Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil.5, Lak.1, 2008]
Oromia Law Journal [Vol.5,No.1,2016]
71
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil.5, Lak.1, 2008]
Oromia Law Journal [Vol.5,No.1,2016]
hundeeffamuun qofti mirgi hojjetaa ni kabajama jechuu akka hin taane ni
hubatama. Barruun kunis mirgootni hojjetaa sadarkaa addunyaatti akkasumas
heeraa fi seerota biyya keenyaatiin beekamtii argatan qabatamaan hangam
hojiitti hiikamaa akka jiran ni sakatta’a. Kana gochuufis, barruun kun kutaa
jahatti qoodamee dhiyaateera. Kutaa jalqabaa (seensa) kanatti aanee kutaan
dhiyaatu yaadrimee hariiroo hojii fi daangaa raawwii labsii hojjetaa fi
hojjechiisaatiin walqabatee seeraa fi qabatama jiru kan agarsiisu dha. Kutaan
sadaffaan waliigaltee hojii kan ilaallatu dha. Kutaa kana keessatti humna
dhiibbaa uumuu hojjetaa fi mirgi walqixxummaa hojjetaa, bifoota
waliigalteen ittiin taasifamuu fi turtii yeroo waliigaltee kanneen jedhan
qabxiilee xiyyeeffatamani dha. Kutaa afraffaan miidhaa qaamaa hojiirratti
dhaqqabuu fi rakkoo sanaan walqabatee jiru kan xiinxalu dha. Kutaan
shanaffaan waliigaltee hojii karaa seeraan alaa addaan kutuu fi bu’aa isaa
kan ilaalu dha. Dhumarratti, kutaan jahaffaa, yaadota gudunfaa fi furmaataa
teechisa.
Dostları ilə paylaş: