Qabiyyee Fuula Kutaa Tokko: Waliigala 2


Daangaa Aangoo fi Gahee Hojii BMMDO



Yüklə 268,99 Kb.
səhifə2/5
tarix16.08.2018
ölçüsü268,99 Kb.
#71162
1   2   3   4   5

Daangaa Aangoo fi Gahee Hojii BMMDO

Akkaataa Labsii Lakk. 163/2003 Qaamoolee raawwachiiftuu Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebi`uudhaan gurmeessuuf baheen Aangoo fi Gahee Hojii BMMDO tiif seeraan kennaman(Formal Mandate) yoo cuunfamu; karoora misooma dinagdee Naannichaa qopheessuu, qabeenya Naannichaa bulchuu fi sirna bulchiinsa faaynaasii diriirsuu fi hojiirra oolmaa isaanii hordofuun isaan ijoo dha.




    1. Ergama, Mul’ataa fi Duudhaalee


      1. Ergama (Mission)

  • Jireenyi haawasichaa akka fooyya’uuf qophii karoora Misooma Naannichaa ogganuu fi kenniinsa tajaajila mana hojichaa cimsuun qabeenya jiru karaa bu’aa qabeessa, ga’umsa, iftoominaa fi qindoomina qabuun hojii irra ooluu isaa mirkaneessuu.




      1. Mul’ata (Vision)

  • ”Qabeenyi Naannichaa karaa haqaa fi bu’aa qabeessa ta’een hojii irra oolee Oromiyaan itti fufiinsaan misoomtee, bara 2017tti Uummatni Naanichaa hiyuummaa keessaa bahee sadarkaa galii giddu galeessaa irra ga’ee arguu” dha.




      1. Duudhaalee Biirichaa (Values)

  • Mul’ata waliinii (Shared Vision),

  • Hawwii Jijjiramaa (Eager for change)

  • Hirmaachisummaa (Participatory)

  • Qindoomina (Collaboration)

  • Waliin Hojjechuu (Team Spirit)

  • Haqummaa (Fairness)

  • Iftoomina (Transparency)

  • Miira Tajaajiltummaa (sense of serving)

  • Karooraan Oogganamuu (leaded by plan)

  • Itti gaaffatamuummaa (accountability)

  • Wal-qixxummaa koorniyaa (gender equality)


    1. Toora Xiyyeeffannoo fi Bu’aa Toora Xiyyeeffannoo


Lak

Toora Xiyyeeffannoo

(Strategic Theme)

Bu’aawwan Tarsiimoo’aa

(Strategic Results)

1

Karoora Misooma Naannoo

Misooma haawas-dinadgee itti fufiinsaan galmaa`e

2

Bulchiinsa Faaynaansii fi Qabeenyaa Naannoo

Faaynaansii fi Qabeenya ga`umsaa fi bu`aa qabeessummaan hojiirra oole

3

To’annoo fi Gamaggama Raawwii karooraa

Raawwii karooraa kallattii barbaadameen hojiirra olmaan mirkana`e

KUTAA LAMA: BOQONNAA QOPHII

KGT II keessatti hojiiwwan bara kana raawwachuuf qoodame irratti hundaa’ee karoorri 2008 qophaa’ee jira. Kutaa Boqonnaa raawwii kana keessatti hojiiwwan ijoo fi gurguddoo akka BMMDO tti raawwachuuf karoorfaman adda bahanii akkaataa sagantaa raawwii keessatti ka’ameen gara hojiitti hiikuuf kan karoorfamee yommuu ta’u ka’uumsa hojii bara kanaaf xiinxala hojii bara baajata 2007 bu’uura kan godhatedha.


2. Ka’uumsa Qophii Karoora Bara 2008

Dhimmoonni ka’umsa qophii karoora waliigala bara baajataa 2008 tiif akka galteetti itti fayyadamuuf dursi kennameefii ilaalaman:

  • Xiinxala haalawwan waliigalaa gama ilaalchaa, dandeettii fi dhiyeessitiin

  • Xiinxala keessaa fi alaa ’’internal and external environmental scanning (SWOT Analysis)’’

  • Gamaaggama raawwii Karoora bara 2007


  • Xiinxala raawwii hojii KGT I fi

  • Karoora KGT-II haala armaan gadiitti ibsameen qaacceessuuf yaalameera.




2.1. Xiinxala Haalawwan Waliigalaa


Qophii karooraatti seenuun dura qorannaa haalawwan waliigalaa gaggeessuun hojii hunda dura raawwatamuu qabuu dha. Kunis dhimmoota akka hojiilee meeshaalee rifoormii fi bulchiinsa gaarii qaama hojii ofii godhatanii amantaa guutuun fudhachuun hojii irra oolchuu, ilaalchota gufachiisoo sirna keenyaa ta'an sakatta'aa dadhabsiisaa deemuu, waltajjiiwwan gurmaa’insaa hunda duguganii itti fayyadamuun malaammaltummaa fi hojmaata badaa sirreessuun kutannoon hojii misoomaa sadarkaa hundarratti gaggeeffamu hojii komnikeeshiniitiin deeggaramuu fi kkf wajjin haalawwan walaqabateen hudhaalee gama hooggansaa fi raawwataatiin jiran akka armaan gadiitti xiinxala gaggeeffameen adda baasuun danda’ameera.
2.1.1 Xiinxala Haala Hoggansa Siyaasaa

Xiinxala raawwii karoora bara 2007 gaggeeffame keessatti haalli hoggansi siyaasaa keenya sadarkaa sadarkaan jiru, bulchiinsa gaarii mirkaneessuun meeshaaleen riifoormii akka hojiirra oolu taasisuurratti itti raawwataa ture yommuu madaalamu jalqaba irraa kan fooyya’aa dhufe ta’us; dabree dabree hudhaaleen hooggansa siyaasaa biratti gama ilaalchaatiin, dandeettiitiin fi dhiyeesiitiin walqabatee kan jiru ta’uusaati. Walumaagalatti hooggansi keeya hudhaalee sadaniin yommuu xiinxalamu akkuma ciminni jiru iddoo tokko tokkotti hanqinni kan ture ta’uu isaa ilaalameera.


Gama Ilaalchaatiin

Ilaalchi hojii keenya ittiin hojjennuu fi ittiin hooggannu milkaa'ina karoora keenyaatiif ga'een inni qabu guddaa dha. Kunis ciminootaa fi hanqinaalee gama ilaalcha hooggansaan walqabatee jiru irratti xiinxala gaggeessuun barbaachisaa ta’a.

Haaluma kanaan hojii riifoormii fi bulchiinsa gaarii bu’uura kaa’uun hojmaataa fi gurmaa’insa sirna ijaarsa raayyaa siivil sarviisii diriirsuun sadarkaa hundatti hojii irra akka oolu hoogganuu irratti sadarkaan xiyyeeffannoo gaggeessotaa sadarkaa sadarkaan jiranii gara gara ta’uus,


  • Gaggeessaan ilaalcha hojii gurguddaa hojjechuu, hooggansa waliinii kennuu, rakkoo dhufu fuullee dhaabachuu, hojii siyaasaaf dursa kennuu fi kkf irratti fooyya’insa qabaachuusaa.

  • Ilaalchi gaaggeessan qabsoodhaan hojii hoogganuufi waltajjii qabsoo keessatti aarsaa gaafatu kaffaluun guddaachaa dhufe yommuu ta’u.

Gama biraatiin immoo hanqinaaleen jiran; gaggeessaan hundi dhimmoota kana amantaa guutuun fudhatanii milkaa’ina hojii kanaatiif gaggeessummaa barbaachisu itti fufiinsaan kennuurratti hanqinni kan jiru ta’uusaa ilaaluun danda’ameera.

  • Hojii hunda toora misomawaa fi diimookraasii ta’een ejjannoo fudhachuu irratti hanqinni jiraachuu

  • Ilaalcha dhiphummaa, maxxantummaa, fi kiraasassabummaa sakatta'uun erga adda baasee booda miidhaa fiduu danda'an hojjattoota hunda hubachiisuun ga’umsaan qabsoo hadhawaaa irratti gaggeessuu irratti laafinsi jiraachuu

  • Ilaalchota gufachiisoo toora misoomaa taa’an keesssoo isaa keessaa secca’aanii addaan baasuu fi ilaalcha misoomawaan bakka buusuu keessatti hanqinni jiraachuu

  • Walumaa galatti wanti akka hanqinaatti ilaalame keessaa jalqabaarraa eegaluun ilaalchota gufachiisoo ta'an guyyaa guyyaatti nu muudatan seecca'anii adda baasuun irratti hojjechuun dhabamsiisuu irratti tattaaffiin ture gaggeessaan hundi bifa walfakkaatuun rakkoolee raawwii keessatti mul’atan hordofuun gamaaggamee hiikoo akka argatan ciminaan gaggeessummaa kennuu irratti fi raayyaa fi raayyaa qofaan hojjachuun hojiiwwan keenya milkeessuu qabna amantaan jedhu hooggansa biratti haala barbaadamuun qabatamee hojiirra akka oolu gochuurratti hanqinni kan ture ta'uusaati.

Kanaafuu, rakkoolee ilaalchaa gaggeessaa sadarkaa sadarkaan jiru sirratee yeroo itti aanu keessattti xiyyeeffannaan guddaan gaggeessummaa isaan irraa eeggamu kennuu akka qaban kallattiin kaa’uun barbaachisaa ta’a.


Gama Dandeetiitiin

Hooggansi siyaasaa hidhannoo dandeettii ogummaa gaggeessummaa cimaa hojii fi hojimaata mana hojichaa ittiin hoogganu qabaachuutu isa irraa eeggama. Keessattuu kallattii xiyyeeffannoo mootummaa bifa bilchina qabuun hubatanii ofii isaanii jijjiiramanii hojjattoota jijjiiruu fi gahoomsuu keessatti fakkeenya ta’anii hooggansa siyaasaa kennuu kan qabanii dha.

Qajeelfamoota fi dambiiwwan gara garaa bahan fi dhimmoota hooggansi caalmaatti hubannoo gahaa akka argatu barbaadamu adda addaa irratti dandeettii hooggansaa cimsuuf leenjii bal’aan kennamaa turees hudhaaleen gama dandeettiitiin hooggansi hundi biratti bifa walfakkaatuun hundee irraa kan hin hiikamne ta’uu isaa hubatamee jira.

Kunis:-


  • Karoora haala qabatamaa hojii gama hundaan beekaanii xiinxaluu fi fedhii jiru bu’uura godhachuun akka qophaa’u taasisuu irratti hanqinni jiraachuu

  • Dandeettii carraawwan hunda xiinxalanii akka galtee karoora godhachuun jijjirama bu’uuraa fiduu fi hooggansa barbaachisu kennuu irratti hanqinni jiraachuu

  • Hojii siyaasa-dinagdee, misoomaa ariifataa fi bulchiinsa gaarii qaama hunda biratti akka dagaagu sochiin taasifamee gaarii ta’uus guutummaan gutuutti hojimaataan hooggansa barbaachisu kennuun jijjirama eegamu tarkaanfachiisuu keessatti qaawwii jiraachuu

  • Walumaa galatti sirna hordoffii fi deeggersaa cimaa ta’e gaggeessuun humna raawwachiisummmaa cimsuun hanqinaa fi qaawwa oggummaa jiru hiikuu danda’u kennuu irratti sochiin taasifame gaarii ta’us ammallee hanqinni kan jiru ta’uu.


Gama Dhiyeessiitiin

Hojiileen akka mana hojiitti karoorfaman hundi akka galma barbaadame gahuu danda’an dhiyeessiin walqabatee haala raawwii hojiitiif barbaachisu hunda mijeessuu dabalatee hojiileen bal’aan kan raawwatamaa turan ta’u kanneen keessaa;



  • Baajanni Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee Oromiyaatiin Manneen hojii sadarkaa naannoo, Godinaalee, Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalotaa gidduutti qoodamee Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin mirkanaa'ee abbootii baajataa beeksifamee hojii irra akka oolu godhamee jira.

  • Maxxansaalee nagaheewwan galii fi baasii fi Maxxansaalee adda addaa akka naannootti maxxanfamuu qaban hundi maxxanfamanii raabsamanii hojii irra akka oolan godhameera

  • Hojiiwwan misoomaa naannicha keessatti raawwataman keessumayyuu hojiiwwan pirojektii ilaalchisee seenaan jireenya pirojektootaa /green book/ qophaa’ee qaamolee pirojektoota hojjetanii fi qaaamota pirojektoota hordofaniif qaqabsiifamee jira.

  • Hooggansi rakkoolee dhiyeessii jiran xiinxalee addaan baasuun hiikaa deemuu irratti fooyya’iinsi jiraachuu

  • Sochii dhiyeessii alaa fi keessaa qindeessuun raawwii karooraaf kallattii galtee taasifameen humni dandeettii dhiyyeessuu fooyya’aa dhufuusaa

Dhimmoonni akka hanqinaatti mul’atan:-



  • Dhiyyeesssii meeshaalee teknooloojii ammayyaa hojii misoomaaf barbaachisaan yeroo fi qulqullina barbaadamuun manneen hojiif akka dhiyaatuu saffiisiisuu irratti qaawwii guddaan jiraachuu

2.1.2 Xiinxala Haala Hojjattootaa fi Adda Duree:-



Gama Ilaalchaatiin

Akkaataa ulaagaa qajeelfama sirna madaallii hojjattoota irratti hundaa’uun madaallii hojjattootaa gama ilaalchaa fi raawwii hojii hojmaataan madaaluun filannoo hojjattoota adda duree waggaatti yeroo lama gaggeessuun bu’aa madaallii akka argatan godheera.

Bu’uuruma bu’aa madaallii kanaatiin hojjattoota ilaalcha dimokiraatawaa qaban raawwii hojii isaanii irratti kenniinsa tajaajila qulqullina qabu kennuu isaanii fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuu keessatti fakkeenya gaarii ta’an keessattuu waliin hojjechuu (Team work) keessatti hojii isaan irraa eegamu injifachuun hojjattoota biroof fakkenya ta’an hojjattoota adda duree jedhamanii kan filataman ta’uun isaa hubatameera. Haa ta’u malee hojjettoota muraasa biratti ilaalchi eeggatummaa ajaja qaama isa ol jiru/hoogganu biraa eeggachuun kan calaqqisu yommuu ta’u darbee darbee darbee ilaalcha kiraa sassabdummaa fi ittiin bulinnaa irratti hadheeffatanii qabsaa’uu irratti laafisi jiraachuu. Ilaachi miira tajaajiltummaan gonfateen ummaata/ hawaasa tajaajiluu amantaa jedhu hojjettoonni hunduu bifa wal fakkaatuun hojjechuu irratti hojjettoota gidduutti garaagarummaan jiraachuu.
Gama Dandeetiitiin

Dandeetii hojjattotaa irratti xiinxala gaggeeffameen bakka tokko tokkotti dandeettiin qophiin karooraa hojii fi karoora baafataniin hoogganamuun hojii isaanii raawwachuu irratti raaawwataa muraasa biratti hanqinni dandeettii kan calaqqisuu jiraachuu, meeshaalee TQO tti fayyadamuudhaan tajaajila si’aayinaa fi ariifataa ta’e kennuu irratti hanqinni kan jiru ta’uun isaa hubatameera. Leenjiiwwanii fi mariiwwan gaggabaaboo adda addaa yeroo adda addaa kennamaa turus jijjiiramaa fi bu'aa dhufe idileedhaan xiinxala gaggeessuun qaawwa dandeettii fi ogummaa (Skill and knowledge gap) jiran dursanii adda baasanii irratti karoorfachuu irratti hanqinni jiraachuu.

Bara Baajataa 2008 kana keessattis hojjetaa adda duree sadarkaa sadarkaan jiran akkaataa qajeelfamaatiin madaallii qulqullina qabu gaggeessuu fi leenjiiwwan gara garaa kennuun qaawwa dandeettii raawwachiisummaa isaanii daran cimsu akka argatan gochuurratti bal’inaan hojjechuu.

Haalli kun cimeee yoo hojii irra oole siivil sarvaantii kallattii Imaammataa fi Tarsiimoo Mootummaan keenya kaa’e qabatee ergama kennameef baachuu danda’aniin uumuun kan danda’amu ta’uusaa hubatameera.


Gama Dhiyeessitiin

Hojjettoonni hundi tajaajila si’oomina fi ariifataa isaan irraa eegamu tajaajilamaaf kennuurratti iddoo tokko tokkotti hanqinni kan jiru ta’uusaa ilaalameera. Gama biraatiin akka biirootti amma dand’ameen haalli hojjiif akka mijatu dhiyeessiin loojistiikii (furniture and Equipment) akka fooyya’u ta’us hanqinni meeshaalee tokko tokko jiraachuu (color printers, scanners ...) ragaalee mana hojichaa akkaataa hojiiiif tolutti qindeessanii kaa’uu fi itti fayyadamuu irratti hanqinni jiraachuusaati. Kanaafuu, yeroo itti aanu keessatti faasiliitiiwwan hojjataaf barbaachisu hundi akka guutamu hojii bal’aan hojjachuun barbaachisaa ta’a.





    1. Yüklə 268,99 Kb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin