Qabiyyee Fuula Kutaa Tokko: Seensa 2



Yüklə 0,51 Mb.
səhifə1/14
tarix23.11.2017
ölçüsü0,51 Mb.
#32617
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14

Biiroo Siivil Sarviisii fi Bulchiinsa Gaarii Oromiyaa



Sanada Rakkoowwan Bulchiinsa Gaarii Naannichaa Deebisuuf Qophaa’e

(Isa Dhumaa)


Bitootessa, 2008

Finfinnee


Baafata


Qabiyyee Fuula

Kutaa Tokko: Seensa 2

1.1Kaayyoo Raawwii Hojii SBGO 3



A.Kaayyoo Gooroo 3

B.Kaayyoolee Gooree 3

1.2Qophii Sanadichaa Keessatti Dhimmootra Xiyyeeffannoo Barbaadan 4



Kutaa Lama: Rakkoolee Bulchiinsa Gaarii Hanga Waxabajjii 30, 2008tti Hiikuuf Karoorfaman 4

2.1Bishaan Albuudaa fi Inarjii 4

a.Kiraa Sassaabdummaa Hojmaata Waliin Wal-Qabatan 25

b.Carraa Hojii Uumuu Waliin Wal-qabatee 26

2.2Abbaataayitaa Daandiiwwan 28

2.3Eegumsa Fayyaa 36

2.4Barnoota 50

2.5Ejensii Interpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaa 53

2.6Ejensii Manaajimantii fi Misooma Lafa Magaalaa 58

2.7Investimantii 69

2.8Daldalaa fi Misooma Gabaa 78

2.9Galiiwwan 82

2.11.Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa 94

a.Rakkoo Gaggeessummaa Hiikuuf sochiin jalqabame Sadarkaa Sadarkaan Gaggeeffamuu ilaachisee:- 94

b.Tajaajila Seeraa waliin walqabatee 95

c.Hojiiwwan Reguleeshinii, Inispeekshinii fi Qorannoo Meeshaalee Teknooloojii Ijaarsaa 95

d.Hojiiwwan Qophii, Mirkaaneessa fi Walsiimsiisaa Diizaayinii; 96

e.Hojiiwwan Bulchiinsa Kontiraataa, ijaarsa, To’annoo fi Galmee 96

f.Hojiiwwan Misooma Industirii fi Ijaarsaa Dandeetti Konistiraakshinii 97

g.Hojiiwwan Misooma, Dabarsaa fi Bulchiinsa Manneenii 98

h.Hojiiwwan To’annoo Raawwii Pilaanii fi Magariisuu Magalotaa 98

i.Hojiiwwan Magaloomsuu, Bulchiinsa Al-walta’insaa fi Walitti Hidhaminsa Magalootaa 98

j.Hojiiwwan Deeggarsa Pirojeektii Bu’uura Misomaa fi Sirna Foyya’iinsa Fayiinaansii Magaalootaa 99

2.12.Biiroo Haqaa 101



Kutaa Sadii: Tarsiimoo Hojii Irra Oolmaa Sanadichaa 112




















Kutaa Tokko: Seensa


Mootummaan Naannoo Oromiyaa misooma ariifataa, itti fufiinsa qabuu fi uummatni sadarkaa sadarkaan irraa fayyadamu qopheessee hojii irra olchaa tureera. Kanaanis bu’aa olaanaa gama misoomaa, nageenyaa fi ijaarsa sirna dimookraasitin galmaa’uu eegalanii jiru.

Injifannoowwan gama hundaan galmaa’an kun ittifufiinsa akka qabaatan gochuuf mootummaan misoomawaa fi dimookraatawaa keenya KGT tokkoffaa dabre keessatti hirmaanna fi fayyadamummaa ummata keenya mirkaneessuun injifannoo galmeesee, KGT lammaffaa keessattis dabaluun guddina jalqabame caalmaan itti fufsiisuuf karoora misooma fi bulchiinsa gaarii qopheesee hojii irra oolchuu jalqabeera.

Keessattuu, Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo bulchiinsa gaarii sadarkaa sadarkaan jiraniifi komiiwwan ummata irraa yeroo gara garaa ka’an hundee irraa hiikuudhaan ittiquufinsa uummata keenyaa bu’uura irraa jijjiiruufkaroora Sosochii Bulchiinsa Gaarii Oromiyaa (SBGO) baasuun sirna deeggarsa fi hordoffii addaan hin cinneen qopheessee hojiitti galuuf qophii xumuuree jira.

Yeroo ammaa seektarri sadarkaa sadarkaan jiru karoora sosochii bulchiinsa gaarii qopheesee raawwataan sadarkaa hunda irra jiru gadifageenyaan marii gaggesuun gara qabatama raawwiiti seenuu eegalee jira.Hooggansi sadarkaa sadarkaan jiru karoora Sosochii Bulchiinsa Gaarii Oromiyaa (SBGO)hojii irra oolchuuf, dhimmi xiyeefannaan kennamuufi qabu, sirni deeggarsaa fi hordoffiin sadanuu(gabaasni, Suupervizyii fi gamaaggamni) haala waliirraa hin cinneen hojiirra oolchuu akka qabu kallatii ka’aameen hojii keessaa galee jira.

Sanadni rakkoo bulchiinsa gaarii nannichaa deebisuuf qophaa’ee hojii irra ooluu kan danda’uu hirmaannaa ummataa ittifufiinsa qabuun yoo deegarame qofaa dha.Kanaafuu sanadni rakkoo bulchiinsa gaarii ummataa deebisuuf qophaa’ee kunrakkoolee bulchiinsa gaarii uummatni akka komiitti kaasu, keessattuu sektaroota komiin uummataa itti baay’atuu fi xiyyeeffannoo mootummaa ta’an keessatti mul’atanii fi hanga waxabajii 30 bara 2008tti kan raawatamuu qabanii fi raawwatamuu danda’an of keessatti hammachuun kan qophaa’e dha. Sanada kana keessattis rakkoolee bulchiinsa gaarii ta’anii uummatni akka komeetti kaasu, akkaataa rakkoolee kanneen itti hiikamanii fi hojiilee hojjetamuu qaban, yeroo rakkooleen kun itti hiikaman, akkasumas qaama itti gaafatamu waliin hammachiisuun kan qophaa’e dha.

Kanaafuu sandaa kanaa hogggansi fi raawwataani sadarkaa sadarkaan jiru fi ummnni keenya karaa guutuu ta’een hubatee raayyaa ijaarameen hojii irra oolmaa isaatiif akka tumsu akka armaan gadiitti dhiyaatee jira.


    1. Kaayyoo Raawwii Hojii SBGO

A.Kaayyoo Gooroo


Mootummaan Naannoo Oromiyaa sanada Sosochii Bulchiinsa Gaarii deebisuuf hojiiwwan hanga yoonaa raawwataman, hojiwwan hanaga waxabajjii 30 bara 2008tti rawwatamanii fi kan bara ittiaanutti ce’an karaa walfakaatuun adda bahee waliigaltee ummataa akka argatuu fi sadarkaa irra geenye madaaluun haala ittiifufiinsa qabuun raawwatamaa jiraachuu isaa mirkaneesuuf.

B.Kaayyoolee Gooree


  • Sanada rakkoo bulchiinsa gaarii nannichaa deebisuuf qopha’ee sadarkaa hundatti waliigaltee irra gahuuf,

  • Koomaand poostiin bulchiinsa gaarii sadarkaa sadarkaan jiru Gahee fi ittigaafatamummaa isaa bahaa jiraachuu isaa xinxaluuf,

  • Seektarii sadarkaa sadarkaan jiru adeemsa hojii raawwii bulchiinsa gaarii irratti Akkaataa rakkoon bulchiinsa gaarii adda bahee, ka’umsa rakkichaa fi kallattii furmaata isaa irratti deeggarsa gochuuf,

  • Rakkoowwan bulchiinsa gaarii sadarkaa hundatti adda bahan yoom, akkmittii fi eenyu akka hiikuu adda baasuun furmaata isaa irratti hirmaannaa ummataatiin deeggaramaa deemuu isaanii hordofuu fa’i.




    1. Yüklə 0,51 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin