Obboo Abduljabbaar Husseen [llb,] Obboo Ahmad Jamaal [llb, llm]



Yüklə 130.63 Kb.
səhifə1/3
tarix30.10.2017
ölçüsü130.63 Kb.
  1   2   3

final-logo

Instiitiyuutii Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qo’annoo Seeraa Oromiyaa

Moojuulii Leenjii Hojii Irraa

Manneen Murtii Keessatti Raawwii Mirgootaa Fi Bilisummaawwan Bu’uuraa

QOphessitoonni:

  1. Obboo Abduljabbaar Husseen [LLB,]

  2. Obboo Ahmad Jamaal [LLB, LLM]

Guraandhala, 2001



ILQSO

Adaamaa

Baafata

Mata duree Fula

Seensa Waliigalaa 1

Boqonnaa I. Rawwatamummaa mirgootni fi bilisummaawwan bu’uuraa falmii seeraa keessatti qaban (Judicial Application) 4

    1. Seensa 4

    2. Raawwatamummaa Al-kallattii [Indirect Application] 6

    3. Raawwatamummaa kallattii fi Heera Hiikuu 8

      1. Raawwatamummaa kallattii [Direct Application] 8

      2. Aangoo Heera Hiikuu: Waliigala 9

      3. Aangoo heera hiikuu: Biyyaa fi Naannoo keenyaa. 11

      4. Madda Aangoo Manneen Murtii Keenyaa 13

Boqonnaa II Sakkatta’insa Raawwii Mirgootni fi Bilissummaawwan Bu’uuraa Manneen Murtii Keessatti Qabani 18

    1. Seensa 18

    2. Mirga Saa’aa 48 keessatti Mana Murtiitti Dhiyaachuu 18

    3. Mirga Bilisummaa Qaamaa Kabachiisuu (Habeas Corpus) 20

    4. Mirga Wabii 21

    5. Dhaddacha ummataaf ifa ta’etti dhagayamuu. 24

    6. Mirgoota ragaan walqabatan 25

    7. Mirgoota Adabbiin Walqabatan 26

    8. Mirga abukaatoon bakka bu’amuu fi abuukaatoo mootummaa

irraa argachuu. 30

    1. Mirga Daddaaffiidhaan Mana Murtii tti Dhiyaachuu fi Murtii Argachuu 33

      1. Bellama yeroo 33

      2. Kenniinsa Bellama (Adjournments) 34

    2. Mirga Dhimma Mana Murtiitti Dhiyeeffachuu fi Haqa Argachuu

(Access to Court/Justice) 37

Seensa Waliigalaa

Moojuulii kana keessatti kan ilaallu waa’ee raawwatamummaa mirgootni namoomaa fi bilisummaawwan bu’uuraa manneen murtii keessatti qabani dha(Judicial application). Waa’ee raawwatamummaa manneen murtii keessatti qaban ilaaluun duratti raawwatamummaan (enforcement) mirgaa fi bilisummaawwanii tarkaanfiiwwan mirgicha dhugoomsuuf sadarka sadarkaa dhaan fudhataman hundumaa kan hammatuu akka ta’e hubachuun barbaachisaa dha. Isa kanaaf immoo hirmannaan qaamolee mootummaa hundaa miti-mootummaa fi hawaasaa baay’ee murteessaa dha.

Raawwatamummaan mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa hirmaannaa qaamolee miti-mootummaa fi haawaasaa kan barbaadu ta’us irra caalaatti kan dhugoomu garuu gochootaa fi tarkaanfiiwwan qaamolee mootummaatiin sadarkaa sadarkaa dhaan fudhatamaniinii dha. Sadarkaawwan kunniin:-


  • Eegumsa Heeraan godhamu /Constitutional guarantee/

  • Eegumsa qaama seera baastuun godhamu /Legislative protection/

  • Hojiirra olminsa Qaama Hojii Raawwachiftuun godhamu /Executive Implementation/ fi

  • Raawwatamummaa Manneen Murtiin godhamu /Judicial Application/ jedhamaniit beekamu.

Eegumsa heeraa ilaalchise biyya keenyyattis mirgootni fi bilisummaawwan bu’uuraa Heera Mootummaa Fedaraalaa fi Naannoo Oromiyaa keessatti boqonnaa sadaffaa jalatti bifa walfakkaatuun tarreeffamaniiru. Isaanis mirgoota namoomaa fi dimookraasummaa jechuun addaan qoodamaniiruu. Kan duraa jalatti mirgootni siviilii fi siyaasaa caalmaan kan hammataman yoo ta’u kan boodaa jalatti mirgootni diinagdee, hawassummaa fi aadaa baay’inaan hammatamaniiruu. Dabalataanis heeroonni lameenuu kew.10 jalatti mirgootaa fi bilisummaawan kunniin akka hin sarbamne, hin mulqamne fi kabajamuu akka qaban ibsuun eegumsa heeraa (constitutional guarantee) qabaachuu isaanii ifatti ibseera. Kanniin irraa mirgootni fi bilisummaawwan bu’uuraa biyya keenya keessattis eegumsi heeraa kan godhameef ta’uun ni hubatama.

Sadarkaan itti aanu “Legislative protection” kan jedhamuudha. Mirgootni fi bilisummaawwan akka waliigalatti heera keessatti tumamaniiru. Heericha keessatti duudhaaleen adda addas tumamniruu. Tumaaleeni fi duudhaaleen kunniin kan dhugooman bal’inaan seerota biraatiin yoo eegumsi godhameefii dha. Seera baafatuun [kan Federalaa fi Naannoo] mirgoota heeraan mirkanaa’an seeroota dhugoomsuu danda’an kanniin baasuuf dirqama qabu. Bu’uura kanaan, fakkeenyaaf, Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa fi Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaa akkuma haala isaatti bu’uura aangoo isaani tiin seeroota heddu baasanii jiru. Fkn. Labsiwwan Seera Maatii, Seera Dhimma Hojjachisaa fi Hojjataa, fi Seera Yakkaa akka fakkeenyatti caqasuun ni danda’ama.

Qaamni seera baastuu Kan gubbaatti ibsameen dabalatee, dhaabbilee dimookraasii dagaagsuuf gargaaran isa jalatti diriirfamaniin raawwii mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa kan hoogganuu dha. Kanniin keessaa Komiishiinii Mirgoota Namoomaa fi Dhaabbata Abbagaar caqasuun ni danda’ama. Dhaabbileen kunniin, aangoowwan kan biroo dabalatee, mirgi namaa yoo sarbame qorannoo barbaachisaa geggeessuuf akkasumas yaada furmaataa fi yaada murtii kennuuf aangoo kan qabanii dha.

Sadarkaan biraa “Judicial application” yammuu ta’u kana ilaalchisee bal’inaan booda kan itti deebinu yoo ta’u akka waliigalatti garuu Abbootiin Seeraa falmii seeraa hogguu geggeessanis ta’e murtii kennan keessatti mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa xiyyeefannoo keessa galchuuf dirqama qabu. Dirqamni kunis raawwatamummaa (application) mirgotaa fi bilisummaawwan bu’uuraa falmii seeraa kessatti qabaniin kan ibsamuu dha.

Raawwatamummaan mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa garuu xumura kan argatan heeraa fi seeronni heericha bu’uureffatanii bahan hojii raawwachiiftuun hojirra yoo oolan qofaadha. Kuni immoo (excutive implementation) jechuun kan beekamuu dha.

Kanaafuu, bu’uura kew 9(2) fi 13(1) heerichaa tiin qaamni mootummaa Federaalaa fi Naannolee sadarkaa kamirrattuu argaman tumalee mirgaa fi bilisummaawwan bu’uuraa heerichaan mirkanaa’an kabajuu fi kabachiisuu akksumas jalatti buluuf dirqamaa fi ittigaafatamummaa ni qabu. Dabalataanis Heerri keenya, dirqamaa fi ittigaafatamummaa kana qaamolee mootummaa qofa irratti osoo hin ta’in dhaabbilee siyaasaa fi waldayoota biroo kamiiyyuu fi abbootii taayitaa isaani akkasumas lammii kamiyyuurratti akka kufu godheera.

Daanngaan moojuulii kanaa, garuu, raawwatamummaa manneen murtii keessaa qofa kan ilaallatu waan ta’eef mirgoonni namoomaa manneen murtii keessatti raawwannaa qabaachuu danda’ani? kan qaban yoo ta’e haala akkamitiini gaaffilee jedhan irratti hundaa’uun bal’inaan kan ilaallu ta’a.

Kanaafis jecha kutaa 1ffaan moojuulii kanaa manneen murtii keenya mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa raawwachisuuf aangoo kana qabachuu isaanitii fi akkataa hojirra itti olchan kan itti ilaallu dha. As jalatti mirgoonni biyya keenyatti heera jalatti kan tumaman waan ta’ee fi heera hiikuun aangoo qaama kan biraa waan ta’eef akkaataa manneen murtii mirgoota kana hojiirra olchuu danda’ani irratti xiyyeeffannaan kan kennamu ta’a. Hubannoo cimsuuf jechas dabalataan muxannoo biyyoota tokko tokko kaasneet ilaalla.

Kutaan 2ffaan immoo mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa tokko tokko akka fakkeenyatti kaasuudhaan manneen murtii biya keenyaa keessatti akkaataa kamiin hojiirra olaa akka jiran ilaalla. Gaaffileen mariif gargaaranis bakkeewwan barbaachisaa ta’anitti akka hammataman godhameera.

Kanaafuu dhuma leenjichaa irratti leenjifamtoonni:-



  • Manneen murtii keeny mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa heera keenya keessatti hammataman irratti falmiin yoo ka’e hoojirraa olchuu akka danda’ani fi

  • Akkaataa hojiirra itti oolchan ni hubatan.

  • Qabatamatti dhimmota falmii mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uraa wajjiin walqabatan yeroo ilaalaa turani rakkoolee mudatani fi furmaata isaani irratti yaada ni burqisiisu.

Boqonnaa I

Rawwatamummaa mirgootni fi bilisummaawwan bu’uuraa falmii seeraa keessatti qaban (Judicial Application)

    1. Seensa

Raawwatamummaa (application) mirgootni fi bilisummaawwan bu’uuraa falmii seeraa irratti qaban ilaalchisee ijoowwan lama dursaan deebii argachuu qaban. Tokkoffaa mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uura falmii seeraa irratti enumaa raawwatiinsa ni qaban moo? Hin qabani? gaffiin jedhu ni ka’a. Ijoo kanaaf deebii kennuuf tumaalee kanniin keessatti:

  • Mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa irraa fayyadamaan (beneficiary) eenyu?

  • Dirqamni kan eenyuuti? kan jedhanii dursaan hubachuun barbaachisaa ta’a.

Seera kamiyyuu hojiirra oolchuun duratti akkuma haala isaatti namoota ykn qama seericha jalatti mirga argatee fi namaa fi qaama seerichi dirqama irra kaaye addaan baasanii beekuun murteessaa dha. Kun haaguuggii seeraa /scope of application/ jedhamee kan beekamuu dha. Haaluma walfakkaatuun raawwatamummaa mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa heera keessatti caqasamaniif namootaa fi qaamolee mirgaa fi dirqama qaban beekuun barbaachisaa dha.

Waliigalateewwanii fi sanadootni mirgoota namoomaa addunyaa tumaalee mirgootaa fi bilisummaan bu’uuraa kaayan irraa eenyu akka fayyadamuu qabu jechoota adda addaa fayyadamuun ni ibsani. Mirgootani fi bilisummaawwan heera Mootummaa Federaalaa fi Naannoo Oromiyaa keessatti tumamanis haaluma walfakkaatuun jechoota adda addaatiin fayyadamtoota kan ibsan ta’uun tumaalee irraa ni hubatama. Kanaan walqabatees kallattii mirga jiruun namoota ykn qaamoota dirqama qabanis kaayaniit argamani.

Bakka mirgaa fi dirqamni jirutti, mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa wajjiin walqabatee gareewwan fayyadamtoota mirgichaa fi dirqama qabaattoota jiddutti falmiin seeraa ka’uun kan ooluu miti. Kanaafuu, falmiin seeraa yoo ka’e raawwatiinsa qabaachuun isaanii gaaffii kan qabuu hin ta’u. Kun immoo ijoo lamataatti kan nu geessuu dha.

Mirgootni fi bilisummaawwan bu’uura falmii seeraa keessatti raawwatamummaa (application) ni qabu yoo jedhame; ijoon lammataa akkamitti? (how it applies in legal dispute) kan jedhuu dha. Kunis gaaffii isa biraa kaasa. Innis garaagarummaa fi walitti dhufeenyi mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa fi qajeeltoowwani (priniciples) ykn tumaalee seeroota idilee jidduu jiru maali? Akkamitti ibsamaa? kan jedhuudha.

Ogeessonni heeraa akkaata raawwatamummaa mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa ilaalchisee gaaffii ka’aniif haala sadiin deebii laatu.


  1. Mirgootaa fi bilisummawwan bu’uuraa heraan hammattamani tumaalee safartuu (yardstick) seeronni heraan ala jirani (idilee) ittiin sakata’aman ykn madaalamani (tested) dha. Seerri idilee tumaalee kanniiniin kan wal hinfaallessine (consistent) yoo ta’e; falmii seeraa irratti raawwatiinsa kan qabu tumaalee seera idileeti malee tumaalee heeraatii miti.

  2. Tumaaleen mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa karaa ykn kallattii fi daangaa seeroonni idilee itti hiikamani fi itti raawwataman akkasumas foyya’insi sirnni haqaa itti gaggeefamu kan agarsiisani fi dirqisiisanii dha. Asirrattis raawwatiinsa kan qabu seera idilee yommuu ta’u raawwiin isaa garuu haala duudhaalee tumaalee mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa hordofeen [as infused with the values contained in the bills of right] ta’uu akka qabu ni dirqisiisu.

  3. Akkaata lakk. 1 fi 2 tiin falmiif furmaata laatuun yoo dhibe tumaaleen mirgaa fi bilisummaawwan bu’uuraa kallattiidhaan falmii seeraa keessatti ykn irratti raawwatamummaa ni qabaatu (bill of rights govern legal disputes directly). Haala kanaan tumaleen heeraa fi seera idilee bakka tokkotti (simultaneously) dhimma tokkorratti raawwatamummaa kan qaban yoo ta’u tumaaleen heeraa garuu kan caalan ta’aniiti (it overrides ordinary law)

Akkaataan tumaaleen mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa falmii seeraa (legal dispute) irratti raawwatamummaa qaban lakk.(1) fi (2) jalatti ibsame raawwatamummaa Al-kallatti (Idirect application) jedhama. Kan lakkoofsa (3) jalatti ibsame immoo raawwatamummaa kallatti (direct application) jechuun yaamama. Toftaalee kanniini fi walitti dhufeenya hiikkaa heeraa wajjiin qabani kutaa kana jalatti kan ilaallu ta’a.

Kanaafuu kutaan kun akka raawwatameen leenjiifamtoonni:-



  • Raawwatamummaa al-kallatti mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uraa ni hubatu.

  • Raawwatamummaa kallatti mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uraa ni hubatu.

  • Walitti dhuffenya aangoo heera hiikuu fi raawwatamummaa mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uraa ni hubatuu



    1. Raawwatamummaa Al-kallattii [Indirect Application]

Heerri kamiiyyuu qajeelfamoota bu’uura ta’an heddurratti kan dhaabbateedha. Isaan keessaa ol’aantummaa seeraa, mirgoota namoommaa fi Dimokraasummaa; ittigaafatamummaa fi qoodinsa aangoo caqasuun ni danda’ama. Mirgootni fi bilisummaawwan bu’uuraas duudhaalee /values/ heddu of keessatti qabaatu. Duudhalee kanniin hogguu hojii hiikkaa seeraa /judicial application/, kabajuun dirqama dha.

Raawwatamummaan al-kallatti gosa lama akka qabuu fi isaanis tumaaleen seeroota idile kan mirgootaa heera jalatti argaman kan walsiman yeroo ta’ee argametti tumaalee seeroota idilee hojiirra olchuun akka ibsamuu fi kan walhin simne yeroo ta’etti immoo tumaalee seeroota idilee dudhaalee mirgootaa irratti hundaa’uun tumaalee seeroota idileef hikkaa kennuun akka ibsamu seensa jalatti ilaalleera. Inni jalqabaa kan rakkisu waan hin taaneef akkuma dabarree isa lammaffaa yoo ilaallu, kaayyoon raawwatamummaa al-kallattii (indirect application) seerota idilee, gocha ykn haala hojii ykn murtee abbaa taayitaa tumaalee heeraatiin walfaalleessa jiraachuuf malu (apparently) hanbisuudhaan (by avoiding any inconsistency) hiika ija tumalee heeraatiin sirrii ta’e laatuudha. Kuni afaan Ingliziffaan yoo ibsamu:

When ambigious or unclear, legislation may be interpreted with reference to the spirit, purport, and objects of the bill of rights so as to avoid inconsistency between the law and the bills of rights”.1

Seeroonni idilee hedduun isaanii mirgoota fi bilisummawwan heeraa hojiirra olchuuf kan tumamani dhaa. Seeroonni kunniin sababa ifa ta’uu dhabuu isaaniitiin hiikkaa kan barbaadan hogguu ta’u haala mirgoota fi bilisummaawwan bu’uuraa irratti hundaa’eni fi isaan kana bu’a qabeessa godhaniin hiikamuu qaban jechuu dha.

Kanaafuu, raawwatamummaan al-kallatti (indirect application) seerri idilee tokko yeroo yaada tokkoo ol haala dabarsuun ykn. ifa hin taaneen kan tumame ta’ee argametti, tooftaa hiikkaa seerichi heeraan akka walsimu gochuu danda’u filachuuf kan nu qajeelchuu dha. Tooftaan kun ogeessoota heeraatiin “reading down” jedhamuun beekama. Hojiin kunis hojii hikkaa seera idileeti malee hojii heera hiikkaa akka hin taane hubatamuu qaba. Walumaagalatti, inni kuni afaan Ingliziffaatiin yoo ibsamu yaada, “Statutory interpretation must positively promote the bill of rights and other provisions of the constitution,”2 jedhu kan dabarsuu dha.

Asirratti wanti hubatamuu qabu, akka qajeelfmaatti (in principle) falmii seeraa harkaa qabnuuf gara tumaalee heeraa deemuun duratti seerootuma idileetiin falli ykn furmaatni barbaadamu kan qabu ta’uu isaati. Kana jechuun falmii kamiyyuu tumaalee heeraatti otoo hin darbin (with out reference to the constitution) tumaalee seeroota idilee tumaalee mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa walitti firoomsuun furuun kan filatamuu dha. Kanaafuu, dursaan raawwatamummaa al-kallattiitiin (indirct application) hanga dand’ameen falli barbaadamuu qaba. Tumaalee heeratti fayyadamuun dirqama yoo ta’e ykn seerri idilee tumaalee heerichaatiin walitti kan bu’u yoo ta’e filannoo biraa waan hin qabneef tooftaa raawwatamummaa kallattiitti (direct application) fayadamuutti kan darbamu ta’a.



    1. Raawwatamummaa kallattii fi Heera Hiikuu

      1. Raawwatamummaa kallattii [Direct Application]

Kaayoon raawwatamummaa kallatti (direct application) seera idileetii fi tumaalee mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa qixa sirrii ta’een hiikkaa itti laatuudhaan walfaalleessuu isaanii sakata’uu, akkasumas haala hoji (conduct) ykn murtee abbaa taayitaa heeraan walfaallessuu isaa qorachuun murtii laatuudha. Tooftaan kun hikkaa tumaalee heeraa kan ilaallatu waan ta’eef furmaata isa dhumaa ta’uu akka qabu ibsameera. Cimina itti kennuuf ykn xiyyeefannoo itti laatuuf akkasitti ibsuun ni danda’ama:

Where the violation of the constitution is clear and directly relevant to the matter, and there is no apparent alternative form of ordinary relief we have to employ the method of direct application”3

Tooftaa kanatti dhimma kan baanu, gabaabumatti tooftaa raawwatamummaa al-kallattiitiin walfaalleessa gama tokkoon tumaalee seera idileetii fi gama biraatiin tumaalee mirgoota namoomaa fi bilisummaawwan bu’uraa heeraan hammattaman jidduu jiruuf furmaata kennuun yoo dhibe qofa dha.

Raawwatamummaan kallattii seerri, ykn. gochi ykn haalli hojii qondaala tokkoo heeraan walfalleessuu isaa toofta ittiin sakata’amuu dha. Bu’aan isaas furmaata heeraatii dha (constitutional remedy). Biyyaa Afrikaa kibbatti tooftaan kun seerotni fi murteen qaamolee mootummaa heeraan walfaallessuu fi dhabuu kan ilaallatu waan ta’eef tooftaa kana hojirra oolchuuf heera hiikuun dirqama ta’a. Heera hiikuun immoo seerotaa fi gochoota (conducts) heeraan walitti bu’an raawwatamummaa hin qaban jechuun murteessuu kan ilaallattu waan ta’eef kanaaf ifatti aangoo qabaachuun murteessaa ta’uutu mul’ata.

Kanaafuu, toftaa raawwatamummaa kallattiitiin /direct aplication/ manneen murtii keenya akkaataa kamiin mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa hojiirra ol’chuu danda’ani kan jedhu sirriitti hubachuuf, aangoon heera hiikuu kan eenyuu akka ta’ee fi falmiiwwan kanaan walqabatan akkasumas aangoo manneen murtii keenyaa dhimma kanaan walqabate jiru xinxaluun barbaachisaa ta’a. Isa kana immoo muxannoo biyyoota kan biroo irratti hundaa’uun haalli biyya keenya maal akka fakkaatuu kutaale itti aanu keessatti kan ilaallu ta’a.


      1. Aangoo Heera Hiikuu: Waliigala

Aangoon heera hiikuu qaama kamiif kenname kan jedhu ilaaluun duratti qaamni heera hiikuu qabu kam ta’uu akka qabu irratti falmiileen garagaraa kan ka’an waan ta’eef dursaan isa kana ilaaluun barbaachisaa dha.

Falmiileen kuni bu’uuratti aangoon heera hiikuu mana murtiitiif kennamuu qaba moo qaama mootummaa kan biroo tiif ykn dhaaba mootummaa dhaan hundeeffamu kan biraatiin taa’uu qaba kan jedhuu dha. Gama kanaan ilaalchi ogeessoota seeraa bakka saditti kan qodamu waan ta’eef tokkoon tokkoon isaani asiin gaditti ilaalla.



  1. Mana Murtii idileetiin ta’uu qaba

Deeggartoonni ilaalcha kanaa aangoon heera hiikuu abbootii seeraatiif kennamuu qaba jedhu. Kanaafis sababoota heddu kaayan. Kanniin keessaa kan jalqabaa, seensa heerootni baay’een fayyadaman “… Nuti ummattoonni …” isa jedhu irratti hundaa’uun yoo ta’u, kuni immoo aangoon kan ummataa ta’uu agarsiisa jedhu. Bakka bu’ootni ummataa immoo ummata ta’uu waan hin dandeenyee fi mootummaa kan gurmeessuu dhaaba siyaasaa sagalee caalmaa argate dha waan ta’eef dhaabbanni akkanaa fedhii siyaasaaf dursa kennuu waan danda’uuf heera hiikuu hin qabu. Mirgi ummataa akka hin sarbamne ykn hin mulqamne aangoon isaanii daangeeffamuu qabaa, kuni immoo kan ta’u qaama loogiin ala ta’e (impartial) mana murtiitiini yaada jedhuu dha.

Sababni kaasan kan biraa akkaataa sirna qodiinsa aangoo qaamoolee mootummaa irratti huundaa’uun yoo ta’u, qaamooleen mootummaa hundi mirga kabajuu fi kabachiisuun dirqama isaanii ta’us manneen murtiitiif hojii isaanii idilee waan ta’eef heera hiikuuf qaamni mootummaa mijaa’aan mana murtiitii yaada jedhuu irratti kan bu’uureffammeedha.

Sababni sadaffaan ka’u, aangoon abbaa seerummaa kan mana murtiiti waan ta’eef seera hiikuun hojii mana murtiiti. Kanaafuu, heerris seera waan ta’eef (keessaawuu tumaaleen mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa) hiikamuu kan qabu mana murtiitiini kan jedhuudha.

Akka afraffaatti sababni kaasani, manni murtii qaamolee mootummaa kaan irraa namoota seera barataniin kan ijaaramu waan ta’eef caalmaatti gahumsa ni qaba. Kanaaf, sababoota kanniiniif jecha heera hiikuuf aangoon kennamuu kan qabu mana murtiifi dha jechuun falman.



  1. Heera hiikuu kan qabu qaama mootummaa kan biraati malee mana murtii ta’uu hin qabu ilaalcha jedhu.

Falmiin kun “the majoritarian argument” jechuun beekama. Kan falmanis birmadummaa ummataa irratti hundaa’uun yoo ta’u, heerri sanada siyaasa kan ummata waliigalaa waan ta’eef hiikamus kan qabu kallatti dhaan ummataan ykn bakka bu’oota isaanitiin ta’uu qabaa jechuun falmu. Deegartoonni ilaalcha kanaa heerri abbaa seeraatiin hiikamuu hin qabu jedhu. Kanaafis sababni isaanii 1ffaa Abbotiin seeraa ummataan hin filatamne, 2ffaa Abbootiin seeraa sooramaan dura haala addaatiin malee hojirraa waan hin geggeeffamneef ilaalchaa fi siyaasaa kan yeroo isaanii malee jijjiirama haraa fudhachuuf qoohii miti. Ilaalchaa fi yaada mootummaa gaafa isaan muudamanii qofa tarkaanfachiisu. 3ffaa heera hiikuu dhaan seera kufaa godhuun hojii seera baasuu irratti hirmaachuu abbaa seeraa waan agarsiisuuf sirna qoodinsa aangootiin walitti bu’a jechuun falmu.

  1. Ilaalchi sadaffaan immoo “the coordinate review” jechuun kan beekamu dha.

Falmiin isaanii qaamni mootummaa hundumtuu hanga tokko hiikkaa heeraa irratti hirmaachuu qaban, heera hiikuun mana murtii qofaaf dhiisunis fudhatama hin qabu; keessattuu hiikaa dhimma siyaasaatiin walqabatanirratti. Kanaaf, manneen murtii hirmannaa cimaa godhuu ni danda’uu kan jedhamuun alatti qaamoolee mootummaa kan biroo gonkumaa keessaa baasuun sirrii miti jechuun falmatan. Gareen kuni heerri sanada seeraa qofa osoo hin ta’in kan siyaasaatis yaada jedhu qabani.

Raawwatammuummaan kallattii mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa falmii seeraa irratti qaban hojii heera hiikuu akka ta’e fi aangoon heera hiikuu qaama kamiif kennamuu akka qabu falmiilee jiran ilaalleera. Kanaaf, angoon heera hiikuu kanumaa qama aangeeffamee ta’uu hubannaa qabannee, kanatti aansuun aangoo kana ilaalchisee muuxannoon addunyaa maal akka fakkaatu ilaalla.

Addunyaarratti qaama heera hiikuuf aangoon kennameef ilaalchisee muuxannoo saditu jira. Muxannoon 1ffaan biyyoota akka Ameerikaa, Kanaadaa, Indiyaa, Jaappanii fi kkf … tti heera hiikuuf aangoo kan qabani manneen murtii idileeti. Muxannoo 2ffaan biyyoota akka Jarmaan, Xaaliyan, Faransay, Afrikaa Kibbaatii fi kkf …fakkeenyaan kaasuun kan danda’amu yoo ta’u isaan kana keessatti heera kan hiiku mana murtii dhimmuma kanaaf dhaabbate “Constitutional Court” jedhamuu dha. Dhimma heeraan walqabate hundumaa kan ilaalan abbootii seeraa ilaalcha siyaasaa isaaniitiin filatamanii mana murtii kanaaf muudamaniin dha. 3ffaan biyyoota ol’aantummaa heeraatti hin amanne yoo ta’an, biyyoonni kunniin ol’aantummaa paarlaamaatti waan amananiif seerri bahe kamiiyyuu heeraan walfaallessus raawwatamummaa ni qabaata. Kanaaf biyyoota kanniinitti heera hiikuun hin jiru; ykn qaama aangoon kennameef hin jiru jechuudha.

Gabaabumatti muuxannoon biyyoota biroo kan armaan olitti ibsame yoo ta’u kutaa itti aanutti haalli biyya keenyaa fi naannoo keenyaa maal akka fakkaatu heeraa fi seerota dhimmi ilaalu sakata’uun ilaalla.



      1. Aangoo heera hiikuu: Biyyaa fi Naannoo keenyaa.

Mirgootnii fi bilisummaawwan bu'uuraa Heera Ripaablika Dimokraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa (RDFI) keessatti tumamaniiruu. Tumaalee heeraa kanniin qabatamaan hojiitti geeddaruun immoo kan danda'amu hiikkaa isaaniif kennamuunii dha. Tumaalee Heeraa akka waliigalaatti, addaatti immoo tumaalee mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa hiikuuf heeroonni biyyoota adda addaa qaamoota garagaraa tiif aangoo kan kennan ta'uu armaan olitti ibsameera.

Kan biyya keenyaa hogguu ilaallu, Heera RDFI Kew. 62/1/ tiin Manni Marii Fedareeshinaa aangoo heera hiikuu akka qabu tumameera. Heeruma kana kew. 83/1/ jalattis falmiin dhimma heeraa yammuu ka'u Mana Mariichaatiin murtii akka argatu ibsameera. Kana irraa akka hubatamutti Manni Mariichaa heera hiikuu fi falmii dhimma heeraa irratti murtii kennuuf aangoo ni qaba jechuu dha. Daangaa aangoo mana marichaa hubachuun raawwannaa mirgootaa fi bilisummaawwan bu'uraa manneen murtii keessatti qaban hubachuuf kan gargaaru waan ta'eef dursinee kan ilaallu ta'a. Isa kanaaf immoo maalummaa heera hiikuu fi falmii dhimma heeraa bal’isanii ilaaluun barbaachisaa dha.

Falmiin dhimma heeraa (constitutional disputes) maal akka ta'e keewwata heerichaa 84 fi labsiile lakk. 250/93 Gumii Calaltuu Heeraa Fedaraalaa Hundeessuuf bahee fi 251/93 Aangoo fi Hojii Mana Marii Fedareeshinaa Jajjabeessuu fi Tarreessuuf bahe irraa ni hubatama. Bu'uura kanaan Gumiin Calaltuu Heeraa dhimmoota heeraa calaluun yaada murtii Mana Mariichaaf dhiyeessuf aangoo ni qaba (Kew. 84/1/). Gumiin kun falmiin falmitoota jiddutti mana murtiitti otoo gaggeeffamaa jiruu manna murtichaatiin ykn abbaa dhimmaatiin (garee falmittotaa keessaa) seerri falmicharratti raawwatamummaa qabu suni heeraan walfaalleessaa jechuun gaaffiin ennaa ka'u qoratee mana marichaatif yaada dhiyeessa. Seerri kun seera, akka heerichii ibsutti, Seera Baaftuu Mootummaa Federaalaa ykn Naannoo tiin bahe kan ilaallatuu dha. (Kew. Heerichaa 84/2/). Bu'uura tuma kanaatiin manni Marii Federeeshinaa falmii dhimma heeraa dambilee, qajeelfamaa, murtilee fi haala hojii (conduct) qaama mootummaa birootiin bahani fi kennaman ilaaluuf aangoo hin qabu jechuudha.

Aangoon biraa manni maree kuni qabu aangoo heera hiikuu akka ta'e ilaalleera. Heera hiikuu jechuuun adeemsa hiikkaan tumaalee heeraa ittiin barbaadamuu dha. Mirgoota fi bilisummaawwan bu’uuraa tiin walqabatee kaayyoon heera hiikuu seerri ykn haalli hojii tokkoo heerichaan walfaalleessuu isaa ibsuuf tumaalee heerichaa mirgoota fi bilisummaawwan ilaallatan sakkatta’uufi dha. Hiikkaan bu’uura kanaa wantoota lamaaf deebii laata:- tokkoffaa hikkaa fi haaguuggaa mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uraa mirkaneeffachuu fi lammaffaa seerri ykn haalli hojii tokko heerichaan walfaallessuu isaa seericha fi haala hojichaaf hiikkoo kennamuun murteessuu dha.

Kanaaf hiikkaan heeraa yaadrimee bal’aa falmilee dhimma heeraa gama gubbaatti ibsaman dabalatee dhimmoota biroo of keessatti kan hammatuudha. Isaan kunniinis muxannoo biyyoota biroo irraa akka hubatamutti, tokkoffaa heera hiikuun ijaarsa mootummaa federaalaawaa waliin kan walqabatuudha. Sirna kana keessatti qoodinsa aangoo mootummaa fedaraalaa fi naannoolee jidduutti jiru ilaalchisee falmii fi yaadni garagaraa uumamuu ni mala. Daangaan aangoo isaanii kan ibsamu heera hiikuudhaani. Lammaffaa seeroonni fedaraalaa fi naannoolee heera waliin walitti bu’uun ni mala ykn seeroonni naannolee heera fedaraalaatiin wal falleessuu ni danda’u. Hogguu kana qaama (nama) midhamen jira jedhuun ykn midhaan otoo hin dhaqqabin dura iyyanni kallatti qaama aangoo qabuutti (akka biyya keenyatti Mana Maree Fedareeshinaa ta’uu ni danda’a) ni dhiyaata. Kunis heera hiikuu keessatti hammatama. Sadaffaan immoo murtii qaamilee mootummaa ykn abbaa taayitaa kamiyyuu ilaallata. Namni sababa murtii kanaatiin mirgaa fi bilisuummaan bu’uuraa kiyya tuqameera jedhu abbaa aangootti iyyachuu ni danda’a. Kunis hiikkaa heeraa ilaallatu ni danda’a.

Manni Marii Federeeshinaa akka walligalaatti aangoo heera hiikuu (Kew. 62/1/) akka qabu ibsameera. Iyyani kamiyyuu kallattidhaan mana mariichaaf akka hin dhiyaanneef dhimmichi gama Gumii Calaltuu Dhimmoota Heeraatiin yoo dhiyaateef qofa akka ilaalu kew. 83/2/ heericha irraa ni hubatama. Gumiin immoo bu’uura kew. 84/2/ tiin dhimmoota hunda irratti otoo hin ta’in seerri seera baaftuun federalaa yookin naannoo baase heeraan walfaalleessa jechuun gaaffiin yoo dhiyaateef qofaa dha.

Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti falmii heeraan walqaate ilaaluuf aangoo kan qabu Komishina hiikkaa Heeraa tiidha (Kew. 67/1). Kunis Gumii Calaltuu Dhimmoota Heeraa Naanichaa tiin bu’uura iyyannaa abbaa dhimmaatiin ykn. Mana murtiin dhiyaate calalee yaada dhiyeessuuf irratti hundaa’uudhaan kan raawwatamuudha (kew. 69/1/2/). Tumaalee kanniin irraa akka hubatamutti aangoon Komishinnin Hiikaa Heera Oromiyaa qabu, akka Mana Maree Federeeshinaa seera qaamni seera baaftuun baasu qofa kan ilaallatu otoo hin ta’in dambiwwani fi qajeelfamoota qaamolee mootummaa kan birootiin bahan waan hammatuuf bal’aa akka ta’e ni mul’ata.



      1. Dostları ilə paylaş:
  1   2   3


Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2017
rəhbərliyinə müraciət

    Ana səhifə