Qabiyyee Fuula Kutaa Tokko: Seensa 2


Ejensii Manaajimantii fi Misooma Lafa Magaalaa



Yüklə 0,51 Mb.
səhifə7/14
tarix23.11.2017
ölçüsü0,51 Mb.
#32617
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   ...   14

Ejensii Manaajimantii fi Misooma Lafa Magaalaa




      1. Rakkoo Kenniinsa Tajaajilaa fi komiiwwan gama ummataatiin yeroo adda addaa ka’aa turanii fi kufamaniin walqabatan



        1. Kenniinsi Tajaajilaan Rakkoolee Walqabatan,

Rakkoowwan kenniinsa tajaajilaan walqabatanii bal’inaan mul’ataa turan ka’umsi bu’uuraa rakkoo ilaalchaa fi gocha kiraasassaabdummaa sektericha keessatti yeroo dheeraaf hooggansaa fi hojjetaa sadarkaan jiran biratti hidda gadifageeffatee ture yoo ta’u, gama biroon ammoo hojmaatnii fi gurmaa’insi kanaafa haala mijaawaa uumaa ture jiraachuun hubatameera. Rakkooleen gama kanaan seektera kana keessatti mul’ataa turan akka agarsiiftuutti kaasuuf,

          • Tajaajilli kennamuu si’ataa, iftoominaa fi haqa qabeessummaa kan hin qabne ta'uu, Kanaan walqabatee tajaajiila keennamaan ifatti beeksisuu dhabuu (yeroo, qulqullinna, kaffalti irra egamuu maal akka ifatii ka'uu dhabuu), Murtii kennuu irratti iftoominii fi haqummaan jirachuu dhabuu, Beeksiisa caalbaasii lafaa iddoo uummataaf ifa ta'eetti maxxaanssuu dhabuu; Sanada caalbasii iddoo qamni sanada bitaate guutee galchee fuulduratti banamuu dhabuu; Sanadaa caalbasii gurguramuu gahaa qopheessuu dhabuu, lafa caalbasiin darbe irratti kaffaltii irraa egamu haala wal fakkaatuun kaffalchiisuu dhabuu;

          • Tajaajila kennamu keessattis dallaala seeraan alaatiin faayidaan walitti hidhamuun matta’aa gaafachuu, kanaaf haala mijeeffachuuf jecha murtee lafarra harkisuu, beellama dheeressuu, abbaa/haadha dhimmaa deddeebisuu, bobbaa dirree fi walgayii sababa godhachuun waajjiratti argamuu dhabuu fi kkf mul’ataa turaniiru.

Dabalataanis, hojmaata ykn tarreeffama hojii seeraan taa’e cabsuun gochootni seeraan alaa fi dararamni tajaajilamtoota kan mul’ataa ture yoo ta’u, akka fakkeenyaatti kaasuuf, lafa qotee/ bulaa fi jiraattota magaalaa abbaa qabiyyee fi qabeenyaa ta’an lafti jaraa misoomaaf yeroo barbaadamu akkaataa seeraatiin mariisisuun beenyaa fi lafa bakka bu’iinsaa osoo harkaan hin gahin lafa gad-lakkisiisuu, erga gadlakkisaniis dafanii raawwachuu dhabuufi deddeebisuu, osoo lafa haala seeraan taa’een komii irraa bilisa hin taasisin caalbaasii fi ramaddiin dabarsuun sababa Kanaan namootni lafti haala Kanaan darbeef lafa osoo harkaan hin gahamin dhamaatii hamaaf saaxilamuu, lafa/iddoo tokko qaama tokkoo oliif qopheessuun ragaa kennuu (overlap) fi kkf bal’inaan mul’taa turaniiru.

          • Sababa Kanaan uummatni mootummaa balaaleffachuun, mootummaan hin jiru, namni itti himatanu eenyu? Gaaffii jedhu kaasaa jiraachuun, qotee bulaa daangaa magaalaa keessaa lafti misoomaaf irraa fudhatamee osoo hin keessummeeffamin hafe ammoo kan sirni darbe nu hin godhin isin afaan keenya dubbachaa lafaan walitti nu gurguraa jirtu jechuun hanga sirnicha balaaleffachuutti haasa’aa jira.

  • Rakkoo kana hiikuuf riifoormii hojiirra oolchuun cimee itti fufuu kan qabu ta’uun akkuma eegametti ta’ee, gurmaa’insa haaraa qoratame keessatti sirnii fi gurmaa’insi sadarkaan Kanaan dura hin turre, sirna sakatta’iinsa qulqullina kenniinsa tajaajilaa fi komiin itti keessummeeffamu hojiirra oolchuun kan furamu ta’ee, kanuma waliinis qaama gahee isaa sirnaan hin bahanne irratti tarkaanfiin fudhatamaa kan deemu ta’a.

  • Rakkoo kun hojii yeroo tokko raawwatamu qofaan kan hiikamu osoo hin taane fufiinsaan tajaajila kennamu foyyeessuun kan walqabatu waan ta’eef, gurmaa’insi haaraan qoratame guyyaa mirkanaa’ee nu gahe irraa jalqabee guyyoota 20 keessatti haaldureewwan raawwatamuu qabanu xumuruun hojiirra ooluu ni jalqaba. Hanga kun ta’utti gurmaa’insuma tureen kenniinsa tajaajilaa ifa gochuun kan socho’amu ta’ee sochii fi foyyaa’insi, akkasumas hanqinootni guyyaa guyyaan mul’atanu adda bahaa akka sirreeffamaa deemanu ni taasifama.

  • Qaamni kana raawwachuuf itti gaafatamummaa qabu hoggansa naannoo irraa kaasee hanga magaalaatti jiruuun ta’a.

          • Hanqina ykn gocha seeraan alaa qabiinsaa fi gurmaa’insa ragaa lafa magaalaa keessatti jiruunis, keessumattuu faayilli/galmeen qabiyyee lafa magaalaa sirnaan gurmaawuu dhabuu, sababa kanaanis galmeen dafee argamuu dhabuu, dhoksuu, akka badu gochuu ykn argamuu dhabuu, ragaaleen murteessoo ta’an keessaa baasuu, ragaa seeraan alaa keessa galchuu, ragaa qabiyyee lafaa seeraan ala uumuun falmii namoota seeraan qabatanirratti geggeessuu fi sodaachisuu, ragaa sobaa ykn dogoggoraa manneen murtiif ykn qaamolee seeraaf kennuun murtee haqaa jal’isuunii fi kanneen biroo kenniinsa tajaajila seektera lafa magaalaa keessatti jiraachuun uummanni bu’aa bahii fi abbaa mirgummaa qabeenya ofii irratti sodaa fi shakkii guddaa keessa galee tureera. Haaluma walfakkaatuunis, lafti magaalaa beenyaan itti kafalame ragaan isaa adda bahee qabatamaa waan hin turreef seeraan ala akka qabamu ta’uun, falmiif mijaawaa waan ta’eef sababa falmii ka’uun qaamni lafti hayyamameef akka hojiitti yeroon hin gallee fi kira sassaabdotaaf haala mijaawaa uumaa jiraachuun rakkoo gama Kanaan mul’ataa tureedha.

          • Kanarraa ka’uun uummatni biyya kana keessa kan jiraachuu danda’u kan humna qabu qofa jechuun, haqa keenya qarshiin nu jalaa gurguramaa jira, qabeenya kiyya kanin harka mootummaatti saamamu erga ta’ee biyya maaliin qaba jechuun hanga abdii kutachuutti kan gahan jiraachuu

  • Rakkoo kana hiikuuf hojmaata qabiinsa ragaa foyyeessuuf hojii faayila gurmeessuu xumuruun hojmaata qabiinsa ragaa foyyeessuun hojmaata seeraan deeggeruun furuuf karoorfameera.

  • Hojiin kun Kanaan dura jalqabamee kan raawwatamaa ture waan ta’eef magaalotni hin xumurin akka xumuranu ni ta’a. Hojmaatni hojiin kun ittiin dhaabbataan sirna qabatu qophaa’ee mirkanaawuun hanga Caamsaa 10,2008 tiitti magaalota bira akka gawu ni taasifama.

  • Hoggansi Ejensii naannoo hojmaata qopheessuun leenjii kennee gadi buusuuf, hoggansi magaalaa ragaa mana galmee gurmeessuu fi hojmaaticha hojiirra oolchuuf itti gaafatamummaa ni qabaata.

          • Hanqina seerota lafaanis walqabatee tajaajillii uummatni magaalaa qabiyyee fi qabeenya ofii irratti gaafataa turus deebisaa osoo hin argatin ture keessaa kanneen muraasa kaasuuf, gaaffii jijjiirraa tajaajila iddoo ykn pirojeektii sababa jijjiirraa pilaanii magaalaatiin uumaman, gaaffii qotee bulaan lafa isaa irratti misooma geggeessuuf dhiyeessaa ture, aangoon komii waliigaltee liizii addaan kutuu irratti dhiyaachaa turan eenyuun akka ilaalamuu qabanu ifatti jiraachuu dhabuun, gama Kanaan rakkoolee mul’ataa turan keessaa isaan muraasa.

  • Hojmaataan/seerotaan kan walqabatu waan ta’eef haaluma gaditti qubee b jalatti ibsameen kan deebii argatu ta’a.

          • Hanqina qophii pilaanii magaalotaan walqabatee magaalota hedduu keessatti pilaaniin magaalichaa yeroo qophaawu tajaajila lafti/iddichi yeroo ammaa kennaa jiru hanga danda’ameen ilaalcha keessa galchuu osoo qabuu tajaajila biroof akka oolu murteessuun waan mul’ataa tureef, abbootii/haadhotiin mirgaa qabiyyichaa akka tajaajila hayyama haaromsuu, misoomsuu, gurguruu, qabsiisanii liqeeffachuu hin arganne taasisaa turuun ala, magaalotni lafa qabanu misooma barbaadamuuf akka hin oolchine gufuu ta’aa tureera.

  • Qophii pilaanii kana irratti uummata hirmaachisuu dhabuu irraa rakkoo madde waan ta’eef, bulchiinsi magaalaa ta’e jedhee lafa isaa nama biroof kennuuf gocha raawwatameedha jechuun ija shakkiitiin ilaaluu fi abbuummaa qabeenyummaan isaa kan jalaa mulqame ta’uu kaasaa jira.

  • Gareen rakkoo kana hiiku addatti hundaa’ee kan socho’aa jiru yoo ta’u, bifa addaatiin hojii kanaaf dursa kennuun kan raawwatamu ta’a.

  • Hojiin kun kan jalqabamee fi kan furamuu jalqabe waan ta’eef hanga waxabajjii 30/2008 tiitti kan xumuramu ta’a.

  • Hojiin kun IPMO tiin kan raawwatamuu fi itti gaafatamummaa isaa ti.



      1. Rakkoowwan Gaaffii fi Komiiwwan lafa Magaalaa Deebisaa Osoo hin Argatin Turan Ilaalchisee

Rakkoowwan kunniinis ka’umsi jaraa kan gubbaatti tuqameen kan walfakkaatu ta’ee, rakkoowwan kun kan yeroo dheeraaf dhaloota umurii magaalotaarraa jalqabee kuufamanii turan, kanneen hojmaata darbee keessatti murtee fi furmaata xumuraa argachuu dhabuun kan rarra’anii turanii fi gaaffii sadarkaa guddinaa amma akka biyyaatti irra gahameen walqabatee fedhii misoomaan kan uumamanii dha. Rakkoowwan kana hubachuuf akka toluuf ibsitoota armaan gadiitiin kanneen gurguddoo kaasuuf yaalameera.

          • Gaaffii ragaa abbummaa mirgaa mirkaneeffachuuf dhiyaachaa turan keessaa, gaaffii ragaa abbummaa qabiyyummaa lafa qonaan/horsiisee bultoota dangaa magaalaa keessa jiranii, qabiyyee durii fi qabiyyee seeraan alaa dambii duraa (Lafa tajaajila mana jireenyaa, dhaabbata oomshaa ykn daldalaa, dhaabbilee amantaa, dhaabbilee mootummaa fi mit-mootummaan qabaman hunda kan dabalatu), lafa seeraan ala babal’ifamee qabamee qabeenyi irra jiruu fi kkf gaaffii deebisuun jalqabamee sababa hanqina seera dhimmi kanaaf bahe keessatti mul’atee fi kan seerichi deebisuu hin dandeenyes waan tureef rarra’ee gaaffii uumataa turee dha.

  • Uummatni rakkoo yeroo dheeraaf turee fi jalqabamee sababa hanqina seeraatiin kan dhaabbate waan ta’eef hojiin kun kan barbaadanu qofaaf raawwatamee nuti hafne jechuu, mana ofii haaromfachuufis ta’ee bifa haaraan foyyeessanii ijaarrachuu waan hin hayyamamneef mirgi abbaa qabeenyummaa akka irraa mulqameetti kaasuun ni mul’ata.

  • Kanaaf, foyaa’insi seeraa kan xumurame waan ta’eef akkuma kaabineen mirkaneesseen leenjii kennuun kan bara kana hojiin isaa ykn deebii kennuun jalqabamu ta’a. Hojiin kun hojii kira sassaabdummaafis saaxilamuu danda’u waan ta’eef karoorri raawwii of danda’e qophaa’ee kan raawwatamu ta’a.

  • Ejensiin naannoo seeroota foyyeessuun leenjii kennuuf, hoggansi magaalotaa hojii kana raawwachuuf itti gaafatamummaa ni qabaatu.

          • Hojmaata darbe keessattis dhimmootni osoo murtee xumuraa hin argatin sababa labsiin liizii haaraan bahuuntiin walqabatee gurmaa’insii fi hojmaatni bulchiinsa lafa magaalaa jijjiiramuun yeroo dheeraaf deebii hin argatin turan keessaa kanneen tuqamuu danda’anu, gaaffii kuufama mana jireenyaa(Backlog) jiraachuu, lafa magaalota keessatti invastimantiif hayyamamanii dirqama irraa barbaadamu raawwatanus ragaa guutuu fi seera qabeessa kanneen hin argatin jiraachuu, komiiwwan waliigalteen liizii addaan cituu irratti dhiyaatan furmaata osoo hin argatin turuunii fi kanneen biroo eeruun ni danda’ama.

  • Rakkoon gaaffii mana jireenyaa yeroo dheeraaf dirqama nurraa eegamu bahannus mootummaan deebii nuu kennuu didee turus amma ammoo erga mootummaan nuuf murteessee booda sababa adda addaa uumuun caasaan mootummaa sadarkaan jiru akka rakkisaa jiru uummatni kaasaa tureera.

  • Rakkoon kun hanqina qajeelfamaa fi humna maallaqaa magaalotaan kan walqabatu waan tureef hanqinni qajeelfamaa kan tajaajila mana jireenyaa kan furame yoo ta’u, kan lafa invastimantii foyyaa’insa seeraan kan ilaalamaa jiruu dha. Qarshii beenyaaf barbaachisu ilaalchisee fayyadamtootni garaagarummaa akka kafalanii rakkoon kun hiikamu kallattiin kaa’ameera.

  • Kan kuufama mana jireenyaa qajeelfamni waan foyyaa’ee irratti hubannoon kennamee gadi bu’eef magaalotni hanga caamsaa 30,2008 tiitti xumuruu qabu.

  • Kuufama mana jireenyaa keessummeessuuf itti gaafatamummaan kan hoggansa magaalaati.

          • Gaaffiiwwan biroo osoo deebisaa hin argatin turan biroon gaaffii lafa misoomaa tajaajila addaa irratti dhiyaatan yoo ta’anu, isaanis gaaffii lafaa hanqina seera liizii amma jiruun keessummeessuuf rakkisaa ta’an, (Fkn, lafa babal’ifannaa pirojektota lafti ramaddiin hin kennamneef, lafa awwaalchaa, gaaffii lafaa qonnaan/horsiisee bulaa lafa hafeef irratti pirojeektota ramaddiin ala keessummeeffamu irratti bobbawuuf dhiyaatanuu fi kkf), gaaffii lafa mana jireenyaa namoota waldaan ijaaramanii (sababa hanqina qajeelfama dhiimma kanaaf baheen), gaaffii lafa amantaa (Sababa Istaandaardiin dhabamuun) kaasuun ni danda’ama.

  • Kunis rakkoo hojmaataan walqabatu waan ta’eef haaluma gubbaatti dhimootni hanqina seeraan walqabatanu itti hiikuuf yaadameen kan raawwatamu ta’a.




      1. Rakkoowwan Dhiyeessa, To’annoo fi Gochoota Seeraan Alaa Lafa Magaalaan Walqabatani Ilaalchisee

Rakkoowwan bulchiinsa gaarii gama Kanaan magaalota naannoo keenyaa keessatti mul’achaa turan bifa sadii kan qabanu yoo ta’anu, kan jalqabaa gaaffii lafaa tajaajila misooma adda addaatiif dhiyaatanii deebisaa osoo hin argatin yeroo dheeraaf turan yoo ta’u, kan lammataa ammoo lafa Kanaan dura misoomaaf abbootii qabeenyaaf darbanii akkaataa seeraa fi waliigaltee galaniin osoo hin raawwatamin jiranu ta’anii bu’aa uummatnii fi biyyattiin qabeenya lafaa murtaa’aa ta’e kanarraa akka hin arganne kan taasisanii dha. Kan dhumaa gochoota seeraan alaa bifa weeraraa fi seera dawoo godhachuun lafarratti magaalota keessatti raawwatamaa turanii dha. Haaluam Kanaan, bifaa fi kallattii rakkoowwan kuniin ittiin mul’ataa turan yoo ilaallu,

  • Dhiyeessa lafa magaalaan rakkoo fi komiiwwan bal’aan fedhii jiraattotni magaalaa kutaalee hawaasa adda addaarraa lafa mana jireenyaan walqabatee dhiyaataa jiru yoo ta’u, hanqina seeraan walqabateen caalbaasiin lafa mana jireenyaaf dhiyaatu irratti namni dorgomu kan hin daangeffamne ta’uu isaatiin kutaan hawaasaa galii gad’aanaa qabu dorgomee akka lafa mana jireenyaa hin arganne kan taasise ta’uun gama tokkoon, gama biraatiin ammoo lafti mana jireenyaa jiraataan magaalotaa rakkoo mana jireenyaa qabanu waldaan gurmaawanii gati xiqqaan ramaddiin argachuu akka hin dandeenye qajeelfamni dhimma kanaaf bahee ture hanqina kan qabuu fi haala qabatamaa humna galii jiraattotaa ilaalcha keessa kan dagate ta’uu isaatiin jiraattootnii fi dargaggootni magaalaa fedhii bu’uuraa ilma namaa kan ta’e rakkoo mana jireenyaaf saaxilamanii argamu. Kanarraa ka’uunis, abdii kutannaan, sirna liizii gara balaaleffachuutti, kanarra darbees rakkoo kana hiikkachuuf gara ijaarsa seeraan alaatti akka bobbawanu sababa ta’aa tureera. Haalli kun ammoo miidhaginaa fi misooma magaalotaa egeree jireenyaa uummatichaa gufachiisuun alatti qisaasama qabeenyaa, rakkoo hawaasummaa fi tasgabbii jirattotaa irratti dhiibbaa hamaa uumaa jira. Kun akkuma jirutti ta’ee, lafti magaalota keessatti misooma adda addaatiif barbaadamu qophii fi dhiyeessi isaa fedhii jiruun walsimuu dhabuu isaatiin gaaffiin misoomaa adda addaa osoo keessummafamin kuufamanii jiru. Kun ammoo misooma biyyattii kan boodatti harkisuu fi carraa misoomaa akka nannoon keenya dhabu gufuu ta’aa jira.

  • Sababa Kanaan uummatni sirna liizii balaaleffachaa jiraachuun, liiziin hiyyeessaaf osoo hin taane kan qabeenya qabuuf kan dhufe, Oromoo lafa isaarraa buqqisuuf kan yaadame ta’uu kaasa.

  • Rakkoo kana hiikuuf adeemsi lafa magaalaa ittiin argachuuf deemamuu qabu dorgommiin ta’uun akkuma eegametti ta’ee dorgomiin kun namoota rakkoo mana jireenya qabanu jidduu qofatti akka ta’u, Kanaan alas kanneen jiranu ammoo waldaan gurmaa’anii ramaddiin akka lafa mana jireenyaa argachuu danda’anu wixineen foyyaa’insi seeraa qophaa’ee kan dhiyaate yoo ta’u, akkuma mirkanaa’een bara kan kan raawwiitti galamu ta’ee hojii fufiinsaan raawwatamuu dha.

  • Hojiin qophii qajeelfama lafaan walqabatuu gama Ejensiin kan xumurame yoo ta’u, adeemsa waldaan ittiin gurmaawu garuu kan Biiroo Industirii fi Misooma Magaalaan qophaawu ta’a. Seerota lafaan walqabatan akkuma mirkanaa’een magaalotaaf leenjii irratti kennuun gahee Ejensii ta’ee, hojiirra oolchuun kan bulchiinsa magaalotaa ta’a.

  • Magaalota naannoo keenyaa keessatti lafti yeroo adda addaa misoomaaf darban akkaataa waliigaltee fi seera jiruun yeroo taa’e keessatti misoomsuu dhabuun miidhaa dachaa lamaa geessisaa jiraachuun rakkoo hubatameedha. Gama tokkoon lafti kun misooma/oomisha duraanii akka dhaabanu ta’uun miidhaa gahaa ture yoo ta’u, misoomni karoorfame raawwatamuu dhabuun bu’aan eegamu akka hin argamnee fi qaama misoomsuu danda’u biroofis akka hin oolle daangessee jira.

  • Uummatni lafa keenya akka hin qotanne nurraa fuutanii abbootii qabeenyaaf kennitanii agabuu bulchaa jirtuu, bu’aan invastimantiin nuuf fide hin jiru jechuun yaada kaasaa jira.

  • Kanarraa ka’uun gareen lama sadarkaa naannootti gurmaa’ee to’annoof akka bobbawu gama tokkoon, gama biroon ammoo magaalotni hojii kana bifa addaan raga sassaabuun akka xiyyeeffannoon raawwatanu kallattii kennuun hrdofunn kan raawwatamu ta’a.

  • Hojiin kun kan jalqabame yoo ta’u, hanga Caamsaa 20 tti xumuruun tarkaanfiin fudhatamee fi fudhatamuu qabu uummataaf ni ibsama.

  • Hoggansa Ejensii fi magaalotaa sadarkaan jiranuun kan hogganamee raawwatamu ta’a.

  • Lafa magaalaa irratti gochoota seeraan alaa raawwatamaa tureen walqabatees rakkoon bal’aan mul’ataa tureera. Lafa magaalaa seeraan ala qabachuun ijaarsa seeraan alaa raawwachuun, seeraan ala babal’isanii lafa qabachuun, bal’inaan kan mul’achaa ture yoo ta’u, gochootni kunniin pilaanii magaalotaa fallessuun kan raawwataman waan ta’aniif dhiibbaan gochi kun misooma magaalotaarratti qabu shalaguuf kan rakkisuu dha. Kun akkuma jirutti ta’ee, seera dawoo godhachuunis gochi seeraan alaa kan magaalota keessatti raawwatamaa jiruun fakkeenya kaasuuf, caalbaasii fakkeessuun lafa dorgommiin ala dabarsuu, caasaa mootummaa fi dallaalli seeraan alaa waliitti hidhachuun maqaa fira jaraan dorgomuun lafa fudhachuun, maqaa qabiyyee duriitiin lafa duwwaa irratti ragaa kennuu, ragaa sobaan lafa qabuu, ijaarsa seeraan alaa irratti sobaan walhimachuun seera qabeessa gochuuf yaaluun, lafa pirojeektota adda addaaf kenname seeraan ala tajaajila jijjiiruu, kireessuu fi kkf bal’inaan mul’ataa turaniiru.

  • Yaadni gama Kanaan uummata irraa ka’u bifa lama kan qabu yoo ta’u, gama tokkoon lafti uummataa seeraan ala saamamuun isaa jireenyaa mootummaa kan shakkii keessa galche ta’uu ibsuun yoo ta’u, gama birootiin ammoo namoota rakkoo mana jireenyaa hin qabneef furmaata kennuu dadhabuu mootummaatiin rakkoo uumamaa jiru waan ta’eef akka sirrii ta’etti kan kaasanu jiru.

  • Rakkoo kan furuuf gama tokkoon babal’ina rakkoo kanaatiif sababa dhimmoota ta’anu furuun fkn, beenyaa qotee bulaa foyyeessuu, mirgaafi dirqama qotee bulaan lafa isaa irratti qabu ifatti kaawuu, magaalotni lafa qabanu hunda lakkaawuun bulchuuf sirna dandeessisu diriirsuu, rakkoo mana jireenyaaf dhiyeessii lafaa foyyeessuu, gama biraatiin ammoo tarkanfii sirreessaa fudhachuun kan raawwatamu ta’a.

  • Hojiin ijaarsa seeraan alaa adda baasuu fi tarkaanfii fudhachuu, dhimmootni seeraan sirraawuu qabanu bara kana hanga Waxabajjii 30, 2008 tiitti kan raawwatamamnu yoo ta’anu kanneen hafan fufiinsaan kan raawwatamanu ta’a.

  • Hojii kanneen raawwachuuf Ejensiin hojmaata baasuuf, magaalotni ammoo abbummaan hojii kanneen raawwachuuf itti gaafatamummaa qabu.



      1. Rakkoolee Bulchiinsa Gaarii Hiikuuf Hojiiwwan/Tarkaanfilee Karoorfaman

Rakkoowwan armaan olitti bulchiinsa gaarii lafa magaalaa naannoo keenyaan walqabatnii tarreeffaman hiikuuf hojiiwwan dandeessisanu yeroo itti raawwatamuu fi hiikamuu danda’anu bal’inaa fi amala rakkoowwanii irratti hundaawuun bakka lamatti qooduun karoorfameera. Kan jalqabaa hojiiwwan hanga dhuma waxabajjii 30/2008 raawwatamanuun rakkoowwan hiikamanuu fi kan lammataa ammo kanneen yeruma walfakkaatu kana keessatti jalqabamanii bara itti aanuttis fufiinsaan raawwatamuuf karoorfameera.

Hojiiwwan Hanga Waxabajjii 30, 2008 tti Jalqabamanii Bara Itti Aanu Keessa Fufiinsaan Raawwataman

  1. Gaaffiiwwan Ragaa Mirkaneessa Qabiyyee Durii fi Qabiyyee Seraan alaa Dambii Duraa



  • Gaaffiin ragaa lafaa kun hojii guyyaa magaalli hundeeffamtu irraa jalqabee raawwatamuu qabu ta’ee osoo jiruu gaaffii yeroo dheeraaf kuufamaa turee fi murtee argatee keessummeessuun erga jalqabameen booda sababa seerri dhimma kanaaf qophaa’ee ture hanqina qabuun akka dhaabbatu ta’eera. Foyyaa’insi seerotaa fi gurmaa’insi hojii kana raawwachuu danda’u kan qoratamee qophaa’e waan ta’eef, hojiin kun bal’ina waan qabuuf bara kana jalqabamee bara itti aanu keessa kan xumuramu ta’a.

  • Bifuma walfakkaatuun ISA dambii liizii duraas kan rarra’ee ture waan ta’eef qophii addaa gochuun bara 2009 keessa kan raawwatamu ta’a.

  • Dabalataanis, ragaa mirga itti fayyadama lafa qonnaa/horsiisee bulaa daangaa magaalaa keessa jiranuu adda baasuun qulqullaa’ee ni kennama.



  1. Qophii Lafaa, Dhiyeessaa fi Hordoffii Lafa Invastimantii

  • Hojiiwwan kanneen walqabatanii hanqinootni mul’achaa turan yeroo tokkotti hojii hojjetamu qofaan kan hiikamu kan hin taanee fi hojiiwwan kunniin hojii dhaabbataan hojjetaman waan ta’aniif hudhaalee gama Kanaan pilaaniin, hojmaataa, gurmaa’insaa fi lacceelloon walqabatanu furuun fufiinsaan hojii raawwatamaa deemuu dha.

  • Haaluma Kanaan, magaalota riiformii keessa galan 39 f qophii lafaa irratti sagantaa babal’ina magaalaa (Urban Expansion) magaalota 5 keessatti jalqabame irratti leenjii kennuun hojiirra oolchuun ni jalqabama.

  • Magaalota riifoormii keessa galan 44 keessatti lafa magaala jaraa keessa jiru lakkaawuun faayila qabiyyee jaraa akkaataa teessuma lafaan gurmeessanu ni taasifama.

  • Dhiheessi lafa mana jireenyaa namoota mana jireenyaa hin qabneef waldaan gurmaa’aniif ramaddiidhaan akka argatanu, kannneen dhuunfaan barbaadanu dorgommii waliin geggeessanuun daangeessuun sirna caalbaasii foyyeessuun hiikuun ni jalqabama.

  • Qonnaan/horsiisee bulaan daangaa magaalaa keessa gale mirgii fi dirqamni qabu seeraan deeggeramee, ijoollee isaa kanneen waliin jiraatanu ta’ee umuriin jaraa gaa’ilaaf gahe dabalatee mana jireenyaaf magaala keessa jiraatanu keessatti argachuu akka danda’anuu fi lafa isaa/ishee irratti hojii invastimantii irratti bobbawuuf fedhii fi dandeettii kan qabanuuf haala mijeessuun hojiirra akka oolu ni taasifama.

  • Rakkoo hubannoo sirna liiziin walqabatee mul’ataa jiru hiikuuf dokimantiin tokko qophaa’ee hoggansarraa jalqabee sadarkaan haga uummata bira gahutti hubannoon irratti ni kennama.

Karoora Bulchiinsa Gaarii Kana Galmaan Gawuuf Hojiiwwan Biroo Raawwatamanu

  1. Gurmaa’insa Ejensichaa Foyyeessuu

Ejensiin kun JBAH qoratee bara 2007 gara dhumaa mirkaneessisee hojiirra oolchuu kan jalqabe ta’us qorannaa isaa irraa jalqabee haala qabatamaa sirna bulchiinsa lafaa biyya keenyaa kan giddu gala godhate ta’uu dhabuu fi saayinsii bulchiinsa lafaa kan dagate ta’ee waan argameef ergama kennameef sadarkaa barbaadamuun bahachuu waan hin dandeessisineef rakkoo bulchiinsa gaarii seektericha keessatti akka cimu gumaacha taasisaa tureera. Kanarraa ka’uun hanqinoota gurmaa’insa keessatti mudatan kanneen irra deebiin qorachuun kan adda bahe waan ta’eef bifa haaraan gurmaa’isi isaa qoratamee dhiyaateera. Haaluma Kanaan, rakkoo bulchiinsa gaarii seektericha keessatti mul’ataa jiranu kana furuuf gurmaa’insa barbaachisu diriirsuun murteessaa waan ta’eef mirkaneessisuun akka hojiirra oolu ni taasifama. Sadarkaan hojiirra ooluu akka danda’u, leenjiiwwannii gurmaa’insa haaraa kana irrattii fi gurmaa’insicha raawwachisuuf qajeelfama dandeessisu qopheessuun magaalota 16 fi godinoota 18 keessaa ogeeyyii fi hoggantoota 110 ta’anuuf leenjiin ni kennama.

Kanuma waliin chaartaariin lammiilees bifa haaraan foyyaa’ee maxxansiisuun hojiirra akka oolu ni taasifama.



  1. Hojmaata Ejensichaa Fooyyessuu

Dambiiwwanii fi qajeelfamootni haaraa qophaa’anii fi foyyaa’an hundi maxxafamanii leenjiin sadarkaan akka irratti kennamu ta’ee hojiirra akka oolanu ni taasifama. Sadarkaa naannootti leenjiin leenjiftootaa hoggantootaa fi hojjettoota 102 ta’anuuf ni kennama.

  1. Hojii Hirmaannaa Uummataa Mirkaneessuuf Hojjetamanu

Hirmaannaan uummataa hojii seektera kanaa galmaan gahuu keessatti bakkeewwan murteessoo ta’an adda baasuun kan raawwatamu yoo ta’u, kanneenis ijaarsa seeraan alaa ittisuu, ragaalee qabiyyee durii waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa hin qabnee fi qabiyyee seeraan alaa dambii duraa adda baasuu, sassaabbii/lakkoofsaa ragaa lafaa/inventory/ fi kenniinsa tajaajila idilee keessatti ta’a. Hojiiwwan kanneen keessatti jiraataan magaalaa dhunfaa fi karaa gurmaa’een hirmaachisuuf hojmaata/seerota hojiiwwan kanneeniif qophaa’anu keessatti ifatti kaawuun hijii fedhan hojjatamu osoo hin taane hirmaannaan uummataa hojii seeraafi hojmaataan deeggeramee raawwatamuu qabu ta’ee kan hojiirra oolu ta’a.

Hojiiwwan Bara 2009tti Ce’anii Fi Hojjatamuuf Karoorfaman

  1. Gaaffiiwwan Ragaa Mirkaneessa Qabiyyee Durii fi Qabiyyee Seraan alaa Dambii Duraa

  • Gaaffiin ragaa lafaa kun hojii guyyaa magaalli hundeeffamtu irraa jalqabee raawwatamuu qabu ta’ee osoo jiruu gaaffii yeroo dheeraaf kuufamaa turee fi murtee argatee keessummeessuun erga jalqabameen booda sababa seerri dhimma kanaaf qophaa’ee ture hanqina qabuun akka dhaabbatu ta’eera. Foyyaa’insi seerotaa fi gurmaa’insi hojii kana raawwachuu danda’u kan qoratamee qophaa’e waan ta’eef, hojiin kun bal’ina waan qabuuf bara kana jalqabamee bara itti aanu keessa kan xumuramu ta’a.

  • Bifuma walfakkaatuun ISA dambii liizii duraas kan rarra’ee ture waan ta’eef qophii addaa gochuun bara 2009 keessa kan raawwatamu ta’a.

  • Dabalataanis, ragaa mirga itti fayyadama lafa qonnaa/horsiisee bulaa daangaa magaalaa keessa jiranuu adda baasuun qulqullaa’ee ni kennama.

  1. Qophii Lafaa, Dhiyeessaa fi Hordoffii Lafa Invastimantii

  • Hojiiwwan kanneen walqabatanii hanqinootni mul’achaa turan yeroo tokkotti hojii hojjetamu qofaan kan hiikamu kan hin taanee fi hojiiwwan kunniin hojii dhaabbataan hojjetaman waan ta’aniif hudhaalee gama Kanaan pilaaniin, hojmaataa, gurmaa’insaa fi lacceelloon walqabatanu furuun fufiinsaan hojii raawwatamaa deemuu dha.

  • Haaluma Kanaan, magaalota riiformii keessa galan 39 f qophii lafaa irratti sagantaa babal’ina magaalaa (Urban Expansion) magaalota 5 keessatti jalqabame irratti leenjii kennuun hojiirra oolchuun ni jalqabama.

  • Magaalota riifoormii keessa galan 44 keessatti lafa magaala jaraa keessa jiru lakkaawuun faayila qabiyyee jaraa akkaataa teessuma lafaan gurmeessanu ni taasifama.

  • Dhiheessi lafa mana jireenyaa namoota mana jireenyaa hin qabneef waldaan gurmaa’aniif ramaddiidhaan akka argatanu, kannneen dhuunfaan barbaadanu dorgommii waliin geggeessanuun daangeessuun sirna caalbaasii foyyeessuun hiikuun ni jalqabama.

  • Qonnaan/horsiisee bulaan daangaa magaalaa keessa gale mirgii fi dirqamni qabu seeraan deeggeramee, ijoollee isaa kanneen waliin jiraatanu ta’ee umuriin jaraa gaa’ilaaf gahe dabalatee mana jireenyaaf magaala keessa jiraatanu keessatti argachuu akka danda’anuu fi lafa isaa/ishee irratti hojii invastimantii irratti bobbawuuf fedhii fi dandeettii kan qabanuuf haala mijeessuun hojiirra akka oolu ni taasifama.

  • Rakkoo hubannoo sirna liiziin walqabatee mul’ataa jiru hiikuuf dokimantiin tokko qophaa’ee hoggansarraa jalqabee sadarkaan haga uummata bira gahutti hubannoon irratti ni kennama.

Akka waliigalatti rakkoo bulchinsa gaarii lafa magaalaa hiikuuf armaan olitti karoorfaman karaa itti gaafatamummaa sadarkaa sadarkaan hordofsiisuun raawwatmuun dirqama ta’a.

    1. Yüklə 0,51 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   ...   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin