Miseensummaa Irraa Gaggeeffamuu fi Deebi’uu
səhifə 5/7 tarix 06.09.2018 ölçüsü 157,12 Kb. #78744
3.3 Miseensummaa Irraa Gaggeeffamuu fi Deebi’uu
Miseensii kamiyyuu sababoota kanatti aananiin waldaa keessaa bahuu ni danda'a.
Fedhii isaatiin ,
Miseensi dirqama itti kenname yoo bahuu baate, ykn kabajuu baate,
Miseensichii yoo du’e,
Waldaa Hojii Gamtaa irratti sababa badii raawwateen yaa'iin waliigalaa yoo itti murteesse ,
Amantaa yoo hir’ise yookiin qabeenya waldichaa yoo qisaase,
walittii aansuun sababa gahaa malee yeroo lama yaa’ii waliigalaa irraa yoo hafe,
Waggaa tokko guutuuf sochii waldaan taasisu keessatti hirmaannaa yoo taasisuu baate.
Miseensii waldaa Hojii Gamtaa irraa gaggeeffame kamiiyyuu bu'uura dambiin ittiin bulmaata waldichaa hayyamuun mirgi isaa ni eeggamaaf.
Miseensi kamiiyyuu miseensummaa irraa gaggeeffamee deebi'ee miseensa ta'uu kan danda'u yaa’iin waliigalaa yoo murteesseef qofa ta'a.
Miseensi haala kamiinuu miseensummaa irraa gaggeeffamee bu’aa fi qooda waldaa keessaa qabu shallagamee idaan yoo irra jiraate hir’ifamee qoodnii fi faayidaan hafe ni kennamaaf.
Miseensii kamiiyyuu Kaffaltii galmee yaa’ii waliigalaatiin murtaa’e al tokkotti kaffalee xumuruu qaba.
Kaffaltiin galmee waldicha hundeessuuf baasii waliigalaa kan uwwisuu ta’a.
Miseesonni Kaffaltii galmee kaffalaniif faayidaa addaa hin argatan; yeroo miseensummaa addaan kutanis hin deebi’uuf.
3.5 Gurgurtaa Qoodaa
Waldaan Hojii Gamtaa kamiyyuu hojii isaa sochoosuuf kaappiitaala isa barbaachiisu argachuuf akka danda'u qooda gatii walqixa qaban yaa'ii waliigalaan murteessisee akka gurguraman ni taasisa.
Waldaan Hojii Gamtaa kamiiyyuu yoo hundaa'u yaa'ii waliigalaatiin akka gurguramu kan murtaa'e baay’ina qooda gurgurtaaf qopheesse keessaa yoo xiqqaate 1/5ffaa miseensoota irraa walitti qabuu qaba ; akkasumas qooda hafe guyyaa hundeeffame irraa eegalee waggoota (4) afur keessatti gurguree xumuruu qaba.
Bu'uura murtee yaa'ii waliigalaatiin baay’inni qoodaa akka gurguramu murtaa'ee gurgurame yoo xumuramu kaappitaalli dabalataa yoo barbaachiise qoodni dabalataa akka gurguraman yaa'iin waliigala waldaa hojii gamtaa keewwata kana kewwata xiiqqaa (1) tiin irra deebi'amee labsamuu ni danda'a.
Qoodni waldichi gurguru maallaqa callaa lakkawamuun yookiin akaakuudhaan kan kafalamu ta'uu ni danda'a; baay’inni qoodaa akaakuun kafalamu dambii iittiin bulmaata waldichaatiin murtaa’u qaba.
Miseensi tokko baay’inna qoodaa yaa'ii waliigalaatiin akka gurguramu murtaa’ee keessaa (%10) ykn 1/10 ol gahee qabaachuu hin danda'u.
Waldaan Hojii Gamtaa kamiiyyuu baay’ina qooda miseensi bitateef waraqaa ragaa kennuu qaba.
Qoodi yaa’ii waliigalaatiin murtaa’e kan gurguramuu fi kan itti kaffalame jedhamee qoqqodama.
Qoodi murtaa’u dandeettii kaffaltii miseensotaa irratti kan hundaa’u ta’a
Labsii WHG lakk.147/91 (19)tiin miseesi tokko qooda isaa qaama biraatiif dabarsuu ni danda’a.
Gatiin qooda tokkoo yeroo kamiiyyuu jijjiiramuu hin danda’au.
3.6. Galmee miseensotaa fi sanadoota herreega adda addaa
Waldaan Hojii Gamtaa kamiiyyuu galmee miseensotaa qabiyyee armaan gadii of keessaa qabu gurmeessee qabaachuu qaba:
Maqaa, koorniyaa, umrii, sadarkaa barnootaa , baay’ina maatii, teessoo fi hojii miseensaa,
Guyyaa miseensa itti ta'ee fi miseensummaa irraa itti haqame,
Baay’ina qooda miseensa tokkoo tokkoo fi kafaltii galmee ,
Maqaa fi teessoo dhaaltotaa miseensaa,
Yemmuu dhaaltoota moggaasu ragoota bakkatti Sargaman
Dhimmoota biroo dambii ittiin bulmaataa waldichaa keessatti murtaa’an.
2. Waldaan Hojii Gamtaa kamiiyyuu guyyaa hundeeffame irraa eegalee sanadootaa fi galmee bu'uuraa hojiidhaaf barbaachisaa ta’an maaqaa isaatiin maxxanfatee qabaachuu qaba.
Waldaan hojii gamtaa kamiiyyuu sanadoota kanatti aanan dhaqabamoo taasisuu qaba yookiin miseensaaf yookiin qaama dhimmi ilaaluuf banaa gochuu:
Labsii, dambii, qajeelfama Waldaan Hojii Gamtaa naannichaa waliin walqabatan;
Dambii ittiin bulmaata fi dambii keessoo waldichaa;
Galmee miseensootaa fi sartifikeettii qaama seerummaa ;
Gabaasa odiitii;
Dhaabbileen mit-mootummaa qaama gurmeesse irra yemmuu eeyyamamu WHG waliin wal qunnamuu ni danda’u.
3.8. Haala Kenniinsa Sagalee
Miseensi kamiiyyuu baay’inni qooda waldaa hojii gamtaa keessaa qabu tilmaama keessaa osoo hin galin wal-gahii irratti qaamaan argamee sagaleen inni qabu tokko qofa ta'a.
Miseensi Waldaan Hojii Gamtaa bu'uuraa kamiiyyuu walgahii irratti qaamaan argame ofii isaaf sagalee kennuu qaba. Bakka bu’iinsaan sagalee kennuun hin danda’amu.
Sadarkaa Waldaan Hojii Gamtaa bu'uraatii ol waldaa dhaabbatuuf sagaleen bakka bu'oota waldaalee hojii gamtaatiin kennamuu ni danda’a.
Dambii ittin bulmaata waldichaatiin haala addaatiin kan ibsame yoo ta'e malee murtiin yaa'iin ariifachiisaan dabarsuu sagalee 2/3n ragga’uu qaba.
Yaa’ii kamiyyuu irratii murtiin darbu harka caalmaatiin ta’ee, yemmuu sagaleen miseensaa walqixa ta’u sagalee dura taa’aan kennu murteessaa ni ta’a.
Haalli bakka bu’iinsaa sadarkaa yuuniyeenii fi federeeshinii Dambii bulmaataa irratti kan tumamu ta’a.
Miseensii kamiiyyuu qooda isaa yookiin bu'aa isaa dabarsuu kan danda'u:
Qooda isaa yookiin bu'aa isaa yeroo waggaa tokkoo gadi hin taaneef qabatee kan ture yoo ta'e;
Dabarsuun qoodaa koree hojii rawwachiiftuutiin kan hayyamame yoo ta'e fi
Miseensi Waldaan Hojii Gamtaa bu'uuraa tokko yoo du'e qoodni yookiin bu'aan isaa galmee waldaa keessatti dhaaltummaan bakka kan buufateen yookiin bakka kan hin buufannee yoo ta’e seeraan dhaaltoota dhaaluu danda’aniif darba;
kunis ta'uu kan danda'u dhaalitichi miseensa waldichaa yoo ta'e yookiin ta'uudhaaf feedhii isaa kan ibsee fi ulaagaa miseensummaa yoo guute ta’a.
Dhaaltichi miseensa waldichaa yoo hin taane yookiin miseensa ta'uuf kan hin barbaanne yookiin miseensa akka ta'u kan hin heyyamamneef yoo ta'e, gatiin qoodaa fi faayidaan nama du'ee ni kafalamaaf.
Bu'uura keewwata kanaa keewwata xiqqaa 1(c)tiin qoodni yookiin bu'aan miseensaa darbuuf haala bu'uura Labsii WHG 147/91 (16,3) daangaa murtaa'ee kan darbu ta'ee yoo argame garaagarummaan isaa qarshiin ni kafalamaaf.
Bu'uura keewwata kanaa keewwata xiqqaa (1) (c)tiin dabarsuun qoodaa taasifame sababa qaamni sadaffaan gaaffi kafalitti waldaaf dhiyeesaniin hin haqamu.
Dostları ilə paylaş: