Qabiyyee Fuula Kutaa Tokko: Seensa 2


Qophii Sanadichaa Keessatti Dhimmootra Xiyyeeffannoo Barbaadan



Yüklə 0,51 Mb.
səhifə2/14
tarix23.11.2017
ölçüsü0,51 Mb.
#32617
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14

Qophii Sanadichaa Keessatti Dhimmootra Xiyyeeffannoo Barbaadan


  • Hojiiwwan karaa idileen hojjetamaa jiraanii fiRakkoowwan bulchiinsa gaarii komii ummataa ta’anii yeroo adda addaa ka’an, proojektoota harkifannaa dheeraa qaban, yeroo dheeraaf jalqabamanii ossoo hin xumuuramiin yookiin tajaajilaa hin kenniin jiran sirriitti addaa baasuun barbaachisaa dha.

  • Rakkoowwan bulchiinsa gaarii komii ummata ta’anii adda bahani fi hiikamuuf karoorfaman hanga waxabajjii 30 bara 2008tti raawwataman iffatti adda bahanii yeroo ittixumuuramanii fi eenyu akka xumuuru sanada keessatti caqafamuu qaba.

  • Projektoonni bara bajataa kanatti xumuuramuu hin dandeenye sababa isaanii waliin uummanni iftoomina guutuu akka argatan gochuu fi iddoo itti dhiifama gafachuun barbaachisa ta’eetti ummata dhiifama gaafachuun yeroo ittiaanuu keessatti akka raawwatamu iftoomina uumuun barbachisaa dha.

  • Rakkoowwan bulchiinsa gaarii bara kana xumuuraman tooftaa addaa maal hordofuun akka rawwatamu fi tarsiimoo hordofamuu qabu sirriitti ka’uun barabachisaa dha.

  • Rakkoowwan bulchiinsa gaarii adda bahan kun akkaataa sagantaa qabameen akka raawwatamu ummanni tumsa barbaachisaa ta’e akka taasisu iftoomina gahaa uumuu fi hirmaannaa isaanii hanga dhumaatti akka barbaachisuu qabsiisuun barbachisaa dha.

  • Dhuma irratti rakkoowwan bulchiinsa gaarii adda bahan disiplinii cimaan raawwatamuu akka qabuu fi sirni ittigafatamummaa sadarkaa hundaatti hojii irra akaa ooluu hubachuun murteessaa dha.

Kutaa Lama: Rakkoolee Bulchiinsa Gaarii Hanga Waxabajjii 30, 2008tti Hiikuuf Karoorfaman

    1. Bishaan Albuudaa fi Inarjii


A. Qo’annoo fi Diizaayinii Piroojektoota Bishaan Dhugaatii

Hojiiwwan qo’annoo fi dizaayinii pirojektoota bishaan dhugaatii kan Magaalaa 39 sadarkaa Biiroo gorsiitoota qaxaruun kan hojjatamuu fi kan Baadiyyaa 180 sadarkaa Godinaatti humna caasaa Godinaan kan raawwatamu ta’a. Haaluma kanaan, qo’annoo fi dizaayin pirojeektoota kanneenis baruma baajataa kanatti kan xumuramu ta’a. Saayitoota Baadiyyaa fi Magaalaa eessatti akka argamanii fi maqaa isaanii dokumantii dabalataa (miiltoo) keessatti tarreeffamee jira.

Qo’annoo fi diizaayinii ilaalchisee gaaffiin ummata keenyaa: nuti bishaan hinargannee, carraan nubira hingeenye qo’annoo fi diizaayiniin nuuf gaggeeffamee dokumantiin qophaahee gara qaama baajata kennuutti nuuf haadhiyaatu kan jedhu. Kan carraa baajataa argatanii piroojektiin jalqabameef immoo sababa hanqina qo’annaa (qulqullina dhabuu fi guutuu ta’uu dhabuu) fi diizaayinii tiin hojiin dabalataa waan baayyatuuf kunis yeroo raawwii piroojektii dheeressee jira.Keessaahuu harcaatiin walqabsiiftuu biyya alaa irraa dhufanii umrii piroojektii akka malee dheeressa.Hojiiwwan ijaarsaa qo’annoo fi diizaayinii malee duulaan jalqabamanis (design and buid) tajaajila kennuu dadhabanii komiin irratti ka’ee jira. Kan gar malee hojiin dabalataa qunnamee kontiraaktara dabalataa akka barbaadamu taasisanis jiru. Hojiin qo’annoo bulee hawaasni carraa baajataa dafee akka hin arganne taasisanis jiru.

Rakkoo kana keessaa bahuuf piroojektoota qo’annoo fi diizaayinii jala jiran garee qo’annoo fi diizaayinii gamaaggamu kilaastariidhaan dhaabuun piroojektoota magaalotaa fi godinootaa qooddatanii akka gamaaggaman haala mijeessuun:



  • Qaamaan gadi bu’anii hojiin surveyingii lafa irratti hojjatamuu isaa mirkaneessisuu (Miseensota Kilaastarii Ogeessaa, Abbaa Adeemsaa, Itti Aanaa Hoogganaa fi Hoogganaa Biiroo hojii kana raawwachiisa)

  • Qo’annoon kutaa kutaan gamaaggamamee guutuu ta’uu isaa mirkaneessuu (Garee Miseensota Kilaastarii Ogeessaa, Abbaa adeemsa, Itti Aanaa Hoogganaa fi Hoogganaa Biiroo hojii kana raawwachiisu)

  • Kuni hundumtuu ta’ee konsultaantii gahee isaa bahuu dadhabe irratti tarkaanfii seeraa fudhanna (Abbaa adeemsa, Itti Aanaa Hoogganaa fi Hoogganaa Biiroo hojii kana raawwachiisu), kan godinootaa tiif Waajjiroota Bishaan Albuudaa fi Inarjii godinootaatu ittigaafatama.

  • Qo’annoo fi diizaayinniin sadarkaa godinaa hanga Caamsaa 30 fi kan magaalotaa hanga Waxabajjii 20 ni xumursiifna

  • Hojiin kuni haala kaawwanne kanaan deemuu isaa Komaandi Poostiin Hooggansaa Seektaraa Biiroo keenyaa ragaa guyyaa guyyaan guurrate torban torbaniin gamaaggamee mirkaneessa, tarkaanfiis battalumatti fudhata

  • Madda bishaanii karaa guutuu ta’een qoratanii lafa irratti meeshoolee teeknooloojiin hojjatamuu isaa qaamaan gadi bu’amee mirkanaahuu qaba (garee ogeessaa kilaastariin qoodameen hojjatama)

  • Sirna itti gaafatamummaa ilaalchisee hojiin kun haala karoorfameen yoo raawwachuu baate hoggansi sadarkaan jiru kan itti gaafatamu ta’uu beekee hojiilee kana guyyaa guyyaan hordofuudhaan milkaa’ina isaaf ni hojjatata.

B. Ijaarsa Pirojektoota Bishaan Dhugaatii

Ijaarsi piroojektoota bishaan dhugaatii madda baajataa adda addaa tiin kan karoorfame hojjatamaa kan jiranidha. Piroojektootni kunis ijaarsa piroojeektoota Gandoota hedduu, Hulaa misoomaa fi iddoo qubsumaa, piroojektoota bishaan dhugaatii Magaalotaa, piroojektoota sadarkaa Godinaa, pireektoota Sagantaalee One-WaSH, Unicef, CoWaSH fi Paakeejii hirmaannaa hawaasaa kana jalatti hojiiwwan baldhaan karooffamanii hojjatamaa jiru.Haa ta’u malee, piroojektoota bara baajataa 2008 keessatti karooraan qabaman keessaa bara kana kan xumuramanii fi kan bara 2009 itti ce’an akkaataa sagantaa jalatti hojjatamaniin akka armaan gaditti ibsamanii jiru.

Piroojektoota Ijaaramaa jiran ilaalchisee gaaffiin ummata keenyaa: piroojektoonni gurguddoon yeroo taa’eef keessatti nuuf hinraawwataman komii jedhu ta’ee dafee akka raawwatamuuf gaaffii kaasanii jiru. Kan raawwataman jedhamee walharkaa fuudhames qulqullina waan hinqabneef tajaajila nuuf kennaa hinjiru gaaffii jedhus piroojektoota ulaa misoomaa irratti ka’ee jira.

Gaaffiiwwan hawaasa biraa ka’an kanneen akka biirootti yonnaa ilaallu sababni isaanii dhiyeessiin gama biirootiin dhiyaachuu qabuu fi hojiin ijaarsaa kontiraaktaraan hojjatamuu qabus gar malee harkifataa dha. Gama gorsaa tiinis hojiin hordoffii fi deeggarsaa karaa guutuu ta’eenifii ogeessa gahumsa qabuun waan hinhojjatamneef akkasuma immoo tarkaanfiin seeraatis dafee waan hinfudhatamneef rakkoon kuni gara komiiti cehuun sirrii dha.



Rakkoo kana keessaa bahuuf piroojektoota ijaarsaa haala addaatiin too’achuuf Biiroo fi Dhaabbileen Ijaarsaa fi Gorsaan iddoo tokkotti dhufuu dhaan komaandi poostii teeknikaa waajjira waajjiraan dhaabbate irratti dabaluu dhaan Komaandi Poostii Seektaraa Hooggansa Olaanaa dhaabbateera.Kunis torbeen guyyaa Wiixataa biiroo bishaaniitti walgahee hojii walii wajjiin gamaaggamee tarkaanfii fudhata. Komaandi poostiin hooggansaa kuni:

  • Komaandi Poostii Teeknikaa of jalatti dhaabee godinaa fi piroojektii guyyaa guyyaan qunnamee raga fudhachiisa (Miseensota Komaandi Poostii Teeknikaa, Abbaa Adeemsaa, Itti Aanaa Hoogganaa fi Hoogganaa Biiroo hojii kana raawwachiisu)

  • Komaandi Poostiin Hooggansaa Seektaraa kuni gabaasa Komaandi Poostii Teeknikaa cuunfee qabatee torbeen guyyaa Wiixataa walgahee raawwii gamaaggamee rakkoo hiikaa deema (ooggantoota seektaraa 3nii)

  • Komaandi Poostiin ooggansaa seektaraa hordoffiif deeggarsa walii wajjinii piroojektootaa fi godina hiratee qaaman saayitii irratti argamee hojii gamaaggamee tarkaanfii sirreeffamaa fudhata (ooggantoota seektaraa 3n)

  • Piroojektoonni ijaarsaa nixumuraman jedhamanii qabaman hunduu hanga Waxabajjii 20 akka xumuraman qaamni 3C sadanuu walii galeera

  • Sirna itti gaafatamummaa ilaalchisee hojiin kun haala karoorfameen yoo raawwachuu baate hoggansi sadarkaan jiru kan itti gaafatamu ta’uu beekee hojiilee kana guyyaa guyyaan hordofuudhaan milkaa’ina isaaf ni hojjatata. Kunis Gorsitoota, Kontiraaktara ykn Biiroo dabalatee abbaa gahee isaa hin baane irratti sirni itti-gaafatamummaa akka dhufu beekamee qaamni hundi gahee adda durummaa isaa bahuun dirqama ta’a.

B-1 Piroojeektii Gandoota Hedduu

  • Piroojeektiin bishaan dhugaatii Gimbichuu Fantaallee Marsaa-3ffaa Godina Shawaa Bahaa keessatti kan argamu yoo ta’u bara 2002 ijaarsi isaa kan eegalee fi hanga ammaa xumuramuu kan hin dandeenyee kana irraa ka’uudhaanis komii uummataaf sababa ta’eera. Kanaafuu, bara baajataa kanatti hojii hafee xumursiisuuf baajanni 494,000 Mootummaan Naannoo Oromiyaa ramadeenAaanaalee Jaha fi Gandoota hedduu fayyadamoo tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuuf kan karoorfame yeroo ammaa kana raawwiin ijaarsa isaa %95 ol irra gahee jira. Haaluma kanaan, piroojeektiin kun bara baajataa 2008 keessatti xumuruudhaan hawaasa 52,000 fi Beelada 133,334ni tajaajila.

Piroojeektii ijaarsaa kana hanga dhuma bara baajataa kanatti Waxabajjii 20/2008 irratti xumursiisuuf wantoonni guutamuu qaban akkaataa armaan tarreeffamanii jiru.

BBAIO

    • Dhiyeessii meeshaalee kanneen akka ujummoo hangi isaa gara garaa ta’e fi walqabsiiftuu yeroon dhiyeessuu,

    • Hordoffii fi to’annoo piroojeektii walirraa hin cinnee yeroo yeroon gaggeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii yeroon raawwachuu.

Kontiraaktara (IIHBO)

    • Meeshaalee ijaarsa sivilii, humna namaa fi mashinariwwan hojichi barbaadu guutummaan dhiyeessuu,

  • Piroojeektiin bishaan dhugaatii Samiiraa Kolbaa Marsaa-2ffaa Godina Arsii keessatti kan argamu yoo ta’u bara 2001 ijaarsi isaa kan eegalee fi hanga ammaa xumuramuu kan hin dandeenyee kana irraa ka’uudhaanis komii uummataaf sababa ta’eera. Kanaafuu,bara kana baajata 4,962,349 Mootummaan Naannoo Oromiyaa ramadeen hawaasa Baadiyyaa Aanaalee lamaa fi Gandoota hedduu fayyadamoo tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuuf kan karoorfame yeroo ammaa kana raawwiin ijaarsa isaa %29 irra gahee jira. Haaluma kanaan, piroojeektiin kun bara baajataa 2008 keessatti xumuruudhaan hawaasa 5,400 ni tajaajila.

  • Piroojeektii kana dhuma bara baajataa kanatti Waxabajjii 30/2008 irratti xumursiisuuf wantoonni guutamuu qaban akkaataa armaan tarreeffamanii jiru.

BBAIO

    • Dhiyeessii meeshaalee kanneen akka Paampii, Janareetara, ujummoo fi wal-qabsiiftuu hangi isaa gara garaa ta’e dhiyeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii yeroon raawwachuu.

Gorsaa (DhDTHBO)

    • Hordoffii fi to’annoo pirojeektichaa deeggarsa teekniikaa irratti hundaa’ee haala walirraa hin cinneen gaggeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii kontiraaktaraan dhiyaate yeroon mirkaneessanii dhiyeessuu,

    • Hojiin dabalataa yoo uumame yeroo gabaabaa keessatti adda baasee dhiyeessuu,

Kontiraaktara Dhuunfaa

    • Meeshaalee ijaarsa sivilii, humna namaa fi mashinariwwan barbaachisan guutummaan dhiyeessuu fi hojiilee hafan ariitiin xumuruu,

  • Piroojeektiin bishaan dhugaatii Amarabbaa Indatoo Godina Arsii keessatti kan argamu yoo ta’u bara 1999 ijaarsi isaa kan eegalee fi hanga ammaa xumuramuu kan hin dandeenyee kana irraa ka’uudhaanis komii uummataaf sababa ta’eera. Kanaafuu, bara kana baajata 14,623,108 Mootummaan Naannoo Oromiyaa ramadeen Aaanaalee lamaa fi Gandoota hedduu fayyadamoo tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuuf kan karoorfame yeroo ammaa kana raawwiin ijaarsa isaa %87 irra gahee jira. Haaluma kanaan, piroojeektiin kun bara baajataa 2008 keessatti xumuruudhaan hawaasa 324,191 fi Beelada 120,798 ni tajaajila.

  • Piroojeektii kana dhuma bara baajataa kanatti Waxabajjii 30/2008 irratti xumursiisuuf wantoonni guutamuu qaban akkaataa armaan tarreeffamanii jiru.

BBAIO

    • Dhiyeessii meeshaalee kanneen akka Paampii fi Janareetara dhiyeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii yeroon raawwachuu.

    • Qaamolee Mootummaa sadarkaan jiran waliin ta’uudhaan hubannoo abbummaa haawaasa fayyadamaa biratti akka uumamu irratti hojjachuu,

Gorsaa (DhDTHBO)

    • Hordoffii fi to’annoo pirojeektichaa deeggarsa teekniikaa irratti hundaa’ee haala walirraa hin cinneen gaggeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii kontiraaktaraan dhiyaate yeroon mirkaneessanii dhiyeessuu,

    • Hojiin dabalataa yoo uumame yeroo gabaabaa keessatti adda baasee dhiyeessuu,

Kontiraaktara (IIHBO)

    • Dhiyeessii meeshaalee kanneen akka ujummoo fi wal-qabsiiftuu hangi isaa gara garaa ta’e dhiyeessuu,

    • Meeshaalee ijaarsa sivilii, humna namaa fi mashinariwwan barbaachisan iddoo hojitti guutummaan dhiyeessuu fi hojiilee hafan ariitiin xumuruu.

Intarpiraayizii Diriliingii Oromiyaa (IDO)

  • Madda boolla bishaanii qotame haaroomsuu (Rehabilitation)

  • Paampii fi Janareetara karaa BBAIO dhiyaatu dhaabuu (Installation)

  • Piroojeektiin bishaan dhugaatii Hinjaa Burqituu Godina Arsii Lixaa keessatti kan argamu yoo ta’u bara 1999 ijaarsi isaa kan eegalee fi hanga ammaa xumuramuu kan hin dandeenyee kana irraa ka’uudhaanis komii uummataaf sababa ta’eera. Kanaafuu, bara kana baajata 14,003,664 Mootummaan Naannoo Oromiyaa ramadeen hawaasa baadiyyaa Aanaalee Sadii fi Gandoota hedduu fayyadamoo tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuuf kan karoorfame yeroo ammaa kana raawwiin ijaarsa isaa %94 irra gahee jira. Haaluma kanaan, piroojeektiin kun bara baajataa 2008 keessatti xumuruudhaan hawaasa 125,569 ni tajaajila.

  • Piroojeektii kana dhuma bara baajataa kanatti Waxabajjii 30/2008 irratti xumursiisuuf wantoonni guutamuu qaban akkaataa armaan tarreeffamanii jiru.

BBAIO

    • Dhiyeessii meeshaalee kanneen akka Paamii fi Janareetaraa dhiyeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii yeroon raawwachuu.

Gorsaa (DhDTHBO)

    • Hordoffii fi to’annoo pirojeektichaa deeggarsa teekniikaa irratti hundaa’ee haala walirraa hin cinneen gaggeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii kontiraaktaraan dhiyaate yeroon mirkaneessanii dhiyeessuu,

Kontiraaktara (IIHBO)

    • Dhiyeessii meeshaalee wal-qabsiiftuu gara garaa ta’e dhiyeessuu,

    • Meeshaalee ijaarsa sivilii, humna namaa fi mashinariwwan barbaachisan guutummaan dhiyeessuu fi hojiilee hafan ariitiin xumuruu,

Intarpiraayizii Diriliingii Oromiyaa (IDO)

  • Madda boolla bishaanii qotame haaroomsuu (Rehabilitation)

  • Paampii fi Janareetara karaa BBAIO dhiyaatu dhaabuu (Installation)

B-2 Piroojeektii Hulaa Misoomaa

  • Piroojeektiin bishaan dhugaatii Hariiroo Godina Hararggee Bahaa keessatti kan argamu yoo ta’u bara 1999 ijaarsi isaa kan eegalee fi hanga ammaa xumuramuu kan hin dandeenyee kana irraa ka’uudhaanis komii uummataaf sababa ta’eera. Kanaafuu,bara kana baajata 7,871,354 Mootummaan Naannoo Oromiyaa ramadeen hawaasa baadiyyaa Aanaa Gola Odaa fayyadamoo tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuuf kan karoorfame yeroo ammaa kana raawwiin ijaarsa isaa %77 irra gahee jira. Haaluma kanaan, piroojeektiin kun bara baajataa 2008 keessatti xumuruudhaan hawaasa 71,580 ni tajaajila.

  • Piroojeektii kana dhuma bara baajataa kanatti Waxabajjii 30/2008 irratti xumursiisuuf wantoonni guutamuu qaban akkaataa armaan tarreeffamanii jiru.

BBAIO

    • Dhiyeessii meeshaalee kanneen akka Paampii fi Janareetara dhiyeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii yeroon raawwachuu,

    • Qaamolee Mootummaa sadarkaan jiran waliin ta’uudhaan hubannoo abbummaa haawaasa fayyadamaa biratti akka uumamu irratti hojjachuu,

Gorsaa (DhDTHBO)

    • Hordoffii fi to’annoo pirojeektichaa deeggarsa teekniikaa irratti hundaa’ee haala walirraa hin cinneen gaggeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii kontiraaktaraan dhiyaate yeroon mirkaneessanii dhiyeessuu,

    • Hojiin dabalataa yoo uumame yeroo gabaabaa keessatti adda baasee dhiyeessuu,

Kontiraaktara (IIHBO)

    • Dhiyeessii meeshaalee kanneen akka ujummoo fi wal-qabsiiftuu hangi isaa gara garaa ta’e, dhiyeessuu

    • Meeshaalee ijaarsa sivilii, humna namaa fi mashinariwwan guutummaan dhiyeessuu fi hojiilee hafan ariitiin xumuruu,

Intarpiraayizii Diriliingii Oromiyaa (IDO)

  • Madda boolla bishaanii qotame haaroomsuu (Rehabilitation)

  • Paampii fi Janareetara karaa BBAIO dhiyaatu dhaabuu (Installation)

B-3 Piroojeektoota Sadarkaa Godinaalee

  • Piroojeektoonni bishaan dhugaatii Godina sagal (H/Lixaa-8, HGW-2, Arsii lixaa-1, Sh/K/lixaa-1, Sh/Lixaa-6, GAONF-2, Sh/Bahaa-1, Baalee-1 fi Arsii-3) keessatti kan argaman ijaarsi isaanii bara 1998 kaasee 2007 kan eegalee yoo ta’u komii uummataa hedduun kan irratti ka’eedha. Kanaafuu, bara kana baajata 11,778,471 Mootummaan Naannoo Oromiyaa ramadeen hawaasa Baadiyyaa Gandoota hedduu keessa jiraatu fayyadamoo tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuuf kan karoorfame yeroo ammaa kana raawwiin ijaarsa isaanii sadarkaa adda addaa irra kan jiran ta’e giddu-galeessaan %85 irra gahee jira. Haaluma kanaan, piroojeektiin kun bara baajataa 2008 keessatti xumuruudhaan hawaasa 115,843 ni tajaajila.

Piroojeektii kana dhuma bara baajataa kanatti Waxabajjii 30/2008 irratti xumursiisuuf wantoonni guutamuu qaban akkaataa armaan tarreeffamanii jiru.

BBAIO

    • Dhiyeessii meeshaalee kanneen akka Paampii fi Janareetara dhiyeessuu,

    • Deeggarsaa fi hordoffii pirojeektichaa teekniikaa irratti hundaa’ee kennuu,

    • Iddoo hanqinni baajataa uumametti qaama dhimmi ilaalu waliin fala kennuu,

Godina

    • Hordoffii fi to’annoo pirojeektichaa haala walirraa hin cinneen gaggeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii yeroon raawwachuu,

    • Qaamolee Mootummaa sadarkaan jiran waliin ta’uudhaan hubannoo abbummaa haawaasa fayyadamaa biratti akka uumamu irratti hojjachuu,

B-4 Piroojeektoota Bishaan Dhugaatii Magaalotaa

B-4-1Piroojeektoota Bishaan Dhugaatii Magaalaa Mattuu

  • Piroojeektiin bishaan dhugaatii Magaalaa Mattuu Godina Iluu Abbaa Booraa keessatti kan argamu yoo ta’u bara 2002 ijaarsi isaa kan eegalee fi hanga ammaa xumuramuu kan hin dandeenyee kana irraa ka’uudhaanis komii uummataaf sababa ta’eera. Kanaafuu, bara kana baajata 32,634,408 Mootummaan Naannoo Oromiyaa ramadeen hawaasa Magaalichaa fayyadamoo tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuuf kan karoorfame yeroo ammaa kana raawwiin ijaarsa isaa %86 irra gahee jira. Haaluma kanaan, pirojeektiin kun bara baajataa 2008 keessatti xumuruudhaan hawaasa 70,000 ni tajaajila.

  • Piroojeektii kana dhuma bara baajataa kanatti Waxabajjii 30/2008 irratti xumursiisuuf wantoonni guutamuu qaban akkaataa armaan tarreeffamanii jiru.

BBAIO

    • Dhiyeessii meeshaalee kanneen akka ujummoo,wal-qabsiiftuu fi Gasket dhiyeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii yeroon raawwachuu,

    • Qaamolee Mootummaa sadarkaan jiran waliin ta’uudhaan hubannoo abbummaa haawaasa fayyadamaa biratti akka uumamu irratti hojjachuu,

    • Dhimma daandii asfaaltii kutuun ujummoo diriirsuu fi daandii deebisanii suphuun walqabatee hojiin yeroon akka xumuramuuf Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Federaalaa fi Bulchiinsa Magaalaa Mattuu, akkasumas qaamoolee biro dhimmi ilaalu waliin furmaata kennuu,

Gorsaa (DhDTHBO)

    • Hordoffii fi to’annoo pirojeektichaa deeggarsa teekniikaa irratti hundaa’ee haala walirraa hin cinneen gaggeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii kontiraaktaraan dhiyaate yeroon mirkaneessanii dhiyeessuu,

Kontiraaktara (IIHBO)

    • Meeshaalee ijaarsa sivilii, humna namaa fi mashinariwwan barbaachisan guutummaan dhiyeessuu fi hojiilee hafan ariitiin xumuruu,

B-4-2 Piroojeektoota Bishaan Dhugaatii Magaalaa Gimbii

  • Piroojeektiin bishaan dhugaatii Magaalaa Gimbii Godina Wallaga Lixaa keessatti kan argamu yoo ta’u bara 2002 ijaarsi isaa kan eegalee fi hanga ammaa xumuramuu kan hin dandeenyee kana irraa ka’uudhaanis komii uummataaf sababa ta’eera. Kanaafuu,bara kana baajata 26,829,860 Mootummaan Naannoo Oromiyaa ramadeen hawaasa Magaalichaa fayyadamoo tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuuf kan karoorfame yeroo ammaa kana raawwiin ijaarsa isaa %78 irra gahee jira. Haaluma kanaan, piroojeektiin kun bara baajataa 2008 keessatti xumuruudhaan hawaasa 111,328 ni tajaajila.

  • Piroojeektii kana dhuma bara baajataa kanatti Waxabajjii 30/2008 irratti xumursiisuuf wantoonni guutamuu qaban akkaataa armaan tarreeffamanii jiru.

BBAIO

    • Dhiyeessii meeshaalee kanneen akka ujummoo,wal-qabsiiftuu fi Gasket dhiyeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii yeroon raawwachuu,

    • Qaamolee Mootummaa sadarkaan jiran waliin ta’uudhaan hubannoo abbummaa haawaasa fayyadamaa biratti akka uumamu irratti hojjachuu,

    • Dhimma daandii asfaaltii kutuun ujummoo diriirsuu fi daandii deebisanii suphuun walqabatee hojiin yeroon akka xumuramuuf Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Federaalaa fi Bulchiinsa Magaalaa Gimbii, akkasumas qaamoolee biro dhimmi ilaalu waliin furmaata kennuu,

Gorsaa (DhDTHBO)

    • Hordoffii fi to’annoo pirojeektichaa deeggarsa teekniikaa irratti hundaa’ee haala walirraa hin cinneen gaggeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii kontiraaktaraan dhiyaate yeroon mirkaneessanii dhiyeessuu,

Kontiraaktara (IIHBO)

    • Meeshaalee ijaarsa sivilii, humna namaa fi Maashinariwwan barbaachisan iddoo hojitti guutummaan dhiyeessuu fi hojiilee hafan ariitiin xumuruu,

B-4-3 Piroojeektoota Bishaan Dhugaatii Magaalaa Adaamaa

  • Piroojeektiin bishaan dhugaatii Magaalaa Adaamaa Godina Shawaa Bahaa keessatti kan argamu yoo ta’u hanqina dhiyeessa bishaan dhugaatii magaalicha keessa yeroo dheeraa ture irraan kan ka’e komii uummataaf saaxilamee jira. Kanaafuu, bara kana baajata 55,000,000 Mootummaan Naannoo Oromiyaa ramadeen hawaasa Magaalichaa fayyadamoo tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuuf kan karoorfame yeroo ammaa kana raawwiin ijaarsa isaa %82 irra gahee jira. Haaluma kanaan, piroojeektiin kun bara baajataa 2008 keessatti xumuruudhaan hawaasa 422,161 ni tajaajila.

  • Piroojeektii kana dhuma bara baajataa kanatti Waxabajjii 30/2008 irratti xumursiisuuf wantoonni guutamuu qaban akkaataa armaan tarreeffamanii jiru.

BBAIO

    • Meeshaalee dabalataan ajajaman kanneen akka wal-qabsiiftuu fi Eleektiroo-makaanikaalaa gama Kontiraaktaraan dhiyaatan saffinaa fi qulqullinaan akka dhiyaataniif deeggarsaa fi hordoffii gaggeessuu,

    • Dhimma ijaarsa Gaabiyoonii karaa ujummoon irra darbu wal-qabatee hojiin yeroon akka xumuramuuf qaamoolee biro dhimmi ilaalu waliin furmaata kennuu,

    • Hordoffii fi to’annoo pirojeektichaa deeggarsa teeknikaa irratti hundaa’ee haala walirraa hin cinneen gaggeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii kontiraaktaraan dhiyaate yeroon mirkaneessanii dhiyeessuu fi kaffaltii yeroon raawwachuu,

Kontiraaktara Dhuunfaa

    • Meeshaalee dabalataan ajajaman kanneen akka wal-qabsiiftuu fi Eleektiroo-makaanikaalaa dhiyeessuu,

    • Meeshaalee ijaarsa sivilii, humna namaa fi mashinariwwan barbaachisan guutummaan dhiyeessuu fi hojiilee hafan ariitiin xumuruu,

B-4-4 Pirojeektoota Bishaan Dhugaatii Magaalota 19

  • Pirojeektoonni bishaan dhugaatii Magaaloota 19 (Kaarraa Millee, Malkaa Raafuu, Baakkoo Marsaa-2ffaa, Asaboot, Daarmee, Duukam, Beegii, Gudar, Ambooyyee, Gutiin, Qunnii, Leemman ,Geedoo, Beeltuu, Ayiraa, Kofalee, Gincii, Gooroo, Shaabee fi) keessatti kan argaman ijaarsi isaanii bara 2002 kaasee hanga 2005 kan eegalee yoo ta’u komii uummataa hedduun kan irratti ka’eedha. Kanaafuu, bara kana baajata 106,876,451 Mootummaan Naannoo Oromiyaa ramadeen hawaasa Magaaloota kanneen keessa jiraatu fayyadamoo tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuuf kan karoorfame yeroo ammaa kana raawwiin ijaarsa isaanii sadarkaa adda addaa irra kan jiran ta’e giddu-galeessaan %60 irra gahee jira. Haaluma kanaan, piroojeektiin kun bara baajataa 2008 keessatti xumuruudhaan hawaasa 452,152 ni tajaajila.

B-4-4.1 Pirojeektoota Bishaan Dhugaatii Magaalotaa BBAIO tiin To’ataman

  • Pirojeektoonni bishaan dhugaatii Magaaloota 19 keessaa piroojeektoota magaalootaa Shan (Kaarraa Millee, Malkaa Raafuu, Baakkoo Marsaa-2ffaa, Asaboot fi Shaabee) keessatti kan argaman piroojeektoota kana dhuma bara baajataa kanatti Waxabajjii 30/2008 irratti xumursiisuuf wantoonni guutamuu qaban akkaataa armaan tarreeffamanii jiru.

BBAIO

    • Dhiyeessii meeshaalee kanneen akka ujummoo hangi isaa gara garaa ta’e walqabsiiftuu, Paampii fi Janareetara barbaadamu hunda yeroon dhiyeessuu,

    • Hordoffii fi to’annoo piroojeektii gaggeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii yeroon raawwachuu.

    • Qaamolee Mootummaa sadarkaan jiran waliin ta’uudhaan hubannoo abbummaa haawaasa fayyadamaa biratti akka uumamu irratti hojjachuu,

Kontiraaktara Dhuunfaa

    • Meeshaalee ijaarsa sivilii, humna namaa fi mashinariwwan barbaachisan guutummaan dhiyeessuu

B-4-4.2 Pirojeektoota Bishaan Dhugaatii Magaalota DhDTHBO To’ataman

  • Pirojeektoonni bishaan dhugaatii Magaaloota 19 keessaa piroojeektoota magaaloota 14 (Daarmee, Duukam, Beegii, Gudar, Ambooyyee, Gutiin, Qunnii, Leemman, Geedoo, Beeltuu, Ayiraa, Kofalee, Gincii fi Gooroo) keessatti kan argaman yoo ta’u piroojeektoota kana dhuma bara baajataa kanatti Waxabajjii 30/2008 irratti xumursiisuuf wantoonni guutamuu qaban akkaataa armaan tarreeffamanii jiru.

BBAIO

    • Dhiyeessii meeshaalee kanneen akka ujummoo, wal-qabsiiftuu, fi eleektiroo-makaanikaalaa dhiyeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii yeroon raawwachuu,

    • Qaamolee Mootummaa sadarkaan jiran waliin ta’uudhaan hubannoo abbummaa haawaasa fayyadamaa biratti akka uumamu irratti hojjachuu,

Gorsaa (DhDTHBO)

    • Hordoffii fi to’annoo pirojeektootaa deeggarsa teekniikaa irratti hundaa’ee haala walirraa hin cinneen gaggeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii kontiraaktaraan dhiyaate yeroon mirkaneessanii dhiyeessuu,

Kontiraaktara Dhuunfaa

    • Meeshaalee ijaarsa sivilii qulqullina qabu, humna namaa fi mashinariwwan barbaachisan dhiyeessuu fi hojiilee hafan xumuruu,

C. Pirojektoota Bishaan Dhugaatii Sagantaa MDGn Gaggeeffaman

C-1 Pirojektoota Bishaan Dhugaatii Sagantaa MDG Sadarkaa Godinaa

  • Piroojeektoonni bishaan dhugaatii sagantaa galma bar-kumee ykn MDG sadarkaa Godinaa kan bulan piroojeektii MDG-2004 baayinni-19, piroojeektii MDG-2005 baayinni-44, piroojeektii MDG-2006 baayinni-21 fi piroojeektii MDG-2007 baayinni-9 Waliigala piroojeektoota sagantaa MDG baayinni isaanii-93 Godinoota adda addaa keessatti kan argaman bara kana baajata 42,087,399 Mootummaan Naannoo Oromiyaa ramadeen hawaasa Baadiyyaa kanneen keessa jiraatu fayyadamoo tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuuf kan karoorfame yeroo ammaa kana raawwiin ijaarsa isaanii sadarkaa adda addaa irra kan jiran ta’e giddu-galeessaan %60 irra gahee jira. Haaluma kanaan, piroojeektiin kun bara baajataa 2008 keessatti xumuruudhaan hawaasa 500,003 ni tajaajila. Akkasumas, Saayitoota piroojeektii eessatti akka argamanii fi maqaa isaanii dokumantii dabalataa (Miiltoo) keessatti tarreeffamanii jiru.

  • Piroojeektii kana dhuma bara baajataa kanatti Waxabajjii 30/2008 irratti xumursiisuuf wantoonni guutamuu qaban akkaataa armaan tarreeffamanii jiru.

BBAIO

    • Dhiyeessii meeshaalee kanneen akka Paampii fi Janareetara dhiyeessuu,

    • Deeggarsaa fi hordoffii pirojeektichaa teekniikaa irratti hundaa’ee kennuu,

    • Iddoo hanqinni baajataa uumametti qaama dhimmi ilaalu waliin fala kennuu,

Godina

    • Hordoffii fi to’annoo pirojeektichaa haala walirraa hin cinneen gaggeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii yeroon raawwachuu,

    • Qaamolee Mootummaa sadarkaan jiran waliin ta’uudhaan hubannoo abbummaa haawaasa fayyadamaa biratti akka uumamu irratti hojjachuu,

C-2 Piroojektoota Bishaan Dhugaatii Sagantaa MDG Sadarkaa Biiroo

  • Piroojeektoonni bishaan dhugaatii sagantaa MDG sadarkaa Biiroo kan bulan Magaalaa Wandoo, Gobbaa fi Xuqaa yoo ta’an bara 2004 ijaarsi isaanii kan eegalee yoo ta’u komii uummataa hedduun kan irratti ka’eedha. Kanaafuu,bara kana baajata 5,032,499 Mootummaan Naannoo Oromiyaa ramadeen hawaasa Magaalicha keessa jiraatu fayyadamoo tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuuf kan karoorfame yeroo ammaa kana raawwiin ijaarsa isaanii sadarkaa adda addaa irra kan jiran ta’e giddu-galeessaan %96 irra gahee jira. Haaluma kanaan, piroojeektiin kun bara baajataa 2008 keessatti xumuruudhaan hawaasa 97,647 ni tajaajila.

  • Piroojeektii kana dhuma bara baajataa kanatti Waxabajjii 30/2008 irratti xumursiisuuf wantoonni guutamuu qaban akkaataa armaan tarreeffamanii jiru.

BBAIO

    • Dhiyeessii meeshaalee kanneen akka Paamii fi Janareetara dhiyeessuu,

    • Deeggarsaa fi hordoffii pirojeektichaa teekniikaa irratti hundaa’ee kennuu,

    • Iddoo hanqinni baajataa uumametti qaama dhimmi ilaalu waliin fala kennuu,

    • Hordoffii fi to’annoo pirojeektichaa haala walirraa hin cinneen gaggeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii yeroon raawwachuu,

    • Qaamolee Mootummaa sadarkaan jiran waliin ta’uudhaan hubannoo abbummaa haawaasa fayyadamaa biratti akka uumamu irratti hojjachuu

D. Piroojeektoota Dhiyeessa Bishaan Dhugaatii Dhaabbilee Fayyaa

  • Piroojeektoonni dhiyeessa bishaan dhugaatii buufattoota fayyaa kan bulan piroojeektii madda burqaa tamsaasa waliin- 32, piroojeektii madda boolla gabaabaa-6, fi piroojeektii ijaarsa babal’isuu-7 waliigala piroojeektoota 45 bara 2006 kan eegalaman yoo ta’u sababa harkifannaa piroojeektii jiruun komiin uummataa ka’aa tureera. Kanaafuu, bara kana baajata 11,092,126 Mootummaan Naannoo Oromiyaa ramadeen karoorfame yeroo ammaa kana raawwiin ijaarsa isaanii sadarkaa adda addaa irra kan jiran ta’e giddu-galeessaan %85 irra kan gahan yoo ta’u bara baajataa 2008 keessatti xumuruudhaan hawaasa 98,522tajaajilamaa ta’a.Akkasumas, saayitoota piroojeektii eessatti akka argamanii fi maqaa isaanii dokumantii dabalataa (Miiltoo) keessatti tarreeffamanii jiru.

  • Piroojeektii kana dhuma bara baajataa kanatti Waxabajjii 30/2008 irratti xumursiisuuf wantoonni guutamuu qaban akkaataa armaan tarreeffamanii jiru.

BBAIO

    • Dhiyeessii meeshaalee kanneen akka Ujummoo, Walqabsiiftuu fi Paampii dhiyeessuu,

    • Deeggarsaa fi hordoffii pirojeektichaa teekniikaa irratti hundaa’ee kennuu,

    • Iddoo hanqinni baajataa uumametti qaama dhimmi ilaalu waliin fala kennuu,

Godina

    • Hordoffii fi to’annoo pirojeektichaa haala walirraa hin cinneen gaggeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii yeroon raawwachuu,

    • Qaamolee Mootummaa sadarkaan jiran waliin ta’uudhaan hubannoo abbummaa haawaasa fayyadamaa biratti akka uumamu irratti hojjachuu,

E-Piroojeektoota Sagantaalee

E-1 Sagantaa One WasH

  • Sagantaa biyyoolessa ‘One WasH’ jedhamuun ijaarsi pirojektoota bishaan dhugaatii bara kana kan xumuraman Godinaalee hunda Aanoolee 140 keessatti baajata sagantaa kanaaf ramadame 270,330,641 baay’ina pirojeektoota 1,928 xumuruudhaan hawaasa Baadiyyaa 693,245 fayyadamaa bishaan dhugaatii taasisa.

  • Piroojeektii kana dhuma bara baajataa kanatti Waxabajjii 30/2008 irratti xumursiisuuf wantoonni guutamuu qaban akkaataa armaan tarreeffamanii jiru.

BBAIO

    • Qindoomina seektaroota MMDO, Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa fi BBO waliin hojjachuu,

    • Deeggarsaa fi hordoffii pirojeektichaa gaggeessuu,

    • Akkasumas, piroojeektoota sadarkaa Federalaatti hojjetamaa jiran magaalaa Fiichee, Garba Gurraachaa fi Hoolota qindoominaan to’annoo fi hordoffii gaggeessuun xumursiisuu,

Godinaa fi Aanaa

    • Hordoffii fi to’annoo pirojeektichaa haala walirraa hin cinneen gaggeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii yeroon raawwachuu,

    • Qaamolee Mootummaa sadarkaan jiran waliin ta’uudhaan hubannoo abbummaa haawaasa fayyadamaa biratti akka uumamu irratti hojjachuu,

E-2 Sagantaa UNICEF

  • Sagantaa Unicef jedhamuun ijaarsi pirojektoota bishaan dhugaatii bara kana kan xumuraman Godinaalee 14 Aanoolee 24 keessatti baajata sagantaa kanaaf ramadame 56,433,400 baay’ina pirojeektoota 118 xumuruudhaan hawaasa 111,523 fayyadamaa bishaan dhugaatii taasisa.

  • Piroojeektii kana dhuma bara baajataa kanatti Waxabajjii 30/2008 irratti xumursiisuuf wantoonni guutamuu qaban akkaataa armaan tarreeffamanii jiru.

BBAIO

    • Qindoomina seektarota MMDO,Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa fi BBO waliin hojjachuu,

    • Deeggarsaa fi hordoffii pirojeektichaa gaggeessuudhaan xumursiisuu,

Godinaa fi Aanaa

    • Hordoffii fi to’annoo pirojeektichaa haala walirraa hin cinneen gaggeessuu,

    • Hojiilee raawwatamuuf kaffaltii yeroon raawwachuu,

    • Qaamolee Mootummaa sadarkaan jiran waliin ta’uudhaan hubannoo abbummaa haawaasa fayyadamaa biratti akka uumamu irratti hojjachuu,

E-3 Sagantaa CoWasH

  • Ijaarsa piroojeektoota sagantaa CoWasH tiin Aanoolee Kudha Lama (Gumaay, Horroo, Noonnoo Beenjaa ,Jiddaa, Nya’aa, Ilfataa, Incinni, Tolee, Maalimaa fi Coomman, Jiddaa, Qarsaa fi Godinaalee Afur (Jimma, H.G.W. ,Shawaa Lixaa,fi Shawaa/K/Lixaa) keessatti piroojeektoota 219 xumuruudhaan hawaasa baadiyyaa naannoo sana jiraatu 50,715 fayyadamaa bishaan dhugaatii taasisa.

  • Piroojeektii kana dhuma bara baajataa kanatti Waxabajjii 30/2008 irratti xumursiisuuf wantoonni guutamuu qaban akkaataa armaan tarreeffamanii jiru.

BBAIO

    • Qindoomina seektaroota MMDO,Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa fi BBO waliin hojjachuu,

    • Deeggarsaa fi hordoffii pirojeektichaa gaggeessuu,

Godinaa fi Aanaa

    • Hordoffii fi to’annoo pirojeektichaa haala walirraa hin cinneen gaggeessuu,

    • Qaamolee Mootummaa sadarkaan jiran waliin ta’uudhaan hubannoo abbummaa haawaasa fayyadamaa biratti akka uumamu irratti hojjachuu,

E-4 Paakeejii Dhiyeessa Bishaan Dhugaatii Hirmaannaa Hawaasaa

  • Paakeejii hirmaannaa hawaasaa sagantaa ofiin ofiif sadarkaa hawaasaatti hojjatamuuf karoorfaman madda bishaan burqaa ija irratti misoomsuu-3,916 fi boolla harkaa sadarkaa hawaasaa-5,281Godinaalee hunda keessatti xumuruudhaan hawaasa baadiyyaa 625,600 fayyadamaa bishaan dhugaatii taasisa.

  • Piroojeektii kana dhuma bara baajataa kanatti Waxabajjii 30/2008 irratti xumursiisuuf wantoonni guutamuu qaban akkaataa armaan tarreeffamanii jiru.

BBAIO

    • Meeshaalee dhiyeessii kan akka Paampii Harkaa yeroon akka dhiyaatuu irratti hojjachuu,

    • Deeggarsaa fi hordoffii teeknikaa kennuu,

    • Nagahee galii fi baasii maallaqaa hojii hirmaannaa hawaasaa dhiyeessa bishaan dhugaatii maallaqa walitti qabamuuf yeroon dhiyeessuu.

Aanaa

    • Hordoffii fi to’annoo hojiilee hirmaannaa hawaasaan raawwataman haala walirraa hin cinneen gaggeessuu,

    • Meeshaalee dhiyeessii Paampii harkaa karaa BBAIO dhiyaatu yeroon hawaasa biraan gahuu,

    • Maallaqa hojii bishaan dhugaatii hirmaannaa hawaasaan hojjatamuuf Buusii maallaqaa, meeshaa fi humnaa haala seera qabeessaa fi iftoomina qabuun hordofuu,

      1. Piroojeektoota Bishaan Dhugaatii Xumursiisuuf Tarsiimoolee Waliigalaa Hordofamuu Qaban:

  • Hojiilee kana hoggansi toorban toorbaniin walgahee xiinxaluudhaan rakkoolee uumamaniif murtee fi kallattii kaa’aa deemuu,

  • Qooda fudhattoonni (Gorsaa, Kontiraaktaraa fi BBAIO) waliin tahuudhaan ji’a ji’aan piroojeektoota hojjatamaa jiran qaamaan gadi bu’anii ilaaluu fi deeggarsa barbaachisaa kennaa deemuu,

  • Qabeenya (meeshaalee adda addaa) ijaarsa piroojeekttootaaf fayyaduu danda’an sakatta’uudhaan hanqina dhiyeessi uumame hir’isuu,

  • Rakkoolee dhiyeessi hiikuudhaaf oomisha biyya keessaaf xiyyeeffannaa kennuu fi dhaabbilee oomishaa jiran deeggaruu,

  • Qaamoolee Mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran waliin qindoomina uumuu akkasumas deeggarsaa fi to’annoo wal-irraa hin cinnee caasaalee seektara bishaanii sadarkaan jiraniif kennaa deemuu,

Akka waliigalatti rakkoo bulchinsa gaarii dame bishaan dhugaatii hiikuuf armaan olitti karoorfaman karaa itti gaafatamummaa sadarkaa sadarkaan hordofsiisuun raawwatmuun dirqama ta’a.

      1. Damee Misooma Albuudaa fi Inarjii

Pirojeektoota Paampii Bishanii Human Solari fi Bubbee

Pirojeektoota paampii bishanii human solari fi bubbee lakkofsan 33 ta’an godinalee oromiyaa 7 keessatti uummata 48,128 ta’u akka fayyadamanu taasisu., Proojekti Micro Hydro Powerii Jimmaa Aanaa Shabee Sombo Lakkuu Migira 1 ijaaruudhaan uummata 3985 Fayyadamaa taasisuu, Projeektoota soolarii dhaabbilee Hawaasaa 15 xummuruudhaan uummata16,603 ta’anfayyadamoo taasisuuf bara 2007 keessa jalqabame waan hin xumuraminiif uummatni komiiwwaan adda addaa kaase jira. Komiiwwan kun harkifannaa ijaarsaa, qulqullina projeektii kanaa fi dhiyeessin yeroon dhaqqabu dadhabuu.

Pirojeektoota soolarii mantokkee waldaale 56 ta’an uummata 14,305 ta’an akka fayyadamoo ta’an taasisuu, Proojektoota baayoo gazii 484 xumuruudhaan uummata 2,420 ta’u fayyadamoo taasisuuf wal dura duuban bara 2007 fi 2008 keessatti karoorafaman guutumaa guututti waan hin xumuraminiif komiiwwan adda addaatiif ka’umsa ta’e jira. Komiwwan kana keessaa pirojeektin yeroo xumuramu dhabuu, kiraa sassabdumman keessa jiraachu fi dhiyeessiwwan adda addaa duubatti harkifachuu.

Teeknooloojii inarjii qusatan baballisuudhaan geemoowwan 423974 ta’an raabsuudhaan uummata 2119870 fayyadamoo taasisuu, Proojektii argisiisa inarjii (laboratory of energy)1 ijaarsa xummuruudhaan Uummata Godina 18 tii fayyadamoo taasisuu, Proojektii bishan dhugatii dame Albuudaa tiin gaaggeffamee 2 xummuruudhaan uummata 5962 ta’an fayyadamoo taasisuu,

Tooftalee komiin kun itti hiikamu karoora bulchiinsa gaarii rakkoo kana hundee irraa hiikuu dandad’u qopheessuu, hooggansi sadarkaa biiroo, godinaa fi Aanaa jiru yoomiyyuu caalaa miiraa yeroo hin qabne socho’uudhaa, dhiyeessi sababa adda addaatti harkifataa turee ariitidhaan deebi itti kennun , MGT Unit Bio Gas tarkaaffi hojii irra ari’uu fudhachuun akkasumas koree komaandii poostii biirooo kaase hanga Gandatti hundeessun hojii guyyaa guyyaa hordofun, bajaata gara pirojeektoota kannen jijjirun, dabalatan kontirakterota hojiiwwan kana irratti boba’an marii’achiisun humna guutuu hojii keessa akka galan taasisu, qooda fudhattota waliin marii rakkoo bulchiinsa gaarii fi kiraa sassabdumma hundee irraa hiiku gaggeessun pirojeektoota kanneni xumursiisudhaan uummata naannichaa fayyadamaa taasisuu.


      1. Projeektoota Bira Gahiinsa Humna Elektriksitii (OUEAP)

Projeektoota bira gahiinsa humna elektriksitii gandoota 188 xummuruudhaan uummata 443000 ta’an fayyadama taasisuuf baroota darban keessatti karoorfaman osoo hin xumuramin gara bara 2008 ce’uu isaa irra kan ka’e Godinalee hundaa keessatii komii guddaa fi rakkoo bulchiinsa gaarii ta’e jira. Kanarra ka’udhaan komii rakkoo harkiffanna piroojeektii , rakkoo kiraa sassabdumma, rakkoo qulqullina ijaarsaa fi duubattii harkiffanna dhiyeessi hudhaa gudhaa ta’e muldhate jira.

Dhimmi bulchiinssa gaarii dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’ef tarsiimoowwan rakkowwan kana hundeerra hiiku burqisiisun dirqama ta’a. Qabsoo farra kiraa sassabdumma kan qaama hundaa godhudhan uummata fi qoodaa fudhattota kara guutuu ta’en hirmaachiisu, bakka tarkaffin barbaachisutti tarkaffi fudhachuun kan raawwatamu ta’a. Gama biraatiin dhimmota hudhaa ijaarsa fi dhiyyeessi humna ibsaa hiikuf humni raawwachiisummaa kontiraaktarootaa , waldalee ijaarsa oomisha poolii akka cimuuf rakkoolee jiran adda baasuun leenjii kennuu, deeggaruu fi qindoomina uumuun seeraa fi sirna bulchiinsa kontiraataa bifa iftoomina qabuun hojii irra oolchuu.

Ilaalchaa fi gocha kiraa-sassabdummaa akkasumas maddeewwan rakkoo bulchiinsa gaarii ta’an sadarkaa hundatti sakatta’uun qabsoo gitaan furmaata kennaa deemuu, hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa fi dargaggootaa seektara kana keessatti daran cimsuu, rakkoo komii bulchiinsa gaarii gama tajaajila humna ibsaan hawaasa irraa ka’uuf fooramii uummata ijaaruu fi marii yeroo yeroon gaggeessuun rakkoo gama bulchiinsa gaarii fi kiraa-sassaabdummaa hiikuu, fooramiin uummataa EEU fi OUEAP dabalatee sadarkaa sadarkaadhaan gaggeeffamuu jalqabe haala itti fufiinsa qabuun akka gaggeeffamu taasisuudhaan, waltajjiiwwan gamaggama hojii kanaas idileeffamee sadarkaa Naannootti, magaalaatti, godinaatti fi Aanaaleetti akka gaggeeffamu hojjechuudha.

Gama sagantaa waliin gahinsa humna ibsaa walqabatee komii uummata bal’aa irraa ka’u hiikuuf waajjiraalee bulchiinsaa sadarkaa adda addaa jiranii fi Ministeera BJ fi E waliin dhiyeenyaan hojjachuudhaan furmaata kennaa deemuu, Marii kanaaniis rakkoowwan gurmaa’iinsa, dhiheessii meeshaalee, qindoomina, baajataa, humna namaa fi rakkoo bira gahiinsa daandii fi beenyaatiin walqabatee hiikuun, tajaajila uummata mirkaneessuu.

Rakkoo dhiyeessii soolaarii waliin walqabatee hiikuuf qaamoolee qooda fudhattootaa waliin ta’uudhaan meeshaa qulqullinaan dhiyeessuu irraa hanga suphaatti hojjachuu, dhiyeessitoota soolaarii (Suppliers) faana marii gaggeessuu jalqabame haala itti fufiinsa qabuun gaggeessudhaan soolaarii bal’inaan akka biyya keessa galchan taasisuudhaan fedhiin uummataa akka deebii argatu taasisuu barbaachisa. Kanaaf waltajjii marii dhiheessitoota soolaarii, WLQO, WASSASA Fi dhaabbilee faayinaansii kaan faana gaggeessudhaan furmaata laachuu፣fedhiin uummataa nu harka jiru baay’inni isaa kuma afurii ol ta’u dhiheessitoota faana ta’uun haala mijeessuun akka deebii argatu taasisuudha, hojiiwwan fedhii uummataa bal’ina qabu kana haala deebisuun itti danda’amu irrattai tarsiimoo baafachuudhaan haala dhiheessitootni itti dabalamuu danda’an irratti hojjechuun akkasumas haala hoomishini soolaarii biyya keessatti oomishamuu jalqabamee itti jajjabaatu deeggaruudhaan furmaata akka argatuu taasisuudha.

Ciccitiinsa Humna eleektiriikaa faana walqabate rakkoon hanqina humnaa fi dandeettii humna baachuu sararaa humna elektiriikaa akkuma jirutti karaa feederaalaa hiikachuuf kan hojjetamaa jiru yoo ta’e iyyuu, rakkoo namtolchee iddoo adda addaa irratti calaqqisaa jiru qaama bulchiinsa adda addaa faana qindoomina uumuun furmaata kennuu, raabsaa lakkooftuu Humna elektiriikaa irratti hanqina jiru sababeeffachuudhaan kiraa sassaabdummaa naannoo sanatti calaqqisaa jiru waltajjiiwwan uummataa fi Tarsiimoo kana itti fayyadamudhan proojeektoota kannin hanga waxabajjii 30bara 2008 xumuramaan lakkofsaan 807 yoo ta’u, ummattaa2,656,091fayyadamoo kan taasisu ta’a.

Hojii proojektoota kanaa xumuursisuu fi fayadamummaa ummataa mirkaneesuuf baajata mootummaa naannichaa fi federaalaatiin qabame Qr. 265,782,614 Qabamee jira.

Hojiiwwan misooma inaarjii kana uummata naannichaa karaa bu’a qabeessa ta’een hirmaachisuudhaan gahee isaanii akka bahan taasifamee jira. Hirmaannaan uummataa humna namaatiin kan hirmaatan tilmaama qr. 3,600,800, Qarshiidhaan Qr. 3,872,000 waliigala humnoota misoomaa sadan qindeessuudhaan dargaggoo fi dubartoota naannichaa fayyadamoo taasisuudhaan gahee uummataa Qr. 7,472,800.

Walumagalatti projeektoota 807 xumuursiuu fi tajaajila ummataaf akka kennu gochuuf baajata mootummaa fi hirmaannaa ummataa dabalatee qr. 340,255,414 qabamee jira.

Projeekti karoorffaman kana keessaa 6 ji’a Eblaa, 8 ji’a caamsaa kan hafu ji’a Waxaabajjiixumursiisun uummata fayyadama taasisu. Haala karooraatiin yoo xumuramuu dhabe kan itti gaaffatamuHooggansa sadarkaa sadarkaan jiruu fi Abbotii adeemsa.



      1. Kenna Tajaajila Humna Ibsaa (EEU)

Naannoo keenyaa keessa caasaan EEU Riijinii 11 fi Distirikti 136 kan argamanu yommu ta’anu dhiyeessi transifoormarii, lakkoftuu ibsaa , wadaroo (cable) adda addaa fi pooliwwaan tajaajila ibsaa irratti kan hirmaatanu. Sababoota rakkoo bulchiinsa gaarii irraa kan ka’e teknoolojiiwwan kana kara saffina fi iftooomina qabun dhiyeessan akka hin turin karoora isaan irra hubatamu danda’ame jira.Sababa kanan komiiwwan dhiheessii Tiransfoormarii iftoomina dhabuu, kiraa sassabdumman dhiyeessi lakkooftuu humna elektiriikaa baldhinaan jirachuu, kaffaltii itti fayyadama ibsaa fi rokkowwan pooliin wal-qabatuu hiiku fi rakkoon bulchiinsa gaarii jiraachuu, kenni tajaajila qaamoole kana rakkoo gudda kan qabu fi hojiimatni itti to’atamu karaa guutuu ta’een kan diriiru ta’uu uummatni ifatti kaasaa jira.

Humni Eleektirikaa Itiyoophiyaa rakkoo kana hundee irraa hiikuuf hojimaata haaraa qopheessun, fooramii qoodaa fudhattota waliin gurmeessuu, waltajjii uummataa akka uumamu qooda fudhattoota naannoo wajjin hojjechuf qophii xumuree hojii qabatamaa keessa galee jira

Fedhii uummataa gama tiraansiformariitin, lakkooftuu jiruu adda baasun ji’ootan sadeen hafan keessaatti tiraanisformaridhiyyeessa uummata naannicha fayyadamaa taasisuuf dhiyeessii bara kana karooran adda baafachuun karoora rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuu danda’u qopheeffate jira. Gama lakkoftuu ibsaa dhiyyeessun akka naannoo keenyaattii hangaa Waxaabajjii 30/2008 komii uummata deebii kennuuf karoora hirmaachisa ta’e qopheeffate hojii keessa galee jira.EEU rakkoo dhiyeessi kana hiikuuf dhaabbilee omishitoota tranisformarii waliin marii jalqabuu haala dhiheessiin itti harkiifatu irratti hojjechuu, rakkoo gurmaa’insaa fi caaseffama sektarichaa hiikuudhaaf qo’annoo gaggeessuun qaamoolee dhimmi ilaaluuf dhiyeessuudhaan waliin furmaata kennuu.


      1. Hojiiwwan Misooma Albuudaa Hojjetaman

Misoomaa fi itti fayyadama qabeenya albuudaa qooda fudhattootaa hirmachiisaudhan, labsii, danbii, qajeelfama hojiwwan albuudaa ittiin gaggeeffaman hoji irraa oolchuun shoora dinagdee keessatti taphachu qabu akka bahu taasisu.Ilaalchaa fi gocha kiraasassabdummaa fi maddeewwan rakkoo bulchiinsa gaarii sadarkaa hundatti mul’atu hundeerraa hiikuun hojii seera alumma qabeenya albuudaa irratti gaggeeffamu kara hirmachiisa fi komii adda addaa hiiku dandee’amun raawwachu. Hojii oomisha albuudaa seeraan alaa gaggeeffamu ittisuudhaaf manni maree albuudaa Naannoo hanga Gandaatti jiru qaamoolee seeraa waliin ta’uudhaan leenjii hubannoo cimsu kennuu fi tarkaanfii seeraa fudhachuu dha.

Ilaalchoochota fi gochaa kiraa sassabdumma gaggeessitootni fi qaamoolee sadarkaa sadarkaan jiran irratti hojjachuun bara 2008 keessattii hayyamoota haaraa kennuf karoorfamani raawwachu, hayyamoota haroofamanu kara qulqullina qabun haaromsuun akkasumas maddawwan kiraa sassabdumma hojiiwwan albuudaa adda baasun kara guutuu ta’en ni hordofama. Gama biratin Kenna hayyaamaa waliin wal qabatee iftoominni jiraachuu uumundhan mana mare albuudaa sadarkaa adda addaa irra jiru sochoosudhaan haala arman gdiitti ni raawwatama.

Karoora Bulchiinsa Gaarii Misooma Albuudaa Irratti Karaa Uumaata Hirmaachiseen Raawwachu.Kiraa Sassaabdummaa Madda Irraa Gogsuuf Uummata Sadarkaa Sadarkaan Jiran Hirmaachisuun: Dame uummataa waliin marii gaggeessuun (Ji’aan ), fooremii uummataa uumuun marii gaggeessuu(Ji’aan ), abbootii hayyamaa sadarkaa aadaa irraa hanga guddaa jiran (Ji’aan) mariisisuun, qooda fudhattootaa (Biiroo lafa baadiyyaa fi eegumsa naannoo , IMX, bulchiinsa godinaa, Aanaa fi ganda jiran (Ji’aan), mana mare albuudaa naannoo irraa hanga gandaa jiran, ji’aan gaggessu.

  1. Kiraa Sassaabdummaa Hojmaata Waliin Wal-Qabatan


Kenna hayyamaa waliin rakkoowwan kadasterii waliin wal qabatan Ministeera Albuuda, boba’aa fi gaazii uumamaa, Teelee waliin qindominaan hojjechuun rakkoo gamaa ciccitiinsa fi human interneetii sirreessuun hiikuun ni danda’ama, kenna hayyamaa gama harkifannaa rincica hojjeta biratti mul’atu akkaataa istaanderdii ba’een akka hojjetamu gochuun hambisuun , kennaa hayyama lafa waliin wal qabatu gama BLBEN waliin wal qabatu dafee qulqullaa’ee deebi’ii akka argatu Birroo kana waliin (ji’aan) marii gaggeessuun furmaata kennaa deemuu,

Galii oomisha Albuudaa (rooyaalitii) fi kiraa lafaa irraa argamu akka harca’ee hin hafne Abbaa taayitaa Galiiwwan Oromiaa fi Mistera Albuudaa waliin qindoominaan hojjechuun galiin mootummaa akka ol ka’uu gochuuf ( marii ji’aan ) gaggeessuu, Sirna itti gaafatamummaa fi iftoomina omisha Albuudaa Industrii Itoophiyaa ( EEITI ) hojii irraa olchuu, leenjii fi hubannoo sadrkaa sadrkaan kennudhaan rakkoowwan bulchiinsa gaarii qaamooleen hundi gahe isaan akka bahanu taasiisu

Sababa hoomisha Albuudaa tiin dhiibbaa Naannoo fi hawaasa naannoo irra ga’u Abbaan hayyaamaa lafa Albuda irraa oomishee akkuma jirutti osoo hin haaromsiin waan gad lakkisaa tureef dhiibbaa guddaan ga’uu hubaachuun danda’amee jira .Kana irraa ka’uun hubannoo dabalaataa uumuun haala waliigaltee mallateesseen qaamni hayyama fudhate yeroo yeroon lafa irraa oomishe akka deebisee misoomsu fi ijaarsa misooma bu’uuraa hawaasa naannoof gaggeeffamu keessatti qooda akka fudhatu taasisuun (ji’a ji’aan marii gaggeessuu),

Fedhii Albuuda ijaarsaa qaamolee adda addaa waliin marii’aachuu FKN, Ministeera Ijaarsaa fi Misooma Manneenii, Biiroo Industrii fi Misooma Magaalaa, Abbaa taayitaa daandii itoophiyaa fi oromiyaa akka waliigalaattii fedhiilee albuuda ijaarsaa qaban dursanii akka dhiyeeffatan gochuun kiraa sassabdummaa karaa kana dhufu akka hafu gochuun, galiin kana irraa argamu akka hin qisaasamne yeroo yeroon marii gaggeessuu, (ji’aan). Akka walii galaatti qaama seeraa waliin ta’uun sakatta’iinsa gaggeessuun qisaasama qalii oomisha Albuudaa irraa argamu hambisuu fi qisaasamni qabeenya Albuudaa akka hin raawwatamne sochii gochuun tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa deemuu, (ji’aan). Komandi poostii akka Biiroo irratti hundaa’u akka jirutti ta’e akka damee Albuudaatti ogeessa ramaduun guyya guyyaan rakkoo Bulchiinsa Gaarii irraatti furmaata kenname ganda irraa kasee hanga naannootti jiru funaanuun tarkaanfiin sirreeffamaa fudhachaa deemuu.


  1. Carraa Hojii Uumuu Waliin Wal-qabatee


Dargaaggoo hojii dhaba gara hojiitti galchuuf Biirooo keenyaa gama ijaarsa piroojeektoota bishaaniti, hojiiwwan misooma albuudaat fi ijaarsa fi dhiyeessii human ibsaati carra hojii yeroo fi dhaabbii dargaaggoota fi dubartoota84,663uumudhaan fayyadamumma uummata keenyaa kara hiika qabun ni raawwatam. Rakkoon carraa hojii waliin wal qabate duraan ture qindoomina IMX fi Sektera keenya waliin jiru laafaa waan ta’eef carraa hojii uumuu haala qindaa’een hiikuun hin danda’amne ture.Yeroo ammaa Dameen kun carraa hojii barattootaa yuuniversiitii keessaa ba’anii fi dargaggoota hojii dhablee jiran karaa gama hojii Albuudaa irratti gurmaa’an sadrkaa IMX ‘n ijaaraman, lafa seeraan ala qabamee yeroo dheeraa hoomisha hin gaggeessiin jiran addaa baasuun hojii dhableef akka kennamu sektera IMX waliin ( ji’aan ,kurmaanaa fi waggaan ) marii gaggeessuun kan raawwatamu ta’a.

      1. Hojiiwwan Projektootaa Bara 2009tti Ce’an

Ijaarsi pirojeektoota bishaan dhugaatii baajata mootummaa fi sagantaalee adda addaa kan bulanii fi haaraan kan sadarkaa Biiroo fi Godinaatti hojjatamaa jiran bara baajataa kanatti ijaarsi isaanii sababa adda addaan xumuramuu hin dandeenyee:

  • Pirojektoota bishaan dhugaatii Gandoota hedduu keessaa Mi’oo Gaasaraa Ginniir- Marsaa 2ffaa

  • Pirojeektoota bishaan dhugaatii Hulaa misoomaa -5

  • Pirojeektoota bishaan dhugaatii sadarkaa Godinaatti gaggeeffamu Hagayyaa

  • Pirojeektoota bishaan dhugaatii kan sadarkaa Biiroo Magaaloota-33

  • Pirojeektoota sagantaa galma bar-kumee ykn MDGn hojjataman kan sadrkaa Godinaa-135 fi sadarkaa Biiroo-2

  • Pirojeektoota bishaan dhugaatii haaraa kan sadarkaa Godinaatti gaggeeffaman-108

  • Pirojeektoota dhiyeessa bishaan dhugaatii buufattoota Fayyaa kan sadarkaa Godinaatti gaggeeffaman-14

  • Ijaarsa piroojeektoota sagantaa CoWasH kan hafan 126

  • Saayitoota piroojeektoota eessatti akka argamanii fi maqaa isaanii dokumantii dabalataa (Miiltoo) keessatti tarreeffamanii jiru. Haa ta’u malee, piroojeektoonni kunneen sababa isaan xumuramuu hin dandeenyeen bara 2009 itti ce’aniif:-

  • Piroojeektoonni haaraan bara 2008 eegalaman sadarkaa Godinaatti hojjatamaa jiran qorannoon madda bishaan isaanii kan hin qoratamiin ta’uu,

  • Piroojeektoonni bara 2007 fi isa dura eegalaman iddo tokko tokkotti maddi bishaan isaanii qoratamus bishaan argamuu dhabuu fi maddi qotamees bishaan dhabamuu,

  • Rakkoolee dhiyeessii meeshaalee Eeleektiroo- makaanikaalaa (Paampii, Janareetara, Iswiich boordii, ujummoo fi walqabsiiftuu)

  • Ijaarsi piroojeektii erga eegaleen booda sababa irra deebii dizaayinii (design) review irraan kan ka’e harkifannaan kan mul’atu ta’uu,

  • Misooma Albuudaa

  • Misooma Inarjii



      1. Proojektootaa Damee Inarjii fi Albuda , bara 2009tti Cee’an

Projektoota rakkoowwan adda addaatiin,Hanqina dhiyeessi/Meeshan biyyaa Alaa, hanqina baajatni Feederala irra ramadamuu, hanqina humna raawwachisummaa OUEAP, kontraktaraa fi IMX, hanqinaa meshaaleen soolarii biyya alaa galanuu, Proojeektootni haaluma karoora isaaniin gara bara 2009 ca`aan jirachuu (on going projects), rakkoo ooggansa sagantaa ijaarsa baayoo gaazii naannoo keessatti mul’ate irraa kan ka`e, proojektoonni armaan gaditti tarreeffaman gara bara 2009tti kan darbaniidha isaanis proojeektoota paampii humna Aduu 16, proojektoota soolarii dhaabbilee haawasaa 12, proojektoota Micro-Hydro power fantaallee, projeektoota bira gahiinsa humna elektrikaa 952 fi proojektoota bayoo gaazii 652 bara 2009 keessatti yommu xumuramanu uummata 2,449,045 tajaajila kennuu ni dande’uu.
Akka waliigalatti rakkoo bulchinsa gaarii damee albuudaa fi inarjii hiikuuf armaan olitti karoorfaman karaa itti gaafatamummaa sadarkaa sadarkaan hordofsiisuun raawwatmuun dirqama ta’a.


    1. Yüklə 0,51 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin