Smbkt intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa


Gabatee-1 Miseensota Koree Qorannoo Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo (SMBKT)



Yüklə 2,07 Mb.
səhifə2/84
tarix09.01.2022
ölçüsü2,07 Mb.
#96981
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   84

Gabatee-1

Miseensota Koree Qorannoo Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo (SMBKT)





Lakk

Maqaa

Gahee Hojii



Ob. Roobsan Birraa

Qindeessaa



Ob. Laggasaa Baqqaanaa

Miseensa



Ob. Wanduu Tsaggaa

Miseensa



Ob. Asmaraa Abbabaa

Miseensa



Ob. Saamu’eel Makonnin

Miseensa



Ob. Addisuu Birhaanee

Miseensa fi Barreessaa


Seensa
Motumman Naannoo Oromiyaa bakka hanqinni gabaa sochii diinagdee keessatti mul’atutti, keessattu, gama waliin gahinsa bu’uraalee miisoomaa guutuun misooma ariifachiisaa fiduf dhaabbiilee Ijaarsa bu’uralee miisoomaa irratti hirmaatan hedduu hundeesseera, hundeessaas kan jiru yoo ta’u, Intarpiraayiziin Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaas isa tokko dha.

Intarpiraayiziin Ijaarsa Daandiiwwaan Oromiyaa hojiiwwan ijaarsaa qulqullina qaban hojjechuf kaayyeeffatee kan hundeeffame dha. Kaayyoowwan hundeefameef kana galmaan gahuuf meeshaalee riiformii addaa addaa bu’aa raawwii hojii daran dabalan fi itti quffinsa lammiilee mirkaneessan hojii irra olchun barbaachisaa dha. Kana keessaas, Sirni Madallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo (SMBT/BSC) bu’aawwan hojii gama kallattii maamilaan, faayinaansii, adeemsa hojii keessaa fi gama ijaarsa dandeettitiin madaalun foyya’iinsa raawwii hojiitiif gummaacha guddaa waan taasisuf kanuma qorachun hojii irra olchun kan wal-nama gaafachisu miti.

Addunyaa guyyaa guyyaan jijjiiramaa deemu kana keessatti madaalliin bu’a hojii kallattii faayinaansii qofa irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa ture, hojiilee bu’aa fiduu danda’an kan akka -ogummaa, dorgomaa ta’uu danda’uu fi kaka’umsa hojjatootaa, teekinoloojii odeeffannoo, adeemsaalee hojii gahumsaa fi bu’aa qabeessummaa qaban, kalaqa omishaa fi kenniinsa tajaajilaa, walitti dhufeenya fi amanamummaa maamilaatiif qaban, gaggeessummaa siyaasaa fi milkaa’ina hawaasummaa bu’aa barbaadame irra ga’uun hin dandeenye. Rakkoo kana hiikuuf akka gargaaru bu’aalee guyyaa guyyaan dhufaa jiru safaruu fi madaaluun tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa deemuun murteessaa dha. Kanaafu, Sirni Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo (SMBKT /BSC) rakkoolee gama kanaan mudatan hiikudhaaf akka falatti yaadamee kan jalqabamee dha.
Sirni Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo (SMBKT /BSC)’n raawwii hojii madaalun cinaatti ijaarsa fi akkaataa hojii irra oolmaa tarsiimoo haaraatiif gumaachuu fi dhaabbileen tarsiimoo isaanii hojiilee guyyaa guyyaa adeemsaalee hojii, garee fi nama dhunfaa waliin walitti hidhanii itti fayyadamuu isaaniif, akkasumas meeshaa hoggansaa fi qunnamtii ta’uudhaan kan tajaajiluu dha.

Haaluma kanaan, SMBKT/BSC qophaa’e kunis Karoora Guddinaa fi Tiraanisfoormeeshinii yeroo lamaffaaf Daandii, Bishaan, Misooma Magaalotaa, Barnoota, Fayyaa fi kkf karoorfame irratti kan hudaa’eedha.

Sirni madaallii akka IIDO tti qophaa’ee kun sadarkaa ijaarsaa Ja’a fi sadarkaa hojirra oolmaa sadi qaba. Haaluma kanaan sadarkaa 1ffaarrattii, haal duree fi sakkatta’insa mana hojii, sadarkaa 2ffaarratti tarsiimo’aa Intarpiraayizi qopheessuu, sadarkaa 3ffaarratti kaayyolee Tarsiimo’aa qopheessuu, sadarkaa 4ffaarratti maappii Tarsiimo’aa walitti hidhamiinsa kaayyolee qopheessuu, sadarkaa 5ffaarratti safartuulee Tarsiimo’aa qopheessuu, sadarkaa 6ffaarratti tarkaanfilee tarsimoo’aa qopheessuu, sadarkaa 7ffaarratti sirna ragaa raawwii diriirsuu (Automation) sadarkaa 8ffaarratti sirna madaallii bu’aa karoora tarsiimoo gadii buusuu(cascading) fi sadarkaa 9ffaan sirna hordoffii, deggarsa, gamaaggamaa fi duub-deebii (Monitoring and Evaluation System) of keessatti hamate dha.



  1. Yüklə 2,07 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   84




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin