Manneen Barnootaa Qophaa’inaa waggoottan darban jalqabanii yeroo karoorfame keessatti xumuramuu dhabuu irraa kan ka’e komii hawaasaa kan hordofsiisan fi Biiroo Barnoota keessattu immoo A/H/Karooraa fi Pirojektiitiin hordofamaa turan, pirojektoonnii bara 2004 jalqabaman sadi(3): Nansaboo(A/Lixaa), Dabralibaanos(Sh/Kaabaa) fi Bookee(Har/Lixaa) yoo ta’an kan bara 2005 jalqabaman Waatoo(Bul/M/Sabbataa), Bulchaanaa(Bul/Mag/Shaashamannee) fi Bara 2006 kan jalqabaman Gafarsaa noonnoo(Bul/M/Burraayyuu), Diimtuu(Jimma) fi Biilaa(W/Lixaa) hojiin ijaarsa isaanii sababa garagaraatiin harkifate komii hawaasaa kaasisaa kan ture rakkoolee jiran gadifageenyaan qorachuun qaama raawwatus ta’e qaama hordofu waliin walittidhiheenyaan hojjachuun kan rakkoo hammaataa qabu irrattis tarkkaanfii sirreeffamaa fudhachuun hanga waxabajjii 30/2008 xumuramee hojii barnootaa bara 2009f guutummaatti kan qaqqabu dha.
II. Manneen Barumsaa Qophaa’ina hanga Waxabajjii 30/2008tti xumuramuu qaban
Lakk
Maqaa mana
Godina
Bara itti jalqabame
Baayi’ina itti fayyadamaa
Sadarkaa ijaarsi irraa jiru
1
Nansaboo
Arsii Lixaa
2004
480
92%
2
Dabra Liibaanoo
Sh/Kaabaa
2004
480
98%
3
Bookee
Har/Lixaa
2004
480
86%
4
Waatoo
Mag.Sabaataa
2005
480
98%
5
Bulchaanaa Danabaa
Mag.Shaashamanee
2005
480
98%
7
Burraayyuu(Gafarsaa Noonnoo)
Mag/Burraayyuu
2006
480
75%
8
Diimtuu
Jimmaa
2006
480
90%
9
Biilaa
W/Lixaa
2006
480
80%
Ida’ama
3,840
Ijaarsa haaraa fi babal’isuu KBB ilaalchisee Koollejjii Ciroo fi Shaambuu ijaarsi isaanii bara 2004 kan jalqabee fi bara 2006tti xumuramuu osoo qabuu harkifachuun hanga yoonaa oso hin xumuramin waan tureef komee hawaasaa kan qaqqabsiise yemmuu ta’u yeroo ammaa raawwiin isaanii KBB ciroo 97% fi KBB Shambuu 95% irra kan gahan A/H/Karooraa fi Pirojektii BBO hordoffii fi deeggarsa walirraa hin cinne taasisuun hanga Wax.30/2008 xumuramee tajaajila guutuuf kan oolu ta’a.
Ijaarsa Manneen barnoota Sad.2ffaa bara 2004 jalqabaman sadi(3): Mino(Har/Bahaa), Walii gawoo(GAONF), Matahaaraa(Sha/Bahaa) raawwiin isaanii walduraaduubaan 97%,98% fi 97% irra kan jiran,Bara 2005 Mana Barumsa Baabboogaayyaa(Bishooftu), bara 2006 piroojektoota 16 godinaalee garagaraa keessatti kan argaman raawwiin isaani 85% hanga 97%tti kan jiran hanga wax.30/2008 A/H/Karooraa fi pirojektii fi waajjirri barnoota godinaalee kanneenii waliin ta’uun hordoffii fi deeggarsa ittifufiinsa qabu taasisuu fi qaama dhimma kana ariitiin hin raawwanne irratti tarkaanfii seeraa fi bulchiinsaa fudhachuun xumursiisuun tajaajilaaf kan oolu ta’a.
Bittaa fi tamsaasni Keemikaalotaa, Appaaraatesiin fi Farniicharii barnootaayeroo barbaadamuu fi qulqullinaan fayyadamtoota bira dhaqqabsiisuu irratti maxxantummaa fi kiraasassaabdummaan bal'inaan mul'achuu,