Qorannoo jbah adeemsa hojii ijoo bulchiinsa kontiraata fi karoora


Adeemsaalee adda baasu fi Qo’annoo JBAH gageesuu



Yüklə 1,2 Mb.
səhifə3/26
tarix07.01.2019
ölçüsü1,2 Mb.
#91804
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   26

Adeemsaalee adda baasu fi Qo’annoo JBAH gageesuu


Ergama IIHBO irrattii hundaa’udhaan adeemsa hojii jiran keessa adeemsi hojii lama adeemsa ijoo ta’udhaan qo’annoo Kanan adda bahe jira.

Insaanis:

  1. Adeemsa Hojii Ijoo Ijaarsa

  2. Adeemsa hojii Ijoo Bulchinsaa Kontiraataa fi karoora

Haaluma Walifakkatuun adeemsaleen hojii deegarsa Adeemsa ijoo kanaaf kannan adeemsa deegarsa jedhamani mogafamani jiru, adeemsaleen deegarsa yaa’insaa hojii isanii irraatti hunda’udhan iddo saditti addan hiramani jiru

Isaanis:


  1. Adeemsa Hojii Deegarsa Loojistikii fi Bulchiinsa Qabeenya

  2. Adeemsa Hojii Deegarsa Bulchiinsa Faayinaansii

  3. Adeemsa Hojii Deegarsa Bulchiinsa fi Misooma Humna namaa



  1. Sadarkaa Hubanno (Understanding phase)

    1. Ibsa Adeemsa Hojii Ijaarsa Amma Jiru



Galtee hojii ijaarsa(Input): Ka’umsi hojii ijaarsa Maamilaa fi Dhimmamtoota ijaarsa Siivilii, yeeroo fi sadarkaa isaa eege akka hojjetamuufbarbaadanudha.
Galma hojiiijaarsa(Outcome): Pirojektii Yeroodhan, Qulqullinaan, Baasii qabameen hojjetamee yeroodhan mamilaaf dabarsame fi Tajaajilamtootaa Fayyadama ta’ani horachu dha.

Feedhiin ijaarsaa mamilaa irraa dhihaatuf gatii bu’aa qabeessa fi dhabbatta dorgomsisu danda’u guutudhan dorgommii irraatti dhihaatudhan, akkasummas karooraa hojii, hordofii fi to’aannoo bu’aa qabeesa ta’e gaggeesudhan, haala hojiin yeroo qabamee keessatti, qulqullina barbaadamun fi baasii qabameen rawwatamu gochudha.


    1. Hojii Damee Bulchinsaa Kontraataa fi hordofii


Bulchinsii kontraataa hojiilee beeksisaahordofuu irraa hanga caalbaasii dorgomuu fi walii galtee seenuu, ajaaja hojii damee ijaarsaaf dabarsuu, raawwii hojii Pirojektoota hordofuu fi Pirojektoota ijaarsii isaani xummurameef kaffaltii saassaabuu akkasumas hojii xummurame maamilaaf dabarsanii hanga keennuutti hojjetaakan turee dha. Tarreeffamni hojilee ijoo dame kana jalatti raawwatamaa turan kan armaan gadii ta’a.

  • Beeksisaa hojii hordofuu

  • Beeksisaa hojii ijaarsaa bahee hordofudhaan ‘Document’ caalbaasii akka bittamuuf gaaffi dhiheessuu fi bittaam isaa hordofuu

  • ‘Document’ Caalbasii Bittaamee dhihaatee irraa ka’udhan gatii Bu’aa qabeessa ta’ee guutudhan caalbasii dorgomu

  • Ragaa barbaachisan qindeesudhan waligaltee pirojektii haarawa galu.

  • Hojiin ijaarsa haala waliigaltee galameen rawwatamuu isaa ni hordofa.

  • Hojii Ijaarsa eegalsisudhaf baasii barbaachisu ni qopheessa akkasumas itti faayyadama isaa ni to’ata

  • Hojiidhaaf maashinarii barbaachisu, humna namaa barbaachisu, meesha barbaachisu fi qabaanya adda addaa barbaachisan adda baasudhaan damee dhimmi ilaaluf ni dhiheessa akkasumas raawwii isaa ni hordofa.

  • Pirojektii waliigalteen galameef akka hojiin isaa eegalamuuf qaama hojii rawwatu ni ajaaja rawwii isaas ni hordofa

  • Kaffaltiin hojii akka pirojektii damee ijaarsa irraa yeroodhaan akka dhihaatu taasisudhaan kaffaltii ‘Consultant’ mirkaneesise akka gara mamilaa darbee kaffaltii gamaa damee faayinaansii tiin funaanamu ni godha.

  • Tooftaa to’annoon itti cimuu danda’u ni diriirsa, akkasummas too’aanoo fi hordoffii ni taasisa.

  • Gaabasni hojii ijaarsa yeroo eegatee akka dhihatu hordoffii ni taasisa

  • Meeshalee ijaarsaa bitamaniif mirkanaa’a qulqullina (quality), addumaa (specification) ni kenna, bittaa isaani hordofuun dhimma barbaadamuuf hojii irraa oolu isaa ni hordofa.

  • Pirojeektoota IIHBO tiin hojjetaman yeroo isaanitiin xumuramaa jiraachuu isaaniini hordofa, yoo yeroo qabameef keessati kan hin xummuramin ta’ee yeroo hojii dabalataa (Time Extension) ni gaafata.

  • Hojiilee oggumaa addaa fi meeshaa addaa waajjirrii hin qabnee barbadaniif akka qaama danda’uun hojjetamuuf yoo dameen ijaarsaa dhimmi ilaalatu gaafii dhiyyeeffate dokumeentii caalbaasii seera bulchiinsaa kontiraataa eege qopheesudhaan caalbaasiidhaaf ni dhiheessa.

  • Xiinxala raawwii kaffaltii kiraa maashinarii ni raawwata, sirreeffama barbaachiisaa ta’ee ni godha, gabaasa qaama dhimmi ilaallatuuf ni godha.

  • Itti fayyadama humna namaa, maashinarii, maallaqaa fi meeshaa ijaarsa pirojeektoota damellee waliin ta’uun ni to’ata.

  • Projeektoota IIHBO hojjatamaniif dokmeentii caalbaasii fi waliigaltee akka qophaa’u ni godha, ni hordofaa, ni-to’ata.

  • Dabalata gatii hojii fi gargaarumma hojii hojjetamuf yeroodhaan dhihaatee akka hojii irraa olu ni mirkaneesisa, ni hayyamisisa akkasummas ni hordofa.

  • Walumaa galattii sisteema hojii ijaarsa iddoo fooya’u qabutii qoranno ni gaaggeessa
    1. Divizyinii fi Tajaajila damee Bulchiinsa Kontiraataa fi Hordofii jalatii argamu


  1. Div.Bulchiinsa kontiraataa

1.1 Tajaajila hordoffii kaffaltii gabaasaa

1.2 Tajaajila qorannoo gabaa fi hordoffii qulqullina meeshaa ijaarsa

1.3 Tajaajila Caalbaasii qopheessuu


  1. Divizinii To’annoo fi Hordoffii
      1. Yaa’insaa Hojii Dameen Bulchinsaa koontraataa fi hordofii keessa darbu



Gatii guutu
Fedhii Mamilaa fi dhimmamtota Ijaarsaaf qaban
Document’ Bittu
Document’ qaacceesu
Proposal’ waliigaltee Qopheessu
Waliigaltee hojii galuu
Kaffaltii duraa gaafachu fi fudhachu
Pirojektii Fuudhuu
Ajaaja hojii Damee Ijaarsaatiif dabarsu
Hordoffii fi To’annoo

Kaffaltii hojii hojjetame gaafachu

Ijaarsa Xummurame Maamilaaf kennu



    1. Yüklə 1,2 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   26




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin