Qajeelfama gurmii waldaalee hojii gamataa


Kutaa 4ffaa 4. Haala Caaseffama Waldaa hojii gamtaa



Yüklə 157,12 Kb.
səhifə6/7
tarix06.09.2018
ölçüsü157,12 Kb.
#78744
1   2   3   4   5   6   7

Kutaa 4ffaa

4. Haala Caaseffama Waldaa hojii gamtaa

4.1. Qaama Ol’aanaa Waldaa Hojii Gamtaa


Qaamni ol’aanaan Waldaa Hojii Gamtaa kamiiyyuu yaa'ii waliigalaa ti. Akkaataa labsii lakkoofsa 147/91tiin waldaaleen hundeeffaman koree hojii raawwachiistuu fi koree too’annoo ni qabaatu. Akkasumas, koreewwan xixiqqaa adda addaas qabaachuu ni danda’u.

4.2. Aangoo fi Hojii Yaa'ii Waliigalaa



Yaa'iin waliigalaa aangoo fi gahee hojii armaan gadii ni qabaata:

  1. Dambii ittiin bulmaataa fi dambii keessaa Waldaa Hojii Gamtaa ni raggaasiisa.

  2. Karoora hojii fi baajata waldichaa kan waggaa ni raggaasisa.

  3. Sochiilee hojii waliigalaa Waldaa Hojii Gamtaa qoratee murtii ni kenna.

  4. Miseensoota koree hojii raawwachiiftuu, koree too'annoo fi koreewwan biroo ni fila; aangoo irraa ni geggeessa.

  5. Miseensota haaraa ni fudhataa; ni gaggeessa.

  6. Baay’ina qooda waldichaa fi gatii qooda tokkoo ni murteessa.

  7. Ramaddii bu'aa qulqulluu waldichaa ni murteessa.

  8. Gabaasaa odiitii herregaa irratti murtii ni kenna.

  9. Gabaasa raawwii hojii ni qorata; murtii barbaachiisu ni kenna.

  10. Bu'uura qajeelfama kanaatiin waldichi waldaa biroo waliin walitti makamuu yookiin waldichi akka addaan qoodamu akkasumas akka diigamus ni murteessa.

  11. Dhimmoota waldicha ilaalan kamiiyyuu irratti murtii ni kenna.

4.3. Walga’ii Yaa’ii Waliigalaa


  1. Waldaan Hojii Gamtaa kamiyyuu yoo xiqqaate waggaatti al tokko yaa'ii waliigalaa idilee gaggeessuu qaba.

  2. Miseensota yaa'ii waliigalaa keessaa walakkaa ol yoo argaman gumiin akka guutetti lakkaa’ama.

  3. Walga’iin yaa'ii waliigalaa idileef miseensoota guutuu waamaman keessaa walakkaa ol yoo argamuu baatan guyyaa 15 keessatti walga’iin yaa'ii waliigalaa yeroo lammaffaaf waamamee miseensoota guutuu keessaa walakkaa ol yoo argamu baate miseensota argamaniin walga’iin yaa'iin waliigalaa idilee ni gaggeeffama.

  4. Bu'uura keewwata kana keewwata xiqqaa (3) tiin walga’iin yaa'ii waliigalaa guutuu osoo hin ta’in murtiiwwan darban miseensonni yaa'ii waliigalaa hundi bakka argamanitti akka darbetti lakkaawama.

  5. Koree hojii raawwachiiftuu waldichaa yookiin miseensoota yaa'ii waliigalaa keessaa harki 1/3ffaan walgahiin yaa’ii waliigalaa ariifachiisaan akka waamamu yoo gaafatan guyyaa 15 dura beeksisa baasuun waamun ni danda'ama.

  6. Bu'uura keewwata kana keewwata xiqqaa (5 ) tiin walgahiin yaa'ii waliigalaa ariifachiisaan akka gaggeffamu koreen hojii raawwachiftuu waamicha kan hin dabarsine yoo ta'ee qaamni dhimmi ilaalu waamicha taasisuu ni danda’a; yaa’iin kunis koree hojii raawwachuuftuun akka waamameetti lakkaawwama.

  7. Barri hojii miseensota koree hojii raawwachiistuu, koree too’annoo fi koreewwan biroo waldaa hojii gamtaa waggaa sadii ta’ee yoo hojii gaarii fi bu’a qabeessa hojjatee fi miseensonni itti amannaan marsaa lamaaf qofa filatamuu ni danada’u; haata’u malee badii yoo raawwatan yeroo kamiyyuu miseensummaa koree irraa gaggeffamuu ni danda’u.

  8. Barbaachiisaa ta’ee yoo argame qaamni gurmeesse yeroo kamiyyuu wal gahii yaa’ii waliigalaa waamuu ni danda’a.

4.4. Koree Hojii Raawwachiiftuu Waldaa Hojii Gamtaa


  1. Haalli filannoo fi lakkoofsi miseensota koree hojii raawwachiiftu waldaa hojii gamtaa dambii ittiin bulmaata waldichaa keessatti kan murtaa’u ta’ee itti waamamni korichaa yaa’ii waliigalaatiif ta’a.

  2. Barrii hojii miseensota koree hojii raawwachiftuu waldaa hojii gamtaa sadarkaa kamiyyuu waggaa sadi ta’ee marsaa lammaaffaaf filatamuu ni danda’u; haata’u malee badii yoo raawwatan yeroo kamiyyuu miseensummaa koree irraa gaggeffamu ni danda’u.

  3. Miseensonni koree hojii raawwachiftuu waldaa hojii gamtaa haala kamiiniyyuu hojii isaanii yoo gadhiisan yeroo hojii isaanii keessatti badii raawwataniif seeraan gaafatamuu akkasumas hojiiwwan raawwatan qorachiisuu fi qabeenya isaan harkatti argamu hunda deebiisuudhaaf dirqama qabu.

4.5. Aangoo fi Hojii Koree Hoji Rawwachiiftuu Waldaa Hojii Gamtaa

Aangoo fi hojiin koree hojii raawwachiiftuu Waldaa Hojii Gamtaa dambii ittiin bulmaata waldichaatiin kan tumame akkuma eeggametti ta’ee aangoo fi hojii armaan gadii ni qabaatu:


  1. Karoora hojii fi baajeta Waldaa Hojii Gamtaa ni qopheessa; yaa’ii waliigalaatiin yoo hayyamame hojii irra ni oolcha.

  2. Dambii keessaa, qajeelfama faayinaansii fi bulchiinsa humna namaa Waldaan Hojii Gamtaa ni qopheessa; yaa'ii waliigalaatiif dhiheessee ni raggaasisa; hojii irra ni oolcha.

  3. Caasaa humna namaa waldichaa akkaataa barbaachisummaa isaatti ni qorachiisa; yaa’ii waliigalaatiin yoo mirkanaa’e hojii irra ni oolcha.

  4. Dambii ittiin bulmaataa waldichaa irratti hundaa’uun hoji-gaggeessaa fi itti gaafatamtoota kutaalee ni qacara; ni bulcha; hojii irraa ni gaggessa.

  5. Bakka hoji-gaggeessaan hin jirretti hojjattoota ni qacara; ni bulcha ni gaggeessa.

  6. Galmee fi heerrega waldichaa qindeessee ni qaba yookiin akka qabamu ni taasisa.

  7. Xalayaa iyyannoo miseensummaaf dhiyaatan qoratee murtee yaa’ii waliigalaatiif ni dhiyeessa.

  8. Bu'uura dambii ittiin bulmaata Waldaa Hojii Gamtaatiin yaa'ii waliigalaa ni waamaa.

  9. Gabaasa raawwii karoora hojii fi baajataa yaa'ii waliigalaatiif ni dhiyeessa.

  10. Murteewwan yaa'ii waliigalaa ni raawwata; akka raawwatamanis ni taasisa.

  11. Qaboo yaa'ii waliigalaa barreeffamaan ni qaba.

4.6. Koree Too'annoo Waldaa Hojii Gamtaa


  1. Lakkoofsi miseensota koree too’annoo WHG namoota sadi (3) ta’ee haalli filannoo isaa dambii ittiin bulmaataa keessatti kan murtaa'uu ta’a.

  2. Itti waamamni korichaa yaa'ii waliigalaatiif ta’a.

  3. Barri hojii miseensota koree too'annoo waggaa sadi (3) ta’a; haata’u malee badii yoo raawwatan barri hojii isaanni osoo hin xumuramne yaa'ii waliigalaatiin miseensummaa koree irraa gaggeffamuu ni danda'u.

  4. Miseensoonni koree too'annoo marsaa lamaa oli walitti aansuun filamuu hin danda'an.

Yüklə 157,12 Kb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin