Qabiyyee Fuula Kutaa Tokko: Seensa 2



Yüklə 0,51 Mb.
səhifə13/14
tarix23.11.2017
ölçüsü0,51 Mb.
#32617
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   14

Biiroo Haqaa





      1. Rakkoolee Adda bahan

  • Hooggansii (manajimantiin) sadarkaa hunduumaa irra jiruu ilaalchaa fi dandeetii walfakaatuu qabaatee ummata tajaajiluu irratti waliqixa tarkaanfachuu dhabuu.

  • Gurmaa’insii Garree Raayyaa damee uummataa ilaalchisee hanga barbaadamee gurmeessuu fi karooraa fi gabaassa irrti hirmaachissuu dhabuun kan jiruu ta’uu fi hanqina raawwii keessa jiruu waliin hiikaa adeemuun tarkaanfii sireeffamaa keennu dhabu..

  • Itti-quufinsaa fi amantaa uummanni Biiriichaa irratti qabu karaa saayinsaawaa ta’een qorachuu dhabuun yaada uummani tajaajila keenya irratti qabu beekuun rakkoo jiru hiikuuf hojiin hojatame laafa ta’u.

  • Muuxxannoo gaggarii dhimmootaa Bulchiinsaa gaarii mirkaneessuuf gargaaraan qindeessuun babal’issuu dhabuu.

  • Gurmaa’insa raayyaa jijjiramaa ilaalchisee mariin tokko shanee, garee raayyaa jijiiramaa fi gumiin adda duroota cicitaa fi bilchina kan hin qabne ta’u miira tajaajiltummaan raawwatoota bira jiru sadarkaa barbaadamu irra gahu dhabuun kenniinsa tajaajila irratti rakkoon jiraaachuu.

  • Deeskiin odeeffannoo Biirichaa iddoon jiru karaa tajajilamaan gara Biiroo itiin galan waan hin-taneef , tajajilamaan dafee kutaa barbaaduu argachuu dhabuu.

  • Abootiin Alangaa fi raawwataan sadarkaa, sadarkaan jiran tajaajiltumaan ummataa hala walifakkaattu hunda biraatti dhufee hanqina gama ilaalichaa, hubanaa fi dandeetii qaban dhabamsiisaa deemu dhabuu.

  • Koreen SFSH sadrkaa sadarkaan jiru marii bu’uraa karooraatiin gageessuu dhabuu, walittiqabaan yoo hinjiree I/Aanaan waltajii gaggeessuu dhabuun rakkoo qindoomina waliin walqabatee adeemsa sirna Haqaa keessatti muddatee fi rakkoo Bulchiinsaa garii akka koreettii hiikamuu qabu yeroon hiikuu dhabuu.

  • Koreen JBAH sadarkaa, sadarkaan jiru marii idileessuu dhabuu irraan kan ka’ee rakkoo ummamuu yeroon hiikkachuu dhabuu fi rakichi babal’achaa deemuu

  • Galmeen eeruu sirnaan galmeessuu dhabuun abbaan dhimmaa akka dhama’u taasisaa jira.Darbee darbee yakka dhiyaate osoo hingalmeessin shakkamaa dhiyaate irratti murtii qilleensa irratti kennuun jirachu, akkasuumaas eeruu miidhamaan duraan kenne osoo jiru jecha miidhamaa faallaa ta’e fuudhuun darbee darbee jira.

  • Himannaan qophaayu qulqullina dhabuu fi keewwata roga –qabeessa ta’een himachuu dhabuun darbee darbee ni muli’ata.

  • Garee dagaagina naamusaa fi Inspeekishiinii cimaan sadarkaa hundatti ijaaramu dhabuu fi hojii inspekshiinii fi ilaalcha jijiiruu irratti ciminaan hojjachuu dhabuun hojjatoota rakkoo naamuusaa qaban ragaa qabatamaan qoratanii gumiif dhiyeessuu dhabuun hojjataan rakkoo naamusaatiin shakkamu dedeebiin yoo hamatamu mul’ata.

  • Gaaffii mirga wabii dhiyaatuuf deebii quubsaa dhiyeessuu irra darbee darbee falmii laaffisuun shakkamaan wabiin bayee akka miliqu haala mijeessuun,mirga wabii osoo argachuu qabu dhowwachuu, qarshii mirga wabiif qabsiifame yeroo himatamaan beellama irraa hafu mootummaaf galii akka ta’u gaaffii dhiyeessuu irratti hanqinni jira.

  • Galmee SDFY 42(1 a) ragaa barbaachisaa ta’e hunda sakatta’anii osoo walitti hin qabiin galmee cufuun, osoo hincufamin dura paanaaliin murtii itti kennuu irra kophaa murteessuun jira.Murtii kennamu garagalchaan qaama ilaallatu beeksisuu dhabuun ni muli’ata.Yeroo paanaaliin mari’atamus darbee darbee dhugaa galmee keessa jiru dhoksuun jira.Galmee paanaaliin sadarkaa gaditti murtaaye qaamni olaanaan immoo abbaan alangaa kophaa isaa murtii faallaa kennuun ni muli’ata.

  • Galmee RTD irratti waahunda qindeessanii dhiyaachuu dhabuu , Galmee RTD yeroo gara yerootti baayinni isaa gadi bu’uu fi galmee sa’aatii 48 keessatti hin-murtoofnee fi RTD hin-taanee RTD jedhanii gabaassuu

  • Galmee qorannoo yakkaa irratti yeroo istandardii JBAH tiin taa’ee keessatti murtii kennuu dhabuu

  • Komii abbaa dhimmaa irraa dhiyaatu galmeessanii qabachuu irratti harcaatiin jirachuu fi komii dhiyaateef falli kenname hojii irra ooluu isaa tooftaan ittiin hordofamu kan hinjirree ta’uu, hordofi fi to’annoon sirreefamtootaa Bu/maneen sirreessaa irrattii taasifamuu laafaa ta’uu

  • Xiyyeeffannoon bulchiinsa hariiroo hawaasaatiif kennamu salphaa ta’uu isaa irraan kan ka’ee JBAH erga jalqabamee turee xumuranii hojirra oolchuu dhabuu

  • Falmii dhaddachaa tiif qophii gahaa gochuu dhabuun falmii laaffisuun, ragaan ittiisaa yeroo ragaa bahu gaaffii qaxxaamuraa gaafachuu dhabuu ragaa baarreefamaa sobaa haalli himatamaan akka ragaa ittisatti dhiyeeffatu jiraachuu

  • Galmee falmiin irratti gaggeeffamaa jiru ragaan irratti hin-ragne sababa jedhuun himannaa kaasuuu fi galmee himannaan isaa sababa ragaa fi himatamaa dhabuun yeroof cuffamee hordofanii sochosuu fi murtii itti kennisissu dhabuu

  • Ragaa sobaa hambissuu dhabuun , darbee darbee ragaa sobaatiin haalli namni itti himatamu waan mul’atuuf, bulchiinsa gaarii mirkaneessuu irrattii gufuu ta’uun miidhaan hawwaassa irraa geesissaa jiruu guddaa ta’uu.

  • Galmee himanaan mana murtiitti beellama irra jiru qaamni olaanaan gareedhaan osoo hin mari’atin beellamni dheeraan irratti gaafatamee qaama olaanaaf akka ergamu gochuun miidhamaa dhamaatiif baasiif saaxiluu.

  • Abbaan Alangaa oliyyata gaafachuu danda’u irratti osoo hingaafatin dhiissu, ol’iyyaannoo gaafatamuu hin-qabnee gaafachuu, Darbee darbee immoo abbaan dhimmaa waan iyyateef qofa haalli oliyyatni itti gaafatamu jira, dhimmoota oliyyatni itti gaafataman irratti sirritti addaan baasanii rakkoo manni murtii jalaa qabu tarreessuu irra duuchatti komii qopheessuu, yeroo ol’iyyaannoon itti gaafatamuu qabu dabarssu oliyyata himatamaan gaafatuu irratti deebiin Abbaan Alangaa kennu darbee darbee kan himatamaa deeggaru ta’uu fi Dogongora bu’uura seeraa haalli itti hiikkamu garaagarummaa waanqabuuf oliyata ijibbaataa gaafachuu irratti rakkoon jiraachuu.

  • Qophiin wixine seera adeemsa keessa darbu eegate qophaa’u dhabuu irra kan ka’e seeron bahan qulqulinna dhabuu, dambii raga’ee hiikaa afaanii raawwatanii yeroon maxansuu dhabuun kuufamee jiraachuu.

  • Hubannoo seeraa hawwasaaf kenuu ilaalchisee qo’annoo gadiifageenyaan waan hin-gaggeesineef iddoo rakkoo hubannoo hawaasaa beekuu dhabuu, bakka yakkii itti bayi’atuu adda baassuu dhabuu fi hubannoon kenamuu hawwaasni yakka ittssuu keessatti akka hirmaatuu kan kaka’umsaa itti horu ta’uu dhabuu.

  • Sirni hordoffii fi too’annaa abukaatoota cimaan diriire hojii irra oolu dhabuu isaatiin abukaatoota rakkoo naamusa qabanii fi dallaala ogeeyyota seeraa (Abbootii Alangaa fi Abbootii Seeraa) ta’anii kenniinsa tajaajila haqaa keessatti akka haqni jallatu taasisuun gufuu yoo ta’an, kan mul’atuudha

  • Namoota harka qaleeyii ta’an kafaltii male tajaajila seera akka argatan labsii abukaatootaa fi barreesitoota dhimma ummataatiin tumame jira.Keessattuu dubartooni yakki irratti raawwatame Keniinsa tajaajila bilisaa abukaatoon kennamuuf argachuuf hojimaani waan hin diriireef yeroo dhama’an ni mul’ata

  • Teemberiin gosa gosaan argamu dhabu irraa kafalitii dabalataa kafalchisa jiraachuu fi gabayaa irraa dhabamuun abbootiin dhimma dhama’a jiraachuu.

  • Ragaa humna namaa sirnaan qindeessuu dhabuun godina dedeebisanii gaaffachuu, tajajjilamaa darbee, darbee dedeebisuun jiraachuu, galmee mirkaneessaa, galmeessaa ragalee fi kkennaa hayyamaa bassuu dhabuun bade jechuun abbaa dhimmaa dedebissuu.

  • Bittaan gaggeeffamuu yeroon taasifamuu dhabuu fi qulqulinaa meeshaa bittamuu irratti rakkoon jiraachuu.



      1. Ka’umsa Rakkoolee



  • Hooggansaa ol’aanaa eeggachuun jiraaachuu, rakkoon ilaalchaa fi dandeetii kan mul’atuu ta’uu.

  • Hooggansii sadarkaa, sadarkaan jiru xiyyeefannoo itti kennuu dhabuu fi dame uummataa tiif waammichii yeroo taasifamuuf harcaatiin isaan biraas jiraacghuu.

  • Hooggansii sadarkaa sadarkaan jiru fi raawwataan dhimmichii ilaalatuu dhimmichaaf xiyyeefannoo kenanii hojjachuu dhabuu.

  • Hooggansii sadarkaa ,sadarkaan jiru , fookaal parsanii fi koreen dhimma kana akka raawwatuu hundeefamee xiyyeeffannoo itti kennee hojjachuu dhabuu fi hanqinii hubannoo maanuuwaalii muuxxannoo gagarii qindeessuu fi babalisuu irrattii jiraachuu .

  • Jijjiiramaaf ofi qopheessuu irratti ilaalchi jiru rakkoo kan qabu fi raawwatoon adda duroota ta’anii filataman adda durummaa isaaniitti amananii hojjachuu fi raawwata biroo sochoosun raayyaa cimaa ijaaruun hojii keenya raayyaa fi raayyaa qofaan hojjachuu kallatti jedhu guutumaan hojii irra oolchuu dhabuu kuniiss haala barbaadameen qaama hojjatuuf jajabeessu dhabuun ykn onneechiiftu keennuu dhabuun fi kaka’uumsa keessatti umuu dhabu.

  • Iddoo Adeemsaaleen tajajila Abbaa dhimmaaf kennaan jiraan akka ta’uu yaadamee kan turee fi raawwii keessatii rakkoon kan hubatame.

  • Iddoo deeskii odeefannoo jiru bakka Adeemsaaleen tajajila Abbaa dhimmaaf kennaa jiraan akka ta’uu yaadamee kan turee fi raawwii keessatii rakkoon kan hubatame.

  • Leenjiin kenamuu fi mariin gaggeeffamu hanga barbadamee kan ilaalicha jijjiiruu fi dandeettii cimsuu ta’uu dhabuu ta’uu dhabuu.

  • Walitti qabaan hojiin yoo itti baayi’atee argamuu dhabee I/Aanaan waltajii gageessuu dhabuu miseensonii korees akka waltajiin addaan hin-cinee yaadachisuun dhiibbaa gochuu dhabuu.

  • Rakkoo qindoomina jiru koreen kun kan hiikuu ta’uu beekanii walyaadachisanii marii gageessuu dhabuu

  • Galmee eeruu galmeessuu dhabuun rakkoo uumamaa tureef sababni isaa harcaatii uumuun qaawa kanatti fayyadamuun iftoominni akka hin uumamne gochuun kana irraa faaydaa hinmalle argachuu fi qaamni rakoo poolisii fi abbaa alangaa sadarkaa aanaa irra jiraniidha.

  • Kutannoo hoggansaa fi raawwataan jijjiiramaaf qophaayuu dhabuu, Keewwata roga qabeessa hin-taaneen himannaa bu’uuruun faaydaa hinmallee argachuuf yoo ta’u darbee darbee immoo rakkoon hubannootiis jira.

  • Hooggansii Gareen inspeekshinii sadarkaa Naannoo hordoffii irrattii hanga barbadamee hojjachuu dhabuu

  • Mirga wabiin walqabatee sirritti itti qophaayuun waan mana murtii amansiisu dhiyeessuu irratti laaffisuun faaydaa hinmallee argachuuf abbootii alangaa tokko tokko biratti ni muli’ata.

  • Hanqina dandeetii, Kiraasassaabdummaa fi kaka’umsa hojii dhabuu fi hojimaatni iftoominaa fi itti gaafatamummaa cimuu dhabuu

  • RTDn mirga himatamaa miidha jechuun kallattii dogongoraa qabachuun laaffisuu

  • Sirnii to’annoo fi h ordoffii laafuu, xiyyeefannoo itti kennuu dhabuu.

  • Xalayaa Abbaa dhimaatiif bareessuun akka furmaata dhumaattii ilaaluun hordoffii gochuu dhabuu fi bu’uuraa sagantaatiin bulchinsaa maneen sireessaa qaamaan dhaqaanii shakamtootaa dubisaanii komii fi rakkoo isaanii adda baassuu dhabuu.

  • Hojiin abbaa alangaa hojii yakkaa qofa jedhanii ofdaangessuun xiyyeefannoo itti kennuu dhabuu

  • Darbee darbee Falmiin dhaddachaa dhaddacha keessatti malee dursanii raga yaadachiisuun haqa jallisa jechuun dogongora ilaalchaa qabachuu

  • Himatamaan bilisaa bahee Dandeetiin adabsiissuu gadi bu’aa jedhanii yaaduu, hanqina dandeetii,

  • Hubannoon hawwaasaaf kennamuu qo’annoo yeroo, yeroon ragaa sobaa irratti gaggeeffamee fi kan ragaa sobaa hanbissu ta’uu dhabuu fi waajjiraaleen mootummaa tokko, tokko madda ragaa sobaa ta’uu isaaniittidha.

  • Sababaa iyyanii dhiyaateef qofa sadarkaa galmeen irra jiru osoo hin-qulquleesinee galmee ofitti fudhachuu

  • Rakkoo kirrasasabdummaa, hanqqinaa dandeetii fi odiitiin hojii boodaa abbootii adeemsaatiin taasifamuu harcaatii kan qabuu ta’uudha.

  • Maanuwaalii qophii wixine seera dhabamuu , Maneen hojii yeroo jalqaba wixineessaan afaan sadiin hojjachuu dhabuu ogeessii hiikaa afaanii dhabamuu,

  • Dursanii qo’annoo gaggeessuu dhabuu, barreefama baruumsii itti kenamuu sadarkaa isaa eeggatee qopheessuu dhabuu.

  • Haalli too’annoo fi hordoffii abukaatoo irratti jiru iftoomina hin qabu. Haalli tajaajila bilisaa hawaasaaf kennanis hojimaatni isaa diriiruu dhabuu

  • Dambiin dhimma Abukaatootaa wixineefamee manajimantii Biiroon mirkanaayee waajjiraa pireezidaanttif darbee osoo hin mirkanoofnee turuu isaa.

  • Teembirrii yeroo adda,addaa gabbaa irraa dhabamuu

  • Qabinsii ragaa hammayaa’uu dhabuu, rakkoo dandeetii fi ilaalcha raawwatoota fi hooggansa dhimmicha raawwatan birra jiraachuu.

  • Qulqulina ilaalchisee gatiin gadi bu’uu malee qulqulinaa isaa tilmaamma keessa galchuu dhabuu fi bittaan ejansiin waan gaggeeffamuuf kan turuu ta’uu.



      1. Hojiilee Gurguddoo Hojjetaman



  1. Gurmaa’insa damee ummataa cimssuu

  • Raayaan damee uummataa , waldaa abukaatootaa, waldaa dubartootaa, waldaa dargaggootaa fi Afoshaalee adda baafachuun bara kana Karooraa KGT marsaa 2ffaa irratti marii waliin gaggeessinuus hanga barbadamee hojjatammaa akka hinjiree akka rakkootti waan adda baasneef ji’ootaan hafaan keessattii hirmaanaa isaanii cimsuuf karoorfanee jira.

  1. Sakata’iinsa yaada uummataa gaggeessu

Akkaataa sakata’insii yaadaa uummataa itti gaggeeffamuu danda’uu muuxxannoo biyya adda addaa ilaaluun kan fooyyee qabu fudhachuun bar- gaaffi bifa saayinsaawwa ta’een yeroo ammaa qophaaayee jiruun fayadamuun sakata’insa gaggeessuun amantaaa uummanni Biiroo irratti qabu beekkuu.

  1. Muuxxannoo gaggarii qindeessuun jalqabamee xumuruu.

Bu’uuraa maanuwwaalii muuxxaannoo gaggarii qindeessuun babal’isuutiin sadarkaa, Aanaa, Godinaa fi Naannootti muuxannoo jiru qindeessuun babal’isuu.

  1. Ragaa sobaa dhabamsiisuuf ciminaan hojjachuu

Hawwasnii miidhaa ragaan sobaa qaqabsiissu beekkee akka qabsaa’uu hubannoo qo’annoo irratti hundaayee kennuu, namootaa ragaa sobaa bahan irratti himanaa dhiyeessuu.

  1. Ragaa daataa beezitti galchuun bifa ammayaa’aa ta’een qabachuu.

Qabinsii ragaa akka ammayaa’uu hojjachuu, dandeetii fi ilaalchi akka fooya’uu hubannoo fi leenjii raawwatootaaf hooggantootaaf qabinsa raga fi oogummaa kompitaraa irratti kennuu.

  1. Qabsoo kirasasaabdummaa irratti eegalamee ciminaan itti fufuu.

Miidhaa kirrasassabduumaan biyyaa fi nama dhuunfaa irraa geessissuu yeroo, yeroon hubannoo kennuu, Garee dagaaggina Naamuusaa fi Inspeekshinii cimsuun namootaa gocha kirasassabdummaa raawwataan irratti tarkaanfii fudhachuu fi ummata hirmaachisuun saaxiluun tarkaanifii seera fudhachiiisuu.

  1. Namoonii harka qaleeyii falmii irratti akka deegaramaan sirna diriirssu

Dambii mirkanaayee bu’uura godhachuudhaan qamolee dhimmi ilaalatuu waliin qindaa’uun, hojimaata tajaajilli bilisa ittiin kenamu diriirsuun hojiirra oolchuu

  1. Mirkaneessaa ragaalee fi bakka bu’uumaa kenuuf bittaa teembirraa barbaachisu sirna nagayeettii jijjiramuu danda’uu diriirssu .Abbaa Taa’eetaa Galiiwwaan Oromiyaa waliin qindaa’uun tembirii sirna kafaltiin gattii teembirraa nagayeen ta’uu danda’uu diriirssuu.

  2. Manuwaalii wixineen seeraa itti qophaa’uu mirkaneessuun hojirra oolchuu dambii kufamee maxansiissu.

Maanuwaalii qophii wixine seera qopheessuun qaamni dhimmi ilaalatuuf dhiyeeessuun hojii irra akka ooluu gochuu, oggeessooni Adeemsaa gareen akka hiikaa afaanii hojjataan taasissuu,ogeessii hiikaa afaanii raawwatu dabalataan akka qaxaramuu gochuu akka Biirootti oggeessoni jiraaniis duulaan akka hojjataan gochuu.

  1. Hordoffii naamusa Abootii Alangaa irratti taasifamu cimsuu

Naamusaa Abootii alangaa ciminaan hordoofuun kan badii raawwataaan irratti tarkanii fudhachuu, himata namuusaa dhiyaatee hunda irratti murtii kennuu.

  1. Bittaan gaggeeffamuu yeroon akka bittamuu fi qulqulinaa akka qabaatu gochuu

Meeshaalee sadarkaa Biirootti bitamaanis ta’ee kan Ejansiin bittaman Gatii qofa gadi bu’uu osoo hin-taanee qulqulinaas sirritti ilaaluu, Ejansiin Bittaa fi Dhabamsissa Meeshaalee yeroo barbadamuu keessatti akka bittu carraa argameen hubachiisuu, hordoffii gochuun yoo kan hindandeenye ta’ee akka bittanuu nuuf hayamuu gaafachuu.

  1. Dhimma Bulchiinsa Hariiroo hawwassaa jalqabame xumuru.

Muuxannoo hojii dhimma hariirroo Hawwaassaa naannolee biroo fudhachuun hojimaata diriirsuun abbootiin alangaa hariiroo hawaasaa irrattis akka hojjatan gochuu, Qo’annoo JBAH jalqabamee xumuruun hojjirra akka oolu gochuu.

  1. Hojiilee Qindoomina Qaamolee Haqaatiin hojjatamaan ciminaan hojjachuu

Hojii Koree SFSH Biiroon Haqaa galma gahiinsa Koreewwaan SFSH fi Koree JBAH tiin hojjatamaan keessatti gahee guddaa waan qabuuf waltajiin akka yeroo isaa eegatee gaggeefamuu gahee irraa egamu bahuu fi keessatuu koree JBAH ilaalchisee Hooggantootaa Mana Murtii fi Komishinii Poolisii waliin mari’achuun guyyaa waltajiin gaggeefamuu murteessuun marii yeroo, yeroon gaggeessuun rakkoo hiikaa deemuu.

Akka waliigalatti rakkoo bulchinsa gaarii seektara haqaa hiikuuf armaan olitti karoorfaman karaa itti gaafatamummaa sadarkaa sadarkaan hordofsiisuun raawwatmuun dirqama ta’a.



    1. Rakkoolee Bulchiinsa Gaarii Sektaroota Hundaa

Rakkoolee bulchiinsa gaarii sektaroota armaan olitti maqaan dhahaman keessatti mul’atan bifa addaatiin xiyyeeffannoo itti kennuudhaan mootummaan deeggarsa taasisuu fi hordofuuf kanyaadamee kan qophaa’e. Haa ta’u malee, sektaroota Naannichaa sadarkaan jiran hnda keessatti rakkooleen bulchiinsa gaarii bifa adda addaatiin kan mul’atani dha. Keessattuu, rakkooleen bulchiinsa gaarii bifa walfakkaatuun manneen hojii Naannichaa hunda keessatti kanneen calaqqisan kan mul’atani dha. Kutaa kana keessatti rakkooleen bulchiinsa gaarii waliinii (common problems) ta’an manneen hojii keessatti mul’atanii fi hatattamaan hiikamuu qaban akka itti aanutti dhiyaatee jira.

      1. Rakkoolee Kenniinsa Tajaajilaan Walqabatan

Manneen hojii Naannichaa sadarkaa Naannoo irraa kaasee hanga gandaatti rakkoolee bulchiinsa gaariin mul’atan keessaa tokko rakkoo kenniinsa tajaajilaan walqabatani dha.Manneen hojii Naannichaa kam iyyuu ergama mootummaan isaaniif kenne bu’uura godhachuun lammii/tajaajilamaa isaanii karaa iftoomina qabuun, haala hirmaachisaa ta’een, karaa haqummaa mirkaneessuun fiakkaataa olaantummaa seeraa mirkaneesseen lammii tajaajiluun gahee isaanii qofa osoo hin taane dirqama isaaniiti.Lammiin kam iyyuu tajaajila qulqulluu argachuuf mirga heera mootummaa biyyitiin kan kennameefidha. Kana malees, adeemsa kenniinsa tajaajilaa kana keessatti manneen hojii tajaajila lammiif kannan gaaffii fi fedhii lammii irraa dhiyaatuuf dirqama deebii hatattamaa kennuukan qabanii fi karaa gahumsaa fi bu’aa qabeessummaan tajaajilaa isaanii mirkanaa’een ta’uutu irra jiraata. Kenniinsa tajaajila kam keessatti iyyuu hojiilee hojjetamanii fi bu’aa raawwii booda dhufu kam iyyuu yoo ta’e (bu’aan galmaa’u gaarii ta’u gaariis ta’uu baatu) qaamoleen tajaajila kennan kan itti gaafataman ta’uu hubachuun barbaachisaa dha.

Kanumaan walqabatee, yaadota maamila irraa yeroo adda addaa sassaabamee fi mariiwwan uummata waliin taasifame irraa hubachuun akka danda’ametti rakkoon bulchiinsa gaarii gama kenniinsa tajaajilaan kan mul’atu dha. Manneen hojii tajaajilamtoota gara isaanii dhufaniin hoogganaan hin jiru jechuudhaan, walga’ii irra jirra yeroo biroo koottu jechuudhaan, ogeessi dhimmi ilaallatu hin jiru jechuudhaan, shayii dhuuguu deeme turii deebi’i jechuudhaanii fi sababoota adda addaa oomishuudhaanabbaa dhimmaa/tajaajilamaa deddeebisuun manneen hojii Naannichaa keessatti kan mul’atu dha. Kana irraa kan ka’e tajaajilamaan yeroodhaan tajaajila barbaadu argatee gara hojii misoomaa isaatti deebi’uu osoo qabu caasaan mootummaan tajaajilaa uummataa akka ta’uuf mindaa kaffaluuf yeroo itti uummata mufachiisuu fi mootummaa irratti kakaasu ni mul’ata. Gama kanaan rakkooleen bulchiinsa gaarii fi komii uummataa akka babal’atu ta’aa kan jiru dha.

Kana malees, tajaajila qulqulluu fi yeroo gabaabaa keessatti akkaataa istaandardii qorannoo JBAHtiin adda baheen tajaajila kennuu dhabuun rakkoo bulchiinsa gaarii uummatni komii itti dhageessisu dha.Rakkoon bulchiinsa gaarii biroon manneen hojii Naannichaa sadarkaan jiran keessatti mul’atu yaada tajaajilamaa dhageeffachuudhaan rakkoo isaa hiikuu dhabuu dha. Rakkoon kun bu’uura ‘maamilli mootiidha’ kan jedhu dagachuu irraan ka’e fuula sirriidhaan keessummeessuu dhabuu,tajaajilamaaf kabaja barbaachisu kennuu dhabuu, naamusaa fi duudhaa jaarmiyaalee irraa barbaadaman gonfatanii tajaajiluu dhabuun kan mul’atu dha.

Dabalataan, tajaajiloota manneen hojii keessatti kennaman karaa iftoomina qabuun kennuu dhabuu, hirmaachisuu fi amansiisuun qofa hojjechiisuu irra bakka tokko tokkotti caasaan sadarkaa gadii jiru dirqisiisuun hojjechiisuun kan mul’atu dha. Kana malees, raawwii sadarkaa adda addaa keessatti qaamni tajaajila kennu badii yoo raawwate haalli itti gaafatamu bal’inaan kan hin mul’atne dha. Haalli tajaajilli ittiin kennamaa jirus yeroo madaalamu karaa gahumsa qabuu fi bu’aa qabeessa ta’een tajaajiluun walqabatee hanqinni akka jiru hubatamee jira.

Walumaagalatti, kenniinsa tajaajilaa manneen hojii keessatti kennamaa jiru ija qajeeltoowwan bulchiinsa gaarii saddeettaniin yeroo madaalamu sadarkaan manneen hojii irratti argaman kan wal caalan ta’ullee, manneen hojiihunda keessatti harcaatiin guddaan kan jiru dha. Ka’umsi rakkoolee kanneenii sadarkaan isaa wal haa caalu malee; tokkoffaa, meeshaalee jijjiiramaa karaa qindoomina qabuun hojiirra oolchuu dhabuu, lammaffaa miirri tajaajiltummaa jiru sadarkaa gadi aanaa irra jiraachuu, sadaffaa kutannoon hooggansaa fi raawwattoota sadarkaan jiranii gadi aanaa ta’uu, arfaffaa ilaalchaa fi gocha kiraa sassaabdummaa akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.

Kanaafuu, rakkoo gama kanaan mul’atu hiikuu ilaalchisee manneen hojii Naannichaa hundi tajaajila guyyaa guyyaan kennan keessatti osoo yeroo itti hin kenniin hiikuutu irraa eegama. Furmaatni rakkoo kanaa dadhabbii fi baajata addaa kan barbaadu osoo hin ta’iin kutannoo, qophaa’ummaa fi aantummaa uummataa qabaachuu qofa kan gaafatu dha. Waan ta’eefis, hooggantootnii fi raawwattootni manneen hojii mootummaa hunda keessatti tajaajila uummataaf kennuudhaaf ramadamanii jiran miira tajaajiltummaa gonfachuun tajaajila uummatni barbaadu kennuuf of qopheessuu fi tajaajiluun dirqamaa fi dhimma filannoo hin qabne dha.



      1. Rakkoolee Pirojeektotaa fi Bu’uuraalee Misoomaa

Manneen hojii fi dhaabbilee misoomaa mootummaa Naannichaa keessaa kanneen xiyyeeffannoo hojii isaanii pirojeektotaa fi bu’uuraalee misoomaa uummata fayyadamaa taasisuuf diriirsuuf dhaabbatan hedduutu jira.Raawwiin manneen hojii kanneeniis sadarkaa adda addaatti kan madaalamu dha. Gariin isaanii pirojeektota xumuranii uummata fayyadamaa taasisuu keessatti sadarkaa gara duraa irratti kan argaman yommuu ta’uu kanneen biroon immoo bakka komii uummataa guddaa itti uuman ta’anii jiru. Sadarkaan isaanii wal haa caalu malee, sektaroota kanneen keessattis rakkooleen bulchiinsa gaarii bal’inaan kan mul’atu dha. Kanneen rakkoo bulchiinsa gaarii bal’aa uumanii fi komii uummataa bal’aa qaban xiyyeeffannoo addaatiin hordoffii addaa taasisuuf sektaroota xiyyeeffannoo qaban armaan olii keessatti taa’een rakkooleen jiran adda bahanii karoorfamanii jiru.

Kutaa kana keessatti rakkoolee bulchiinsa gaarii gama pirojeektotaa fi bu’uuraa misoomaa keessatti mul’atan ta’anii kanneen amala walfakkaataa qabani dha. Rakkooleen bulchiinsa gaarii kanaan walqabatanii mul’atan keessaa pirojeektotni yeroo yaadameef keessatti xumuruun tajaajila uummataaf barbaachisu kennuu dhabuu, qulqullinni pirojeektotaa istaandardiibarbaadameen ta’uu dhabuu, pirojeektotni yeroo manca’anitti hatattamaan suphanii tajaajila uummataaf oolchuu dhabuu, pirojeektonni xumuramanii ariitii barbaadamuun tajaajila kennuu dhabuu fi kkf rakkoolee komii uummataa ta’anii irra deddeebi’iin ka’ani dha.

Rakkoolee kanneen hiikuuf sadarkaa pirojeektotni kanneen irratti argaman irratti hundaa’uun karoora yeroo gabaabaa fi yeroo giddu galeessaa keessatti karoorfachuun hiikaa deemuun barbaachisaa ta’a.Rakkoolee kanneen karaa gabaabaa fi yeroo gabaabaa keessatti hiikuuf hirmaannaan uummataa baay’ee murteessaa ta’a.Uummatni pirojeektotni hojjetaman kanneen kan isaanii ta’uu hubachuun abbummaan akka kunuunsanii fi eeganiif hubachiisuun uummatni rakkoolee pirojeektotaa kanneen sirriitti adda baasuu, yaada furmaataa kennuu fi raawwii isaa keessatti dammaqinaan akka hirmaatan taasisuun barbaachisaa ta’a.


Yüklə 0,51 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin