Qabiyyee Fuula Kutaa Tokko: Seensa 2



Yüklə 0,51 Mb.
səhifə8/14
tarix23.11.2017
ölçüsü0,51 Mb.
#32617
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   ...   14

Investimantii




      1. Rakkolee Bulchiinsa Gaarii

  1. Gaggeessaa fi Oggeessii sadarkaan jiru Sochii Invastimantii Naannoo keessatti ummanni naannoo Faayidaa argachuu qabu akka argatuuf quuqamaa fi aantummaan hojjachuun dhabuu fi Xiyyeeffannoo kennanii waan hundaa fayyadamummaa ummataa karaa mirkaneessuu danda’uun hojjachuu dhabuu

Komii Uummatni kaasu

  • Rakkowwaan humnaa raawwachistummaa sadarkaa Naannoo irraa hanga Godinalee fi Aanaatti argamanu jirachu

  • Rakkowwaan akka waliigalaatti yeroo ilaalamu sadarkaan isaa wal haa caalu malee rakkoo ilaalchaa fi gocha kiraa sassabduma gaggeessaa fi raawwaataa (siiviilservaantii) Naannoo irraa hanga Godinalee fi Aanaa birratti mul’ataan ta’uu,

  • Hoggantotni sadarkaa Naannoo irraa hanga Gadinalee ,Aanaalee , Adeemsaa fi Qindeessitoonni Garee Adeemsichaa sadarkaan jiran yeroo baayyee hojii duulaa fi walgahiidhaan qabamuun Abbotiin Qabeenyaaf deebii hatattamaa akka hin arganne taasisuu isaa,

  • Hoggansi Adeemsichaa fi Garee sadarkaa jiru qaamolee itti gaafatamummaa isaanii haalan bahuu dhabuun rakkoo bulchiinsa gaarii ta’aniif furmaata kennuu dadhaban irratti tarkaanfii seeraa fi bulchiinsaa( itti gaafatamummaa) akka fudhatamu gochuu dadhabuu;

Tarsiimoo Addaa ittiin hiikamuu

Dandeettii raawwachiisummaa cimsuuf sadarkaa mana hojii ol-aanaatti irraa eegalee hanga sadarkaa Godinaa fi Aanaatti qajeelfamootaa, Istaandaardii fi kilaastarii fi ulaagaalee kenna tajaajilaa irratti leenjii kennuun hubannoo hojjattoota cimsuun itti gaafatumummaa isaanii akka bahan taasiisuu,



  • Qaamaa Raawwatuu

  • Ogeessootaa olaanoo KIO

  • Yeroo itti Raawwatamuu

  • Bitooteessaa 20 irraa hanga Ebla 15tti

  • Qaamaa Itti gaafatamummaa fudhatu

  • Hooggansa olaanoo,Adeemsaalee fi gareewwan dhimmi ilaallatu

  • Sadarkaa Godinaa fi Aanaatti qaamoolee leenjiichaa fudhatee hojii irraa oolchuu dhabee

  1. Bu’aa qabeessumma Pirojektota Invastimantiif xiyyeeffannoon kennamee hojjatamaa waan hin turreef

Komii Uummatni Kaasu

  • Abbotii Qabenyaa waliigalteen lafa isaanii diigame gochaa kiraa sassabdummaa fi naannummaatin hojii ijaarsa akka itti fufanu taasisuu ykn akka nama hin beeknee callisanii bira dabruu

  • Abbotii Qabenyaa lafa duwwaa yeroo dheeraaf qabatanii ta’an gochaa kiraa sassabdummaa fi naannummaatin waliigaltee diiguu dhiisanii akka nama hin beeknee bira dabruu

  • Liqaan Baanki dafee mijaa’uu dhabuu

  • Rakkoo bu’uura misoomaa dafanii mijeessuu dhabuu

  • Lafa Invastimantiif oolu dursanii qopheessuu dhabuu

  • Darggota gurma’anii leenjii argatan qopheessanii carraa hojii akka argatanu taasisuu irratti kan hin hojjatamne ta’uu

  • Tarsiimoo Rakkoon kun ittiin hiikamuu

  • Abbootii Qabeenyaa,Fooramii waliinii mootummaa fi Invastarootaa sadarkaan jiran waliin marii gaggeessu,

  • Abbootii Qabeenyaa lafa fudhatanii yeroo dheeraa teechisan midiyaadhaan waamicha dabarsuun, mariisiisuu fi ofeeggannoo kennu,

  • Abbootii qabeenyaa kallattii kanaan deeggaramee hin sirroofnee qulqulleessuun tarkaanfii hanga waliigaltee kutuun lafa istookiii mootummaatti deebisuu,

  • Qaamaa Raawwatuu

  • Hooggantootaa komishiinichaa,Adeemsa kenna Tajaajilaa fi garee hordoffii fi deeggarsaa sadrkaa KIOtti

  • Wajjiraalee Invastimantii Godinaalee, Koree invastimantii Godinaalee,waajjira invastimantii Aanaalee fi Koree invastimantii Aanaalee

  • Bitooteessa 20 irraa hanga Waxabajjii 30tti.

  1. Tajaajila si’ataa fi qulqullina qabu Abbotiin Qabeenyaa kennuu dhabuun,

  • Komii Uummata;-

Hoggansi Adeemsichaa hojii ‘routein’ ta’e keessatti qabamuun hojii tarsima’aa dagachuu fi pirojeektota invastimantii rakkoo bulchiinsa gaarii ta’an yeroon hordofanii fi qoratanii yeroodhaan tarkaanfii seeraa fudhachuu dhabuu isaanii;

  • Qajeelfamaa fi Ulaagaa kenna tajaajilaa sochii hojii Invastimantii irratti hudhaa ta’an yeroo yeroon sakatta’uun sirreessaa deemuu dhabuu

  • Hoj-maata kenna tajaajilaa irratti gufuu ta’an yeroodhaan sakkatta’anii adda baasuun qoratanii furmaata kennuu dhabuu

  • Tarsiimoo Rakkoon kun Ittiin hiikamu

  • Qaamooleen sadarkaa KIO irraa hanga Aanaatti jiran ummataaf tajaajila si’ataa kennuu dhiisuun hojii lafa irra butan irratti tarkaanfii sirreessa fudhachuu,

  • Hojimaataa kenna tajaajilaa keenyaa irratti gufuu ta’an adda basuun sirreessuun tajaajila si’ataa iftoomina qabu ummataaf kennu,

  • Yeroo Itti hiikamuu

  • Bitooteessa 20 irraa kaasee hanga Waxabajjii 30/2008tti

  • Hojii kun yoo raawwachuu baatee qaamaa itti gaafatamummaa fudhatu

  • Sadarkaa komishiiniitii hooggantootaa olaanaa,Adeemsaalee fi gareewwan,akkasumas sadarkaa Godinaatti waajjira invastimantii Godinaa,koree Invastimantii Godinaa, Waajjira invastimantii Aanaalee fi koree invastimantii Aanaalee

  1. Deeggarsa, Hordoffii fi to’annoon fufiinsa qabu raawwatamuu dhabuun;

Komii Uummatni Kaasu

  • Abbootiin qabeenyaa carraa hojii akkaataa karoora fi waliigaltee isaaniin uumuu dhaban irratti komiin hawaasa jiraachuu

  • Dhaabbatni ykn Abbootii Qabeenyaa muraasni waliigaltee seene dagachuun carraa hojii ogummaa addaa hin gaafannee ummata naannoo pirojektii jiraatanuuf uumuu utuu qabuu sababaa fi qajeelfama addaa qopheeffachuun nama bakka biraa fidanii qaxaruu,

  • Dhaabbatni ykn Abbootii Qabeenyaa baayyeen haala waliigaltee seenaniin kunuunsa naannoo taasisuu fi faalama naannoo bu’uura qorannoo EIA tiin to’achuuf hojiin hojjataa jiranu laafaa ta’uu,

  • Lafa kennameef irratti humna guutuu fayyadamanii omishaa fi omishtummaa guddusuuf hojiin hojjatamaa jiru laafaa ta’uu

Tarsiimoo Rakkooleen kun ittiin Hiikkatan

  • Abbootii qabeenyaa waliin marii gaggeessuun haalaa waliigaltee seenaniin akka hojjatan hordoffii wal irraa hin cinnee gaggeessuu

  • Biiroolee fi Waajjiraalee Dhimma hojjataa fi Hawaasummaa, BLTO akkasumas Seektara IMX sadarkaan jiran waliin marii gaggeessun rakkoolee kanaaf furmaata kennu,

  • Qaamaa Raawwatu

  • Hooggantootaa olaanaa mana hojiichaa,Adeemsaalee fi gareewwan

  • Waajjiraalee fi koreewwan invastimantii Godinaalee fi Aanaalee

  • Yeroo ittii Raawwatuu

  • Bitooteessaa 25 irraa eegalee hanga Ebla 30/2008tti

  • Qaamaa itti gaafatamummaa fudhatu

  • Hooggantootaa olaanaa mana hojiichaa,Adeemsaalee fi gareewwan

  • Waajjiraalee fi koreewwan invastimantii Godinaalee fi Aanaalee

  1. Abbotii Qabeenyaa ykn Dhaabbilee sababoota adda addaatiin yeroo dheeraaf lafa duwwaa techisaanii jiranu 159 adda baasuun tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisu fudhachuu

  • Komii Uummaatni kaasu

  • Lafa invastimantiif kennamee yeroo dheeraaf faayidaa tokko malee dalleessanii kaa’uu

  • Lafa fudhatan osoo hin misoomsiin marga irraa gurguruu

  • Tarsiimoo Rakkoon kun Ittiin hiikamu

  • Dhaabbata Televizyinii Itiyophiyaa fi Oromiyaatti fayyadamuun beeksisa Afaan sadiin qopheessuun A/Qabeenyaa kanneeniif waamicha dabarsuu

  • Abbootii Qabeenyaa,Fooramii waliinii mootummaa fi Invastarootaa sadarkaan jiran waliin marii gaggeessu,

  • Abbootii qabeenyaa kallattii kanaan deeggaramee hin sirroofnee qulqulleessuun tarkaanfii hanga waliigaltee kutuun lafa istookiii mootummaatti deebisuu

  • Qaamaa Raawwatu

  • Sadarkaa komishiiniitii hooggantootaa olaanaa, Adeemsaa Kenna Tajaajilaa fi Bulchiinsaa waliigaltee, fi gareewwan,akkasumas sadarkaa Godinaatti waajjira invastimantii Godinaa,koree Invastimantii Godinaa, Waajjira invastimantii Aanaalee fi koree invastimantii Aanaalee

  • Yeroo Itti hiikamuu

  • Bitooteessa 20 irraa kaasee hanga Waxabajjii 30/2008tti

  • Hojii kun yoo raawwachuu baatee qaamaa itti gaafatamummaa fudhatu

  • Sadarkaa komishiiniitii hooggantootaa olaanaa, Adeemsaa Kenna Tajaajilaa fi Bulchiinsaa waliigaltee, fi gareewwan,akkasumas sadarkaa Godinaatti waajjira invastimantii Godinaa,koree Invastimantii Godinaa, Waajjira invastimantii Aanaalee fi koree invastimantii Aanaalee

  1. Abbotii Qabeenyaa ykn Dhaabbilee sababootaa adda addaatiin ijaarsa xumuraani jiran 22 deeggarsaa fi hordoffii taasisuun rakkoon isaanii addaan baahee hojii qabatamaa keessa akka galaii ni tasifaamaa.

  • Komii Uummaata

  • Pirojektiin maallaqnii guddaan itti bahee sababa bu’uuraalee misoomaa kan akka ibsaa fi dandeetiin hojii osoo hin jalqabin turuu abbootiin qabeenyaa kan kaasaan ta’uu

  • Ummatnis pirojektootnii kun ijaarsa hunda xummuranii oomisha/Tajaajila osoo hin eegallee yeroo dheeraa turuu ni kaasa.

  • Tarsiimoo Rakkoon kun Ittiin hiikamu

  • Qaamoolee dhimmi ilaaluu kan akka humna ibsaa, bishaanii fi daandii waliin marii gaggeessuun furmaata kennuu,

  • Qaamaa Raawwatu

  • Yeroo itti Raawwatu

  • Bitooteessa 25/2008 hanga Waxabajjii 30/2008

  • Qaama itti gaafatamummaa fudhatu

  • Hooggantootaa Olaanaanoo komishiinichaa fi Adeemsa kenna tajaajilaa fi Bulchiinsa waliigaltee KIO

  1. Abbotii Qabeenyaa ykn Dhaabbilee 104 Baadiyyaatti ijaarsa irra jiran fi Abbotii Qabeenyaa ykn Dhaabbilee sababoota adda addaatiin Hojii giddutti kutanii jiranuuf baadiyyaa keessatti 70 ta,an deeggaruun ijaarsa xumursiisun gara hojii qabatamaa keessa akka seenanu deeggaruu, deeggarsaa fi hordoffii taasisuun rakkoo isaanii addaan baasuun hojii qabatamaa keessa akka galaii fi warraa galuu hin dandeenyee irratti immoo tarkanfii sirreessaa fudhachuu



Komii Uummata

  • Abbotti Qabeenyaa ykn Dhaabbilee sababoota adda addaatiin hojii giddutti kutanii ft ijaarssa irraa yeeroo dheeraa turaan kun yoo hojii qabatamaa keessa galaan akkataa Waliigalteen caaraa hojii ummuu batee Malii nuu fayaadaa

  • Deeggarsaa fi hordoffii taasisuun warraa galuu hin dandeenyee irratti immoo tarkanfii sirreessaa fudhachuu maliif dadhaabamee.

  • Tarsiimoo Rakkoon kun ittiin hiikamuu

  • Abbootii Qabeenyaa,Fooramii waliinii mootummaa fi Invastarootaa sadarkaan jiran waliin marii gaggeessu,

  • Abbootii qabeenyaa kallattii kanaan deeggaramee hin sirroofnee qulqulleessuun tarkaanfii hanga waliigaltee kutuun lafa istookiii mootummaatti deebisuu,

  • Qaamaa Raawwatuu

  • Hooggantootaa komishiinichaa,Adeemsa kenna Tajaajilaa fi garee hordoffii fi deeggarsaa sadrkaa KIOtti

  • Wajjiraalee Invastimantii Godinaalee, Koree invastimantii Godinaalee,waajjira invastimantii Aanaalee fi Koree invastimantii Aanaalee

  • Bitooteessa 20 irraa hanga Waxabajjii 30tti. Kallattiin deeggaruun ijarsaa isaan itti fufaan ni taasiifamaa.

  • Baraa 2009 keessaatti ijarsaa xumuuraan oomiishaa/tajajiiaa keennaani ni taassiifama.



  • Hooggantootaa olaanaa mana hojiichaa,Adeemsaalee fi gareewwan

  • Waajjiraalee fi koreewwan invastimantii Godinaalee fi Aanaalee

  1. Abbotii Qabeenyaa ykn Dhaabbilee deeggarsi adda addaa kennamee fi hojii Omishaa/Tajaajila kennuu eegalan keessaa 150 Godinotaa fi magaalota 13 keessatti argamanu kanneen haala waliigaltee seenaniin Fayyadamummaa uummataa mirkaneessaa hin jirre irratti qorannaa gaggeessuun tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisu fudhachuu



  • Komii Uummaata

  • Carraa hojii qabatamaa haala propozala isaanitin uumaa kan hin jirre ta’u,

  • Isuumaa keessaa Carraa hojii qabatamaa haala propozala dhihaateen ummata Naannoo Pirojektii jiraatanuuf uumaa hin jirre ta’u,

  • Abbotii Qabeenyaa ykn dhaabbilee humnaa gadi hojjataa jiranan, malii garagaaruumaan Qotee bulaa irraa qabaan hin jiruu

  • Abbotii Qabeenyaa ykn dhaabbilee gosa Invastimantii fudhataniin ala hojjataa jiru ,

  • Abbotii Qabeenyaa ykn dhaabbilee lafa jallisiin misoomsuuf fudhatanii haala waliigalaniin hin raawwanne ,

  • Abbotii Qabeenyaa ykn dhaabbilee Pakejii deeggarsatin qarxaan alaa (duty Free) meeshaalee akka galfatn taasifaman keessaa kanneen haala waliigaltetin hojiirra hin oolchine jiuruu,

  • Abbotii Qabeenyaa ykn dhaabbilee biqiltuu kunuunsa naannoo eegu hin dhaabnee fi naannoo irratti faalama geessisaa jiranu qorannoon adda baasuun qaamni dhimmi ilaalu tarkaanfii akka fudhatu yaada dhiyeessuu,

  • Tarsiimoo ittiin raawwatu

  • Magaalootaa fi Godinootaa filataman 30 keessaatti qorannoo gaggeessuu

  • Qaamaa Raawwatuu

  • Ogeessoota olaanoo Komishiinichaa, Godinootaa fi Magaalootaa

  • Yeroo Itti Raawwatu

  • Bitooteessa 20 irraa hanga Waxabajjii 30tti.

  • Qaamaa itti gaafatamummaa fudhatu

  • Hooggantootaa olaanaa mana hojiichaa,Adeemsaalee fi gareewwan

  • Waajjiraalee fi koreewwan invastimantii Godinaalee fi Aanaalee

  1. Komii Abbotiin Qabeenyaa Biyya keessaa (Keessahu Dhalota Naannoo ; Qonnaan Bultoota, Dubartota fi IMX,) Hojii Invastimantii Naannoo keessatti ballinaan hirmachuu hin dandeenye jechuun dhiheessan irratti qorannoo gaggeessuun BIO dhihessuu,

  • Komii uummaata

  • Hoggansi sadarkaan jiru sochii invastimantii wajjin walqabatee komii hawaasa keessaa ka’u qoratee karaa hawaasa hirmaachisuun ( hirmaachisummaa) hiikuu dadhabuu

  • Hudhaalee Qajeelfamaa fi Ulaagaa kenna lafaan wal qabatanii jiranu sakatta’uun furmaata kennuu,( Ulaagaa Baanki Statement %30)

  • Komii ‘Cluster & standared ‘ kennaa lafaa irratti dhihaataa ture qorachuun furmaata kennuuQaamaa Raawwatuu

  • Hooggantootaa komishiinichaa,Adeemsa kenna Tajaajilaa fi garee hordoffii fi deeggarsaa sadrkaa KIOtti

  • Wajjiraalee Invastimantii Godinaalee, Koree invastimantii Godinaalee,waajjira invastimantii Aanaalee fi Koree invastimantii Aanaalee

  • Yeroo Itti Raawwatu

  • Bitooteessa 20 irraa hanga Waxabajjii 30tti. Kallattiin deeggaruun ijarsaa isaan itti fufaan ni taasiifamaa.

  • Qaamaa itti gaafatamummaa fudhatu

  • Hooggantootaa olaanaa mana hojiichaa,Adeemsaalee fi gareewwan

  • Waajjiraalee fi koreewwan invastimantii Godinaalee fi Aanaalee

  1. Komii harkifannaa fi qulqullina kennaa tajaajilaa irratti Abbotiin Qabeenyaa ykn Dhaabbileen dhiihessan adda baasuun furmaata keennuu keessaatuu Abbotti qabeenyaa ykn dhaabbilee gaaffi lafa invastimantii dhiheessanii hanga ammaatti sadarkaa godinaatti turan 652 ta,an BLENO waliin qindoomuun qorachuun murtii akka argatan taasiisuu,

  • Komii Uummaata

  • Gaafiin Lafaa sadarkaa Godinaa fi Aanaatti yeroop dheeraa turuu

  • Hojimaataa komishiinii keenyaa fi caasaalee isaa sadarkaan jiran keessaatti kiraa sassaabdummaaf nu jirachuu,

  • Tajaajiilaa si’oomina fi qulqullina qabu kennuun dhabuu,

  • Komii Simannaa gaaffii lafa Invastimantii wal qabatee jiru iftoomiina hin qabnee ta’uu,

  • Qophii lafa Invastimantii wal qabatee jiru rakko qabachuu ,

Qaamaa Raawwatuu

  • Hooggantootaa komishiinichaa,Adeemsa kenna Tajaajilaa fi garee hordoffii fi deeggarsaa sadrkaa KIOtti

  • Wajjiraalee Invastimantii Godinaalee, Koree invastimantii Godinaalee,waajjira invastimantii Aanaalee fi Koree invastimantii Aanaalee

  • Yeroo Itti Raawwatu

  • Bitooteessa 20 irraa hanga Waxabajjii 30tti. Kallattiin deeggaruun ijarsaa isaan itti fufaan ni taasiifamaa.

  • Qaamaa itti gaafatamummaa fudhatu

  • Hooggantootaa olaanaa mana hojiichaa,Adeemsaalee fi gareewwan

  • Waajjiraalee fi koreewwan invastimantii Godinaalee fi Aanaalee

Akka waliigalatti rakkoo bulchinsa gaarii investimantii hiikuuf armaan olitti karoorfaman karaa itti gaafatamummaa sadarkaa sadarkaan hordofsiisuun raawwatmuun dirqama ta’a.


    1. Yüklə 0,51 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   ...   14




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin