Qorannoo jbah adeemsa hojii ijoo bulchiinsa kontiraata fi karoora


Yaa’insa hojii adeemsa hojii Ijoo Bulchinsaa kontiraataa fi karoora



Yüklə 1,2 Mb.
səhifə19/26
tarix07.01.2019
ölçüsü1,2 Mb.
#91804
1   ...   15   16   17   18   19   20   21   22   ...   26

Yaa’insa hojii adeemsa hojii Ijoo Bulchinsaa kontiraataa fi karoora

  1. Yaa’insaa Hojii





  • Hojii babal’innaa gaba rawwachu

  • Fedhii maamilaa gama ijaarsa tiin jiru adda baasu

  • Hojilee Ijaarsa bu’aa qabeessa ta’an qoratani dhiheessu

  • Caalbasii adda addaa hordofu dhan irraatti hirmaachu

  • Dokumuntii caalbasii bitu dhan xiinxala irratti gaggeesu

  • Qorannoo gaba fi haala iddoo hojii taasisu

  • Gatii ijaarsa haala iciti IIHBO eegen guutu

  • Dokumentii calbaasii qopheessudhan dorgomidhaf dhiheesu

  • Waliigaltee qophahee xiinxaludhan mallatessu

  • Kaffaltii ijaarsa dura gaafachu, dhan akka sassabamu hordofu

  • Karoora hojii waligaltee fi ‘detail drawing’ irraatti hunda’udhan qopheesu

  • Hordofii fi too’anoo rawwaachu, dhan pirojektoota madaluu

  • Kaffaltii hojii hojjetame yeroodhan gaafachudhan akka sassabamu gochu

  • Pirojektii maamilf deebarsani kennu

  • Kaffaltii sababa adda addaa tiif hafe dugugani gaafachu
      1. Hojilee Gurguddoo adeemsa hojii Ijoo Bulchinsaa Ijaarsa tiin hojjetaman





  1. Hojii Bulchinsaa Kontiraataa, Karoora, ittisa bala, fi Gabasa hojii , Too’annoo fi Hordofii ilaalatu hunda Ol’aantummadhan, Angoo fi itti gaafatamumudhan Karoorsu, Qindeessu, Gurmeessu, Hogganu, akkasummas deegarsa oggummaa kenu.

  2. Hojii ijaarsa abbuummadhan IIHBO tiif barbaadudhan, Waliigaltee hojii ijaarsa maamila wajjin galu.

  3. Komii fi gaafilee Dhimmaa Bulchinsaa Kontraataa, Hordofii, Too’annoodhan, fi karooraa waal qabatee Maamilaa, dhimmaa fi tajaajilamtoota keessa fi ala irraa dhihaatu fudhudhan deebi qubsa ta’e yeroodhan kenu.

  4. Hojileen karooran hogganama jirachu isani too’achu.

  5. Hojiin haala waligaltee tiin qulqullina barbaadamun fi yeroo qabame keessatti rawwatama kan jiru ta’u isa too’achu, fi rakkolee kanaan waliqabatani muudatanif furmaata kenu.

  6. Itti fayyadamini Teeknolojii fi ICT haala barbaadamun hojii ijaarsa irraa olu isa too’achu fi hanqinna jiru adda baasudhan furmaata barbaadu.

  7. Seeri, Qajeelfamini fi Maanuwaliin hojii ijaarsa, qophii karoora, ittisa bala, qorannoo gaba qopheesudhan hojii irraa akkaa olu gochu.

  8. Hojii Qoranoon gaba meeshalee ijaarsa fi gatii ’unit rate’ yeroo isaa eegatee fi bu’aa qabeesa ta’e haala barbaadamun rawwachu.

  9. Madalii hojjetoota adeemsa hojii jala jirani guutu, akkasummas Onechiftu kaffalamu qabu yoo jiratee seera fi Qajeelfama jiru irraati hunda’udhan mirkaneesudhan rawwii dhaf qaama dhimmi ilaaluf xalayaadhan kenu.

  10. Caalbasiidhaf Gatii bu’a qabeessa fi dorgomisiisa ta’e haala iccitii IIHBO eegen guutudhan dorgoma ta’u.

  11. Pirojektii waligalteen galameef waliharkaa fudhinsaa rawwachudhaf, akkasummas yeroo ijaarsii isa xummuramee maamilaf dabarsani kennudhaf, miseensotaa koree Maamila, gorsa fi adeemsa hojii ijaarsa irraa walitti bahu ni qindeesu.

  12. Dokkumentii waligaltee ijaarsa galudhaf barbaachisan qindeesudhan yeroodhan maamilaf dhiheesu, fi waligaltee qophahu keessatti dhimmota bu’aa IIHBO kabbachisu danda’an irraatti maamila Wajjin mari’achu, akkasummas waliigalteen qophahe, xinxaludhan mallateesu.

  13. Karooraa hojiii IIHBO yeroo dheera, waga, kurmaana, ji’a, fi torbanii qophahe hojii irra olma isatiif qaama dhimmi ilaaluf xalayaadhan kennu fi hojiin haala karooratin rawwatama jirachu isa too’achu.

  14. Hojii haala Qindoomina adeemsalee adda addaa wajjin qabun Hordofii fi Too’annoon gaggeeffamu qabu adda baasudhan Koree adeemsalee adda addaa irraa walitti bahu qaban qindeesu.

  15. Hojiin haala waligaltee tiin, Qulqullina barbaadamuni,Yeroo qabamee keessaatii fi Baajeta qabameen, mancatii qabeenya tokko malee kan rawwatama jiru ta’u isaatiif Hordofii fi Too’annoon Sagantaadhan fi Maanuwalii irraatti hunda’e gaggesu.

  16. Madalii gabaasa hojii irraati gaggeeffame rawwii isa, hir’inna fi jabinna, akkasummas rokkolee muudatan, gamagamudhaan haala murtiidhaf toluti qindeesudhan manajimentii dhaf dhiheesu fi murtii kennames dub deebidhan (Feed back) adeemsale dhimmi ilaalatu beeksisu fi ’check list’ dhan too’achu.

  17. Meeshaalee ijaarsaf barbaachisanif ‘Standardii’ fi ‘Specification’ ogeessotan qopheesisudhan bittaa fi dhiheesin haala Qulqullinaa fi Sadarkaa barbaadamun akka rawwatamu adeemsale dhimmi ilaalu xalayadhan beeksisu fi, rawwii isa too’achu.

  18. Bajeetaa hojii rawwachiftu adeemsa hojii bul. Kontiraataa fi karooraa fi kanaan wal qabatee lojistikii barbaachisu mirkaneesudhan, qaama dhimmi ilaaluf kenu fi yoo hayyamame, haala qajeelfama jirun akka hojii irraa olu gochu.

  19. Kaffaltii hojii dura fi hojii hojjetame siri ta’u mirkaneeffachudhan kaffaltiin isa akka gad lakkisamuuf xalayaadhan Gorsa/maamila gaafachu fi rawwi isaa hordofu.

  20. Gafilee garagarumma hojii, hojii dabalata, dabalata gatii meesha ijaarsa fi yeroodabalata dhihaate IIHBO bakka bu’udhan Gorsa/maamila wajjin rawwachisu fi yoo hayyamammee dub deebi isaa hojii irraa olma isatiif adeemsa dhimmi ilaalu xalayaadhan beeksisu.

  21. Manuwalii, Qajeelfama hojii, Normii hojii, fi tooftalee too’anno bala(ittisa bala) yeroo barbaachisa ta’etti qorachisudhan murtiidhaf dhiheesu, fi yoo murta’ee hojii irraa olma isatiif qaama dhimmi ilaalu beeksisu.

  22. Unit rate, Meeshalee ijaarsa maashinarii fi humna nama Qorachisudhan hojii irraa olma isatiif qaama dhimmi ilaalu xalayaadhan beeksisu.

  23. Ogeessoni adeemsa hojii kana keessa jirani akka leenjii barbaachisa ta’ee argatan gosa leenjii argachu qaban adda baasudhan gaafi dhiheesu.

  24. Madalii rawwii Hoggantoota fi hojjetoota itti waamamin isanii kallattidhan adeemsichaf ta’e guutu, fi kaneen dursitoota garee tiin guutame mirkaneesu.

  25. Mallaqaa wabii hojii rawwii garii dhaf qabamee (Retension) yeroo wabiin pirojektii rawwaatamee akka gad lakkisamu gaafi ni dhiheesa.

  26. Ijaarsa pirojektii tiif meeshaleen haala waligaltee tin fi ‘design’ irraatti hunda’udhan seeran dhihaatu fi hojii irraa oolu isa too’achu, akkasummaas meeshalee hojii irraa hafaan iddoo barbaachisatti akka waliti qabamu yaada dhiheesu fi rawwi isas hordofu.

  27. Ijaarsii haala design tiin rawwatamu isa akkasummas ijaarsi yeroo xummuramee ‘As Built drawing’ yeroo isaa eegate qophaahu hordofu, akkasummas gaafin kaaffaltii fi gaafileen adda addaa qulqullinaan fi yeroo dhan qaama hojjechisuf dhihaachu isa too’achu.

  28. Gama gama hojii Pirojeektootaa gaggeesudhaan yaada sireeffama fi tarkaanfi fudhatamu qabu wajjin Adeemsa hojii Ijaarsa tiif, akkasummaas wajjira Pirojektoota tiif duub deebi(Feed Back) ji’atti yeroo tokko ni keenna, akkasummas dhimmota ariitidhan sirreeffamu qaban sagantaa kaa’ameen alatii ni gabaasa.

  29. Komii ijaarsa irraatti dhihaatu qaama dhimmi ilaalatu wajjin ta’udhan furmaata barbaadu.

  30. Sodalee (risk) waajiraa hojiimaataa fi haaleewwan jiraniin walqabatee muudachu danda’an adda baasudhan, tooftaa Sodawaan adda addaa itti hambisun danda’amu adda baasudhaan kallatti ka’u.

    1. Yüklə 1,2 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   ...   15   16   17   18   19   20   21   22   ...   26




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin