Sadaasa 2010 Finfinnee Biiroo Dhimma Dargaggootaa Fi Ispoortii Oromiyaatti Sanada Chaartarii Lammilee Bara 2010f Qopha’ee



Yüklə 234,07 Kb.
səhifə2/17
tarix07.01.2022
ölçüsü234,07 Kb.
#91000
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   17
Kaayyoo Chaarterichaa

Biiroon Dhimma Dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaa mul’ataa fi ergama mana hojichaa akkaataa barbaadamuun

galmaan ga’uuf lammiilee fi tajaajilamtoota isaatiif tajaajila qulqulluu, iftoomina qabuu fi haqa qabeessa ta’e bifa itti



gaafatamummaa qabuun kennuudhaaf kaayyolee armaan gadii qopheeffatee jira.

  • Hooggantootaa fi hojjetoonni mana hojichaa miira tajaajiltummaa akka qabaatan taasisuuf

  • Gosa fi sadarkaa tajaajilaa (service standard) adda baasuun tajaajilamtootni sirritti akka beekan taasisuuf

  • Dhimmoota kenna tajaajilaa kan akka seeraa, qajeelfamaa fi sirna komii keessummeessaa ilaalchisee iftoomina uumuuf

  • Dargaggotaa fi hawaasa Ispoortiitiif tajaajila qulqullina qabu kennuuf

  • Mirga lammiileen odeeffannoo Dhimma Dargaggoota fi Ispoortii ilaalchisee argachuuf qaban mirkanneessuuf;

  • Lammiileen kenniinsa tajaajilaa mana hojiichaa irratti abbummaan itti dhaga’amee yaada hojiif galtee ta’u akka kennan haala mijeessuuf.

  • Sagantaa fi istandardii hojii ifatti ka’uun yeroo tajaajilamtootaa qusachuun yeroo isaanii hojii misoomaaf akka oolchan taasisuuf.

  • Sirna kenna tajaajilaa fi murtiiwwan adda addaa ilaalchisee hooggantootnii fi hojjettootni mana hojichaa iftoominaa fi gaafatamummaa akka qabaatan taasisuuf.

  • Akkaataa istaandardii taa’eetiin qaama tajaajila qulqullina qabu kennee fi rifoormii hojiirra oolchuun adda duree ta’eef sirni beekamtii fi onnachiiftuu diriirsuuf.

  • Sirna muxannoo gaggaarii qindeessuu fi babballisuu diriirsuuf.


  1. Yüklə 234,07 Kb.

    Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   17




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin