Out come/ osoo hin ta’in hojii irratti qofa /task based


Caasaa Humna Namaa Adeemsa Hojii Ijoo Misooma Industirii Sadarkaa Bulchiinsa Magaalotaa Sadarkaa 2ffaa B



Yüklə 0,83 Mb.
səhifə7/8
tarix03.01.2019
ölçüsü0,83 Mb.
#89859
1   2   3   4   5   6   7   8


Caasaa Humna Namaa Adeemsa Hojii Ijoo Misooma Industirii Sadarkaa Bulchiinsa Magaalotaa Sadarkaa 2ffaa B


Lakk.


Ogummaa, sadarkaa barnootaa fi muuxannoo hojii barbaadamu

Baayina humna namaa

Humna namaa jiru keessaa gosa barnootaa jiruun hojjetaa guutuun ni danda’amaa?

Ogummaa barbaadamuuf leenjiin ni barbaachisaa?

Yaada Gareen of danda’ee akka hojjetuuf ykn leenjii argatuuf

1

Raawwataa Qindeessa Bu’uura Ragaa fi piromooshinii Industirii

1




Eeyyee


Eeyyee

Garee of danda’ee kan hojjetu ta’ee leenjiin ni barbaachisa



“BA/BSc, Economics, Management, Business Management, Marketing, Statistics, Sociology, Urban Management, Information Technology, Journalism/Linguistic” fi barnoota wal-fakkaatu, fi muuxannoo hojii waggaa 4 ykn Diploomaadhaaf muuxannoo hojii waggaa 7 fi isaa ol

Ida’ama

1


CAASEFFAMA (SADARKAA BIIROOTTI)





CAASEFFAMA (SADARKAA GODINAATTI)












CAASEFFAMA (SADARKAA BULCHIINSA MAGAALAA SADARKAA 1FFAA FI 2FFAA A)













CAASEFFAMA (SADARKAA BULCHIINSA MAGAALAA SADARKAA 2FFAA B)









(KAN BARBAACHISU NATTI HIN FAKKAATU/”redendent” dha)

Wal-Quunnamtii Adeemsa Hojii Misooma Industirii fi Ijaarsa Dandeettii Konistiraakshinii (Interfaces)















































GAHEE HOJII ADEEMSA HOJII IJOO MISOOMA INDUSTIRII FI IJAARSA DANDEETTII KONISTIRAAKSHINII (SADARKAA BIIROOTTI)
Akka Adeemsa Hojii Misooma Industirii fi Ijaarsa Dandeettii konistiraakshiniitti, misoomni industirii haala itti fuufiinsa qabuu fi hawaasni sadarkaa sadarkaan irra fayyadamaa ta’u mirkaneessuuf waggoota dhufan keessatti wantootni armaan gaditti ibsaman milkaa’uu akka danda’an ni hojjetama.
Dinagdee qonnaan hogganamu irraa gara dinagdee industiriin hogganamuutti cehuuf bu’uura industirii Naannicha keessatti kaa’uun hojii murteessa dha. Haaluma kanaan, naannoo keenya keessatti industiriiwwan xixiqqaa, giddu-galeessaa fi gurguddaan akka hundeeffamanii fi babal’ataniif pootenshaala industirii qorachuu fi beeksisuu, teeknoloojii industirii biyya keenyatti barbaachisaa ta’e addaan baasuu fi qindeessuudha. IMX waan gara industrii g/galeessaatti ce’an simachuun deeggarsa tekinikaa fi ogummaa kennuudhaan hojii isaanii akka mikal’u taasiidha..
Haaluma kanaan muuxannoowwan gaggaarii adda addaa argaman qindeessuun babal’isuu fi teeknoloojiiwwan bu’aa qabeessa ta’an sadarkaa hundaatti yeroo muraasa keessatti hojirra oolchuudhaan misooma industrii ariifachiisuutu eeggama.
Gama biraatiin qorannoo adda addaa gaggeessuun carraa fi qabeenya industrii jiru addaan baasuun abbootiin qabeenyaa fedhii horatanii gara kanatti akka dhufan gochuu, magaalaa fi baadiyyaan walitti hidhamuun akka guddatan hojjechuu dha. Akkasumas, bu’a qabeessummaan invastimantii industrii irratti akka mirkanaa’uuf deeggarsii fi hordoffiin ittifufiinsa qabu raawwachuun abbootii qabeenyaa hojii qabatamaa keessaa akka galan haala mijeessuun carraan hojii bal’aan hojidhabdootaaf akka uumamuu taasisisuu yoo ta’u, industiriiwwan oomisha al-ergee (Export) sadarkaa isaanii eeguun gabaa addunyaa keessatti dorgomaa ta’uun sharafa biyya alaa argamsiisanii fi al-galtee bakka bu’u (Import Substitution) irratti hojjetan jajjabeessuu dha.

Odeeffannoon ammayyaa’aa, leenjiin hojii irraa fi hojiin alaa akkasumas baruumsa hojiin alaa dugunguruu dugdaa dabbata tokko ta’uun ijaarsa dandeetii uumuu keessatti iddoo ol aanaa qabata. Ce’uumsa gara dinagdee industrii ooggannamutti godhamu keessatti odeeffannoon ammayya’aan yeroo irratti hundaa’ee hubannoo gahaa uumuu fi of-beeksisuun abbootii qabeenyaa biyyaa alaa fi biyya keessaa hawachuuf baay’ee murteessaadha. Kana waan ta’eef garee kanaan Naannoo Oromiyaa keessatti odeeffannoo indstrii fi konistrakshinii dhuga qabeessa, wayitawaa, hammayyaa,aa fi bu’a qabeessaa ta’e kan qindeeffamu yommuu ta’e, odeeffannoon argamanis ykn qinda’anis bifa ammayya’een data beeziin qabuun akka bulu ni ta’a. Tamsaasuu isaa ilaalchisee qaama ol-aanaaf gabaasaan maammiltootaa fi qooda fudhatootaaf immoo biroosharaan yeroo irratti hundaa’ee kan dhiyaatu ta’a.


Gama biraatiin gaggeessitoonnii fi hojjatoonnii dame kanaa, magaalotaa fi godinaalee gahuumsi isaanii yeroo yeroon hordofamee akka cimu gochuun barbaachisaadha. Kallattiin gahuumsa ittiin cimsa keessaa tokko kan ta’e immoo leenjii hojiirraati. Kanaafuu, fedhii leenjii hojetoota damichaa ykn kan ogeeyyota misooma industrii fi konistrakishii qorachuun haala bu’aa qorannichaa irrattii hunda’uun sagantaa leenjii qopheessen dhiyeessuu, magaaloota fi waajjiralee godinaa irrattis yeroo fedhiin leenjii damee kana irraa dhiyaatu gosaan addan baasun leenjiin dandeettii ogeeyyii cimsu qaama leenjiicha kennu wajjin waliigaluun leenjichi akkaataa sagantaa qophaa’een yeroo isaa eegee akka kennamu ni taasifama. Odeeffannoo dhaabbilee leenjii ijaarsa dandeetii uumuu damee kana irratti hojjatan yeroo yeroon hordofuunis Biiroo, Waajjiraalee godinaa fi magaalotaaf akka darbu gochuun qophii mataa isaanii akka godhan deeggarsa ni godha.
(MANDATE OF BUREAU)

  • Industiriin naannicha keessatti akka babal’atuu fi dhimmoota misooma industirii saffisiisuuf gargaaran sakatta’uun haalawwan mijaawaan akka uumaman ni taasisa;

  • Naannicha keessatti industiriiwwan xixiqqaan, giddu-galeessaa fi gurguddoon babal’atanii cehumsi dinagdee gara industiriitti saffinaan akka taasiafamu cimee ni hojjeta;

  • Gosoota ndustirii tarsiima’oo ta’aniif xiyyeeffannoo kennuudhaan deeggarsa addaa ni kenna;

  • Waldaalee ogummaa gama industiriitiingurmaa’an ni jajjabeessa, deeggarsa barbaachisaa ta’e ni kenna;

GAHEE HOJII HOJJETTOOTA ADEEMSA HOJII IJOO MISOOMA INDUSTIRII FI IJAARSA DANDEETTII KONISTIRAAKSHINII (SADARKAA BIIROOTTI)


  1. Abbaa Adeemsa Hojii Misooma Indutirii fi Ijaarsa Dandeettii Konistiraakshinii

Itti waamamni isaa Itti-gaafatamaa Damee Dizaayinii fi Konstrakishiniitiif ta’e hojiwwan armaan gaditti tarreeffaman ni raawwata:

  • Karoora adeemsa hojichaa adeemsaalee hojii xixiqqaa waliin ni qopheessa, gareen akka hojjetamu ni taasisa, akkaataa istaandaardii baheen qooduun tokkoon tokkoon miseensa waliin ni mallatteessa, raawwii isaas ni hordofa,

  • Wixinee Labsii, Dambii fi Qajeelfama dhimma humna dandeettii industirii guddisuu adda addaa adeemsaalee hojii xixiqqaa waliin ni qopheessa, qaama dhimmi ilaaluuf dhiyeessuun ni raggaasisa, yeroo hayyamamus hojii irra ni oolcha

  • Maanuwalotaa hojii adeemsaalee xixiqqaa waliin ni qopheessa, waajjiraalee godinaalee fi bulchiinsa magaalotaatiif akka raabsamu ni taasisa,

  • Humna namaa fi gahumsa humna namaa adeemsa hojichaaf barbaachisu guutuuf maloota/tooftaalee garaa garaa ni qopheessaa, wixinee isaas Hoogganaa Biiroo fi Koree Maanajimantiitiiff ni dhiyeessa, hojii irra akka oolu ni taasisa,

  • Odeeffannoo industirii yeroosaa eeggate /updated information/ ni tamsaasa,

  • Deeggarsa ogummaa fi tekinikaa abbootii industiriitiif ni gumaacha,

  • Leecalloo/resource/ adeemsa hojichaa ni bulchaa, fooyya’insi yoo barbaachise ni qorata,

  • Hojiiwwan adeemsa hojichaa ni qindeessa, hojii tuutaa ni jajjabeessaa, deeggarsa ni kenna, haala raawwiif gargaaruu danda’u ni mijeessa,

  • Humna dandeettii rawwanaa hojettotaa industirii Biiroo, Godinaalee fi Magaalotaa cimisuuf fedhii leenjii adda ni baasaa, leenjii barbaachisu miijessudhaan leenjii ni kennaa,

  • Raawwii hojii ni gamaggamaa rakkoolee mul’ataniif fala ni kaa’a,

  • Tooftaalee adeemsa hojichaa fooyyessuu danda’an baasudhaan hojjettoota mari’achiisuun haala hojii irra ooluu ni mijeessa

  • Gareewwan adeemsichaa gidduutti miirri garee/team spirit/ akka uumamu ni jajjabeessa,

  • Madaallii hojii bu’aa irratti xiyyeeffate ni geggeessa, qabxii bu’aa madaallii hojjattoota waliin irratti waliigaluun, yeroodhaan ni ibsa,

  • Bu’aa/faayidaa ykn dantaa/ hojjettootaa ni eega, ni eegsisa,




  1. Raawwataa Qorannoo Hojiiwwan Industirii

Itti waamamni isaa abbaa adeemsa hojiif ta’ee, hojiwwan armaan gaditti tarreeffaman ni raawwata:

  • Karooraa fi sagantaalee hojiiwwan qorannoo industirii ni qopheessa, hojiirra ni oolcha,

  • Carraalee misooma invastimantii industirii naannichaa godinaalee fi magaalota keessatti qoratee addaan ni baasa, raawwii isaas ni hordofa,

  • Qorannoo qe’ee/zooniiwwan industirii ni adeemsisa,

  • Dhaabbilee barnootaa olaanoo waliin hariiroo uumuun ni hojjeta,

  • Leenjii adda addaa mijeessuu fi hirmaachisuu akkasumas, leenjii qaamolee birootiin qophaa’an irratti ni hirmaata,

  • Hojiiwwan qindoominaan hojjechuun barbaachisu qaamolee mootummaa fi mit-mootummaa waliin ta’uun ni hojjeta,

  • Gabaasa raawwii hojii qopheessuu ni dabarsa,

  • Hojiiwwan dabalataa qaamolee adda addaa irraa kennaman ni hojjeta,




  1. Raawwataa Hojii Bu’uura Ragaalee Industirii Qindeessuu fi Bulchuu

Itti waamamni isaa abbaa adeemsa hojiitiif ta’ee hojiwwan armaan gaditti tarreeffaman ni raawwata:

  • Tooftaa /siistama sassaabii, qindeessa ragaa, bulchiinsaa fi tamsaasa isaa ni baasa,

  • Ragaa industirii fi industirii waliin walitti dhufeenya qaban bifaa fi baay’inaan qindeessa, akkaataa barbaachisaa ta’een yeroodha yerootti ni fooyyessa,

  • Haala ragaan bifaa fi baay’inaan itti sassaabamuu ni miijessa

  • Maanuwaalii bulchiinsa ragaa Bu’uur- ni qopheessa, qaama ilaaluf ni dhiyeessa, hojiirra ni oolcha,

  • Karooraa fi sagantaa hojiwwan gurmeessuu fi bulchiinsa bu’uur-ragaa miseensota waliin ni qopheessa, hojii irra ni oolcha,

  • Barruu ragaa/statistical bulletin/ ni qopheessa,

  • Leenjii/ Workishooppii haala qabiinsa ragaa ni qindeessa,

  • Gaaffii ragaa keessaa fi alaa irra dhiyaatu keessummeessuuf haala ni miijeessa,

  • Workishooppii/seeminara ragaa industirii waliin walqabatee qophaa’u irratti ni hirmaata,

  • Gabaasa raawwannaa hojii ni qopheessa, qaama dhimmi ilaaluuf ni dabarsa,

  • Hojiiwwan qindoominaa qaamolee biroo/tuuta kanneen waliin ni raawwata,

  • Hojiwwan dabalataa abbaa adeemsa hojii fi qaama biroo irraa kennamu ni hojjeta,




  1. Raawwataa Hojii Piromooshinii Industirii

Itti waamamni isaa Abbaa Adeemsa Hojiitiif ta’ee hojiwwan armaan gaditti tarreeffaman ni raawwata:

  • Karooraa fi sagaantaa hojiiwwan piromooshinii industirii ni qopheessa, hojii irra ni oolcha,

  • Bu’aalee qorannoo fayyadamtootaaf ni beeksisa,

  • Pirofaayilii pirojektii industirii ni bebbeeksisa,

  • Odeeffannoo carraalee misooma invastimantii industirii toora intarneetii irratti gadi-lakkisuu,

  • Barrulee fi birooshara adda addaa maxxansiisuu, raabsuu,

  • Sab-quunnamtiitti fayyadamuun hubannoo uumuu,

  • Guyyaa industirii kabajuu, muuxannoowwan gaarii wal-jijjiiruu,

  • Seeminara/workishooppii adda addaa qopheessuu carraalee jiru bebbeeksisuu,

  • Hojiiwwan qindoominaa qaamolee mootummaa fi miti mootummaa waliin raawwachuu,

  • Humna dandeetti ogeessota babl’iinsa industirii godinaalee/bulchiinsa magaalaa ni cimsa,

  • Gabaasa hojii qopheessee dabarsa,

  • Hojiwwan dabalataa Ittigaafatamaa dhiyoo irraa kennameef ni raawwata.




  1. Raawwataa Hojii Ijaarsa Dandeettii Konistiraakshinii

  2. Itti waamamni isaa Abbaa Adeemsa Hojiitiif ta’ee hojiwwan armaan gaditti tarreeffaman ni raawwata:

  • Qajeelfamaa fi manuwaalii leenjii ni qopheessa,

  • Fedhii leenjii hojjettoota Damee Dizaayinii fi Konstarkshinii kan biiroo, godinalee fi magaaloota qorachuun dokumantii leenjii qopheessee magaalootaa fi waajiiralee godinaaf ni raabsa,

  • Dandeettii bulchiinsa magaalotaa fi godinaalee cimsuuf leenjii leenjiftootaa ni kenna,

  • Fedhii leenjii hojjettoota ni qorata, bu’aa qorannoo irratti hundaa’ee sagantaa leenjii qopheessee magaalootaa fi waajjiralee godinatiif ni erga,

  • Karoora leenjii ni qopheessa,

  • Odeeffannoo dhaabbilee leenjii ni sassaaba, ni qindeessa, ni tamsaasa,

  • Gabaasa leenjii torban lamaa, ji’aa, kurmaanaa fi waggaa ni qopheessa,

  • Bu’aa leenjii yeroodhaa yerootti ni qorata, rawwii isaa ni hordofa,

  • Hojii dabalataa Ittigaafatamaa dhiyoo irraa kennameef ni hojjeta,




  1. Raawwataa Hojii Babal’ina Teeknooloojii Industirii

Itti waamamni isaa abbaa adeemsa hojiif ta’ee hojiwwan armaan gaditti tarreeffaman ni raawwata:

  • Qajeelfamaa fi maanuwaalii babal’ina teeknooloojii ni qophessa,

  • Dhaabbilee barnoota qorannoo gidugalessota teknoloojii waliin quunnamtii uumuudhaan teeknooloojiiwwan hojii irra jiran akka fooyya’an, teeknooloojiiwwan fooyya’an fudhachuudhan hojii irraa akka ooluu ni taasisa,,

  • Karoora babal’ina teeknooloojii ni qopheessa,

  • Odeeffannoo maddaa, gatii fi gosa teeknooloojii hammayyaa ni qorata, ni sassaaba, ni qindeessa, ni tamsaasa, rawwaannaa isaa ni hordofa,

  • Misoomni kilaastara industirii magaaloota keessattii akka babal’atan qaaama dhimmii ilaaluu waliin ni mijeessa, deeggarsa ogummaa ni kenna,

  • Ejansii Daldalaa fi Misooma Gabaa Oromiyaa waliin ta’uudhaan, deeggarsa odeeffannoo gabaa ni gumaacha,

  • Gabaasa hojii ni qopheessa,

  • Hojii dabalataa Ittigaafatamaa dhiyoo irraa kennameef ni hojjeta,


GAHEE HOJII HOJJETTOOTA ADEEMSA HOJII DEEGGARSA MISOOMA INDUSTIRII (SADARKAA GODINAATTI)

  1. Geggeessaa Adeemsa Hojii Deeggarsa Misooma Industirii

Itti waamamni isaa Itti-gaafatamaa Waajjira Industirii fi Misooma Magaalaa Godinaatiif ta’ee hojiiwwan armaan gaditti tarreeffaman ni raawwata;

  • Karoora adeemsa hojichaa ni qopheessa, hojiirra oolmaa isaas ni hordofa,

  • Maanuwaalota hojii hojiirra ni oolcha, rakkoo adeemsa keessatti mul’atan ittigaafatamaa waajjiraatiif ni gabaasa,

  • Ogummaa fi humna namaa adeemsa hojichaaf barbaachisu guutuuf malawwan/toftaalee adda addaa ni qopheessaa, hojii irra akka oolu ni taasisa,

  • Ragaalee fi odeeffannoowwan misooma industiriif oolan akka sassaabaman ni taasisaa, qamolee odeeffanno barbaadaniif ni kenna, qaama olaanuufis ni dabarsa,

  • Odeeffannoo misooma industirii yeroosaa eeggate/up dated information/ ni tamsaasa,

  • Deeggarsa ogummaa fi tekinikaa abbootii qabeenyaaf ni taasisa,

  • Leecalloo /resource/ adeemsa hojichaa ni bulcha, fooyya’insi yoo barbaachise ni qorata,

  • Hojiiwwan adeemsa hojichaa ni qindeessa, hojii tuutaa ni jajjabeessaa, deeggarsa ni kenna, haala raawwiif gargaaruu danda’u ni mijeessa,

  • Fedhii leenjii adda baasaa, leenjii barbaachisu Biiroo waliin ni miijeessa,

  • Raawwii hojii godinichaa/bulchiinsa magaalichaa ni gamaggama, rakkoolee mul’ataniif fala ni kaa’a,

  • Tooftaalee adeemsa hojichaa fooyyessuu danda’an baasuudhaan hojjettoota mari’achiisuun haala itti hojii irra ooluu Biiroo waliin ta’ee ni mijeessa,

  • Ogeessota gidduutti miirri garee/team spirit/ akka uumamu ni jajjabeessa,

  • Madaallii hojii bu’aa irratti xiyyeeffate ni gaggeessa, qabxii bu’aa madaallii hojjatoota waliin irratti waliigaluun, yeroon ni ibsa,

  • Bu’aa/faayidaa ykn dantaa/ hojjettootaa ni eega, ni eegsisa,

  • Gabaasa raawwii hojii yeroo yeroon ni dhiyeessa,

  • Hojiiwwan dabalataa qaamolee adda addaa irraa kennamu ni raawwata,




  1. Raawwataa Hojii Bu’uura Ragaalee Industirii Qindeessuu Bulchuu

Itti waamamni isaa abbaa adeemsa hojiitiif ta’ee, hojiiwwan armaan gaditti tarreeffaman ni raawwata;

  • Karooraa fi sagantaa hojiiwwan gurmeessu fi bulchiinsa bu’uur-ragaa miseensota waliin ni qopheessa, hojii irra ni oolcha,

  • Qophii ragaa sassaabuuf barbachisan hunda ni raawwata,

  • Ragaa sassaabame ni qindeessa, ni kuusa qaama oliifis ni gabaasa,

  • Gaaffii ragaa keessaa fi alaa irra dhiyaatu ni keessummeessa,

  • Tooftaa /siistama sassaabbii, qindeessa ragaa fi tamsaasa isaa hojiirra ni oolcha,

  • Leenjii/ workishooppii haala qabiinsa ragaa irratti ni hirmaata,

  • Ragaa industirii fi industirii waliin walitti dhufeenya qaban bifaa fi baay’inan ni qindeessa, akkaataa barbaachisaa ta’en yeroodhaa gara yerootti ni fooyyessa,

  • Hojiiwwan qindoominaa qaamota biroo/tuuta kanneen waliin ni raawwata,

  • Gabaasa raawwannaa hojii ni qopheessa, qaama dhimmi ilaaluuf ni dabarsa,

  • Hojiwwan dabalataa abbaa adeemsa hojii fi qaama biroo irraa kennamu ni hojjeta,




  1. Raawwataa Hojii Piromooshinii Industirii

Itti waamamni isaa abbaa adeemsa hojiitiif ta’ee, hojiiwwan armaan gaditti tarreeffaman ni raawwata;

  • Karooraa fi sagaantaa hojiiwwan bebbeeksisaa industirii ni qopheessa, akka hojii irra oolu ni taasisa,

  • Bu’aalee qorannoo Biiroo irraa darbaniif fayyadamtootaaf bebbeeksisuu,

  • Pirofaayilii fi pirojetii industiriiwwanii qophaa’anii jiran bebbeeksisuu fi gatii walmadaaluun gurguruu

  • Odeeffannoo carraalee misooma invastimantii industirii godinaa/bulchiinsa magalaa isaanii bebbeeksisuu fi fayyadamtootaf hubannoo uumuu,

  • Guyyaa industirii kabajuu, muuxannoo wal-jijjiiruu,

  • Seeminara/workishooppii adda addaa qopheessuu, carraalee jiru bebbeeksisuu,

  • Hojiiwwan qindoominaa qaamolee mootummaa fi miti mootummaa waliin raawwachuu,

    • Gabaasa hojii qopheessuu fi dabarsuu,

  • Hojiiwwan dabalataa qaamolee adda addaa irraa kennaman ni raawwata,


Yüklə 0,83 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin