Paablik Sarvisii Naamusa Isaatiin Galateeffatame Haaromsa Biyya Keenyaaf Sanada Marii Kabaja Ayyaanaa Guyyaa Pabliik Sarviisii Naannichaaf Qophaa'ee Waxabajii/2009 Finfineen



Yüklə 40,82 Kb.
tarix14.01.2018
ölçüsü40,82 Kb.
#37881


Paablik Sarvisii Naamusa Isaatiin Galateeffatame

Haaromsa Biyya Keenyaaf



Sanada Marii Kabaja Ayyaanaa Guyyaa Pabliik Sarviisii Naannichaaf Qophaa'ee

Waxabajii/2009

Finfineen

  1. Seensa

Waltajjiin marii haaromsa gadifageenyaa walakkeessa barakanaa keessa gaggeessineen biyya kenya keessattipaablik sarvisii gahumsaa fibu’a-qabeessa ta’e haaromsa biyya keenyaaf faayidaan qabu maal akka ta’e, akkasumas rakkoolee ilaalchaa fi dandeettii gurguddoo tokko tokko kaasuun irratti mariin taasifameera. Ilaalchii fi gochi kiraa sassaabdummaa, jechuunis, dhiphummaa, oftuulummaa, mankaraaristummaa amantaa, malaammaltummaa fi rakkooleen bulchiinsa gaarii kana waliin walqabatan biyya keenya sadarkaa biyyootni guddatan irra jiran biraan gahuuf sochii taasifamu hammam akka gufachiisan ilaalchisee marii waliinii taasisneerra.

Waggoota 25n darban keessatti ijaarsa sirna dinagdee, hawaasummaa fi diimokiraasii keessatti milkaa’inaawwan galmeessine, kana keessattis paablik sarvisichi gahee olaanaa kan taphatee fi sirna ijaarsa misoomawaa fi diimiokiraatawaa itti fufiinsa qabu biyya keenyaaf filannoo sirrii ta’uu isaanii bu’aaleen galmeessine ragaa akka bahan hubatameera. Kana irraa ka’uudhaan gara sochiitti gallee tokkoon tokkoon manneen hojii rakkoolee bulchiinsa gaarii adda baasuudhaan (rakkoolee keessoo fi alaa) yoom akka hiikamanii fi eenyu hiikuu akka qabu karoora qopheeffachuun gara hojiitti kan galame yoo ta’u, raawwiin isaa akkaataa qabatama manneen hojiitiin garaagara haata’u malee, kan nama jajjabeessuu fi cimee kan itti fufuu dha. Sababni isaas, haaromsi, yeroo tokko qofa hojjetamee kan dhumu waan hin taaneef yeroo yeroon guddachaa kan deemu, raawwii gaarii galmeessaa haala itti fufiinsa qabuun gara milkaa’inaatti deemuu qabna.



Bara 2017tti biyya keenya gara boqonnaa jalqabaa biyyoota galii giddu-galeessaatiin gahuuf hojjetaan mootummaa hojii itti bobba’eirratti karaa guutuu ta’een hojjechuutu irraa eegama; naamusa kana dhugoomsuuf dandeessisus gonfachuu qaba. Manneen hojii mootummaa keessatti qajeeltoowwan naamusaa hojjettootni hordofuu qaban manneen hojii hojii hedduu keessatti keenyan irratti maxxanfamanii argamu. Qajeeltoowwan kana gonfachuun hojii keenyaan bu’a-qabeessa ta’uu fi biyyaa fi uummata keenyaaf gahee nurraa egamu gumaachuuf baay’ee murteessaadha. Waan ta’eefis, qajeeltoowwan kana eeguun ergama nutti kenname hangam raawwachaa jirraa? Qajeeltoowwan kun sirriitti ni beekamu? Barreeffamni gabaabduun kun qajeeltoowwan kana tokko tokkoon kaa’uun hubannoo guutuu uumuu fi ofii keenyaafis gama kanaan maal akka fakkaannu sakatta’uuf haala dandeessisuun kan qophaa’eedha.

  1. Qajeeltoowwan Naamusaa Kudha Lamman (12) (Ethical principles)

    1. Haqummaa (integrity)

Haqummaan qajeeltoo naamusa gaarii keessaa tokko yoo ta’u, amantaa cimaa, sammuu fi yaada sirrii, ejjennoo cimaa fi haqummaa kan agarsiisuu dha. Akkuma beekamu, dhaabileen mootummaa ergama hawaasicha taajiluu kan qabaniidha. Kana jechuun, mootummaan uummataan kan filatame waan ta’eef hojiiwwan misoomaa uummatichaaf milkeessuuf karoorfate, tajaajilaawwan qulqullina qaban dhiyeessuun kan filatamuudha. Kana waan ta’eefis, ergamni hojjetaa mootummaa haqummaa gonfatee miira tajaajiltummaa uummataa uffachuun tajaajilaawwan mootummaa qulqullinaa fi yeroo isaa eeggate dhiyeessuun (kennuun) irraa egama.
Kana gochuuf, hojjetaan mootummaa “akkaatuma gosa ogummaa garaagaraa irratti bobba’een naamusa ogummaa barbaachisaa gonfadheen jiraa?” jedhee of gaafachuu qaba. Hojii kiyya qulqullina, yeroo, hangaa fi haala baasii qusachuuf dandeessisuun raawwachaan jiraa? Haala qabatama yeroon gaafatuun beekumsaa fi dandeettiin of cimsaa deemuun tajaajila amantaa hawaasichaa guddisu kennuutu irraa eegama. Hojjetaa haqummaa guutuu qabu hojii isaa kabajuun kaka’umsaan kanhojjetu, miiraa fi fedhii isaa kan hin ilaalle, nama gowwoomsuu (sossobuu) fi dogoggorsuu irra biliisaa kan ta’e, faayidaalee hin barbaachisne kan hojiin wal qabatu kan hin fudhatne, miira itti gaafatamummaa guutuun cimee ergama isaa kan bahuudha. Waan ta’eefis, hojii irratti bobbane irratti hangam dandeettii keenya guutuu fayyadamnee uummaticha tajaajiluu irratti argamna? Itti quufiinsa uummataa (tajaajilamtootaa)fiduuf manni hojii keenya amantaan kan irratti gatame akka ta’uuf hojjechaa jirraa? Faayidaalee hin barbaachisne jibbuu, namni biraas akka irraa of qusatu kan taasisu, yeroo hojii mootummaa sirriitti kabaju, araada adda addaa miidhaa geessisan irraa kan fagaatee fi amaloota kana fakkaatan kan gonfate ta’uu barbaachisa.

    1. Amanamummaa (Loyality)

Qajeeltoon kun, biyyaa fi uummata keenya kan jaallannu, heera keenyaaf amanamoo ta’uu keenya, sirna hojimaataa seera-qabeessa ta’an hordofuun kan raawwatnu, mana hojii keenyaa fi namoota waliin hojjetnuuf amanamoo taanee argamuu keenya kan agarssisuu dha. Gochoota seeraan alaa fi faallaa naamusa gaarii ta’anii fi naannoo mana hojiitti mudachuu danda’an arginee akka waan hin argineetti darbuu irraa of qusachuudha. Wanti dubbatnuu fi kan hojjetnu walsimuu danda’uu qaba. Sababni isaas, namootni tokko tokko bifa lama kan qaban waan ta’aniif wanti isaan dubbatanii fi kan isaan hojjetan garaagara yeroo ta’u ni argama. Namootni akkanaa kun kana gochuu isaaniitiin,“namni nataajjaba ykn namni maal naan jedha” jedhanii yaaduu kan hin dandeenyee dha. Kanneen hatanis yoo ta’an biyyaa isaanii fi uummata isaanii hatuu irra darbee mataa isaanii irratti rakkoo guddaa kan fidanii dha. Sababni isaas, sammuu ofii jalaa bahuun waan hin danda’amneef.
Boqonnaa sammuu kan barbaannu yoo ta’e garuu biyya keenyaa fi uummata keenyaaf akkasumas sammuu keenyaaf amanamoo ta’uu qabna. Mirgoota walqixxummaa heera keenyaan kaa’aman kanneen akka mirga sabaa fi sablammootaa, mirga amantaa, koorniyaa fi kkf sirriitti kabajuu fi kabajchiisuu irratti amanamoo ta’uu qabna.
Qabeenya mootummaafi uummataa akkaataa barbaachisuun eeguu fi kunuunsuu, baajata mana hojii qusannoo fi karaa qisaasama hin qabneen fayyadamuu, bittaa meeshaalee fi tajaajilaawwan adda addaa kiraa sassaabdummaa irraa bilisa taasisuun amanamummaa keenya mirkaneessuu qabna. Biyya biraa hin qabu; biyyi keenya biyyatti Itiyoophiyaa ishee hedduu jaallannu kanadha. Amanamummaan, namni biyya isaatiif kanwareegamu malee biyya isaa kan hin saamne ta’uu qajeeltoo hubachiisuudha.

    1. Iftoomina /Transparency/

Akkaataa heera mootummaa keeyyata 12 keeyyata xiqqaa 1 jalatti ibsameetiin “hojiimaanni Mootummaa uummataaf karaa ifa ta’een raawwatamuu qaba’’jedha. Qophii karooraa, hojiiwwan raawwataman fi gamaaggama waliigalaa hawaasichaaf ifa ta’uu qaba. Kenni tajaajilaa, istaandaardii raawwii kenna tajaajilaa , tajaajilamaa(lammii) irraa maaltu akka eeggamu ifa ta’uu qaba. Waan kana ta’eef tajaajilamaan /Lammiin/ waa’ee kenna tajaajila nuti kenninuutiif mirga odeeffannoo gahaa qabaachuu qaba. Murteewwan Dhaabbilee Mootummaatiin kennaman ka’uumsa maalii fi murtee seeraa kamiin akka murteessan mirga odeeffannoo argachuu qaba. Dhimma faayidaa uummataatiif jecha iciitii seeraan akka qabamu ta’een ala mirgi odeeffannoo argachuu hawaasaaf kabajamuu qaba.
Haala kanaan lammii/tajaajilamaa/ gara mana hojii keenyaa dhufan ammam obsaan ofitti qabnee odeeffannoo inni barbaadu kenninaafii jira? yaada lammii/tajaajilamaa/ mana hojii keenyaaf kennu sirreeffama gaarii kennina moo? gaaffiiwwan akka kanaa qajeeltoowwan iftoominaatiin deebbii argachuutu irra jiraata. Haala mana hojii keenyaa tartiibaan sakatta’uutu nu irraa eeggama. Sababbiin isaa raawwiin jiru hooggansaa hooggansatti akkasumas raawwataadhaa raawwataatti garaagara ta’uun waan hinooleef.qajeeltoowwan ifttoominaa xiyyeeffannoodhaan hojii irra ooluu qaba.


    1. Iciitii Eeguu/Confidentiality/

Hojjetootni mootummaa fi Hooggansi sadarkaan jiru odeeffannoo uummanni beekkuu qabu dhoksuun isaan irra hinjiraatu. Haata’u malee hojjetootni mootummaa fi Hooggansi sadrkaan jiru carraa adeemsa raawwii hojiitiin iciitii dhimma nageenya biyyaa, nageenya hawaasaa wajjin walqabatan, Sadarkaa mana hojiitti iciitiidhaan qabamanii fi akkasumas waantoota hojjetaman, sadarkaa dhaabbilee barnootaatti qormaata biyyoolessaa , ykn amala dhuunfaa beekkamuu qaban (fkn:- hooggeessonni Fayyaa sababa hojii ogummaa isaaniitiin waan beekan, manneen hojii keessatti odeeffannoo gareen hojii keessatti beekanii fi kkf ibsuun irra hinjiraatu.
Kanaafuu odeeffannoo biyya, mootummaa, uummata/lammii/ miidhuu danda’an iciitiin eeggamuu barbaachisaadha. Kana ta’ee garuu darbee darbee namoonni tokko tokko sababa hojiitiin waan dhagahan tokko qabachuu kan hin dandeenye bitaa mirgattiqilleenssa irra erga oolchanii booddee garuu iciitiidhaan namoota gara biraatti hin himiin namoonni jedhan nijru. Isa/ Isheen harkaa erga bahee booda iciitii ta’uun odeeffanichaa akka hafe beekuun barbaachisaadha. Kuni ammoo bifa hamiitiinis kan ibsamuudha. Hamiin immoo mana hojii tokko keessatti ilaalcha walii galas ta’ee ilaalcha walii galtee tokkon hojjechuu akka hin jiraanne, hala nagaa iddoo hojii kan dhabsiisu bu’aa qabeessummaa kan gufachiisu waan ta’eef dhabamsiifamuu qaba. Gama kanaan ammam mana hojii keenyaa keessatti qajeeltoowwan hojii irra oolchinaa?

    1. Amanamummaa/ Honesty/

Qajeeltoowwan amanamummaa (dhugaaf) dhabbachuu, dhugaadhaaf jiraachuu, waan sirrii raawwachuu, osoo hin gowwomisiin, osoo hindoggoggorsiisiin, osoo hin sobiin, osoo sobaan dhugaa hinbaa’iin fi loogii malee raawwachuu mull’isa. Kuni qajeeltoon kuni qajeeltoo baay’ee gaariidha. Namoonni waan nuti hin barbaadne tokko akka nuirrtti hin raawwanne akkauma feenu kan biraa irrattis raawwachuu hinqabnu. Kana irraa ka’uudhaan manneen hojii kan raawwatan akkuma amala mana hojichaatti qajeeltoo kana hammam hojiitti hiiknaa. Damee Bulchiinsa Lafaatti warri hojjennu ragaa nama dhuunfaa ykn Faayilli baduus ta’ee dhoqisuudhaan, Kaartaa lafa tokko irratti dabalanii wali irratti namoota gara garagaraatii kennuudhaan, namoota deddebsuudhaan, sassaabbii galii gibiraa irratti warri bobbaane faayidaa hinmalle fudhachuudhaan ragaa taaskii dogogorsuu, galmee vaatii irratti, warra gibira dhoksan waliin walta’uun fi kkf.

Bittaa wajjinis kan walqabatu komishinii fudhachuun, meeshaalee hinbarbaachifne bituudhaan,argannoo odiitii argame tarkaafii fudhachuu dhabuu fi kkf qaamini kenna ragaa daldala fi eeyyama daldalaa garaa garaa kennu abbaa dhimmaa deddebisuu, harka irraa waafudhachuun namoota ulaagaa hinguuttaneef eyyama daladalaa kennuu,itti fayyadama leecalloo garagaraa qisaasessuu fi kkf hojii babal’ina konstraakishinii biyya ariitiidhaan guddachaa jirtu ta’uu ishee irraa kan ka’e mallaqni kan irratti dhangala’u waan ta’eef ofeeggannoodhaan akkasumas qusannoodhaan itti fayyadamuu barbaachisa. Haaluma kanaan hojiin ijaarsaa tarreeffama oli-gadi gochuun dogogorsuu biiroo ta’anii kontraaktaricha waliin walqixa kan hojjetan, kan qoodatan, hojiin ijaarsa akka hinmilkoofne warri taasisan kkf.Hojimaata haqatiin hojii irra oolchuu keessatti haqa dabsuudhaan sadarkaa hunda irratti rakkoowwan mullatan qajeeltoowwan amanamummaa hojii irraa oolchuu sirriitti kan walitti hidhamaniidha.




    1. Gaafatamummaa/accountability/

Hojjetaan mootummaa hojiiwwan hojjetuu fi murteewwan sadarkaa murteessuuf, murtichaa fi ka’umsa murtee dhimmoota dhiyatan irratti gaafataamummaa fudhuu fi gaafachuuf qopaa’aa ta’uu qaba, qajeeltoo gaafatamummaa hojjetaan kabaju murtoowwanii fi waanta raawwate hojiiwwan kannen biroo sababa maaliitiif akka raawwataman qulqulleessuu ofi isaa qophaa’aa ta’uu fi yeroo barbaade keessatti dhiyyeessuu ykn dirqama argamuu akka irra jiraatu nibeekka.Raawwii isaatiifis deebii ariifataa kenna. Gama biraatiin immoo imaammata mootummaa, raawwii seerotaa gama raawwachuutiin dirqama isaa nibaha. Dhaabbilee mootummaa gurmaa’insaa fi sistema raawwii isaaa eeggatee hojii isaa niraawwata.
Gurmaa’iinsa raayyaa jijjiramaa, raawwii hojii irraa oolmaaa meeshaalee jijjiramaa, hojii bu’aa raawwii madaaluu fi damee uummataa gahumsaan ceessisuu, qajeeltoo hojii gaafatamummaa hordofanii raawwachuu qajeeltoon gaafatamummaa kuni ammam mana hojii keenyaa keessatti hojii irra oolaa jira,hojimaata kan balleesse hanga balleessaa balleesseetiin gaafatamaa jiraa? Manneen hojii keessatti gaafatamummaan hojii irra ooluuu dhabuun miidhaa tajaajilamaa irratti fida.Jiraachuun dhaabbilee ol-aantummaa seeraa bu’uura kan godhate gaafatamummaa mirkaneessuu qaba. rakkoon bulchiinsa gaarii akka hin mirkanoofne hudhaan tokko gaafatamummaan keenya karaa guutuu ta’een bahuu dadhabuudha. Namni balleessaa raawwate akka hingaafatamne waliin gochuu, duula ololaa gaggeessuu, ani akkas waanan ta’eef malee jedhanii eenyummaa fi amantaa dawoo godhachuunii dhokachuuf yaaluu kkf hojiiwwan akkasii kuni akka dhabamsiifaman irratti hojjechuu qabna.


    1. Faayidaa Uummataa Dursuu

Tajaajilaa fi galteewwan gama qonnaatiin qonnaan/ horsiisee bulaatiif dhiyeessinu, gama hawaasummaatiin, barnootaa fi fayaatiin, bulchiinsa lafaa, sassaabbii gibiraa, tajaajila qaamota haqaa, dhiyeessii bu’uura misoomaa fi bulchiinsaatiin hojjetaan mootummaa kan dhuunfaa isaa osoo hin ta’iin kan uummataa dursuu qaba. Kan maatii isaa, kan hiriyoota isaa dursuu hin qabu. Faayidaa dhuunfaa yemmuu ariiyuu jalqabu seera dhabeessummaan akka dagaagu taasisa. Ummanni yoo fayyadame, yoo jijjiirame, jireenyi isaa yoo fooyya’e anis nan fayyadama jedhee yaaduun barbaachisaadha. Sassatuun naamuusa badaa dha.
Hojjetaan mootummaa hojii idilee isaatiin kan walitti bu’u (walitti bu’iinsa faayidaa) bakka jirutti sa’aa boqonnaa isaa hojii alaa irratti bobba’uun isarra hin jiru. Fayyummaa ummataa balaa irra kan buusan kan akka dawaa, ta’annoo meeshaalee nyaataa, harkifannaa projektoota bu’uura misoomaa, kontrobaandii fi daldala seeraan alaa fi kkf hojiiwwan akka fakkeenyaatti tuqamani dha. Waan kana ta’eef ogeessi fayyaa akkuma dhukkubsataan fooyya’ee yoo arge akka itti tolu, barsiisaan yoo barataan qabxii gaarii galmeessise akkuma gammadu, maatiin ijoolleen isaa sadarkaa gaarii irra yemmuu gahu akkuma gammadu nutis hojjettootni mootummaa ummanni dursee fayyadamee yemmuu inni gammadu arguu caalaa wanti nu gammachiisu hin jiru. Kanaafuu hojmaanni kun akka dhuunfaattis akka mana hojii keenyaattis akkamittiin hojiirra oolaa jira?

    1. Aangoo Seera Qabeessaan Tajaajilamuu

Manni hojii tokko yemmuu hundeeffamu aangoon seeraan kennamuuftu jira. Kanaafuu hojjettootni mana hojii kanaa socho’uu fi murteessuuf daangaa aangoo mana hojichaaf kenname keessatti ta’uu qaba. lammii tajaajilamaan seeraan dhimmoota guuttatee dhiyaachuu qabu akka guuttatu taasisuu, guuttatee yemmuu dhufu immoo tajaajila seera qabeessa ta’e kennuufii, tarkaanfiin seeraa yemmuu fudhatamu daangaa taayitaa kennameefitti fayyadamuu, sababa adda addaatiin taayitaa seeraan ala fayyadamuu dhiisuun hojjetaa mootummaa hunda irraa kan eegamu dha. Taayitaa mootummaan nuuf kennametti fayyadamuudhaan hojjettoota irratti dhiibbaa gaggeessuun, farra dimokiraatawaa ta’uun, hojjettoota gidduutti garaagarummaa uumuun, qabxii madaallii raawwii hojii jallisuun akkasumas tajaajilamaa dhiphisuun, dhamaasuun, faayidaa hin malle gaafachuun kkf mul’achuu hin qabani.

Kanaafuu hangam seeraa fi heera qofa hordofnee hojjenna? Dirqisiisuu fi dhiibbaa taasisuun hojjechiisuuf yaaluun, taayitaa murteessummaa qabnu fayyadamuudhaan mirga kanneen biroo dhiibuu fi sarbuun,hayyama seeraan ala hojii kanneen biroo keessa seenuun fi kkf akkamitti ibsamu? Sadarkaa kamittuu kan mul’atan yoo ta’e hafuutu irra jiraata.



    1. Loogiin Raawwachuu Dhabuu

Hojjetaa mootummaa qofa osoo hin taane namni mataa isaarrattuu loogii akka raawwatu hin barbaadamu. Loogiin sabaan, amantaadhaan, firummaadhaan, walitti hidhamiinsa faayidaatiin hooggansa qabeenya namaa keessatti, bulchiinsa faayinaansii keessatti, kenna tajaajilaa keessatti tasumaa mul’achuu hin qabu. Manneen hojii mootummaa loogii tokko malee tajaajila isaanii ummataaf dhiyeessuu qabu. Seera, danbii fi qajeelfama bu’ureeffachuudhaan murtii madaalawaa ta’e kennuu qabu.

Heerri mootummaa keenya sabaa fi sablmmoonni hundinuu wal qixa jedhee seera labseera. Mirga walqixxummaa ummattootni biyya keenyaa qabsoo isaaniitiin gofataniiru. Garaagartummaa sabummaatiin loogii raawwachuun heera mootummaa cabsuu akka ta’e ni hubattuu? Amantaaleen hundinuu walqixa. Mootummaan dhimma amantaa keessa, amantaanis dhimma mootummaa keessa akka hin seenne labsameera. Kana jechuun immoo loogiin amantaa bu’ureeffate faallaa seera mootummaati. Kanaafuu loogii ni raawwannaa? Mana hojii keenya keessatti ni raawwataa? Al-loogummaan hojmaata kabajamuu qabuudha.



    1. Seera Kabajuu

Heerri mootummaa keeyyata 9:2 akka armaan gadiitti labseera. “Lammiin kamiyyuu, qaamni mootummaa, dhaabbileen siyaassaa, waldaaleen biroo akkasumas abbootiin taayitaa isaanii heera mootummaa kabajuu fi seerichaaf abboomamuuf itti gaafatamummaa qabaatu” jedha. Bu’uura kanaatiin jalqabarratti sanada waadaa sabaa fi sablammoota biyya keenyaa kan ta’e labsii heera mootummaa kabajuu fi ittiin abboomamuuf itti gaafatamummaa qabana. Itti aansuudhaan immoo imaammata, tarsiimoowwanii fi sagantaalee heera mootummaa irraa maddan raawwachuu qabna.
Seerota, danbiiwwan, fi qajeelfamoonni kabajamuu qabu. Bakka kamittuu gochawwan heera mootummaatiin wal faallessan yemmuu raawwataman callisuun nurra hin jiraatu. Seerotaa fi hojmaata jiran akka raawwataatti cabsuu hin qabnu. Mana hojii keenya keessattis yemmuu raawwatamu arginee akka nama hin arginee ta’uu hin qabnu. Hooggantootni olaanoonis hojmaata seeraan ala ajajaa fi murtiin kennamuuf yoo jiraate akka sirratu beeksisuu qabna. Ajaja seeraan ala kennamu fudhannee keessummeessuu hin qabnu.Yoo nu mudate akka sirratan gochuu qabna malee.Fakkeenyaaf Qacarrii seeraan alaa akka raawwatamuuf,Kaffaltiin seera hin eegne akka raawwatamuuf yoo ajajamne,murtoo seera qabeessa hin taane abbootii dhimmaaf yeroo kennaman callisnee ilaaluun nurra hin jiraatu.Raawwiin seeraan alaa kun akka amala mana hojichaatti waan baay’ee kaasuun ni danda’ama.

Hojjetaan Mootummaa tokko kan ittiin bulu Akkaataa labsii hojjettoota mootummaaf baheen ta’uun ni beekama.Kanaafuu,Seerrii fi hojimaanni Labsicha keessa taa’an kabajamuutu itti jiraata.Labsicha hojiirra oolchuuf kan bahan Qajeelfamoonni fi Danbiiwwanii achi keessa jiranis ciminaan hojiitti hiikamuu qabu.Hooggansas ta’e oggeessi seera kana hordofanii kan hojjetan yoo ta’e waan wal nama dhabsiisu tokko illee hin jiru.Seerri hunduma irratti ol’aantummaa waan qabuuf.Kanaafuu,seerri akkamiin kabajamuu qaba?Dhaabbata/Mana hojii keenyaa keessattis ol’aantummaan seeraa akkamitti hojiirra oolaa jira/Maal fakkaata?/



    1. Gaaffii Uummanni kaasuuf deebii gahaa kennuu (responsiveness)

Aantummaa uummataa qabaachuun, kabajaan fuula gaariin simatanii yaada isaa dhaggeeffachuun gaaffii inni kaasuuf deebii si’ataa fi haqa qabeessa ta’e kennuun hojjetaa mootummaa kam irraa iyyuu kan eegamuudha.Kanaafuu,mana hojii keenya yokkan dhaabbata keenya keessatti uummata akkamitti simacchaa jirra?Dhuguma uummanni gooftaa keenya jennee amantaan fudhannee tajaajilaa jirraa?Yaada uummanni nuuf laatu yaada gaariin fudhannee sirreessuuf deemna moo hiika biro itti laanna laata?Dhaabbilee fi manneen hojii baay’ee keessa miira tajaajiltummaa gonfatanii kaka’umsa gaarii qabaachuun hojii isaanii gahumsaan kan raawwatan hojjettoonni galateeffaman ni jiru.
Gama birootiin immoo hojjettoonni faallaa kanaa ta’an ni jiru.kunis uummata jalaa osoo hin dhokatin uummanni abelu nama gaarii,abelu immoo nama gadheedha jechuun murtoo laachuun isaa hin dhibu.Kanaafuu,of ilaallee gara isa kamiitti akka kufnu murteessuun kan keenyadha.Kan nuti baqachuu fi sobuu hin dandeenye sammuun keenya murtoo haa laatu.Gama birootiin immoobakka hojii keenyaattis waan wal beeknuuf raga bahuun nu hin rakkisu.Uummata keenyaaf har’as boris,har’as boris yoom iyyuu ulfinaa fi aantummaa qabaachuufii qabna.

Waltajjiiwwan Haaromsaa dabarsine keessatti gaaffiiwwan Rakkoolee Bulchiinsa Gaarii uummanni kaasaa turee keessaa yeroo gabaabaa gidduutti kan hiikamuun irra turan hammam xiyyeeffannoon itti kennamanii hiikamaniiru?Warreen yeroo giddugaleessa fudhatan hammam xiyyeeffannoon itti laatamee hiikaman?Warreen kaan yeroo dheeraa fudhatan immoo maaliif akka yeroo dheeraa fudhatan uummata waliin marii taasisnee hubannoo uumuun walii gallee jirraa?Yeroon murtaawaan kennameefii hiikuuf immoo hojiitti gallee jirraa?kan jedhaman gaaffiileen kun deebii argachuu qabu.Hojiiwwan Misoomaa keenya keessattis dhimmoonni dhaqqabummaan, qulqullinaa,yeroon xumuramuu dhabuu fi sirna bulchiinsa isaaniitii fi akkasumas fedhii misoomuu waliin walqabatee gaaffiilee hedduun akka jiran ni beekama.Kanaafuu,uummaticha karaa guutuu ta’een hirmaachisuudhaan misoomicha keessatti gahee guddaa akka taphatu goonee gaaffiilee inni qabu sadarkaa sadrakaadhaan hiika itti laachuutu nurra jira.Waan raawwachuu hin dandeenyee fi abdii hin taane uummataaf osoo waadaa hin galin waan gochuufii dandeenyu qofa irratti waliigallee deemuutu nurra jira.Kanaafuu, tajaajila uummata keenyaaf kenninu dhaqqabamaa, haala gaariin keessummeessuu fi deebii si’ataa fi haqa-qabeessa ta’e kennuun duudhaa boriif keenyu osoo hin taane amma raawwachuun kan nurraa eegamuudha.



    1. Fakkeenyummaa Gaarii Qabaachuu (Exercising Leadership)

Namoonni waan nuti dubbannuun osoo hin taane waan nuti goonuu fi amalaa keenyaan nu beeku.Waan kan ta’eef nutis amala gaarii kan qabnu,hojiidhaan kan mul’isnuu taanee argamuu fi miiltoowwan mana hojii keenyaaf fakkeenya gaarii taanee argamuu qabna. Manneen hojii fi dhaabilee keessaa hojjennu keessatti hojii hojjetamu hunda human guutuu fi kaka’umsaan hirmaachuu, bu’aaf gumaachuu,itti gaafatamummaa dhuunfaas ta’e garee gaafatamummaan fudhachuu,dimokiraatawaa taanee jijjiirama itti fufsiisuun aadaan hojimaata haarawaan hojjechuu akka gabbatu gochaa, mana hojii ykn dhaabbata keessaa hojjennu keessatti amanamummaan akka gabbatu,doggogora uumame dafanii fudhatanii sirreessuuf deemuuf fakkeenya taanee of qopheessuu qabna.

Hooggansi dhaabbilee/manneen hojii mootummaa hojjettoota isaaniitiif fakkeenya ta’uutu irra jiraata.Kanaafuu, hooggantoonni dimokiraatwoo ta’uu,ittigaafatamummaa kan fudhatan,kiraa sassaabdummaa kan haraameffatan,hojjettoota isaanii hojiif kan kakaasan, naannoo hojii mijaawaan akka jiraatu kan godhan,seera kan eeganii fi eegsisan,loogii irraa biliisa ta’anii garaamummaa fi kabaja namaaf kan qaban ta’anii argamuu qabu.Dhaabbata sirrate akka qabaanuuf wantoota armaan olii kana raawwachuun murteessaadha.

Yeroo hunda fakkeenya godhannee akkuma kaasnu Manni barumsaa tokko hoogganaa isaa akkuma fakkaatu Dhaabbileen immoo hooggantoota isaanii fakkaatu jedhama.Kun immoo dhugaadha. Kanaafuu, sadarkaa mana hojii keenyaattis ta’e akka dhuunfaatti fakkeenyummmaan qabnu akkamiin ibsamaa?


  1. Hojiirra Oolmaan QajeeltoowwanKanaa Akkamitti Mirkanaa’uu Danda’a?

Milkaa’ina ergama keenyaatiif hojiirra oolmaan dudhaalee kanneenii baay’ee barbaachisaa akka ta’e dudhaalee hunda jalatti kaasnee ilaalleerra. Qajeeltoowwan kanneen sirriitti hojiirra oolchinee jennaan immoo fayyadamummaa uummataa mirkaneessuurraa darbee dhuunfaa keenyaatti namoota gahumsa qaban,namoota barbaadamoo fi gahumsa hooggansaa qaban taana.Kanaafuu tokkoon tokkoo Dhaabbilee fi namoota dhuunfaa karaa baay’ee bu’a qabeessa ta’een kallattii dudhaaleen kun ittiin hojiirra ooluu danda’an filannoowwan adda addaa burqisiisuun itti fadamuu ni danda’u.Kun akkuma jirutti ta’ee:

    1. Tokkoon tokkoon raawwataa Raawwii raawwatu keessatti dudhaalee kanaan of ilaalaa fi of gamaaggamaa akka deemu dandeessisuu,kun hooggansas kan dabalatuudha.Qajeeltoowwannaamusaa kudha lamaan kutaalee hojii hunda keessatti hojiirra oolchuun jijjiirama amalaa fiduutu irraa eegama. Kunis akka kanaan dura baratametti barreechanii barreesssuun keenyan dhaabbilee irratti bareedinaaf maxxansuu qofa osoo hin taane hojiitti hiikamuu qabu.

    2. Gammaaggamni sadarkaa dhuunfaatti taasisamu qophaa isaatti gahaa waan hin taaneef Dhaabbileen waltajjii garee fooyya’insa Hojii (GFH) keessatti gareedhaan dudhaaleen kun akkamiin kabajamaa fi hojiirra oolaa akka jiran sakatta’uun barbaachisadha.Guddinaa fi jijjiiramaa yeroo ammaa mul’achaa jiru faana wal qabsiisuun wal irraa barachuu fi wal ijaaruufis meeshaa gudhatanii itti fayydamuu qabu.

    3. Garee Fooyya’insa Hojii (GFH) /Tokko shanee tti aanee Gurmaa’insi jiru gareen Raayyaa Jijjiiramaa Siivil Sarvisii (RJSS) Waltajjii marii uumuudhaan Gabaasa gabaabaa Tokko Shanee (Garee Fooyya’insa Hojii) irraa dhiyyatu dhaggeeffachuun haalli tokko isa tokkorraa itti baratuu fi ijaaramu uumamuudanda’uu qaba.

    4. Sadarkaa mana hojiitti raawwiin (hojiirra oolmaa)dudhaalee naamusaa garee jijjiiramaa hunda biratti maal akka fakkaatu koree manaajimentiin madaalamuu qaba. Waltajjii waliigalaa hojjetaa irratti qaama gabaasaa ta’ee hoogganamu qaba.

    5. Qajeeltoowwankun cabuu waliin walqabatee haaluma kanaa olitti ibsameen qajeeltoo itti gaafatamummaa fi olaantummaa seeraa kabajuu bu’uureffachuun qajeelfama naamusaa mana hojii keenyaa irratti hundaa’uun sirreessaa deemuun ni danda’ama.

Gudunfaa

Baroottan darban keessatti muummee qonnaa, fayyaa fi barnootaan akkasumas bu’uuraalee misoomaatiin, walumaagalatti gama siyaasaan, dinagdee fi hawaasummaatiin injifannoowwan baay’ee galmeessinee jirra. Milkaa’ina injifannoowwan kanaa keessatti hojjetaan mootummaa gahee olaanaa kan taphate akka ta’e ni beekama. Mootummaanis gahee isaa kanaaf ajaa’ibsiifannaa guddaa qaba. Waanta’eefis, raawwii dudhaalee naamusaa irratti yeroo mari’atnu, adeemsaawwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii milkaa’oo ta’an kanaan hammatamuun ta’a. Kuins, haaromsa biyya keenyaa saffisa olaanaadhaan dhugoomsuuf akka nu dandeessisuuf dha. Biyyi keenya gara biyya abdii guddaa qabduutti kanceete yoo ta’u, abdiin kun dagaagaa akka deemuuf immoo itii gaafatamummaa guddaan lammiilee keenya irraa kan eegamuudha. Hojiirra oolmaa (raawwii) dudhaalee naamusa gaarii kanas arguun kan danda’amu miira itti gaafatamummaa kanaan hammatamuun dha. Kanaaf, hundi keenya naamusa gaarii gonfachuun harka wal qabatnee haaromsa biyya keenyaaf haa kaanu!




Yüklə 40,82 Kb.

Dostları ilə paylaş:




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin