Qajeelfama gurmii waldaalee hojii gamataa



Yüklə 157,12 Kb.
səhifə1/7
tarix06.09.2018
ölçüsü157,12 Kb.
#78744
  1   2   3   4   5   6   7



EJENSII BABAL’INA WALDAALEE HOJII GAMTAA OROMIYAATTI

QAJEELFAMA GURMII WALDAALEE HOJII GAMATAA

Caamsaa, 2008

Finfinnee

Qabiyyee Fuula


Kutaa 1ffaa 2

1. Kaayyoo, Hiika, Sonaalee fi Qajeeltoowwan WHG 2

1.1. Kaayyoo qajeelfama Gurmii WHG 2

1.2. Mata duree gabaabaa 2

1.3. Hiika 3

1.4. Sona Waldaalee Hojii Gamtaa 4

1.5. Duudhaalee Waldaalee Hojii Gamtaa (Cooperative principles) 4

1.6. Kaayyoo Waldaalee Hojii gamtaa 5

1.7. Hojiilee Waldaalee Hojii Gamtaa 5

1.8. Akaakuu Waldaalee Hojii Gamtaa 6

Kutaa 2ffaa 6

2. Waldaalee Hojii Gamtaa Gurmeessuu fi Galmeessuu 6

2.1. Waldaa Hojii Gamtaa Bu’uuraa Gurmeessuu 6

2.2. Yuuniyeenii Waldaa Hojii Gamtaa Hundeessuu 6

2.3. Federeeshinii Waldaalee Hojii Gamtaa Hundeessuu 7

2.4. Maqaa, Asxaa/Faajjii fi Teessoo Waldaa 7

2.5. Madda kaappitaala waldaalee hojii gamtaa 8

2.6. Koree Qindeessituu Waldaa Hojii Gamtaa 9

2.7. Dambii Ittin Bulmaata Waldaa 9

2.8. Waldaa Hojii Gamtaa Galmeessuu 10

2.9. Kaffaltii Waraqaa ragaa Qaama seerummaa 12

2.10. Fooyya’iinsa Dambii Bulmaataa 12

2.11. Daangaa Hojii 13

2.12. Qaama Seerummaa fi Sadarkaa Itti Gaafatamummaa 13

2.13. Haala Walitti Makamuu fi Addaan Qoodamuu Waldaa 13

2.14. Walitti Makamuu WHG tiif haalawwan guuttamuu qaban 14

2.15. Addan Qoodamuu WHG tiif sababoota Guutamuu Qaban 14

Kutaa 3ffa 14

3. Mirgaa fi Dirqama Miseensoota Waldaa Hojii Gamtaa 14

3.1. Ulaagaalee Miseensa Waldaa Hojii Gamtaa Ta'uuf Barbaachisan 14

3.3 Miseensummaa Irraa Gaggeeffamuu fi Deebi’uu 15

3.4. Kaffaltii galmee 16

3.5 Gurgurtaa Qoodaa 16

3.6. Galmee miseensotaa fi sanadoota herreega adda addaa 17

3.7. Galmeewwan fi ragaalee waldaa hojii gamtaa ifa gochuu 17

3.8. Haala Kenniinsa Sagalee 17

3.9. Qooda yookiin Faayidaa Dabarsuu 18

Kutaa 4ffaa 19

4. Haala Caaseffama Waldaa hojii gamtaa 19

4.1. Qaama Ol’aanaa Waldaa Hojii Gamtaa 19

4.3. Walga’ii Yaa’ii Waliigalaa 19

4.4. Koree Hojii Raawwachiiftuu Waldaa Hojii Gamtaa 20

4.5. Aangoo fi Hojii Koree Hoji Rawwachiiftuu Waldaa Hojii Gamtaa 21

Aangoo fi hojiin koree hojii raawwachiiftuu Waldaa Hojii Gamtaa dambii ittiin bulmaata waldichaatiin kan tumame akkuma eeggametti ta’ee aangoo fi hojii armaan gadii ni qabaatu: 21

4.6. Koree Too'annoo Waldaa Hojii Gamtaa 21

4.7. Aangoo fi Hojii Koree Too'annoo Waldaa Hojii Gamtaa 21

4.8. Koreewwan Xixiqqoo Hundeessuu 22

4.9. Caaseffama Waldaa Hojii Gamtaa (organizational structure) 22

Kutaa 5ffaa 23

5. Mirga Addaa Waldaa Hojii Gamtaa 23

5.1. Qabeenya sassaabamu (account receivable) Waldaa Hojii Gamtaatiif Dursa Kennuu 23

5.2. Qooda Miseensotaa ykn Faayidaa Waldandeessisuu 23

5.3. Qooda ykn Bu'aa Kabachiisuuf ykn Gurguruuf kan hin Danda'amne Ta'uu Isaa 23

5.4. Deeggarsa Mootummaa 24

Kutaa 6ffaa 24

6. Qabeenyaa fi Maallaqa Waldaa Hojii Gamtaa 24

6.1. Qabeenyi fi Maallaqni Waldaa Hojii Gamtaa kan hin Qoqqodamne Ta'uu isaa 24

6.2. Yeroo waldaaleen hojii gamtaa diigaman haala qabeenyi itti qoodamuu danda’u 24

6.3. Qoodiinsa Bu'aa Qulqulluu 25

6.4. Daangaa Liqeeffachuu 25

6.5. Daangaa Liqeessuu 25

Kutaa 7ffaa 26

7. Haala Inispeekshinii fi Odiitii WHG 26

7.1. Haala inispeekshinii 26

7.2. Herrega WHG Qorachuu 26

Kutaa 8ffaa 27

8. Haala WHG Itti diigamanii fi Herregni Isaanii Itti Qulqullaa’u 27

8.1. Diigamuu Waldaa Hojii Gamtaa 27

8.3. Hundeeffama koree qulqulleessituu herreegaa 28

8.4. Herrega Qulqulleessuu 28

8.5. Aangoo fi Hojii Qulqulleessaa Herregaa 28

8.6. Waamicha maallaqa Gaafattootaa 29

8.7. Mirga Maallaqa Gaaffattootaa Eeguu 29

8.9. Waldaa Hojii Gamtaa Galmee Irraa Haquu 30

8.10. Haala waldhabbiin WHG keessatti ittiin hiikkamu 30

8.11. Falmiiwwan gumii jaarsoliitiif dhiyaatan 30

Kutaa 9ffaa 31

9. Dhimmoota adda addaa 31

9.1. Fooyya’iinsa qajeelfama kanaa 31

9.2. Hojii irra oolamaa qajeelfamichaa 31










Kutaa 1ffaa

1. Kaayyoo, Hiika, Sonaalee fi Qajeeltoowwan WHG

1.1. Kaayyoo qajeelfama Gurmii WHG


  1. Adeemsa gurmii waldaalee hojii gamtaa haaraa gurmaa’an fooyyeessuu fi kanneen armaan dura gurmaa’anii jiran jajjabeesuun fayyadamummaa miseensota isaanii mirkaneessuun guddina diinagdee fi hawaasummaa naannoo keenyaa keessatti gahee isaanii akka gumaachan taasisuuf;

  2. Waldaaleen hojii gamtaa gosaa fi sadarkaa adda addaa irra jiran keessatti hojimaata gurmaa’inaa wal fakkaatu akka qabaatan gochuuf;

  3. Caasaan ejensii babali’ina waldaalee hojii gamtaa sadarkaa adda addaa gaggeessitootaa, qooda fudhattootaa fi qaamoleen sochii WHG keessatti hirmaatan hundaaf qajeelfama hojii ta’ee akka gargaaruuf;

  4. Sadarkaalee gurmii WHG haala ifa ta’een agarsiissuu fi qabatamaan hojitti hiikuuf dandeessisa.

1.2. Mata duree gabaabaa


Qajeelfamni kun “Qajeelfama Gurmii Waldaalee Hojii Gamtaa lakk.______/2008” jedhamee waamamuu ni danda’a.

1.3. Hiika


Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’ee malee qajeelfama kana keessatti:

  1. Waldaa Hojii Gamtaa” jechuun akkaataa labsii lakk.147/91 fi fooyya’iinsa isaa lakk. 402/96 kan gurmaa’an ta’ee, namoonni fedhii isaaniitiin rakkoowwan diinagdee fi hawaasummaa isaanii waliin hiikkachuuf ijaaratanii fi haala dimookraatawaa ta’een miseensoota isaaniin too’atamanii dha. Fkf

  1. Waldaalee hojii gamtaa qonnaan bultootaa;

  2. Waldaalee hojii gamtaa mana jireenyaa;

  3. Waldaalee hojii gamtaa Industirii fi Ogummaa harkaa;

  4. Waldaalee hojii gamtaa Fayyadamtootaa;

  5. Waldaalee hojii gamtaa Qussannoo fi Liqii;

  6. Waldaalee hojii gamtaa kiyyeessitoota Qurxummii;

  7. Waldaalee hojii gamtaa Omishtoota Albuudaa fi kkf…

  1. Waldaa Hojii Gamtaa Bu’uuraa” jechuun namni uumamaa tokko fedhii isaatiin rakkoo hawaas-diinagdee hiikkachuuf kan qaamaan keessatti miseensa ta’uu fi qaamaa aangoon seeraan kennameefin qaamni seerummaa argate jechuu dha.

  2. Yuuniyeenii” jechuun Waldaa Hojii Gamtaa Bu’uuraa kaayyoo fi fedhii wal-fakkaatu qaban lamaa fi isaa ol ta’anii waldaa hundeessan jechuu dha.

  3. Federeshinii” jechuun yuuniyeenonni Waldaalee Hojii Gamtaa kaayyoo fi fedhii walfakkaataa qaban lamaa fi isaa ol ta’aniin sadarkaa naannootti kan hundeessanii dha.

  4. Koree Hojii Raawwachiftuu” jechuun qaama yaa’ii waliigalaatiin filatamanii hojii waldaa tokkoo ol’aantummaan akka gaggeessu itti gaafatamummaan kennameef jechuu dha.

  5. Yaa’ii waligalaa” jechuun yaa’ii miseensoonni tokko tokkon isaanii qaamaan keesatti argamanii fi sadarkaa Waldaa Hojii Gamtaa Bu’uuraa ol yoo ta’e bakka bu’oonni isaanii kan keessatti hirmatan jechuu dha.

  6. Ejensii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa” jechuun waldaa hojii gamtaa gurmeessuuf, galmeessuuf, babalisuuf, cimsuuf, too’achuu fi hordofuuf qaama seerummaa kennuu fi haquuf qaama angoon seeraan kennameef jechuu dha.

  7. Nama” jechun nama uumamaa yookiin qaama seeraan namummaan kennameef jechuu dha.

Yüklə 157,12 Kb.

Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6   7




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin