Seensa Hima Rakkoo 2


Qormaatawwan (Challenges) Hojiirra Oolmaa TQO Keessatti Quunnamuu Danda’an



Yüklə 236,66 Kb.
səhifə10/12
tarix26.10.2017
ölçüsü236,66 Kb.
#13854
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   12

4.2 Qormaatawwan (Challenges) Hojiirra Oolmaa TQO Keessatti Quunnamuu Danda’an


Tekinoloojii Quunnamtii fi Odeeffannoo Manneen Murtii Oromiyaa keessatti yeroo hojii irra oolchinu qormaattotni keessaa fi alaa adda addaa ni mudatu. Kanaafuu, dhimmoota akka qormaataatti ilaalaman gamanumaa hubachuun irratti kan hin hojetamne yoo ta’e karoorrii fi sagantaan bahu hundi bifa guutuu ta’ee fi walfakkataa ta’een iddoo hundatti hojii irra ooluu hin danda’u. Adeemsa babal’inaa fi hojjiirra oolmaa TQO’n wal qabatee dhimmoota qormaata ta’uu danda’an kanneen armaan gadii ti.

A. Rakkoo Hubannoo fi Fedha Itti Fayyadamuu: - Qorannoo kana keessatti yaadota bar gaaffiin maamiltoota garaagaraa irraa argame akka argisiisutti itti fayyadama tekinoloojiiwwan kan akka viidiyoo konfiraansii, maashina sagalee waraabuu fi kompiitaraan barreessuu irratti fedhii fi kaka’umsi Abbootii Seeraa fi ofiseerota seeraa tokko tokko bira jiru laafaa dha. Kallattii kanaan yoo ilaalle hawaasni mana murtii TQO jiranis ta’e kanneen haaraa gara fuulduratti hojii irraa oolaan dafanii fudhachuu fi itti madaquu irratti rincicni ni jiraata jennee kaasuu ni dandeenya. Kallattii maamilaan yoo ilaalles hanqina dandeettii itti fayyadamuu cinaatti hanqina hubannoo irraa kan ka’e tekinoloojii irratti amantaa guutuu dhabuun kan mudachuu danda’u dha. Kanaafuu, rakkoowwan kanneen bifa tarsimoowaa ta’een leenjiin, mariin fi miidiyaalee adda addaatti fayyadamuun hiikaa deemun barbachisaa dha.

B. Rakkoo Humna Ibsaa fi Neetwoorkii: – Tajaajilootni akka viidyoo konfiraansii, daataa beezii fi maashina sagalee waraabu humna ibsaa irratti hundaa’u. Itti fayyadamni interneetii fi viidiyoo konfiraansiis qulqullina netwoorkii saffisaa guddaa qabu irratti hundaa’a. Kanaaf, tajaajila humna ibsaaf filannoowwan garaagaraatti gargaaramuu akkasumas rakkoo netwoorkiin wal qabatu immoo qaamolee dhimmii ilaallatu Ejeensii Misoomaa TQO oromiyaa, Ethio telekom Itoophiyaa waliin irratti hojechuun barbaachisaa dha.

C. Kutaaleen Hojii Mijataa Ta’an Jiraachuu Dhabuu: - Ittifayyadama TQO guddisuufis ta’e haaraa babalisuuf kutaaleen wiirtuu daataaf, gidduugala leenjii fi kkf qofaatti barbaachisaa dha. Haa taa’u malee, yeroo ammaa kanatti keessattuu Mana Murtii Waliigala Oromiyaatti rakkoon kutaalee hojii hedduu kan jiru waan ta’eef isa kanas gamanumaa itti yaaduun furmaata kennuun barbaachisaa dha.

4.3 Itti Fayyadama TQO Manneen Murtii Oromiyaa Keessatti Fooyyessuuf Carrawwan Jiran


Akkuma armaan olitti eerame qormaatawwan nu quunnamuu malan yoo jiraatanillee, waggootan shanan dhufan keessatti galma itti fayyadama TQO kenninsa tajaajila abbaa seerummaa keessatti guddisuuf nu dandeessisanii fi nu gargaaran carraawwan gaggaariin ni jiru. Carraawwan qabnu kanas tokko tokkon akka armaan gadiitti ilaaluuf ni yaalla. Isaanis:

A. Muuxannoo Gaggaarii fi Kaka’umsi Gaariin Jiraachuu: - Manneen Murtii tokko tokko keessatti tekinoloojiiwwan haaraa hojii irra oolchuufis ta’e kanneen jiran sadarkaa fooyyee qabuun itti fayyadamuuf akkasumas rakkoo dhiyeessii tooftaalee adda addaan furuuf muxaannoo fi kaka’umsi jiru bittinnaa’aa ta’us abdachisaadha. Muuxannoowwan gaggaarii Manneen Murtii Oromiyaa keessa jiran akka waliigalaatti itti fayyadama TQO fooyyessuuf galtee guddaa ta’uu kan danda’ani dha. Kaka’umsi fi tattaaffiin hojjettootni deeggarsaa,Ogeesotni TQO, Abbootiin seeraa fi hooggansi manneen murtii tokko tokko godhan akkasuma humnaa fi carraa guddaa ta’uu kan danda’u dha.

B. Ejensii Misooma TQO Oromiyaa: - Ejensiin Misooma TQO Oromiyaa akka naannoo keenyatti hundaa’ee jirachuun isaa ittifayyadama TQO kenninsa tajaajila abbaa seerummaa keessatti gabbisuufi bu’aa qabeesuumaa isaa daran gara sadarkaa ol’aanaatii ceesisuuf deeggarsa gochuu keessatti gahee ol’aanaa kan qabu dha. Qorannoo kana keessatti Daarkiterri Ejensichaa fi Abbaan Adeemsa ‘e-government’ Ejensichaa yaada kennaniin Ejensichi Manneen Murtii Oromiyaa kallatti dhiyeessiin, leenjii fi qorannoowwan adda addaa irratti deeggaruuf kan danda’u ta’uu fi kanas karoora isaanii keessatti kan hammachiifatan ta’uu ibsaniiru. Rakkoowwan gama Viidiyoo konfiransii waliin walqabatee jiru, humna neetworkii (band width) olguddisuu fi wiirtuu daataa hundeesuu waliin walqabatee rakkoolee jiran hiikuu keessatti deeggaruuf fedhii fi qophii isaan qaban guddaa waan ta’eef carraa kana duguuganii itti fayyadamuun barbaachisaa dha.

C. Yuunivarsiitiwwan Naannoo Oromiyaa Keessaa: - Hariiroo Manneen Murtii Oromiyaa Yuunivarsiitiiwwan naannicha keessa jiran waliin gama barnootaan qaban jajjabeessaa dha. Kana malees, tekinoloojiwwan haaraa KTAS keessatti babal’isuufis ta’e hojii irra oolchuuf muuxannoo manneen murtii tokko tokko eegalan bu’uura gaarii kan ta’u dha. Muuxannoowwan kanneen cimsinee gama deeggarsa tekinikaa, leenjii ,leenjii ‘server virtualization’ fi barnootaan yoo itti fufne itti fayyadama TQO guddisuuf shoora ol’aanaa qabaata.

D. Kutannoo Hooggansaa: - Hooggansi ol’aanaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaas ta’e hooggansi sadarkaa sadarkaan jiru fedhiin ittifayyadama TQO waliin walqabatee jiru guddaa waan ta’eef qormaatawwan nu quunnamuu danda’an hiikuu keessatti furtuu murteessa dha. Hooggansi Mana Murtii Waliigala Oromiyaa ittifayyadama TQO Manneen Murtii Oromiyaa waliin walqabatee ciminootaa fi hanqinoota jiru qorannoon akka adda bahuu fi galtee karoora Manneen Murtii Oromiyaa waggoota shanan dhufan akka ta’u gochuuf tarkaanfiin fudhate, deeggarsi gama hundaan garee qorattootaaf taasise guddaa waan ta’eef dambalii jijjiirama bu’uuraa qorannoo fi beekumsa irratti kan hunda’e ittifufinsa qabu fiduu jalqabame kana yoo itti fufsiisame galma yaadame bira gahuu fi qormaatawwan nu quunnamuu danda’an hiikuuf furmaata ol’aanaa dha.

BOQONNAA SHAN

5. Guduunfaa fi Kallattii Fuul-duraa


Boqonnaa kana jalatti guduunfaan qorannoo kana kan dhiyaatu ta’a. Kana malees, guduunfaa qorannoo kana irraa kan madde kallattiin furmaataa kan yeroo gabaabaa fi dheeraa walduraa duubaan akka armaan gadiitti dhiyaatera.


Yüklə 236,66 Kb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   12




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin