa keessatti maqaan isaanii kan barreeffameef yookiin maallaqa gaafattoonni karaa biraatiin yoo beekaman waa'ee diigamu waldichaa xalayaa riikomaandeedhaan kallattiin ni ergamaaf.

  5. Akkasumas namoota xalayaan harka gahuu hin dandeenye gaazexaa uwwisa qabuun yeroo lama walitti aansuun ji’a ji’aan waamichi ni godhamaaf.

8.7. Mirga Maallaqa Gaaffattootaa Eeguu


  1. Waldicha irraa maallaqa gaaffatoota kan ta'aniif yoo hin kafalamneef yookiin maallaqa isaanii kafaluuf maallaqni gaha ta'ee yoo kaa'ame malee herrega qulqulleessiitoonni qabeenyaa fi maallaqa waldichaa gartokkees ta'u miseensootaaf qoqqooduu hin danda'an.

  2. Maallaqa gaaffattootaa beekkaman ragaa isaanii osoo hin dhiyeessin kan hafan yoo ta'e hangi maallaqa kaffalamu mana murtiitiin murtaa’a.

  3. Maallaqa gaaffattoonni herrega barbaadaniif waboota waligitaa ta'aniin yoo waligaluu baatan yookiin qoodiinsii qabeenya waldaa dirqamoonni kanneen hanga kafalaniitti daangaan yeroo yoo taa'e malee dirqama hin raawatamineef yookiin dirqamoota waldaalee falmii irra jiraniif maallaqnii walgita ta'e qabamee taa'uu qaba.

  4. Idaan waldichaa kaffalamee yoo hin dhumne yookiin idaa kafaluudhaaf maallaqni gahaa ta'e taa'uu isaa erga mirkanaa'ee booda qulqullesiitoonni, herreegaa waldichaa hafe miseensota waldichaatiif haala gahee isaaniitiin ni qoqqooda.

8.9. Waldaa Hojii Gamtaa Galmee Irraa Haquu


  1. Hojiin herrega qulqulleessuu akka xumurameen waraqaan ragaa waldichi ittiin galmaa'ee qaama dhimmi ilaaluuf deebi’uu qaba; qaamni aangoon seeraan kennameef Waldaa Hojii Gamtaa galmee irraa ni haqa.

  2. Qaamni gurmeesse sanadoota waldaa diiggamee “kan haqame” jedhee irratti barreessuu fi mallaatteessuudhaan ni kaa’a.

  3. Chaappaan waldicha diiggamee bakka hooggantoonni dhimmi ilaalu argamanitti ni gubama.

  4. Waldaan Hojii Gamtaa guyyaa galmee irraa haqamee eegalee qaama seerummaa ni dhaba.

8.10. Haala waldhabbiin WHG keessatti ittiin hiikkamu


Waldaalee hojii gamtaa keessatti waldhabbiin yemmuu uumamu akkaataan itti hiikkamu:

  1. Qaamoleen waldhaban lamaan walitti dhufuudhaan dhimma isaanii araaraan fixachuu qabu.

  2. Dhimmichi araaraan kan hin raawwanne yoo ta’e qaamoleen lamaan jaarsolee tokko tokko filachuudhaan walitti qabaa immoo gidduutti ni filatu; yoo waliigaluu baatan qaamni gurmeessu walitti qabaa ni filaaf.

  3. Murtiin gumii jaarsoleen kennan kun akka manni murtii hariiroo hawaasaa sadarkaa duraa kennetti lakkaa’ama.

  4. Qaamni murtii gumii jaarsoliitiin kennametti hin quufne ol iyyannoo mana murtii olaanaatti dhiyeeffachuu ni danda’a.

  5. Barbaachisaa ta’ee yoo argame, murtii gumiin jaarsolii kennan akka raawwatuuf manni murtii ajaja dabarsuu ni danda’a.

8.11. Falmiiwwan gumii jaarsoliitiif dhiyaatan


  1. Hojjattootaa fi waldicha gidduutti, hooggantootaa fi waldicha gidduutti,

  2. Miseensotaa fi waldaa gidduutti, miseensaa fi miseensota gidduutti, miseensota durii fi dhaaltota gidduutti falmii ka’u

  3. Waldaalee fi waldaalee gidduutti falmiin yoo kan ka’u ta’e

Kutaa 9ffaa

9. Dhimmoota adda addaa

9.1. Fooyya’iinsa qajeelfama kanaa


Barbaachisaa yoo ta’ee argame EBWHGO qajeelfamicha fooyyessuu ni danda’a.

9.2. Hojii irra oolamaa qajeelfamichaa


  1. Qajeelfamni kun guyyaa Ejensii Babal’ina Waldaalee hojii Gamtaa Oromiyaatiin mirkanaa’ee lakkoofsa qabatee bahe irraa eegalee waldaalee hojii gamtaa sadarkaa sadarkaan jiran hunda biratti hojii irra ni oola.

  2. Qajeelfama kana keessatti dhimmoonni ifa hin taanee fi hiika wal falmisiisu kennan yemmuu uumaman EBWHGO hiikni inni barreeffamaan itti kennu kan dhumaa ta’a.

Yüklə 157,12 Kb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin