Qabiyyee Fuula Kutaa Tokko: Seensa 2



Yüklə 0,51 Mb.
səhifə5/14
tarix23.11.2017
ölçüsü0,51 Mb.
#32617
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14

Barnoota


  1. Rakkoolee Ijaarsa Dhaabbilee Barnootaa Ilaalchisee

  • Manneen Barnootaa Qophaa’inaa waggoottan darban jalqabanii yeroo karoorfame keessatti xumuramuu dhabuu irraa kan ka’e komii hawaasaa kan hordofsiisan fi Biiroo Barnoota keessattu immoo A/H/Karooraa fi Pirojektiitiin hordofamaa turan, pirojektoonnii bara 2004 jalqabaman sadi(3): Nansaboo(A/Lixaa), Dabralibaanos(Sh/Kaabaa) fi Bookee(Har/Lixaa) yoo ta’an kan bara 2005 jalqabaman Waatoo(Bul/M/Sabbataa), Bulchaanaa(Bul/Mag/Shaashamannee) fi Bara 2006 kan jalqabaman Gafarsaa noonnoo(Bul/M/Burraayyuu), Diimtuu(Jimma) fi Biilaa(W/Lixaa) hojiin ijaarsa isaanii sababa garagaraatiin harkifate komii hawaasaa kaasisaa kan ture rakkoolee jiran gadifageenyaan qorachuun qaama raawwatus ta’e qaama hordofu waliin walittidhiheenyaan hojjachuun kan rakkoo hammaataa qabu irrattis tarkkaanfii sirreeffamaa fudhachuun hanga waxabajjii 30/2008 xumuramee hojii barnootaa bara 2009f guutummaatti kan qaqqabu dha.

II. Manneen Barumsaa Qophaa’ina hanga Waxabajjii 30/2008tti xumuramuu qaban

Lakk

Maqaa mana

Godina

Bara itti jalqabame

Baayi’ina itti fayyadamaa

Sadarkaa ijaarsi irraa jiru

1

Nansaboo

Arsii Lixaa

2004

480

92%

2

Dabra Liibaanoo

Sh/Kaabaa

2004

480

98%

3

Bookee

Har/Lixaa

2004

480

86%

4

Waatoo

Mag.Sabaataa

2005

480

98%

5

Bulchaanaa Danabaa

Mag.Shaashamanee

2005

480

98%

7

Burraayyuu(Gafarsaa Noonnoo)

Mag/Burraayyuu

2006

480

75%

8

Diimtuu

Jimmaa

2006

480

90%

9

Biilaa

W/Lixaa

2006

480

80%




Ida’ama




3,840






  • Ijaarsa haaraa fi babal’isuu KBB ilaalchisee Koollejjii Ciroo fi Shaambuu ijaarsi isaanii bara 2004 kan jalqabee fi bara 2006tti xumuramuu osoo qabuu harkifachuun hanga yoonaa oso hin xumuramin waan tureef komee hawaasaa kan qaqqabsiise yemmuu ta’u yeroo ammaa raawwiin isaanii KBB ciroo 97% fi KBB Shambuu 95% irra kan gahan A/H/Karooraa fi Pirojektii BBO hordoffii fi deeggarsa walirraa hin cinne taasisuun hanga Wax.30/2008 xumuramee tajaajila guutuuf kan oolu ta’a.



  • Ijaarsa Manneen barnoota Sad.2ffaa bara 2004 jalqabaman sadi(3): Mino(Har/Bahaa), Walii gawoo(GAONF), Matahaaraa(Sha/Bahaa) raawwiin isaanii walduraaduubaan 97%,98% fi 97% irra kan jiran,Bara 2005 Mana Barumsa Baabboogaayyaa(Bishooftu), bara 2006 piroojektoota 16 godinaalee garagaraa keessatti kan argaman raawwiin isaani 85% hanga 97%tti kan jiran hanga wax.30/2008 A/H/Karooraa fi pirojektii fi waajjirri barnoota godinaalee kanneenii waliin ta’uun hordoffii fi deeggarsa ittifufiinsa qabu taasisuu fi qaama dhimma kana ariitiin hin raawwanne irratti tarkaanfii seeraa fi bulchiinsaa fudhachuun xumursiisuun tajaajilaaf kan oolu ta’a.

Manneen barumsaa sadarkaa 2ffaa hanga Wax.30/2008tti xumuraman

Lakk

Maqaa mana

Godina

Bara itti jalqabame

Baayi’ina itti fayyadamaa

Sadarkaa ijaarsi irraa jiru

1

Miinoo

Har/Bahaa

2004

600

97%

2

Walii gawoo

GAONF

2004

600

98%

3

Mata haaraa

Sh/Bahaa

2004

600

97%

4

Baaboo Gooyaa

M/Bishooftuu

2005

650

96%

5

Gibsoo

Sh/K/Lixaa

2006

200

86%

6

Abaay Siluxoo

GAONF

2006

200

90%

7

Sanubatee Shaalaa

Arsii Lixaa

2006

200

90%

8

Doobii

Sh/Bahaa

2006

200

90%

9

Harawwaa

H/Bahaa

2006

200

95%

10

Fichee lakk/2

Sha/Kaabaa

2006

200

90%

11

Elibuukoo

Baalee

2006

200

96%

12

Aniibeentuu

Baalee

2006

200

96%

13

Haqaashaa

Baalee

2006

200

89%

14

Finchaa Baamoo

Baalee

2006

200

96%

15

Yaaboo

I/A/Booraa

2006

200

85%

16

Googeetti

W/Lixaa

2006

200

97%

17

Ciraachaa Mikaa’el

H/Guduruu Wallagaa

2006

200

86%

18

Candoo

Sh/Lixaa

2006

200

95%

19

Leqaa Karraa

Q/Wallaggaa

2006

200

90%

20

Jimmaa Tibbee

Q/Wallaggaa

2006

200

92%




Ida’ama















      1. Rakkoolee dhiheessii waliin walqabatan.

  • Maxxansa fi raabsa kitaabilee barnootaa lakkoofsa barataan maxxansiisuun yeroo barbaadamu keessatti harka barataa fi barsiisaan gahuu irratti hordoffii fi deeggarsi taasifamus laafaa waan ta'eef barataa fi hawaasa biratti komii kaasuu,

  • Bittaaleen raawwataman sadarkaa caalbaasii irraa jalqabee rakkoo iftoominaa fi kiraasassaabdummaa irraa kan ka'e yeroo taa'e keessatti raawwachuu dhabuu meeshaaleen bitamanis qulqullinni isaanii kan gadi bu'e ta'uu,

  • Pirojeektoonni ijaarsa dhaabbilee barnootaa yeroo karoorffame keessattiqulqullinaan xumuramee tajaajilaaf akka oolu hordoffii fi deeggarsi taasifamu laafaa ta'uu,

  • Piroojektii dhaabbilee miti mootummaadeeggartootaan(NGO) hojii barnootaa irratti hojjachuuf waadaa galan qixa karoora isaanitiin hojjachuu isaanii mirkaneessuuf hordoffiin taasifamuu fi xumura piroojektichaa irratti walharkaa fuudhinsa irratti kirasassaabdummaan jiraachuu,

  • Meeshaalee barnootaa qaamolee deeggartootaa(NGOs) adda addaatiin argaman fi baajata mootummaan bitamanii mana kuusaa keessatti kuufaman yeroon adda baasuun faayidaa barnootaaf oolchuu dhabuu,

  • Pilaazimaa fi diishiin akkasumas kompitarootni manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina kessatti guutamuu dhabuu, sirni caalbaasii fi bittaa ilaalchaa fi gocha maxxantummaa fi kirasassaabdummaa irraa bilisa ta'uu dhabuu,

  • Teknoloojii barnootaatti kan ta’e tamsaasni barnootni pilaazimaa manneen barnoota fayyadamoo ta’uu qaban hunda keessatti qulqullinaa fi haala walfakkaatuun kennamuu dhabuu,irraa kan ka’e komiin bal’aan maatii barattootaa fi barattoota biraa calaqqisuu,

  • Manneen barnootaa sad.2ffaa fi qophaa’inaa keessatti ”komputer lab”n dhabamuu fi kanneen jiran keessattis kompiitarrii fi networkiin gahaa ta’e dhabamuu irraa kan ka’e barattoonni fayyadamtoota teknolojii barnootaa ta’uu dhabuun walqabatee komii bal’aan jiraachuu,

  • Manneen barnootaa Tajaajila pilaazimaa dura bu’oonnifi barsiisonni amananii fudhachuun hojiitti jijjiiruu akka danda’aniif hubannoo,amantaa fi kaka’uumsi jiru dadhabaa ta’uu;

  • Bittaa fi tamsaasni Keemikaalotaa, Appaaraatesiin fi Farniicharii barnootaayeroo barbaadamuu fi qulqullinaan fayyadamtoota bira dhaqqabsiisuu irratti maxxantummaa fi kiraasassaabdummaan bal'inaan mul'achuu,

  • Hanqina barsiisotaa, dura bu'ootaa fi supparvaayizarootaa sakkatta'uun adda baasuun akka ramadaman taasisuun irratti rakkoon jiraachuu,

Ka’umsa rakkoolee Kunneenii

  • Rakkoo ilaalchaa fi gocha kiraa sassaabdummaa

  • Rakkoo aantummaa fi quuqama dhabuu

  • Rakkoo eeggattummaa

  • Hanqin dandeetti bulciinsa kontiraataa

  • Hanqina dandeetti dhiheessitoota meeshaalee barnootaa,kontraaktarootaa fi maxxansitoota kitaabiilee barnoota

  • Rakkoo deeggarsaa fi hordoffii

  • Hanqina gaggeessummaa

      1. Rakkoon gahumsa fi dandeetti barsiisootaa fi barattootan walqabatan .

  • Barataan dandeettii isa xiqqaa sadarkicha irraa eegamu(mimimum learning competency) gonffachuu dhabuu irraa kan ka’e barataan bu’ura cimaa barumsa isaatif barbaachisu ijaarrachuu dhabuu,

  • Gahumsi keessoo barnootaa rakkoo adda addaa(haftee, harcaatii fi irradeebii) bal’aa qabaachuu,

Akka waliigalatti rakkoo bulchinsa gaarii sektara barnootaa hiikuuf armaan olitti karoorfaman karaa itti gaafatamummaa sadarkaa sadarkaan hordofsiisuun raawwatmuun dirqama ta’a.

    1. Yüklə 0,51 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin