Meeshaalee fi qodaawwan hojiilee ijaarsa bishaanitii fi ijaarsa bishaanitiin wal fakkaataaniif tajaajilan ni oomisha; biyyoota alaarraa ni fichisiisa, gurgura, raabsa; biyya allaattis ni erga, akkasumas ni kireessa.
Xiinxalaa gahee fi aangoo interpiraayizii
Interpiraayiziin aangoon fi gahee hojii duraan kennameef keessa hojiiwwan kan akka:-
hidhaa bishaanii fi jalisii, sararoowwan raabsaa bishaan dhugaatii, qotiinsa boolla bishaanii, ijaarsa karaa, ijaarsa gamoowwanii fi
Meeshaalee fi qodaawwan hojiilee ijaarsa bishaani fi hojii bishaaniin wal fakkaataaniif tajaajilaan oomishu, biyyoota alaarraa fichisiisu, gurguru, raabsu, biyya allaatti erga fi kireesuu jedhaman keessatti ni argamu.
Sabaaba hojiiwwan aangoon kenname kun akka hojii irra hin olee tasisaan fi furmaata isani tokko tokkoon haala arman gaditiin dhihaate jira.
Inni tokko boondi baasu fi gurguruu kan jedhu hojiin kun kara mootumatiin hanga amma hayyamni kennama jiru kan hin jire yoo ta’u kana irra kan ka’e interpiraayiziinis hayyama kana baase waan hin qabnef hojii kana hojjachu hin danda’u. Akka waligalaatti yeroo amma seektaara kana irratti dhaabani mallaqaa sochosaan baayyen waan jirani fi hojjachu waan danda’anif kara interpiraayitiin bu’a qabeessuman isa xiqaa fi hojii bishaani waliin kan wal-hin qabane waan ta’ef barootan gabaaba kana keessatti ittiin hojjachun arifaachisa mitti. Yaa ta’u malee yeroo murasaan booda gabaan isaa kara mootummaa banname yoo irratti hirmatame bu’a qabeessa waan ta’uf, interpiraayiziin hojii kana raawwachuf humna cimsun qopha’e akka egatu fi gahee hojii ta’e itti fuifu akka qabu koreen kun itti ammana,
Hojiin ijaarsa humna ibsa bishaani irra madisisu akka aangootti yaa jiratu malee hanga amma hojiin hojjatame hin jiru. Muxannoon ijaarsa kan gargaru interpiraayiziin hin qabu. Yeroo amma hojiin kun sadarkaa Feederalaatti kan hojjatamu waan ta’ef carraan interpiraayizii keenya kallatiin afeerame hojjachu danda’u baayye xiqaa dha. Yaa ta’u malee biyyi keenya karoora yeroo gabaaba fi dheeraa keessatti ibsa ummata waliin gahuuf hojjacha waan jirtuf, interpiraayiziin humna fi gahumsa cimsu hojii kana keessatti akka hirmachu qabdu kallatiin mootummaa ni agarsiusa. Kanaafuu, angoo fi gahee hojii kun interpiraayiziin hanga carraa kana ummutti turu akka qabu itti ammanama,
Interpiraayiziin hojiiwwan hanga amma hin hojjane keessa sararoowwan xurii dhangala’aa maqsani fi sararaawwan dhangala’aa isa biraatti dha. Haala qabatama amma jiru hojii kun afeera magaalootatin kan hojjatama yoo ta’u magaalooni kun ijaarsa kanaaf gabaa irra qaama hojjatu argachuf carraa balaadha waan qabuf kallatiin interpiraayizii keenya afeerre hojjachisun xiqaa dha. Kanaafuu, hojiin isa hirmaatoota baayye (IMX dabalate) waan qabuf hojiin kun aangoo keessa ta’un isa yeroo amma bu’aan qabu xiqaa yaa ta’u malee fulduraati hojii kana keessa yoo seenname hojii bu’a irra argamu fi hojii dhabdotaaf kan hojii ummu danda’u dha.
Meeshaalee ijaarsa bishaani gargaraan fi hojiile walfakaatu hojjachuf interpiraayiziin hanqina humna (mallaqaa, oggeessa,) irra kan ka’ee waan hayyama hojii meeshaa kana fichisisuu fi raabsu dandeechisu hin qabnef hanga amma hojjachu hin dandeenye. Hojiin kun interpiraayiziin hojiiwwan hojjatu keessatti gahee gudda kan qaban fi bu’anis kan irra argamuf waan ta’ef fulduraati karooran qabame kan hojjatamu qabu waan ta’ef aangoo keessa turun isa barbachisa dha.