Sosochii farra godaansa seeraan ala dargaggootaa uumuun miidhaa fi balaa dargaggootaa irra ga’uu ni dhadhabsiisna
Sochii mana hojichaa keessatti Sagantaa walqixxummaa koorniyaa cimsanii fi dhibee HIV ittisuuf dandeessisan dargaggootaaf ni qopheessina.
Sagantalee hubannoo fi sosochii farreen hawaasummaa fi barmaatilee miidhaa qaqqabsiisan dirirsuun hubannoo fi omishtummaan dargaggoota akka dabalu ni taasisna
Sagantalee carraa barnoota idilee fi ga’eessoota keessatti hirmaannaan dargaggootaa akka cimu ni goona.
Ilaalchaa fi dandeetti kalaqa hojii dargaggootaa gabbisuun fayyadamummaa isanii ni mirkaneessina.
Dargaggootni carra hojii sagantalee adda addaa keessatti akka argataniif haala mija’aa uumuu fi hojimaatni raawwii isaa akka madaalamu ni taasisna.
Sagantalee wabii nyaataa fi seeft-neetti misoomaa keessatti fayyadamummaa dargaggoota harka qaleeyyii ni mirkaneessina
Sirna tajaajila faayinaansii fi omisha gabaa mijataa dargaggootaa dirirsuun fayyadamummaa haqa dargaggootaa ni mirkaneessina.