Out come/ osoo hin ta’in hojii irratti qofa /task based


Gabatee:.........., Garaagarummaa Akkaataa Hojii Ammaa fi Fedhii Maamiltootaa Gidduu Jiru /Base Line/



Yüklə 0,83 Mb.
səhifə3/8
tarix03.01.2019
ölçüsü0,83 Mb.
#89859
1   2   3   4   5   6   7   8

Gabatee:.........., Garaagarummaa Akkaataa Hojii Ammaa fi Fedhii Maamiltootaa Gidduu Jiru /Base Line/


Hojiiwwan Adeemsaalee Hojii Xixiqqaa Armaan Gadiitiin Raawwataman


Adeemsa Hojii Xiqqaa Qorannoo Hojiiwwan Industirii


Adeemsa Hojii Xiqqaa Qorannoo Hojiiwwan Industirii



Haala hojiin yeroo ammaa ittiin hojjetamaa jiru /As is/



Fedhii maamiltootaa /Customer expectation/

Garaagarummaa (Gulantaan)

Gulantaa


Yeroo

Baasii Tilmaamaan (Qarshii)

Qulqullina

Gulantaa


Yeroo

Baasii Tilmaamaan (Qarshii)

Qulqullina




Pootenshaala misooma industirii qorachuudhaan carraa invastimantii industirii gosaa fi facaatiidhaan adda baasuu, (fkn godina 1),

5 - 7

Baatii 3

25,000



Dookumantii odeeffannoo pootenshaala misooma indsutirii guutuu kennu

3

Guyyaa 45

15,000


Dookumantii odeeffannoo pootenshaala misooma indsutirii guutuu kennu

2-4


Pirofaayilii pirojektii industiriiwwanii qopheessuu, (fkn baay’inaan 1)

5-7

Guyyaa 45

15,000

Dookumantii pirofaayila/odeeffannoo barbaachisoo industirii hundeeffamuuf jedhu tokkoo guutummaatti qabate

3

Guyyaa 30

10,000

Dookumantii pirofaayila/odeeffannoo barbaachisoo industirii hundeeffamuuf jedhu tokkoo guutummaatti qabate

3

Itti fayyadama teeknooloojii industirii babal’isuu,

4

Ji’a/baatii 2

300,000

Teeknooloojii haaraa industiriiwwan keessatti hojiirra oole

3

Guyyaa 45

200,000

Teeknooloojii haaraa industiriiwwan keessatti hojiirra oole

1

Pirofaayila pirojektii industirii abbootii qabeenyaa dhuunfaan qophaa’anii dhiyaatan gamaggamuu,

1

Guyyaa 10

700

Industiriin hundeeffamuuf deemu kun hawaasichaaf bu’aa kan qabu ta’uu mala

1

Guyyaa 5

500

Industiriin hundeeffamuuf deemu kun hawaasichaaf bu’aa kan qabu ta’uu mala

0

Abbootii qabeenyaa industiriif deeggarsa hubannoo uumuu fi teeknikaa barbaachisu keennuu,

5

Baatii 4

400,000


Abbootii qabeenyaa invastimantii industirii irratti hubannoo gahaa akka argatan

3

Baatii 2

400,000


Abbootii qabeenyaa invastimantii industirii irratti hubannoo gahaa akka argatan

3


Waldaalee IMX irraa gara industirii giddu-galeessatti cehaniif deeggarsa barbaachisaa taasisuu,

4

Baatii 4

400,000

Deeggarsa indsutirii giddu-galeessaa irraa gara industirii gurguddaatti isaan geessu ta’uu qaba

3

Baatii 2

300,000

Deeggarsa indsutirii giddu-galeessaa irraa gara industirii gurguddaatti isaan geessu ta’uu qaba

1

Tajaajilawwan bu’uura misoomaa industiriif barbaachisan akka guutamaniif qaama ilaalu waliin hojjechuu,

6

Baatii 12





Tajaajilawwan bu’uura misoomaa industiriif barbaachisan akka ijaaraman



Baatii 8

5


Tajaajilawwan bu’uura misoomaa industiriif barbaachisan akka ijaaraman

1



Adeemsa Hojii Xiqqaa Qindeessa Ragaalee Bu’uura Industirii

Adeemsa Hojii Xiqqaa Qindeessa Ragaalee Bu’uura Industirii

Haala hojiin yeroo ammaa ittiin hojjetamaa jiru /As is/

Fedhii maamiltootaa /Customer expectation/

Garaagarummaa (Gulantaan)

Gulantaa

Yeroo

Baasii Tilmaamaan (Qarshii)

Qulqullina

Gulantaa

Yeroo

Baasii Tilmaamaan (Qarshii)


Qulqullina




Zooniiwwan ykn qe’eewwan industirii qorachuu,

5

Baatii 9

60,000

Ragaaleen bu’uuraa qe’ee industirii tokkoo sakatta’amee tokko tokkoon beekamuu qaba

4

Baatii 7

50,000

Ragaaleen bu’uuraa qe’ee industirii tokkoo sakatta’amee tokko tokkoon beekamuu qaba

1

Zooniiwwan industriif ooluu danda’an filachuudhaan pilootiitti qooduu,

4-5

Baatii 5

50,000

Pilootiin filataman zoonii industiriitiif ooluu danda’uu qabu

3-4

Baatii 3

45,000

Pilootiin filataman zoonii industiriitiif ooluu danda’uu qabu

1-2

Ragaa industriiwwanii odeefannoo guutuu keennuu danda’u, yeroosaa eeggate bifa hammayyaa’aa ta’een walitti qabuu,

5

Baatii 6

40,000

Ragaan ykn odeeffannoon argame murteedhaaf gargaaruu isaa (yeroo isaa kan eeggate waan ta’eef)

3

Baatii 5

30,000

Ragaan ykn odeeffannoon argame murteedhaaf gargaaruu isaa (yeroo isaa kan eeggate waan ta’eef)

2

Ragaa walitti qabame qindeessuu /organizing/ xiinxaluu /analysing/,

1

Baatii 2

10,000

Ragaa walitti qabame keessaa gosni ragaa barbaadamee ykn kan bakka murtaa’e tokkoo haala salphaan barbaadamee argamuu danda’uu qaba

1

Baatii 1

7,000

Ragaa walitti qabame keessaa gosni ragaa barbaadamee ykn kan bakka murtaa’e tokkoo haala salphaan barbaadamee argamuu danda’uu qaba

0

Ragaa walitti qabame tooftaalee adda addaatti fayyadamuudhaan qaama barbaaduuf dabarsuu,

2

Sa’aatii 1-12

Akkaataa gaafatameen

Ragaa qulqulluu fi yeroosaa eeggate, murteef gargaaru

1

Sa’aatii 1-6

Akkaataa gaafatameen

Ragaa qulqulluu fi yeroosaa eeggate, murteef gargaaru

1

Zooniin /qe’een/ industirii filatame pilaanii magaalaatiin akka haammatamuuf Damee Dizaayinii fi Konistiraakshinii /Biiroo Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa/ akkasumas, Inistitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa waliin ta’uudhaan hojjechuu, (fkn godina 1)

7

Baatii 5

100,000


Qe’ee industirii pilaanii magaalichaa waliin wal-sime

5

Baatii 4

90,000


Qe’ee industirii pilaanii magaalichaa waliin wal-sime

2


Qajeelfama /manual/ tajaajila babal’ina industriitiif oolu qopheessuun hojiirra oolchuu,

4

Baatii 3

70,000

Maanuwaalii dhimmoota industirii waliin wal-qabatan sirriitti ibsee hubannoo uumuu danda’u

3

Baatii 2

50,000

Maanuwaalii dhimmoota industirii waliin wal-qabatan sirriitti ibsee hubannoo uumuu danda’u

1

Daataa beezii industirii naannichaa qopheessuu,

10

Baatii 12

150,000

Qabiinsa ragaalee fi odeeffannoo ifaa fi hammaayyaa’aa ta’e




8

120,000

Qabiinsa ragaalee fi odeeffannoo ifaa fi hammaayyaa’aa ta’e

4


Adeemsa Hojii Xiqqaa Hojiiwwan Piromooshinii Industirii



Adeemsa Hojii Xiqqaa Hojiiwwan Piromooshinii Industirii

Haala hojiin yeroo ammaa ittiin hojjetamaa jiru /As is/

Fedhii maamiltootaa /Customer expectation/

Garaagarummaa (Gulantaan)

Gulantaa


Yeroo

Baasii Tilmaamaan (Qarshii)


Qulqullina

Gulantaa

Yeroo

Baasii Tilmaamaan (Qarshii)

Qulqullina




Pootenshaala /carraalee misoomaa/ industrii naannichaa;







150,000 – 200,000


Tooftaaleen beeksisaa kunniin haala ittiin hawaasa mara bira gahuu danda’u ta’uu qaba








150,000



Tooftaaleen beeksisaa kunniin haala ittiin hawaasa mara bira gahuu danda’u ta’uu qaba




  • workishooppii,

3

Guyyaa 10

2




1

  • Siimpooziyamii,

3

Guyyaa 5

2




1

  • seeminaraa,

2

Guyyaa 5

1




1

  • birooshara,

5

Baatii 2

3




2

  • maasmidiyaa fi

4

Sa’aatii 1

3




1

  • agarsiisa bu’aawwan industirii /exhibition/

5

Guyyaa 7

4




1

fayyadamuudhaan bebbeeksisuu





























Adeemsa Hojii Xiqqaa Ijaarsa Dandeettii Konistiraakshinii


Adeemsa Hojii Xiqqaa Ijaarsa Dandeettii Konistiraakshinii

Gulantaa

Yeroo

Baasii (Qarshii)

Qulqullina

Gulantaa

Yeroo

Baasii (Qarshii)


Qulqullina




Dandeettii raawwachiisummaa ogeessotaa fi geggeessitoota seektara konistiraakshinii tooftaalee adda addaa fayyadamuudhaan cimsuu,

8

Guyyaa 25

200,000

Leenjiin kennamu mata duree gahumsa ogeessotaa ni dabala jedhamee yaadamu irratti ta’uu qaba

6

Baatii 2

170,000

Leenjiin kennamu mata duree gahumsa ogeessotaa ni dabala jedhamee yaadamu irratti ta’uu qaba

2

Madaallii gahumsa ogummaa /COC/ irratti qaamolee dhimmichi ilaalu waliin ta’uudhaan ogeessotaa fi geggeessitoota naannichaaf hubannoo uumuu,

3

Guyyaa 6


60,000

Qaamni hundi hubannoo gahumsa madaallii ogummaa uummachuu qaba

2

Baatii 1

50,000

Qaamni hundi hubannoo gahumsa madaallii ogummaa uummachuu qaba

1

Madaallii gahumsa ogummaa /COC/ ogeessota konistiraakshinii naannichaa qaamolee dhimmichi ilaalu waliin ta’uudhaan geggeessuu,

9

Baatii 3


120,000

Madaallii gahumsa ogummaa loogii hin qabne

8

Baatii 12

110,000

Madaallii gahumsa ogummaa loogii hin qabne

0


Hojii Dirree

  1. Bakkeewwan ragaan irraa funaaname

    1. Waajjira Industirii fi Misooma Magaaalaa Godinaalee,

    2. Bulchiinsa magaalotaa,

    3. Aanaalee godinaalee,

    4. Gandoota bulchiinsa magaalotaa,

    5. Industiiwwan adda addaa fi

    6. Manneen hojii mootummaa fi mit-mootummaa adda addaa.

  1. Qaamolee ragaan irraa funaaname

    1. Geggeessitootaa fi hojjettoota Waajjira Industirii fi Misooma Magaalaa Godinaalee,

    2. Geggeessitootaa fi hojjettoota bulchiinsa magaalotaa fi

    3. Maamiltoota (jiraattota magaalaa fi baadiyyaa),

    4. Qooda fudhattoota.

  2. Toftaa ragaan ittiin funaaname

    1. Gaaffannoowwan afaanii saamudoota /sample/ gaafachuu (interview),

    2. Gaafannoowwan barreeffamaa saamudootaan guutaman (questionnaire),

    3. Qaamaan argamanii daawwachuu (observation),

    4. Ragaalee fi dookumatiiwwan garaa garaa sakatta’uudhaan,

    5. Qaama dhimmi ilaalu waliin gareedhaan mari’achuu (focal group discussion) fi

    6. Garaagarummaa raawwii xiinxaluudhaan.



Haala walii-galaa ragaa dirre irraa funaaname

Ragaalee fi odeeffannoon hojii Adeemsa Hojii Ijoo Misooma Industirii fi Ijaarsa Dandeettii Konistiraakshinii kana irra deebi’anii kurfeessuuf sassaabaman tooftaalee kanneen akka; gaafannoowwan afaanii saamudaan gaafataman, gaafannoowwan barreeffamaa saamudaan guutaman, qaamaan argamanii daawwachuudhaan, garaagarummaa raawwii jiruu xiinxaluudhaan fi kkf. fayyadamuudhaan yoo ta’u, ragaaleen funaanaman kunniin garaagarummaa adeemsa hojii /yaa’insa hojii yeroo ammaa jiruu fi fedhii dhimmamtootaa gidduu jiru ibsuu kan danda’udha jedhamee ni amanama.


Haala amma jiru /Scenario/ Adeemsa Hojii Misooma Industirii fi Ijaarsa Dandeettii Konistiraakshinii
Yaada xumuraa

Kayyoowwan Biiroo Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa keessaa tokko adeemsa hojiiwwan industirii deeggaruudhaan gahee seektarichi guddina dinagdee keessatti qabu ol guddisuu dha.

Haa ta’u malee, adeemsa hojichaa keessatti:


    • Hojiiwwan kanaaf xiyyeefannaan waan itti hin kennamneef;

    • Hojiwwan bu’aa qabeessa ta’an kan hin hojjetamne ta’uun isaa waan hubatameef;

Walumaa galatti hojiiwwan kun yeroo dheeraaf addaan citanii waan turaniif, bifa haarawaan irra deebi’anii kurfeessun dhimma murteessaa ta’ee argameera. Kanaafis, hojiin irra deebi’anii kurfeessuu akkaataa armaan gadiitti dhiyaatee jira.

KUTAA 3

SADARKAA KEESSA DEEBI’ANII KURFEESSUU /RE-DESIGNING STAGE/
Fedhii maamilotaa fi qooda fudhattootaa guutuuf akkasumas, kaayyoo tarsimo’aa misooma industirii galmaan gahuuf, Jijjirama Bu’uuraa Adeemsa Hojii (JBAH) Adeemsa Hojii Ijoo Misooma Industirii fi Ijaarsa Dandeettii Konistiraakshinii irra deebi’anii kurfeessuun barbaachisaa ta’ee argamee jira.

Adeemsa hojichaaa irra deebi’anii kurfeessuudhaan dura sadarkaa hubannoo keessatti adeemsi hojii kun bifa kamiin akka hojjetamaa turee fi sababa isaa hubachuuf gaaffiiwwan bu’uura ta’an (fundamental questions) ilaaluun barbaachisaa waan ta’eef haala armaan gadiitiin taa’ee jira.


GAAFFILEE BU’UURAA / FUNDAMENTAL QUESTIONS/


          1. Hojiiwwan adeemsa hojii kanaa maaliif hojjenna? (Why do we do this?)




  • Seektara industirii dagaagsuu fi babal’isuu keessatti gumaacha ol’aanaa waan qabuuf,

  • Abbootiin qabeenyaa fedhii invastimantii industirii osoo qabanii hanqina hubannoo qaban hubannoo akka argataniif,

  • Pirofaayilii pirojektii industirii adda addaa qopheessuudhaan qaamolee fedhii invastimantii industirii qabaniif haal-duree mijeessuuf, /kaka’umasa uumuu/f,

  • Ragaalee fi odeeffannoo industirii naannichaa qaama barbaaduuf, yeroo fi bakka barbaadametti haala hammayyaa’aa ta’een dhiyeessuudhaan, guddina gama kanaan jiru saffisiisuuf,

  • Pootenshaala ykn carraalee industirii naannichi qabu gosaa fi facaatiidhaan addaan baasuudhaan beeksisuuf,

  • Invastimantiin industirii babal’atee hoji-dhabeeyyii jiraniif carraan hojii akka uumamuuf,

  • Walitti hidhamiinsa qonnaa fi industirii gidduu jiru cimsuudhaan dinagdee cehumsaa biyyattiin qonnaarraa gara industiriitti taasisaa jirtu keessatti gumaacha naannichi qabu guddisuuf,

  • Bu’aawwan qorannoo hojii industirii tooftaalee adda addaatiin qaamolee ilaallatuuf beeksisuudhaan, kaka’umsa invastimantii gama kanaan jiru cimsuu,

  • Gahumsa ogeessota seektara konistiraakshinii cimsuudhaan guddina konistiraakshinii naannichaatiif gumaachuu,




          1. Maaliif haala amma jiru kanaan hojjenna? /Why do we do it by this way? /

  • Seerri fi barmaatileen (rules and assumption) jiran, kanneen bifa barreeffamaatiin bifa labsiitiin, bifa dambii fi bifa qajeelfamaatiin taa’an akkasumas, kanneen osoo hin barreeffamin barsiifataan akka hojmaataatti fudhataman haala kanaan akka hojjennu waan nu dirqisiisaniif,

  • Caaseffamni mana hojichaa akkaataa kanaan akka hojjetamu waan taasisuuf,

  • Gumaacha Biiroolee fi manneen hojii adda addaa hojii kanaaf taasisan eeggachuun dirqama waan ta’eef,

  • Hojmaatni hojichaa haala barbaadamuun diriiree kan hin jirre waan ta’eef,

Waan kana ta’eef;

  • Seerotaa fi barmaatilee hojicha irratti guufuu ta’an caabsuudhaan hojmaata haaraadhaan bakka buusuun,

  • Teeknooloojii ammayyaa adda addaatti fayyadamuudhaan adeemsa hojiiwwan industirii saffisaa fi quubsaa ta’e hojjechuun,

  • Adeemsa hojii bu’aa bahii dheeraa qabu hambisuudhaan tajaajila saffisaa fi qulqullina qabu kennuun,


WAAN BARBAACHISU NATTI HIN FAKKATU /REDENDENT/

Fedhii maamiltootaa fi Qooda Fudhatootaa (Customer and Stake Holders neesd & Expectations)


  • Naannicha keessatti carraalee misooma industiriitiif ooluu danda’an gosaa fi facaatiidhaan adda baasee beekuu,

  • Pirofaayilii pirojektii industirii qophaa’ee ka’umsa yaada invastimantii industirii isaaniif ta’u fedhu,

  • Pirofaayiliin pirojektii industirii qophaa’ee dhiyaatu akka gamaggamu,

  • Dhiyeessa meeshaa dheedhii oomisha qonnaa wal-irraa hin cinne,

  • Dhiyeessi meeshaa dheedhii biyya keessaa babal’atee kan biyya alaatii seenu akka hir’isu,

  • Tajaajilli bu’uura misoomaa industiriif oolu akka mijeeffamu,

  • Ogeessa /hojjetaa gahumsa qabu gabaa biyya keessaa irraa argachuu,

  • Teeknooloojiin hammayyaa industirii babal’atee oomishtummaan isaanii akka dabalu,

  • Deeggarsa teeknikaa fi ogummaa dhiyeenyaa fi yeroodhaan argachuu,

  • Ragaalee fi odeeffannoo bu’uuraa industirii naannichaa gosaa fi baay’inaan adda baasanii ibsan beekuu,

  • Qe’eewwan industirii magaalicha keessa jiran; gama fayyaarratti miidhaa geessisuutiin, gama faayidaa industirichi hawaasaaf kennuun, gama pilaanii magaalaatiin fi gama birootiinillee haala jiraataan magaalichaa barbaadeen akka ta’u fedha,

  • Pootenshaalli misooma industirii magaalichi qabu gosaa fi facaatiidhaan adda bahee akka beekamu,

  • Pirofaayiliin pirojektii industiriiwwan adda addaa pootenshaala magaalichaa bu’uureffachuudhaan akka qophaa’an,

  • Pirofaayiliin pirojektii industiriiwwanii magaalicha irratti qophaa’an hawaasichaaf bu’a-qabeessa akka ta’an,

  • Industiriiwwan carraa hojii uumuudhaan hoji-dhabeeyyiin magaalichaa akka hir’atan,

  • Industiriiwwan faalama naannoo hin geessisne /”Environmental Impact Assessment” isaa sirriittii kan qoratame/ akka babal’atan,

  • Pootenshaalli misooma industirii naannichi qabu miidiyaalee garaa garaatiin akka bebbeeksifamu,

  • Tajaajilli bu’uura misoomaa industiriif oolu akka mijeeffamu,

  • Ragaalee fi odeeffannoo bu’uuraa industirii naannichaa gosaa fi baay’inaan adda baasanii ibsan beekuu,

  • Hojiiwwan konistiraakshiniin magaalicha keessatti geggeeffaman ogeessota gahumsa qabaniin akka ta’u,

  • Qe’eewwan industirii hundeeffaman pilaanii magaalichaa eeguun miidhagina magaalichaa akka tumsan,

  • Pootenshaalli misooma industirii gandichi qabu gosaa fi facaatiidhaan adda bahee akka beekamu,

  • Pootenshaalli misooma industirii gandichi qabu miidiyaalee garaa garaatiin akka bebbeeksifamu,

  • Pirofaayiliin pirojektii industiriiwwan adda addaa pootenshaala gandichaa bu’uureffachuudhaan akka qophaa’an,

  • Pirofaayiliin pirojektii industiriiwwanii gandicha irratti qophaa’an hawaasichaaf bu’a-qabeessa akka ta’an,

  • Qe’eewwan industirii gandicha keessa jiran; gama fayyaarratti miidhaa geessisuutiin, gama faayidaa industirichi hawaasaaf kennuun, fi gama birootiinillee haala jiraataan magaalichaa barbaadeen akka ta’u fedha,

  • ”Environmental Impact Assessment”’n industirii hundeeffamuu haala guutuu ta’een geggeeffamee akka hojiirra oolu,

  • Walitti hidhamiinsi qonnaa fi industirii cimee meeshaa dheedhii baadiyyaa irraa argamuun industiin akka guddatu,

  • Industiriiwwan carraa hojii uumuudhaan hoji-dhabeeyyii hir’isan akka babal’atan,

  • Oomisha industiricha irraa argamuun gabaa naannoo kanatti uumamu irraa fayyadamaa ta’uu /oomisha qulqulluu, baasii salphaadhaan/,

  • Tajaajilli bu’uura misoomaa industiriif oolu akka mijeeffamu,

  • Ragaalee fi odeeffannoo bu’uuraa industirii naannichaa gosaa fi baay’inaan adda baasanii ibsan beekuu,

  • Deeggarsa teeknikaa fi ogummaa,

  • Leenjii dandeettii raawwannaa isaanii cimsu,

  • Madaallii gahumsa ogummaa,

  • Dhiyeessa meeshaa dheedhii oomisha qonnaa wal-irraa hin cinne,

  • Dhiyeessi meeshaa dheedhii biyya keessaa babal’atee kan biyya alaatii seenu akka hir’isu,

  • Tajaajilli bu’uura misoomaa industiriif oolu akka mijeeffamu,

  • Ogeessa /hojjetaa gahumsa qabu gabaa biyya keessaa irraa argachuu,

  • Teeknooloojiin hammayyaa industirii babal’atee oomishtummaan isaanii akka dabalu,

  • Deeggarsa teeknikaa fi ogummaa dhiyeenyaa fi yeroodhaan argachuu,

  • Ragaalee fi odeeffannoo bu’uuraa industirii naannichaa gosaa fi baay’inaan adda baasanii ibsan beekuu,

  • Hojiiwwan misooma industirii sadarkaa godinaatti hojjetaman adda bahanii beekaman,

  • Caasaan humna namaa seektara industirii qoratamee sadarkaa godinaatti bal’inaan akka jiraatu,

  • Qajeelfamaa fi maanuwaaliiwwan hojii industirii ifaa ta’an yeroodhaan qophaa’anii akka qaqqaban,

  • Leenjiiwwan dandeettii raawwannaa hojjettoota industirii cimsu,

  • To’annoo fi hordofii hojiiwwan seektarichaa,

  • Hojiiwwan misooma industirii sadarkaa magaalaatti hojjetaman adda bahanii beekaman,

  • Caasaan humna namaa seektara industirii qoratame, sadarkaa magaalaatti bal’inaan akka jiraatu,

  • Qajeelfamaa fi maanuwaaliiwwan hojii industirii ifaa ta’an yeroodhaan qophaa’anii akka qaqqaban,

  • Leenjiiwwan dandeettii raawwannaa hojjettoota industirii cimsu,

  • To’annoo fi hordofii hojiiwwan seektarichaa,
Madda Kaayyoo Diriiraa/Aggaamamee /Sources of Stretch Objectives/

Akka waliigalaatti maddoota kaayyoo diriiraa kan jedhaman;



  1. Adeemsa hojichaaf qaama alaa irraa raawwii fakkeenya gaarii ta’e (external bench mark of the best performance on the same process),

  2. Adeemsa hojichaaf raawwii fakkeenyaa gaarii mana hojichaa keessa jiru (organizational bench mark of best performance on the same process),

  3. Fedhii fi hawwii maamiltotaa fi dhimmamtootaa/qooda fudhattootaa (customers’ and stakeholders’ needs and expectation),

  4. Raawwii fedhii mataa-ofii isa ol’aanaa (own best performance/

  5. Odeeffannoo teeknooloojii bu’reeffachuu dha.

Haata’u malee, kaayyoo diriiraa kaawwachuuf adeemsi hojii gaarii fudhatamu /bench-mark/ fi raawwiin gaarii mana hojichaa bu’uura ta’uu danda’an yeroo hedduu salphaatti kan hin argamne waan ta’eef, fedhii maamiltootaa fi dhimmamtootaa xiinxalame irratti hundaa’uun kaayyoon diriiraa Adeemsa Hojii Ijoo Misooma Industirii fi Ijaarsa Dandeettii Konistiraakshinii akkaataa armaan gadiitiin kaa’amee jira.


Fedhii maamiltootaa wal duraa duubaan (Priority of customer’s needs)

  • Carraa invastimantii industirii bakkeewwan garaa garaa naannichi qabu gosaa fi facaatiidhaan beekuu,

  • Bu’aa bahii malee invastimantii industirii irratti bobba’uu,

  • Ragaa fi odeeffannoo industirii bifaa fi baay’inaan, yeroo fi bakka barbaadametti bifa hammayyaa’aa ta’een argachuu,

  • Carraalee invastimantii industirii adda bahanii beekaman irratti hundaa’uun pirofaayilii pirojektii qophaa’e argachuu,

  • Bu’aawwan qorannoo hojii industirii tooftaalee maamilaaf toluun beeksifaman argachuu danda’uu,

  • Industiriiwwan hundeeffaman gama hundaan hawaasichaaf faayida-qabeessa akka ta’an,

  • Deeggarsa misooma industirii barbaachisu mara haala barbaadameen argachuu (fkn. IMX gara industirii giddu-galeessaatti cehaniif),

  • Industiriiwwan hundeeffaman fayyaa hawaasichaa irratti miidhaa kan hin geessisne /”Environmetal Impact Assessment”, isaanii sirriitti kan qoratame akka ta’u,

  • Industiriiwwan hundeeffaman pilaanii magaalaa kan eeggatan akka ta’an,

  • Babal’iana teeknooloojii hammayyaa industiriiwwanii,

  • Deeggarsa ogummaa fi teeknikaa dhiyeenyatti argachuu,

  • Dhiyeessii oomisha qonnaa quubsaa fi walirraa hin cinne argachuu,

  • Ijaarsa dandeettii seektara konistiraakshiniitiif taasifamuun gahumsi ogeessota seektarichaa akka cimu,

Fedhii qooda fudhattootaa wal-duraa duubaan (Priority of stake holders’ needs)


  • Carraa invastimantii industirii bakkeewwan garaa garaa naannichi qabu gosaa fi facaatiidhaan beekuu,

  • Ragaa fi odeeffannoo industirii bifaa fi baay’inaan, yeroo fi bakka barbaadametti bifa hammayyaa’aa ta’een argachuu,

  • Adeemsa cehumsa dinagdee biyyattii qonnaarraa gara industiriitti taasifamaa jiru keessatti gahee naannichi qabu, haala barbaadameen bahuuf deeggrsi barbaachisaan marti akka taasifamu,

  • Bu’aawwan qorannoo hojii industirii tooftaalee qooda fudhattootaaf toluun beeksifaman argachuu danda’uu,

  • Industiriiwwan hundeeffaman gama hundaan hawaasichaaf faayida-qabeessa akka ta’an,

  • Deeggarsa misooma industirii barbaachisu mara haala barbaadameen argachuu (fkn. IMX gara industirii giddu-galeessaatti cehaniif),

  • Industiriiwwan hundeeffaman fayyaa hawaasichaa irratti miidhaa kan hin geessisne /”Environmetal Impact Assessment”, isaanii sirriitti kan qoratame akka ta’u,

  • Bu’aa qorannoo pootenshaala industirii fi qophii pifaayila pirojektii qulqulluu ta’e, /Koomishinii Invastimantii Oromiyaa/

  • Industiriiwwan hundeeffaman gama hundaan hawaasichaaf faayida-qabeessa akka ta’an,

  • Industiriiwwan hundeeffaman pilaanii magaalaa kan eeggatan akka ta’an,/Inistitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa/

  • Misooma magaalota naannichaa keessatti gaheen industiriin gumaachu akka guddatu, /Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii/

  • Qajeelfamoota, seerotaa fi caasaalee humna namaa qoratamanii gadi bu’an lafa qabachiisuu, /Ministeera Daldalaa fi Industirii/

  • Galiin naannichi seektaricha irraa argatu akka guddatu taasisuu, /Biiroo Galiiwwan Oromiyaa/

  • Ogeessota dhaabbilee leenjii teeknikaa irraa bahaniif carraa hojii akka uumu, /Ejansii Barnootaa, Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa/

  • Itti fayyadama meeshaalee dheedhii oomisha qonnaa ta’anii haala salphaa fi dhiyeenyatti argaman, /Biiroo Qonnaa Oromiyaa/

  • Babal’ina gosa industirii ”Agro-industry”, /Ejansii Fayyaa fi Misooma Beeyladaa/

  • Haala mijaawaa abbootiin qabeenyaa itti oomisha isaanii gabaa irra oolchuu danda’an irratti hubannoo akka kennamu /Ejansii Daldalaa fi Misooma Gabaa/

  • Hojiiwwan maallaqa Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee oromiyaarraa bahii ta’uun geggeeffaman irratti gabaasa raawwii hojii quubsaa fi yeroodhaan dhiyaate, /Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa/

  • Qorannoo /research/ filatamoo dhaabbilee barnootaa olaanoodhaan geggeeffamanitti fayyadamuu, akkasumas barnoota seektaricha irratti geggeeffaman maraaf ragaa fi deeggarsa barbaachisaa taasisuu, /Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo/

  • Meeshaaleen /teeknooloojiiwwan/ industiriif oolan biyya alaa irraa seenan karaa seera qabeessan gara biyya keessatti akka seenan, /Abbaa Taayitaa Galiiwwanii fi Gumurukaa/

  • Caasaan humna namaa, seerotnii fi qajeelfamootni seektarichaa magaalaa irratti haala bu’a-qabeessa ta’uu danda’uun yeroodhaan gadi-bu’uudhaan hojiirra akka oolu, /Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalotaa/

  • Hojiiwwan konistiraakshinii naannicha keessatti geggeeffaman qulqullina akka qabaataniif ijaarsi dandeettii konistiraakshinii akka cimu,/Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii/

  • Industiriiwwan meeshaaleen /teeknooloojiin/ biyya alaatii seenan sadarkaa isaanii eeggatan akka fayyadaman, /Abbaa Taayitaa Qulqullinaa fi Sadarkaa Itoophiyaa/


Gabatee:.............Fedhii maamiltootaa ykn qooda fudhattootaa, bu’aa, milkaa’naa fi kaayyoo aggaamame (stretch objectives)


Lakk.

Fedhii mamiltootaa ykn qooda fudhattootaa

Bu’aa dhihoo eegamu (Output)

Bu’aa dhumaa eegamu (Desired outcome)

Kaayyoo diriiraa

(Stretch objective)

1

Deeggarsa misooma industirii barbaachisu mara haala barbaadameen argachuu (fkn. IMX gara industirii giddu-galeessaatti cehaniif),

Industiriiwwan giddu-galeessaa lakkoofsaan dabalan

Dinagdee naannichaa ykn biyyattii industirii irratti hundaa’e

Fedhii/gaaffii waldaaleen IMX gara industirii giddu-galeessattii guddatan qorachuudhaan (ogummaa fi teeknikaa waliin kan wal-qabate) waggaatti al-lama deeggarsa taasisuu

2

Pootenshaala invastimantii industirii bakkeewwan garaa garaa naannichi qabu gosaa fi facaatiidhaan beekuu,

Murtee invastimantii (gosa invastimantichaa dabalatee)

Invastimantii industirii babal’ate

Pootenshaala invastimantii industirii addaan bahee qabu gosaa fi facaatiidhaan beekame,

3

Bu’aa bahii malee invastimantii industirii irratti bobba’uu,

Fedhii fi kaka’umsa invastimantii industirii dabale

Invastimantii industirii babal’ate

Pirofaayila pirojektii industirii addaa addaa qophaa’ee taa’ee fi kan qophaa’e dhiyaate ammoo guyyaa 10 keesstti akka gamaggamamu,

4

Industiriiwwan hundeeffaman gama hundaan hawaasichaaf faayida-qabeessa akka ta’an,

Hawaasa sababa hundeeffama industiriitiin fayyaan isaa hin miidhamne

Dinagdee naannichaa ykn biyyattii industirii irratti hundaa’e

  • Hawaasni naannichaa oomisha industirichaa gabaa itti dhiyeenya qabu irraa argachuu akka danda’u,

  • Carraa hojii uumuu,

5


Ragaa fi odeeffannoo industirii yeroo fi bakka barbaadametti bifa hammayyaa’aa ta’een argachuu,

Odeeffannoo gahaa yeroodhaan akksumas, haala salphaadhaan argamee.

Murtee invastimantii industirii irratti qaamoleen fedhii qaban muteeffatan

  • Ragaa fi odeeffannoo industirichaa %50 ol toora intarneetii /”website’/ irraa argachuu,

  • Ragaa industirii wagga waggaan dabalamaa deemu ji’a sadi-sadiin fooyyessuu /up-dating/.

6


Pirofaayilii pirojektii industiriiwwanii qophaa’aa argachuu

Filannoowwan /options/ invastimantii industirii garaa garaa abbootiin qabeenyaatiif argame

Murtee invastimantii industirii irratti qaamoleen fedhii qaban muteeffatan

Carraa invastimantii adda bahaniif, pirofaayila;

  • Hojjetamanii jiran sa’aatii 0:15 keessatti kennuu,

  • Pirofaayiloota haaraaf ammoo ji’a 2 keessatti qopheessudhaan kennuu.

7


Bu’aawwan qorannoo hojii industirii tooftaalee maamilaaf toluun beeksifaman argachuu danda’uu,

Hubannoo abbootiin qabeenyaa carraalee invastimantii industirii naannichi qabu irratti uummatan

Murtee invastimantii industirii irratti qaamoleen fedhii qaban muteeffatan

Tooftaalee maamilli haala salphaan argachuu danda’aniin fayyadamuu;

  • Bakka toorri intarneetii hin jirretti “mass media” fi gaazexaa fayyadamuudhaan bebbeksisuu,

  • Magaalota keessatti agarsiisa /exhibition/ fi baazaarii fayyadamuudhaan bebbeeksisuu,

8


Ogeessotuma konistiraakshinii amm jiraniin hojiiwwan konistiraakshinii hedduu raawwachuu

Hojiiwwan ogeessotni konistiraakshinii irratti hirmaachuu qaban kan akka;

  • Qe’eewwan industirii pilaanii magaalaa eeganii hundeeffaman ogeessa muraasaan raawwachuu,

Magaalaa pilaanii ishee zoonii/qe’ee industirii waliin wal-sime

Baasii ogeessotaaf bahu xiqqeessuu

9


Teeknooloojiin industii keessatti akka babal’atu

  • Ariitii oomishtummaa industirii,

  • Wal-jijjiirraa odeeffannoo qulqulluu fi ariitii qabu industiriiwwan qabaatan,

Oomishtummaa industirii dabale

  • Industiriiwwan odeeffannoo teeknooloojii salphaa ittiin argachuu danda’aniif dhiyoo ta’uu,

  • Odeeffannoo gabaa oomisha industirii guyyaa guyyaadhaan akka argatan,

10


Ogeessonni/hojjettoonni industirii leenjii ogummaa fi teeknikaa akka argatan

Ogeessota/hojjettoota industirii gahumsa qaban



Oomishtummaa industirii dabale

  • Ogeessota teeknikaa industirichaatiif baatii jaha jahaan leenjii teeknikaa kennuu, (qaama ilaallatu walii ta’uun),

  • Ogeessota teeknooloojii industirichaatiif leenjii teeknooloojii odeeffannoo irratti xiyyeeffate kurmaana kurmaana kurmaanaan kennuu,


RAKKOOLEE IJOO ADEEMSA HOJII IJOO MISOOMA INDUSTIRII FI IJAARSA DANDEETTII KONISTIRAAKSHINII

  • Hojii industirii waliin walqabatu abbummaa fi itti gaafatamummaan qaamni hojjetu addaan bahee beekamuu dhabuu, aangoo fi gaheen hojii manneen hojii mootummaa adda addaa gama industirii irratti labsii, qajeelfama ykn dambiidhaan kaa’aman ifaa kan hin taane dha (hojiiwwan bakka murtaa’e tokkotti hojjetamuu malan tokko tokkoon adda bahanii kan hin teenye dha),

  • Hojiiwwan industirii waliin wal-qabatan manneen hojii birootiin kan hojjetamu dha jedhanii xiyyeeffannoo itti kennuu dhiisuu, (Fkn. Ministeera Daldalaa fi Industiriitiin, Koomishinii Invastimantii Oromiyaatiin, Biiroo Lafaa fi Eegumsa Naannoo oromiyaatiin),

  • Aangoo fi gahee hojii industirii ilaalchisee Biiroo Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa dabalatee, manneen hojii birootiif kenname tokko tokkoon adda bahee kan kaa’ame miti. /Biiroo Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa, Koomishinii Invastimantii Oromiyaa, Biiroo Lafaa fi Eegumsa Naannoo Oromiyaa/

  • Rakkoolee hubannoo qaamoleen adda addaa hojiiwwan misooma industiriirratti qaban

  • Walirra bu’iinsa aangoo fi gahee hojii /mandate over-lap/ manneen hojii mootummaa tokko tokko /dhimmoota industirii waliin wal-qabatan irratti/

  • Caasaan humna namaa seektarichaa sadarkaa gadiitti (godinaalee fi magaalotarratti) haphii ta’uu isaa,

  • Abbootiin qabeenyaa, mootummaa fi dhaabbileen miti-mootummaa ta’an ragaa fi odeeffannoo industirii gahaa argachuu dhabuu,

  • Ogeessa gahumsa qabu argachuu dhabuu,

  • Walitti hidhamiinsi qonnaa fi industirii laafaa ta’uu,

  • Walitti hidhamiinsi seektarichaa fi dhaabbilee barnootaa olaanoo laafaa ta’uu,

  • Rakkoo faayinaansii waliin wal-qabatu,

  • Waldaaleen IMX irraa gara industirii giddu galeessaatti yeroo hedduu akkaataa karoora qabameen kan hin ceene waan ta’eef,

  • Ragaalee fi odeeffannoon industirii sadarkaa gadiitti (godinaalee fi magaalotarratti) haala quubsaa ta’een qindaa’ee kan hin jirre ta’uusaa,

  • Sadarkaa gadiitti (godinaalee fi magaalotarratti) seektarichaaf haala barbaadamuun xiyyeeffannoon kan itti hin kennamne ta’uu,

  • Walitti hidhamiinsi seektarichaa fi seektara qonnaa gidduu jiru quubsaa ta’uu dhiisuu,

  • Hojii ijaarsa dandeettii konistiraakshinii irratti ogeessonni tokko tokko leenjii kennamu sababa garaa garaatiin fudhachuu dhabuu,

  • Rakkoo faayinaansii

SEEROOTAA FI BARMAATILEE RAKKOOLEE UUMAMANIIF KA’UMSA TA’AN


  • Hojiin industirii waliin wal-qabatu, abbummaadhaan Biiroo Industirii fi Miooma Magaalaa Oromiyaatiin hojjetamuu osoo qabuu, manneen hojii mootummaa biroo aangoo fi gahee hojii isaaniif kennameen alatti hojjechaa kan jiran waan ta’eef, kunis kan ta’uu danda’e barsiifata hojii Labsii 163/2003’n dura ture irraa ka’uudhaan manneen hojii kanneen akka Koomishinii Invastimantii Oromiyaa, Biiroo Lafaa fi Eegumsa Naannoo Oromiyaa hojiiwwan Biiroo Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaatiin hojjetamuu malan hanga ammaatti hojjechaa jiraachuu isaaniiti.

  • Aangoo fi gaheen hojii manneen hojii mootummaa adda addaa gama industirii irratti labsii, qajeelfama ykn dambiidhaan kaa’aman ifaa kan hin taane dha (hojiiwwan bakka murtaa’e tokkotti hojjetamuu malan tokko tokkoon adda bahanii kan hin teenye dha). Fknf, Labsii Lakk. 163/2003, irratti aangoo fi gahee hojii Biiroo Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaatiif gama industiriirratti kennameef /16(1), 16(2), 16(3), 16(4)/ fi aangoo fi gahee hojii Biiroo Lafaa fi Eegumsa Naannoo Oromiyaatiif gama industiriin wal-qabachuu danda’u irratti kennameef /27(12)/ akkasumas, aangoo fi gahee hojii Koomishinii Invastimantii Oromiyaatiif gama industiriin wal-qabachuu danda’u irratti kennameef /32(2), 32(3), 32(8), 32(11), 32(20), 32(21) irratti hojiiwwan gurguddoon tarreeffaman bifa qajeelfamaatiinis ta’e, bifa gahee hojii raawwattootaatiin /job description/tiin yeroo caccabanii gadi-bu’an yeroo hedduu hojii xixiqqaa wal-fakkaatanitti hiikamuu kan danda’an waan ta’eef,

  • Walirra bu’iinsi aangoo fi gahee hojii manneen hojii adda addaa waan jiruuf, /mandate overlap/, Labsii Lakk. 163/2003 Biiroo industirii fi Misooma Magaalaa fi Koomishinii Invastimantii Oromiyaa akkasumas, Biiroo Lafaa fi Eegumsa Naannoo oromiyaatiif kenname,

  • Caaseffama seekatrichaa,

  • Rakkoolee hubannoo gahee hojii manneen hojii tokko tokko hojiilee industirii waliin wal-qabatan irratti qaban.

WARAQAA QULQULLUU IRRAA KA’UUDHAAN YAADA HAARAA BURQISIISUU
Sirni Adeemsa Hojii Misooma Industirii fi Ijaarsa Dandeettii Konistiraakshinii haala qabatamaa yeroo ammaa diriirfamuu qabuun diriirsuuf piriinsipilii JBAH hordofuu fi odeeffannoo teeknolojiitiin fayyadamuudhaan yaadawwan haaraan adda addaa miseensota garee irraa maddanii jiru.
YAADAWWAN HAARAA MISEENSOTA GAREE IRRAA MADDAN

  1. Inistitiyuutiin ogeessota industirii bifaa fi baay’inaan oomishuu danda’u haala itti hundeeffamuu danda’u mijessuu, kanneen hundeeffaman jajjabeessu,

  2. Giddu-galeessota leenjii ogummaa jiran waliin quunnamtii uumuu, tajaajila barbaachisu akka kennan haala miijessuu,

  3. Fedhii leenjii qorachuudhaan, leenjii fi tajaajila eksiteenshinii abbootii qabeenyaaf mijeessuudhaan dorgomaa taasisuu,

  4. Dhaabbileen faayinaansii misooma industirii bifa addaatiin deeggaruu danda’an akka hundeeffamaniif haala miijessuu, kanneen jiran waliin qindoominaan hojjechuu,

  5. Bulchiinsi qe’ee industirii qaamolee adda addaatiin daangeffaman Biiroo Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaatiif akka geggeeffamu taasisuu,

  6. Gamoowwan tajaajila industiriiwwan gosa adda addaaf ooluu danda’an akkaataa amalaa fi bifa industiritiin hedduminaan abbootii qabeenyatiin akka ijaaraman kakaasuu,

  7. Qonnaan bulaan oomisha gabaa/commercial crops/ akka oomishuuf deggarsi oggummaa fi odeeffannoo yeroosaa eeggate akka kennamuuf qaama ilaallatu waliin ta’uudhaan hojjechuu,

  8. Odeeffannoon teeknooloojii industiriiwwan fayyadamanii akkasumas, odeeffannoon oomisha industirii garaa garaa tooftaalee tamsaasa odeeffannoo adda addaatiin (TV, raadiyoo, toora interneetii fi kkf) akka tamsaafamu qaama dhimmi ilaalu waliin hojjechuu,

  9. Rakkoo fi fedhii “Abbootii Qabeenyaa Misoomaa” dhiheenyatti hordofuudhaan furmaata barbaaduu,

  10. Qulqullinni sadarkaan meeshaalee dheedhii industiriiwwan fayyadamanii kan eegaman akka ta’an qaama ilaalu (Fkn. Meeshaalee dheedhii qonnaarraa argamaniif, Biiroo Qonnaa Oromiyaa) waliin hojjechuu,

  11. Ejansii Daldalaa fi Misooma Gabaa Oromiyaa waliin ta’uudhaan giddu gala gabaa oomishaalee industiriif babal’isuu,

  12. Dhiyeessa meeshaalee dheedhii qonnaa salphisuuf Biiroo Dagaagina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa waliin ta’uudhaan yuuniyeenonni qonnaan bulaa akka babal’atu taasisuu,

  13. Tooftaalee gaaffiin leenjii ykn hubannoo uumuu maamiltoota irraa dhiyyatu ittiin keessumeessamu mijeessuudhaan gaaffilee kanneen keessumsiisuu,

Yaadawwan kanneen irratti mareen erga geggeeffamee booda yaadawwan haaraan armaan olitti tuqaman hundi filatamanii jiru


QAJEELFAMOOTAA /PRINCIPLES/ ADEEMSA HOJICHAA IRRA DEEBI’ANII KURFEESSUUF FAYYADAN

Hojiiwwan Adeemsa Hojii Ijoo Misooma Industirii fi Ijaarsa Dandeettii Konistiraakshinii kun yeroo irra deebi’amee kurfaa’u, qajeelfamoota JBAH (BPR principles) fi SMBKT (BSC Principles) bu’uureffachuudhaan. Haaluma kanaan:




  1. Hojiwwan Adeemsa Hojii Ijoo Misooma Industirii fi Ijaarsa Dandeettii Konistiraakshinii keessatti hojjetamuu qaban hundi haala itti quufinsa maamiltootaa fi dhimmamtootaa mirkaneessuu danda’uun yaada haaraa burqisiisuun irra deebi’amee akka kurfaa’u ni taasifama,

  2. Hojiiwwan deeggarsaa fi misooma industirii waliin wal-qabatan iddoo dhaabbileen industirii argamanittii dhiyaachuun akka hojjetaman ni tasiifama (jobs are organized around the customers)

  3. Maamiltootaaf haala bu’aa buusuu/value add/ danda’uun gurmeessuu,

  4. Ragaalee/odeeffannoo madda isaarraa sassaabuun fayyadamtootaaf kennuu/tamsaasuu,

  5. Adeemsi hojii haaraa kurfaa’e siistama tekinoolojii ammayyaatiin deggaramee fi danddeessistoota /enablers/ adda addaatti fayyadamuudhaan akka hojjetamu ni ta’a.


IBSA ADEEMSA HOJII HAARAA (NEW PROCESS DESCRIPTION)
Hojiiwwan adeemsa hojii haaraan kun maamiltootaa fi dhimmamtootaaf haala bu’a-qabeessa ta’ee, kallattii /on-line/ fi al-kallattii/off-line/ ta’een raawwatamu. Haaluma Kanaan:
Hojiiwwan Kallatti/online/

  1. Gaaffii leenjii ykn hubannoo uumuu maammilotaa keessumsiisuu fi haala mijeessuu,

  2. Odeeffannoo qaamaan carraalee invastimantii industirii gaafatan keessumsiisuu,

  3. Pirofaayilii industiriiwwanii qopheessuu,

Hojiiwwan al-Kallattii /off-line/

  1. Carraalee /pootenshaala/ invastimantii industirii gosaa fi facaatiidhaan adda bahanii taa’an bebbeeksisuu,

  2. Odeeffannoo bifa callaa qonnaa fi gatii isaa meeshaa odeeffannootiin (TV, raadiyoo, toora interneetii fi kkf) akka tamsaafamu qindoominaan hojjechuu,

  3. Qulqullina oomisha industirii sadarkaa isaa eeggate gabaa biyya keessa fi alaaf akka dhiyaatu taasisuuf, bakka oomishaa/ooyiruu qonnaan bulaa/ irraa eegalee akka hordofamuuf /value chain/ qaama dhimmi ilaalu waliin ragaa wal-jijjiiruudhaan qindoominaan hojjechuu,

  4. Fedhii leenjii qorachudhaan, leenjii fi tajaajila eksiteenshenii abbootii qabeenyaaf barbaachisu adda baasuudhaan giddu-galeessa leenjii ogummaa hojii irra jiran waliin ta’udhaan gaaffii leenjii /fooyya’insa ogummaa dhiyaatu deebii kennuu,

  5. Rakkoo faayinaansii abbootii qabeenyaa mudatuu furuuf dhaabbilee faayinaansii waliin qindoominaan hojjechuu,

  6. Bulchiinsi qe’ee industirii qaamolee adda addaatiin daangeffaman Biiroo Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaatiif akka kennamu taasisuu,

  7. Qonnaan bulaan oomisha gabaa /commercial crops/ akka oomishuuf deeggarsi oggummaa akka kennamu akkasumas, sirna odeeffannoo yeroosaa eeggate ittiin argachuu danda’an mijeessuu,

  8. Rakkoo fi fedhii “Abbootii Qabeenyaa Misoomaa” dhiheenyatti hordofudhaan deggarsa isaan barbaachisu taasisuudhaan jajjabeessuu,

  9. Industiriiwwan walitti hidhamiinsa dinagdee uumuu danda’an qorachuu fi babal’isuu,

  10. Yuuniyeenii qonnaan bulaa akka babal’ataniif qaama dhimmi ilaalu waliin hojjechuu.


Quunnamtii Hojii Alaa (External Interfaces)

Hojiiwwan adeemsa hojii haaraa kanaa maamilotaa fi dhimmamtootaaf haala bu’a-qabeessa ta’een raawwachuun barbaachisaa ta’a. Haa ta’u malee, hojiiwwan tokko tokko qaamota alaa waliin walitti dhufeenya kan qaban waan ta’eef, bu’uura walitti dhufeenyatiin, qaamolee kanneen waliin hojiin raawwatamu haala armaan gadiitiin dhiyaatee jira.




Quunnamtii

Dhimma qunnamtii

Walitti dhufeenya

Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii

Ijaarsa Dandeettii konistiraakshinii, pilaanii qe’ee industiriiwwanii eegsisuu

Gahumsa ogeessotaa guddisuu / karoorfachuu fi leenjii kennuu/, ijaarsa qe’ee industirii hordofuu,

Minitera Daldalaa fi Industirii

Labsii fi seerota industirii waliin wal-qabatan baasuu fi hojiirra oolchuu

Hojiiraa oolchuu fi yaada fooyya’insaa dhiyeessuu

Abbaa Taayitaa Qulqullinaa fi Sadarkaalee Itoophiyaa



Qulqullinaa fi sadarkaa oomishaalee eegsisuu, sadarkaa baasuu fi hojiirra oolchuu

  • Ulaagaa qulqullina oomishaalee

  • Katalogii sadarkaalee oomishaa,

  • Gahumsa madaalliwwanii mirkanessuu

Abbaa taayitaa galiiwwanii fi Gumurukaa

  • Ragaa kaffaltii gibiraa,

  • Meeshalee ashuraa ala galan,

Biiroo Daldalaa fi Misooma Gabaa Oromiyaa

Oomisha haala walirraa hin cinneen gabaaf akka dhihaatu haala miijessuu, fi odeeffannoo gabaa dabarsuu

Odeeffannoo gabaa oomishaalee qonnaa industiriif oolan

Koomishinii Invastimantii

Carraa invastimantii jiru bal’inaan bebbeeksisuu

Industirii irratti xiyyeeffannoodhaan odeeffannoo adda addaa waljijjiiruu

Ejansii Barnoota Leenjii Tekinikaa fi Ogummaa

Ogeessota ogummaa bifa adda addaatiin leenjiisuun gabaa industiriitiif dhiyeessuu akkasumas odeeffannoo ragaa ogeessotaa

  • Ragaa gosaa fi baay’ina ogeessota industiriif oolanii

  • Leenjii fooyya’insa ogummaa

  • Qorannoo babal’ina teeknooloojii industirii

Biiroo Dagaagina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa

Yuniyenoota gurmeessuu fi jajjabeesudhaan oomisha qonnaa gabaaf haala walirraa hin cinneen akka dhiheessaniif haala miijessuu

Odeeffannoo adda addaa waljijjiiruu

Biiroo Qonnaa Oromiyaa

Oomisha qonnaa industiriif ooluu danda’u bay’inaa fi qulqullinaan akka oomishamu taasisuu fi odeeffannoo bay’inaa fi bakka oomishaa kennuu

  • Oomishi qonnaa qulqulluun akka oomishamuuf haala miijessuu,

  • Oomisha gabaaf oolu(commercial crop) akka babal’atuuf

Biroo Lafaa fi Eegumsa Naannoo Oromiyaa

  • Lafa zoonii industiriitiif oolu adda baasuun daangessuu fi ragaa kennuu,

  • Naannoon faalama gataa fi hazbaa industirii irraa akka eegamu taasisuu

  • Kaartaa lafa industirii

  • Bulchinsa qe’ee industirii,

  • Kunuunsa naannoo industirii

Ejansii Dhimma Hojjetaa fi Hawwasummaaa

  • Ragaa ogeessaa bifaa fi baay’inaan qabachuudhaan gabaaf dhiyeessuu,

  • Nageenya industirii mirkaneessuu

  • Nageenya hojjetaa fi naannoo hojii

  • Odeeffannoo uman namaa

Inistitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa

Hundeeffama qe’ee industirii

Qe’een industirii pilaanii magaalaa eegee akka hundeeffamu

M
Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii
aappii Guddaa/High level/Adeemsa Hojii Haaraa



Fedhii Misooma Industirii

  • Hojiiwwan deggersaa;

  • Leenjii ogummaa kennuu,

  • Odeeffannoo pootenshaala Industirii kennuu

  • Deggersaa fi hordoffii gochuu

  • Qulqullinaa fi sadarkaa oomisha industirii eeguu,

  • Guyyaa industirii kabajuu,



Hojiiwwan ijoo:

  • Carraa invastimantii industirii adda baasuu,

  • Pirofaayilii industiriiwwanii qopheessuu,

  • Simpooziyeemii, egzibiishinii, biroosharaa fi kkf. qopheessuudhaan bebbeeksisuu,

  • Ragaalee fi odeeffannoo industirii yeroo isaa eeggate bifa hammayyaa’aa ta’een walitti qabuu,

  • Ijaarsa dandeettii uumuu /leenjii fi hubannoo uumuudhaan/

  • Hojiiwwan piromooshinii

Adda addaa



Industirii Babal’ate Guddatee

Ministeera Daldalaa fi Industirii

Biiroo Qonnaa Oromiyaa

Ejensii Barnoota Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Oromiyaa

Koomishinii Invastimantii

Biiroo Galiiwwan Oromiyaa

Biiroo Dagaagina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa

Biiroo Lafaa fi Eegumsa Naannoo Oromiyaa

Abbaa Taayitaa Sadarkaalee fi Qulqullinaa

Biiroo Daldalaa fi Misooma Gabaa Oromiyaa

Biiroo Lafaa fi Eegumsa Naannoo Oromiyaa


Yüklə 0,83 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin