KUTAA SADII: BOQONNAA RAAWWII
səhifə 5/5 tarix 16.08.2018 ölçüsü 268,99 Kb. #71162
Hojiiwwan Bara 2008 keessa hojjetaman
Humna Raawwachiisummaa Cimsuu
Hojiiwwan misooma Dinagdee fi Hawaasummaa raawwachuu
Hojiiwwan Bulchiinsa gaarii mirkaneessuu
Hojii Ijoo
Hojiin ijoo bara baajataa 2008 keessatti humna raawwachiisummaa cimsudhaan hojiiwwan gurguddoo mana hojii keenyaa guutuummaan guuttuutti raawwachuudha. Kunis rakkoo ilaachaa gaggeessaa, ogeessaa fi adda duree biratti mul’atan hiikuuf qabsoo keessoo barbaadamu cimsuun humna raawwachiisummaa cimsuun gahee fi itti gaafatamummaa barbaadamu daran gonfachuun karoora gama hundaan qabame ilalcha qulqulluu, ummatummaa fi kutannoon akka raawwatamu taasisuudha.
Kaayyoo Gooroo
Karoora hojii humna raawwachiisummaa cimsuun hojjettoonni hundinuu gahee fi itti gaafatummaa hojii isaanii adda durummaan akka bahan gochuu fi qindoominaa (ijaarsa raayyaa misoomaatiin) sadarkaa hundaatti qabsoo barbaachisu finiinsuun qulqullina ilaalchaa toora diimookiraasii gonfachiisuun hojii misoomaa , ijaarsa sirna diimookiraasii, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii guutuutti milkeessuun fayyadamummaa ummataa karaa haqa qabeessa ta’een mirkaneessuudha.
Kallattii Gurguddoo Raawwii Karoorichaa
Kallattiiwwan gurguddoo raawwii karoora bara baajataa kana keessatti dhiimmonni tarreeffaaman:-
Hojiiwwan hundi ilaalchota faallaa kaayyoo keenyaa ta’an kiraa sassabdummaa, dhiphummaa, of tulummaa, ittiin bulinnaa, of- giddugaleessa godhachuu, kkf sakatta’aa fi dhabamsiisaa deemuudhaan raawwatamuu qabu.
Hubannoo Hojii ilaalcha jijjiruu raawwachuu
Leenjii fi mariiwwan adda addaa adeemsisuu
Sakatta’iinsa hojii gaggeessuu
Hojii yeroo yeroon madaalaa fi deeggersa barbaachisaa taasisuu
Hojii karooraa karaa hirmaachisaa fi diimookiraatawaa ta’een qofa raawwachuu
Hirmaannaa Hawaasaa fi Sivil sarvaantii cimsuu
Iftoominaa fi haqa qabeessuummaa baajataa cimsuuu
Hubannoo haawaasaa fi sivil sarvaantii cimsuu
Hojin hojjetamu karaa dandeettii raawwachiftuu, gaggeessaa, hojjettootaa fi adda duroota cimsuu danda’uun raawwatamuu akka qabaatu
Dandeettii rawwachiisummaa qaama sadarkaa sadarkaan jiran yeroo yerootti cimsuu
Hubannoo Hojii ilaalcha jijjiruu raawwachuu
Hojiiwwan hunda keessatti ummata fayyadamaa fi hirmaachisaa jiraachuui isaa keessattuu, fayyadamummaa fi hirmaannaa dubartootaa fi dargaggootaa mirkaneeffachaa deemuu
Hirmaannaa fi fayyadamummaa hawaasaa guddisuu
Hojii riifoormii giddu galeessa godhannee hojjechuu
Pirinsiploota bulchiinsaa gaarii duudhaalee mana hojichaa kabajuu fi akka kabajamu taasisuu
Hojii garee fi qindoominaa gaarii mijeessuu
Hojiiwwan hundinuu hojimaataa fi qajeelfamoota mana hojichaa hordofuun naamusa cimaatiin hojjechuu
Seera, qajeelfamootaa fi danbiiwwan mana hojii hojimaataa akka ta’u gochuu
Hojiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaariin kallattiin hordofuu
Karooraa, Bulchiinsa faaynaansii fi qabeenyaa irratti hojjetaan hunduu hubannoo ga’aa akka argatu leenjii fi mariidhaan cimsuu
Hojii sosochii ummaataa qindaa’een daangaa hanga daangaatti milkaneessuun hirmaaannaa fi fayyadamummaa ummataa karaa haqa qabeeessa ta’een xiyyeeffannoo olaanaa kennuu
Hirmaannaa fi dadamaqiinsa hawaasaa hojii misoomaa dinagdee irratti kallattii hundaa cimsuun abbummaan akka itti dhaga’amu gochuu
Kaayyoo hojii Ijoo
Dandeettii raawwachiisummaa sadarkaa olaanaan cimsuun ga’ee gaggeessuummaa fi itti gaafatamummaaa hojii nurraa eegamu ba’uun hojii misoomaa, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii guutummaan guutuutti raawwatamee fayyadamummaa ummataa karaa haqa qabeeessa ta’een mirkaneessuu.
Galmoota Ijoo
Galma 1; Ilaalcha diimokiraasii warraaqsaa sadarkaa hundaatti dagaagsuun dandeettii raawwachiisummaa hooggansaa fi hojjettootaa cimsuun raayyaan ergama isaa baachuu akka danda’u uumuu
Galma 2 ;- Waltajjii umamaan hundaatti qabsoon akka hoogganan gochuun dandeettii cimsuu uumuu
Galma 3:- Hojii Ijoo raawwachuudhaan hojiiwwwan gurguddoo qabaman guutummaan guutuutti akka raawwatamu gochuun fayyadamummaa ummataa karaa haqa qabeessa ta’een mirkaneessuudha.
Tarsiimoo Raawwii hojii Ijoo galmaan ga’uuf raawwataman
Hojii keessoo hojjechuun humna raawwachiisummaa cimsuu
Hojiiwwan bulchiinsa gaarii hojimaataa taasisuu
Jijjiirama Bu’uraa Adeemsa Hojii (JBAH) hojii irra akka oolu gochuun
SMBKT (Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimo’aa) hojii irra oolchuu
Ijaarsa raayyaa jijjiiramaa siiviil sarviisii idileessuun hojiin kamiyyuu raayyaa fi raayya qofaan akka hojjatamu taasisuun.
Meeshaalee riiffoormii fi bulchiinsa gaarii hojii irra oolchuun
Hojiiwwan Bara 2008 Keessatti Karoorfaman
Hojiiwwan Gurguddoo Hojii Riifoormii
Jijjiirama Bu'uura Adeemsa Hojii (JBAH) cimee akka ittifufu gochuun tajaajila saffisaa fi si’äayina qabu tajaajilamaaf kennuu
Akkaataa qajeelfama Sirna Ijaarsaa Raayyaa Jijjiiramaa Mootummaa irraa kennameen hojjattoota mana hojichaa irra deebiin Tokko shaneen, Garee jijjiiramaa fi Gumii Adda durootaa ijaaruun, ijaarsa raayyaa idileessuu.
Raawwi hojii Hojjetaa yeroo yeroon madaalaa hanqinaalee raawwii keessatti isaan muudate sirreessaa deemuu fi hojimaata badaa irratti akka qabsaa’an mariin ijaarsa raayyaa idileessuu.
Faayidaa dagaagina naamusaa, miidhaa al-naamusummaa fi miidhaa gochi malaammaltummaa hawaasarraan geessisu irratti hubannoo bal’aa kennuun sivil sarvantii gocha badaa obsuu hin dandeenye uumuu.
Qajeelfama Raawwii Sirna Madaallii fi Badhaasaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa kennamuu bu’uureffachuun Madaallii bu'aa Karoora Tarsiima'aa waggaatti si’a lama gaggeessuun hojjattoota fakkeenya ta’an, naamusa gaarii qabanii fi madaallii sirrii gaggeeffameen sadarkaa daran ol’aanaatti hojii isaanii raawwatan badhaasuu
Hojiiwwan Karooraa
Karoora bara 2008 xumuruu
Qophii karooraa waggaa kan bara 2007 haala baajata labsameen sirreessuu fi xumuruu,
Sagantaa raawwii hojii piroojektootaa fi hojii fizikaalaa idilee manneen hojii haala baajata mirkana’een wal simmachisuu fi qopheessu,
Ibsaa fi facaatii pirojektoota bara 2008 qopheessuu fi raabsuu,
Labsii baajataa dabalataa bara 2007 fi labsii baajataa bara 2008 xumuruun Magalata Oromiyaatti akka maxxansamu gochuu,
Sagantaa raawwii hojii pirojektootaa fi hojii fiizikaalaa manneen hojii haala baajata mirkana’een wal simmachisuu
Deggersa Baajata dimshaashaa (block grant) Aanaalee fi Bul/Magaalotaaf qoodame beeksisuu
Labsii Baajata aanaalee fi bulchiinsa magaalotaa qindeessuun Ministeera maallaaqaa fi misooma dinagdee Federaalaaf dabarsuu
Karoora Hojii pirojektootaa GBM-4 qopheessuu qaama dhimmii ilaaluuf dabarsuu
Ragaa Karoora Pirojektoota Aanaalee Qindeessuu fi horrdofiif haalaa mijeessuu
Bulchiinsa Baajata
Baajatni bara 2008 sektaroota softweerii IBEX keessa akka galuu gochuu manneen hojii abbootii baajataa beeksisuu ,
Qajeelfama bulchiinsa baajata hojii irra akka oolu hordoofu fi deeggarsa teeknikaa manneen hojii fi aanaaleef kennu,
Gaaffii dabalata baajata manneen hojii irraa yommuu dhiyaatu xinxaaluu fi murtii mootummaaf dhiyeessu,
Gaaffii jijjiirraa fi dabalata baajataa dhiyaatu xinxaluu murteessu, qaama murtoo kennuuf dhiyeessuu fi raawwii isaa to’achuu.
Galii karooraa olii bara 2007 qindeessuu
Piropozaala itti fayyadama galii karooraan olii 2007 aanaalee fi magaalotni baajata dabalataa bara 2008 keessatti akka labsataniif qopheessuun MMBMNOtiif dhiyeessuun mirkaneesisuu
Haftee saanduqaa baajata aanaalee qindeessuu fi Kanneen rakkoo qabaniif heeyyamu
Hordoffii fi Gamaaggama
Gabaasa Mana hojii Mootummaa ji’a ji’aan walitti qabuun xiinxaaluu hojii Misoomaa, Baajata Mootummaa idillee fi kaapitaalaan gaggeeffamaan dirree irratti hordofuu fi gamaaggamuu
Gabaasa ittifayyadama Baajataa Naannoo fi Aanaalee kurmaana lamaaffaa irraa jalqabee Ji’a Ji’aan fi kurmaanaa qindeessuu ,kallattii kaa’uu,
Hordoffii fi Gamaagamn pirojektootaa waggaatti yeroo lama dirreetti argamuun sektaroota waliin qindaa'uu
Mootummaa Xalayaaniin Gaggeeffamuu ”Agricultural Value chain”) fi k.k.f hordoofuu, gamaaggamuu fi deeggarsa teeknikaa kennuu
Gabaasa Pirojektoota Galma Misooma Barkumee bara 2008 qindeessuun Qaama dhimmi ilaaluuf dabarsuu
Karoora waggaa shanii bara 2008 – 2012 Qopheessuu
Bu’aalee gamaaggaminsa karoora guddinaa fi Tiraanisfoormeeshinii irratti hundaa’uun karooraa waggaa shanii bara 2008-2012 haala kallattii qophii karoora kennamuu fi tarsiimoo misooma Fedeerala gidduu galeessa godhateen akka qophaa’u ni ta’a.
Karoora bara 2009 qopheessuu:
Ragaa qooddii baajataa aanaalee qindeessuu, fi xinxaluu
Ragaa qindaa’e irratti hundaa’uun ulaagaa baajaa deggersa dimshaasaa qopheessuu
Karooraa waggaa kan bara 2009 haala qabatama karoora wagga shanii 2008 - 2012 irratti hunda’uun karoora waggaa qopheesuu
Karoora piroojektootaa kan bara 2008 qophessuu
Qabeenya mootuummaa haala iftooma qabuu fi guddina waliqixaa fiduu (equitable development) fiduu danda’uun manneen hojii naannoo fi godinaalee giddutti qooduu
Karoora Naannoo bara 2008 qophaa’u ilaalchisee kallattii mootummaan kaahe waliin deemuu fi dhiisuu isaa xiinxaluu fi qindeessuu,
Piropozaala qooddii baajata aanaalee fi bulchiinsa magaalotaa qophaa’e qaamolee dhimmi ilaaluuf dhiyeessuun murteesisuu
Hojiiwwan Qorannoo Imaammataa, Tarsimoo Misoomaa fi Karoora Gooroo
Raawwii Karooraa fi baajataa MNO bara 2007 qindeessuu
Gabaasa MNO bara 2007 xiinxaluu fi qindeessuu xumuruu
Bara 2008tti tilmaama galii Naannoo Oromiyaa madda adda addaa irraa argamu (Resource Envelope) addaan baasuu, qooduu fi ibsa irratti qopheessuu eegaluu
Karooraa fi Gabaasa MNO xiinxaluu fi qindeessuu
Karoora bara bajata bara 2008 xiinxaluu fi qindeessuuu xumuruu
Karoora Guddinaa fi Tiraansifoormeeshinii MNO lammaffaa qindeessuu fi xumuruu
Labsii bajata MNO bara 2009 qopheessuu fi ragaa bara 2008 qindeessuun qaama dhimmi ilaallatuuf dabarsuu
Dhimmoota imaammataan walqabatan irratti qorannoo gagegesuu
Hojiilee akkaawuntii galii naannoo kan bara kan bara 2007 tilmaamuu fi raawwachuu
Dhimmoota “Regional Macro-Economic Development Indicators “ nannichaa ” bara 2007 gaggeessuu
Qorannoo dhimmoota sochii IMX fiInavastimantii Naannichaa irratti gaggeesuun xumuruu
Haala hawaas-diinagdee nannichaa bara 1993-2007tti jiru qorachuu, dokumantii tokko baasuu
Haala qabatamaa Dimoogiraafii fi Misoomaa Naannoo Oromiyaa irratti qorannoo tokko gaggeessuu
Agarsiistoowwan dimoogiraafii misoomaa naannichaa kan bara 2007 qopheessuu
Akkaawuntii Dinagdee Naannoo qopheesuu
Hojiilee akkaawuntii galii naannoo kan bara 2007 tilmaamuu, qindeessuu fi qaama dhimmi ilaaltutti dhiyeessuun mirkaneessisuu
Hojiiwwan Ragaa fi Infoormeeshinii Naannoo
Ragaalee qooddii baajata aanaalee bara baraan sassaabsisuu, xinxaluu, qindeessuun qaama dhimmi ilaaluuf dabarsuu
Kuusaa ragaalee aammayyaa hojjetamee xumurame godinaalee 3 fi aanaalee 48 hafan keessatti baba’lisuu (‘scaling-up developed modern database management to the remaining 3 zones and 45 weredas’)
Ragaa pirojektootni bara baajataa 2008 keessa hojjetamuu qaban fedhii manneen hojii irraa dhiyaate fi tarsiimoo misooma naannoo fiixaan baasuuf filataman baajata manneen hojiif heeyyamamee wajjiin walsimisisuun akka raawwataman gochuu,
Sirna bulchiinsa ragaa fi odeeffannoo BMMDO fooyyessuun gurmeessuu
Godinaalee fi aanaalee 36 irratti hojii ragaa dhugoomsuu (data verification) gaggeessuu,
ragaalee ‘GPS’, Digital Data & ‘Satelite Images’) madda adda addaarraa argaman sassaabuun kaartolee adda addaa facaatii qabeenya uumamaa, hawaas-dinagdee fi kan biroos agarsiissan hojjechuu fi haaromsuu,
Hojii pirojeektii ‘Ethio-Italian country program’ kuusaa ragaa hammayyaa Naannoo (Regional modern database management system & GIS) hammayyeessuu ittifufe hojiirra oolchuu ,
Hojilee Gugurdoo Dhaabbilee Miti Mootummaa
Waliigaltee hojii DhMM haaraa wajjin mallatteessuu
Pirojeektota DhMM irraa dhiyaatan xiinxala taasisuun waliigaltee mallatteessuu
Gabaasa hojiilee pirojektoota DhMM f duub-deebii itti kennu
Hojii kenniinsa tajaajila adda addaa kan akka lakkoofsa gabatee, meeshaalee ashuuraa alaa galanii fi baniinsa herrega baankii raawwachuu
Foramii “GO-NGO” sadarkaa naannootti altokko fi sadarkaa godinaatti gaggeessuu
Hojiiwwan Bulchiinsa Faaynaansii Naannoo
Hojiiwwan Kaffaltii Baajataa
Kaffaltii Baajataa Idlee fi Kaappitaalaa saanduqa Mootummaa raawwachuu
Baajata Mootummaa Naannoo bara baajata 2008 Caffeen ragga'e irratti hundaa'uudhaan Manneen Hojii Mootummaa Naannoo karoora fedhii maallaqa callaa waggaa kurmaana kurmaanaan qoodanii akka dhiyeeffatan taasisuu.
Fedhii Baasii Naannoo tilmaama keessa galchuun karoora fedhii maallaqa callaa naannoo kan waggaa baajata marmaartuu fi kaappitaalaan qopheessuun MMMDf dhiyeessuu
Karoora fedhii maallaqa callaa irratti hundaa'uudhaan manneen hojii abbootii baajataa naannoof ji'a ji'aan sirna herrega madaala duwwaan kaffaltii baajata marmaartuu fi kaappitaalaa raawwachuu
Baajata baraaf mirkanaa'e bu'uurreeffachuun godinaalee,aanaalee fi magaalootaaf deeggarsa baasii ji'a ji'aan dabarsuu,
Gabaasa raawwii dabarsaa deeggarsa baasii Manneen Hojii Naannoo, Godinaalee, Aanaalee fi Bulchiinsa Magalotaa tiif taasifamu kurmaana kurmaanaan Ministeera Maallaqaaf erguu
Kafaltii Fandiiwwan adda addaa raawwachuu
Kaffaltii maallaqa imaanaa fi fandiiwwanadda addaa (PSNP,PSCAP,GEQIP,ULGDP, WASH,PBS) bu'uura baajataa heyyamamee fi qoodiinsa maallaqa sektaroota dhimmi ilaalu irraa dhiyaatuun abbootii baajataaf dabarsuu,
Itti fayyadamni fandiwwanii akka cimuu fi kaayyoo ergameef qofaaf akka oolu hordoffii fi deeggarsa cimsuu
Bulchiinsaa fi itti fayyadama fandiiwwanii irratti abbootii baajataa waliin mariyachuun siyyoomina itti fayyadamaa fi dhiyeessa gabaasaa fooyyessuu
To'annoo fi Bulchiinsa Maallaqa Mootummaa Cimsuu
Ajaja kaffalti baankf barreefamu yeroon baankii akka dhaqqabu gochuun siyomina dabarsa maallaqaa fooyyessuu
Ragaalee Herreegaa galii fi baasii baankii guyyaa guyyaan qopheessuu, galmeessuu fi sirrummaa isaa mirkaneessuu,
Madaala maallaqa baankii guyyaa guyyaan galmeessanii qabachuu
Araarsa herreega baankii ji'a ji'aan qopheessuu
Deeggarsa baasii federaalaa fi galii manneen hojii mootummaa naannoon walitti qabamu yeroon tireezyariitti galii ta'uu isaa hordofuu
Hojii bulchiinsa faaynaansii irratti biiroolee naannoo Godinaalee fi aanaaleef deeggarsa kennuu
Herrega Naannoo Yeroo fi qulqulliinaan cufuu
Manneen Hojii Mootummaa Naannoo, Godinaalee, Aanalee fi Bulchiinsa Magaalotaa herrega bara 2007 yeroo fi qulqulliinaan cufuu akka danda'an deeggaruu
Herreega Naannoo bara 2007 sirrummaa fi qulqulliina isaa mirkanneessuun hanga Onkoloolesaa 30/2008 tti cufuu.
Gabaasa herrega itti fayyadama baajata naannoo idilee fi fandiiwwanii bara baajata 2008 kurmaana kurmaanaan qopheessuun qaama dhimmi ilaaluuf dhiyeessuu
Iftoominnaa fi Gaafatamummaa faaynaansii cimsuu
Baajata naannoo bara 2008 mirkanaa'e Biroosherii, Templetoota Iftoominaa fi Itti gaafatamummaa faaynaansiin fayyadamuun ummatni akka beeku gochuu
Waltajjii koree olaanaa (steering committee) bulchiinsa faayinaansii mootummaa kurmaana kurmaanaan geggeessuun hanqinoota bulchiinsa faayinaansii fi ittifayyadama baajataa irratti mullataniif furmaata kennuu
koree bulchiinsa faaynaansii naannootiin (PFM team) kurmaana kurmaanaan hojii iftoominaa fi gaafatamummaa faayaansii godinaa fi Aanaalee hordofuun deeggaruu
sochii hojii FTA waggatti gamaggamuu
Hojiiwwan Bittaa, Bulchiinsa Qabeenyaa Naannoo
Hojiiwwan sirna adeemsa bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa cimsan raawwachuu
labsii fi qajeelfama bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa akka biyyattii qopha’ee pirototaypii isaa fudhachuun akka naannootii qopheessuun hojii irra akka oluu taasiisuu;
Sanada caal-baasii idilee akka biyyaatti foya’ee qopheessun hojii irra akka oluu taasiisuu;
Qajeelfama sirna bittaa mootummaa irra deebiin qopheessuu;
Dokumaantii leenjii bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa haala qorannoo raawwii hojii keessatti mulatan irratti hundaa`un qopheessuu;
Bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa irratti qorannoo geggeessun hanqinoolee argaman irratti Hoggansa olaanaaf dhiheessun furmaata akka argatu taasisuu.
Hojiilee Bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa raawwachuu
Odiitii bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa gaggeessuu
Bittaa fi Bulchiinsa qabeenya mootummaa irratti deeggarsa teeknikaa kennuu
Hayyama waraqaa ragaa dhiyeesummaa kennuu
Hojii irra olmaa sirna bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa irratti komii dhiyaatu keessumeessuu
hojii irra olmaa Sirna dhabamsiisa qabeenya mootummaa hordofuun mirkaneessuu
Sagantaa lakkaa’umsa qabeenya waggaa qopheessuu, haala raawwii isaa hordofuu fi gabaasa raawwii lakkaa’umsa qindeessuu
Ragaa konkolaatoota mootummaa naannoo qindeesuu
Haala ittiin fufinsa hayyama qabeenya diinni awwaalee irratti qorannoo gaggeessuun yaada murtoo dhiyeessu
Hojii irra olmaa sirna bittaa fi BQM irratti komii dhiyaatu keessumeessuu
Karoora fi Gabaasa bittaa fi bulchiinsa mootummaa naannoo qindeessuu, qopheessuu fi qaama ilaaluuf dabarsuu
Hojiilee Odiitii Naannoo
Sirni Qabiinsa herregaa fi qabeenya Mootummaa diriire kabajamee hojii irra oolu isaa xiinxala ammayya’aa ta’e gaggeessuun hojii irra oolmaa isaa mirkaneessuu bu'aa isaa yeroon hordofuun dhiyeessuu,
Qajeelfamni, dambii fi seerri bulchiinsa faaynaasii fi qabeenya Mootummaa hojiirra oluu isaa hordofuun kanneen qajeelfamaan ala raawwataman seeratti dhiyeessuun tarkaanfiin akka irratti fudhatamu gochuu.
Karoora hojii manneen hojii mootummaa giddu-galeessaa, godinaalee, magaalota irraa dhiyaatan gamaaggamuu,
Raawwii hojii odiitii ji’a ji’aan dhihaatu gamaaggamuun koree odiitiif dhiheessuu, bu’aa odiitii irratti hundaa’ee murtii maanaajmantii biiroo fi kaabineen naannoon kenne akka hojii irra oolu hordofuu,
Odiitaroota sabaaba adda addatiin leenjii hin fudhaneef leenjii kennuu,
Ajaja qaama ol-aanaa irraa kennamuu fi manneen hojii mootummaa gargaarsa addaa gaafatan odiitii taasisuu,
Gamaaggama hojii odiitii, manneen hojii mootummaa giddu-galeessaa 10, irratti gaggeessuu,
Gamaaggama hojii odiitii jiini kurmaanaa xumuramee guyyaa 20 irratti rakkoolee gamaaggamichaa irratti mul’ataniif yaada fooyya’iinsaa dhiheessuu,
Odiitaroota keessaatiif leenjii hojii irraa kennuu,
Haala gamaaggama bu’aa odiitii aanaalee irratti leenjii gabaabaa abbootii adeemsaa godinaaleetiif kennuu,
Hojiiwwan Odiitii Keessaa
Odiitii raawwii gaggeessuudhaan bu’aa isaa yeroon dhiyeesuu fi hordoffuu.
Odiitii Bulchiinsa Qabeeya Dhaabbii taasisuun bu’aa isaa yeroon dhiyeesuu fi hordoffuu.
Cufiinsa Sanduqaa fi Meeshaa Dhumataa Bara Baajataa dhumaa raawwachuu, fi xinxaalaa meeshaa dhumataa raawwachuun bu'aa isaa gabaasuu fi hordoffuu.
Fandiiwwan addaa akkaataa waliigalte galameen raawwatamu isaa mirkaneesuu,bu’aa isaa yeroon gabaasuu fi hordofuu.
Baajata qoodameef kaffaltii rawwatame, bittan seera eege rawwachuu isaa mirkanneessu , bu'aa isaa yeroon dhiyeesuu fi hordoffuu.
Sirni Qabiinsa herregaa fi Qabeeyaa Mootummaa diriire kabajamee hojii irra oolu isaa mirkaneessuu, bu'aa isaa yeroon dhiyeesuu fi hordoffuu.
Sirni to'annoo keessaa dirrire hojiirra oluu isaa gammaaggamu fi sireeffamnii akka godhamu yaada bu'aa dabalata mana hojiif uumuu dhiyeessuu.
Sirni Bulchiinsa humna namaa seeraa BSSBGO baasee hordoffamee raawwatamuu isaa mirkaneesuu, bu'aa isaa yeroon dhiyeessuu fi hordoffuu.
Bu’aalee odiitii yeroo adda addaa dhiyaate tarkaanfii irratti hin fudhatamuu qindeesuu dhiyeesuu fi bu’aa isaa yeroo yeroo hordoffuu.
Hojiiwwan Qophii Karooraa, Bittaa, Bulchiinsa Qabeenyaa fi Faaynaansii Biiroo
Hojiilee Karooraa fi Baajataa
Ragaalee baajataaf barbaachisan godinaalee irraa walitti qabuun qindeessuu
Karoora mana hojii qopheessuu
Ulaagaa qooddii baajataa bu’uura godhachuun baajata 2008 BMMDO fi Waajjiraalee MMD Godinaalee 18 tiif qooddiinsa raawwaachuu,
Gamaaggama hojii gaggeessuu
Madaallii godinaalee gaggeessuu fi duub deebii kennuu
Gabaasa hojii yeroon qopheessuun qaama dhimmi ilaaluuf dabarsuu
Hojiilee Bulchiinsa Faayinaansii fi Herregaa
HojiiKaffaltii
BaajataMindaa hojjatootaaf qabamee labsiin mirkana’e irratti hunda’udhaan kaffaltii mindaa ji’a ji’aan rawwachuu
To’annoo baajata gaggessuun kaffaltii duraa fi dhumaa haala barbaachisummaa isaatiin kaffaltii hojii rawwachiftuu rawwachuu.
Gaaffii kaffaltii bittaa meeshaa dhumeyyii fi dhabbii karoora bittaa irratti hunda’ee dhiyaatu qulqulleessuun qaama dhimmi ilaaluuf raawwachuu.
Hir’dhifamawwan kaffaltii irraa maddan (Hir’dhifamawwan peerolii, Withholding tax, VAT fi kanneen biroo) yeroo isaa eeggatee qaama dhimmi ilaaluuf yeroon dabarsuu.
Kaffaltii leenjii addaa addaa kennamu haala sagantaa baheen dirree deemuun kaffaluu.
Herreega kaffalamaawwan qaama abbaa mirgaaf yeroon kaffaluun herrega isaa buusuu.
Herreega walitti qabamaa akkataa qajeelfamaan ta’ett hojii fi yeroo herreegichi bu’uu qabu giddu galeessa godhachuun herreega buusuu ykn mallaqaan aka bu’u taasisuu.
Hojii to’annoo
To’annaamaallaqaCallaa Baankii fi Saanduqaa gaggessuu
Ragaawwan herreega baankii (Bank advices and Bank Statements ) yeroo yeroo isaatti hordofuun galmeessuu.
Araarsa herreega baankii ji’a ji’aan hojjachuun sirrummaa mallaqa calla baankii mirkaneeffachun to’achuu.
To’annoo mallaqa callaa saanduqaa guyyaa guyyaan sa’atii 10:30 irraa egalee gaggeessuu.
Gabaasa
Herrega ji’aa ji’a ji’aan cufuun qaama dhimmi ilaaluf yeroo sagantaan (jiinii seenee 1-5 ) kessatti gabaasa herrega idilee qaqabsiisuu.
Gabaasa Herrega Fandiiwwan addaa addaa SOE qopheessuun gabaasuu.
Hojiilee Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa biiroo
Fedhii bittaa adeemsoota irraa dhiyaatu walitti qabu, xinxaluu, qindeessu, karoora bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa waggaa bara baajata 2008 qopheessuu
Ragaalee qophii karooraa bittaa walitti qabuun qindeessuu.
Bittaa mootummaa irratti qorannoo gabaa gaggeessuun
Bittaa Meeshaalee dhaabbii, dhumataa, Maxxansa adda addaa fi Bittaa uffata seeraa hojjettootaa raawwachuu
Maxxansa addaa addaa raawwachuu raawwii isaa hordofuun gabaasuu
Galmee lakkofsa addummaa qabeenya dhabbii, Galmee qabeenya dhabbii bulchiinsa qabeeenyaaf barbaachisaan qopheessuu fi itti fayyadamummaa isaa mirkaneessuu
Raawwii karooraa bittaa bara baajata 2008 yeroo yeroon hordoofuu fi gamaggamuun, gabaasa dhiyyaatan kurmaanna kurmaannan qindeesuun qaama dhimi isaa ilaaluuf yeroon gabaasuu.
Hojiilee Bulchiinsa Qabeenya Humna Namaa
Odeeffannoo qabeenya namaa walitti qabuu, qindeessuu fi tajaajila barbaadamu irra oolchuu,
Karoora qabeenya Humna namaa mana hojiichaa yeroo gabaabaa fi dheeraa qopheessuun hojiirra oolchuu,
Fo’annoo fi filannoo hojjattootaa gaggeessuu, (qaxara, jijjirraa, dabala mindaa, guddina sadarkaa)
Qaxara hojjatoota kontiraataa sagantaa gargaarsa addaa addaa akkaataa Ministeera Maallaqaa irraa dhiyaateen raawwachuu,
Lakkoofsa soorataa hojjatoota hin qabneef lakkoofsa soorataa kennisisuu fi dhimmoota soorama hojjettootaa walqabatan raawwachuu,
Leenjii yeroo gabaabaa fi dheeraa qindeessuu , kennuu, hordofuu, fi gabaasuu,
Komii ykn Iyyannoo hojjetaa dhageeffachuu, keessumeessuu furmaata kennuu fi gabaasuu,
Hir’inaalee hojii irratti mul’atanuuf irratti mari’achuu furmaata kennuu, Naamusa hojjatootaa hordofuu,
Heyyama hojjetootaa, faayidaalee fi dhimmoota hojjetootan walqabatan hunda raawwachuu,
Madaallii hojii hojjetootaa raawwachuu fi qindeessanii qabuu,
Dhimmoota hojii gad-dhiisuu fi hojiitti deebi’uu murteessuu,
Kuusaa hojjetoota qindeessanii qabuu, ragaa hojjetoota qopheessuu fi ammayyeessuu
Hojiilee DhimmaTajaajila Seeraa
Wixinee labsii ,dambii fi qajeelfama bittaa abbootti baajata mariisisuun yaada walitti qabu qopheessuun xumuruu Biiroo haqaa , Kabinee fi Caffeef dhiyeessuu
Wixinee labsii baajata idilee bara 2008 fi baajta dabalataa bara 2007 qopheessuu
Kaffaltii abbaa seerummaa akka galii ta'u manni murtii ajaajee himata dhiyeessuun galii taasisuu;
Murtee maallaqaa fi qabeenyaa irratti himaata raawwii dhiyeessuun maallaqa isaa galii taasisuu;
Murtee adabbii maallaqaan walqabatee raawwii himataa dhiyeessuun maallaqaa isaa galii taasisuu
Hojiiwwan TQO
Baajatni bara 2008 sektaroota Naannoo, Godinaalee, Aanaalee fi Bulchiinsa Magaaloota hunda irratti softweerii IBEX keessa Adooleessa irraa kaasee akka galuu gochuun softweerii kanaan akka raawwatamuu deggersaa fi hordooffii wal irraa hin ciinnee taassisuu
Baajataa bara 2008 walitti qabuun qindeessuudhaan Kitaaba baajataa (Budget Book) qopheessuu.
Fayyadama softweerii IBEX ilaalchiisee muuxxannoo gaarii bakka hundatti baballachuu danda'uu (Sadarkaa Biiroo, Godinaa, Aanaa fi Magaalaatti) addaan baasuu fi qaamota fayyaadama IBEX irratti adda duree ta'an badhaasuun jajjabeessuu
Kompitaraa fi meeshaalee kompitaraa waliin walfakkaataniif ispeesifikeeshiinii qopheessuu fi jijjirama teeknooloojii wajjin ilaaluudhaan yeroo yeroodhaan sirreessuu
Godinaalee fi Biirooleedhaaf fayyadama softiweerii IBEX irratti kompitaroota bilbiilaan qunnamsiisuudhaan (Dial-Up) fi qaamaan argamuudhaan deggersa ogummaa kennuu
Immaamata Odeeffannoo Teekinooloojii (IT Policy) Biiroo keenyaa baasuu fi hojii irra oolchuu
Sirna Bulchiinsa Odeeffannoo (MIS System) hojjatamee xumaramee hojii irraa akka oluu hordofuu fi gargaarsa itti fayyadamtootaaf kennuu
Neetwoorkii Biiroo Babal’achaa turee hojii irraa olee Immaamata Odeeffannoo Teeknooloojii qopha'e irratti hunda'uun bulchiinsa isaa fooyyessuu. Baka hanqina jirutti Networki baballisuu
Softiweeroota adda addaa walitti qabuudhaan kuusaa sooftiweerii (Software Gallery) qopheessuu fi yeroo yeroon foyyessuu
Kompiitaroota, pirintaroota fi UPS mana kuusa keessa jiran haroomsi (Suupha) barbaachisaa ta'e godhameefii Aannalee hanqinaa qabaniif deggeersa gochuu
Meeshaalee Suphaa Odeeffanoo Teekinolojjii haaluma karoora fedhii bittaa irratti guutameen akka raawwatamu hordoffii gochuu
"Web site" biiroo keenyaa irratti yeroo yeroodhaan odeeffannoo barbachiisaa ta'ee gadi dhiisuu, odeeffannoo jiru haromsuu fi fooyyessuu
"Godinalee fi Aanoolee Ejensii TQO Oromiyaa waliin ta'uun 'WeredaNet' tiin wal qunnamsiisuu
Hojii IFMS (Data Center, WeredaNet & etc) karaa MoFED hojjetamaa jiruu hordofuu fi deggersa barbaachisaa ta'e yeroon kennuu
Godina hundumaa fayyadamtootaa 'Internet' akka ta'an gochuu
Softiweerii hojii salphisuu danda'an qorachuun humna biiroon akka hojjetamuu gochuu
Hojiilee Dhimma Koorniyaa
Kallattii karoora hojii dhimma koorniyaa bara 2008 fi waggaa shanii qopheessuun WMMD Godinaalee, Aanaalee fi sekterootaa mootummaa dabarsuu
Dhimma koorniyaa karoora qabatamaan guutuutti hojiirra oolchuu, seektara hunda keessatti akka idilaa’u hordofuun deggaruu fi Raawwii karoora bara 2008 kurmaana kurmaanaan hordofuu,
Maanuwaalii Sirna baajataa koorniyaaf deebii kennuu akka MOFED iitti qophaa'ee gara qabatamaa naannoo keenyaatti jijjiiramee maxxansiifamaa jiru qaama dhimmi ilaalu hundaaf dabarsuu fi dokimantii kana irratti hubannoo uumuu.
Dokmantii Ittiin qajeelfama sirna koorniyaa idileessuu (guide line) maxxansa irra jiru yoo xumurame raabsuun hubanoo uumuu.
Hojiiwwan dandeettii cimsuu hanga yoonatti gaggeffaman irratti godinaalee fi aanaa , magaalaa murasaa samuda fudhachuun qorannoo gaggeessuun ciminaa fi hanqinaa jiruu addaa basuun qaama dhimmi ilaaluuf gabaasuu,
Waajjira MMD godinaalee fi Magalootaa raawwii hojii keessatti ciminaa fi hanqina mul’atee ka'umsa godhachuun duub-deebii kennuu
Hirmaannaa fi Fayyadama dubartootaa guddisuuf (affarmative action) qajeelfamoota jiran eegamuusaa hordofuu fi hojiirra oolmaan isaa akka mirkanaa'u taasisuu,
Biiroo fi Godina irratti baajatni 1% qabamee daa’imman harka qalleeyyii deeggarsa barbaadaniif ooluu isaa hordofuun raawwii isaa gabaasuu.
Karroorri mana hojii keenyaa dhimma koorniyaa giddu galeessa kan godhatee kan qophaa’eefi hojii irraa oolaa jiraachuu isaa hordofuu fi qindoominaan waliin hojjachuu
Dhaabbileen Miti- Mootummaa Naannoo keenya keessa jiran karooraa fi raawwii isaanii keessatti sirni koorniyaa idilaa’uu isaa qindoominaan hordofuu( daayrektoreetii DhMM waliin)
Hojiiwwan Hordoffii fi Dagaagina Naamusaa
Malaammaltummaafi hojimaata badaa irratti hubannoo bal’aa kennuun sivil saravantii malaammaltummaafi hojimaata badaa obsuu hin dandeenye uumuu:
Hojimaata malaammaltummaaf qaawwa banan qorachuun akka sirreeffaman taasisuu:
Qabeenyaafi maallaqa mootummaa sirnaan hojii irra ooluu isaa mirkaneessuu:
Qabeenya hojjettootaafi Ogantootaa galmeessuufi beeksisuu
Hojii gorsaa:
Eeruu fudhachuu
Komii maamilaa keessummeessuu
Caasaan MMD sadarkaadhaan jiru akka guutamu taasisuu:
Qajeelfama naamusaa qopheessuufi hojiirra akka oolu taasisuu:
Gamtaa Farra Malaammaltummaa hundeessuufi qabsoo farra malaammaltummaa keessatti ga’ee isaanii akka ba’an gochuu:
Koree naamusaa, koree komii bittaa, koree calbaasii, koree qaxarrii, koree guddina keessaa fi kkf keessatti sagalee- malee hirmaachuun adeemsa seeraan alaa akka sirreeffamu taasisuu;
Hojii Hordoffii Dagaagina Naamusaa cimsuuf yoo xiqqaate waggaatti yeroo lama dirree bahuun sadarkaa godinaafi magaalotaa/sadarkaa godinaa/hojii hojjetamaa jiru hordoffuufi deeggarsa teeknikaa kennuu.
Hojiiwwan Dhimma Dargaggoo fi HIV/AIDS
Karoora seektarichaa keessatti Paakeejiin Guddinaa Dargaggootaa iddileeffamee hojiirra oolu isaa hordoffu.Hojii ittisaafi To’annoo HIV/AIDsii sekitericha keessatti qindoominaan hojachuu
Dargaggootaa seektarichaatiif Waltajiiwwan mari dhimma Dargaggootaa irratti qopheessuun mariin akka gaggeeffamuu haala mijaeessau,.
Hojiiwwan gama Miti-Mootumman Nannoo keenya keessatti hojjataman Dargaggoota irra fayyadamoo ta’an adda baasuu
Qamootaa adda addaa wajiin ittisaafi To’annoo HIV/AIDS irratti qindoominaan hojachuu
Mirga dubartoottaafi namoota Vaayirasii HIV dhiiga isaanii keessa jiru akka kabajamuu Taasisuu.
Madda galii gabbisuu fi Itti fayyadama Maallaqaa qabisu irratti seeraan fayyadamuu
Sektaroota hunda keessatti baajata 2% qabsiisuu fi ittifayyadama isaa Hordooffii fi To’annoo gegeessuu
Deggersaa Da’immaan maatii hin qabneefi harka qaleeyyii yeroon akka raawwatuu ta’ee namoota Vaareesiin HIV/AIDS dhiiga isaa keessa jiruufi harka qalleeyyii ta’an baajata ramadameen akka gargaaramaan gochuu.
Dandeettii Raawwachiisummaa Cimsuu
Sirna bulchiinsa faaynaansii mootummaa fi hojiiwwan iftoomiinaa fi gaafatamummaa faaynaansii irratti ooggansa naannoof oreenteeshinii kennuu.
Leenjii hubannoo baajataa (budget literaay training) Ummataa fi Miseensota Mana Marii Aanaa fi Naannootiif kennuu
Ulaagaa qooddii baajata haaraa yeroo amma kana xummuramee irratti koree dhaabbii naannootii fi qaama dhimmi ilaallatu 60 ta’aniif leenjii hubannoo isaanii cimsu kennuu akkasumas Anaalee fi Bulchiinsa Magaalotaa irratti Itti gaafatamtootaaf leenjii kennuu
Maanuwaalii qophii karooraa fi bulchiinsa Baajataa irratti ogeessota MHM sadarkaa aanaatti fi godinaatti argamaan Walumaa gala namoota 450f leenjii kennuu
MH Naannootii argaman irraa oggeesoota 45f sirna programme budgeting irratti leenjii kennuu
Karoora Qindaawaa Hirmaannaa Hawaasaan qophaa'u irratti aanaalee 23 gandoota 690 irraa haala mijeesitoota namoota 4140f leenjii kennu
Karoora qindaawaa hirmaannaa Hawaasaan Qophaa'u aanaalee 101 gandoota 2196 irraa namoota 13,176 tiif leenjii kennuu
Humna raawwachiisummaa Biiroo, godinaalee fi Magaalota cimsuuf leenjii hubannoo dhimma adeemsa raawwii pirojektotaa (PCM) irratti kennuu.
Hojjettoota hojii bulchiinsa faaynaansii irratti ramadamanii leenjii qabiinsa herregaa maallaqa callaa fooyya'e hin fudhatiniif leenjii kennuu
Miseensota garee PFMf Iftominnaa fi gaafatamummaa faaynaansii irratti leenjii kennuu
Bulchiinsa fandiiwwanii chaanelii tokko irratti hojjatoota herregaa fi qabdoota maallaqaaf orenteshiinii gabaabaa kennuu
Qophii pirojaktoota LED bara 2008 magaalota 8 (Assallaa, Adaamaa, Bishooftuu, Ciroo, Mattuu, Amboo, Shaashimannee fi Naqamtee) keessatti hojjetamaniif qaamolee dhimmi kun ilaallatu hunda qindeessuun marii adda addaa qopheessuun hubannoo cimsuu.
Dhimma Macro-Policy analysis fi dhimma qophii GDP irratti leenjii kennuu
Leenjiiwwan Hojii Bittaa Bulchiinsa qabeenyaa irratti kennuu:-
Labsii fi dambii sirna bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootummaa qophaa’a jiru irratti,
Haala qophii karoora bittaa ,
Haala qophii sanada caal-baasii,
Haala gamagama caal-baasii
Haala bulchiinsa waliigaltee,
Haala bulchiinsa qabeenya dhaabbii fi
Istookii irratti Offisaara bulchiinsa man-kuusaa, Ofiisara to’annoo qabeenya mootummaa, Offisaara bulchiinsa qabeenya dhaabbii, fi Odiitaroota manneen hojiif dha.
Odiitaroota keessaatiif maanuwaalii odiitii keessaa irratti leenjii kennuu
Dubartoota gaggeessummaa irra jiran qindeessuun adda baasuun leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsuu kennufi carraa hirmannaa fi fayyadamummaa dubartootaa guddisuu.
Barbaachisummaa fi haala guuriinsa, qabiinsaa fi qophii ragaa fi Informeeshinii fi irratti raawwattoota MMD Godinaalee, Aanaalee fi bulchiinsa magaalotaaf leenjii hubannoo uumuu fi dandeettii raawwii hojii cimsuu kennuu,
Dubartootaa Biiroo Mallaqaa fi misooma dinagdee 89 fi degartoota waldaan gurmaa’ani jiranii fi leenjii hubannoo uumuu kennuu
Dhimma koorniyaa irratti hojjettoota BMMDO hundaaf leenjii hubannoo cimsuu yeroo yeroon kennuu fi bu’aa irra argamuu madaaluu
Hojjattootaa hojichaatiif dhiyeenyaa qaban fi hooggantoota Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee sadarkan jiranii, ogeessa seeraa, ogeessa oodiitii hojjattoota humna namaa akkasumas ogeessota karooraa fi fookal parsanoota seektaroota mootummaa naannoo walumaa gala hirmaattota 2000 keessaa 50% carraa dubartootaaf kennuun mata duree dhimma koorniyaa ilaallatu adda adda irratti leenjii keennuu,
Tamsa’ina HIV/AIDS fi Miidhaa inni geessisurratti marii hojjattootaa fi hoggantoonii seekterichaa yeroo yerootti akka mari’atan haala Mijeessuu.
Fedhii leenjii qorachuun Manuwalii leenjii qopheessuu fi hojjatoota sekterichaatiif HIV/AIDS fi Deggersa fi kuunuunsa ilaalchiisee leenjii kennuu;
Dagaagina naamusaa fi farra-malaammaltummaa irratti hojjettoota biiroo, qondaaltota naamusaa fi oggantoota godinaalee fi bulchiinsa magaalotaaf marsaa lamaan leenjii kennuu;
Baajatni bara 2008 seektaroota hunda irratti sooftweerii IBEX keessa Adooleessa irraa kaasee akka galuu gochuun sooftweerii kanaan akka raawwatamuu leenjii hojii irraa keennuu
Hojjatoota biiroolee, magaaloota fi aanaalee, miseensoota maaneejimantii fi ekispartoota ol'aanaadhaaf haala ittiin fayyadama kompiitaraa ittiin fayyadama gabaasaalee softweerii IBEX, fayyadama Netiworki fi Intarneetii irratti leenjii keennuu
Hojjatoota Biiroo, Godinaa fi Aanaa/Magaalaatiif koorsota kompiitara bu'uraa (Basic Computer Courses) akka leenjii argatan taasisuu
Hojjatoota Biiroo fi Godinaatiif koorsota kompiitara giddu galeessaa (SPSS, Peachtree, MS Project, Adobe Photoshop & Page Maker) irratti leenjii kennuu
Hojjatoota IT Biiroo fi waajjira godinaalee maallaqaa fi misooma dinagdeetiif koorsota piroofeeshiinalii (Microsoft Certification, Cisco Certification, Programming, networking, Database Management, Office Machine Maintenance & Web page design) leenjii biyyaa keessa fi biyyaan alaa akka argatan haala mijeessuu
3.4.18. Hojiiwwan Dhimmoota Komnikeeshii
Milkaa'ina karoora keenyaatiin raawwatamuu qabnu hunda Qopheessuu
Karoora hojii Mootummaa dhimmamtoonni hundi akka hubatan taasisuu
Illachota gufachiisoo sirnaa fi karoora hojii misoomaa keenyaa ta'an adda baasun irratti hojjachuu fi ilaalchi biyyoolessaa akka uumamu tattaafachuu
Sochii fi Raawwii hojii misooma keenyaa yeroo yeroon dhimmamtoonni hundi akka beekan hojjachuu
Qorannaa haalaa keessaa fi alaa gaggeessuun akka galtee hojiitti itti fayyadamuun hojjachuu
Ergaa raggeessisuu (Agenda setting)-kaalaandara hojii fi kaalandara miidiyaa ifa ta'e baatii baatiin qopheessuun toora xiyyeeffannoo adda baafachuun irratti hoojjachuu
Miidiyaa monitoring" raawwachuu-haala jiru sakatta'uun dhimmoota deebii barbaadaniif deebii gahaa ta'e kennaa deemuu
Eventoota adda addaa qopheessun hojii kominikeeshinii raawwachuu
Deeggarsi hidha guddicha laga abbayaa cimee akka itti fufu hojjachuu
KUTAA AFUR: BOQONNAA XUMURAA Sirna Hordoffii, Deggersaa fi Gamaaggamaa Sirna hordoffii fi gamaagamaa sadarkaa hundatti diriirsuun, hojiileen karoorfaman qulqulinaan yeroo taa’e keessatti hojjetamuu isaanii mirkaneessaa rakkoolee raawwii keessatti mul’atan hiikaa deemuun barbaachisaa ta’a. Kaayyoolee hordoffii fi gamaaggamaa; hojiin karoorfame akkaataa karoorfameen raawwatamuu fi akka karoorfametti kan hin raawwatamne yoo ta’e sababa isaa addaan baasanii furmaata kennuudha. Kana malees; bu’aa fi jijjiirama inni jireenya uummata keessatti fide xiinxaluuf gargaara. Sirni hordoffii fi deeggarsaa kunis tattaaffii godhamuun bu’aa kan fiduu danda’uu fi gara galmaa fi mul’ata Biiroon kaawwatetti kan geessu ta’u isaa sakata’uun mirkaneessuu qaba. Sirna Hordoffii fi Deeggersaa
Sirna hordoffii fi deeggarsaa diriirsuun karoora waggaa mana hojii keenyaa haala barbaadamuun hojitti hiikuu fi dhimmoota murtii oggansaa barbaachisu battalummatti dafee akka hiikatu taasisuuf hojimaata jiru kan si’eessudha. Kunis Hordoffiin itti fufiinsan kan gaggeeffamu ta’ee karoorrii waggaa haala karoorfameen raawwatamaa jirchuu isaa; itti Itti quufiinsa maammilaa dabaluuf tajaajilli kennamu bu’aa qabeessaa ta’u isaa fi ittifufiinsa qabachuu isaa sakkata’uun sirreessaa fi deeggaraa deemuu; haala baasii qusachuu danda’uun raawwatamu isaa fi qindoomina barbaadamuun hojjetamaa jiraachuu isaa kan ittii mirkaneessinuufi hanqinoota mul’ataniif atattamaan furmaata kan itti kenninuu dha. Haaluma kanaan:-
Daarektaroonni guyyaa guyyaan hordoffii fi deeggarsa gochuun hanqinoota mul’ataniif furmaata kennaa deemuu,
Sadarkaa Daarekteerotaatti adda durootaa fi daarekterootaan torban torbanin karooraa fi raawwii irratti gamaagama ni adeemsisu.
Raayyaa adda durootaatiin torban lama lamaan karooraa fi raawwii irratti gamaagama ni adeemsisu.
Gumii adda durootaatiin ji’a ji’aan karooraa fi raawwii irratti gamaagama ni adeemsisu.
Sirna Gamaaggamaa
Gamaaggamni bu’aa irratti kan xiyyeeffatu ta’ee kaayyoon karoorichaa galma gahuu fi dhiissuu, hojiileen haala barbaadamaniin adeemaa jiraachuu isaanii, rakkoolee uummamanii fi hir’inaalee sirreeffamuu qaban addaan baasuun tarkaanfiilee sirreeffamaa fudhachuu, karoora kana raawwachuun jijjirama dinagdee fi hawwaassummaa argamee kan ittiin maddaallu ta’ee bu’aa gamaagamaa irratti hunda’ee sirreeffamni tarsiimmoo ni godhama. Gamaagamni akka biirootti:-
Sadarkaa daarektarotaatti hojetootni torban lama lamaan karooraa fi raawwii irratti gamaagama ni adeemsisu.
Manajimentiin sadarkaa biiroo, godinaalee, aanaalee, fi magaalotaa kurmaana kurmaanaan karooraa fi raawwii ni gamaaggamuu
Sirna Gabaasaa
Raawwii sirna madaallii bu’aa karoora tarsiimoo BMMDO yeroo yeroodhaan (guyyaadhan, torbaniin, ji’an, kurmaanaa fi waggan) hoggantoota mana hojichaa sadarkaa sadarkaan jiraniif gabaasa dhiyeesuun barbaachisaa dha. Haaluma kanaan:
Gabasaa Raawwii Hojii Sadarkaa Aanaa/Bulchiinsa Magaalaatti jiinii seenuu hanga guyyaa 15tti godinaa qaqqabsiisuu
Sadarkaa Godinaatti jiini seenee hanga guyyaa 25 Naannoo qaqqabsiisuu
Sadarkaa Daarektatootaatti jiini seenee hanga guyyaa 25 biiroo qaqqabsiisuu
Sadarkaa hundattuu hojjetoota hunda waliin yoo xiqqaate waggaatti yeroo lama karooraa fi raawwii irratti mariin ni gaggeeffama.
Sirna Duub-Deebii
Gabaasa raawwii hojii karoora yeroo yerodhaaan (ji’an, kurmanaa fi waggaan) dhiyaatu irratti hundaa’uun duub-deebii adeemsaalee hojii, garee fi raawwatootaaf kennuun idileefamee hojjetamuu qaba. Haalumaa kanaan ejensichi Adeemsaaleef mana hojichaaf gabaasa dhiyaatee fi gamaggama gaggeeffame irratti hundaa’uun dhimmoota fooyya`uu qabanii fi jajjabeefamuu qaban adda baasuun bareeffamaan duub-deebii ji’a ji’aa fi kumaana kurmanaan ni kenna. Adeemsaaleen mana hojichaas gabaasa fi gamaggama adeemsa isaani akkasumaas duubi-deebii kenname irratti hundaa’uun dhimmoota fooyya`uu qabanii fi jajjabeefamuu qaban adda baasuun bareeffamaan duub-deebii gareef torbeedhan, ji’a ji’aa fi kurmaana kurmanaan ni kenna.
Qaamni Sadarkaa sadarkaan jiru gabaasa hojii dhiyaatu irratti hanqinaa fi cimina hojii keessatti argamee addaan baasuun yeroo yeroon duub deebii kennuu.
Karoora bara 2008
Dostları ilə paylaş: