Qorannoo jbah adeemsa hojii ijoo bulchiinsa kontiraata fi karoora


Rakkolee Ijoo Maamiltoota fi dhimmamtootaa( Itti quufinsa dhabu)



Yüklə 1,2 Mb.
səhifə6/26
tarix07.01.2019
ölçüsü1,2 Mb.
#91804
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   26

Rakkolee Ijoo Maamiltoota fi dhimmamtootaa( Itti quufinsa dhabu)


  • Pirojektii yeroo waliigalteen galamee keessatti dafanii eegalu dhiisu fi yeroodhaan xumuruu dhabu.

  • Mallaqaa ykn kaffaltii hojii ijaarsa tokkof fudhatame hojii ijaarsa Pirojektii biroo irraa olchu.

  • Pirojektiin qulqullinaan, yeroodhaan, fi baajata qabeen kanhin raawwatne tahu.

  • Hojjetoota muuxannoo fi dandeetti qabaan ramaduu dhiisuu,

  • Hordoffii fi to’annoon jiru laafa ta’u.

  • Rakkoo pirojektii irraatti mudatuuf yeroodhaan furmaata kennu dhabu

  • Hojii dabalatan hojjetamuu yeroodhaan beeksisu dhabuu fi kaffaltii itti gaafachu dhiisuu

  • Kaffaltii hojii hojjetamee yeroo dhaan dhiheesu dhiisu

  • Osoo humna IIHBO gama maashinarii, ogeessotaatiin, fi gahumsaatiin hin xiinxalin pirojektoota fudhachu

  • Baasii hojiidhaan walqabatee bahu too’achuu dhabu

  • Hojii jalqabanii osoo hin xummuriin Pirojektii biroo fudhachu.

  • Rakkina walitti dhufeenya gorsitoota wajjin jiru

  • Rakkina qulqullina Meeshalee ijaarsa eeguu dhabuu

  • Gabaasni hojii raawwi hojii jiruu wajjin kan wal hinsimne ta’uu(gabaasni dhihaatu guddaa ta’u fi kan lafaa irraa jiru immo kan gabaasame gadi ta’u).

  • Rakkina Qulqullina Ragaa qabu dhabu (ragaan haala harcaatii qabun iddoo addaa addaatti qabamu isaa.

  • Rakkoo muudachu danda’u tilmaamanii hiikuudhaaf qophaa’u laafa ta’u.

  • Itti faayadamni qabeenya, maashinarii fi humnaa namaa haala mancaatii qabuun ta’u.

  • Adeemsi qophii karooraa interpiraayzii hirmaachisaa ta'uu dhiisuu, qindoomina kan hin qabne, dandeetti fi qabeenya jiru irratti hunda’ame kan hin qophoofne, rakkoo fi fedhii uummataarratti kan hin hundoofne ta’uusaa. Kanarraa kan ka’een hojjatootin fi maamiltootiin alaa hojii ijaarsa pirojeektoota gaggeeffamu irratti abbummaadhaan (sense of ownership) kan hirmanne, humnaa fi qabeenya qabuun guutumaa guutuutti hirmaachuu dhiisuu, rakkoolee hanqinnaa raawwii kanaan duraa sirriitti adda baasuu dhabuu, qaamoleen adda addaa hojjatoota rakkoolee muldhaataan adda baasuun irratti hirmaachisuu dadhabuu.

  • Qophiin baajata kan karoora fiziikaalaa irratti kan hin hundoofnee fi yeroo isaa eegee kan hin deemne ykn hin gaggeefamne ta’uusaa. Kanarraa kan ka’een qabeenyi interpiraayizii guutumaa guutuutti hojii ijaarsa pirojeektootatiif yeroo isaa eegee hojiirra kan hin oolee fi rakkoo uumamuu hiikuu kan hin dandeenye ta’uusaati.

  • Adeemsi hordoffii fi gamaaggama raawwii karooraa hirmaachisaa kan hin ta’e, qindoomina fi otoo walirra hin cinnee gaggeefamu dhabamuusaa, ragaa fi odeeffannoon gahaan irra argachuun hindanda’amne. Kun ta’uusaatiin rakkooleen hojii irratti qunnaman yeroodhaan bifa hirmaachisaa, gabaasa ifaa fi amantaa qabuu qinda’ee qaama murtii fi kallatti kennu danda’uu yeroo barbadamuu keessatti dhiheessuu dadhabuu, tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamuu hafuu, hojiiwwan karoorfaman yeroodhaan haala barbaadamniin raawwatamnii, kaayyoo karoorfamaniif galmeesissuu fi bu’aa fiduu isaanii kan hin beekamne ta’uusaati.

  • Adeemsa hojii bulchiinsaa faayinaansii fi ijaarsa pirojeektoota keessatti sodaa ummamu danda’uu to’achuu dhaabuu. Herregaa haala barbachisumma isaatiin cuufu dadhabuu, hanqina mallaqaa fulduraatti qaqqabu danda’uu xinxalaa gaggeessani to’achuu dadhabuu, hojiiwwan ijaarsatiin walqabatee gatii meeshaa ijaarsa haala gabaa irra ka’ee dabaluu fi hirdhachuu danda’uun rakkolle dhufaan to’achuu ykn xiqeessu dadhabuun, qulqullina hojii dhabuu fi balaa ummama hin egamneen pirojeektoota irra gahuu xiqeessuu qophiin godhama turee jirachu dhabamu isaa.



    1. Gabatee Fedhii Maamilaa fi Dhimmama

Keessa deebii Fedhii Maammilaa fi Dhimmamaa fi Rakkoolee Ijoo / Summery of customer and stakeholders’ needs, expectation and problems/


lakk

Maamila fi Dhimmamtoota Ijoo

Fedhii

(Needs and Expectations Outcomes)

Rakkooleee /problems/

Ga’ee maamilii/Dhimmaman qaban

sababa

Hordofuun Barbaachiseef

1

Maamila

  • BiirooBishaanii,Alubuudaa fi Enarjii Oromiyaa

  • Ministeera Qonnaa

  • Ministeera Bishaanii fi Inarjii

  • Biiroo Qonnaa Oromiyaa

  • Abbootii qabeenya fi dhabbatoota omisha adda addaa

  • Gatii madalawwaa ta’een waligaltee hojii Ijaarsa galu fi haala waligaltee tiin ijaarsa isaa rawwachu




  • Ijaarsa haala waligaltee galameen rawwachu dhabu.

  • Gatii madalawaa ta’een ijaarsa Pirojektii IIHBO tiif kenu.

  • Hojii hojjetameef kaffaltii yeroodhan raawwachuu

  • Hojii dabalaataa, dabala gatii fi yeroo dabalataa barbaachisuma isaa xinxaluudhan yeroodhaan hayyamuu

  • hojiin akka milkaa’uuf gorsa oggummaa ni laatu




  • hojiin haala waligaltee galameen akka rawwatamuf, kanaan waliqabatee qisaasama adda addaa too’achudhaf

2

Dhimmamaa

  • Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

  • Abbaataayitaa too’aannoo fi Hordoofii Dhabbilee misooma oromiyaa

  • Boordii IIHBO

  • Managimentii IIHBO

  • Hojjetoota fi walda hojjetootaa IIHBO



  • Ijaarsa Pirojektii qulqullinaan, Baasii Qabameen fi yeroo karoorfame keessatti xummurudhan Maamilaaf dabarsani kennu.

  • Dhaabbaticha dorgomaa fi bu’a qabeessummaa taasisu.

  • Qisasama Qabeenya too’achu




  • Hojii qulqullinaan fi Yeroodhan baasii qabameen xummurani maamilaf dabarsani kennu dhabu

  • Dhabbatichii qaamota adda addaa biratii maqaa garii horachu dhabu.

  • Qisasaamin qabeenya jirachu.




  • Adeemsa hojichaa haala karoora fi sagantaa hojii qabameen hordofu fi kallatti ka’u.

  • Gabaasa raawwii irratti hundaa’anii rakkolee muudataniif yaada furmaataa ni kaa’u

  • Hojii Qulqullinaan, yeroo karoorfame keessatti fi baasii qabameen qisaasama tokko malee rawwachu fi ummata fayyadama taasisu.

  • Humna IIHBO deegarsa Oggumma fi deegarsa Mallaqaatiin cimsu


    1. Yüklə 1,2 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   26




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin