83
14.1 Fedhiidhaan :Kan jedhamu, namni kun feedhii isaan kaffaltii
hanga guyyaa sanatti buuse,
gatii galmee fi dhala isaa garee kanaaf dhiisee kan gadi lakkisu jechuudha.
14.2 Nama bakka buufachuu:kana jechuun namni bakka bu`u kun nama gareen miseensonni
garee kana irratti walii galanii fi namni kunis seera ittiin bulmaata garee kanaa amanee, jaalala fi
mamii tokko malee yoo fudhate dha.
14.3 Jijjirraa bakka: Miseensi garee kanaa jijjirraan
bakka yoo isaa mudatee, dursee utuu hin
deemin xaalayyaadhan beeksisuun, akkasumaas dirqamaa isaa kanneen akkaa buusii ji`a fi
wantoota
adda addaa, akkasumaas website garee kanaan qopha`uu irraatti yaada isaa kennuusi
jajjabinaa fi gorsaa qabu kan ibsu fi kkf akka ba`uu dhi`ate koree garichaa duraatti mallatteessa.
14.4 Akkaataa seera ittiin bulmaataa kan keeyyata 17
tin adabamuudhan
.
KUTAA SADAFFAA
MIRGAA FI DIRQAMA
15. Dirqama Miseensaa
15.1 Buusii miseensaa seera ittiin bulmaataa irratti ibsame yeroon kaffaluu.
15.2 Sochiiwwan kaayyoo waldichaa gufachiisanii fi dadhabsiisan hunda irraa of-qussachuu.
15.3 Ajaja koree hojii rawwachiiftuu seera ittiin bulmaata waldichaa irratti hundaa'uun
kennu hojii irra oolchuu.
15.4 Wal-ga'ii miseensotaa fi sochii hojii waldichaa irratti qooda fudhachuu.
15.5 Guyyaa fi yeroo walga'ii kabajuu.
15.6 Seera ittiin bulmaata garichaa kabajuun bakka tajaajilaaf barbaadamutti tajaajiluu.
15.7 Waldichi sababa hanqina maallaqaaf jecha gaddaafis ta'e gammachuuf
buusii koree hojii
rawwachiiftuun murtaa'e buusuu.
84
15.8 Miseensi Waldichaa kam iyyu sirna fuudhaaf heeruma kan raawwatu yoo ta'e miseensoonni
hundi tokkummaan biratti argamuu
15.9 Miseensonni waldichaa kamiiyuu gaddi yoo mudate miseensoonni hundi tokkummaan
biratti argamuu
Dostları ilə paylaş: