Eegumsa Fayyaa
Rakkoolee Bulchiinsa Gaarii akka Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti adda bahanii fi kallattiiwwan farmaataa ka’aman
-
Dhaabbileen fayyaa bakka adda addaatti ijaarsaa irra jiran hundi isaanii yeroo karoorfaman keessatti xumuramu dhabuu fi bu'uraalee misoomaatiin guttamanii yeroon tajaajila hawaasaf kennuu dadhabuu
-
Ka’umsa/maddaa rakkinaalee
-
Ilaalcha fi gocha kiraa sasabdummaa ijaarsaa pirojaktootan walqabatee sadarkaa gaggeessaa fi oggeeyyiibira jiru qabsoo ittiin bul’inaa irraa bilisa ta’ee fi gadi fageenya qabu gaggeessuudhan rakkicha adda baasudhaan tarkaanfii yeroo isaa eeggate fudhachaa deemuu dhabuun rakkoo mul’atuudha
-
Hordoffii fi deeggarsa itti fufiinsa qabu gageessuu fi iddoon harkifanaa fi rakkoon qulqulinna ijaarsaa jirutti tarkaanfii wayitawaa fudhachuu dadhabuu
-
Humna namaa fi meeshalee yaalaa barbaachisoo ta’andursanii guutuurra yeruma ijaarsi xumuramu socha’uun waan mul’atuuf tajaajila yeroon jalqabsiisuuf harkifannaan kan jiruudha
-
Dadhabbinsa kontiraakteerota irraa kan ka’e ijaarsii piroojektoota yeroo waligaltee keessatti xumuramuu dhabuu (ijaarsii yeroo dheeraa fudhachuu),
-
Piroojektoota gurguddo kan akka ijaarsa Hospitaalaa, kontraaktarota sadarka fi humna guddaa qabanin (GC/BC-2 fi isa olii) kan hojjetama ture bara darbe irraa eegalee qajeelfama karaa Ministeera Misooma Magaalaa fi Manneenii federaalaa irraa darbeen foyya’ee humnii fi dandeettiin isaani gadi-aanaa warra ta’eef (GC/BC-5) akka keennamu kallattin waan darbeef ijaarsi hospitaalota waligalteen isaani addaan kutame hundi yeroo amma kontraaktarota kanaaf keenama jira. Kontraaktaronni kun immo humnii isaanii osoo hin cimini kallattidhaan piroojektoota gurgoddo, wal-xaxaa fi humna, muxanno fi gahumsa gudda barbaadan irratti akka bobba’an taasifamuun isaa raawwiin ijaarsaale kun ammaas fooyye akka hin agarsifnee sababa ta’u isa,
-
Qindominni seektaroota giddu jiru laafaawaan ta’eef kontraaktaroota iddo tokkotti rakkoo uumani tarkaanfiin haaluma walfakkaatuun bakka hundattifudhatamaa waan hin jirreefi piiroojekti Mootumma bakka birootti fudhachuudhan iddo addaa addatti piroojektoota heddu qabaachuu fi hogganu dadhabuun rakkoo guddaa harkifannaadhaf sababa ta’eedha..
-
Dorgomaan ijaarsa projeektoota caalbaasii irratti gatii akka malee gadi buusaani dhiyyeessuu irraa kan ka’e humna ijaarsa xumuraanii keessa bahuu dhabuu
-
Ijaarsi dhaabbilee fayyaa (Hospitaala fi Buufata Fayyaa) xumurame gama Biiroo Fayyaatiin bu'uraalee misooma (Ibsaa fi bishaan) galchuuf baajatanii yeroo adda addaa kan qabamee fikeessattuu Korporeeshinni humna Ibsaaf kan kaffalame ta'us Ibsa dhaabbilee fayyaatii galchuun hojii jalqabsiisuu dadhabuu bu’uraalee.
-
Hospitaala haara'a hojii jalqabsisuuf dhaabbatni 'PFSA' haala walgaltee galameen meeshalee yaalaa yeroon galchuu dadhabuu fi kan galees osoo hin dhaabbatiin (Installation) yeroo dheeraa turu (PFSA akkaataa waliigalteetiin bite dhiyeessuu dadhabuu)
-
Rakkoolee Kan Hiikuuf Tarkaanfilee Fudhataman
-
Sirna hordoffi deeggarsaa ijaarsaa piroojeektoota cimsuuf mahandisooni fi Hoggansi Biiroo kilastaridhan piroojektota akka qabatan gochuu fi iddoo ijaarsi pirojektii Hospitaalotaa gaggeeffamu hundatti to’ataa ijaarsaa (site engineer) ramaduun hojiin kun guyyaa guyyaan akka hordoffamuu fi tarkanffiin sirreeffamaa fudhachaa deemuu akkasummaas dhaabbile fayyaa ijaarsi isaani xumurame atattamaan hojii akka jalqaban haala mijeessuu
-
Waligalteen ijaarsa Hospitaalota sadarka Naannootti raawwatus, Hoggansi sadarka Godina fi Aanaa akkaasummaas bakka bu’oonnii uummataanaannichaa adeemsa ijaarsichaa abbumaa fi dhiyeenyaan akka hordofuuf walitti hidhaminsa naannoo irraa kaasee hanga Aanaatti jiru diriirsuu.
-
Rakkoo dhiyeessii meeshalee ijaarsaa tiin walqabatee kontiraakteeroota biratti mul’atuu hiikudhaaf Biiroon kontraaktarootaa fi dhiyeesitoota meeshalee ijaarsawalitti fiduun qindoominaan gahee isaani akka bahaan gochuu.
-
Haaluma kanaan dura jalqabameen marii ittifufinsaan Kontiraakteeroota hundaa waliin taasisuu, kan rakkoo qaban akka rakkoo isaani foyyeeffatan deeggarsa barbaachisoo ta'an hunda kennuu fi kan fooyyeeffachuu hin dandeenyee tarkaanffii sirreeffamaa fudhacha deemuu
-
Seektaroota dhimmi ilaalu kan akka biiroo bishaani,Albuuda fi inarjii, koroporeeshini ibsaa fi dhaabbata PFSA faana karoora waliinii baaffachuun rakkoo hiikuu
-
Hoggaansii ijaarsi dhaabbilee fayyaa yeroon xumuramee hojii akka jalqabu gochuun fayyadamummaa uummata mirkanneessuun hordoffii itti fufinsa qabu gaggeessuu
-
Meeshaleen barbaachisoo ta’aan yeroon bitamee akka galan taasisuu fi kan galee immoo yeroon akka dhaabbatu”timely installation” gochuu
-
Rakkoo ilaalchaa fi gocha kiraa sasabdummaan walqabatee jiru hiikuuf iddoo shakkiin jiruutti sakkata’insaa gaaggeessuun bakka rakkoon qabatamaan mul’atuutti tarkanffiin seeraa akka fudhatamuu taasisuu
-
Yeroo itti hiikamu
Hospitaloota ijaarsi isaanii hanga Waxabajjii 30, 2008 tti xumuramu
-
Hosiptaala caancoo GAONF Aanaa Sulutaa , Hospitaala Mandii, Godina Wallaga Lixaa Aanaa mana Sibuu fi Hospitala Goojjoo Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduu tti kan argaman Gurradhala 30,2008 tti ijaarsi xumuramee tajaajilaaf qophaa’aa jira
-
Hospitaala Gobeessaa Godina Arsii Aanaa Shirkaa hanga Bitootessa 30, 2008 tti ijaarsi isaa kan xumuramuudha.
-
Hospitaala oomoo Naaddaa Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaa Hospiaata Mojoo Godina Shawaa Bahaa, Magaalaa Mojoo, Hospitaala Qarsaa, Godina Arsii Aanaa Munessaa, Hospitaala Asabot Godian Harargee Lixaa Aanaa Mi’eessoo hanga Ebla 30, 2008 ijaarsi isaanii kan xumuramanii dha.
-
Hospitaala Gindoo Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Ammayyaa, Hospiaata Bantuu Godina Shawaa Kibba lixaa Aanaa Tolee Bahaa, hanga Caamsaa 15, 2008 ijaarsi isaanii kan xumuramanii dha.
-
Hospitaala Madda Walabuu Godina Baalee Aanaa Madda Walaabuu hanga Caamsaa 30, 2008 tti ijaarsi isaa kan xumuramuudha.
-
Hospitaala Riferaala Naqamtee Godina Wallagga Bahaa Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee Waxabajjii 30, 2008 tti ijaarsi isaa kan xumuramuudha.
Buufatalee ijaarsi isaanii hanga Waxabajjii 30, 2008 tti xumuramu
-
Ijaarsi Buufatalee fayyaa 92 keessaa kan 84 bara 2007 fi isaan dura jalqabame ni xumuramu
-
Ijaarsii giddu gala baqaqsaani yaalu 31 keessaa kan 27 buufatalee fayyaa (construction of OR block in Health center) keessatti bara 2007 jalqabamee ijaaramaa jiru hanga waxabajjii 30/2008 ni xumuramu
-
Ijaarsa Gamoo dabalataa buufataalee fayyaa 4 bara 2007 keessaa jalqabaman ni xumuramu.
-
Dhaabbileen fayyaa mootummaa keessa qorichi, ri’ejenti laaboratoori fi meeshaleen yaalaa hin hojjatu/ hin jiru jechudhaan tajaajilamaa alatti erga kan jiran ta’u
Hojiileen hanqinna qorichaa fi meeshaalee yaalaa furuudhaaf hojjatamaa turan akkuma jirutti ta’ee dhimmootni ammas akka rakkoo bulchiinsa gaariitti adda bahaan:
-
gochii fi ilaachi kiraa sasabdummaa sadarkaa sadarkaan hoggansaa fi oggeeyyii fayyaa biratti calqisuu kan akka qorichootni osoo mana qorichaa keessa jiru maqaa qorichaa daldaalaatin(brand name) alatti erguu kan akka rakkootti mul’atu hiikuu dhabuu;
-
Ejensiin 'PFSA', dhaabbileen fayyaa fi caasan seektara fayyaa sadarka sadarkaan argamu walitti hidhamani karooraa waliini baafatan rakko dhiyyeessi bu'ura irra hikkuuf hojjechuu dadhabuu
-
Sirni bulchiinsa fi itti gafatamuma dhiyeessii qorichaa walqabate jiru laafaa ta’u irra kan ka’e qisasamni jirachu
-
Ittifayyadama qorichaa irraatti hawaasaaf hubannoo bal’aan Oggeessa dhimmi ilaalatuun kennamaa waan hin jirreef dhimma mirga isaatiif karaa guutuu ta’een akka hin qabsoofne kan godhe ta’u;
-
Baajatni bittaa qorichaa fi meeshalee yaalaa ramadamaa jiruu keessattu dhaabbile fayyaa tajaajjila baay'ee keenannif gahaa ta'uu dhabuu fi Qorichaa fi ri’eejentoota adda addaa gosa fi baay’ina barbaadamuun PFSA fi gabaa irraa argachuu dhabuu.
-
Rakkoolee Kan Hiikuuf Tarkaanfilee Fudhataman
-
Riiformiiwwaan seektara fayyaa jalqabaman sadarka sadarkaan cimee akka itti fufu taasisun rakkoleen ilaalchaa akka hiikacha deemu gochuuf kan dandeesisu leenji haaromsaa fi gamaggamaan walmakatehanga kurmaana 4ffaa bara 2008 fi itti fufiisaan keennuudhaan rakkoo ilaalchaa jiran adda baasuun tarkaanfii barbaachisu ni fudhatama.
-
Sirna hordoffii fi itti fayyadama qorichaa dhaabbilee fayyaa mootummaa keessatti hojiirra akka ooluuf hojimaataa guyyaa guyyaa akka diriiru gochuu;
-
Inisheetivii adda addaa rakkoo dhiyeessii fooyyeessuu danda’aan kan akka sirna bulchiinsa qorichaa qindaawaa ta’e (IPLS), Koree hoggansaa fi yaalaa (DTC), sirna odeefannoo qorichaa (DIC) itti fufinsaan hojii irra oolchuu.
-
Dambi Sirna Odditti fi hordoffii qorichaa (Auditable Pharmaceutical Transaction Service/APTS) KBMNO mirkanaa'ee hojiira olchuu (Haal durewwaan barbachisu kan akka Nagaheewwan adda adda maxxansiisuu, manneen raabsaa fi kuusa qorichaa akkaataa ulaagaa baheetiin qopheesuu fi hospitaala 20 keessaatti akka jalqabamuuf hanga waxabajjii 30 , 2008 tti haala mijeessuu
-
Rakkoo dhiyeessii qorichaa hiikuuf kanaan dura akka biyyaatti dhaabbanni PFSA qoofti dhiyyeessa kan ture haala qabatamaa naannoo keenyaatiin Dhaabbannii Biftuu Adunyaa dhaabbilee fayyaa tiif akka dhiyeessuu murtee kaabinee naannoo hojiirra oolchuun haaluma kanaan dura jalqabameen itti fufiinsaan akka dhiheessan gochuu.
-
Oggeeyyiin ol'aannoo adda addaa(surgeon & Ob/Gyn) fi oggeeyyiin biroo gosa adda addaa(lab, Pharma, X-ray, anesthesia) hin jiru jechudhaani fi kan jiranis baayyeen isaani nama gara kilinika isaanitti dhufe malee isaan argachu waan hin dandeenyeftajaajilamaa gara dhaabbile dhunfaa eerguun hawaasa baasii fi bu'aa ba'ii hin maleef saaxiluu
Hanqinnaaleen Ogeeyyii ol’aanoo adda addaa fi gosoota ogummaa biroo muraasa biratti calanqisu hojii tajaajila fayyaa qulqulinna qabu kennuu irratti rakkoo uumaa turee jira.
-
Madda/Ka’umsa Rakkoolee:
-
Feedhii humna namaa barbaachisuu dursanii adda baasuu dadhabuu
-
Oggeessota olaanoo fi kan biroo baayinni isaanii xiqqaa ta’e tursiisuuf jecha yeroo isaani ilaalcha fi gocha kiraa sassaabdummaa keessa galuun sa’aa hojii mootummaatiin dhaabbilee dhuunfaa adeeman irra darbuu malee hojimaata isaani rakkoo kana keessa akka hin seene gochuu danda’u dafanii hojiirra oolchuu dhabuu, akkasumas neet workii isaani dhaabbilee dhuunfaa waliin uumatan cabsuu irratti hanqinni kan jiru ta’uu
-
Gochaa fi ilaacha kiraa sasabdummaa oggeeyyii bira miira qabsoo gitaa fi hojimaata hojjatoota mootumaa giddu galeessa godhachudhaan sirreessuu dadhabuu
-
Rakkoolee Kan Hiikuuf Tarkaanfilee Fudhataman
-
Kolleejoota Saayinsii Fayyaa fi Yunivarsitilee naannoo keenya waliin ta'uun ogeeyyii gosa hanqina qaban haala adaatiin leenjisuun hojiitti bobbaasuu bara 2008 kana irra jalqabee itti fufiinsaan hojjachuu
-
Oggeeyyiin ol’annoon sa’aa hojii mootummaatti gonkumaa dhaabbilee dhuunfatti akka hin hojjanne hojimaata kana sirreessu hanga xumura kurmaana 4ffaa, bara 2008 tti hojii irra oolchuu fi tarkaanfii sireefamaa fudhachaa adeemuu
-
Riiformiiwwaan seektara fayyaa jalqabamee keessatu RJSS sadarka sadarkaan cimee akka itti fufu taasisu dhan rakkoleen ilaalchaa akka hiikatu gochuu, Inisheetivii hara’a akka biyyaatti ba’e Naamusa ogeeyyii fayyaa cimsuu “CRC” leenji Akaadami Malas keessatti keenama ture bu’ureefachuu ilaalcha isaani sireesudhan kaka’umsi fi kabajini naamusa ogummaa isaan keessatti akka uumamu gochuu
-
Marii addaa oggeeyyii olaanoo kanneen waliin kurmaana 4ffaa bara 2008 irraa eegalee gaggeessuun ilaalcha qaraa adeemuu
-
Oggeeyyii ol’aannoos ta’e gaggeessaa rakkoolee kenninsa tajaajila kana sirreessuu hindandeenyee fi tajaajilamaa baasii hin malleef saaxilaan irratti tarkanffiin haala hojimaata jiruun kan fudhatamu ta’a.
-
Kenninsi tajaajjili fayyaa bakka baay'eetti sadarkaa isaa kan hin eegne, rakko qulqlinna kan qabu fi safina barbaadamuun tajaajjilamaaf kan hin geenye akkasumas tajaajjilamaa kan giddugaleessa hin godhane ta'uu
Kenniinsi tajaajila fayyaa sadarkaa adda addaatti kennamu namuusa ogummaa gonfachuu fi saffisa barbaadamuun kennamuun murtessaadha. Hojii kana dhugoomsuudhaaf riformonni kenninsa tajaajila fayyaa saffisiisanii fi miira tajaajilumma gabbisuu danda’an hojjatamaa turanis hanqinnoonni ijoo rakkoo bulchiinsa gaarii ta’anii adda bahan,
-
Hooggansii sadarkaan jiru meeshalee jijjiramaa kan akka JBAH,SMBKT, RJSS fi kkf akkaataa barbaadameen hojiirra akka olu fi jijjirama barbaadamu akka fidu xiyyeeffannaa kennuun akka hojiirra ooluu gahee isaa irraa eegamu bahuu dhabuu,
-
Humna raawwachisummaa oggeeyyii haala barbaadamuun cimsuufi iddoo muuxxannoon itti argamee yeroon adda baasaani bakka hundatti akka babal’atu gochuun dadhabuun hanqinnoota muudahachaa turan yeroo barbaadametti akka hin hiikamne taasisee jira.
-
Rakkoolee Kan Hiikuuf Tarkaanfilee Fudhataman
-
Hooggansii Rifoormotaaf xiyyeeffannoo kennee hojjetaa mari’achiisudhaan akka hojiirra oolchaan amanisisudhaan hojiitti galchuun haaluma ji’a Guraandhala bara 2008 irraa jalqabameen itti fufsiisuu
-
Hojjetaani fi gaggeessan sadarkaa godinaa kaasee hanga dhaabbilee fayyaatti hojiirra oolchuu isaa sirna hordoffi fi deeggarsaa ji’aa fi kurmaanaan gurraandha 2008 irraa kaasee akka gaggeeffamu gochuu
-
Muuxxannoo mul’atan qindeessudhaan kurmaana 4ffaa bara 2008 irraa eegalee akka babal’atu taasisuu
-
Oggeeyyii fi gaggeessitootni leenji akkaadamii biyyaalessaatti marsa lamaan fudhatan haala qabatamaa naannoo keenyaatiin oggeeyyii sadarkaa godinaa hanga dhaabbilee fayyyaatti argamaniif Ebla bara 2008 irraa jalqabee leenjii akka kennaan gochuu
-
Tajaajilamtoota cisaani yaalamaniif sireen hin jiru jechuu, kan deddebi’ani yaalaman sa’aa 4:00 booda kaardiin hin bahuu jechuun fi Gareen balaa tasaa tajaajila aritidhaan kennuu dadhabuun tajaajilamaan dhaabbilee fayyaa dhuunfatti baasii hin taaneef saaxilamaa jira.
Naannoo Oromiyaatti kutannoo mootumaan keenya qabuun dhaabbileen fayyaa qaqabamaa akka ta’anii fi hawaasni dhiheenyatti tajaajila yeroo barbaadetti akka argatuhojiin bal’inna qabu raawwatamaa ture jira. Haata’u malee tajaajila fayyaa hospitaalota keessaatti tajaajilamaan yeroo hundaa akka argatu gochuu keessatti hanqinnoonni komii ummataa ta’aa turan,
-
Hoggansi dhaabbileewwan fayyaa tajaajila kennaa jiran istaandardii jiruuni fi akkaataa baayina tajaajilamtootan babal’isuu irratti xiyyeefannaan kennamaa jiru akkaataa rakkoon jiruun kan wal hingitne ta’uu
-
Dhaabbilee fayyaa hojimaata fi istaandardi JBAH baheen hojii isaani hingaggeessine irratti qabsoon gaggeeffamaa jiruu fi sirna ittigaafatamummaan akkaataan ittii uumamaa jiru laafaa ta’uu isaa
-
Sirna oli ergiinsaa (referral system) dhaabbilee fayyaa jidduu jiru akka cimuu hojiin akka hoggansaatti hojjatamaa ture laafiinsa waan qabuuf dhukkubsattootni dhaabbilee fayyaa irraa gara dhaabbilee fayyaatti tajaajila malee haalli itti oli gadi naanna’aa oolan jiraachu
-
Oggeessii fayyaa kaka’umsaa hojii fi Miiraa tajaajiltummaa horachuun akkasumas tajaajilamaa ija tokkoon ilaaluu akka danda’an miira wal dorgommii uumuu dadhabuu
-
Rakkoolee Kan Hiikuuf Tarkaanfilee Fudhataman
-
Riiformiiwwaan seektara fayyaa jalqabamee sadarka sadarkaan cimee akka itti fufu taasisu dhan rakkoleen ilaalchaa akka hiikatu gochuu;
-
Dhaabbilee fayyaa tajaajila akkaataa istaandardiini fi baayina tajaajilamaan babal’isuu ( BF 90 fi hospitaala 7) fkn baayina siree ciisichaa dabaluu bara 2008 irraa eegalee kan raawwatamu ta’a
-
Oggeessi Naamusa gaarii akka horatu taasisuuf “CRC” ji’a Eblaa iraa jalqabee hojiirra oolchuun kaka’umsi oggeessota keessatti akka uumamu gochuu,
-
Walitti hidhamiinsa hospitaalaa fi hospitaala jidduu, hospitaalaa fi buufata fayyaa jiddu jiru ji’a Bitoteessaa bara 2008 irraa jalqabee bifa adda ta’een cimsuu
-
Hojjeta iddoo fi gita hojjechuu danda’u irratti ramaduu fi Sirni itti gaafatamummaa sadarka sadarkaan akka hojiirra ooluu ciminnaan hojjatama.
-
Meeshaleen yaalaa tokko tokko dhaabbilee fayyaa(Hospitaala fi buufata fayyaa) keessaa kan hin jirre fi kan jiru keesahis tokkoo tokkoo kan cabani tajaajila kennaa hin jire waan ta’anif tajaajilamaan tajaajila dhabee rakkachaa jirachu
Dhaabbileen fayyaa tajaajila guutuu kennuudhaaf meeshaaleen yaalaa sadarkaa isaanii eeggateen guuttamuun dhimma murteessaadha. Haaluma kanaan Mootummaan xiyyeefannoo kenneen dhaabbilee fayyaa Haarawa ijaarsi isaanii xumuramuun hojii jalqabanii fi dhaabbilee fayyaa buleeyyii hanqinna meeshaalee yaala qaban adda baasuun hojii bal’inna qabu raawwachaa turus hanqinnoonni madda rakkoo bulchiinsa gaarii ta’aa turan,
-
Gaggeessan sektarichaa meeshalee yaalaa irratti toora xiyyeeffannoo godhatee rakkoo jiru adda baasuun itti fufiinsan dhaabbilee fayyaa meeshaan guutuu irratti hanqinni kan jiru ta’uu
-
Rakkoo dandeeti itti fayyadama meeshalee yaalaa fi suphuu irra jiru hiikuudhaf hojiin humna raawwachisummaa cimsuu ittifufiinsan gaggeessuu irratti laafiinsi kan jiru ta’uu
-
Meeshalee yaalaa iddo adda addaatti cacabani ilaalchise hundeerra rakko kana hiikudhaf iddo mijataa meeshaleen itti suphamanii tajaajilaaf ariitiin qophaa’ani mijeessuu dadhabuun rakkoo hoggansa biratti calaqisuudha
-
Meeshalee yaalaa rakkoon dandeetti waan jiruuf yeroon ” install” gochuu dhabuu, Meeshalee yaalaa tiif “spare part” dhabamuu , Meeshalee dhaabbile fayyaa gahee yeroon hojii jalqabsisuu dhabuun komii ummataa guddaa ta’ee jira.
-
Rakkoolee Kan Hiikuuf Tarkaanfilee Fudhataman
-
Gaggeesitootni sadarka sadarkaan jiran xiyyeeffannoo kennaani meeshaleen yaalaa yeroon akka bitamee/suphamee tajaajila kennu gochuu, ogeeyyii “Biomedical” sadarkaa Naannoo fi Godinaalee akkasumas hospitaalota keessatti ramadaman deeggarsa cimaa gochuun haaluma jaqabameen hojii keessa galchuu
-
Rakkoo dandeettii rawwachisummaa ogeeyyii hoggansaa fi suphaa meeshaalee yaalaa cimsuuf “Work shop” meeshaleen walitti qabamee itti suphamu sadarkaa naannotti Wirtuulee Adaamaa fi Naqamtee keessatti bara 2009 irraa eegalee akka dhaabatu gochuu
-
“Leenjii yeroo gabaaba fi dheeraa rakkoo hojiirra hiikuu danda’u Hanga Waxabajjii 30/2008 tti kennuu ( suphaa meeshaa fi akkaataa meeshan ittiin ‘instole” ta’u irratti kennuu)
-
Qindoomina qaamolee PFSA waliin uumuudhaan meeshaaleen yaalaa hanga ammaa Install hintaane adda bahuun akka xumuramanii fi hojii guutummatti jalqaban hanga Waxabajjii 30/2008 taasisuu
-
Rakkoon to’annoo tajaajila fayyaa fi fayyaan walqabatan naannoo keenyaa keessa bal’inaan jirachu irra kan ka’e umatni tajaajila qulqulina hin qabneef saxilamu
Tajaajila fayyaa qulqullinna qabu hojii iirra oolchuuf sirni to’annoo tajaajila fayyaa fi fayyaan walqabatan qindaawaa ciminnaan hojitti hiikuun dhimma murteessaadha.Hojiin kun qindoominna cimaa sadarkaa hundattuu kan gaafatu yemmuu ta’u dhimmoonni akka hanqinna bulchiisa gaarii ilaalamaa turan,
-
Meeshalee nyaataaf dhugaati rakkoo qaban adda bahamee caasaa seektara keenyaa sadarkaa sadarkaan jiruuf eeruun yeroon kennamuus haalli tarkaanffin sirreeffamaa itti fudhatamaa jiru rakkoo kan qabu ta’u
-
Magaalota adda addaa keessatti balfi gogaa fi dhaangala’oon iddoo bakka argannitti gatamaa waan jiruuf hawaasni rakkoo fayyaa adda addaatiif yoo saxilamu akkaatan rakkoo kana hiikudhaaf hoggansi xiyyeefannaa itti kennee socha’aa ture laafiinsa kan qabu ta’uu
-
Ilaalchaa fi gocha kiraa sassaabdumaa kenniinsa heeyyama dhaabbilee fayyaa dhuunfaa, fi ragaa oggummaa oggeeyyii fayyaan walqabatee jiru qabsoo itti fufiinsa qabu gaggeessu irratti hanqinni kan jiru ta’uu fi haalli itti gaafatamummaan akka uumamu taasifamaa jiru laafiinsa kan qabu ta’uu
-
Ilaalchaa fi gocha kiraa sassaabdummaan qabamuun haala istaandardii fi ulaagaa dirireen dhaabbilee fayyaa dhuunfaa qulqullinaan calaluun adda baasuun tajaajila akka kennan gochuurra kan ulaagaa hin guunne akka guutetti fudhachuun tajaajila akka kennan heeyyamni yoo kennamu saamuda fudhachuun tarkaanfi itti fufiinsa qabu gaggeessu irratti rakkoon kan jiru ta’uu
-
Rakkoolee Kan Hiikuuf Tarkaanfilee Fudhataman
-
Meeshalee nyaataaf dhugaati rakkoo qaban eeruun akkuma qaqabeen tarkanffiin sirreeffamaa itti fufiinsaa akka fudhatamaa adeemuu gochuu
-
Balfi gogaa fi dhangala’oon iddoo itti gatamu mannii qopheessa magaala haala akka mijjeessuu gochuu ( Qindoominaan mana qopheessaa waliin hojjachuu Hanga Waxabajjii 30/2008)
-
RJSS hojii keessa galchuu fi haala mijataa qabsoo uumuun ogeessota rakkoo naamusaa fi ilaalchaa fi gochaa kiraa sassabdummaan qabaman irratti tarkaanfiin sirreefamaa fudhatamaa akka adeemu gochuu akkasumas ilaacha qaraa adeemuun kan hojjatamu ta’a.
-
Dhaabbilee fayyaa dhuunfaa hundi qulqullinaan haala ulaagaa jiruun tajaajila kan kennuu danda’u adda baasuuun mirkanneessuu (Hanga Bitoteessa 30/2008)
-
Mariii abbootii qabeenyaa, mana qopheessaa fi abbootii dhaabbilee fayyaa dhuunfaa waliin kurmaanan gaggeessuu
-
Qindoominaan qaamota nageenyaa, mana murtii, abbootii alangaa, polisii, fi qaamota dhimmi ilaalatu wajjiin uumuun olaantummaa seeraa kabachiisuu(Kurmaana 4ffaa bara 2008 keessa)
-
Dhaabbilee fayyaa keessatti maallaqni galii keessa irraa walitti qabamu rakkoo adda addaa tiif saaxilamaa(sasabaan galii guyyaa ,maallaqa qabaan ol’aannaa fi hoggansa dhaabbilee fayyaa biratti qisaasamaa kan jiru ta’u)
Mootumaan humna dandeettii dhaabbilee fayyaa cimsuudhaaf riformii dhaabbileen fayyaa galii ittiin argatanii fi qulqulinna tajaajila fayyaa mirkaneessuuf gahee ola’aanaa qabu akka hojitti hiikamu taasisuun bu’aan abdachiisaan argamee jira. Hata’uu malee qabeenya guddaa gara dhaabbilee fayyaa mootummaatti dhangala’uu fi tajaajila kennan irraa galiin maddu irratti hanqinnoonni qisaasam qabeenya bal’innan kan mul’atuu fi madda rakkoo bulchiinsa gaarii cimaa ta’aa jira. Akaataan rakkoon kun ittiin ifus,
-
Hoggansa fi hojjetoota dhaabbilee fayyaa keessatti rakkoo ilaalchaa fi gochi kiraa sasabdummaa itti fayyadama maallaqa galii keessan walqabatee jiru ilaalchisee sirna ooditii keessa fi alaa cimsuun itti gaafatamummaan akka uumamu gochuu keessatti laafiinsi kan jiru ta’uu, iddoon hanqinni itti argames tarkaanfiin fudhatamaa kan hin jirree ta’u;
-
Humna raawwachiisummaa hojjetoota faayinaansii dhaabbilee fayyaa akkaataa barbaadamuun cimsuun hojiin hojjatame laafiinsa kan qabu ta’uu
Rakkoolee Kan Hiikuuf Tarkaanfilee Fudhataman
Rakkoon kundhimma qabeenya uummataa qisaasessuun walqabatu waan ta’eef furmaata cimaa fi hordooffii addaa dhimma gaafatuudha. Haaluma kanaan,
-
Riiformi jalqabame itti fufiinsaan hojiirra oolchuudhaan sadarkaa sadarkaan rakkoo ilaalchaa hiika deemu
-
Oditiin keessaa fi alaa cimsuun dhaabbileen fayyaa irratti sagantaa idilee fi idileen alatiin oditiin akka gaggeeffamu gochuu fi iddoo rakkoon jirutti tarkanffiin seeraa akka fudhatamu taasisuu
-
Miirri tajaajiltummaa hojjetoota akka dabalu gochuun tajaajila si’ataa, qulqullina qabuu fi yeroo isaa eegate akka kennamu gochuu
-
Sirni ooditii dhaabbilee fayyaa cimuu akka danda’u humna ykn garee abbumaan ooditii seektarichaa gaggeessu danda’u Adoolessa bara 2008 irraa eegalee akka hundaa’e hojii irra oolu gochuu
-
Qindoominaan seektara maallaqaa fi misooma diinagdee waliin hojjaachuu fi sirna hordoffii fi deeggarsaa cimaa diriirsuun hojii irra oolmaa isaa hordofuu
-
Jijjirraa oggeeyyii, ramaddii fi leenjiidhaan wal-qabatee jiru rakkoo hojimtaa fi iftoomina kan qabuu akkasumas kiraasassabdumaaf kan saaxilame ta'uu
Sekterii Fayyaa hojii gahuumsaa fi qulquninna qabu hawaasaaf kennuudhaaf ogeessa naamusaa fi gahuumsa barbaadamu gonfate qabachuun dhimma murtessaadha. Kana malees mirgaa fi dirqamni hojjataa guutummatti hojii irra akka ooluu fi fayyadamumman hawaasaa akkaataa karoorfameen akka rawwatamuun carraaqiin adda addaa taasifamaa turus hanqinnoonni madda komii hojjataa ta’anii fi miidhaa hawaasa irra qaqabsiisuu danda’an,
-
Rakkoo ilaalchaa fi gochaa kiraa sasabdummaa Misooma fi Bulchiinsa Qabeenya Namaa walqabatee jiru kan akka jijjiraa yeroo qajeelfamaan ta’een ala raawwatamaa jiru fi kan biroo adda baasuun qabsoon tarkaanffi sirreffamaa fudhachuu irra ittiin bul’inaan qabamuudhan furmaatni kennamu laafaa ta’uu;
-
Hojimaatni jijjiraa, ramaddii fi qaxarriin oggeeyyii fayyaa dheeraa fi bu'a ba'ii hinbaraachisne kan of keessa qabuu waan ta’eef xiyyeefannaa kennuudhan ariitii barbaachisuun sirreessuu dhabuu;
-
Sirni qabinsa ragaa humna namaa ammayyaawaa ta’e diriiree akka hojjiirra oolu gochuu dadhabuu
-
Ilaalcha fi gocha kiraa sassaabdummaan xaxamuun ramaddiini fi facaatiin oggeessaa fedhii irratti kan hin hundoofnee fi iddoo barbaadamutti kan hin ramadamne ta’ee oso jiruu dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennuudhan sirreessuun hanqina kan qabuudha kana jechuun dhaabbilee fayyaa tokko tokko keessatti ogeeyyiin ogummaa walfakkatuu qaban kuufamani kan jirani fi iddoo biraatti immoo gonkumaa kan hin jirree ta’u;
-
Fedhii humna namaa yeroon adda baaffachuu dadhabuu fi jijjiira yeroo taa’e keessatti gaggeessu dhabuu
Dhimmoonni armaan olitti adda bahan kunneen dhimma sammuu namaa misoomsuu fi quuqama ogeessa keessatti uumuudhaan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessu waan ta’eef kallattiiwwan furmaataa armaan gadiitiin akka itti fufiinsaan hiikkamaan ni taasifama,
-
Rakkoo kiraa sasabdummaa naannoo Jijjiraa, Qacarrii fi Rammaddii Ogeeyyii fayyaatti calaqisuu adda baasaan tarkanffii sadarkaan fudhachuuf sakkata’insi gadi-fageenyaan hanga Caamsaa 30/2008 tti gaggeessuu;
-
Riiformi jalqabame hojiirra oolchuudhaan sadarkaa sadarkaan rakkoo ilaalchaa itti fufiinsaa hiika deemu
-
Hojiimaatni jijjiirraa, ramaddii Iddoo rakkoo qabuutti qajeelfamni akka fooyya’u gochuu keessattuu sadarkaa gadiitti xumuramuu akka danda’u qajeelfamicha hanga Caamsaa 30 bara 2008 tti xumuramun hojii irra akka oolu gochuu
-
Sirni qabinsa ragaa humna namaa ammayyaawaa ta’e diriirsuu fi itti fufiinsaan hojiirraoolchuu
-
Tajaajilli Ambulansii yeroo barbadameetti argachuu dhabuu
-
Ka’umsa/maddaa rakkinaalee
Mootummaan misoomawaan keenya quuqama hawaasaaf qabuufi keessaattuu du’aatii hadholee fi daa’immanii hiri’isuudhaaf Aanalee Naannoo keenyaa hundatti tajaajilli Ambulaansii akka jiraatuu gochuun lubbuun lammii du’a irraa akka baraaramu hojjatamaa turee jira. Hata’uu malee hojii irra oolmaa itti fayyadama Ambulaansota keenyaa irratti dhimmonni madda komii hawaasaa ta’an,
-
Sirna hordoffii fi deeggarsaa cimsuudhan Ambulaansii tajaajila fayyaa haadholeen ala fayyidaa biroo fayyaan ala ta’e irratti hirmaatan itti fufiinsan adda baasu fi tarkaanfii fudhachuu dadhabuun kan jiru ta’uu
-
Baajatni boba’aa fi suphaa Ambulaansiidhaaf qabamu gahaa ta’uu dhabuu fi tajaajilli Ambulaansota adda cicituudhaan komii hawaasni kaasaa kan jiruu ta’uu
-
Konkoolachissa muuxxannoo qabuu qacaruu dhabuu irraa kan ka’e Ambulaansin osoo tajaajila gahaa hin kenniin cacabaa kan jiran ta’u
-
Rakkoolee Kan Hiikuuf Tarkaanfilee Fudhataman
-
Ramaddi fi qacarri konkkolachisa Ambulaansi haala fooya’insa qabuun akkaataa caasa haraa’a ba’eetiin hojechuu irra deebi’ani akka sirreesan gochu
-
Marii uummata ittifufinsa qabu gaggeessuun ittifayyadama Ambulaasii irratti hubannoon akka umaamu gochuun boobbaa isaa akka hordofu taasisu
-
Ambulaansiin tajaajila ummataaf qofa akka oolu dambi MMBMNO bahe hoji irra oluu isaa hordofuu fi hubannoo dambii irratti hanga waxxabajjii 15/2008 tti akka kennamuu gochuu
-
Aanalee fi qaamni dhimmichi ilaalatu baajata gahaa ta’e bitooteessa bara 2008 irraa eegalee akka ramadu gochuu
-
Ambulansii tajaajila irraa eegamuun ala socha’aan sadarkaan adda baasuudhaan iddo rakkoon jirutti tarkanffii fudhachuu fi akka fudhatamu gochuu;
-
Rakkoo qabiinsa fi hoggansa sirna faayinaansi fi qabeenyaa
Mootumaan qabeenyi jiru akka seeraan hojiirra ooluu gochuuf hojiin baayyeen hojjtemaa turee jira. Hata’uu malee qabeenya guddaa seektara fayyaa mootummaa keessa jiru kun qisaasam adda addaatiif saaxilamaa waan jiruuf madda rakkoo bulchiinsa gaarii cimaa ta’aa jira. Akkaataan rakkoon kun ittiin ifus;
-
Rakkoo baajataa akkaataa karoora adeemsalee biroo keessa jiran dhiyeeffatan jiddu galeessa godhateen baajata ramadame sadarkaan iftoomina uumuu dhabuu
-
Baajata gargaarsaa yeroon akka bubu’u gochuu dhabuu
-
Sirni ooditii keessaa akka cimu gochuu dhabuu
-
Ooditi taasifame irratti hunda’uun iftoomina uumuun tarkaanfi fudhachaa adeemuu dadhabuu
-
Qabeenya sadarkaan jiru qulqullinaa galmeessanii beekuu dhabuu
-
Haalli hoggansi bobbaa konkolaataa rakkoof saaxilamaa fi iftoomina kan hinqabne ta’uu
-
Meeshalee ykn dhimmoota hojii mana hojichaa saffisisuuf qarqaaran adda baasuun karooran hogganamuun rakkoon akka hin uumamne gochuu dadhabuu, rakkoo jiruufisi yeroon hiikuu dadhabuu
Rakkoolee Kan Hiikuuf Tarkaanfilee Fudhataman
-
Baajata adeemsaleef ramadame kurmaana 4ffaa bara 2008 irraa eegalee itti fufiinsan beeksisaa adeemuu
-
Baajata gargaarsa guyyaa biiroo dhaqabe irraa akka gadi bu’u gochuun, herregin isaa yeroon akka bu’u ittifufiinsan hordofuu
-
Qabeenyi akka waligalaatti biiroo irraa kaasee hanga dhaabbilee fayyaatti argamu addaan baasuun galmeessaan seeraan qabachuu
-
Hoggansa bobbaa konkolaataa haala komputarized ta’een ykn ” soft ware” dhimma kanaaf ta’u qopheessuun haala iftoomina qabuun akka gaggeeffamu gochuu
Kallattii Raawwii Karoorichaa
-
Damee Hawaasaa Addaan baasuu
Dameewwan hawaasaa akka seektaratti jiru rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuun karoora seektarichi qabate galmaan gahuuf tumsii inni taasisuu ol’aanaa waan ta’eef dame kana haaluma kanaan dura addaan bahee jiruun irra caalaa walitti dhyeenyaan hojii karoorsuu, gamaagamuu fi waliin socho’uudhaan bu’aa eegamu fiduun murteessa waan ta’eef waldaa dubartoota, federashinii dubartoota, waldaa dhaabbilee fayyaa dhuunfaa, qooda fudhatoota biro walinis waltajjii idilee ji’a lamaan gaggeessuun waliin socha’uun rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuun murteessa dha.
-
Hirmaannaa hawaasa fi maamiltootaa cimsuu
Rakkoo Bulchiinsa Gaarii kenninsa tajaajila fayyaatiin walqabatee jiru hiikuunhawaasaa fayyadamaa gochuuf hundaa oli abbummaadhaan isaa hirmaaachiisuun dhimma xiyyeeffannoon itti kanname hojjatamuu qabudha. Kanaaf karaa ijaarsa raayyaa misooma dame dubartootaatiin, raayyaa misooma baadiyyaatiin hawaasaa dangaa hanga daangaatti itti fufinsaan sochoosuun ni barbaachiisa.Kunis kan ta’u danda’u raayyaa ijaaramee haala hojimaataatiin akka wal-gahu gochuun dhimoota rakkoo bulchiinsa gaarii seektaricha keessatti calaqisuu adda baasuu fi akka hiikatu gochuu keessatti hawaasni gahee irraa eegamu akka bahu gochuudha.
Bifuma walfakkatuun rakkoo bulchiinsa gaarii jiru aritidhaan hiikudhaaf konfaransii Ummataa sadarkaa hospitaala fi buufata fayyaatti jalqaba ji’a Ebla, bara 2008 irraa kaasee kurmaana kurmaanaan kan gaggeeffamu ta’a. Akkasummaas yeroo konfaransiin hawaasaa gaggeeffamu keessatti komii fi hanqinaalee hawaasaa biraa ka’an akka galteetti fudhachuudhaan irratti karoorfamee gaaffiin hawaasaa deebii bifa harcaatii hin qabneen itti kenna deemuun barbaachisaadha.
-
Sirna itti gaafatamummaa diriirsuu
Rakkolee Bulchiinsa Gaarii sadarkaan mul’atan hundeerraa gogsuun kan danda’amu sirni itti gaafatamummaa diriire kan hojiirra ooluu yoo ta’eedha. Haata’u malee komiin kenniinsa tajaajilaa fi ijaarsa pirojaktootaan walqabatee yeroo hawaasa irraa dhiyaatu gadi fageenyaan dhimmichaaf xiyyeefannaa kennuudhan haala qabatamaa rakkichaa qorachuudhan deebii hawaasa bal’aadhaf kennuu irra dhageeffatanii irra darbuun furmaata itti kennuu dhabuun rakkoo guddaa seektara keessatti mul’atuudha.Rakkoon kunis sadarkaa gaggeessaa ol’aanaa irraa eegalee hanga raawwataattiittiin bul’innaadhan walqabatee kanmul’atuudha. Kanaaf dhimmi kun kan hiikko hin arganne yoo ta’e fayyadamummaa hawaasa mirkanneessuun waan hin danda’amneef sirna itti gaafatamummaa diriirsuun dhimma yeroo itti kennamuu miti.
-
Tajaajila sadarka sadarkaan kennamaa jiru irratti idddoo hawaasni/tajaajilamaan komii qabutti gaggeessaan/Hojjetaa sadarkaan jiru komiicha adda baasee akkaataa amala komichaatiin deebii quubsaa ta’e hatatamaan qaama komii dhiyyeefateef kennuu qaba.Bakka hatatamaan deebii kennuuf haaladureewwaan barbaachiisaan jiranitti komii dhiyaateef deebii kennuuf yoo baay’ate guyyaa shan (5) caaluu hin qabu. Gaggeessa/hojjetaa yeroo jedhamee kana keessatti deebii kennuu dhiisuudhaan hawaasaa/tajaajilamaa bu’a bahii hin taaneef saaxilee irratti tarkanffii batalaa hojimaata jiruun ni fudhatama.
-
Gaggeessaa/hojjetaa sadarkaan jiran ilaalchaa fi gocha kiraa sasabdummaa keessa jira jedhamee shakkame yeroo guyyaa 15 hin caallee keessatti qulqulla’e iddoo rakkichi mul’ateetti tarkanffiin seeraa akka fudhatamu ni godhama.Gaggeessaan iddoo rakkoon kun adda bahee jirutti tarkanffiin akka fudhatamu hin goonee hojimaata jiruun akka itti gaafatamu ta’a.
-
Sirna Hordoffiifi deegarsaa
-
Sirna hordoffii fi gamaggamaa qindoominaa hanqinaalee fi cimina jiran addaan baasuu danda’u diriirsuudhaan haalawwan jiran yeroo yeroodhaan beekuun hanqinoota jiraniif furmaata kennaa ciminoota mul’atan bifa muuxannoo gaggaariitiin qindeessanii iddoo hunda irratti akka hojiirra oolan gochuu,
-
Hordoffii fi deggarsa ogeessotni torbeedhaan gandatti gad bu’anii taasisan maal irratti fi akkamitti akka ta’e addaan baasuudhaan ergama ifa ta’e oggeessotaaf kennudhaan jijjiirama qabatamaa fidaniin madaalaa deemu;
-
Qindoominni miseensota komaandii poostii sadarka sadarkaan jiru cimee akka ittifufu gochuun, akka qaama tokkootti cheeklistii waliinii qabaachuudhaan hojii seektara fayyaa keessatti rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuuf hojjeetama jirutorbeedhaan hordofaa, deeggaraa, qorachaa fi madaalaa deemuun dhimma murteessadha;
-
Sirni gabaasa komandi poostii seektara fayyaa Biiroo kaasee hanga keellaa fayyaatti torbeedhaan altokko kan gabaafamu ta’a. Biiroon gabaasa kana kan fudhatuu guyyaa kibxataa ta’a.
-
Hospitaloota ijaarsi isaanii Bara 2009 keessa xumuramu
Ijaarsii Hospitaalota 48 Naannoo Oromiyaa Godinaalee adda addaa keessatti gaggeeffamaa jiru Bara 2009 keessa akka xumuramu karoorfamee jira.
-
Hospitaloota ijaarsi isaanii Bara 2009 keessa xumuramu
Ijaarsii gamoo dabalataa Buufata Fayyaa guddattuu 92, Ijaarsa W/Ee/Fayyaa Godina lamaa fi ijaarsa giddugala baqaqsanii yaaluu 140 buufata fayyaa keessatti (construction of OR block in health center) ijaramaa jiru waliigala piroojektoonni hara’a bara 2008 keessa jalqabamee bara 2009 keessa akka xumuramuu karoorfamee jira. Kana malees Humna namaa, farnichara, meeshaa yaalaa, ibsaa fi bishaan hospitaala 3 (Goojjoo, caancoo, mandii) guutuuma jira
Meeshaalee Yaalaa Hospitaalota haaluma xumuramaniin Ejensii PFSA wajjiin meeshaaleen yaalaa akka guuttamuu Bishaaniif Ibsaan Hospitaalotaa jalqabames Ijaarsa wajjiin walitti qindaa’uu akka galuu danda’amu ni hojjatama. Marii kontiraaktaraa wajjiin gaaggefamus ji’oota lama lamaan cimee kan itti fufu ta’a.
-
Hospitaloota ijaarsi isaanii bara 2010 keessa xumuramu
Ijaarsa babal’isuu hospitaalota 10 bara 2008 keessa jalqabame keessa 8 bara 2009 keessa kan xumuruuf kan karoorfamee yoo ta’u hospitaalonni lama (2) bara 2009 fi 2010 keessa xumuruuf karoorfamee jira.
Buufataaleen fayyaa ijarsii waliigala piroojekktii 111 keessa piroojeektonni 11 ijaarsii isaa bara 2009 keessa akka xumuramuu karoorfamee jira.
Akka waliigalatti rakkoo bulchinsa gaarii sektara fayyaa hiikuuf armaan olitti karoorfaman karaa itti gaafatamummaa sadarkaa sadarkaan hordofsiisuun raawwatmuun dirqama ta’a.
Dostları ilə paylaş: |