Qabiyyee Fuula Kutaa Tokko: Seensa 2


Kutaa Sadii: Tarsiimoo Hojii Irra Oolmaa Sanadichaa



Yüklə 0,51 Mb.
səhifə14/14
tarix23.11.2017
ölçüsü0,51 Mb.
#32617
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   14

Kutaa Sadii: Tarsiimoo Hojii Irra Oolmaa Sanadichaa


Sanadni rakkoo bulchiinsa gaarii naannichaa deebisuuf qophaa’e kan hojii irra ooluu danda’uu hooggansi sadarkaa sadarkaan jiru ejannoo, amantaa fi haala qabatama keessa jirru irraa ka’ee itti gaafatamummaa olaanaan hogganuun yoo danda’amee dha.

Qabiyyeen Dokmantiin kana seektaroota xiyyeefannaa adda barbaadanii fi komii hawaasa bal’aa kan qaban yoo ta’es, seektaroonni naannichaa hundi bifa walfakkaatuun rakkoo bulchiinsa gaarii keesoo isaani fi ala jiru adda baasuun ummataaf deebii kennuu akka qabanii fi sochii waliirra hin cinnee gochuu akka qaban kallatiin ta’ee sochii keesa galamee jira.

Sanadni kunis caalman kan gabatuu fi rawwatamuu danda’uu haawasni sadarkaa sadarkaan jiru hubannoo guutuu argatee yoo keessatti hirmaate fi kara rayyaa ijarameen qooda fudhachuu yoo danda’ee dha.

Kanaafuu sanaddicha irratti hawaasni keenyaa marii bal’aa taasisuun calmaan kan gabbisuu fi sanada hirmaannaa humna misoomaa sadanuu (dhaaba, Mootummaa fi Ummaata) karaa guutuu ta’en sochoosuu waan gaafatuuf xiyyeefannaa addttiin akka qophaa’uu ta’ee jira.

Raawwii hojii irra oolmaa sanada rakkoo bulchiinsa gaarii naannichaa deebisuuf qophaa’e kun hirmaannaa ijaarsa raayyaa jijjiiramaa karaa ijaarameen sadarkaa sadarkaan gamaaggamuugaggeefamuun kan rawwatamu ta’a.

Kanaafuu tarsiimoo hojii irra oolmaa sanadichaa hojii irra oolchuuf dhimmoota ijoo armaan gadi barreefaman namuusa hoggansa tokko irraa eegamuun fi ittigaafatamummaa olaanan gaggeefamuu qaba.



  1. Koomand poostiin bulchiinsa gaarii Naannoo kabajamoo Prezidaantii Naannichaatiin gaggeefamu karora sosochii bulchiinsa gaarii qopha’ee fi hojii irra oolmaa sanadichaa karaa bu’a qabeesa ta’een kan hooganamuu fi raawwiin hojii bulchiinsa gaarii torban lama lamaan kan qoratamuu fi duubdeebiin isaa seektara dhimma ilaaltuuf kan kennamu ta’a.

  2. Koomand poostiin manneen hojii sadarkaa Naannootti ijaaramee jiru, hojii irra oolmaa bulchiinsa gaarii ilaalchisee seektara isaa sadarkaa sadarkaan jiru irraa kan fudhatuu fi cuunfaa gabaasa seektara isaa(Naannoo, Godina, Magaalaa fi Aanaa) irra karaa guutuu ta’een qopheesuun BSSBGO tif torban torbaniin jimaata kan dhiyeesuu fi duubdeebii kan fudhatu ta’a.

  3. Koomand poostiin sadarkaa Godinaa fi Magaalotaa Naannoof Waamaman bifa walfakkatuun , hojii irra oolmaa bulchiinsa gaarii fi gabaasa barreefamaan karaa guutuu ta’een qopheesuun BSSBGO tif torban torbaniin jimaata kan dhiyeesuu fi duubdeebii kan fudhatu ta’a.

  4. Sanada sosochii bulchiinsa gaarii gaaffii ummataa deebisuuf qophaa’ee kana keessatti karaa guutuu ta’een horodofuuf akka gargaru, hojichi, yookiin tajaajilichi yookiin projeektichi, yoom akka raawwatamu, eenyu akka raawwatu, baajata meeqan akka raawwatamu fi yoom akka tajaajila kennuu ifatti kaa’uun akuma jirutti ta’ee, proojektootaa yookiin hojiiwwan bara baajataa ittiaanutti cee’an maalif akka ce’aan sababa amansiisaa ta’e waliin karaa ifa ta’een qophaa’ee cheeklistii ofdanda’ee gaggeefamuu qaba.

  5. Sosochii bulchiinsa gaarii gaafii ummataa deebisuuf qophaa’ee kana karaa guutuu ta’een raawwachuu fi sadarkaa barreefamaa irra darbee gochaatti akka jijjiiramu gochuuf hoogansa irra kan eegamu, raawwataan mana hojii sadarkaa sadarkaan jiru, fi ummnni bal’aan karaa guutuu ta’een hubatee qooda akka fudhatu gochuun dhimmi yeroon kennamuufii miti.

  6. Sanadicha Sosochii Ummataatiin Deeggaruu

  • Waltajjii sosochii bulchiinsa gaarii dameen ummataa seektarichaa hojiiwwan hanga waxabajii 30 bara 2008 ni xumuuramu jedhamanii adda bahan hunda akkaataa kamiin,yoom,akkamitti akka xumuuramu ummanni odeefannooo fi ibsa gahaa akka argatu gochuun gaheen ummanni keenya qabus adda bahee beekamuu qaba,

  • Hojiiwan bulchiinsa gaarii bara 2008 xumuuramuu hindanda’amnee fi bara ittiaanutti ce’aan adda baasuun, sababa maaliif akka cee’uu danda’an ibsa gahaa kennuun ummani odeefannoo guutuu fi dhugaa ta’e akka argatu gochuu,

  • Sanadni sosochii bulchiinsa gaarii qophaa’ee kun galma gahuu kan danda’uu hirmaannaa ummataa keenyaa karaa guutuu ta’een qooda akka fudhatan hubatamee raayyaa ijaarameen sochii keesa akka galuu qabu ifatti kaasuun barbaachisa dha.

  1. Sosochii Bulchiinsa Gaarii Naannichaa Koomunikeeshiniin Deeggaruu

  • Karoora Sosochii bulchiinsa gaarii naannichaa hojii irra oolchuu keessatti raayyaan Damee Ummataa gahee olaanaa akka qabu haala ittifufiinsa qabuun sosochii kanaa keessatti gahee isaanii akka bahan fi akka sochoo’an taasisiuun hojii komuniikeshinii keenya ittifufiinsa akka qabaatu gochuu,

  • Koomunikeetarri sadarkaa sadarkaan jiran hundi sanada SBGO akka naannotti qophaaee irratti odeefannoo walfakkaatu akka qabatani fi gahee isaan irraa eegamu bahuu akka danda’anitti waltajjiiwwan cimsa hubannoo kan gaggeefaman ta’a.

  • Seektarii kominiikeeshinii fi miidiyaallee naannichaa, hojii irra oolmaa bulchiinsa gaarii hojiiwwan raawwataman, hanqinoota, ciminoota, hooggansa fi seektara bira jiru fi kkf irratti muxannoo gaarii qindeesuun sadarkaa hundatti akka babal’atuu ni taasifama.Kanuma bu’ureefachuunis miidiyaaleen keenya karoora koomuniikeshinii qopheesuun hirmaannaa ummataa karaa guutuu ta’een akka sochoosu ni taasifama.

  1. Superviizionii hojii irra oolmaa sochii bulchiinsa gaarii cimsuu

Hojii irra oolmaa bulchiinsa gaarii ilaalchisee gabaasa dhiyaate irratti hundaa’uu dhaan hojiin suupervizionii fi inspeekshinii bulcjhiinmsa gaarii gadi fageenya qabu, hawaasni fayyadamaa ta’uu isaa karaa mirkaneesu fi komiin ummanni kaasaa jiru deebii argachaa jiraachuu isaa qulqulleesuuf gareen suppervizionii sadarkaa Naannoo, sadarkaa Seektaraa fi sadarkaa Godinaaf magaalatti dhaabbatee kan sochoo’uu fi koomaand poostii bulchiinsa garii sadarkaa sadarkaan jiraniif kan dhiyeesu ta’a.

  1. Sirna Ittigaafatamummaa Mirkaneesuu

Akkaataa heera mootummaa biyyooleesaa fi Mootummaa naannoo keessatti bara 1987 keewwata 12ffaa keewwata xiqqaa 2 jalatti tuqameen ‘‘filatamaan ummataa fi ittigaafatmaan hojii kamiyyuu ittigaafatamummaa isaa yoo hir’ise, ittigaafatama’’ jedha. Gama biraatiin akkaataa keewwata 12ffaa keewwata xiqqaa 3 jalatti, ‘‘ummatichi bakka bu’aa filate irratti amantaa yomuu dhabu, iddoo isaattii kaasuu ni danda’a’’ jechuun sirni ittigaafatamummaa jiraachuu isaa jala muree kaa’ee jira.

Kanaafuu, Seektaroota raawwii isaanitiin bu’aa galmeesiisaniif beekamtii kennuuun akkuma jiruti ta’ee, gama biraatiin hoogganaan Mootummaa sanada bulchiinsa gaarii naannichaa karaa guutuu ta’een hoogganuu dhabuu fi raawwiin isaanii gadi-aanaa ta’e, ka’umsaa rakkoo isaanii gadi fageenyaan adda baasuu fi qorannaa gaggeesuun akkaataa sirna ittigaafatmummaa hojii irra ooluu fi tarkaanfii (bulchiinsa fi seeraa)rakkichaan wal-madaalu kan fudhatamu ta’a.




Yüklə 0,51 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin