Karoora bara 2007 Mootummaa Naannoo qindeessuu
səhifə 4/5 tarix 16.08.2018 ölçüsü 268,99 Kb. #71162
Karoorri Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan bara 2007 haaluma seektaroonni Karoora Guddinaa fi Transifoormeeshinii (KGT) galmaan gahuuf hojiilee hafan irratti xiyyeefatanii qopheessan ergan irratti hundaa’uudhaan xiinxaalamee egaa qindaa’ee booda qaama ilaalatu hundaaf darbee jira. Raawwiin isaa karoora wajjiin yammuu ilaalamu %100 dha.
Bara baajata 2007 keessaa baajata kaappitaalaa Mootummaa Naannoo ramadameen gaggeeffaman ilaalchisee seenaa , hangaa fi madda baajataa, facaatii pirojktootaa...kkf irratti dokumantoota lama ibsaa fi facaatii pirojeektootaa agarsisan qopheessuun qaamoolee dhimmi ilaaluuf akka raabsamu ta’eera.
Karoora pirojektootaa fandii MDGs bara 2007 fi labsiin baajata idilee bara 2007 formaatii JBAH tiin qindaa’ee qamoota dhimmi ilaaluu hundaaf ergameera. Raawwiin isaanii karoora wajjiin yammuu ilaalamu %100 dha. Labsiin baajataa MNO bara 2007 fi labsiin baajata dabalataa bara 2006 Magalata Oromiyaa irratti akka bahuuf qindeesuun Waajjira Caffee fi Af-Yaa’ii tiif akka deemu ta’eera.
Gabasaa hojii Mootummaa qindeessuu
Gabaasa Mootummaa Naannoo kan bara 2006 fi kurmaana 1ffaa fi 2ffaa raawwii hojiiwwan gurguddoo seekterootaa irrattii xiyyeeffachuudhaan qindaa’ee qaama dhimmi ilaaluuf darbee jira.
Gabaasni gamaaggama raawwii pirojektoota ‘MDGS’ kan waggaa sadii (2004-2006) jiru qindaa’ee qaama dhimmi ilaalu hundaaf darbee jira. Hojiin kuniis %100 raawwatameera. Akkasumas kurmaana kurmanaan raawwiin hojii fiizikaalaa fi faayinaansii pirojktoota MDGs qinda’ee MMM Diingdee Feedeeraala ergameera.
Gamaggama raawwii KGT- I MNO ilaalchisee akka hojii keessa galamu ittiin qajeelfamni gamaaggama raawwii KGT-I (2003-2007) fi Qophii KGT-II (2008-2012) qopheessuunr qaamoolee dhimmi ilaallatu bakka jiranitti ibsa akka irratti kennamu gochuun hojiin eegalameera. Haaluma kanaan, raawwii gamaaggama kanaa marii sadarkaa adda addaatti gaggeeeffame keessa dabruun xumuramee jira.Gamaaggama raawwii hojiilee KGT-I (2003-2007) %100 qindeessuuf karoorfamee hanga kurmaana kanaatii %100) raawwateera. Hojii kana irratti koreewwan ‘thematic area’n gurmaa’ee haaluma hojii kennameen raawwatama jira.
Qorannoowwan Gaggeessuu
Raawwii karooraa ‘Regional Macro-Economic Indicators’, Raawwii Galmawwan Misooma Barkumee (2000-2015),fi haala qabatama Dimoogiraafii fi Hawaas-diinagdee Naannoo qopheessuuf karoorfamee haaluma karooratiin raawwatameera.
Gamaaggama basii fi galii Karoora Waggaa Shanii (KGT-I) % 80 kan ta’u kan raawwatame yoo ta’uu wixinee duraa baasuuf mariin irratti gaggeeffamaa jira.
Qorannoo tilmaama akkaawuntii diingdee bara 2005 fi 2006 akka teesumma isaaniitti bara baajataa 2007 keessa hundumtuu akka qopha’u ta’eera.
Barruun “Regional Population indicators of Oromia” qopheesuu gutumaan gutuutti xumurameera.
Raawwii hojiilee Dhaabbilee Miti Mootummaa
Dhaabbilee Miti mootummaa seeraan galmaa’anii naannoo keenya keessaatti hojii misooma adda addaa hojjechuuf fedhii qaban fi iyyannoo dhiyeefataan ragaalee isaan dhiyeeffataan ulagaalee barbachiisuu hundaa gutaachuu isaan ogeessotaan eega ilaalameen booda dhaabbilee miti-mootummaa 62 haaraa ta’an waliin waliigaltee hojii (Operational Agreement) mallatteessuun akka hojiitti seenan godhamee jira.
Waggaa kana keessa pirojeektoota DhMM hojii misooma adda addaa godinaalee Oromiyaa garaggaara keessaatti hojjeechuuf dhiyataan 136 xiinxala taasisuun (Project Appraisal) waliigalteen mallattaa’ee akka hojiitti galaan godhamee jira. Baajanni piroojektoota kanaa qarshii 6,130,478,792.68 yoo ta’u namoota 22,743,892 kana keessa 11,138,096 dubartoota ta’an fayyadamtoota kan taasisu ta’uun hubatameera.
Waggaa kana keessa piroojektoota 86 s adarkaa godinaa fi Magaalaatti jiraan xiinxala taasisuun waliigalteen mallatta’ee akka hojiitti galan taasisamee jira. Baajanni piroojektoota kanaa qarshii 183,958,726.27 yoo ta’u namoota 655,636 ( dubartoota 254,535) ta’an fayyadamtoota taasiseera.
Akka waaligalaatti pirojeektoota sadarkaa biiroo, godina fi magaalaatti bara 2007 kana keessatti pirojektota DhMM irraa dhiyaatan pirojeektota 222 qarshiin isaa 6,314,437,518.95 fi namootii 23,399,528 kana keessa dubartoota 11,392,631 ( % 48.7 ) fayyadamtoota taasiisu mallattaa’eera.
Foyya’iinsa Pirojeektii (Project Amendment) ilaalchisee DhMM irraa dokumentii fooya’iinsa pirojeektii (project amendement) 31 dhiyaate xiinxaluun yaadni oggummaa eega itti kennameen booda akka mallatta’u taasifamee jira.
Dhaabbilee mootummaa fi miti-mootummaa gidduutti haala mijeessuun akkaataa raawwii, rakkoolee qunnamanii fi fala hojii maal ta’uu akka qabu kan jedhu irratti mariin taasifamaa turee haaluma karoorfameen raawwachuun danda’eera.
DhMM kenniinsa tajaajila adda addaa kan akka lakkofsa gabatee, meeshaalee ashuuraa alaa galanii fi baniinsa herreega bankii fi kkf gaafataniif xalayaan deegarsaa 207 qaamoolee dhimmi isaa ilaaltuuf kurmaana sadaan darbaan kana keessa barrahee jira.
Raawwii Hojii Qophii Ragaalee fi Informeeshinii Naannoo
Ragaalee qooddii baajata aanaalee bara baraan sassaabsisuu, xinxaluu, qindeessuun qaama dhimmi ilaaluuf dabarsuu
Kuusaa ragaalee aammayyaa hojjetamee xumurame godinaalee 3 fi aanaalee 48 hafan keessatti baba’lisuu (‘scaling-up developed modern database management to the remaining 3 zones and 45 weredas’)
Ragaa pirojektootni bara baajataa 2008 keessa hojjetamuu qaban fedhii manneen hojii irraa dhiyaate fi tarsiimoo misooma naannoo fiixaan baasuuf filataman baajata manneen hojiif heeyyamamee wajjiin walsimisisuun akka raawwataman gochuu,
Sirna bulchiinsa ragaa fi odeeffannoo BMMDO fooyyessuun gurmeessuu
Godinaalee fi aanaalee 36 irratti hojii ragaa dhugoomsuu (data verification) gaggeessuu,
ragaalee ‘GPS’, Digital Data & ‘Satelite Images’) madda adda addaarraa argaman sassaabuun kaartolee adda addaa facaatii qabeenya uumamaa, hawaas-diinagdee fi kan biroos agarsiissan hojjechuu fi haaromsuu,
Hojii pirojeektii ‘Ethio-Italian country program’ kuusaa ragaa hammayyaa Naannoo (Regional modern database management system & GIS) hammayyeessuu ittifufe hojiirra oolchuu,
Pirofaayelii godinaalee 9, aanaalee fi magaalota riiformii jala jiran 152 ragaa bara 2003 fi 2004tiin haaroomsuu, idiitii gochuudhaan xumuruu, tajaajila akka kennan gochuu ,
Raawwii hojiilee Bulchiinsa Faaynaansii Naannoo
Baajatni bara 2007 Caffeen ragga’e bu’uura baajata hayyamameefiin manneen hojii naannoo, godinaaleefi aanaalee darbeefii hojirraa ooleera.
Baajatni galii naannoo Federaala irraa ramadame hundinu yeroo isaa eegee akka ergamu taasifameera.
Herregni mootummaa naannoo bara 2006 qulqullinna fi yeroon cufamee qaama ilaaluuf akka darbu ta’eera.
Herregaa bara 2007 hanga kurmaana 3ffaa kan baajata idilee fi fandiiwwan adda addaa xumuramee qaama dhimmi ilaaluuf akka dhaqqaabu ta’eera.
Dandeettii raawwachiisummaa fi sirni to’annoo keessaa manneen hojii naannoo, Godinaa fi aanaalee cimsuuf Bulchiinsa faaynaansii fi qabiinsa herregaa irratti hojjaattoota 950 leenjiin kennameera.
Baajatni naannoo baraaf ramadame seera bulchiinsa faaynaansii irratti hundaa’ee akka hojirra oolu manneen hojii naannoo hanga aanaalee jiraniif hordofii fi deeggarsii taasifameera.
Iftoominaa fi gaafatamummaa faaynaansii cimsuuf maalummaa fi bulchiinsa baajataa ilaalchisee biroosherii fi tempiletoota maxxasuun fi leenjiiwwan adda addaan hubannoo uummataa uumuu fi odeefannoo faaynaansii ummataaf ifa gochuun hojjatameera.
Fandiiwwan adda addaa naannoof ramadaman maallaqni yeroon darbee akka hojirra oolu gochuun itti fayyadamni akka fooyya’u ta’eera
Raawwii Hojiiwwan Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenya Moot/Naannoo
Hojiin Oodiitii bittaa fi bulchiinsa qabeenya MHM 20 irratti gaggeessuuf karoorfame MHM 15 irratti oditiin gaggeefameera,
Waraqaa ragaa dhiyeessummaa bittaa dhiyeessitootaaf kennu irratti hanga kurmaana kana dhiyeessitoota 50 tiif waraqaa ragaa dhiyeessummaa kennuuf karoorfamee dhiyeessitoota 92f kennameen dhibbentaan 184 % yoo ta’u waraqaan ragaa dhiyeessummaa sadarkaa godinaatti akka kennamu ni godhama jedhamee karoorri xiqqaate qabameera, garuu Waraqaan Ragaa maxxanfamee maxxansi isaa waan hin xumuramneef Biiroo qofa irratti kennamaa waan jiruuf karoora ol ta'eera.
Ragaa dhiyeessitoota Waraqaan Ragaa kennameef walitti qabuun godiinaalee fi mannen hojii naannootiif kurmaana kurmaanatti dabarsuuf karoorfamee haaluma karoorfameen, raawwateera,.
Istaandaardii meeshaale 218 akka biyyaatti qophaa’e MHM hojii irraa olchuu isaanii hordofuuf kurmaana kanaaf MHM 20 karoorfame mannen hojii 15 tiif hodoffiin godhameera
Bu’aa xiinxala odiitii gaggeeffame irratti hundaa’uun kurmaana kurmaanaan yaada foyya’insa dhiyessuuf karoorfamee raawwatameera
Deeggarsa teeknikaa fi ogummaa bulchiinsa qabeenya manneen hojii sadarkaa adda addaa irra jiraniif kennuu ilaalchiise hanga kurmaana kana keessatti deeggarsaa ogummaa manneen hojii 93 tiif kennuuf karoorfamee 70 f kennameera,
Muuxxannoo gaarii bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa akka naannotti qabnu adda baasuu fi qindessuu kurmaanaanatti yeroo 1 raawwachuuf karoorfamee haala karooraan raawwatameera.
Deeggarsa teeknikaa fi ogummaa bittaa manneen hojii sadarkaa adda addaa irra jiraniif kennu ilaalchiise hanga kurmaana kana keessatti deeggarsa ogummaa manneen hojii 93 tiif kennu dhaaf karoorfamee 120 ’f kennameen,
Komii adeemsa raawwii hojii bittaa irratti dhiyaatu qorachuun yaada furmaata kennu ilaalchiise hanga kurmaana kana komii dhihatu 10 karoorfamee komii 11 dhiyaatee qaratamee murteen irratti kennameera,
Haala qabeenya dhabamsifamuu irratti Godinaale (2) filatamanif deeggarsa kennuu ilaalchiise Godinaale (3) deeggarsii dhabamsiisa qabeenya kennameera isaanis Godina Wallaga bahaa, Godina Arsii fi Godina Addaa Naannoo Finfinnee dha.
Heyyama Qabeenya diinni awwaale kennu ilaalchiisee karoorrii kurmaana kanaaf qabame 15 yoo ta’u hayyamnii kenname 82 dha raawwin isaa dhibbentaan 547 % fi Hayyama Qabeenya diinni awwaalee duraan fudhatame haaromsuu ilaalchiise karoorri kurmaana kanaaf qabame 10 yoo ta’u hayyamnii haaromfame 34 dha raawwin isaa dhibbentaan 340 % dha. Hayyama kenname haala waligaltee galameetiin raawwachuu isaa hordofuu ilaalchiise karoorri kurmaana kanaaf qabame yeroo 1 yoo ta’u haala karooraan raawwatameera
Raawwii Oodiitii Naannoo
Karoora hojii manneen hojii mootummaa giddu-galeessaa, godinaalee, aanaalee fi magaalota irraa dhiyaatan irratti gamaaggamni gaggeeffameera
Raawwii hojii odiitii ji’a ji’aan dhihaatu gamaaggamuun Biiroof akka dhiyaatu taéera. Bu’aa odiitii irratti hundaa’ee murtii maanaajmantii biiroo fi kaabineen naannoo kenne akka hojii irra oolu hordoffiin godhameera.
Ajaja Komishiinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa irraa dhihaateen aanaalee 8 fi manneen hojii mootummaa giddu-galeessaa 5 Godinaalee 3 irratti odiitiin gaggeeffameera.
hojiiwwan odiitii hojetamanii harcaatii fi qisaasama maallaqaa (hir’ina maallaqaa, baasiin seeran alaa, baasii ragaa hin qabnee fi caalmaan kan kanfalame) addaan baasuun tarkaanfiin sirreeffama akka fudhatamu ta’ee jira.
Raawwii Hojiilee Dhimma Koorniyaa
Kallattiin mootummaa hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa akka mirkanuu kaa’een ittiin qajeelfama sirni koorniyaa idileessuu fi Maanuwaalii sirna baajata koorniyaatiif deebii kennuu (gender responsive budget document) jalqabamee ture xumuruun maxxansaafamee jira.
Seektaroota Mootummaa Naannoo, Waajjira MMD Godinaalee fi Aanaalee irraa Hooggantoota , Ogeessota karooraa fi fookaal parsanootaaf walumaagala Hirmaattota1604 keessaa dubartootni 898 marsaa marsaan Leenjii hubannoo uumuu kennameen hirmaannaa fi fayyadamummaan dubartootaa bara kanaa dabalee jira.
Karooraa fi raawwii Sektaroota Mootummaa Naannoo irra jiran kurmaana kurmaanaan hordoffii fi gamaaggamni taasifameera.
Waajjira MMD Godinaa fi Bulchiinsa Magaalotaa keessatti dhimmi koorniyaa idilaa’uu isaa hordofamee duub deebiin kennameef jira.
Dhaabbilee Miti- Mootummaa Naannoo keenya keessatti socho’an pirojektoota gaggeessan keessatti hirmaannaa fayyadamummaa dubartootaa fi daa’immanii mirkaneessuu isaanii fooramii GO- NGO gaggeffame irratti hirmaachuudhaan Daayrektarootii DhMM biiroo keenyaa wajjin ta’uun hanqinaa fi cimina adda basuun duub deebiin kennamee jira.
Raawwii Hojii Dhimmoota Komnikeeshiinii Mootummaa
Ayyaanoota (events) adda addaa qopheessuun hojiin komunikeeshinii akka raawwatu ta'eera:
Kabaja guyyaa hunddeeffama DH.D.U.O. bar-meetii; kabaja guyyaa injifannoo caamsaa 20; guyyaa Alaabaa; guyyaa Sabaa fi Sablammootaa; waggaa afraffaa hidha guddicha Haaromsa Itoophiyaa; kabaja guyyaa dubartootaa; guyyaa HIV/AIDS fi guyyaa Farra Malaammaltummaa Addunyaa sababeeffachuun barreeffamoonni adda addaa qophaa'anii mariin akka irratti gaggeeffamu ta'eera.
Biroosharoonni fi Baanariin adda addaa Baajataa fi Baasii MNO kan bara 1986 hanga bara 2007tti Waggaa Waggaan sirreeffamee Labsame Baajaata Barkumee dabalatee, Waliigala Oomisha Biyyaa keessaa[GDP] Naannoo Oromiyaa bara 1992 hanga bara 2004tti fi Oomisha waliigalaa keessaa gahee nam-tokko [RGDP per capital] kan agarsiisan fi Barruulee Misooma Oromiyaa ‘Maxxansa Addaa’ jedhu hunddeeffama Dh.D.U.O. Waggaa 25ffaa sababeeffachuudhaan maxxaffamanii jiru.
Hojii filannoo ilaalchisee hojjataan hunduu akka kaardii filannoo fudhatuu fi dhaaba barbaadu bilisummaan filachuu akka danda'u mariin akka walii galaatti gaggeeffamee jira.
Raawwii Dandeettii Raawwachiisummaa Cimsuu
Leenjiin leenjistootaa KQHHQ irratti ogeessota aanaalee irraa 91, BMMDO irraa 3, waliigalatti namoota 94 (dhiira)f baasii qarshii 310,000 tiin kennameera. Leenjfamtootni kun manneen hojii aanaalee 13 irraa kan hirmaatanii dha.
Leenjiin haala mijeessitoota 1119 qophii KQHHQ gandootaa aanaalee keessaa jiraniif akka kennamuuf maallaqni qr 536,800 darbeefi jira.
Akkasumas qophii baajataa, karooraa, hordoffi fi Gamaaggama fi Karooraa Qindaawa fi Hirmaachisa Hawaasan Qophaa’u irratti hirmaatoota 365 Leenjii kennamera.
Dandeetti raawwii hojii ogeessotoota sadarkaa biiroo , godinaalee fi magaalootaa jiran cimsuuf ogeessota 47f maarsaa lamaan ” Project Cycle Managenent’ irratti deeggarsa dhaabbata ”CCRDA” jedhamuun guyyaa 5f leenjiin kennamee jira. Kanneen keessa 7 (% 14.9) dubartoota dha.
Dandeettii raawwachiisummaa fi sirni to’annoo keessaa manneen hojii naannoo, Godinaalee fi aanaalee cimsuuf Bulchiinsa faaynaansii fi qabiinsa herregaa irratti hojjaattoota 950 leenjiin kennameera.
Waltajjii marii fi orenteeshinii karoora hojii bara 2007 irratti manajimentii BMMDO 16; Hojjattoota BMMDO 198 fi gaggeessitoota MMD godinaalee fi magaalotaa 70 akka hirmaatan ta'ee jira.
Hojiiwwan Pirojeektii ‘Ethio - Italian Country Program Strengthening Regional Development Planning in Oromiya Region’ jedhu jalatti hojjetaman keessaa hojiin humna dandeettii raawwachisummaa biiroo cimsuu bal’inaaan itti demame yoo ta’u haaluma kanaan; leenjii kompiteera, GPS pirograamota (softwares) adda addaa irratti hojjettootaaf kennameen haalli ragaan qabeenyaa uumamaa fi hawaas-dinagdee adda addaa Naannoo haala ammayyaa ta’een itti sassaabamu, ittiin xinxalamuu, ittiin ergamuu, ittiin kuufamuu fi ittiin raabsamu mijjeessuuf pirojektiichi “Regional modern Database management” ijaaraa jira. Hojichattis xiyyeefannoon itti kennamee sochiin gaariin raawwatamaa tureera.
Bittaan mootummaa haala si'ayina qabuun gaggeessuuf qajeelfamni bittaa fi maanuwwaliin hojii qophaa'ee leenjii bal’aan kennamee jira.
Ciminaalee, Hanqinaalee, Hudhaalee fi Yaada Furmaataa Bara Baajataa 2007 Keessatti Kennaman
Boqonnaa qophii kana keessatti dhimmoonni xiyyeeffannoon adda keennameef hudhaalee fi hanqinaalee hojii keenya fiixaan baasuu keessatti dhiibbaa guddaa fidan irratti hunda’uun karoora bara bajaataa 2008 keessatti xiyyeeffannoo akka argatan ta’eera
Ciminaalee Hojii keessatti argaman
Ilaalchi tajaajilumaa Oggansaa fi hojjattoota hunda biratti dagaagaa kan dhufe ta,uu
Tajaajilli Biiroon kennamu akkaataa istaandardii taa’een kan raawwatu ta’uu,
Bu’uuraaleen misooma TQOtti (Cimdaawwanii fi Aanaaneetiitti)
JBAHn Biiroo keenyaa irra deebiin hojjatame waan xumureef Caasaan adeemsa hojii fi bu’aa irratti xiyyeeffate (Process based structure) uumamuu,
Ramaddiin hojjettootaa amma jiru haala caaseffamaa kanaatiin wal hubatee akka adeemu waan ta’eef komiin gama kanaan ture akka salphatu ta’u,
Hojiilee Hoggansa Meeshaalee Riifoormii akka lafa qabatu gochuuf hubannoo uumuu danda’uun cimina raawwii keessatti mul’achuu isaa.
Muuxannoo gaarii addaan baasuu, qindeessuu fi akka babal'atus dokimentii raabsuu fi sagantaan daawwannaa akka gaggeeffamu taasifamuusaa
Dhimma koorniyaaf xiyyeefannoo sekterootaa fi godinaa raawwiin isaa bu’aan gaariin mul’achuu isaa
Bittaawwanii fi qabeenyalee gurgurtaan dhabamsiifaman raawwatamaa jiran karaa iftoomina qabun caalbaasii ifaan raawwataa jiraachuu;
Konkolaataa dhabamsiisuuf qajeelfamni rakkoo ta’ee ture akka furmaata argatu yaaliin taasifame milkaa’uu fi kkf akka ciminaatti kasuun ni danda’ama
Hanqinaalee Hojii kessaatti argaman
Raawwii Meeshaalee Riifoormii Biiroo irraa hanga dakaatti, dakaa hanga Biirootti haala sirnaa’een walii darbuu dhabuu,
Hordoffii fi deggersa gahaa sadarkaa sadarkaadhaan haala itti fufiinsa qabuun kennuu dhabuu
Itti quufinsa Maammilaa yeroo yeroon haala waltinaa’een gamaaggamuu dhabuu,
Hojiileen Meeshaalee Riifoormi akka hojjetaman fakkeessuu fi bakka tokko tokkotti qabatamaan hojii hojjatame agarsiisuu dadhabuu fi
Sababa baay’ina hojii idileetiin Hojiilee Hoggansa Meeshaalee Riifoormiitiif xiyyeeffanoo gahaa kennuu dhabuun hanqinoota gurguddoodha.
Hojiilee sekterootaan hojjetaman kan hedduu keessatti fayyadamummaa dhiiraa fi dubartii haala mul’isuu danda’uun addaa baasanii madaalaa deemuu dhabuu.
Leenjiiwwanii fi mariiwwan gaggeefamaniin booda bu'aa dhufe idileedhaan xiinxaluu fi gaappii dandeettii fi ogummaa dursanii addaan baasuuun irratti karoorfachuu irratti hanqinni jiraachuu
Adeemsotaa fi seektaroota waliin qindoominaan hojjachuu irratti hanqinni jiraachuu.
Sektaroonni sadarkaa naannoo tokko tokkoo hojii DhMMf xiyyeeffannoo itti kennuu dhabuu;
Seektaroota biratti xiinxalli dokumentii DhMM otoo hin ilaalamiin yeroo dheeraaf kan turu ta’uu;
Manneen Hojii tokko tokko gabaasa yeroo gabaatee karooraa keessatti yeroo fi qulqullinaan dhiyeessuu dhabuu
Xiinxala Raawwii Hojii Darbe keessatti Rakkoowwan Ijoo addaan ba’an
Rakkoowwan ilaalchaa hundeerraa hiikuu dhabuun raayyaa sivil sarvaantii ergama isaa karaa guutuu ta’een ijaaruun misooma dinagdee ariifataa itti fufiinsaan mirkaneessuu irratti rakkoo kan uume ta’uu,
Humna raawwachiisummaa cimaa ta’e ilaalcha ummatummaa, fi kutannoo si’aayina qabuun miira tajaajiltummaa qabu hundeessuu irratti rakkoon argamuusaa
Dostları ilə paylaş: