Qabiyyee Fuula Kutaa Tokko: Seensa 2


Ejensii Interpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaa



Yüklə 0,51 Mb.
səhifə6/14
tarix23.11.2017
ölçüsü0,51 Mb.
#32617
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14

Ejensii Interpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaa




      1. Rakkoolee bulchiinsaa gaarii uumataan ka’aan

  1. Rakkoo hooggansaa adda ba’en

Hooggansi naannoo irraa kaasee hanga aanaattii jiruun hanqina kenniinsa tajaajilaan walqabatuun abbaa dhimmaa deddeebi’uu, murtii attamaa kennuu dadhabuu, rakkoon aangeessuu fi gahoomsuu jiraachuu, qindoominaan hojjechuun dhabamuu fi raayyoomanii socho’uu dadhabuun rakkoo bulchiinsa adda ba’anii dha.

  1. Rakkoo Hojii Dhabummaa adda ba’an

Hojii barbaadotaa ariitii barbaadameen hojitti galchuu dhabuu keessaa iyyuu Eebbifamtootni yunivarsitii fi kolleejjii irraa ba’an ariitii barbaadamun hojiitti galuu dadhabuu irraan kan ka’e hojii dhabdummaanbaay’achuu, dargaggootni baay’een hojii dhabaa ta’u, hojittii waan hingaleef godaansaa seeraan alatiif saaxilamuu rakkoo adda ba’anii dha.

  1. Rakkoo Keenninsaa Tajaajilaa Seera Qabeessummaa IMX mirkaneessuun yeroo dheeraa fudhachuu adda ba’an;

Taajajilaa gurmaa’isaa IMX saffinaa qabuu kennuu keessa iyyuu mooggasni maqaa yeroo dheeraa fudhachuu,haroomsaa eyyamaa daldalaa illachisee hubannoo dhabuu fi Kiliiraansii galiin walqabtee yeroon dhiyeessuu dhabuu irraa kan ka'ee IMXaleen yeroon haroomsaa irraa darbuu fi Kafaltiin tajaajila ragaa galmeesaa fi dambootaa iddoodha iddootti gargar ta’uu fi kaffaltiin qamoolee adda addaa biraatti kanfalaman humnaa ol ta’uu rakkoo adda ba’anii dha.

  1. Haala kenniinsaa Liqii, deebisiisuu fi itti fayyadamaa isaa irrattii rakkoo bulchiinsa gaarii adda ba’an:

Waldaleen gurmaa’inaa isaanii fixan dhibbantaa(%20)qusatan saffinaan liqii argachuu dhabuu,liqii kenname hordoffiin yeroon deebisiisuu dadhabuu,aadaan qusannaa waldaalee IMX akka cimu gochuu dhabuu,waldaaleen liqii fudhatan yeroon fi haalaa waliigalteen deebisuu dhiisuu fiBulchiisonnii magaalaa fi anaaleen hojiidhabdootaa Wabii argachuu hin dandeenyeef wabii ta’uu diduu.

  1. Sirnaa bulchiinsaa fi Ittifayadama Iddoo Omishaa fi gurgurtaa, sheedii fi kilaastarii ilaalchgisee rakoo bulchiinsa gaarii adda ba’an;

Fedhiinfi dhiyeessiin iddoo omishaa fi gurgurtaa(lafaa,sheedii fi kilastarii) walsimuu dhabuu,haallii keenninsaa iddoo omishaa fi gugurtaa iftoomina dhabuu,waldaleen IMX yeroo turtii isaanii xumuran iddoo omishaa fi gurgurtaa gadi lakkisuu diduu  fihaallii itti fayadama idoo oomishaaa fi gurgurtaa akkataa qajeelfamaan ta’uu dhabuu.

  1. Walittii hidhamiinsaa gabaa Seektarootaa mootummaa keessattii kennamuu ilaalchiseerakkoo bulchiinsa gaarii adda ba’an;

Akkaataa dambiitiin sektaroonni mootummaa pirojeektii ijaarsisan fi bittaa raawwattamu irrattii hirmaachisuu diduu,sadarkaa magalotaa fi Analeettii waldaalee muraasaaf irraa deeddibiin gabaa mootummaa kennuu,daangaa maallaqaa bittaa Intarpiraayizootaa maaykiroo fi xixiqqaaf mootummaan naannoo Oromiyaa dambiin eyyamee keessattii dhaabbilee dhuunfaa waliin caal-baasii bittaa mootummaa keessaattii IMX dorgomisiisuu, CPO akkaa dhiyeessan dirqisiisuun dorgommin alaa taasisuu,ulaagaalee intarpiraayizootaa hin ilaallee sanadaa caalbaasii keessaa galchuun akkaa dhiyeessaan dirqisiisuu fi yoo dhabaan dorgommiin alaa taasisuu fiwaldaalee IMX hojii wal-fakkaataa raawwataniif caal-baasii bittaa mootummaa irrattii ooddeffannoo wal-qixaa ta’ee kennuu dhabuu dha.

  1. Rakkoo dhiyeessii wajjiin walqabatee IMXleen Seektaraa manufakcharingii irrattii bobba'an Kilastariittii fayyadamuu dhabuu/Kilastaroonnii yeroon hojii jalqabuu dhabuun rakkoo bulchiinsa gaarii adda ba’an;

Kilastarootaa ijaaraman keessattii magaalonnii ibsaa galchuuf kaaffaltii yoo rawwatan illee humnii ibsaa galchuu diduu, magaoonnii tokko tokkoo kaffaltii ibsaa fi bu'uralee misoomaa diriirsuu dhabuu,hordoffii ijaarsaa kilastaroottii irrattii rakkoo qindoominaa jiraachuu,/EMMNO, IMX, Bulchiinsaa Magalotaa, Caasaa MMDO gara gadii fi Ogeessotaa BIMMO/Consultancy/ gidduu rakkon jirachuu fidhiyeessii mashinaraa Kampanii liiziitiin yeroo fi gatii madalawaa ta'een dhiyaachuu dhabuu dha.

      1. Rakkoolee bulchiinsa gaarii hangaa Waxabajjii 30/2008 hiikuuf qabaman




  1. Rakkoo hojii dhabummaan walqabuu komii guddaa dargaggootaa fi hawaasaa bal’aa ta’uun adda ba’ee jiraa. Rakkoon kun akka mootummaa naannoo keenyaatti xiyyeefannaa kan argatee yoo ta’uu, caasaan rawwatootaa IMX 4n (IMX, BLTO WALQO fi WADFMKO) kallatti mootummaan kennamee ka’umsaa godhachuun karoora carraa hojii haalaa addaatiin ittiin umamuu qopha’eera. Haalumaa kanaan rakkoo hojii dhabdummaa hiikuuf hojii dhabdootaa yeroo ammaa galma’anii jiran 832,769 deegarsaa paakeejii guutuu ta’ee argatanii hojitti akka galn xiyyefannan itti kennamee kan hojetamuu yoo ta’uu, kana keessaa ebbifamtootaa Yunivarisitii fi BLTOf 21,349 ta’anuuf xiyyeefannaa addaa kennuun carraa hojii akka umamuuf taasiisuun koomiin dargagootaa akka hiikkatuu ni hojetamaa.


Qamma rakoo kana hiikuu:IMX, WALQO, BLTO, WADMFKO (Naannoo, Godinalee, Magaaloota, Aanaa fi WKTIT if Adeemsa hojii dhimmi ilaalu,

Yeroo Rakoon itti Hiikaamuu: Bitotessaa hanga Waxabajjii30, 2008 yeroo ta’u

Tooftaa itti hikaamu immoo:Rawwatootti IMX fi humnoota misooma sadaan Nannoo irra kasee hanga gandaatti jiraan waliin qinda’un akkataa qajelfamaa fi hojimataa ta’en hojji dhabeyyiin akka hojitti galaan hojechuu ,pakeejji deggarsalee ilachisee liqii WALQOn, Leenjji fi TIE BLTOn, Meshalee Mashinii lizii, WADFMKO, Galmessuu, calalii WHG, oditti EMIMXn akka kennaan ta’a. Akkasumas Leenjjii hubannoo cimsuu Rawwatotaa IMXn ni kennamaa.

Rakkoon armaan olitii tarreeffamankun yoo hikkaamuu dhabate kan itti gaafatamuu: IMX,WALQO,BLTO,WADMFKO (Naannoo, Godinalee, Magaaloota, Aanaa fi WKTIT if Adeemsa hojii dhimmi ilaalu,


  1. Haalaa kenninsaa liqii, deebisiisuu fi itti fayyadamaa isaa ilaalchisee komii jiruu hiikuuf karoorfameera. Liqii waldalee IMXf karaa WALQO kan kennamuu yo ta’uu qophii business planii irraa kaasee hanga liqii kennuutti rakkoo kiraa sassabdumaa irraa kan ka’ee koomiin jira. Ariitii barbaadamuun liqii kennuu dadhabuu, liqiin kenname sirnaan funaananii deebisisuu dadhabuu, rakkoo turee dha. Bulchiinsi magaalaa fi Aanaleen hojii barbaadootaaf wabii ta’uu diduu kan mul’atee fi rakkoo ilaalchaan walqabatee qaamni liqii kennuu gaaffii dhiyaateef deebii hatatamaa kenuu dadhabuun waan jiruuf dhimmootaa addaa ba’an kana hiikuuf yeroo karoorfamu,

Qamma rakoo kana hiiku:EMIMXOti Adeemsa Hojii Lizii, Adeemsa Hojii Qusanaa fi Liqii fi WALQOttii Daayireektoreetii dhimmii ilaaluu ta’ee,

Yeroonitti Hiikaamu: Bitotessaa, hanga Waxabajii 2008.haaluma kanaan

Tooftaan itti hikaamu:Qaamolee naannoo kanattii hojjatanuuf ilaalchaa misomawaa fi dimokiratawaa akkaa qabataan leenjii adda adda kennuufii; yoo ta’u IMXn haala kennisaa liqii akkatta qajelfamaan qindesuu, WALQO liqii kennuu dhaan ta’a.

Rakkoon armaan olitii tarreeffamankun yoo hikkaamuu dha bate kan itti gaafatamuu: EMIMXOti Adeemsa Hojii Lizii, Adeemsa Hojii Qusanaa fi Liqii fi WALQOttii Daayireektoreetii dhimmii ilaaluu.


  1. Tajajilaa seeraa qabeesummaa IMX mrikaneessuu keessatti yeroo dheeraa fudhachuu wajjin rakkoo bulchiinsaa gaarii jiruu moggaasaa maqaa fi kaffaltii tajajilaa adda adaatiif kaffalamuu irratti komiin jirachuu isaa ti. Moggasaa maqaa waldalee IMX ilaalchisee yeroo dheeraa fudhachuun waan jiruuf Biiroo Daldalaa fi Misoomaa Gabaa waliin qindoominaan akka hikkatuu ni hojetama. Kaffaltii tajajjilaa adda addaa IMXleen kaffalamuu Biiroo Haqaa Oromiyaa waliin ta’uun humna waldalee IMXtiin wal simee akka foyya’uu qindoominaan ni hojjatama.Bifuma kanaan

Qamma rakoo kana hiiku: EMIMXOti Adeemsaa Hojii Caraa Hojii fi Seera Qabeessummaa fi Biiroo daldalaa fi Misooma gabaa keessattii Adeemsaa dhimmii ilaaluu ta’a.

Yeroo Rakoon kun itti Hiikaamu:Bitotessaa hanga Ebila30 2008. Haluma kanaan Tooftaa itti hikaamu: EMIMXOti Adeemsaa Hojii Caraa Hojii fi Biroon daldala fi misooma gabaa qindomanii kan hojjetaan ta’a. EMIMX akkataa bakka bu’en qindessee rawwataa, Biroon daldalaa seeraan mirkanessa.

Rakkoon armaan olitii tarreeffamankun yoo hikkaamuu dha bate kan itti gaafatamu:EMIMXOti Adeemsaa Hojii Caraa Hojii fi Seera Qabeessummaa fi Biiroo daldalaa fi Misooma gabaa keessattii Adeemsaa dhimmii ilaaluu

  1. Sirnaa bulchiinsaa fi itti fayyadamaa iddoo omishaa fi gurgurtaa wajjin komii jiruu hiikuuf kan karoorfamee yoo ta’uu bulchiinsi sheedii, lafaa IMXf kennamuu fi kilastaroonni sirnaan kennamuu dhabuu, Haalli kenninsaa iddoo omishaa fi gurgurtaa iftoomina dhabuu fi kan kireeffatee itti fayyadamaa turees gadi lakkisuu diduun maddaa komii waldalee IMX ta’eera. Dhimma kanaa sirna qabsiisuuf qaamoolee qindoominaa magalootaa fi seektaraa magalootaa waliin karoorri qindoominaa qopha’eera. Sirna bulchiinsa fi itti fayyadama iddoo oomishaa fi gurgurtaan waliin komii jiru hiikuuf karoorfame keessa tokko shedii waan ta’eef waan ta’uu qabu sheedii 224 seeraan ala qabamanii jiran qulqulleessuun kan itti fufu ta’u akkasumas hojmaatnii fi manu’alii hojichi ittiin hogganamuu akka qopha’uuf karoorfameera.

Qamma rakoo kana hiiku:EMIMXO tii adeemsaa Hojii Ijaarsaa, dhiyeesii fi bulchiinsa iddoo omishaa fi gurgurtaa ta’a.

Yeroo Rakoon Hiikaamu:Bitotessaa 10 hanga Eblaa30 2008.

Tooftaa itti hikaamu: Hojmaata fi qajeefamootaa jiraan sirnaan hojii irra oolchuu fi itti gaafatamummaa Sadarkaan mirkaneessuu.

Rakkoon armaan olitii tarreeffamankun yoo hikkaamuu dhabate kan itti gaafatamuu:EMIMXO tii adeemsaa Hojii Ijaarsaa, dhiyeesii fi bulchiinsa iddoo omishaa fi gurgurtaa.


  1. Walitii hidhaminsaa gabaa seektarootaa mootummaatiin IMX waliin umamuu ilaalchisee koomii bal’aa jiruu hiikuuiif karoorfameera. Tarsiimoo misoomaa IMX keesatti interpiraayizootni akkuma dorgomii jiru moo’achuuf muuxanoo fi dandeetti barbbaachisu kan hin guutane waan ta’eef carraa gabaa mootummaatiin akka deegaraman Dambii deersaa IMX 139/2004 ba’ee hojii irraa jira. Carraa gabaa kana argachuun kaayyoon isaa qabeenya jiru waliin gahuu fi interpiraayizoota gahoomsuun gabaa dhuunfaa keesa akka seenan gargaarsa ka’uumsaa gochuun ala, seeraan ala walfayyaduu akka hin taane, qajeeltoon kan beekamu ta’us seektarootaa hedduu biratti bu’uura kaayyoo isaan hojirra oolaa hin jiru.Akkataa dambiitin seektaroonnii mootummaa piroojeektii ijaarsisanuu fi bittaa raawwattamu irratti hirmaachisuu diduu, sadarkaa magaalotaa fi Aanaleettii waldaalee muraasaaf irraa deeddibiin gabaa mootummaa kennuu, keessaa rakkoolee mul’atanii dha.

Daangaa maallaqaa bittaa intarpiraayizootaa maaykiroo fi xixiqqaaf mootummaan naannoo oromiyaa dambiin eyyamee keessattii dhaabbilee dhuunfaa caal-baasii bittaa mootummaa keessaatti IMX waliin dorgomisiisuu, CPO akkaa dhiyeessan dirqisiisuun dorgommin alaa taasisuu; dhiibbaa jiruu hiikuuf karoorfameera. Haaluma kanaan

  • Qajeelfama deggersa gabaa guddina intarpiraayizoota gidduugaleeffate qopheessuun hatattamaan hojii irra oolchuu,

  • Qaawwaa dambiin deggersa IMX qabu qorachuun bakka foyya’uu qabutti foyyeessuu,

  • Intarpiraayizootni odeeggannoo guutuu akka argatan taasisuu.

Ulaagaalee intarpiraayizootaa hin ilaallee sanadaa caalbaasii keessaa galchuun akka dhiyeessaan dirqisiisuu fi yoo dhabaan dorgommiin alaa taasisuu, waldaalee IMX hojii wal-fakkaataa raawwataniif caal-baasii bittaa mootummaa irrattii ooddeffannoo wal-qixaa ta’ee kennuu dhabuu, kan mul’atee yoo ta’uu, rakkoolee armaan olitti tarreeffaman kana hiikuuf dambii deegersaa IMX 139/2004 fi qajeelfamaa bittaa BMNO MMDOn ba’an ba’an akka walsiman qaamaa dhimmii ilaaluu wajjin qindoominaan ni hojjatamaa.



Qamma rakoo kana hiiku: EMIMXO ttii Abbaa adeemsaa Hojii Misooma Gabaa, fi sirna gabaa.

Yeroo Rakoon kun itti Hiikaamu:Bitotessaa 10, hanga Eblaa 30, 2008 ta’ee Tooftaa itti hikaamu immoo:Karooraa of danda'ameen akka hogganamuu gochuu, Dambii deggersaa IMX irratti seektera mootummaa hubannoo uumuu

Rakkoonkun yoo hikkaamuu dhabate kan itti gaafatamu:EMIMXO ttii Abbaa adeemsaa Hojii Misooma Gabaa, fi sirna gabaa.

Akka waligalatii rakkoolee armaan olitti tarreeffaman yoo hin hiikamin hafan kan itti gaafataman qaamota rakkoo kana hin hiiku jedhamanii ka’amanii dha.



Akka waliigalatti rakkoo bulchinsa gaarii seektara IMX hiikuuf armaan olitti karoorfaman karaa itti gaafatamummaa sadarkaa sadarkaan hordofsiisuun raawwatmuun dirqama ta’a.


    1. Yüklə 0,51 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin