Qabiyyee Fuula Kutaa Tokko: Seensa 2


Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa



Yüklə 0,51 Mb.
səhifə11/14
tarix23.11.2017
ölçüsü0,51 Mb.
#32617
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   14

Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa

  1. Rakkoo Gaggeessummaa Hiikuuf sochiin jalqabame Sadarkaa Sadarkaan Gaggeeffamuu ilaachisee:-


  • Hoggansa olaanaan, G/Galeessaa fi gadi aanaa ta’ani qorannoo jalqabame cimsuun qulqulleessuun jalqabamee sadarkaa sadarkaan kan itti fufu ta’a. bulchiinsa gaarii mirkaneessuu keessatti sosochii uummataa amma jalqabame cimee kan itti fufu ta’a

  • Bu’aawwan qorannoo gadii buusuun raawwii isaa irratti uummataaf iftoominaa uummaa deemuu (Bito 01- 30/07/08 tti xummuruun keessaa bahu.

  • Gurmaa’insa seeran alaa ta’ani hoggansi Neeti woorkii diriirsee jiru hirmaannaa uummataa sosochoosuun kukkutaa deemuun itti fufiinsaan hojjatama ( Bito, Ebla, Caamsaa Waxabajji )

  • Qorannoo qulqulleessuun Abbaa adeemsaa , hojjattootaa fi ogeeyyii adda addaa rakkoo qaban qorannoon gaggeessuun adda baasuun tarkanfi hangaa caasaa gaditti deemuun furmaata kennuu ( Bito – 01-30/08) gaggeessuu

  • Hoggansaa, ogeeyyii fi qaamoolee rakkoo uumann raga qindeessuun seeran akka gaafataman gochuu (01 -30/08) tti haala itti fufiinsaa qabuun.

  • Sadarkaa sadarkaan hoggaansaa, Abbaa adeemsaa, hojjattootaa, miseensaa dhabaa uummataa magaalaa, waldaalee addaa addaa waliin marii gaggeessuun rakkoolee jiran furmaata kennaa deemuu ( 01/07 -30/08 /08)

  • Qaamolee adda addaa waliin Marii, taasiisuun gahee isaanii akka bahan gochuu. (Bit, Ebla, Caamsaa).

  • Hojiiwwan hoggansa qulqulleessuu, sirreessuu, ijaaraa deemuu, tarkaniifi fudhachuu, seeraan gaaffachuu haala ho’insaa qabuun sadarkaa sadarkaan itti fufaa.


  1. Tajaajila Seeraa waliin walqabatee


  • Too’annoo qabeenya maashinarii fi meeshalee dhaabbii gaggeessuu dhabuun walqabate rakkoolee jiran hiikuuf hordoffii fi too’annoo gaggeessuun qabeenyaa deebi’u hin dandeenye himanna saaquu, hubannoo seeraa bulchiinsa qabeenyaa irratti kennuu, feedhi leenjii adda baasuu, mata duree fi seeroota adda baasuu, qaama leenji kennu adda baasuun leenji kennuu dha.

  • Maallaqa mootummaa seeraan ala qisaasame deebisuu dhabuun walqabatee ragaa adda baasuu, himannaa saaquun hordofuu murteen akka itti laatamu taasisuu;

  • Gahuumsaa fi hubanno oggeeyii seeraa magaalotaa fi godinaalee bira jiru ilaalchisee humna jiru fi rakkoo isaa adda baasuu, leenjii kennuu, caasaa keessatti toofta humni gahumsa qabu itti horatamu addaan baasuun hojii irra oolchuu.

  • Qaawwi seerotaa fi qajeelfamoota bahan irra jiru adda bahee hikkachuu dhabuun walqabate qorannoon seeroota rakko qaban adda baasuu kan adda bahanii fi wixinee qopheesuun gabbisuun qaama murtii kennuuf dhiyeessuu, murtii hordofuu, seeraa bahee hubannoo kennuu dha.
  1. Hojiiwwan Reguleeshinii, Inispeekshinii fi Qorannoo Meeshaalee Teknooloojii Ijaarsaa


Ijaarsi mannen naannoo keenya keessatti ijaaraman tokko tokko qulqullina dhabuun jiru hiikuuf piroojaaktoota rakkoo qulqullinaa qaban addaan baasuu; ragaa manneen sadarkaa irraa jiru adda baasuun Ji’a Bitooteessaa irra calqabee hanga Waxabajii 30 kan hojjetamu ta’a. Bu’uuraalee misooma adda addaa magalootaa keessatti ijaaraman to’annoo fi hordoffii cimaa gaggeessuu dhabuu irraa kaqn ka’e qisaasamni irra gahaa furuuf piroojektootaa qulqullinaa hin qabnee adda baasuu, ogeeyyii, kontiraaktaroota rakkoo qaban addaan baasuun ittifuufinsaan kan hojjatamu ta’a.

Rakkoo hubannoo seeroota fi qajeelfamootaa irratti jiru furuuf rakkoolee qorannoon adda bahan irratti leenjii Ebla 25-30 kennuu, ittifuufinsaan hojirra oolmaa isaanii hordoffuun tarkanfii sirreeffamaa fuudhachaa deemuu

Qophii diizaayinii ijaarsaa yeroo, qulqulinaa fi gatii barbadamuun qopha’uu dhabuu kan jiru akka ta’e waan hubbatameef oggeeyyii gahumsaa fi ilaalchaa gaarii qaban horachuuf gochaa kiraa sassaabdummaa irratti qorannoo gaggeessuun adda baasuun hanga Bitooteessaa 30 kan raawwatamu yoo ta’u karoora addaa rakkoolee qulqulinaa pirojaktootaa qopheessuun hanga Waxabajii 30 kara akka qabatu ni tasifama.

Komii adeemsa bulchiinsaa kontiraataa kan akka caalbaasii, kaffaltii, dabarsa irratti jiru hamaa ta’u kan hubatame waan ta’eef istaandardii ta’een caalbaasiin gaggefamu, kanfaltiin raawwachuu fi kara qabsiisuun haala ittifuufinsa qabuun ciminaan kan irratti hojjatamu ta’a. Naamuusni ogeeyyii ijaarsaa adeemsicha bira jiru rakkoo kan qabu waan ta’eef kana sirreessuuf guyyaa guyyaan hordoffi wal irraa hin cinne gaggeessuun kan rakkoo qaban addaan bahani ni gorfamu, tarkanfiin sirreeffamaa ni fudhatama.


  1. Hojiiwwan Qophii, Mirkaaneessa fi Walsiimsiisaa Diizaayinii;


Qophii diizaaynii ijaarsaa yeroo, qulqullinnaa fi gatii barbadamuun qopha’uu dhabuun walqabatee haala ittifuufinsa qabuun oggeeyyii gahumsaa fi ilaalchaa gaarii qaban horachuu, gochaa kiraa sassabdumaa irratti qorannoo gaggeessuun adda baasuu, karooraa akkaataa wali duraa boodaa dhiyyaateen karoorsuu fi piroojektoota rakkoo qulqullinaa dizaayinii ijaarsaa Manneen Murtii Godinaa, Galmaa Horoo Gudduruu Wallaggaa, Isteediyeemii Naqamtee fi kkf—jiran rakkoo isaa qorachuun addaan baasaa haala ittifuufinsa qabuun tarkaniffii fudhachaa sirreessaa deemuu dha.

Namuusaa ogeeyyii ijaarsaa adeemsiichaa sirreessaa deemuun, oggeessootaa rakkoo qaban qorannoo gaggeessuun adda baasuu, oggeessootaa rakkoo qaban hubannoo kennuu ilaalcha isaanii jijjiruu yoo dadhabame tarkaniffii sirreeffama barsiisaa ta’e fudhaachuu.



Dizaayinni hanqinaa qabu qopheessuun piroojeekti baasii dabaltaafi (variation) saaxilamaa jiraachuun walqabate oggeessaa dandeetti qaban qopheesuu, raayyaa cimaa ijaaruu, haala ittifuufinsa qabuun rakkoo jiru qorachaa tarkaniffii sirreefamaa fudhaacha deemuu dha.
  1. Hojiiwwan Bulchiinsa Kontiraataa, ijaarsa, To’annoo fi Galmee


Qophii dizaayinii ijaarsaa yeroo, qulqulinaa fi gatii barbadamuun qopha’uu dhabuu walqabate yeroo gidugaleessa keessaatti 01-30/07/08 ogeeyyii gahumsaa fi ilaalchaa gaarii qaban horachuu, piroojektoota rakkoo qulqullinaa dizaayinii qaban :- Ijaarsaa Manneen Murtii Godinaa , Galma Horroo Guduruu Wallaggaa, Isteediyemii Naqamtee fi kkf—jiran rakkoo isaanii qorachuun hanga 01-30/08/08 tarkaniffii sirreeffama fudhachuu, piroojektootaa qulqullinaa hin qabnee fi ijaarsi isaa hin xummuuramiin wal harkaa fudhiinsaa taasifaman :- G+3 Caaffee, bara 2002 jalqabamee osoo hojii isaa hin xumuraniif hojii waan jalqabneef baajatni barbaadamee akka xummuuramu karoora qabamee jira. Galma H/Guduruu Wallaggaa, bara 2002 jalqabamee gatiin wali gala 38,324,114 kan kennamee ta’ee hojiilee adda addaa osoo hin xummuramiif hafee jira . Hojiilee hafan keessaa (site work and Elelktro mechanical) qofa waan ta’eef hanga ji’aa waxabajjii ni xummurama. Piroojektiin kun baasii hangaa ammaati taasiifameen qarshii 45,866,439.43 xummuree jira. Adaama Tirafiiki (Compelx) bara 2002 kan jalqabee ta’ee wali galtee isaa 29,150,586.16 ta’ee bara 2007 xumuramee ture hojii isaa qulqullinaa waan hin qabneef qoratamaa jiruu fi kkf yeroo gabaabaa 01-30/09 /08 sirreessuu dha. Hojiiwwan kun

  • Namuusni ogeeyyii ykn hojjataa fi abba adeensaa bira jiruu rakko kan qabu ta’uun walqabate abbaa adeemsaa, oggeessootaa / hojjattoota rakkoo qaban hubannoo kennuu fi tarkaniiffii sirreeffamaa 01-30/07/08 fudhaachudha.

  • Ijaarsa piroojektiiwwanii akkaataa qabamee fi akka barbaadameen hordoffuun xumursiisuu dhabuu ilaalchisee karoora yeroo gabaaba qopheessuun (01-30/09/08) xumuruu, rakkoo isaa qorachuun tarkaaffi 01-30/07/08 fudhachuu, ijaarsaa piroojektootaa magalootaa keessatti qulqullinaa hin qabne keessaa Riiqiichaa Adaamaa, Ijaarsaa Daandii Dhagaa Boccamaa Adaamaa, Burayyuu, Sandafaa, Dambidolloo, Baatuu Daandii Ciraachaa kkf rakkoon adda bahee qoratamee10-30/09/08 dhiyyeessuu, rakkoo caalbaasii magaalaa Sabbata, Bishooftuu, Adaamaa, Bishaan Gurraachaa, Amboo fi kkf harkiifataa ta’e qoratani dhiyeessuu, piroojaktoota osoo hinxumuramin sadarkaa adda addaatti kanafaltiin kanafalmee walharkaa fudhinsii tasiifamee addaan baasuun hanga 01-30/08/08 tarkaanffii sirreefamaa fudhaachuu dha.

Dizaayinni hanqinaa qabu qopheessuun piroojeekti baasii dabalataa fi (variation) saaxilamaa jiraachuun walqabate rakko gama bulchiinsaa kontiraataa jiru qoraachuun tarkanffii hanga 01-30/08 fudhaachuu dha. Hanqina hojimaataa koree piroojakti bira jiru furuuf qajeelfama qaamoolee ilaalatan wajjiin qopheessuu calqabuu dha.Adeemsa bulchiinsa kontiraataa calbaasii, kaffaltii dabarsuu irratti hanqina jiruu hiikuuf qaamolee ilaallatan wajjiin sirreessuu dha.

  1. Yüklə 0,51 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin