5.1. Guduunfaa
Manneen Murtii Oromiyaa keessatti tajaajila abbaa seerummaa si’ataa, qulqulluu fi dhaqabamaa gochuuf tarkaanfiiwwan rifoormii garaagaraa fudhatamaa turan waliin tajaajilli kun Tekinoloojii Quunnamtii Odeeffannoon akka deeggaramu carraaqqiin garaagaraa taasifamaa tureera. Kana gochuudhaan bu’aan jajjabeessaa ta’e argameera.
Haata’u malee, ittifayyadamni Tekinoloojii Quunnamtii Odeeffannoo Manneen Murtii Oromiyaa keessatti sadarkaa barbaadamu irra hin geenye. Kanaafis rakkoowwan akka humni ogeessaa jiru fedha jiru kan madaalu ta’uu dhabuu, sababa hordoffii fi deeggarsi adda addaa haala ga’aa ta’een hin taasifamneen itti fayyadamni addaan ciccituu, meeshaaleen tajaajilaan ala ta’uu, itti fayyadama guddisuuf leenjiin abbootii seeraafis ta’e hawwaasa mana murtiif kennamaa jirus gahaa akka hin taane ragaalee funaanaman irraa hubachuun danda’ameera. Manni Murtii Waliigala Oromiyaatis gama qindeessummaa fi deeggarsa waliigalaa kennuutiin sadarkaa barbaadamuun bahaa waan hin jirreef babal’innii fi itti fayydamni TQO bittinnaa’aa ta’eera.
Walumaagalatti, fedhiin meeshalee TQO guuttachuu fi ittifayyadamuu iddoo hundatti walfakkaataa ta’uu baatus kaka’umsi jiru abdachiisaa dha. Ammas tajaajila A/seerummaa dhaqabamaa, qulqulluu fi si’ataa gochuuf carraaqqii taasifamaa jiru keessatti ga’een itti fayyadama TQO ol’aanaa waan ta’eef manneen murtii tajaajila kennan caalmaatti bu’a qabeessa taasisuuf itti fayyadama tekinoloojii irratti ciminoota hanga ammaa mul’atan gabbisuun hanqinoota immoo bu’uura yaadota furmaataa armaan gaditti akeekamaniin irraa jalaan maqsaa deemuun barbaachisaa ta’a.
5.2. Yaada Furmaataa fi Kallattii Fuula Duraa
Itti fayyadama TQO Manneen Murtii Oromiyaa bifa hiika qabuun fooyyessuuf muuxannoowwan biyya keessaa fi biyya alaa, carraawwan gaarii jiranii fi haala qabatama Manneen Murtii Oromiyaa irraa ka’uun yaadota furmaataa yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa armaan gaditti akeekamaniiru.
A-Yaadota Furmaataa Yeroo Gabaabaa
1. Rakkoo Hanqina Ogeessaa Hatattamaan Fala Kennuu: - Akkuma qorannoo kana keessatti ibsame rakkoon guddaan yeroo ammaa Manneen Murtii Oromiyaa keessatti mul’atu hanqina meeshaalee tekinoloojiin olitii meeshaalee tekinoloojii jiran iyyuu sirnaan itti fayyadamuu dhabuu dha. Meeshaaleen akka viidiyoo konfiraansii fi maashina sagalee waraabuu iddoo baay’eetti qixa barbaadameen hojiirra ooluu kan dhabeef ogeessi abbummaan hordofee hojjechiisu, suphaa barbaachisu raawwatuu fi hordoffii godhu haala ga’aan waan hin jirreefi dha. Kanaafuu, rakkoo gama itti fayyadamummaan jiru furuuf hanga caaseffamni humna namaa hayyamutti ogeessa gahumsa qabu qacaruun fala yeroon itti kennamuu qabu miti.
2. Abbootii Murtii fi Hojjettoota Deeggarsaa Mana Murtiif Leenjii TQOn Cimsuu: - Akkuma muuxannoon Manneen Murtii biyyoota Hindii fi Singaapor argisiisutti tekinoloojiin bu’aa kan buusu qaamni itti fayyadamu tajaajila kennuuf na gargaara jedhee yoo itti amanee fi ogumma gahaa yoo qabaate dha. Ogeessi deeggarsa kennus tajaajilli inni kennu bu’a qabeessummaa tajaajila Abbaa seerummaaf kan gumaachu ta’uu isaa hubatee akka hojjetu hubannoo gahaa qabaachuu mala. Kanaafuu, fedha itti fayyadamummaa TQO waliin walqabatee hanqina jiru fooyyessuuf tarkaanfii isa jalqabaa ti. Hubannoo waa’ee bu’aa TQO fooyyessuun cinatti dandeettii itti fayyadamummaas leenjiin cimsuun barbaachisaa dha. Leenjiin kennamus Abbootiin seeraa fi ofiseerotni seeraa qixa tajaajila kennaniin ogumma itti fayyadamummaa akka cimsatan osoo ta’ee fi hawaasni mana murtii hundi illee tajaajiloota KTAS bu’uuraa ta’an akka odeeffannoo waa’ee dhimmootaa argachuu irratti beekumsa bu’uuraa akka argatu osoo ta’e bu’aa ol aanaa ni qaba. Abbootiin seeraa fi hojjettootni deeggarsaa hubannoo tekinoloojii gahaa erga argatanii booda itti fayyadama isaa akka filannootti osoo hin taane akka hojimaataatti diriirsuuf haala mijataa kan uumu ta’a.
3. Bu’uuraalee TQO Babal’isuuf Tekinolojiiwwan Gargaaran Diriirsuu: - Itti fayyadama tekinoloojii hundee gaarii qabsiisuuf bu’uuraalee TQO diriirsuun barbaachisaa dha. Haala kanaan dhimmoota bu’uura ta’an akka Wiirtuu Daataa of danda’e hundeessuu, sarveriiwwan gahaa qabaachuu, ’firewall’, AC, sarara interneetti amansiisaa (fiber optics) deeggarame diriirsuu, humna sarara interneetti (Bandwidth) olkaasuu (guddisuu) fi websaayitii (Portal) manneen murtii bakka tokkotti qopheessuun hojii irra oolchuun dhimmoota xiyyeeffannoon kennamuuf qaban keessaa isa tokko dha. Kana raawwachuufis Ejensii Misooma TQO Oromiyaa fi Tele Koomii Itoophiyaa waliin hojjechuun barbaachisaa dha.
4. Suphaa fi Dhiyeessii Fooyyessuu: - Sadarkaa Manneen Murtii Aanaa hanga Waliigalaa yommuu deemamu itti fayyadamni tekinoloojii wal makaa ta’uu hin qabu. Fakkeenyaaf sadarkaa Manneen Murtii Aanaatti murtiin kompiitaraan kan barraa’u yoo ta’e sadarkaa Mana Murtii Ol’aanaa fi Waliigalaatti tajaajilli sanaa gadi hin eegamu. Kanaafuu, itti fayyadamnii fi dhiyeessiin meeshaalee yaada kana ilaalcha keessa kan galche ta’uun barbaachisaa dha. Meeshaalee tekinoloojii manneen murtii keessatti sababa suphaa xixiqqaaf hojii dhaaban suphisiisuun hojiitti deebisuun dhimma dagannoon bira darbamu miti. Kunis rakkoowwan ittifayyadama TQO waliin walqabatee jiru hiikuu keessatti gahee mataa isaa ni qaba.
B-Yaada Furmaataa Yeroo Dheeraa (Kallattii Fuula Duraaf Kan Ta’u) -
Garee ykn Koree Qorannoo Tekinoloojii Mana Murtii Hundeessuu
Manneen Murtii biyya Singaaporii ‘I Lab’ hundeessuudhaan fi Manneen Murtii biyya Hindi koree “e-court committee” hundeessuudhaan akka milkaa’an qorannoo kana keessatti agarsiifameera. Gara qabatama Manneen Murtii Oromiyaatti yoo deebisnu manneen murtii tokko tokko tekinoloojiiwwan adda addaa kaka’umsa mataa isaaniin hojii irra oolchaa jiru. Adeemsi kun yaada haaraa kan maddisiisuu fi bu’aas argamsiisaa kan jiru waan ta’eef kan jajjabeeffamuu qabu ta’us akka waliigalaatti bal’isnee yoo ilaallu haala faca’aa ta’ee fi wal fakkaatinsa hin qabneen hojii irra oolaa jira. Bakka tokko tokkotti immoo tekinoloojiiwwan kunniin qorannoo irratti hundaa’uun kan hojii irra oolfaman waan hin taaneef hedduu osoo hin turiin adda citu, kasaara illee hordofsiisu. Hundaan olitti immoo tekinoloojiin tokko hojii irra ooluu kan qabu gama tajaajilamaatiin hubannoo jiru, baay’ina nama itti fayyadamuu danda’uu fi akka waliigalaattis faayidaan isaa erga qoratamee booda osoo ta’e caalmaatti bu’aa qabeessa ta’a. Babal’isuufis mijata. Kuni immoo ta’uu kan danda’u qaamni abbummaan qorannoo duraa gaggeessuu fi hojii irra oolmaa isaas hordofu yoo jiraate dha. Kunis faayidaa hedduu qabaata. Haala qabatama jiruun Manneen Murtii Oromiyaa keessatti tekinoloojii akkamiitu tajaajila Abbaa seerummaa si’ataa, dhaqqabamaa fi qulqulluu akka isaan taasisu qorannoo gaggeessuun dhiyeessuu danda’a. Yaadota haaraa bakka wiirtuu tokkotti walitti qabuun yaalii fi qorannoo gahaa erga gaggeessee booda Manneen Murtii hundatti yookaan Manneen Murtii haala wal fakkaatu keessa jiranitti akka hojii irra oolan godha. Deeggarsa wal irraa hin cinne gochuufis dandeessisa. Manneen Murtii keenya tekinoloojiitti fayyadamuu qofa osoo hin taane madda burqaa yaada haaraa illee akka ta’an ni gargaara.
Kanaafuu, koreen yookaan gareen ogeessota seeraa fi TQO of keessatti hammate dhimmoota kana irratti qorannoo gaggeessu sadarkaa Mana Murtii Waliigala Oromiyaatti osoo dhaabbatee fi sadarkaa Manneen Murtii Ol’aanaa fi Aanaattis haala waliin hojjetamuu danda’uun osoo diriire itti fayyadama tekinoloojii bu’uura gaarii qabsiisuuf ni dandeessisa. Adeemsi kun haala tekinoloojiiwwan irra jiran irratti to’annoo fi hordoffii gochuuf, deeggarsa barbaachisu gochuuf akkasumas Manni Murtii Waliigala Oromiyaa abbummaan akka iddo tokkotti hoogganuuf ni dandeessisa.
2. Wiirtuuwwan Leenjii TQO Mana Murtii Hundeessuu: Ogeessotni fi hojjettootni tekinoloojiiwwan haaraa madaqfaman waliin baruuf leenjii yeroo yeroon argachuu barbaachisa dha. Leenjiiwwan kunniin baasii xiqqaadhaan fi yeroo yeroon kennuun kan danda’amu immoo bakki leenjii fi meeshaaleen leenjiif ta’an manuma Murtii keessatti yoo mijate dha. Manni Murtii Waliigala Federaalaa wiirtuu leenjii TQO meeshaalee barbaachisoon deeggarame hundeessuun haala salphaan leenjiiwwan kennuu danda’eera. Manni Murtii Waliigala Oromiyaatis haala kanaan yoo deeme fi Manneen Murtii jalaafis akkasuma akkuma walitti dhiheenya isaaniin wiirtuuleen leenjii manneen murtii filatamanitti osoo hundaa’ee dandeettii ogeessotaa cimsuuf iddoo guddaa qaba.
3. Manneen Murtii Oromiyaa ‘Networkiin’ Akka Walquunnaman Gochuu: - Kanas Manneen Murtii sadarkaa sadarkaan jiran websaayitii mataa isaanii akka qabatan gochuu irraa jalqabee odeeffannoo salphaatti wal jijjiiruuf akka danda’an gochuun maamiltootaa fi hawaasti hundi hojiiwwan fi raawwii manneen murtii irratti odeeffannoo salphaatti argachuuf kan gargaaru dha.
4. Qaamolee Deeggarsa Ogummaa Kennuu Danda’an Waliin Qindoominaan Hojjechuuu:- muuxannoo hanga ammaatti jiruun qaamolee adda addaa kan akka Yuunivarsiitiiwwan, Korporeeshinii telekomunikeeshinii, Mana Murtii Waliigala Federaalaa fi Ejensii babl’ina TQO Oromiyaa waliin hojjechuun faayida ol’aanaa kan qabu dha. Qaamoleen kun dhimma tekinoloojii irratti leenjii kennuudhaan, dhiyeessii meeshaalee fi deeggarsa maallaqaan, deeggarsa tekinikaa gochuudhaan akkasumas gorsa ogummaa kennuudhaan kanneen Manneen Murtii deeggaruu danda’an waan ta’eef qaamolee kanneen waliin atoomuun hojjechuun barbaachisaa dha.
5. Caaseffama TQO Bu’uuraan Fooyyessuu: - Rakkoo hanqina oggeessa fi hoogansa TQO hiikuuf Manni Murtii Waliigala Oromiyaa caasaa haara qopheessuun akka mirknaa’u taasiaseera. Tarkaanfiin kunis baay’ee jajjabeessaa dha. Haa ta’u malee, caasseffamni TQO Manneen Murtii Oromiyaa haaraa qophaa’e fedha bakka kanatti jiru baachuu kan danda’u miti. Fakkeenyaaf, sadarkaa mana Murtii waliigala Oromiyaatti caaseffama haaraa kanaan abbaa Adeemsaa dabalatee ogeessa nama kudhan kan qabate dhaddachoota dhaabbii irratti ogeessa TQO viidiyoo konfiraansii qofa ramadaman. Tajaajiloota akka suphaaf, deeggarsa fayyadamtootaaf, networkiif waliigalatti nama tokko tokko qofatu ramadame. Kuni immoo bal’ina tajaajila barbaadamu keessattuu kan dhaddachoota dhaabbii waliin tajaajila si’ataa kennuuf kan dandeessisu miti. Gama biraan caasaa Mana Murtii Waliigala Federaalaa yoo ilaalle immoo sadarkaa Mana Murtii Waliigalaatti qofa garee tajaajila sadii jalatti ogeessa 63 kan hammatu dha. Manneen Murtii keenyas caasaa ogeessa tekinoloojii akkuma muuxannoo mana Murtii waliigala Federaalaatti gareewwan gosa tajaajila kennan irratti addatti hundaa’an akka garee suphaa fi deeggersaa , networkii fi viidiyoo konfiraansii fi sooftweerii fi daataa beezii osoo gurmaa’ee fi caasaan kunis hanga dhaddachoota dhaabbii fi Manneen Murtii jalaatti osoo diriire itti fayyadama meeshaalee TQO jiran ni fooyyessa. Kanaafuu, Manneen Murtii keenyas caasaa jiru irratti humna namaa guuttachuun fala yeroo gabaabaa ta’ee caaseffamichas bu’uuraan irra deebi’anii ilaaluun immoo barbaachisaa dha.
6. Galmeewwan Gara Dijiitaalaatti Jijjiiruu:- Akkuma muuxannoo Manneen Murtii Waliigala Federaalaa fi Naannoo Saba, Sab-lammootaa fi Uummattoota Kibbaa ibsine Manneen Murtii kunniin galmeewwan turanii fi dhiyoo Iskaaneriidhaan gargaaramuun gara dijiitaalaatti jijjiiruu jalqabanii sadarkaa gaarii deemanii jiru. Galmeewwan gara dijiitaalaatti jijjiiruun faayidaa hedduu qabaata. Fakkeenyaaf, galmeewwan murtaa’anii turan yoo barbaadaman hatattamaan baasuuf ni gargaraa. Interneetii irratti yoo ifa ta’es qorattootaaf, abbaa dhimmaaf deeggarsa guddaa ni godha. Haala amansiisaa ta’een sarvarii irratti yoo ol kaa’aman dhiphina mana galmeef fala yeroo dheeraa ta’uu danda’a. Dhimmoota beellama irra jiran gara dijitaalaatti jijjiiruunis Abbootiin Murtii yeroo galmee marii’achuuf isaan barbaachisu qusata. Manneen murtii keenya keessatti immoo rakkoon dhiphina kutaa fuula durattis yaaddessaa waan ta’eef galmeewwan gara dijitaalaatti jijjiiruu jalqabuun dhimma yeroo dheeraan itti kennamuu qabu miti. Kanas akkuma muuxannoo biyya keessaa fi biyya alaatti bifa pirojektiidhaan qabamee osoo itti deemame bu’a qabeessa ta’a. Dhimmoota falmii irra jiran keessattuu marii Abbootii seeraa hedduu barbaadan gara dijiitaalaatti jijjiiruun yeroo mariif barbaachisu kan qusatuu fi abbootiin seeraa dhuunfaan qoratanii caalmaatti akka hubatani kan gargaaru waan ta’eef kunis xiyyeeffannoon dursaa osoo kenname.
Maddoota /Wabiiwwan
Kitaabotaa Fi Joornaalota
-
Dory Reiling, Technology for Justice:How Information Technology can Support Judicial Reform ( Leiden University Press, Leiden), 2009.
-
Dory Reiling, “Technology In Courts In Europe: Opinions, Practices And Innovations” International Journal For Court Administration, (2012).
-
Dr.A.U. Nwabueze, Information and communication technology for sustainable Development in Nigeria(Library philosophy and practice),2011.
-
Dr. Justice G.C. Bharuka Chairman, E-Committee, Implementation of Information and communication Technology in Indian Judiciary(2005),p.1-4. Available at www.indianjudicairy.in.
-
E-Court Roadmap – Innovation and Integration (An Australian Case Study), Potter Farrelly & Associates (2005).
-
Edgardo Buscaglia & Maria Dakolias, ComparativeInternationalStudy of Court Performance Indicators: A DescriptiveandAnalyticalAccount, (Legal and Judicial Reform Unit, Legal Department,T he World Bank (1999).
-
Federal Judicial Center Survey on Courtroom Technology (FJC) 2003).
-
Karen Blochlingert, “Pimus Inter pares: Is the Singapore judiciary first among equals?”
pascific rim law & policy journal,VOL. 9 No. 3,(2000).
-
Lungten Dubgyur, IT Management and Judicial Reforms in Bhutan.
-
Hou sheau peng presentation, Journey towards judicial excellence:The Singapore subordinate courts Experience, Asia Pacific judicial Reform round table meeting (2009).
-
National policy and action plan for Implementatiopn of In formation and Communication Technology in the Indian Judiciary,prepared by E-committee, Supreme court of India,New Delhi,1st August, 2005.
-
Office order dated 28.12.2004 was issued by the Ministry of Law and Justice constituting the E-Committee under the Chairmanship of Dr. Justice G.C. Bharuka,with three other specialist members.
-
Rishi Prakash, T. Mohanty, Ramji Gupta & Vinay Jain ,ICT in Indian Court, Challenges & Solution, International Journal of Internet Computing (IJIC), ISSN No: 2231 – 6965, Volume-1, Issue-2 (2011).
-
Tan Siong Thye, Current reforms in Asian countries-lessons and experiences of Singapore.
-
Inonda, Justus (2001). Qualitative Research Process, Social Science Research Methodology Series, Module 2, OSSREA, Ethiopia
Gabaasota/Court Reports
-
Gabaasa Raawwii hojii Mana Murtii Waliigala Federaala Itoophiyaa kan waggaa shanii bara 2002- 2007
-
Gabaasa Raawwii hojii Mana Murtii Waliigala Naannoo saba, sab-lammootaa fi Uummattoota Kibbaa kan waggaa shanii (2002-2007)
-
Gabaasa Raawwii hojii KTAS Mana Murtii Waliigala Oromiyaa bara baraan (2003-2007) dhimma TQO irratti kan xiyyeeffate.
-
Supreme Court of Singapore, Excellence in to the new millenium (1999), p.9
-
Report on Strategic Plan for Implementation of ICT in Indian Judiciary, E-committee report (2005)
-
CEPEJ 2008, European Commission for the Efficiency of Justice, European Judicial Systems Edition 2008 (2006 data).
-
Caaseffama Humna namaa Manneen Murtii Naannoo Oromiyaa kan haaraa, Kan Mana Murtii waliigala Naannoo SSUK, kan Mana Murtii waliigala Federaalaa.
Maddoota Maarsariitii irraa
-
http://www.electroniccourts.in/blog/?p=761
-
http://legalenablementofictinindia.blogspot.in/2009/11/e-courts-in-india-essential-judicial.html
-
tilakmarg.com/news/e-file-court-company-tax-cases
-
http://www.electroniccourts.in/blog/wp-content/uploads/2013/10/Practice-Directions-For-Electronic-Filing-E-Filing-In-The-High-Court-Of-Delhi.pdf
Namoota Af gaaffiin Taasifameef
-
Obbo Naasir Faaris, Abbaa Adeemsa KTAS Mana Murtii Waliigala Oromiyaa - gaafa 21/08/2007
-
Obbo Habtee W/Sanbat- Walittiqabaa Dhaddacha Dhaabbii Kibbaa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa-29/08/2007
-
Obbo Dhugumaa Nadhaa, Pirezidaantii Mana Murtii Ol’aanaa Godina Adda Oromiyaa Naannawaa Finfinnee- gaafa 26/08/2007
-
Obbo Fayyisaa Tolasaa, Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa – gaafa 21/8/2007
-
Obbo Tashoomaa Shifarraa-Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa-gaafa 21/08/2007
-
Obbo Namoo Addunyaa- Abbaa Adeemsa Karooraa fi Bajataa Mana Murtii waliigala Oromiyaa- gaafa 26/8/2007
-
Obbo Mokonnin Bayyanaa, Ittigaafatamaa Ejensii Misooma TQO Naannoo Oromiyaa- gaafa 27/8/2007
-
Aadde Tanaanyee Daanyee- Abbaa Adeemsa Ejensii Misooma TQO Naannoo Oromiyaa- gaafa 27/8/2007
-
Obbo Mulgeetaa W/Mikaa’el, Pirezidaantii Mana Murtii Waliigala Naannoo Saba, Sab-lammootaa fi Uummattoota Kibbaa -gaafa 29/08/2007
-
Obbo Hirphoo Irreessoo- Pirezidaantii Mana Murtii Aanaa Shaashamannee- gaafa 29/08/2007
-
Obbo Buzunaa Guutamaa, Pireezidaantii Mana Murtii Aanaa Ejeree gaafa 26/08/2007
-
Obbo Hagos Girma, Dursaa Garee Daataa Beezii fi Moosajii Mana Murtii Waliigala Federala Itopphiyaa ,gaafa 26/08/2007
-
Obbo Eermiyaas Gobeeboo- Registraara Mana Murtii Waliigala Naannoo Saba, Sab-lammootaa fi Uummattoota Kibbaa - gaafa 29/08/2007
-
Obbo Tsaggaayee Haayilee- Abbaa Adeemsa TQO Mana Murtii Waliigala Naannoo Saba Sab-lamoota fi Uummattoota Kibbaa-gaafa 29/08/2007
Dostları ilə paylaş: |