Qorannoo jbah adeemsa hojii ijoo bulchiinsa kontiraata fi karoora


Kaayyoo Qo’annoo (Objective of the study)



Yüklə 1,2 Mb.
səhifə2/26
tarix07.01.2019
ölçüsü1,2 Mb.
#91804
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   26

Kaayyoo Qo’annoo (Objective of the study)


Hojiimaata kana dura bu’aa irraatti hin xiyyeeffannee fi too’annoo irratti hunda’ee, adeemsa walxaxaa fi adeemsa yeroo dheera fudhataa ture, akkasumas feedhi maamilaa kan hin gune hambisuudhaan Adeemsa haaraa Jijjiirama Bu’uuraa gamaa yerootin, qullqullinan, Baasii tiin fi tajaajilatin bu’aa garii argamsiisu danda’u fi itti quufinsa mamilaa dabaluu hundeessudha.
    1. Mala Qo’annoo (Methodology)


Adeemsa haaraa irra deebi’un kurfeessuuf mala qo’annoo armaan gadiitti fayyadamun danda’ame jira

  • Adeemsa duraa irratti sakatta’insa gaggeessu.

  • Maamiloota fi Dhimmamtootaf Gaaffilee barreeffamaa fi afaanii qopheessuun odeeffannoo qorannoo JBAH’f barbaachisaa ta’an funaanu.

  • Ragaalee sakatta’uun (Document review) gaggeessuu fi ‘ Internet’itti gargaaramuun

  • Yaadamtoota haaraa Burqisiisudhaan

  • Ogeessota fi gorsitoota Muuxannoo gaarii qaban wajjin yeroo yeroon marii gaggeessuudhaan.

  • Muuxannoo gaarii raawwii waajjirichaa fi Muxxannoowaajjiralee/Dhabbilee adda addaatti fayyadamudhaan(Bench marking)
    1. Dangaa qo’annoo (Scope)


Sadarkaan deebisani kurfeesu adeemsa hojii ijoo Bulchinsaa kontiraataa fi karoora kessaatti hojilee ammataman kaneen akka bulchinsaa kontiraataa, karoora, qorannoo gaba, hordofii fi too’annoo kan of keessatti qabate ta’a.
1.5. Ergama, Muldhata, Duudhalee, Gahee fi Aangoo Interpiraayizii Ijaarsa Hojiiwwan Bishaan Oromiyaa

  1. Ergama

Ogeessoota gahumsa qabanfi teeknooloojii ammayyaatti qindeessudhaan misooma ijaarsa bishaanii, daandii, fi gamoowwanii gaggeessun tajaajila qulqullinaa fi bu’a qabeessa ta’e iddoo fi yeroo barbaadamu keessatti dhiheessun ummata fayyadamaa taasisudha.

  1. Mul’ata

Bara 2020tti, Baha Afrikaatti interpiraayizii dorgomaa ta’e argamuudha.

  1. Duudhaalee

  • Qulqullinni hojii Ijaarsaa Xiyyeeffannoo keenya

  • Kenninsitajaajila qulqulluu mallattoo keenya

  • Gareedhaan hojjachuu ni jajjabeessina.

  • Fedhii maamilaa ni kabajina.

  • Muuxannoo wal jijjiruun aadaa keenya.

  • Teeknooloojii ammaayyaa wajjin tarkaaffachuun aadaa keenya.



  1. Gahee fi Aangoo interpiraayizii

  • Hojiiwwan qabeenya bishaanii misoomsuuf hojjatamanirratti bobba’uu dhaan, ijaarsawwan hidhaa bishaanii, jalisiiwwan, ijaarsa bishaanii humna ibsaa maddisiisan, sararoowwan raabsaa bishaan dhugaatii, sararoowwan xurii dhangala’aa maqsan, sararaawwan dhangala’aa, ijaarsa karaa fi ijaarsa gamoowwanii raawwachuu dha.

  • Boondii ni baasa, ni qabsiisa, ni gurguras.

  • Meeshaalee fi qodaawwan hojiilee ijaarsa bishaanitii fi ijaarsa bishaanitiin wal fakkaataaniif tajaajilan ni oomisha; biyyoota alaarraa ni fichisiisa, gurgura, raabsa; biyya allaattis ni erga, akkasumas ni kireessa.



  1. Xiinxalaa gahee fi aangoo interpiraayizii

Interpiraayiziin aangoon fi gahee hojii duraan kennameef keessa hojiiwwan kan akka:-

  • hidhaa bishaanii fi jalisii, sararoowwan raabsaa bishaan dhugaatii, qotiinsa boolla bishaanii, ijaarsa karaa, ijaarsa gamoowwanii fi

  • hidhaawwan bishaan jalisii bulchu, baasiiwwan ijaarsa kanaaf baasii ta’e fayyadamtootarraa sassaaba turerra.

Inteerpiraayiziin hojiiwwan ijaarsa gaggeessa ture kana keessa yeroo amma qotinsa boolla of-danda’e fi bulchiinsa hidha bishaani immoo abba taayitaa jaalisii akka ta’u kara mootummaatiin waan murta’ef qoranno JBAH kana keessa bahe gaheen hojii foyya’e dhihaate jira.
Hojii hojjatama ture kana keessa hojiin ijaarsa karaa dhaabbata mootummaan Interpiraayizii Ijaarsa Daandii Oromiyaa jedhe gurmeessun kallatidhaan hajjacha kan jiru yoo ta’u raawwi isaa waliin walqabata hanga amma fedhiin waldhahu fi komiin qaama lamanu irra ifati dhihaate hin jiru. Ijaarsa gamoowwanii ilaalchisee immoo hojiin ijaarsa interpiraayzii keenya raawwatama yaa ture kana dhaabbatni Mootumma bakka bu’e gaggeessu kan hin jiree fi komiin kara kanaan dhihaate akka interpiraayizitti beekamu hin jiru. Yaa ta’u malee hojii ijaarsa gamoo kana gabaa keessa galame kan dorgomiin kennama ture otoo hin ta’inni kallatiin waan kennama turef dorgomiin argachu keessatti interpiraayiziin muxanno hin qabu.
Hojiin ijaarsa kun laman (karaa, gamoo) kaayyoo gabaa tasigabeessu fi iddo dhaabani dhunfaa hin galee mootumma bakka bu’e hojjata jedhu irratti bu’aa guddaa akka hin qabne ni beekama. Akkasumas hojii kana irratti dhaabani dhunfaa heddun gahumsa qaban waan jiraniif, interpiraayiziin fulduraatti ijaarsa humna fi gahumsa hojjatoota cimsuun irratti yoo hirmate bu’a guddaa waan argamsisuu fi hojii dhabdootaf hojii carraa bannu waan ta’ef gahee hojii ta’e itti fufu qaba.
Kara biraa interpiraayiziin hojii aangoon kennamef keessa kanarman gadi hanga amma kallatidhaan hin hojjanne.

  • ijaarsa bishaanii humna ibsaa maddisiisan, sararaawwan xurii dhangala’aa maqsan fi sararaawwan dhangala’aa,

  • Boondii baasu, qabsiisu fi gurguru,

  • Meeshaalee fi qodaawwan hojiilee ijaarsa bishaani fi hojii bishaaniin wal fakkaataaniif tajaajilaan oomishu, biyyoota alaarraa fichisiisu, gurguru, raabsu, biyya allaatti erga fi kireesuu jedhaman keessatti ni argamu.

Sabaaba hojiiwwan aangoon kenname kun akka hojii irra hin olee tasisaan fi furmaata isani tokko tokkoon haala arman gaditiin dhihaate jira.

  • Inni tokko boondi baasu fi gurguruu kan jedhu hojiin kun kara mootumatiin hanga amma hayyamni kennama jiru kan hin jire yoo ta’u kana irra kan ka’e interpiraayiziinis hayyama kana baase waan hin qabnef hojii kana hojjachu hin danda’u. Akka waligalaatti yeroo amma seektaara kana irratti dhaabani mallaqaa sochosaan baayyen waan jirani fi hojjachu waan danda’anif kara interpiraayitiin bu’a qabeessuman isa xiqaa fi hojii bishaani waliin kan wal-hin qabane waan ta’ef barootan gabaaba kana keessatti ittiin hojjachun arifaachisa mitti. Yaa ta’u malee yeroo murasaan booda gabaan isaa kara mootummaa banname yoo irratti hirmatame bu’a qabeessa waan ta’uf, interpiraayiziin hojii kana raawwachuf humna cimsun qopha’e akka egatu fi gahee hojii ta’e itti fuifu akka qabu koreen kun itti ammana,



  • Hojiin ijaarsa humna ibsa bishaani irra madisisu akka aangootti yaa jiratu malee hanga amma hojiin hojjatame hin jiru. Muxannoon ijaarsa kan gargaru interpiraayiziin hin qabu. Yeroo amma hojiin kun sadarkaa Feederalaatti kan hojjatamu waan ta’ef carraan interpiraayizii keenya kallatiin afeerame hojjachu danda’u baayye xiqaa dha. Yaa ta’u malee biyyi keenya karoora yeroo gabaaba fi dheeraa keessatti ibsa ummata waliin gahuuf hojjacha waan jirtuf, interpiraayiziin humna fi gahumsa cimsu hojii kana keessatti akka hirmachu qabdu kallatiin mootummaa ni agarsiusa. Kanaafuu, angoo fi gahee hojii kun interpiraayiziin hanga carraa kana ummutti turu akka qabu itti ammanama,




  • Interpiraayiziin hojiiwwan hanga amma hin hojjane keessa sararoowwan xurii dhangala’aa maqsani fi sararaawwan dhangala’aa isa biraatti dha. Haala qabatama amma jiru hojii kun afeera magaalootatin kan hojjatama yoo ta’u magaalooni kun ijaarsa kanaaf gabaa irra qaama hojjatu argachuf carraa balaadha waan qabuf kallatiin interpiraayizii keenya afeerre hojjachisun xiqaa dha. Kanaafuu, hojiin isa hirmaatoota baayye (IMX dabalate) waan qabuf hojiin kun aangoo keessa ta’un isa yeroo amma bu’aan qabu xiqaa yaa ta’u malee fulduraati hojii kana keessa yoo seenname hojii bu’a irra argamu fi hojii dhabdotaaf kan hojii ummu danda’u dha.




  • Meeshaalee ijaarsa bishaani gargaraan fi hojiile walfakaatu hojjachuf interpiraayiziin hanqina humna (mallaqaa, oggeessa,) irra kan ka’ee waan hayyama hojii meeshaa kana fichisisuu fi raabsu dandeechisu hin qabnef hanga amma hojjachu hin dandeenye. Hojiin kun interpiraayiziin hojiiwwan hojjatu keessatti gahee gudda kan qaban fi bu’anis kan irra argamuf waan ta’ef fulduraati karooran qabame kan hojjatamu qabu waan ta’ef aangoo keessa turun isa barbachisa dha.

    1. Yüklə 1,2 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   26




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin